“ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen

Qaam’ee/Phaagumee-3

Qopheessaan:-Tolasaa Juulaa

Qajeelchaa karaa kan Ergamaa Rufaa’eel (ቅዱስ ሩፋኤል መራሄ ፍኖት)

Guyyaa kanatti kan yaadatamu hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta’e yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eelii yommuu ta’u ayyaanni yaadannoo guyyaa kanas qabiyyee armaan gadii kanneen kan of keessaa qabu dha.

Gosa Niftaaleem jedhamu keessaa kan dhalatee fi biyya Faarsi bittaa kolonummaa mooticha Silminaasoor jala kan ture namichi maqaan isaa Xoobiit jedhamu tokko ni ture. Haati manaa isaa Haannaa jedhamti. Ilma tokkicha Xoobiyaan jedhamu qabu ture. Obboleessi Xoobiit immoo Raagu’eel jedhama. Haati manaa Raagu’eel Adinaan jedhamti. Raagu’eelis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba ture. Mootichi Silminaasoor Xoobiit waan jaalatuuf aangoo isaaf kennee yoo turellee, Silminaasoor du’ee yeroo mootichi Sanaakireem jedhamu muudamutti Xoobiit aangoo irraa akka bu’u taasifame. Afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu mucayyoo Raagu’eel Saaraa kan jedhamtu kana irra buluudhaan abbaa warraa 7 ishee jalaa ajjeesee ture.

Guyyaa tokko Xoobiyaan abbaan isaa Xoobiit akka dulloomee ijji isaas arguu akka dadhabe dhagahee abbaa isaa bira deemuuf biyya Nanawee irraa ka’ee osoo karaa deemuu nama tokkoon walitti dhufee deemsa isaanii eegalan. Xoobiyaan yoo beekuu baatellee nama fakkaatee isa wajjiin deemaa kan ture kun Ergamaa Rufaa’eel ture. Osoo deemanuu biiftuun dhiitee jennaan iddoo tokkotti goranii buluudhaaf murteessan. Kanaan booda Xoobiyaan dadhabbii irraa boqachuudhaaf gara lagaa deemee yeroo inni qaama isaa dhiqatu Quxummiin tokko laga keessaa itti bahe. Yeroo kanatti Ergamichi kun qurxummii kana qabiitii qali, tiruu fi hadhooftuu isaa of eeggannoodhaan qabii baasi jedheen.

Xoobiyaanis qurxummicha qabee erga qaleen booda tiruu fi hadhooftuun maaliif barbaachisa? jedhee Ergamicha gaafate. Innis nama afuurri xuraawaan irra bule fayyisuu akka danda’u itti hime. Osoo karaa deeman Ergamichi har’a mana nama Raagu’eel jedhamuu tokkotti waliin bulla. Innis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba, isheenis akka haadha manaa kee taatuuf ani abbaa ishee nan gaafadha jedhee yeroo Ergamaan Rufaa’eel itti himu, Xoobiyaan immoo kanaan dura namoonni Saaraa fuudhan 7 akka du’an waan beekuuf anis yoon ishee fuudhee du’e maatii koo namni gargaaru hin jiru jedhee sodaate.

Haa ta’u malee, booda dubbiin Ergamichaa waan itti toleef afuura xuraawaa isheerra bulee namoota ajjeesaa ture kana hadhooftuu qurxummii sanaan isheerraa baasuu akka danda’u laphee guutuudhaan waan amaneef gara mana Raagu’eel deemanii achi bulan. Kanaan booda Raagu’eelis yeroo Xoobiyaa argetti ilma obboleessa isaa akka ta’e hubatee gammachuudhaan simate. Erga wal baranii yaada wal jijjiiraniin booda Xoobiyaan akka Saaraa fuudhee haadha warraa taasifatu murteessani. Xoobiyaanis kadhannaa taasisee hadhooftuu qurxummii sana yeroo itti aarsu afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu isheerraa bahee gaa’elli isaaniis eebbifame.

Raagu’eel qabeenya isaaniif kennee gara biyya isaaniitti isaan gaggeesse. Yeroo Xoobiit bira gahan Xoobiit ijaan waan hin agarreef ilma isaa simachuuf osoo jedhuu lafarratti kufe. Ilmi isaa Xoobiyaanis hadhooftuu fidee dhufe sana yeroo ija abbaa isaatti dibu Xoobiit ijji isaa banamee ilaaluu jalqabe. Yeroo kana irraa jalqabee nama fakkaatee isaan wajjiin deemaa kan ture sun, “Ani kadhannaa namootaa gara samiitti kanan ol Baasu Ergamaa Rufaa’eli dha” jedhee yeroo isaanitti dubbatu hundi isaanii gara lafaatti kufanii isaaf sagadan. Kunis wanta haaraa osoo hin taane akkuma abboonni keenya kanneen akka Iyyaasuu Ergamootaaf sagaduu isaanii kan mirkaneessu dha. Iyya 5:14

 “Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2 jedhamee akka barreeffamee Xoobiyaanis Ergamaa Ruufa’eel ergamaa Waaqayyoo ta’uu isaa osoo hin beekin isa simatee isa waliin akka Ergamichi ajajetti deemuun, waan Ergamichi ajajes fudhachuu isaatin eebbifamee jira. “Ergamaan Waaqayyoo naannawa warreen isa sodaatanii ni qubata, isaanis ni oolcha” Faar. 33/34:7, jedhamee akkuma barraa’e ergammoonni Waaqayyoo yeroo gidiraa keenyaa nu gargaaruudhaaf Waaqayyo biraa ni ergamu, labooba ibiddaa keessaa nu baasu, hammeenyaa fi gidiraa biyya lafaa kana irraa nu baraaru.

       ►Galanni Waaqayyoof

       ►Deessuu haadha isaatiif

       ►Ulfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta’u.