Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.

Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amiin!

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename. 

 ++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++

Kutaa Tokko


Akkuma raajii Yoonaas keessatti bal’inaan ibsame, yeroo namoonni Nanawwee Waaqayyo irratti fincilanii fi gochaan isaanii Waaqayyoon jibbisiisu, Waaqayyo Yoonaasiin, “Ka’ii gara Nanawwee magaalaa guddittii sana dhaqi; Hammeenyi isaaniis na dura waan dhufeef ishee irratti lallabi” Jechuun ajaje. Raajii Yoonaas Boqonnaa 1 Lakkoofsa 2. Yoonaas sagalee isaa ol kaasee namoota Nanawweetti sagalee Waaqayyoo yoo lallabu, “Sabni Nanawwee Waaqayyoon ni amanan,Soomaf labsii ni baasan, Guddaa irraa kaasee hamma xiqqaattis huccuu gaddaa uffatan. Oduun kun mootii Nanawwee bira gahe. Innis Masara isaarraa bu’ee uffata isaa baafate waaroo gaddaa uffate. Innis daara irra taa’e. Labsii labse. Labsii mootichaa fi bulchitoota Nanawweetti labse. Innis, namaa fi beeyladooni, Horii fi hoolonni bishaan dhandhamuu, dheeduu, dhuguu hin qaban. Namoonni fi Beeyladoonnis uffata gaddaatiin of haa haguugani, iyya guddaadhaan gara Waaqayyootti haa iyyan, Namoonni hundinuu karaa isaanii isa hamaa irraa fi jal’ina harka isaanii irra jiru irraa haa deebi’ani. Akka nuti hin badneef Waaqayyo deebi’ee yoo gaaba ta’ellee eenyutu beeka. Waaqayyos hojii isaanii isa hamaa irraa akka deebi’an arge. Waaqayyos wanta hamaa isaan irratti raawwadha jedhe sana irraa gaabbii galeera malee hin raawwanne.” Raajii Yoonaas 3:5-10

Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatis soomanna namoota Nannawwee kana bu’ura gochuudhan, Waaqni araara isaatiin ummata Nanawwee daawwate nuyis araarsa isaatin dhiifama nuuf godha jechuun labsiidhaan soomaa waggaa waggaan kadhachaa turte. Akka murtee walga’ii guutuu Sinodosii Qulqulluu Guraandhala 26, 2015 ti, Soomni fi kadhannaan Nanawwee kan Fulbaana 1, 2015 xumurame, kadhannaa hafuuraa addaa ta’een nagaadhaan xumurame.

Kadhannaa taasifame irrati, Qulqulluuu Paatriyaarkii irraa kaasee hanga Qulqulloota Angafa Phaaphaasotaatti, Luboota, Hayyoota mana kiristaanaa, Tajaajiltoonni fi Amantoonni akka namoota Nanawwee uffata gurraacha uffatan, ganamaafi galgala Kadhannaadhan,guyyaa immoo qiddaaseedhaan, akkasumas wayitaa kadhannaa torban Waaqayyoon sababiin kadhachaa turreef qormaanni Mana Kiristaana keenya irratti dhufe kun baay’ee cimaa waan ta’eefi.

Yeroo soomanaa fi gaabbii kana keessatti ijoolleen keenya waamicha abbootii keessanii dhaggeeffattanii,adabbii fi hidhaa isinirra gahu osoo hin sodaatin gurraacha uffattanii ganamaa fi galgala kadhannaa fi soomanaan, guyyaa immoo qidaaseedhaaf  mana kiristaana keessattii argamuun, kadhannaa isin Waaqayyoof dhiheesitan dhagahuudhan rakkoo keenyaaf furmaata akka nuuf kennu fi nagaa biyya keenyaaf akka nuuf kennu abdiin keenya cimaa dha. Isinis waamicha mana kiristaanaa dhaggeeffattanii jaalala guddaa amantii keessaniif, tokkummaa fi nagaa biyya keessaniif qabdan waan ibsitaniif, jajjabina nuti arganne osoo isinitti hin ibsin darbuu hin dandeenyu.

Gargaarsa Waaqayyootiin, araarsummaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin,  araarsummaa qulqullootaan, eeggumsa ergamootaatiin, kadhannaa keenya jaalalaa fi tokkummaa guutuudhaan xumurree jirra. Rakkoo keenya boo’aa fi iyyaan waaqa keenyatti himneera. Kana booda rakkinni sun yoo itti fufe illee yeroon gidiraa dheeratus Waaqayyo gidiraa sana keessatti nu jabeessuu fi nu jajjabeessuuf yaada waan qabuuf yoomiyyuu hin raafamnu. Gidiraa kana booda seenaa barreessinee amantaa keenya eegsifnee cimina hafuuraa fi qabsoon ni ceena.

Gochi raawwatame dhugaa mana kiristaanaa warra gananii fi mana kiristaana ishee dhugaa gidduutti. Kuni immoo amantii Mana Kiristaanaa Qulqulleettii  Seera fi seera bulchiinsaa ishee cabsanii mana phaaphaasota seeraan alaa waan muudaniif. Kanarraa kan ka’e Qulqulluun Sinodoosiin namoota sarbama kana raawwatan Guraandhala 18, 2015, akkaataa heera mana kiristaanaa fi seera mana kiristaanaatiin balaaleffachuun, waldaa mana kiristaanaa irraa adda baase ta’ullee dhimmi kun namoota dhuunfaa osoo hin taane namoota siyaasaa gara jabeeyyii fi hordoftoota amantii birootiin deeggaramaa kan jiru yoo ta’u, Mana kiristaana aarsaa guddaa kafalchiisaa jira.

Gochi raawwatamaa jiru jireenya hafurawaa samii fi jireenya foonii lafaa kanaa gidduu waan ta’eef, yeroo gabaabaa kana keessatti kabajaa fi olaantummaa dhaabbataa mana kiristaanaa sarbamee jira. Nageenya dallaa mana amantaa qaamolee hidhatee fi caasa human nageenyaa mootummaattin humnaan weerarameera. Phaaphaasonni bu’uura seeraa tokko malee waggoota dheeraaf kutaa lallabaa keessa jiraatan keessaa caasaa nageenyaatiin ari’amaniiru. Mirgii bilisummaadhan iddoo dha gara iddootti socho’uu  isaanii daangeffamee gara Finfinneetti akka deebi deebi’an taasifameera. Gara kutaa lallabaa isaaniitti akka hin deebine dhorkamaniiru. Luboonni fi hordoftoonni Mana Kirstaanas bu’uura seeraa tokko malee seeraan ala mana hidhaa keessatti hidhamaniiru. Reebichi garmalee humnoota nageenyaatiin raawwatameen lubbuu namaa, miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabsiiseera. Walumaagalatti humnoota mootummaatiin sarbama mirga namoomaa hamaa isaan irra gaheera.

Manni kiristaanaa miidhaa kana hunda irra ga’us, Waaqayyo keenya inni hunda caalaa gara laafessa ta’e, Mana Kirtaana fi biyya keenyaaf furmaata akka nuuf laatu, mootummaanis garaa qalbii isaatti deebi’ee Mana Kiristaana akka kabajuu fi nuuf eegu kara nagaa ta’een, akkuma namooni Nanawwee godhan gurraacha uffannee gadda guutuudhaan gara Waaqa keenyatti akka iyyannu Qulqulluun Siinoodos ajaja nuuf baaseen osoo raawwachaa jirruu, Dabra Sibihaat Mana Kirtaana Qulqulluu Mikaa’eela Shashamanneetti, akka odeeffannoon hanga ammaatti nu qaqqabeetti miseensonni mana kiristaanaa keenyaa 30 ol ta’an, luboota fi tajaajiltoota dabalatee, dallaan akka hin cabsine, manni kiristaanaas namoota Mana kiristaana irraa foo’amanii adda ba’aniin akka hin xuroofne jechuudhan amantii isaaniif wareegama fudhataniiru. Ijoolleen ishee lakkoofsi isaanii hedduun miidhaa cimaa fi salphaan irra gahees yaalamaa jiru. Miidhaa kana hunda boodas namoota du’an sirnaan awwaaluu fi namoota miidhaman haala gahaa ta’een yaaluu hin dandeenye. Wareegamtoonni kun bara cubbuun itti baay’ate  kana keessatti hanga du’aatti Mana Kiristaanaaf amanamuudhan Mana Kiristaana fi amantootaaf fakkeenya obsaa waan ta’aniif, Manni Kiristaana yeroo hunda isaan yaadatti. Akkasumas Manni Kiristaanaa du’a, hidhaa fi gidiraa hedduun ijjoollee ishee irra gaha jiru kan ishee gaddisiise ta’us, Qulqulloota Wareegamtoota haaraa dhugaa Kiristaanummaaf ragaa ta’an argachuu isheetiin baay’ee gammaddeetti.

Erga soomni jalqabee booda ummanni gara Waaqayyooti akka hin iyyinee fi hin kadhanne gochuuf qaamonni mootummaa seera biyyattii raawwachiisudhaaf itti gaafatamummaadhan fudhatan cabsuudhan, ijoolleen Mana kiristaana ta’an uffata gurraacha uffachuun waajjira seenuu fi waajjira mootummaa keessatti tajaajila argachuu akka hin dandeenye keessattuu mootummaa naannoo Oromiyaa fi waajjiraalee mootummaa federaalaa fi magaalaa tokko tokko keessatti ijoollee keenya gurraacha uffatanii gadda keessa jiran hidhaa fi rakkina gara garaa yommu irra geesisan ragoonni ija isaaniitiin argan nuuf mirkaneessaniiru. Haala kanaan qaamonni mootummaa aangoo isaaniitti fayyadamanii mana kiristaanaa irratti duuluu fi Mana kiristaanaa fi amantoota mana kiristaanaaf tuffii fi jibba guddaa akka qaban hubanna.

Gidiraa fi miidhaa mana kiristaanaa irra ga’aa jiru kun bara kana keessatti bakka guddaa kan qabu dha. Yeroon gidiraa fi miidhaan guddaan Mana Kiristaana kun seenaa Mana Kiristaana fi kitaaba Sanksar keessatti galmaa’a. Dhalootaaf ni darba. Yeroon qormaataa kun ni darba. Garuu seenaa kana keessatti yeroo warri dhugaa waliin dhaabbattan maqaan keessan seenaadhaani fi halluu warqeetiin  barreeffamu, Mana kiristaana irratti warrii gidiraa hojjettan seenaa keessan hamaa har’a harka keessanniin  barreessitanii jirtu.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneettin ala bulchiinsa naannoo fi magaalota biroo, keessattuu bulchiinsa magaalaa Diredawaa, Mootummaa Naannoo Sab-lammootaa fi Ummatoota Kibbaa, Mootummaa Naannoo Sidaamaa, Mootummaa Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, Mootummaa Naannoo Somaalee, Mootummaa Naannoo Benshangul, Mootummaa Naannoo Hararii, Mootummaa Naannoo Ummatoota Affaarii fi Gaambeellaa; Magaalaa Sawula godina Goofaa fi dhaabbilee mootummaa biroo kan nuti hin kaasne waamicha Mana kiristaana keenyaa hordofuun furmaata haqa qabeessaa fi seera qabeessa seeraa fi sirna kabachiisuuf fudhattan ni dinqisiifanna. Maqaa Mana kiristaanatiin galatoomaa. akkasumas, waldoonni gaddi keessan gadda keenya jedhanii nu cinaa hiriiran, dhaabbilee amantii, Dhaabbilee fi yaa’iiwwan, hordoftoota amantii Islaamaa, Obboleeyyan keenya kan amantaan wal hin fakkanne, gargaarsa fi tumsa nuuf gootanii fi itti fufiinsanis nuuf gootaniif maqaa Mana Kiristaanaa Qulqulleettiitiin isin galateeffanna.

Yeroo Kadhannaa lallabsinu, Mootummaan seera kabajee akka nuuf kabachiisu, Ulfina Mana Kiristaanaa akka nuuf kabajuu, dhimma keessoo amantii keenyaa keessa seenuu dhiisee keessa isaa akka ilaaluf ture. Hanga ammaatti mootummaan, mana kiristaanaa jaarraa hedduuf dhaabbata seeraa qabeettii fi biyyaaf tola oolte dhaggeeffachuu fi rakkoolee isheef furmaata laachu dhiisee, rakkoolee adda addaa irratti uumuu ciminaan itti fufeera. Mootummaan itti gaafatamummaan itti dhagahamee rakkoo ni fura jennee amannus, garuu sirnichi daran jabaachaa dhufuu arguun baay’ee nugaddiseese jira. Keessattuu guyyaa 3 kadhannaa Mana kiristaana keenya labsite sirnaan illee hin xumuramne dhimma nageenyaa yeroo ammaa ilaalchisee qamolee nageenya mootummaa irraa Labsiin uggura hiriira Guraandhala 1, 2015 bahee mootummaan ammallee rakkoo kana furuuf carraaqqii akka hin goone, garuu labsii takkaa fi bara baraaf mana Kiristaana balleessuuf bahe ta’uu cimsinee akka amannu nu taasiseera.

Ibsa kenname keessatti:

1ffaa. Abbootiin amantichaas hiriirri akkasumaan waamaniiru jedhee eerun isaa, Qaamni Mana Kiristaanaa inni dhumaa Sinodoosi Qulqulluun warra balaaleffatee addaan baase hordoftoota amantichaa gochuu qofa osoo hintaane, Qaama seera qabeessaa fi akka abbootii Mana Kiristaanati waamun, ibsa kennuu yaaluun ulfinaa Mana Kiristaana kan tuqu fi kan xureessu akkasumas seeraa fi sirna kabachiisuu dhiise mootummaa warra seeran alaa leellisu ta’uu isaa hubanneerra. Kanaafuu, ibsa seeraan ala mirga mana kiristaanaa keenyaa kan sarbu waan ta’eef manni kiristaanaa Qaamolee nageenya kabachiisan waloo mootummaan kenname hin fudhattu.

2ffaa. Dhimmicha diina alaa fi keessootiin uumame jechuudhaan bifa siyaasaa barameen sirreessuuf yaaluun Mana kiristaanafis ta’e ummataaf tuffii waan ta’eef hin fudhannu. Keessumaa waggoottan 4n darbaniif, yeroo ijoolleen ishee bakka adda addaatti seeneffama sobaatiin rakkachaa jiran, tokkummaa biyyaa irratti ejjennoo hin raafamneen, bu’uurri biyyattii akka hin raafamne, dallaan ishee akka hin cabne yaaduudhaan, rakkoolee mudatan gara bal’inaan dendeessee darbuun ishee waan beekamuu dha. Dhimmichi gidduu galuumsa mootummaa ifa jiru ta’ee osoo jiruu furmaanni isaas harka  mootummaa qofa jiraachun isaa osoo beekamuu, bifa siyaasaa qabsiisuuf yaaluun rakkoo kana hammeessuu malee furuu miti.

Yeroo dhiyoo asitti waldaan keenya kan caasaadhaan hoogganamtuu fi ijoolleen ishee sagalee ishee beekanii sirriitti dhaggeeffatan ta’uun isaa osoo beekamuu, kaayyoodhaan, dhaamsolee itti fayyadamni jechootaa isaanii illee kan amantaa ortodoksii ibsu kan hin fakkannen, ergaa sobaa fi jeequmsaa ummata gidduutti uumu kan maxxanfaman ta’uu isaani yoo arginu dhimmichi hammam dhimma siyaasaa hin barbaachisneef oolchuuf barbaadame hubanneera. Barreeffamni seeraan alaa maxxanfame kun Mana kiristaanaa Qulqulleettii keenya akka hin taanee fi gonkumaa ta’uu akka hin dandeenyes isin yaadachiisuu barbaanna.

Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen

Dhimmoota  Yeroo ilaalchisuudhaan Ibsa Waldaa Qulqullootaa Irraa Kenname

Manni Kiristaanaa Baroota 1950 irraa eegaltee Kallattii hundumaan Waraanni xiin-Yaadaa irratti taasifamaa tureera. Waraanni xiin-Yaadaa kun yeroodhaa gara yerootti gara waraana caaseeffamaatti guddachuun yeroo ammaa sadarkaa har’a irra jirru kana irra geenyee jirra. Miidhaa baroota dheeraa kana keessatti Mana Kiristaanaa irra gahaa ture agarsiistoo kan ta’an raawwwiiwwan hedduu caqasuun ni danda’ama.

 Fakkeenyaaf baroota darban keessa naannoowwan Adda addaatti Kiristaanotni Kiristaanota waanuma ta’an qofaaf  adda baafamanii ajjeefamuu, ari’atamuu, gubachuu Mana Kiristaanaa, saamamuu qabeenya Kiristaanotaa, tokko yoo ta’u, Qabeenya ibsama eenyummaa ishee kan ta’an daangaa /qarqaraa/ hanga walakkaatti saamuu fi balleessuu  darbees qaamota isaan birootiif tajaajila akka laatu taasifamuun immoo agarsiistuu adda ta’ee dha.

Keessattuu bara amma keessa jirru kana keessatti Miidhaa Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru Adda kan isa taasisu, bilisummaa, wal-qixxummaa, wal danda’uu fi waliin jiraachuu jechoota jedhaman dawoo taasifachuu isaati. Bilisummaa, wal qixxummaa, isaan biroo akka ofii taasifatanii jaalachuun bu’uura barsiifata Kiristaanummaa keenya akkuma ta’uu isaatti hawaasni Kiristaanaa keenya kana aadaa isaa taasifatee jiraachaa tureera. Kana Ta’uu isaatiinis hawaasni Kiristaanaa hanga har’aatti, gidiraa fi qormaata suukaneessaa irra gahaa jiru kana nageenyaa fi tokkummaa biyyattii dursiisuun fi dandeettii fageessee yaaduu waan goonfateef akkasuma illee abdii gara fuula duraatti ni fooyya’a jedhuu fi jijjiiramni ni dhufa jedhuun obsa daangaa darbeen obsee dabarsaa turee jira. Garuu, obsi kun akka gowwummaa fi sodaatti lakkaawamuun inni ni fooyya’a jennee gara bal’inaan eegaa turre caalaattuu, ibsamni Eenyummaa Mana Kiristaanaa ta’an, iddoowwan waaqeeffannaa ishee saamamuun itti cimaa dhufeera. Kana irraas kan ka’e Baadiyyaatti inni jalqabame Manni Kiristaanaa Ayyaanota adda babbayiidhaaf kan itti fayyadamtu iddoowwan Waaqeeffannaa ishee irraa fudhachuu fi tajaajila birootiif oolchuun guddachaa dhufee, sadarkaa guutuu Addunyaatti Ayyaana kan itti kabajju iddoo kabaja Fannoo tajaajila birootiif oolchuu fi yaalii dabarsanii laachuu sadarkaa arguu irra gahuun keenya, Miidhaan kun sadarkaa guddaa irra gahuusaaf agarsiisa guddaa dha.

Kana Hundumaa wajjiin qabiyyeen isaa maalis haa ta’u maal Qulqulluu Paatriyaarkiin akka namaatti Miira itti dhagahamuu fi yaada isaanii ibsachuu danda’uun mirgaa uumamaa isaanii ta’ee osoo jiru, dubbii isaanii akka fedhii siyaasa isaanii bakkaan gahachuuf akka milkaa’inaatti fayyadamanii Siinoodoosii qoqqooduu fi laaffisuuf darbees dhaabbata tokkummaa ishee walitti buusuuf gurmaa’inni taasifamaa jiru baay’isee kan nama gaddisiisu ta’ee arganneerra.

Dabalataanis, raawwii Mana Kiristaanaa kana godaansisuu keessatti Qaamota ishee dhimmichaaf itti fayyadamuuf fageenyi deemame dhimmicha baay’isee yaaddeesaa isa taasisa.

Isaan Kana Hundumaa iddoo tokkotti yommuu  ilaallu Hawaasa idil-Addunyaa fi qaamota birootiif mitii Kiristaanota hundumaaf illee karaa qixatti ifa hin taaneen Mannni Kiristaanaa Godaansa Irra jiraachuu ishee muul’isa.

Kanaaf:-

1ffaa.  Hawaasni Kiristaanaa hundi keenya Manni Kiristaanaa yeroo kam iyyuu caalaa godaansa irra akka jirtu hubannee akka Abbootii keenya darbanii daandii isaan Godaansa Mana Kiristaanaa simataniin simachuuf qophaa’uu qabna.

2ffaa. Qaamota Mana Kiristaanaa Taatanii garuu Miidhaa Mana Kiristaanaa irratti tooftaa fi haala dhokataa ta’een irra gahaa jiru hubachuu dadhabuudhaan sadarkaalee adda addaatiin qaama rakkina kana cimsu ta’aa kan jirtan gocha keessan kana duubatti deebitanii ilaaluun akka irraa of qusattan akeekkachiisna.

3ffaa.  Mana Kiristaanaatti Iddoo itti gaafatamummaa irra teessaniii mirga Mana Kiristaanaa eegsisuu fi adaraa /yaboo/ Amantoota eeguuf isinitti laatame faayidaa yerootii fi fedhii siyaasaaf fayyadamaa qaamotni of taasistan gocha keessan kana irraa akka of qusattan isin beeksisuu barbaanna. Dabalataanis, Qulqulluu Paatriyaarikii wajjiin wal qabatee beekkamtii Qulqulluu Siinoodoosii fi qajeelcha isheetiin ala akkasumas, sirna Mana Kiristaanaa bifa hin hordofneen qaamotni sosochii taasisan gocha isaanii kana irraa akka of qusatan yaadachiisuu barbaanna.

4ffaa. Lammiiwwan Itiyoophiyaa Biyyaa fi nageenya jaalattoota ta’an Mana Kiristaanaa irratti karaa tokkummaa fi qindaa’een dhiibamaa fi Godaansa ishee kana hubatanii Mana Kiristaanaa Maddii akka dhaabbatanii fi rakkinoota kana dhabamsiisuuf gahee isaanii akka bahan ni gaafanna.

5ffaa. Yeroo dhiyoo booda diinotni Mana Kiristaanaa Caaseeffama mootummaa fayyadamanii Mana Kiristaanaa keenya karaalee adda addaatiin yeroo miidhaa irraan gahan, Kiristaanota yeroo ajjeesan, fi yeroo qa’ee isaanii irraa buqqisan mootummaan ibsaa kan ture ta’us, garuu, guyyaa tokkoo ifatti ba’ee dhiifama gaafatee hin beeku. Birqabaan, qaamotni biroo qabeenyawwan Mana Kiristaanaa irratti gaaffii seeraan alaa kaasaniif deebii kennuuf deemsa dheeraa taasisuuf fageenya dheeraa deemuun dhiifama yeroo gaafatu ni muul’ata. Kun godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru miidhaa mootummaadhaan irratti taasisfaamaa jiru ta’ee akka fudhatamu taasiseera. Kanaaf, mootummaan godaansi Mana Kiristaanaa irra gahaa jiru  dhaabsisuuf gahee isaa akka bahatu waamicha dabarsina

6ffaa. Mootummaan murtiiwwan yeroo murteessu bifa amma muul’achaa jiruun, iyyaa fi mirga Mana Kiristaanaa dhiibaa haqummaas jal’isaa kan deemuu fi godaansi Mana Kiristaanaa irratti taasifamaa jiru  dhaabsisuuf gahee isaa kan hin baanee fi hin dhaabsisne yoo ta’e, nageenya dhabuu gahuu fi rakkina dhufuuf itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’uu qalbeeffachiisuu jaalanna.

7ffaa. Dhuma irrattis Amantoota dhimma kana wajjiin wal qabatee  haalota gara fuula duraatti jiraatan hordofaa kan ibsinu ta’uu hubattanii dammaqinaan akka hordoftan isin hubachiisuu barbaanna.

Caamsaa guyyaa 3/2013  B.A.

Waldaa Qulqullootaa

“Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’a sababa Addaamiin dhufe du’ee barbadeessuuf du’ee awwaalame. Awwaalamee hin hafne; guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee jireenya nuuf labsuuf du’aa ka’e. Kabajni Isaaf yaa ta’utii Gooftaan keenya Fayyina namootaaf jedhee fedhii Isaatiin gidiraan hedduun akka irra ga’u, Fannoo irratti akka fannifamu fi du’u akkasumas guyyaa sadaffaatti du’aa akka ka’u duraan dursee Duuka Bu’oota Isaatin “Egaa gara Iyyaruusaaleemitti ni baana; ilmi namaa harka angafoota luboota fi fariisotaatti dabarfamee in kennama; murtee du’aa itti ni murteessu; warra hin amaninittis dabarsanii ni kennu; itti tufus ni rebus ni ajjeesus; guyyaa sadaffaattis ni ka’a.” jedhee itti himuun isaan beeksisee jira. Luq. 18:31-34 Maat. 20:17-19. Raajoonnis waa’ee Kiristoos biyya lafaa irratti gidiraa inni dabarsu fi akka fannifamu, akka du’u fi guyyaa sadaaffaatti du’a injifatee akka ka’u raajaniiru. Ilma namaa Fayyisuuf Gooftaan keenya Fannoo irratti fannifamee raajii Raajotaa raawwatee jira. Isaay. 53:1-12, Daan. 9:25-27

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Qulqulluu Lubbuun Isaa Qulqulluu Foon Isaa irraa erga adda baatee booda Qulqulluun Foon Gooftaa keenyaa kan awwaalame; naannuma Gooftaan keenya itti fannifamee ture lafa biqiltuun marfame iddoo Golgoota jedhamtutti dha. Kan awwaalanis Barattoota Gooftaa kan ta’an Yoosefi fi Niqoodimosi dha. Angoofootni lubootaa fi fariisotni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa sadaffaa isaatti du’aa ni ka’a jedhanii waan sodaataniif gara Philaaxoos deemuun “Yaa gooftaa namni kun yeroo lubbuun jirutti guyyaa sadaffaa booda Nan ka’a jedhee dubbatee jira. Kanaafuu barattoonni Isaa halkan deemanii akka Foon Isaa hatanii uummataan “Ilaalaa Gooftaan du’aa ka’eera” jedhanii uummata akka hin jeeqneef; Dogongorri boodaa dogongora duraa caalaa badduu akka nutti hin taane; awwaala Isaa hamma guyyaa sadiitti akka eeggamu ajaja dabarsi” jedhaniin. Philaaxoosis “Eegdotaan awwaalicha eegsisaa!” jechuun deebiseef. Eegdota cimoo ta’an filuun amma guyyaa sadii akka awwaalicha eegan ajaja dabarsan. Isaanis gara awwaalichaa deemuun dhagaa guddaan awwaalcha irra kaa’ame irratti mallattoo isaanii gochuudhaan akka hin jijjiramne sodaatanii eegaa turan. Maat. 27:62-67. Jireenya kan namaaf hiru Waaqni jiraataan Kiristoos du’ee guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessatti awwaalameetu ture. Nuuf jedhee Xoofoo du’aa dhugee guyyaa sadii fi halkan sadi awwalamee akka turu duraan dursee dubbatee ture. Kunis warra aangoo du’aa fi awwaalchaa keessa turan hundaaf mallattoo Fayyina jireenyaa isaanif akka ta’uufi dha. Gooftan keenya barumsa Isaa yeroo barsiisaa turetti, barreessitoonni fi fariisootni tokko tokko “Yaa Barsiisaa keenya Si irraa mallattoo arguu barbaadna” jedhanii gaafatan. Inni garuu, deebisee  “ Dhalli sagalgaltuu fi hamtuun mallattoo barbaada; mallattoo Raajaa Yoonasin ala mallattoon biraa hin kennamu. Yoonas garaa qurxummii keessa guyyaaa sadii fi halkan sadi akkuma ture akkasuma Ilmi Namaa (Kiristoos) garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadi ni bula.” ittin jedhe. Ni raawwates. Maat. 12:38-39

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga du’e booda Qulqulluu Foon Isaa Yoosefi fi Niqoodimoos huccuu Qulqulluun seera Kafanuu Kadhannaa Kakuutiin deeggarameen kafananii gara awwaalaatti fudhatan. Waaqummaa Isaatin samii fi lafa irratti iddoo hundumaatti guutuu ta’ee kan argamu; Waaqummaa Isaatiin foon Qulqulluu kan uffate Inni guyyaa sadii fi halkan sadi awwaala keessa yeroo turetti qaama lubbuu Isaatiin gara si’oolitti deemee lubbuu achi keessatti cunqurfamaa, gidirfamaa turan bilisaa baasee jira. Ilmi Waaqayyoo Kiristoos foon Isaatin yeroo awwaala keessa turetti guyyaa sadii fi halkan sadiif Waaqummaa Isaatiin Abbaa Fi Afuura Qulqulluu wajjin takka illee osoo adda hin ba’in addunyaa bulchaa ture. Barumsa kanaan wal qabatu ilaalchisee sirritti ibsuuf abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii walakkeessa jaarraa afraffaa kan turan phaaphaasii biyya Iskindiriyaa kan ta’an Qulqulluu Eraaqlis kan barsiisan keessaa  “Gooftaan koo, Uumaan koo Si’ii dha. Addunyaa dursitee kan jiraachaa turte, har’as kan jiraattu Si’ii dha. Kan samii irraas Si’ii dha. Kan lafa irraas Si’ii dha. Samii irratti Abbaa fi Afuura Qulqulluu wajjin tokko taatee kan jiraattu si’ii dha. Adduunyaan kun osoo hin uummaminii jalqabee Teessoo Waaqummaa irra kan ture si’ii dha. Ammas muka fannoo irratti kan fannifame si’ii dha. Foonin rakkoo fi dhiphina kan fudhatte si’ii dha. Abbaa fi Afuuraa Qulqulluu wajjiin tokko ta’uu keetiif du’a kan hin qabne si’ii dha. Nu waliin tokko ta’u keetinis fedhii keetin kan duute si’ii dha. Awwaala keessas kan bulte si’ii dha. Ergamaa Kee Qulqulluu Kiruubeel irra kan jirus si’ii dha. Warra du’an wajjiin awwaala keessa kan bultes si’ii dha. Dhiphinaa fi du’aa keetin fayyinni nuuf kenname. Warra du’an wajjinis kan lakkaawwamte Si’ii dha. Warra du’anifis ka’umsaa kan kennuuf Si’ii dha. Guyyaa sadii fi halkan sadi awwaala keessa kan bulte Si’ii dha. Waaqummaa Keetin kan hin qabamne foonumma dadhabuun Jechi Qaamawaa Waaqayyoo Si’ii dha.” Kitaaba Amantaa Abbootaa Boq. 48:10

Gooftaan keenya du’a mo’ee akka ka’u deddeebisee akkuma barsiise guyyaa sadii fi halkan sadi boolla awwaalchaa keessa erga ture booda du’a injifatee ka’eera. “Akkuma dubbate Ka’eerati as hin jiru.” Maat. 28:6 Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa sadii fi halkan sadi boolla awwaalchaa keessa turee du’a injifate ka’e yeroo jennu; Kabajni Isaaf yaa ta’utii Gooftaan keenya guyyaa jimaataa erga Fannoo irratti fannifame guyyaa walakkaa ta’ee osoo jiruu aduun ifaa dhorkatte, guyyaan ni dukkanaa’e. Akka aadaa lakkoofsa Ibrootatti dukkannii fi ifni walitti guyyaa tokko dha. Akka aadaa lakkoofsa Ibrootaatti halkan guyyaa darbes jirus dabalee waan lakka’amuuf guyyaa jimaataa hanga walakkeessa sa’aatii jahaatti ifa ture walakeessaa sa’aatii sa’aatii jahaa hamma sagalitti dukkana ture halkan jedhamee lakkaawama. Itti aanes sa’aatii sagalii hamma lixa biiftutti deebisee aduu waan baatef guyyaa; Gaafa jimaata halkan walitti akka guyyaa tokkotti lakkawama. Guyyaa sanbataa immoo guyyaa fi halkan dilbataa guyyaa tokko dha. Walumaagalattii, guyyaan jimaataa akka guyyaa lamaatti fudhatamuu fi guyyaa sanbata fi halkan sabata wajjin Guyyaa sadaffaatti Gooftaan keenya du’aa ka’e jennee amanna. Ni barsiifnas.

Duuka Bu’ichi (1ffaa Pheex. 3:18-19) akkas jedha “Kiristoos immoo gara Waaqayyootti nu dhiyeessuuf jedhee, Inni Qulqulluu ta’ee osoo jiruu, warra jal’ootaaf al tokkicha sababa cubbuutiif nuuf du’eera. Foonin du’e Afuuraan garuu jiraataa ta’e. Afuura sanaanis deeme lubbuuwwan mana hidhaa daabiloos keessa jiraniif nageenya fi bilisummaa labsee jira.” Kanaaf Foonii fi Afuurri, Foonii fi Afuura Kiristoosi dha. Jechi “Afuuraan jiraataa ta’e” jedhu Kiristoos cubbuu ilma namaa haquuf namummaa isaatin du’uu isaa agarsiisa. Maat. 27:46. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeruma tokkotti du’ee du’aa ka’ee warra du’aanis daawwate. (Ibr. 2:16, 1ffaa Pheex. 3:22, Qol. 2:15, Efee. 4:8-10 Luq. 16:20, 23:43).

Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos du’ee erga awwaalamee booda guyyaa sadaffaatti humna fi aangoo Isaatiin walakkeessa halkan sanbata guddaa du’a injifatee ka’eera. Fedhii isaatin Fannoo irratti fannifamee nuuf jedhee du’e; aangoo Isaatin du’a keessaa ka’e. Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos biyya lafaa kanatti dhufee Durbee Qulqullulleettii Maariyaam irraa foon Ishee irraa foon lubbuu Ishee irraa lubbuu fudhatee Waloomaan (Tawaahidoodhaan) nama ta’ee, cubbuu malee hojii namni hojjatu hundumaa hojjate. Dursee “ Ilma Waaqayyoo, Jecha Waaqayyoo, Waaqa Ilma Waaqaa” jedhamee waammamaa ture malee Iyyasuus Kiristoos jedhamee hin wammamne. Erga gara biyya lafaatti dhufee foon Dubaroo Maariyaam uffatee booda Iyyasuus Kiristoos jedhamee waammame. Foon Isaa foon haadha Isaa Haadha keenya Dubroo Maariyaamiti. Waaqummaa Isaatiin  harka Yohaannisitti cuuphamee guyyaa afurtama fi halkan afurtamaa ni soome. Maat 3:17, Maat  4:1-11

Foon Waaqa ta’e kananiis akkuma namaa fakkeenya nuuf ta’uuf ni kadhate. Maat. 26:37-46. Foon Namaa uffatee nama ta’uu Isaa ibsuufis hojii namni hojjatu hundumaa ni hojjate. Fannoo irrattis gidiraa fi dhiphina baay’ee dabarsuun du’a Isaatiin du’a barbadeessuuf du’e. Yoh. 19:30. Qulqulloonii Duuka Bu’ootni Isaa Waaqayyoon du’a keessaa Isa kaase jedhanii kan barsiisan Kiristoos humna Waaqummaa Isaatiin ka’uu Isaa mirkaneessuuf akkasitti barsiisan. Sababiin isaas Nama ta’ee Iyyasuus jedhamee akka namaatti deddeebi’aa waan tureef Yihuudonni aangoo Waaaqummaa Isaa waan hin amanneef, Waaqa ta’uu Isaa ibsuuf Waaqayyo du’aa Isa kaase jedhanii barsiisan. Kunis Waaqayyo Abbaa fi Waaqayyo Afuura Qulqulluu wajjiin tokkoo ta’uu isaa mul’isa. Amalooma isaatiin akka Abbaa fi Afuura Qulqulluutti guutummaadhaan Waaqa dha. Haaluma walfakkaatun “Waaqayyoon du’a keessaa Isa kaase” jechuun Yoosefi fi Niqoodimoos  kan Isa awwaalan  Ilmi Waaqayyoo jiraataa humna Waaqummaan ka’uu Isaa mirkaneessuuf barumsa kana barsiisan. Kunis Kiristoos Foonin waloome. Waaqni fi namni tokko ta’ee kan du’e Waaqumma Isaan immoo jiraataa ta’ee du’a keessaa ka’uu Isaa Duuka Bu’ootni Isaa Qulqulluu Pheexiroosi fi Phaawuloos hubachisaniiru. “Ani fi Abbaan tokko” jedhee Gooftaan keenya aangoo Waaqummaa Isaatiin tokko ta’uu Isa fi Waaqummaa Isaatin du’a injifatee ka’uu akka danda’u nu hubachiisa. Aangoon Abbaa, Aangoo Ilmaa fi Aangoo Afuura Ququlluu wajjin tokko akka ta’e; kan Abbaan kan ta’e hundumtuu kan Ilma Waaqayyoo Kiristoosis akka ta’e “Kan Abbaa kan ta’e hundi kan kooti.” Yoh. 16:15 jechuudhaan Abbaa Wajjin aangoo qixa akka qaban dhugoomsa.

Ilmi Waaqayyoo Kiristoos aangoo Isaatin du’aa ka’uu akka danda’u dursee dubbatee ture. “Mana Qulqulluuummaa kana diigaa; Anis guyyaa sadaffaatti isa nan kaasa.” Yoh. 2:19-22 jechuudhaan iccitiidhaan isaanitti himaa ture. Icciitii kana ilaalchisee Beektootni Abbootiin Mana Kiristaanaa karaa nuu galuu danda’uun babal’isaanii barressanniru. Fakkeenyaf beektota keessaa tokko kan ta’e Qulqulluu Qeersos  Biyya Iskindiriyaa akkasiitti barreesse “Nuti Waaqayyoo Abbaan qaama Isaatin qaama irraa Amalummaa Isaatin amala Isaa irraa kan dhalate; Amalummaa Isaatin  jiraataa akka ta’e ni dubbanna.” (Amantaa Abbootaa 70:6). Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gidiraamuu fi dhiphina Fannoo Isaa dursee du’a mo’ee du’a keessaa aangoo fi humna isaatin akka ka’u ibsuuf “Mana Qulqullummaa kana diigaa, Anis guyyaa sadaffaatti isa nan kaasa.” yeroo jedhee dubbatutti Ayihuudonni immoo “Mana Qulqullummaa kana ijaaruuf waggaa afurtamii jaha nutti fudhate Ati immoo guyyaa saditti deebistee akkamitti kaastaa?” jechuun deebisanii gaafatani. Ayihuudonni kana jedhanii kan dubbataniif kabajni Isaaf yaa ta’uti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dubbate waa’ee Mana Qulqullummaa isaanin ijaaramee itti fakkaatee waan tureefi dha. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu kan dubbateef waa’ee du’ee du’aa ka’uu Isaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’uu isaatin booda jireenya fi Du’aa Ka’umsi nuuf kennameera. “Ka’umsi fi jireenyi Ana dha anatti kan amanu yoo du’e ille bara baraan ni jiraata.” Yoh. 11:25, “Jecha Koo kan dhaga’u isa Ana ergettis kan amanu jireenya bara baraa qaba; du’aa gara jireenyaatti kan cee’e dha malee itti hin murtaa’u.” Yoh. 5:24 jechuun du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa mirga ittiin dhaaluu dandeenyu nuuf kennee jira. Keessumattuu Gooftan keenya du’a injifatee du’aa ka’uun angafa ta’ee ilma namaaf Du’aa Ka’uumsa labse. “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif hangafa ta’ee du’aa ka’eera. Duuti karaa namaa tokkoon dhufe; Du’aa Ka’uumsis karaa namaa tokkoon ta’eera. Hundumtuu karaa Addamiin akkuma du’e karaa Kiristoositiin jiraataa ta’e.” 1ffaa Qor. 15: 20-23. Angafa ta’ee du’aa akkuma ka’e humna Isaatiin jiraattota akka nu taasisu jaalala isaa nuuf haa ta’u.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!!!

Sooma Gooftaa /Sooma Guddaa/

Sooma Gooftaa kan jennu kun Sooma labsii torban Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo keessaa isa tokko dha. Sooma Gooftaa kan jedhames Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos samii irraa bu’ee foon keenya uffatee addunyaa kana irratti yeroo deddeebi’utti waan soomeef yoo ta’u, Sooma Guddichaa kan jedhame immoo sooma Gooftaan ofii soome waan ta’ee fi yeroo dheeraaf kan soomamu waan ta’efi dha. Somni kun maqaalee biroo garaa garaanis ni waamama

1. Sooma Guddaa:- Gooftaan keenya erga cuuphameen booda kan soome waan ta’eef; “Waaqayyo guddaa dha, magalaan waaqa keenya gaara irratti galanni guddaa dha.” Faar.47(8):1 “Gooftaan keenya guddaa dha humni isaas guddaa dha.” Faar.146(7):5 akkuma jedhame Gooftaan keenya kan soome waan ta’ef Sooma Guddaa jedhame.

2. Sooma Hudaadee:-Hudaadee jechuun lafa qonnaa ykn ooyiruu mootummaa bal’aa jechuu dha. Hojii ooyiruu mootummaa kana namni hundumtuu itti bobba’ee hojjata. Soomni Gooftaa baay’ina guyyootaan soomawwan kanneen biroo caala. Akkasumas, soomni guddaanis sooma Gooftaan keenya Mootiin samiif lafaa soome waan ta’eef namni hundumtuu akkuma hojii ooyiruu mootummaa irratti bobba’ee hojjatu sana, sooma Gooftaa soomuu akka qabu agarsiisuuf Sooma Hudaadee jedhame.

3. ‹‹ በአተ ጾም ›› jedhama: seensa soomaa jechuu dha.

4. Sooma Afurtamaa jedhama:- Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa waan soomef. Maat.4:1

5. Sooma Gooftaa (Iyyasuus):- Gooftaan keenya soomee soomaa jedhee waan ajajeef.

6. Sooma Muusee: Raajichi Musee seera ooriitii Waaqayyo irraa fuudhe uummataaf dhiyeessuufi barsiisuun dura halkan afurtamaafi guyyaa afurtama akkuma soome

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos eega harka Yohannisitti cuuphamee booda hojiisaa jalqabaa kan taasifate sooma dha. Nutillee jalqaba hojii keenya hundaa sooma akka taasifannu barumsa fi fakkeenya guddaa nuuf ta’eera. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos sooma kana irraa kan fayyadamu waan tokko osoo hin qabaatiin kan soome yoo ta’u, nuti immoo faayidaa guddaa kan irraa argannu waan ta’eef soomuu qabna. Abbootiin keenya Duuka Bu’oonni illee eega Gooftaan keenya gara samiitti ol ba’een booda hojii isaanii jalqabuun dura soomaan eegalani. Gooftaan keenyas Duuka Bu’ootni Isaa yeroo Inni isaan irraa adda bahu akka sooman dubbateera. Maat 9:15.      Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyoota afurtama kawaala Qorontositti yeroo soomu sanatti qormaanni seexana irraa Isaaf dhiyaatee ture. Hoogganaa biyya lafaa kanaa kan ta’e seexanni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin cubbuuwwan gurguddoo kan ta’an sadiin qoreera. Maat 4:1-10. Qorumsi kunneenis, tokkooffaan Nyaataa, “boolofneerraa waan ta’eef dhagaa kana daabboo taasisi yeroo jedhuun namni sagalee Waaqayyootiin malee nyaata qofaan hin jiraatu” jedhee deebiseefii injifate. Lammaaffaan Oftuulummaadha, “Seexannis akkana jedheen Waaqayyoo miila kee akka gufuun hin dhoofneef Ergamoota isaa siif erga waan ta’eef iddoo kana irra gadi darbatami ittiin jedhe, Gooftaan garuu garmalee Waaqa kee hin eeggatin kan jedhus barreeffameera” jedhee injifate. Sadaffaan qabeenya ykn maallaqa jaalachuudha, “Seexannis Gooftaa gara idoo ol dheera ta’eetti ol baasee kuftee yoo naaf sagadde addunya kana guutuu siifan kenna jedheen, Gooftaanis Waaqayyo Waaqa qofaaf sagadi kan jedhu barreeffameera” jechuun deebiseefii of irraa gaggeesse. Gooftaan Keenyis qormaatilee seexanni fide hunda injifatee nutis karaa ittiin qoruumsa seexanaa ittiin injifannu nu barsiise.

Sooma guddicha jennee inni soomnu kun guyyoota 55 qaba. Gaaffiin as irratti ka’u tokko Gooftaan keenyi guyyoota afurtama yoo soome nuti guyyoota 55 maaliif soomna kan jedhu ta’a. Sooma Gooftaa dura torbeen inni jalqabaa sooma Hirqaal jedhama. Torbeen guyyoota afurtama booda jiru ammoo torbee gidiraa (ሰሙነ ሕማማት) jedhamee soomama. Torbee kanattis amantootni hundi Mana Kiristaanaatti argamanii sagadaa fi galataan Waaqayyoon kabaju. Kanaafuu, torbeen lamaan (guyyoonni 15) yoggu keessaa hir’atan guyyoota 40 ni ta’a. Gama biraan ammoo guyyoota Sanbataa fi Dilbataa yammuu keessaa hirisnu (guyyoota kanneenitti firiiwwan beeladaa irraa soomna malee nyaata biroo waan hin soomneef), guyyoonni guutummaan soomaman 40 ni ta’u.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos maaliif guyyoota afurtama soome?

Gooftaan keenya guyyoota afurtama kan soome sababootni isaa baay’ee yoo ta’anillee barumsaaf fakkeenya tokko haala armaan gadiin haa ilaallu.

  1. Fakkeenya Raajotaati Raajotni kan akka Musee guyyaa fi halkan afurtama soomee seera Oritii akkuma hojjete (Ba’uu 34:28), Gooftaan keenyas guyyoota afurtama soomee seera ishee gaarii seera Wangeelaa hojjeteera. Seera Isaa kessattis hojii hunda dura soomee seera jalqabaa sooma taasise. Museen guyyoota afurtama soomee akkuma Israa’elota biyya Misiraa irraa baase, Innis namoota si’ool irra kan baasu waan taeef. Abbootiin raajotni guyyaa afurtama waan soomaniif Innis kana irraa hiri’see yookiin itti dabalee yoo soome warreen Kakuu Duraa Seera ishee gaarii kan taate wangeela hin fudhannu akka hin jenneef guyyoota afurtama soome. [1]Eeliyaasis guyyoota afurtama soomee gara Gannataatti fudhatameera. Isinis yoo soomtani Gannatatti ni galtu jechuudhaaf guyyota afurtama soome. Raajichi Hizqieel cinaacha isaa tokkoon guyyoota afurtama ciisee Cubbuu uummata Yihuudaaf akkuma kadhate (Hiz.4:6)[2] isinis yoo soomtan yeroo dhufaatii Gooftaa du’a keessaa kaatanii kabaja argattu jechuudhaaf. Raajichi Izraa Suutu’eel (13፥23-25) guyyoota afurtama soomee kitaabota barreessiseera. Isinis yoo soomtan icciitiin isiniif mul’ata jechuudhaaf.
  2. Addaam mucummaa Sillaasee guyyaa afurtamatti argate dhabee waan tureef, mucummaa addaamiif akka deebisuuf dhufe agarsiisuuf guyyoota afurtamaaf soome. Kufalee 4:9
  3. Ilmaan namaa gadameessa hadhaatti guyyaa afurtamaffaatti fakkii namummaa kan argatan yookin boca namaa kan qabatan waan ta’eef, ilmaan namaa hundaaf beenyaa akka ta’e muli’suuf soome.

Moggaasa Sanbatawwan sooma kanaa

Sanbatawwan sooma kanaa saddeettan akka armaan gadiitti moggaasa mataa mataa isaanii qabu!

  1. Kan bu’e (Zewerede)
  2. Qulqulleettii (Qiddist)
  3. Mikuraab (Mana Kadhannaa Ayihuud)
  4. Metsaaguu (dhukkubsataa)
  5. Tulluu Ejersaa (Debre zeyit)
  6. Tajaajilaa Amanamaa (Gabriheer)
  7. Niqodimoos
  8. Hosaa’inaa

Sooma kana haala kamiin haa soomnu?

Nutis sooma kana akkamiin soomuu akka qabnu Manni Kiristaanaa keenya seera nuuf keesseetti. Soomni kun kabaja guddaan kan soomamu dha. Sooma kana keessatti ayyaanni kamiyyuu nyaataa fi dhugaatiidhaan hin kabajamu. Sababni isaas yeroon isaa yeroo itti foon keenya gammachiifnu waan hin taaneefi dha. Yeroo kanatti gidiraa Gooftaa keenyaa yaadachuun sagadaa fi kadhannaadhaan kan dabarsinu dha. Abbaan ogummaa Solomoon kitaaba isaa lallabaa 3:1-8 irratti akkuma katabee kaa’etti wanti hundinuu yeroo fi waqtii itti hojjetamu ni qaba.

Yeroo sooma kanatti namni kiristinnaa kaasisuu fi ayyaana dhalootaa kabaju hundi sirni isaa qofa mana Kiristaanaatti akka raawwatamuu, nyaataa fi dhugaatii qoopheessanii affeeruun garuu akka hin malle abbootiin keenya kitaaba Haqa Moototaa (ፍትሐ ነገስት) boqonnaa 15 irratti seera kaa’aniiru. Sababa beekamaa (Abbaan gaabbii itti amane) malee sooma kana namni hin soomne yoo jiraate, luba yoo ta’e lubummaa isaa irraa akka haqamu, amanaa yoo ta’e immoo tokkummaa Kiristaanotaa irraa adda ba’uu akka qabus murtaa’eera.

Sooma Gooftaa keenyaa kana Inni akka nuuf fakkeenya ta’uuf, hojjetee hojjedhaa jechuuf waan soomeef, nuti immoo eebba foonii fi eebba lubbuu argachuuf akka abbootiin keenya nuuf kaa’anitti seera isaa hordofnee soomun nurraa eegama. Yeroo kanatti namootaaf waan gaarii akkaa hojjenne, warra beela’an beela baasaa, warreen dheebotan dheebuu baasaa, warreen huccuu hin qabne daara baasaa, haala kanaan dabarsuu qabna. Yeroo kana jennutti immoo wantoonni kun yeroo soomaa qofa kan barbaachisanidha jechuu miti. Keessumattuu yeroo soomnu immoo cimsuu qabna jechuudha malee.

Akkuma qulqullichi Yaareed jedheetti qaamni keenya hunda cubbuu irraa lagachuu qaba. Afaan keenyi waan gadhee dubbachuurraa, gurri keenyi waan gadhee dhagahuu irraa, miilli keenyi gara bakka gadhee deemuu irraa, harki keenyi wanta yaraa ta’e hojjachuu irraa fi ijji keenya wanta hin malle ilaaluu irraa lagachuu qaba. Kana qofa osoo hin ta’iinis wantoota hamaa ta’an irraa akkuma of qusanne, wantoota gaarii immoo hojjechuu qabna.

Sooma kana soomnee akka eebba argannu gargaarsi Gooftaa keenyaa, kadhannaan qulqulloota nurraa adda hin bahiin. Ameen!!!


[1] 2Moot 2:1-..

[2] Hiikaa Raajii Isqi’eel

“Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6)

Jecha kana Namoota Dooniidhaan Oddoola Iyyoophee irraa gara Tarsees deemaa jirantu raajicha Yoonaasitti dubbate. Yoonaas Raajoota Waaqayyoo kudha jahan keessaa isa tokko dha. Raajaan kun abbaan isaa Amaatee kan jedhamu yoo ta’u, nama gosa Yisaakoori dha. Yoonaas jechuun guugee, garraamii jechuu dha. Raajichi Yoonaas Waaqayyoo tajaajilaa nama jiraate dha.

Waaqayyoon tajaajilaa Isaa Raajicha Yoonas kana dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dura bara 1612 gara namoota Nanaweetti erguun cubbuu isaanii dhiisanii gara Waaqayyootti akka deebi’an; kana ta’uu baannaan akka isaan adabu barsiiseera. Namoonni biyya Nanawee jeedhamtu kana keessa jiraachaa turan Waaqayyo akka malee gaddisiisan illee Inni samii irraa abidda roobsee magaalittii bakakkaan gaggaragalchuu fi hawaasicha labooba abiddaatiin adabuu osoo danda’u arjummaa Isaatiin carraa gaabbii akka argatan taasiseera. Waaqni “Hammeenyi isaanii fuuldura kootti waan dhufeef ka’iitii gara magaalaa guddittii Nanawee deemi; sagalee koos isaaniif   lallabi.” jechuun Raajicha Yoonaas ergeefii ture. Yoon. 1:2. Yoonaas garuu, ergaa Waaqayyoo dhiisee Waaqayyoo jalaa baqachuuf gara biyya Tarsees jedhamtutti dooniin imaluu jalqabe. Osoo deemaa jiruu Waaqayyoon bubbee cimaa ta’een doonii inni yaabbatee ture akka raafamtu taasise. Namoonni isa waliin turan hundi naasuu fi dhiphina ol’aanaan qabamani. Rakkinni hamaan kun isaan keessaa sababa eenyuutiin akka itti dhufe baruuf carraa buusanii Raajicha Yoonas irratti bu’e. Haala isaa yoo gaafatan Inni Waaqa samii, dachee fi garba uume kan waaqeffatu akka ta’ee fi Waaqa jalaa bahuuf baqachaa akka jiru itti hime. Isaanis “Yaa Waaqayyoo, lubbuu nama kanaaf jecha nu hin balleessin; Ati akka jaalatte godhi.’ jechuun ennaa garbatti isa gatan bubbeen cimaan doonii isaanii raasaa ture battalumatti dhaabate; nagaan karaa isaanii deemaniiru. Waaqayyoon Raajichi Yoonaas yeroo garba keessatti gatamee irraa eegalee guyyoota sadii fi halkan sadiif garaa qurxummii guddaa keessa akka turu erga taasisee booda gara lafaatti akka isa tufu taasiseera. Yoonaas garaa qurxummii guddichaa sana keessatti gaabbee Waaqayyo kadhataa waan tureef akka qurxummichi lafa irratti isa tufeen gara Nanaweetti deemee ajaja duraan baqatee deeme akka raawwatu irra deebiin ajajamee namoota Nanaweef  “Guyyaa sadi keessatti Nanaween akka gaggaragaltu” lallabeera. (Yoon. 2:.2-10; 3:1- 4)

Namoonni Nanawee battaluma dubbii Waaqayyoo dhagahaniin Waaqayyo amananii cubbuu raawwataniif ni gaabbani. Raajii Yoonaas 3:5- 9 irratti “Namoonni Nanawees Waaqayyo ni amanani, soomas ni labsan, guddaa xiqqaa otoo hin jenne hunduu gadda guddaa keessatti ni kufan. Odeefannoon kunis gara Mootii Nanawee akkuma qaqqabeen teessoo mootummaa isaa irraa ka’ee uffata kabajaa isaa baafachuun gadda guddaan liqimsamee daaraa irras ni taa’e. Nanawee keessatti “Namoonni fi beelladoonni biroon waan tokko akka hin sooranne, akka hin bobbaane, bishaanis akka hin dhugne, namoonnii fi beelladoonnis haa gaddan, gara Waaqqayyoottis waliin haa iyyan, namoonni hundi karaa hammeenyaa fi cubbuu irraa haa deebi’an. Waaqayyoon akka nuti hin banne nuu haa qajeelchu, dheekkamsa Isaa kana irraa yoo nuuf deebi’e eenyutu beekaa?” jedhamee barreeffameera. Guddaa xinnaan isaanii hundi gocha hammeenya isaanii isa Waaqayyo mufachiise gaabbanii dhiisuun guyyoota sadiif soomanii cubbuu isaaniif dhiifama kadhataniiru. Waaqayyoon abbaan keenya Inni jaalalli, dhiifamni fi arjummaan Isaa daangaa hin qabne kan Kadhannaa namaa isa haala sirrii ta’een dhiyaatee fi kan abbichaaf fayyadu hin dhoowwanne cubbuu fi hammeenya isaanii irraa akka deebi’an hojii isaanii ilaalee gocha hamaa irratti raawwachuuf dubbatee ture irraa ni deebi’eef. Yoon. 3:10

Sooma jechuun qaama ofii cubbuu irraa dhoowwachuu fi fedhii lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Ykn wantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu dhiisuu jechuu dha. Kunis, soomiin namni wantoota fooniin fedhuu fi kajeelu hunda otoo raawwachuu danda’u yeroo murtaa’eef lagachuun /dhiisuun/ qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomanni qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha.  Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa of qusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomni ni jira. Soomni amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba.  Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenname sooma ture.  Innis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangeessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u, beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef.  S.Uum. 2: 16 – 17.  Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyo akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha.  Ilmi namaa soomuun Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun /barsiisuun/ Isaa soomni kan namaan uumame otoo hin taane ajaja Waaqayyoo irraa faayidaa namaatiif jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Duraa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru. Raajoonni Kakuu Duraa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaani fi bishaan afaan isaanitti hin seenu ture. (S.Bahuu 34:28).  Dheekkamsi Waaqayyoo kan baay’ina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebi’e, ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10

Kakuu Haaraa keessas, soomni seera nam-tolchee osoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ofuma Isaa bara Namoomaa (ሥጋዌ) biyya lafaa kana irra turetti hojii Isaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera.  Maat. 17:21, Maar. 9:2 Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.

Duuka Buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. HDB 13:2. Luboonnii fi Diyaaqonoonni Wangeela akka lallaban ennaa filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaani dha. HDB 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos ulfina guddaa kan argatan soomaa fi kadhannaan Uumaa isaanii kadhatanii ti. HDB 10:4

Kana hubachuun Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo keenya ijoolleen ishee jireenya Afuurawaa isaanii akka gabbifatan, fedhii foonii irra fedhii lubbuuf bitamuu fi buluu akka isaan dandeessisu sooma torba labsitee jirti. Akkaataa sirna Mana Kiristaana keenyaatiin soomiin nuti soomnu torba yoo ta’an, isaan keessa tokko mata duree barreeffama /barumsa/ kanaa irratti kan caqafame Sooma Nanawee kan jedhamuu dha. Moggaasni maqaa sooma kanaa kan dhufes magaalaa Nanawee jedhamtu irraa ti. Namootni magaalaa kanaa ajaja Waaqayyoo diiguudhaan, dheekkamsa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufe jalaa bahuuf kan soomanii Waaqa isaanii ittiin kadhatani fi dhiifama ittiin argatanii dha. Nuyis yaadannoo isaaniitiin akka isaanitti cubbuu keenyaaf dhiifama argachuuf fi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa bahuuf jecha kan soomnu dha.

Waanni nuti barumsa kana irraa argannu:-

  1.  Namoota Yoonaas waliin doonii keessa turan irraa gaafa qorumsaa fi dhiphinaa Waaqayyo kadhachuun fala kan argannu ta’uu,
  2.  Yoonaas irraa; Waaqayyoo jalaa dhokachuu fi miliquun eessattuu kan hin danda’amne ta’uu. Balleessaa ofii amananii fala rakkicha hiikuu danda’u fi raawwachuun dhugaaf jiraachuu malee namoota birootti quba qabuun furmaata ta’uu kan hin dandeenye ta’uu, (keessattuu Yoonas balleessaa isaa amanee akka garbatti isaa gatanii isaan garuu badii irraa akka oolan of irratti murteessee hojii irra oolmaa isaas mormii tokko malee fudhachuun isaa).
  3. Uumamni hundi Waaqayyoof  kan ajajamu ta’uu fi Waaqayyoof wanti dadhabamu akka hin jirre.
  4. Waaqayyoon cubbuu keenyaan otoo nu hin balleessin dura carraa gaabbii kan nuuf kennu ta’uu fi yoo gaabbiin gara Isaatti deebine araaraa fi dhiifama Isaatiin kan nuuf deebi’u ta’uu.
  5. Jiraattoota magaalaa Nanawee irraa; Waaqayyoo fi dubbii Isaa dhagahuu, amananii fudhachuu fi jecha Waaqayyootiin of-ilaalanii balleessaa ofiitti gaabbuu, cubbuu hojjachuu lagachuu, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo irraa dhiifama argachuun akka danada’amu dha.

Soomni mallattoo hawwaasa gara Waaqayyootti deebii’ee dha. “Waaqayyoon laphee guutuun soomaan, boo’anii fi iyyaan gara kootti beebi’aa, jedha.” Iyyu. 2:12 jechuun Waaqayyoon akka ajajeetti Qulqulleettiin Manni Kiristaana keenya Ortodoksi Tawaahidoon hordoftoota ishee akka sooman taasisuun ajaja Waaqaa hojii irra ni oolchiti. Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo akkaataa Waaqayyo Ol’aanaan raajaa Isaa Iyyu’eel irra bulee “Tsiyoon gubbaatti faaggaa afuufaa; soomis labsaa” jechuun barsiiseen sooma ni labsiti. Iyyu. 2:15

Kabajamtoota maatii Kiristoos, seenaa kana kan kaafneef akka jiraattota magaalaa Nanawee hammeenyaa fi cubbuu nu balleesuudhaaf nu marsee jiru irraa Waaqayyoon akka nu baraaru, soomaa fi kadhannaa gaabbiin deegarameen jabaachuu fi cimanii jiraachuun ala fala biraa kana caalu kan hin qabne ta’uu waan irraa barannufi dha. Soomni kennaa Waaqayyoo akka rakkinaa, dhiphinaa fi balaa jireenya biyya lafaa kana irratti nu qunnamee fi nu quunnamu jalaa ittiin baanu nuuf qopheesse ta’uu isaa hubannee sooma kana irraa bu’aa argachuu qabnu argachuudhaaf amannee kadhannaa godhachuu qabna. Falli rakkinaa fi dhiphina keenya keessaa ittiin baanu madda rakkichaa irratti kan bu’uureeffame yoo ta’e qofa rakkinichi hiika kan argatu waan ta’eef murtiin irra geenyu fi tarkaanfiin fudhannu fedha /yaada/ Waaqayyootti kan fuulleeffate ta’uu akka qabu irraa barachuu qabna.

Kanaaf, namni yoomiyyuu taanaan akka raajicha Isaayiyyas irra bulee Waaqayyoon dubbate “Karaa keenya karaa Waaqayyoo, yaada keenyas yaada Waaqayyoo” waliin walsimsiisuudhaan amantaa keenya ishee dhugaa taate cimsachuu qabna. Doonii jireenyaa kan taate Mana Kiristaanaa keenya keessatti diina nu qoraa jiru seexana irraa bilisa ni taana. Akkuma beekamu dooniin dhugaan yoomiyyuu qorumsa irraa hin fagaattu. Kanaaf, dooniin Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos baattee deemaa turtee fi jirtu qorumsa cimaadhaaf saaxilamtee kan jiraattu yoo ta’u, dooniiwwan biroon Gooftaan keenya keessa hin turre waan dhugaa baatanii deemaa hin jirreef osoo rakkoon isaan hin muudatin waan nagaadhaan deemaa turan fakkaatu. (Maat.14: 14- 36.) Barri kunis yeroo dooniin keenya dhugaan fi Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa keenya jeequmsaan raafamaa jirtu waan ta’eef doonii biroo jijjiiruudhaan lubbuu ofii galaafachuu /balleessuu/ otoo hin taanee akka Duuka Bu’oota Gooftaa keenyaa gara abbaa dooniichaatti iyyachuu qabna. Yeroo nuti gaabbinee gara Waaqayyootti deebiinu Waaqayyoos gara keenyatti deebi’u, uumamni hundi gara keenyaatti ni deebi’a. Kunis yoo nuti Waaqaayyoof bitamne uumamnii hundi akkuma nuuf ajajamu; yoo nuti Isaaf bitamuu dhiisne garuu wantoonni hundi too’aannoo keenyaan ala akka ta’an kan agarsiisuu dha. Falli rakkoo ilmaan namaa Waaqayyo Isa homtuu Isaaf hin dadhabamne qofa hunduu harka Isaatti kan jiru waan ta’eef akka Yoonaasii fi namoota Nanawee balleessaa keenya amannee, hammeenya keenya dhiifnee, qalbii jijjiirrannee, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo waliin araaramuu qabna.

Hanqinni Yoonaas innii guddaan gara Waaqayyo isa ergetti deemuu dhiise gara hin ergamneetti deemuu isaa ti. Barsiistoonni baayyeen iddoo ofii jedhan malee iddoo Waaqayyoon isaan itti ergee fi barbaachisaa ta’e oolaa hin jirani. Fakkeenyaaf, barsiistoonni afaan hawaasni beekuun akka barsiisan Waaqayyoon isaan qopheessee baadiyyaatti ergaman gara namoota kanaa deemuun barsiisuu otoo danda’anii fi qabani, gara magaalaa qofa deemuun hawaasichi dubbii Waaqayyoo dhaga’ee akka hin amannee fi hin fayyine taasiseera.

Dhumarattii jiraattonni magaalaa Nanawee bu’aa gaabbii fi sooma isaanii dhandhamatanii dheekkamsa hamaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufee ture jalaa bahuu kan danda’an cubbuu isaanii amananii waan itti gaabbanii fi hammeenya isaanii irraa deebi’uuf kutatanii kaayyoodhaan waan soomaniifi dha. Kanaaf, soomanni keenya barsiifataan otoo hin taane cubbuu fi hammeenya Waaqayyo ittiin gadisiisaa jiraannee, rakkoo, dhibee, beela, du’a, balaa fi k.k.f. akka nama dhuunfaatti, akka biyyaatti fi akka addunyaatti dhalli namaa ittiin adabamaa jiruuf fala argamsiisuu akka danda’utti kan irratti kaayyeeffatame ta’uu qaba. Sooma Nanawee kana yoo soomnu biyya Nanaweetiif osoo hin taanee rakkoo fi qorumsa fuula keenya dura dhaabatee jiru moo’achuuf dha. Akkuma namoonni doonidhaan gara magaalaa Tarsees deemaa jiran “Akka nu fayyisuuf ka’ii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu, nuuf iyyi” jedhanii Yoonaasitti kadhannaa isaanii dhiyeeffatan, nutis Waaqayyoon cubbuu keenyaa fi balleessa keenya ilaalee akka nun balleesineef akka nuuf dhiisuuf gara Waaqa keenyatti iyyuun, boo’uun akka uummanni Nanawee badiinsa irraa oolfaman ibidda bara baraa irraa akka oolfamnuuf akka Kiristaanummaa keenyatti wantoota gochuu qabnu hunda raawwaachuun jaalalaa fi fedhii guutuudhaan soomnee araara /dhiifama/ Waaqaayyoo akka argannu eeyyamni Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!

“Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12

Tolasaa Juulaa

Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee kabaja guddaadhaan gannata keessaa jiraachuu osoo qabuu abboommii Waaqayyoo cabsee karoora afuura xuraawaatiin waan gufateef,Addaamii fi ijoolleen isaa waggaa 5500 guutuu Waaqayyoo irraa gargar bahanii gara biyya lafaatti darbatamuudhaan garbummaa seexanaatiin gidiraa daangaa hin qabne simachaa turan

Addaam abboommii cabsee yakka yoo raawwate illee Waaqayyoon garuu ijoollee isaa dhiphina keessatti dhiisuu waan hin jaalanneef “Yaa addaam eessa jirta?” Ser.Uum 3:9, jedhee waame. Addaam garuu “Gannata keessatti sagalee kee nan dhagahe; qullaa koos waanan ta’eef nan sodaadhe,nan dhokadhes” Ser.Uum 3:10, jechuudhaan Waaqayyo irraa adda bahuun kennaa isaa dhabanii hangam akka qullaa nama taasisu ragaa bahuudhaan qalbii isaa geeddarate  

 Abboonni fi Raajonni hedduunis ilmaan Addaam gara gannataatti akka deebi’aniif kadhannaa fi sagada baay’ee yoo taasisan illee, gaarummaan isaanii akka huccuu abaarsaatti lakkaa’ame malee Addaamii fi ijoollee isaa iddoo kabaja isaanii kan duraatti isaan deebisuu akka hin dandeenye raajichi Isaayyaas “Hundi keenya akka baalaa harcaanee jirra,yakki keenya akka qilleensaa nu fudhate”Raj.Isa 64:6,jedhee dubbateera.

Qulqulluun Phaawuloos sababa cubbuu addaamiitiin duuti biyya lafaa kana hunda irra akka ture yeroo dubbatu“Cubbuun nama tokkoon gara addunyaa akkuma dhufe. Duutis karaa cubbuutiin akka gale, akkasumas namoonni hunduu cubbuu waan raawwataniif duuti nama hundumaa ni qaqqabe”Room 5:12, jechuudhaan nuuf mirkaneessa

Waaqayyos ilmaan isaa gara kabaja isaaniitti deebisuudhaaf “ilma ilma kee irraa dhaladheen si fayyisa’ jechuudhaan Addaamiif waadaa waan galeef waadaa ijoollee Addaamiif taasifame guyyaa bilisummaa kana ijaan arganii; arjummaa waadaa sanaan taasifamtu qooddachuudhaaf hawwuun Raajonni hedduun imimmaan isaanii dhangalaasanii aarsaa dhiyeessanii gara Waaqayyootti kadhannaa taasisaa turan. Isa kanatu Sooma Raajotaa jedhama.

Dhiifamni isaa kan baay’ate, hammeenyi isaa kan fagaate Waaqayyo cubbuu jalaa ijoollee Addaam haguugee baraaruuf haadha isaa kan taate sanyii Qulqulleettii akka nuuf hanbise yeroo ifa baasu “Waaqayyo Gooftaan Samii fi lafaa osoo sanyii nuuf hanbisuu baatee akka sadoom taanee akka gamoraas fakkaannee turre”Isa1:9, jechuudhaan sanyii cubbuu daddarbaarraa bilisa taate haadha Gooftaa ta’uuf qophoofte waa’ee Dubaroo Maariyaamii Dubbata.

Raajichi Isaayyaas abdii dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoo kana fageenyatti ilaaluudhaan “Dubroon dubrummaan ni ulfoofti, Ilma ni deessi, maqaa isaas Amaanu’eel jettee ni yaamti” Raj.Isa 7:14 jedhee akkuma ragaa bahetti,yeroo fi iddoon osoo isa hin daangessin Kiristoos Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalate maqaan isaa yaa ulfaatu!

Akka lallaba barnoota Mana Kiristaanaa Ortodooksii Waloomaatti Soomni kun maqaa adda addaatiin yaamama:-

  • Sooma Raajotaa:-Dhalachuu Gooftaa raajonni soomaa fi sagadaan eegaa waan turaniif
  • Sooma Addaam:-Waadaan fayyina Addaamiif galame kan itti raawwatame waan ta’eef
  • Sooma Lallabaa:-Icciitiin Waaqayyo nama ta’uu isaa bal’inaan kan itti lallabamu waan ta’eef
  • Sooma Gannoo:-Xumurri sooma kanaa dhalachuun Gooftaa kan itti kabajamu waan ta’eef
  • Sooma Duuka Bu’ootaa:-Duuka Bu’oonni sooma dhaloota Kiristoosiitiin dura raajonni sooman kana isaanis yaadannoodhaaf irra deebi’anii waan soomaniif

Soomni kun yeroo hundumaa sadaasa 15 eegalee muddee 29 kan xumuramu yommuu ta’u,bara Yohaannis yoo ta’e garuu phaagumeen jahaan(6’n)waan ooltuuf muddee 28 kan hiikkatu ta’uu isaa yaa’ii Qulqulluu sinoodoosiitiin kan mirkaneeffamee fi kitaabilee mana amantaa keenyaa irratti baarraa’ee kan argamu waan ta’eef, seeraa fi ittiin bulmaata mana amantaa keenyaa hubannee dhaloota barsiisuun dirqama kiristaanummaa keenyaati.

Soomni raajotaa sooma labsii miseensonni mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa soomanii sagaduudhaan karoora afuura xuraawaa moo’ataanii lubbuu isaaniitiif galaa jireenyaa ittiin sassaabatani.

Keessaa isa tokkoodha waan ta’eef dhimma lubbuu keenyaa irratti qoosaan waan hin barbaachifneef hundumti keenya qalbii tokkoon maaddii qulqulluummaa kana irraa hirmaannee suga argachuu qabna.

Saba Kiristaanaa warreen biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan hunduma keenyaaf! soomni kun kan hammeenyaa fi gidiraa qorumsa biyya lafaa ittiin moo’annu, kan firii Afuurawaa keenya ittiin cimsannu, kan amantaa keenyaan cimnee hanga dhumaatti ittiin dhaabbannu akka nuuf ta’u arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, gargaarsii fi eeggumsi Ergamootaa nurraa adda hin bahin.

Galanni Waaqayyoof

Deessuu haadha isaatiif

Ulfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta’u

“Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14

Dn. Baacaa Nagaasaa

Jalqabni dubbichaas akkami yoo jedhan! Abbaan ishee Qulqulluu Iyyaaqeemii fi haati ishee Qulqulleettii Haannaa jedhamu ture. Isaan kun akka sagalee Kitaaba Qulqulluutti, akka sirna abbootaatti, akka seera oriitiitti, ajajaa fi abboommii Waaqayyoo eeguudhaan kan jiraatan, Waaqayyoo fuuldurattis qajeelota kan turani dha. Haa ta’u malee, jarreen kun firii gadameessaa(garaa) kan ta’e dhala ykn daa’ima hin qaban ture.

Guyyaan har’aa guyyaa ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii 33’n keessaa Ayyaana isa tokko dha. Guyyaan kunis guyyaa isheen Mana Qulqullummaa itti galtedha.

Ijoolleen Waaqayyoo Iyyaaqeemii fi Haannaan qabeenya qabu, garuu dhala hin qabani; Qajeelummaa ykn Qulqullummaa qabu. Garuu dhala hin qabani; amantii qabu, garuu dhala hin qabani…….. Waan nama ajaa’ibu garuu dhala dhabuu isaaniitiin guyyaa tokkollee wal lolanii hin beekan, wal mufachiisanii hin beekan, Waaqayyo gaddisiisanii hin beekan, Waaqayyoottis gumgumanii hin beekan.

Amma namoonni hedduun dhala hin qabani. Dhala waan dhabaniif galgalaa fi ganama jireenyi isaanii ni jeeqama, gaa’ela isaanii abaaru/sookka’u, bultii isaanii diigu, Waaqayyo ganu,……. Kaan isaani immoo dhala qabu; garuu nageenya hin qabani, jaalala hin qabani, walii galtee hin qabani, gammachuu fi boqonnaa hin qabani.

Iyyaaqeemii fi Haannaan garuu, akkas hin turre. Dhala dhabne jedhanii wal hin jeeqne, gaa’ela isaaniis hin abaarre, bultii isaaniis hin diigne, Waaqayyos hin ganne/ hin haalle. Abdiidhaan guyyaa tokko eegaa turan malee. Guyyaa dhala itti argatan! Waaqayyo hundumaa  gochuu akka danda’u amanuudhaanis akka Inni dhala isaanii kennuuf yaada tokkoon gara Isaatti boo’aa turan. Yeroo hunda gara mana Waaqayyootti deemuudhaanis kadhachaa turan.

Kadhannaan isaan imimmaan waliin gara Waaqayyootti dhiyeessan kunis wareega kan of keessaa qabu yoo ta’u, wareegichis “Yoo ati dhala nuuf laatte nuti immoo deebifnee siif kennina” kan jedhu ture. Waaqayyos kadhannaa fi wareega isaanii isa qajeelaa kana dhaga’ee, bara boodaatti haadhasaa kan taatu mucaa Qulqullooftuu kan cubbuun Addaamii fi Hewaan irra hin jirre kenneef. Mucattiin kunis yeroodhaaf Iyyaaqeemii fi Haannaadhaaf kan keennamte yoo taateyyuu xumurrishee garuu sanyii Addaam hundaaf kan kennamte dha. Isheenis haadha keenya haadha Waaqayyoo Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii dha. Waaqa Ishee nuuf kenneef galanni haa ta’u. Ameen!

Egaa Haannaan kadhannaan ishee dhaga’amee hagayya gaafa guyyaa torbaa mucaa kana Ulfooftee caamsaa gaafa guyyaa tokkoo deesse.

Akka bartee ykn amaleeffannaa Ibirootaatti mucaan ykn daa’imni tokko harma hodhuu kan dhiiftu dhalattee waggaa sadii booda waan ta’eef, mucaan kunis ykn Giiftiin keenyas barteedhuma kanaan hanga waggaa sadiitti ykn hanga harma hodhuu dhiiftutti mana abbaa fi haadha ishee jiraatte.

Waggaa sadii booda garuu, akkuma faarfatichi Daawiit “Kanan guyyaa rakkina kootti dubbadhe, isa hidhiiwwan koo dubbatan, wareega koos siifan baasa” jedhe, Iyyaaqeemii fi Haannaanis wareega isaanii sana baasuuf, isa Waaqayyo irraa fudhatan deebisanii Waaqayyoof kennuuf, mucaa kana fuudhanii gara Mana Qulqullummaatti imalan.

Akka achi ga’aniinis luba yeroo sanaa kan ta’e Zakkaariyaasitti wareega isaanii kennatan. Lubichis wareegni kun haaraa waan itti ta’eef, haalli jireenya mucaa kanaa kan gara fuulduraas waan isa yaachiseef ykn uffanni ishee, nyaanni ishee, dhugaatiinshee waan isa yaaddesseef bilbila(dawalii) mana amantichaa bilbiluudhaan namoota yaafatee “Waa’een nyaata ishee naaf haa dubbatamu” jedhee osoo inni dubbataa jiru, Ergamaan Waaqayyoo Faanu’eeliin leemata warqii fi xoofoo warqiitiin nyaataa fi dhugaatii samii fidee dhufee ishee sooree ykn nyaachisee itti agarsiise. Zakkaariyaasis yeroo kana argu, ” erga dhimmi nyaata isheetii furmaata argateewoo haa teessu” jedhee gara Mana Qulqullummaatti seensise.

Isheenis waggoota kudha lamaaf soorata samii soorachaa, faarfannaa Ergamootaa dhaggeeffachaa, Mana Qulqullummaa keessa jirraatte. Manni Qulqullummaa Mana Qulqullummaa keessa seente. Mucattiin ofuma isheetiiyyuu Mana Qulqullummaa turte. Sanuu Mana Qulqullummaa ishee dhugaa. Garuu, gadi of qabinsaan ykn kasoominaan Mana Qulqullummaa isa kakuu moofaa keessa jiraatte.

Ilaalaa; Mucattiin kun umurii ishee waggaa sadiitti haadhaa fi abbaa ishee irraa adda baatee Mana Qulqullumma keessa taa’uuf carroomte. Ijoollee Waaqayyoo; Waaqayyo yeroo gara isaatti nama waamu umurii, bifa, qabeenya, eenyummaa, sanyii, aangoo, beekumsa hin ilaalu. Mana Isaa keessa akka jiraannuuf kan nu waame hanga dhumaatti mana Isaa keessa nu haa tursu.

Walumaa galatti

  • Amantiidhaan kan kadhannu hunda Waaqayyo akka nuuf kennu.
  • Waan wareegne kamuu gaabbii tokko malee baasuu akka qabnu. Keessumattuu, waan guyyaa rakkinaa kenyaatti waadaa galle, osoo hin mamiin Waaqayyoof raawwachuu.
  • Waaqayyo nama kamiinuu gara Isaatti waamuuf ulaagaan Inni barbaadu laphee cabaa qofa ta’uu Isaa.
  • Jireenyi Waaqayyoo wajjinii milkaa’ina kan qabu ta’uu Isaa hubannee kennaa gonkaa kan ta’e Waaqayyoof dabarsinee of laachuudhaan Isa wajjin jiraachuu akka qabnu dha.

Kadhannaan, eebbi ishee akkasumas arjummaan Ilma ishee hunduma keenya irra haa bulu. Ameen!!!

“ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen

Qaam’ee/Phaagumee-3

Qopheessaan:-Tolasaa Juulaa

Qajeelchaa karaa kan Ergamaa Rufaa’eel (ቅዱስ ሩፋኤል መራሄ ፍኖት)

Guyyaa kanatti kan yaadatamu hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta’e yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eelii yommuu ta’u ayyaanni yaadannoo guyyaa kanas qabiyyee armaan gadii kanneen kan of keessaa qabu dha.

Gosa Niftaaleem jedhamu keessaa kan dhalatee fi biyya Faarsi bittaa kolonummaa mooticha Silminaasoor jala kan ture namichi maqaan isaa Xoobiit jedhamu tokko ni ture. Haati manaa isaa Haannaa jedhamti. Ilma tokkicha Xoobiyaan jedhamu qabu ture. Obboleessi Xoobiit immoo Raagu’eel jedhama. Haati manaa Raagu’eel Adinaan jedhamti. Raagu’eelis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba ture. Mootichi Silminaasoor Xoobiit waan jaalatuuf aangoo isaaf kennee yoo turellee, Silminaasoor du’ee yeroo mootichi Sanaakireem jedhamu muudamutti Xoobiit aangoo irraa akka bu’u taasifame. Afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu mucayyoo Raagu’eel Saaraa kan jedhamtu kana irra buluudhaan abbaa warraa 7 ishee jalaa ajjeesee ture.

Guyyaa tokko Xoobiyaan abbaan isaa Xoobiit akka dulloomee ijji isaas arguu akka dadhabe dhagahee abbaa isaa bira deemuuf biyya Nanawee irraa ka’ee osoo karaa deemuu nama tokkoon walitti dhufee deemsa isaanii eegalan. Xoobiyaan yoo beekuu baatellee nama fakkaatee isa wajjiin deemaa kan ture kun Ergamaa Rufaa’eel ture. Osoo deemanuu biiftuun dhiitee jennaan iddoo tokkotti goranii buluudhaaf murteessan. Kanaan booda Xoobiyaan dadhabbii irraa boqachuudhaaf gara lagaa deemee yeroo inni qaama isaa dhiqatu Quxummiin tokko laga keessaa itti bahe. Yeroo kanatti Ergamichi kun qurxummii kana qabiitii qali, tiruu fi hadhooftuu isaa of eeggannoodhaan qabii baasi jedheen.

Xoobiyaanis qurxummicha qabee erga qaleen booda tiruu fi hadhooftuun maaliif barbaachisa? jedhee Ergamicha gaafate. Innis nama afuurri xuraawaan irra bule fayyisuu akka danda’u itti hime. Osoo karaa deeman Ergamichi har’a mana nama Raagu’eel jedhamuu tokkotti waliin bulla. Innis mucayyoo Saaraa jedhamtu qaba, isheenis akka haadha manaa kee taatuuf ani abbaa ishee nan gaafadha jedhee yeroo Ergamaan Rufaa’eel itti himu, Xoobiyaan immoo kanaan dura namoonni Saaraa fuudhan 7 akka du’an waan beekuuf anis yoon ishee fuudhee du’e maatii koo namni gargaaru hin jiru jedhee sodaate.

Haa ta’u malee, booda dubbiin Ergamichaa waan itti toleef afuura xuraawaa isheerra bulee namoota ajjeesaa ture kana hadhooftuu qurxummii sanaan isheerraa baasuu akka danda’u laphee guutuudhaan waan amaneef gara mana Raagu’eel deemanii achi bulan. Kanaan booda Raagu’eelis yeroo Xoobiyaa argetti ilma obboleessa isaa akka ta’e hubatee gammachuudhaan simate. Erga wal baranii yaada wal jijjiiraniin booda Xoobiyaan akka Saaraa fuudhee haadha warraa taasifatu murteessani. Xoobiyaanis kadhannaa taasisee hadhooftuu qurxummii sana yeroo itti aarsu afuurri xuraawaan Asmaandiyoos jedhamu isheerraa bahee gaa’elli isaaniis eebbifame.

Raagu’eel qabeenya isaaniif kennee gara biyya isaaniitti isaan gaggeesse. Yeroo Xoobiit bira gahan Xoobiit ijaan waan hin agarreef ilma isaa simachuuf osoo jedhuu lafarratti kufe. Ilmi isaa Xoobiyaanis hadhooftuu fidee dhufe sana yeroo ija abbaa isaatti dibu Xoobiit ijji isaa banamee ilaaluu jalqabe. Yeroo kana irraa jalqabee nama fakkaatee isaan wajjiin deemaa kan ture sun, “Ani kadhannaa namootaa gara samiitti kanan ol Baasu Ergamaa Rufaa’eli dha” jedhee yeroo isaanitti dubbatu hundi isaanii gara lafaatti kufanii isaaf sagadan. Kunis wanta haaraa osoo hin taane akkuma abboonni keenya kanneen akka Iyyaasuu Ergamootaaf sagaduu isaanii kan mirkaneessu dha. Iyya 5:14

 “Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2 jedhamee akka barreeffamee Xoobiyaanis Ergamaa Ruufa’eel ergamaa Waaqayyoo ta’uu isaa osoo hin beekin isa simatee isa waliin akka Ergamichi ajajetti deemuun, waan Ergamichi ajajes fudhachuu isaatin eebbifamee jira. “Ergamaan Waaqayyoo naannawa warreen isa sodaatanii ni qubata, isaanis ni oolcha” Faar. 33/34:7, jedhamee akkuma barraa’e ergammoonni Waaqayyoo yeroo gidiraa keenyaa nu gargaaruudhaaf Waaqayyo biraa ni ergamu, labooba ibiddaa keessaa nu baasu, hammeenyaa fi gidiraa biyya lafaa kana irraa nu baraaru.

       ►Galanni Waaqayyoof

       ►Deessuu haadha isaatiif

       ►Ulfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta’u.

Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen

Manni Kiristaanaa miidhama Ortodoksoota irra gahe ibsa isheetin:

“Ortodoksummaa isaanii qofaan haala suukaneessaa ta’een gajaraadhaan ni qalaman, qoncooradhaan ni muraman, meeshaa qara qabuu fi albeedhaan ni waraanaman, meencadhaan ni kukkutaman, uleedhaan rukutamanii dhagaadhaan tumamanii du’an, reeffi isaanii karaa irra harkifamuudhaan gidirfamaa oole, qaamni isaanii kan guyyoota hedduuf iddoo adda addaatti kufee tures garaa bineensotaatiif qallaba ta’e, dubartoonni ijoollee isaanii, abbaa isaanii fi abbaa warraa isaanii fuulduraatti ni gudeedaman, manni, qabeenyi isaan waggoota hedduuf itti dadhaban qo’annaa fi eerumsaan addaa bahuudhaan erga saamameen booda kan hafe gaazii (boba’aa) irratti firfirfamuudhaan ibiddaan gubatee barbadaa’e, namoonni mana isaanii hoo’aa keessaa buqqa’anii dukkana gannaa mana awwaalaa fi galma dallaa Mana Amantaa keessatti argamu keessatti, dhaabilee mootummaa gara garaa, akkasumas mana namoota dhuunfaa keessatti dheessanii dabarsuudhaaf dirqamanii jiru, dhibbaa hawaasummaa fi xiin-sammuutiif saaxilamanii jiru.” jechuudhaan dhugaa jiru dhiyeessite.

Biyya seerri fi mootummaan jirutti kan raawwatamee fi mirga jiraachuu lammiilee balaaf akka saaxile, gurraan kan dhagahame qofa osoo hin taane bakka sana deemuun dhugaa mirkanaa’e dha. Dhugaan kana ta’ee osoo jiruu Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii naannichaatin ibsi kenname baay’ee gaddisiisaa fi miidhama gahe kan giddu gala hin godhanne ta’uu isaa argannee jirra. Waldaan Qulqullootaa hanga miidhamaa erga hubatee fi iddoo gara garaatti kan walitti qabamanii jiran beelaaf kan saaxilaman ta’uu isaanii erga hubateen booda, M/Barreessaa Muummicha Ministeeraaf, Qaamolee Nageenyaa fi mootummoota naannoleef, deeggarsa nyaataa ariifachiisaa gochuu, dabalataanis balaan biraa akka irra hin geenye xalayaawwan gaafatan barreessee ture.  Waldaan Qulqullootaa kana kan taasiseef; tibba sana nyaata guyya illee dhiyyeessuuf qaamolee mootummaa caalatti filannoon akka jirre waan hubateefi dha. Ta’us, mootummaan gaaffilee dhiyaateef keessaa tokkof illee deebii kennuu dhiisuun isaa nu dinqisiisee jira. Yeroo dhiyootti baay’ee erga barfateen booda, tokko tokko qe’ee isaanii gadi dhiisanii iddoo gara garaatti erga godaanani booda, Jilli mootummaa naannichaatin durfamu gara iddoo miidhaan gaheetti imaluu isaanii miidiyaalee Sub-qunnamtii irraa hubannee jirra. Hanga fedhellee yoo barfate mootummaan rakkoo isaanii dhagahuuf, caalattiyyuu deebisee dhaabuuf carraaqqii taasisu hanga dhumaatti kan deemu yoo ta’e ni ajaa’ibsifanna; ni deeggarras.

Ta’us bulchiinsa olaanaa Mana Kiristaanaa keenyaa kan ta’e, Teessoo Paatiraarikii Manni Barreessaa Mana Lubummaa Waliigalaa ibsa dhiyeenya kenneef deebiin Biroon Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa kenne rakkinicha hubachuun furmata bu’uuraa fi walitti fufiinsa qabu kennuuf kutannoon qabu nu yaachisee jira. Sababni kanaas caasaan bulchiinsa gara gadii jiru kan raawwatu waan caasaa olii irraa ilaaluu fi dhaga’u ta’uu isaa ti. Aangawoonni (abbootiin tayitaa) mootummaa olaanaan waa’ee lammiilee miidhamanii ibsa tokkoyyuu kennuu dhiisuun isaanii, hirmaattoota gadda isaanii ta’uu dhiisuun isaanii wanti agarsiisu akkuma jirutti ta’ee, qaama aangoo irra jiruun ibsi akkasii kennamuun isaa, ammas caasaan mootummaa hubannoon inni qabu fi furmaatni inni kennu sadarkaan isaa laafa ta’uusaa agarsiistuu ta’ee fudhatamuu danda’a. Gochaan dhugaa aguuguu kun immoo waan gara fuulduraatti dhufuuf akka hin raawwanneef kutannoon hojjachuu irratti yaaddoo nurra bulchee jira. Gidiraa uummata irra gahu dhaabuu fi miidhaawwan uummata Kiristaanaa irra gahaa jiru oolchuuf, mootummaan xiyyeeffannoon akka hojjatu irra deebidhaan gaaffii keenya dhiyeessuuf dirqamnee jirra.

Guddinaa fi bal’ina rakkinichaa, akkasumaas kan qo’atamee fi kan qindaa’e ta’uu waggoota lamaan darban keessatti Kiristaanota irra, keessayyuu Naannoo Oromiyaa keessatti rakkinni fi gidiraan gahaa jiru yeroo kamiyyuu caalaa kan dabalaa dhufe dha. Miidhaan kun bifa dachaa qabaachuu danda’us Kiristaanota irratti kan xiyyeeffatee fi duula kiristaanummaa naannicha keessaa balleessuu ta’uu isaa garuu adeemsa seenichaa fi miidhama geessisuuf haalota yeroo isaan filatan irraa hubachuun ni danda’ama.

Itiyoophiyaatti waggoottan soddomman darban keessatti Kiristaanotni gidiraa fi ajjeechaawwan gurguddaa darban yeroo qorannu jijjirama sirna mootummaa bu’uura kan godhatan ta’uu isaanii hubannee jirra. Jijjirama mootummaa fi seenessa siyaasaa haaraa bara 1983 bu’uureeffachuun bara 1983 fi 1984 Harargee fi Arsiitti Kiristaanonni baay’een haala baay’ee suukkanneessaa ta’een ajjeefamaniiru, qabeenya isaanii saamamaniiru, akka buqqa’anii fi godaanan taasifamaniiru.

Yeroo sanaa kaasee itti fufuun dhiibbaan garaa garaa filannoo bara 1997 sababa godhachuun immoo dhiibbaa siyaasaa biyyattii keessatti taasifame sababa taasifachuun bara 1998-1999 ammas Harar, Arsii, Alu Abbaa Booraa, fi Wallaggatti kiristaanota irratti ajjeechaa guddaan, buqqa’uun, barbadaa’insa qabeenyaa, akkasumas gubannaan Mana Kirisataanaa raawwatamee jira. Kanatti aansudhaanis, bara 2002-2003 ammas yeroo filannoo eeggachuun miidhawwan Kiristaanota irratti raawwatamanii jiru. Kana booda garuu hangi fi aguuggin balaa garaa garaa ta’us Kiristaanota irratti miidhaan sukkaanneessan adda hin cinne keessayyuu:- Harargee, Arsii fi Baaletti raawwatamaa turee jira.

Waggoota lamaan darbanitti kan gahe garuu, kan hanga ammaatti raawwatame hundaa irraa haalaa fi bal’ina iddootinis adda kan ta’ee fi sukkanneessa akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu. Miidhaa Adoolessa 28 bara 2010tti Mootummaa Naannoo Somaaletti raawwatamee eegalee, naannoo Oromiyaa garaa garaatti, iddoowwan Murtaawoo Naannoo Uummattoota Kibbaatti miidhaawwan baay’ee sukkanneessaa ta’an raawwataamaa turanii jiru.  Keessumayyuu bara darbe Adoolessa 11/2011 Godina sidaamaatti kan raawwatame fi goodina Silxeetti walitti fufiinsaan kan rawwatameen alatti miidhamni guddaan kan gahe Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti dha. Naannawaa Finfinnee Buraayyuu fi Laga Xaafotti kan raawwatamanii eegalee bara kana ji’a Onkololeessaa, Amajjii fi Waxabajjiitti kan rawwataman baay’ee gaddisisoo fi miidhaawwani bal’inaan raawwataman add durummaan ka’uu kan qabanii dha.

Walfakkaatiinsa amala miidhaawwanii ilaaluuf akka nu gargaaruuf, Waggoota 29’n darban miidhaawwan gahan yoo ilaallu:-

  1. Si’aayina siyaasa fi ce’iinsa aangoo biyyattii dahoo godhachuun isaanii agarsiisa tokko dha. Jijjirama mootummaa bara 1983 hanga filannoo bara 1997tti, filannoowwan sana booda turanii fi tasgabbii dhabiinsa muraasaa kaasee hanga ajjeechaa Artistii Haacaaluu sababa godhachuun raawwatameetti, ta’iiwan tokkoon tokkoon isaanii akka carraa gaaritti fayyadamuun Kiristaanota ajjeesuu, buqqisuu fi raawwiin suuta suutaa naannoo sanaa Kiristaanota balleessuu raawwatamaa ture. Kunis balaa sanaaf uuwwisa gahaa kennuuf of-eeggannon kan hojjatu, itti yaadee fi karoorse qaamni raawwatu jiraachuu isaa akeeka.
  2. Balaa hundaanuu Kiristaanotni qooqa hunda dubbatan saaxilamtoota miidhamichaa ta’anii jiru. Tasa itti makamanii yookan Kiristaanota balaa irraa bararuuf seenanii yoo ta’een alatti, balaawwan hundaan jechuun hanga nama dandeessisutti Islaamonni dubbattoota qooqa kamiyyuu ta’anii fi Itiyoophiyaanota Ortodoksin ala ta’an irra miidhamni kun hin geenye. Kanneen biroo miidhaan kan irra gahe sababoota lamaani dha. Tokkoffaa adeemsa ofirraa ittisuu keessatti yookan tarkaanfii mootummaan fudhatuun yoo ta’u, lammaaffan immoo balaa Kiristaanota irratti fudhameetti makamuun yookan immoo akka Shaashamannee fa’atti gamoo Kiristaanotaa yeroo guban Kireeffatanii keessa kan jiran hordoftoonni amantii Islaamaa yoo waliin jiraatan qofa dha. Kanaan alatti haala adda ta’een itti akeekamuun kan miidhaman nu hin mudanne. Kunis barootaf jaalalaa fi waldeggaruun kan waliin jiraatan Muslimotaa fi Kiristaanota kan bakka hin buune, Kiristaanota miidhuu galma godhatee kan socho’u humni mankaraasisaan qaamota lamaan walitti buusuuf yaalu jiraachuu isaa.
  3. Miidhawwan baay’eetti dubartoonni Kiristaanotni ni gudeedamu; miidhaawwan bara 1983-1984 fi naannawa jimmaatti immoo dirqisifamanii haadha mana namoota isaan gudeedani ta’anii kan hafanis jiru.
  4. Balaawwan iddoowwan tokko tokkotti muudataniif garee mankaraasisaa Islaamaa maqaadhaan caqafaman taajjabnee jirra. Fakkeenyaaf 1983/4 Arsiitti kan taasifame garee mankaraasisaa Islamaa Jaarraa jedhamuun miidhaan akka irra gahe Kiristaanootni yeroo gara garaatti caqasanii jiru.
  5. Naannoo baay’eetti namoonni balaa geessisan deeggartoota caasaa mootummaa irra jiran walitti hidhata waan  qabanii fi ofirraa ittisuuf qofa osoo hin taane caasicha Kiristaanota himachuu fi hidhuuf itti fayyadhamanii jiru.
  6. Mootummma Naannawa Oromiyaatti dhimmicha bifti sanyummaa kennamuufis, Kiristaanotni Oromoos bara 1983 eegalee miidhamtoota ta’uu isaanii hubachuu dandeenyee jirra. Ibsitoota balaawwan Onkololeessaa fi Waxabajjii/2012 gahanii:-
  7. Iddoowwan hundattiyyuu miidhaawwan Kiristaanota ciccimoo irratti xiyyeeffatani ta’uun saanii;
  8. Naannoowwan balaan Kiristaanota irra gahetti humnoonni nageenyaa mootummaa miidhaa sana ittisuuf yaalii tokkoyyuu gochuu dhiisuu isaanii;
  9. Qaamonni aangoo mootummaa irra jiran hirmaattota balaa sanaa ta’uun qabeenya mootummaa yakka sanaaf oolchuu isaanii;
  10. Naannoowwan baay’etti qaamoleen caasaa mootumma irra jiran deeggartoota balaa sanaa ta’uu;
  11. Balaan booda sababa barbaaduun Kiristaanota balaa irraa hafan himachuu fi hidhuu;
  12. Warren balaa sana of irra ittisanii fi kanneen biroo baraaruuf socho’an hidhaaf saaxilamuu;

Yeroo balaatti kan mul’atan miidhaawwan kunniin ta’e jedhamee itti karoorfamuu fi itti yaadamuun kan raawwataman yoo ta’an; erga balaan gahee booda immoo:-

  • Warren miidhaamaniif nyaata guyyaa illee caasaan mootummaa dhiyeessu dhabamuu;
  • Buqqaatoota deebisanii dhaabuuf carraaqqiin mootummaa quubsaa ta’uu dhabuu
  • Dhimmoota kana irratti mootummaan gadda isaa kan hin mul’isne, ibsoonni kennamanis haalicha daran kan jabeessanii fi Kiristaanotni miidhaman mootummaa irratti amantaa akka hir’isanii fi yaaddoo dabalataa kan itti uume, qaamolee gochaa kana hawaasa addunyaaf beeksisan saalfachiisuu yaaluun kun mootummaan miidhama kana waan  deeggaru fakkeessee jira.

Kanaafuu mootummaan rakkinichi ulfaataa fi yaaddessaa ta’uu isaa hubachuudhaan wabii lubbuu lammiilee eegsisuun itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba. Gaaffilee armaan gadiif deebii ariifachiisaa kennuun lammiilee gidiraa keessa jiraniif aantummaa isaa mirkaneessuun akka irra jiru hubachiisuu barbaanna.

Kanaafuu Mootummaan:-

  1. Hunda dursuun gocha kana ifatti abaaruu fi miidhamtoota bira dhaabbachuu;
  2. Qaamota balaan irra gahe hunda haala sirrii ta’een daawwachuun hojii jajjabeessuu, tasgabbeessuu fi hojiin abdii kennuu hojjatamuun lubbuu isaaniif wabii akka kennamuuf;
  3. Beela fi rakkina keessa kan jiraniif deeggarsa yeroo akka kennuuf;
  4. Balaa kana keessatti caasaan mootummaa hirmaataa waan ta’eef, qabeenya barbaadaa’ee fi lubbuu bade hundaaf hojiiwwan sirreeffamaa sirrii akka hojjatu;
  5. Qaamota badii kana keessa harka qaban hunda seeratti dhiyeessuun, kanneen biroof baruumsa kan ta’u  adabbii walsimataa fudhachuun haqa akka mirkaneessu;
  6. Qaamooleen mootummaa olaanoon qaamoolee miidhaman caalaa, qaamota balaa geessisanii fi itti gaafatummaa isaanii warra seeran hin baanef hojii abukaattoo dhaabachuu fakkaatu irra akka of qusatuu fi ibsa Kiristaanota miidhaan irra gahetti gadda dabaluu fi abdii kutachiisuu  irraa akka of qusattan isin hubachiisna.

Walumagalatti Waldaan Qulqullootaa itti-fufiinsa balaa kana irratti yaaddoo waan qabuuf; gama mootummaatin ejjannoo fi qophii cimaan jiraachuu akka qabu ni yaadichisa. Kana ta’uu isaatinis kanaan booda miidhaan dabalataa kamiyyuu akka hin geenye, mootummaan karaa sirriidhaan rakkinicha hubachuun hojiiwwan gaarii jalqabaman cimsuun, hojii deebisanii dhaabuu, eegumsaa fi wabii lubbuu kennuu cimsee akka hojjatu kabajaan gaafachaa, lammiilee keenya deebisanii dhaabus ta’ee, deeggarsa barbaachisu hunda kennuuf qophaa’aa ta’uu keenya ni ibsina.

Haa ta’u malee mootummaan akka kanaan duraatti rakkinicha maal na dhibdeedhaan kan bira darbu yoo ta’ee fi mirga lammiilee kabachiisuuf itti gaafatamummaa isa irra eegamu kan hin baane yoo ta’e, Kiristaanoota Ortodoksoota ta’e jedhee gidiraaf dabarsee akka kennee fi Ortodoksoonni hundi balaa of irraa ittisuuf filannoo biraa akka fayyadamnuuf mootummaan dhiibbaa akka godheetti amannee akka fudhannu kan nu taasisu ta’uu isin beeksiisuu jaalanna.

Gargaarsi Waaqayyoo nurra adda hin bahin!

Qaammee 2 Bara 2012 B.A.

Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa’een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen

“አማን አማን እብለክሙ ከመ ትበክዩ ወትላህዉ አንትሙ፤ ወዓለምሰ ይትፌሣሕ፤ ወአንትሙሰ ተኃዝኑ፤ ወኃዘንክሙ ፍሥሐ ይከውነክሙ” ዮሐ 16:20

“Dhugaa dhugaa isiniin jedha isin ni boossu, ni wawwaattus, biyyi lafaa garuu ni gammada, isinis ni gadditu, haa ta’u malee gaddi keessan gammachuutti ni geeddarama” Yoh 16:20

Haacaaluu Hundeessaa maqaan cuuphaa isaa Humna Gabri’eel kan ta’e waxabajjii 22 bara 2012 galgala finfinneetti ajjeefamuun isaa ni yaadatama, manni amantaa ajjeechaa tasaa mucaa ishee irratti raawwatame sanaan gaddi ulfaataan itti dhaga’amee jira, haa ta’uutii gadda ajjeechaa kanaan itti dhaga’ame akka baatuuf yeroon osoo isheedhaaf hin laatamin, gadduun ishee irraanfatamee akka diinaatti lakkaa’amtee naannoo Oromiyaa naannawa tokko tokkotti kiristaanota ijoollee ishee irratti dhiibbaa fi gidiraan isaan irratti raawwatamee jira.

Ortodoksummaa isaanii qofaan haala suukaneessaa ta’een gajaraadhaan ni qalaman, qoncooradhaan ni muraman, meeshaa qara qabuu fi albeedhaan ni waraanaman, meencadhaan ni kukkutaman, uleedhaan rukutamanii dhagaadhaan waraanamanii du’an, reeffi isaanii karaa irra harkifamuudhaan gidirfamaa oole, qaamni isaanii kan guyyoota hedduuf iddoo adda addaatti kufee tures garaa bineensotaatiif qallaba ta’e, dubartoonni ijoollee isaanii, abbaa isaanii fi abbaa warraa isaanii fuulduraatti ni gudeedaman, manni, qabeenyi isaan waggoota hedduuf itti dadhaban qo’annaa fi eerumsaan addaa bahuudhaan erga saamameen booda kan hafe gaazii (boba’aa) irratti firfirfamuudhaan ibiddaan gubatee barbadaa’e, namoonni mana isaanii hoo’aa keessaa buqqa’anii dukkana gannaa mana awwaalaa fi galma dallaa Mana Amantaa keessatti argamu keessatti, dhaabilee mootummaa gara garaa, akkasumas mana namoota dhuunfaa keessatti dheessanii dabarsuudhaaf dirqamanii jiru, dhibbaa hawaasummaa fi xiin sammuutiif saaxilamanii jiru.

Manni amantaa miidhaa kana akkuma dhageesseen waxabajjii 24 bara 2012 sinodoosii dhaabbataadhaan ibsa gaddaa baaftee jirti, biyya keessaa biyya alaatti gaddaa fi kadhannaadhaan gara Waaqayyootti iyyachuudhaan turte, qaamonni mootummaa kanneen dhimmi ilaallatus warreen badii raawwatan hin obsinu, haqa barbaachisaa ta’e ni kennina, namoota miidhamaniif beenya ni laanna jedhanii waadaa galan raawwachuu isaanii obsaan eegdee turte, ta’us qaamoleen kunneen lammiilee dursanii miidhaa irraa ittisuu fi eeguu, haqa labsuu, namoota miidhaman haala sirriitiin beenyaa laachuuf itti gafatamummaa isaanii yeroodhaanii fi gahumsaan yommuu isaan bahan manni amantaa hin argine.

Dhimmicha irratti kan mari’ate sinoodoosii dhabbataanis koree guddaa iddoo sanatti qaamaan argamee miidhaa qaqqabe qoratu mana barreessaa mana lubummaa waliigalaatiin akka dhaabbatu qajeelcha kennee jira, bu’uura kanaanis koreen guddaan kun namoota miidhaman yerootti gargaaruu fi walitti fufiinsaan deebisanii dhaabudhaaf kan isa dandeessisu koree xixxiqqoo gara garaa gurmeessudhaan gara hojiitti galee jira.

Sagantaa koreen guddaan kuni baaseen hojii jalqabaa kan taasise naannolee dhiibaan irratti raawwatame tokko tokkoon adda baasudhaan adeemsa miidhamtoota jajjabeessuu fi ragaa funaanuu ture, Eebbifamtoonni Hangafoota Phaaphaasotaa, jaarsonni biyyaa, waldaaleen afuurawoo fi  miidiyaalee qunnamtii hedduu dabalatee Jilli (ልኡካን) 260 kan keessatti hirmaatan deemsi kun naannolee miidhaaa cimaan irra gahe keessaa aanaalee 25 kan of keessaa qabu kutaa lallabaa 6 keessatti argaman kan haguugeedha.

Namoonni ijoon koree guddaa kanaa warreen miidhaman haasofsiisudhaanii fi naannolee miidhaan irra gahe daaw’achuudhaan gabaasa isaan dhiyeessaniin ajjeechaa mucaa keenya Humna Gabri’eeliitti fufuudhaan naannoo oromiyaa iddoo gara garaatti namoonni caasaa mootummaa dawoo taasifatan kanneen amantii fi saba biraa balaaleffatan humna duraan dursee gurmaa’e waliin ta’uudhaan miidhaa tooftaa fi gocha bineensummaa kan ummata Ortodoksii irratti xiyeeffate akka ta’e mirkanaa’eera.

Miidhaa waxabajjii 22 halkan irraa jalqabee hanga waxabajjii 24 bara 2012 guyyoota walitti aanan sadi’iif taasifameen namoonni 67 ol ta’an haala suukaneessaa fi jibbisiisaa ta’een ajjeefamanii jiru, namoonni 38 miidhaa cimaan yommuu irra gahu namoonni 29 immoo miidhaan qaamaa salphaan irra gahee jira, namoonni 7000 ol iddoo jireenya isaanii irraa buqqa’uu bira darbee miidhaa xiinsammuu sadarkaa gara garaatiin ibsamuuf saaxilamanii jiru, qabeenya isaanii qarshii biiliyoona 5 olitti tilmaamamus saamichaa fi gubaatidhaan dhabuu isaaniis gabaasa sadarka duraa koree guddichaa kana irraa hubachuun danda’amee jira.

Koreen guddaan hammeenya miidhaa kanaa hubate kun miidhamtoota saffisaan iddoo jiranitti gargaaruu fi walitti fufiinsaan dhaabudhaaf akka danda’amuuf gurmii isaa haala haara ta’een cimsuudhaan ergama isaa yeroo dhiyootti raawwachuudhaaf tooftaa baafatee socho’aa jira, hanga miidhama kanaas tilmaama nama tokkootiin adda baasudhaaf kan hojjechaa jiru yommuu ta’u, bu’uuruma kanaan gargaarsi namoota miidhamanii fi maatii isaanitiif akka gahuuf, walitti fufiinsaan deebisee dhaabudhaaf haala ni mijeessa. 

Koreen guddichi bu’uura ragaa qo’annoo miidhamaatiin gargaarsa yeroo geessuu fi deebisee dhaabuu irra darbee mootummaan hojiin saffisaan raawwachuu qabu ni jira jedhee yaada, isaanis:-

  1. Namoonni miidhaman miidhaa tooftaa qabeessaa fi jibbisiisa isaan irra gaheen sodaa nageenyaa guddaa keessa akka jiran gabaasaa fi ragaa dhiyaateen mirkaneeffannee jirra, yerootti haalli keessa jiran vaayirasii koronaa fi dhukkuboota daddarboo birootiif kan isaan saaxilu akka ta’e taajjabuudhaaf danda’amee jira, kanaaf mootummaan naannoo oromiyaa fi mootummaan federaalaa Ortodoksoota Itiyoophiyaa mirga lubbuudhaan jiraachuu fi qabeenya horachuu, mirga namummaa fi mirga lammummaa kabachiisudhaan wabii nageenyaa fi jireenyaa akka isaaniif mirkneessuuf manni amantaa cimsitee akeekkachiifti.
  2. Mootummaan humnoota miidhaa karoorsan, kan raawwatanii fi kan deeggaran akkasumas itti gaafatamummaa isaanitti laatame dhiisanii dhiibbaa kana cal’isanii kan ilaalan, aanga’oota caasaa keessa jiranii fi qaamota nageenyaa hojii badiinsaa raawwatan too’annaa jala oolchudhaanii fi seeraan itti gaafatamtoota taasisuudhaan hanga dhumaatti haqa akka mirkaneessu ni hubachiifti, haala kanaanis miidhamaan boodas yoo ta’e yaalii mootummaan seera kabachiisudhaaf  taasisaa jiru kana manni amantaa itti dhiyeenyaan kan hordoftuu fi kan dinqisiifattuudhas, bu’a qabeessuummaa isaatiifis gargaarsa isheerraa eeggamu kamiiyyuu raawwachuudhaaf kan qophoofte ta’uu ishees ni ibsiti.
  3. Haala nama gaddisiisuun gidiraa fi miidhaan kan isaan irratti raawwatame ta’ee osoo jiru namoota qulqulluu miidhaa kana keessaa harka hin qabne,ortodoksummaa isaanii qofaan hidhamanii gidirfamaa waan jiraaniif dhimmi isaanii of eeggannoodhaan ilaalamee hidhaa keessaa akka hiikkaman ni akeekkachiifti
  4. Namoonni aangoo mootummaa irra jiranii fi paartileen siyaasaa tokko tokko miidhaa haala malee kan wareegamtoota miidhaman irratti taasifame kana bu’aa garee fi siyaasaatiif fayyadamuudhaan gadda keenyatti qoosuurraa akka of qusatan, mootummaan hordoffii barbaachisaa gochuudhaan akka tasgabeessu manni amantaa cimsitee ni yaadachiifti.
  5. Ji’a Waxabajjii miidhaa gaheen duras ta’ee booda, naannoo oromiyaa fi naannolee birootti iddoowwan tokko tokkotti Mana Kiristaanaa fi amantoota irra deddeebi’ee kan gahaa ture bifa qindaa’een dhiibbaan ifa ta’e gahaa ture, miidhaan gahaa ture bifaa fi baay’inaan dabalaa dhufee jira. Mootummaan naannoolee baay’een fedha gaarii mariidhaf agarsiisaniin dhiibbaa fi miidhaa hanga danda’ame daangessuuf yaalamullee keessaayyuu bulchiinsi mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo ammaa garuu waamicha rakkoo waliin ta’anii furuuf dhiyaateef turuu isaatii fi fudhachuu dhiisuu isaatiin Mana Kiristaanaa keenya gaddisiiseera. Naannichattis kutaawwan lallabaa muraasatti, Qulqulluu Sinoodoosin kan daangeesse gareen seeraan alaa, mirga seeraan Mana Kiristaanaatiif  kenname sarbuu irraa eegalee caaseeffama bulchiinsa ishee hanga diiguutti ija jabaatanii, mootummaan naannichaa gaaffilee Mana Kiristaanaaf deebii ariifachiisaa kennuu dhiisuu isaatiin maal na dhibdee agarsiisun akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu. Kana ta’uu isaatiin rakkoo kaleessaa yaaluuf, caalattiyyuu boru haala sodaachisaa ta’een kan dhufu hanbisuuf, waliin hojjachuun alatti furmaatni biraa hin jiru jennee amanna. Kanaafuu mootummaan naannichaa gaaffii keenya fudhatee nu waliin hojjachuuf qophaa’aa akka ta’u Manni Kiristaanaa ni akeekkachisti (hubachiisti).
  6. Seensa bara 2012 guyyaa tokkotti miidhaa lammiilee fi amantoonni 97 ji’a onkololeessa keessa, akkasumas ji’a amajjiitti sirna kabaja ayyaana Cuuphaatti ajjeechaa fi saamicha raawwatameen eegalee, naannoowwan biyya keenyaa gara garaatti Mana Kiristaanaa fi amantoota irra gidiraa fi yakkawwaan gahaa jiran mootummaan qulqulleessee murteef akka dhiyeessu, firii isaas ifatti uummataaf akka beeksisu Manni Kiristaanaa cimsitee ni beeksisti.
  7. Qulqulleettin Manni Kiristaanaa nageenya biyyaa fi uummaaataaf argamsiisteen, aadaa qulqullaa’aa ijaartee fi qannoowwan bifa gaarii dhaalchisteen Itiyoophiyaanota hunda biratti kabajamuu fi jaalatamuu kan qabdudha. Kennaa ishee guutuu irraa lammiin Itiyoophiyaa hin qooddannee ni jira jedhamee kan hin tilmaamne ta’uu isaatin, haadhaa fi oolmaa hundaati jennee amanna. Ta’us waggoota dhiyoodhaa asitti miidhaawwan Mana Kiristaanaa keenya irratti deddeebi’ee ga’aa jiru, deddeebi’ee kan dubbatamu “yeroo ce’uumsaa kan mudatan” jedhamanii kan bira darbaman osoo hin taane, ilaalchaa fi seenessa dogoggoraatii fi ilaalchaawwan siyaasaa bu’uura godhachuudhaan bifa qindaa’ee fi gurmaa’een kan raawwataman sosochiiwwan Ortodoksoota qulqulleessuu akka ta’ee yeroo yerootti ifa ta’aa dhufuu isaatin Manni Kiristaanaa hubattee jirti, yeroo dhiyootti osoo hin sirreeffamin yoo itti fufe raawwii hamaan akka dhufus Manni Kiristaanaa ni hubachiisti. Kanaafuu mootummaan federaalaa fi naannoo, ilaalcha dogoggoraa fi seenessa sobaa bu’uureffachuun ta’e jedhamee kan raawwatamu Ortodoksoota gidirsuu fi dadhabsiisuu miidhaa amantaa irratti xiyyeeffate dursee akka ittisuu fi haqa mirkaneessuu, miidhamtoota sirnaan kaasuu fi deebisanii dhaabuun dirqama heera mootummaa akka ba’u cimsitee akeekkachisti.

Kabajamtoota miidhamtoota amantoota ijoollee afuurawoo keenya;

Miidhaan kan isin irra gahee fi yeroo ammaa kanatti galma Mana Kiristaanaa fi mana jireenyaa mana nama dhuunfaa jalatti walitti qabamtanii akka jirtan ni beekkama. Kun waa’ee amantaa keessan ishee qajeeltuuf jettanii gidiraan fudhattan galmee Wareegamtoota Mana Kiristaanaa keenyaa irratti qalama warqiin barreeffamee kan jiraatuudha. Hamoota fuulduratti maa’itaba kiristaanummaa keessaniif amanamtanii jabina agarsiistanii fi aarsaa kanfaltaniin birmaadummaa fi tokkummaa biyya keessanii oolchitanii jirtu, birmadummaa Mana Kiristaanummaa keessaniif raggaasistanii jirtu. Kunis dhalootaaf fakkeenya ta’ee dubbatamaa kan jiraatu ta’uu isaatiin Manni Kiristaanaa isaanitti boontee jirti. Gara fuulduraattis Itiyoophiyaanonni hundii fi Ortodoksoonni hundi waan isin barbaachisu hundaan isin waliin dhaabbatu, qofaa keessan akka hin jirre Manni Kiraastaanaa isiniif mirkaneessiti. Gidiraa har’a isin irra gaheen hammeenya kan isin irraan gahan har’aaf haa gammadanis yeroodhaa yerootti haqa seeraan uffattanii imimmaan keessan akka qooruu fi gaddi keessan gammachuutti akka jijjiramu manni kiristaanaa ni amanti.

Jaalatamtoota Itiyoophiyaanota biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan;

Yeroo miidhaan hammeenyaa fi jibbisiisaan itti raawwatee eegalee, barsiisaa fi aadaa waliin jireenya Itiyoophiyaanota duriitin wal gargaruun, ulfaatina jireenyaa dhibeen yaaddessaan addunyaa koronaa Vaayirasii isin irraan gahee fi fageenyi osoo isin hin daangessin warreen miidhaan irra gahe oolchuu fi deebisanii dhaabuuf kan taasistanii fi deggarsa garaa garaa taasisaa jirtan Manni Kiristaanaa keenya addatti ilaalti, garaa garummaan gosaa fi amantii osoo isin hin daangessin hanga du’aatti gahuun deeggarsa namummaa fi Itioophiyummaa taasistaniif

Waaqayyo Gooftaan gatii keessan isiniif haa kanfaluuf Manni Kiristaanaa isiniif kadhatti.

Karaa biraatin afuura waliin ta’uutiin, miidhaan Ortodoksoota irra gahe isinitti dhagahamee, miidhaa kana abaaruun miiltoo keenya ta’uu keessan ibsaa fi deegarsa garaa garaatin kan agarsiistan Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Addunyaa, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa galata isiniif dhiyeessiti

Ammas Teessoo Paatiriyaarikii Mana Lubummaa Waliigalaatti Koree guddaan akeeka kennuun miidhamtoota gargaaruu fi walitti fufinsaan deebisanii dhaabuuf sosochii taasisaa jiru, maallaqaan, meeshaalee fi ogummaadhaan akka gargaartan, akka barbaachisummaa isaatti yaamicha itti fufiinsaan taasisuuf deebiii si’aata taasisuuf akka qophooftan ergaa abbumaa keenya ni dabrsina, kanumaan wal qabatee namoonni biyya keessaa fi biyya alaa jirraattan gargaarsaa fi deeggarsa gochuu kan qabdan sinoodoosii dhaabbatadhaan kan hundaa’e lakkoofsa herreega baankii qaamni funaansa gargaarsaa bane qofaan akka ta’e ni yaadachiifna.

Waaqayyo biyya keenyaa fi addunyaadhaaf nageenya, uummata keenyaaf tokkummaa, ijoollee keenya kan hamminaan ajjeefaman boqonnaa lubbuu fi Mana Amantaa keenyaaf jajjabina akka nuuf kennu ni kadhanna.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u

Waajjira Waliigalaa Teessoo Paatiriyaarikii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo

Lakkoofsa herrega baankii koreen guddaan bane

Kiristaanota sababa Ortodoksummaa isaaniitiin hamminaan buqqa’an gargaaruu fi deebisanii dhaabuuf

  1. Baankii daldala Itiyoophiyaa:lakkoofsa gabaa 8080
  2. Baankii hojii gamtaa (Hibret Bank):1601811299653018
  3. Baankii Wagaagan:0837771210101
  4. Baankii buna internaashinaalii:3359601000003
  5. Baankii Abbaay:1462113492917017