Nu argadhaa!
Barreeffamoota haaraa
- “Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12
- “Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14
- “ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2
- Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne
- Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa’een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname
- Yeroo lama kan koo taate
- “Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8
- Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
- Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed
- “Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2
Hojii kee hojjadhu! (Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos)
Tokkoon tokkoo namaaf Waaqayyo hojii kenneera. Hojii sana hojjachuun immoo gahee abbaa ti. Odoo danda’e, hojii isaa sana gufachiisuun immoo hojii diyaabiloosii dha. Dhugaan jiru, akkuma Waaqayyo hojii kana siif kenneen, seexanni immoo si gufachiisuuf yaala. Waan gar-malee namatti miidhagu sii fiduuf carraaqa. Abdiiwwan fooniitiin si sossobuu danda’a. lolaa hamii gar-malee dhangalaasa. Barreessitootni akka si gaafataniif, namootni bebbeekamoos hammeenyaan akka sirratti dubbatan ittiin fayyadama. Philaaxoos, Heeroodsi, Hannaa, Qayyaafaa fi k.k.f. hundumtuu sirratti ijaaramu. Ati garuu, murtii cimaan inaaffaa Afuurawaa hin worraaqneen dhumarrattis; “Akkan hojjadhuuf hojii naaf kennite xummure. Amantaa koos eege.” jechuuf hanga dandeessutti kaayyoo jireenya kee fi galma uummamteef sana duuka bu’i.
Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos 2ffaa
Duree Phaaphaasota Shawaa 1932-1982 B.A