Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Seenaan akka hin Komatamneef Tajaajila Afuurawaaf haa tattaaffannu!

in Uncategorized

Haati keenya Manni Kiristaanaa baroota darban keessatti tajaajiltoota tajaajila Afuurawaaf tattaaffatan baay’ee horteetti. Hundumtuu galmi isaanii Mootummaa Waaqayyoo dha. Baroota tajaajilli gaarii itti raawwatamaa turan keessatti maqaan isaanii odoo hin tuqamin darbeetu hin beeku. Bara gidiraan adda addaa itti baay’atetti Ishiirraa fagaatanii yeroo qananii eeganii Ishii cinaa dhaabbachuudhaan Ishee tajaajilaa waan hin turreef fi bara Ishiirraa osoo hin fagaatin amanamummaan Ishii tajaajilaa waan turanii amanamtoota koo jechaa bara baraan isaan kabajaa jiraatti. Nutis har’a fakkeenya gaarii isaan godhannee seenaa Qab-suura Qulqulloota  Qulqulloota gara garaa kitaabolee Mana Kiristaanaa  Irraa baranna; yaadannoo isaaniis ni taasisna. Erga Waaqayyo hirmaattota sugaa fi eebbisa isaanii nu taasisee, nutis kennaa Qulqulluu kanaan dura nuu kennamee fi nuuf kennamuuf ta’u fudhachuuf tajaajila keenya tattaaffii walirraa hin cinneen akka Aarsaa Qulqulluutti Waqayyoof dhiheessuu qabna.

Hojii keenya isa gaarii ilaalanii Waaqa keenya Isa sammiirraa akka galateeffataniif, ifni keenya fuul dura addunyaa maratti ifuu qaba. (Maat. 5:16). Mana ishii siimboo qabdu kana keessa osoo yeroo jiraannu homtuu nurraa hin hir’anne, hin hir’atus. Kanaaf, gahee tajaajila Afuurawaa nurraa eegamu bahuu dhabuu keenyaan komatamuu ishiif sababa ta’uu hin qabnu. Kun ta’uu baannaan garuu, yeroo Manni Kiristaanaa keenya qoramtu akkuma warroota qarqararra dhaabbatanii taajjabanii ta’uun keenya hin hafu.

Namoonni bay’een addunyaa cubbuurraa gara Mana Waaqayyootti yommuu dhufan, nuti ijoolleen Mana Kiristaanaa garuu, gara alaa baa’uun dukkana, innis  bakka ilkaan qaruun fi boo’ichi itti baay’atutti  akka hin darbamneef, amanuuf qofa kan waamamne ta’uu keenya beeknee, gidiraas, godaansaas, dadhabbiis, qullaatti hafuus, beelaas, dheebuus dandamannee fi obsinee aantummaa Tajaajila Afuurawaaf qabnu mirkaneessuu qabna (Maat. 8:12/ Filiph. 1:29.)

Amantaa keenya irrattis ta’e Tajaajila keenyarratti hanqina akka hin qabaanneef gochawwan Mana Kiristaanaa keessaa nubaasan irraa of qusachuu qabna. Gochawwan tajaajila Afuurawaa keenya nuharkaa fashaleessan kan akka addunyaaa fooniin fudhatamuu komattummaa, mormattummaa, jaalattuu walitti bu’iinsaa ta’uu, hinaaffaa (keessattuu, jireenya fedhii fooniif mijataa ta’etti hinaafuu), ijaarroo, walqooduu, hammeenya walirratti yaaduu fi k.k.f. irraa fagaachuu qabna yoo ta’e yeroon isaa amma (Gal. 5:19-21/ Isaay. 28:22)

Kanaaf, seenaan gaafatamuurraa warreen fagaachuu qaban abboota qafa miti. Hordoftoonni Amantaa, barattoonni Sambataa, barattoonni Yaa’ii Mooraa, tajaajiltoonni Mana Kiristaanaa, walumaa galatti, hundi keenya haalaan tajaajiluutu nurraa eegama. Tajaajilli Amantaa keenya eeguu fi eegsisuu akkasumas Sirna Mana Kiristaanaa kabajuu fi soomaan, kadhannaan cimuun, Amantaa keenya eeguu fi eegsisuun ta’uu akka qabu jechaa kutaan qophii barruu kanaa ergaa isaa dabarsa.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-05-12 08:23:422019-05-12 08:27:59Seenaan akka hin Komatamneef Tajaajila Afuurawaaf haa tattaaffannu!
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: JAALALA ONNEERRATTI CHAAPPEEFFAME Link to: JAALALA ONNEERRATTI CHAAPPEEFFAME JAALALA ONNEERRATTI CHAAPPEEFFAME Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32) Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32) “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera”...
Scroll to top