Seenaan akka hin Komatamneef Tajaajila Afuurawaaf haa tattaaffannu!

Haati keenya Manni Kiristaanaa baroota darban keessatti tajaajiltoota tajaajila Afuurawaaf tattaaffatan baay’ee horteetti. Hundumtuu galmi isaanii Mootummaa Waaqayyoo dha. Baroota tajaajilli gaarii itti raawwatamaa turan keessatti maqaan isaanii odoo hin tuqamin darbeetu hin beeku. Bara gidiraan adda addaa itti baay’atetti Ishiirraa fagaatanii yeroo qananii eeganii Ishii cinaa dhaabbachuudhaan Ishee tajaajilaa waan hin turreef fi bara Ishiirraa osoo hin fagaatin amanamummaan Ishii tajaajilaa waan turanii amanamtoota koo jechaa bara baraan isaan kabajaa jiraatti. Nutis har’a fakkeenya gaarii isaan godhannee seenaa Qab-suura Qulqulloota  Qulqulloota gara garaa kitaabolee Mana Kiristaanaa  Irraa baranna; yaadannoo isaaniis ni taasisna. Erga Waaqayyo hirmaattota sugaa fi eebbisa isaanii nu taasisee, nutis kennaa Qulqulluu kanaan dura nuu kennamee fi nuuf kennamuuf ta’u fudhachuuf tajaajila keenya tattaaffii walirraa hin cinneen akka Aarsaa Qulqulluutti Waqayyoof dhiheessuu qabna.

Hojii keenya isa gaarii ilaalanii Waaqa keenya Isa sammiirraa akka galateeffataniif, ifni keenya fuul dura addunyaa maratti ifuu qaba. (Maat. 5:16). Mana ishii siimboo qabdu kana keessa osoo yeroo jiraannu homtuu nurraa hin hir’anne, hin hir’atus. Kanaaf, gahee tajaajila Afuurawaa nurraa eegamu bahuu dhabuu keenyaan komatamuu ishiif sababa ta’uu hin qabnu. Kun ta’uu baannaan garuu, yeroo Manni Kiristaanaa keenya qoramtu akkuma warroota qarqararra dhaabbatanii taajjabanii ta’uun keenya hin hafu.

Namoonni bay’een addunyaa cubbuurraa gara Mana Waaqayyootti yommuu dhufan, nuti ijoolleen Mana Kiristaanaa garuu, gara alaa baa’uun dukkana, innis  bakka ilkaan qaruun fi boo’ichi itti baay’atutti  akka hin darbamneef, amanuuf qofa kan waamamne ta’uu keenya beeknee, gidiraas, godaansaas, dadhabbiis, qullaatti hafuus, beelaas, dheebuus dandamannee fi obsinee aantummaa Tajaajila Afuurawaaf qabnu mirkaneessuu qabna (Maat. 8:12/ Filiph. 1:29.)

Amantaa keenya irrattis ta’e Tajaajila keenyarratti hanqina akka hin qabaanneef gochawwan Mana Kiristaanaa keessaa nubaasan irraa of qusachuu qabna. Gochawwan tajaajila Afuurawaa keenya nuharkaa fashaleessan kan akka addunyaaa fooniin fudhatamuu komattummaa, mormattummaa, jaalattuu walitti bu’iinsaa ta’uu, hinaaffaa (keessattuu, jireenya fedhii fooniif mijataa ta’etti hinaafuu), ijaarroo, walqooduu, hammeenya walirratti yaaduu fi k.k.f. irraa fagaachuu qabna yoo ta’e yeroon isaa amma (Gal. 5:19-21/ Isaay. 28:22)

Kanaaf, seenaan gaafatamuurraa warreen fagaachuu qaban abboota qafa miti. Hordoftoonni Amantaa, barattoonni Sambataa, barattoonni Yaa’ii Mooraa, tajaajiltoonni Mana Kiristaanaa, walumaa galatti, hundi keenya haalaan tajaajiluutu nurraa eegama. Tajaajilli Amantaa keenya eeguu fi eegsisuu akkasumas Sirna Mana Kiristaanaa kabajuu fi soomaan, kadhannaan cimuun, Amantaa keenya eeguu fi eegsisuun ta’uu akka qabu jechaa kutaan qophii barruu kanaa ergaa isaa dabarsa.