Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Lubummaan Eenyuuf Mala?

in Icciitii mana kiristaanaa torban

Lubummaan eenyuuf mala? Kan jedhu, gaaffii bu’uurawaa kana kan deebisu dubbii ijoo “Lubummaan maali dha?” Kan jedhuu dha.  Namootaaf waa’een lubummaa yeroo hundaa gaaffii kan itti ta’u hubannoo bal’aa lubummaadhaa waan hin qabaanneefi dha. Lubummaan afaan gi’iizitiin (ተክህነ- tajaajile) jedhu irraa kan bahe yoo ta’u tajaajiluu, eegamuu, kan birootiif jiraachuu, eenyummaa ofii laachuu, guutuu jireenya Waaqayyoof bichisiisuu dha. Lubummaan yoo jiraate luboonni /lubootni/ ni jiraatu. Lubummaan tajaajila, dibata, luboonni /lubootni/ immoo tajaajiltoota, dibatamtoota dha.

‘Lubummaan eenyuufi?’ kan jedhu yemmuu ilaallu lubootni jalqabaa ergamoota Waaqayyoo dha. Akkasumas, tajaajiltoota jalqabaa kan Waaqayyoo fi kan namaati

“Teessichatti?  naanna’anii teessoo digdamii afur ni turan, isaanirras angafoota (luboota samii) digdamii afur ta’an ni turan. Uffata adaadii uffatanii, mataattis gonfoowwan warqee /sookoo/ kaawwatanii turan; gama hundumaan ijaan kan guutamanii dha. Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Isa ture, Isa amma jiru, Isa dhufuufis jiru; hundumaa kan bittu Waaqayyo Gooftaa jechaa” guyyaaf halkan hin boqotan. Kunnis, baraa hamma baraatti lubbuun kan jiraatuf, Teessoo isaa irratti isa taa’eef, goonfoo isaanii Teessoo isaa duratti buusanii ni sagadu; akkasis jedhu: “Gooftaa keenyaaf Waaqayyo keenya Ati hundumaa uumteettaati, isaanis jaalala keetiin uumamaniiru. Jiraataniiruuti. Ulfinni fi galanni aangoonis Siif haa ta’u.” (Mul. Yoh. 4:4)

Kanaa olitti inni ilaalle kun lubummaa fi tajaajila lubummaaf bu’uura dha. “Guyyaas halkaniis hin boqotan” kan jedhu kun luboota mana kiristiyaanaa Ortodoksi Tawaahidoo ifatti mul’isa. Manni kiristiyaanaa “Qulqulluu, Qulqulluu Qulqulluu galatoonsaa samii fi lafa irratti kan guute dha.” kan jettu karaa lubummaa fi lubootaani. Lubootni ergamoota lafa irraa ti jechuu dha. Ergamootni akka galateeffatan isaanis ni galateeffattu, fuula Waaqayyoo duratti akkuma dhaabbatan ni dhaabbatu.

Tajaajilli lubummaa ergamootatti aansee kan laatame namaafi dha. Lubummaan namaaf laatame kun uumaa isaa akka galateeffatuuf qofa miti. Aarsaa dhiyeessuuf, ixaana aarsuuf, namas gargaaruuf kan laatame dha. “Lubummaan namaaf laatame” oggaa jennu, ‘namni hunduu luba dha’ jechuu miti. Gartuu dhala namaa keessaa lubummaaf kan filaman jiru. Dhalli namaa aangoo gurguddaa lama Waaqayyoo biraa fudhateera. Innis lubummaa fi mootummaa dha.

Lubummaan: kennaa hafuuraa, kan samii fi kan bara baraa nama sooru dha. Waaqayyoos ittiin ni tajaajilama. Mootummaan: namoota hundaa isa amanus isa hin amanneefis, kennaa lafarraa, kan foonii, isa darbu fi yeroo dhaaf isaaf ta’u soora. Lubummaan namootaaf laatameera yemmuu jennu namni hunduu ka’ee ‘An luba dha’ jechuu hin danda’u. Akkuma mootummaan namaaf laatameera jennee namni hunduu ka’ee ‘Ani mootii dha’ jechuu hin dandeenye hundaa. Mootummaan namaaf yoo laatame iyyuu mootii kan jedhamu isa dibame fi isa muudame malee namni hunduu ‘Ani mootii dha’ akka hin jenne hundaa, lubummaanis namaaf waan laatameef isa muudamee malee uummanni hunduu ani luba dha jechuu hin danda’u. kanaaf lubummaan namoota murtaa’aniif, kan filamaniif, kan kennamaniif qofa dha malee hundumaaf kan laatamu miti. Hunduu mootummaa yoo ta’e kan bitamu eenyu ta’a? eenyuu irrattis muudama? Hunduu luboota yoo ta’an eenyuun tajaajilu? Eenyuu irrattis muudamu? Kana jechuun kutaalee qaamaa akka balleessuuti.

Qaama keessatti: ija, harka, funyaan, miila, afaan… jiru. Hunduu kutaaleen qaamaa ija ta’uu ni danda’uu? Harki qaqqabuuf, miilli deemuuf, ijji arguuf, funyaan fuunfachuuf, afaan nyaachuufi dha. Harki, miilli, funyaan, afaan, gurri, ‘yoo argine malee’ jedhan, ‘Ija haa taanu’ jedhanii yoo yaadanis ykn ‘Ija dha’ yoo ofiin jedhanis, ija ta’uu (arguu) hin danda’an. Arguun hojii ijaa akka ta’ee hunduu namootni utuu luba hin ta’in ‘luba dha’ ofiin jechuun luba ta’uu hin danda’an; warri Waaqayyo isaan file malee.

Lubummaa Kakuu Moofaa Keessatti  

Waaqayyoon, Musee mootummaaf; Aarooni lubummaaf filateera. Hojiin ittiin files dinqisiisaa dha. Hunduu saba Israa’eelii dha. Israa’eel hunduu garuu mootota, bittoota, gaggeessitoota hin turre. Sanyii Leewii lubummaaf sanyii Yihudaa mootummaaf kan filame ture. “Sanyii Leewwii dhiyeessitii akka gargaaraniif fuula lubicha Aaroon duratti dhiyeessin” Seer. Lakk. 3:6

“Yeroo sanittis Taabota Waadaa kan Waaqayyoo akka baataniif, isas akka tajaajilaniif, fuuldura isaattis akka dhaabbataniif, maqaa Isaatiinis akka eebbisaniif, Waaqayyoon hanga har’atti sanyii Leewii adda baase.” (Kess. Dee. 10:8)

Sanyiin Leewii adda ba’an kun tajaajila lubummaa, aarsaa dhiyeessuu fi k.k.f hojjechaa turan. Sanyiin Israa’eel biroon immoo dunkaana baachuun tajaajila addaa kennu turan. Israa’eelota seera kana daddarban balaan isaan irratti bu’u cimaa ture.

“Atis obboleessa kee Aaroonin, isa waliinis ijoollota isaa ijoollota Israa’eel keessaati luboota akka naaf ta’aniif gara keetti dhiyeessi.” (See. Ba. 28:1)

“Kana hunda obboleessa kee Aaroonin, isa waliinis ijoollota isaa uffachiiftee lubummaadhaan akka tajaajilaniif ni dibdaan, ni muuddaan, ni qulqulleessitaanis.” (See. Ba. 28፥43)

Kanaa olitti akkuma ilaalle lubummaaf filamuun, adda ba’uun, dibamuun, muudamuun, ququlla’uun dirqama ni barbaachisa. Eenyumti lafaa ka’ee ‘An luba dha, ani raajaa dha’ jechuu hin danda’u. Aarsaa kan ta’u sabootni Israa’eel ni fidu; Aarooniif ijoolleen isaa aarsicha ni dhiyeessuun. Sabootni ofii isaaniitin dhiyeessuu hin danda’an. Hoolaa, Gugee, Bullaallaa, Sangaa ni fidu; lubootni harka isaanii irra kaa’uun ni kadhatu. Cubbuu fooniis ni dhibamsiisu. Sabootas ni barsiisu ni gorsu; sabootnis ni gorfamuu ni dheekkamamu. Malee caljedhanii lafaa ka’uun ‘Luba dha’ ofiin jechaa uummataaf luba ta’uun hin danda’amu. Muudamuun filamuun dirqama dha. Malee utuu hin muudamiin ‘Luba dha’ yoo ofiin jedhan balaan dhufu cimaa dha.

Sanyii Leewii irraa kan dhalatan Daattaanii fi Abeeroon irratti balaa  ga’e kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee jira. “Ijoollota Isiraa’eel keessaa namoota dhibba lamaaf shantamaa fudhatanii Muusee fi Aaroonii irratti walga’uun, tuutni hunduu tokkoon tokkoon isaanii qulqulloota dhaati; Waaqayyoos gidduu isaanii jiraati; isin garuu baay’ee baay’istaniittu yaa’ii Waaqayyoo irratti maaliif oftuultu?” Jedhan. Muuseen yeroo dhagahetti Qoree fi warra isaatiif jecha adda isaatin ni kufe, “Bor Waaqayyoon nama isaaf ta’u, qulqulluu warra ta’us ni beeksisa; nama filates gara isaatti ni dhiyeeffata. Akkasis godhaa qoree fi sanyiin kee hunduu qodaa ixaana ittiin aarsan fudhaati bor fuula Waaqayyoo duratti abidda itti godhaa, ixaanas itti dabalaa; akkasis ni ta’a; Namni Waaqayyoon is filatu qulqulluu ni ta’a. … Tokkoon tokkoonsaanii qodaa ixaana ittiin aarsan fudhatan. Abiddas itti godhatan. Ixaanas itti naqatan, Muusee fi Aaroon wajjiin dukkaana walargamsaa fuulduratti dhaabbatan. Waaqayyoos Muusee fi Aarooniif akkas jedhee itti dubbate “Hunda isaanii battalatti akkan balleessuf gumii (tuuta) kana gidduutii fagaadhaa.”  … Abiddiis Waaqayyoo biraa baatee warra ixaana aarsaa turan namoota dhibba lamaaf shantama nyaatte.” (See. Lak. 16:1-51)

Kan isaaniif hin laatamne fedhanii lubummaa utuu hin qabaatin ixaana aarsuuf galanii irbaata abiddaa ta’aniiru. Laftis banamtee liqimsiteettini. Lubbuun utuu jiran awwaalamaniiru. Lubummaaf kan filataman Aaroonii fi ijoolleen isaa garuu hin badne. Kana irraa akkuma argine lubummaaf filamuun, qulqullaa’uun, adda ba’uun, kennamuun ni barbaachisa. Kun utuu hin ta’in eenyumtuu ka’ee ‘luba dha, raajaa dha’ yoo ofiin jedhe balaan ijoollee Qoreerra gahe isarras ni gaha. Waaqayyo isa hin fille waan ta’eef. Ixaanni namoota kunniinii balaaf, Aarsan Saa’oolidhaas Mootummaa akka dhabuuf taasiseeraan. Saa’ool, Saamu’eel hamma dhufutti obsuu dadhabee aarsaa dhiyeessuu isaatiini dha kan mootummaan isaa harkaa fudhatame.

Lubuummaa Kakuu Haaraa Keessatti

Lubummaan biyya ergamootaatti fi kakuu moofaa keessatti maal akka fakkaatu ilaallerra.  Biyya ergamootatti aarsaan: galateeffachuu, faarsuu/leellisuu (ውዳሴ) fi ergama ofii raawwachuu dha.  Lubootnis ergamoota dha. Manni Qulqullaa’aansaas, biyya ergamootaa dha. Kakuu moofaatti immoo lubootni; leewoota ijoollota Aaroonii dha. Manni Qulqullaa’aansaas dunkaana itti wal ga’ani dha.  Aarsaan: Loon, Hoolaa, Re’ee, Gugee, bullaallaa fi gosa midhaaniiti. Kakuu haaraa keessatti lubummaa, aarsaa fi luboota yoo ilaalle adda kan ta’ani dha. Lubummaanii fi lubootni adda kan ta’an sababa aarsichi adda ta’uu isaatini. Aarsichi waltajjii qaraniiyoo irratti aduunyaaf foonsaa muree dhiigaa isaa dhangalaasee kan nuu laate Iyyasuus Kiristoosi dha. Isa dursinee ilaalle aarsaan ergaamootadhaa addunyaa fayyssuu hin dandeenye. Aarsaan leewotaas aarsaa isa namni cubbamaan tokko fide sana, lubni abaarsa irraa adda kan hin baanetu aarsicha dhiiyeessaan; innis dhiifatama foonii qofa laachisaa ture. Haalli aarsichi ittiin dhihaatus hanqina qaba ture. Dhiifatamni isaas nama fideef qofa ture. Aarsaan Kakuu Haaraa garuu kan dhugaa ti; hanqina kan hin qabne fi kan dhiyeesse Iyyasuus Kiristoos dha. Kan aarsaa ta’es Iyyasuus Kiristoos dha. Kan aarsaa fudhates Iyyasuus Kiristoos ofumasaa ta’uun lubbummaa sana gonkumayyuu dhugaa taasisa. Lubbummaasaa isa dhugaa kana, aarsaa isa dhugaa ta’e kana warra dhieessaniif lubootaaf kenne. Lubbummaasaa fi tajaajilasa kasoomiinaan agarsiisee barsiisee, lubootaaf lubummaas aarsichas laateefi deeme.

Kana irraan kan ka’e lubootni Kakuu Haaraa aarsaa Ergamootni hin dhiyeessine aarsaan lubootni Kakuu Moofaas hin dhiyeessine kana akka dhiyeessaanii fi tajaajilaan aangoo lubbummaa kan laatameef ta’uu isaatin lubbummaan ol’aanaa, iccintinsaas kan gadi fagoo ta’ee fi tajaajilli isaas kan adda ta’e ta’uu isaa hubachuun barbaachisaa dha.

“ዘኢተገብረ ለመላእክት ተገብረ ለካህናት; Ergamootaaf kan hin taane lubootaaf ta’e. ወኢተአምሩኑ ከመ መላእክተ ጥቀ ንኴንን ኅድጉሰ ዘዝ ዓለም። Murtii biyya lafaa kana dhiisaatii ergamoota irrattis akka murteessinu hin beektanii? (1 Qor 6፥3)

Lubummaan, luboota Kakuu Moofaa mudaa kan qabu fi aarsaan isaanis lubbuu dhiigaa (ደመ ነፍስ) waan ta’eef nama Waaqayyo waliin araarsuu hin dandeenye. Lubootni Kakuu Haaraa garuu erga dhaabni/gidaarri lolaa jige booda, mucummaan erga deebi’e booda, Kennaan erga argame booda, namni fi Waaqayyo erga walitti araaraman booda waan muudamaniif, lubummaan isaanii adda, aarsaan asaaniis adda, kabajni issanis adda kan ta’e dha. Lafarra jiraatu garuu aangoo samiirraa qabu. Kan muudamanis dhaala samiirraa lallabuuf, dhala namaas hoojii biyya lafaatii baasanii Kennaa samii laachisuun Mootummaa Waaqayyoo dhaalchisuufi dha. Waaqayyoon kan kana godhe ergaadhaan miti. Dhufee nama ta’ee seera tumee, agarsiisee, aangoo isaas laatee tajaajila isaas gaggeesseeti.

“ወአልቦ ዘይነስእ ለርእሱ ክብረ ዘእንበለ ዘጸውዖ እግዚአብሔር ዳእሙ በከመ አሮን፡፡ Ga’eera, beekeera ofiin jeedhee kabaja lubummaa ofiif kan godhatu hin jiru. Akka Aaroonitti Waaqayyoodhaan kan waamame malee, eenyumtu kabaja ofiif kan fudhatu hin jiru.” (Ibro 5:4) kanaaf lubummaan waamicha Waaqayyootiin, kennaa Waaqayyootiin kan raawwatamu ta’uu isaa beekuun barbaachisadha.

Aangoo kanaaf Waaqayyoon jalqaba kan filate Qulqullota Duuka Bu’oota isaa dha. Kanaaf lubootni Kakuu Haaraa kan jalqabaa Duuka Bu’oota dha. Gooftaan isaan kan filateen, kan waameen, kan muudeen isuma dha.

“ወጸውዖሙ ለዐሠርቱ ወከልኤቱ አርዳኢሁ ወወሀቦሙ ሥልጣነ ዲበ ማናፍስት ርኩሳን ከመ ያውፅእዎሙ ወይፈውሱ ኵሎ ድዉያነ ወሕሙማነ፡፡ Duuka bu’oota kudha lamaan waamee hafuura badaa namarraa baasuu akka danda’aniif fi gidiraa fi dhibee huundumaa akka fayyisaniif, hafuurota xuraawoo irratti aangoo laateef.” (Maat 10:1) Aangoo kana kan argatan mataasaa Iyyesuus Kiristoos irraa akka ta’e qalbeeffachuun barbaachisaa dha. Aangoon laatame kun gad-fagoo akkuma ta’e hundaa, duuka bu’oota keessaa lubummaan kan maluuf, Waaqayyoos kan isaan filateef /Duuka Bu’ootnis kan laatamu dha. Isaan qofti fudhatanii kan hafu utuu hin taane kan birootifis akka laachuu danda’an Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf ba’a.

“Akkas jedhanii kadhatan, ‘Laphee hundumaa kan beektu yaa Gooftaa ati lamaan kan keessaa  kan filatte muldhisi! Bakka fi tajaajila Yihuudaan gara biyya isaa galuuf  jecha dhiise kana, iddoo tajaajilummaa fi duuka bu’ummaa kana kan fudhatu tokko muldhisi’ Carraas buusisani carraaniis maatiyaasif ba’e. Duuka Bu’oota kudha tokko waliin lakkaawame:: (Hoj.D.B. 1:24)

Lubootni bifa kanaan muudaman tajaajiltoota Waaqayyoo, itti’aantota Duuka Bu’ootaa kan ta’an Duuka Bu’oota dha. Aangoo warra kanaaf laatame eenyumtu fudhachuu fayyadamu hin danda’u. Kanaa achi bakka iddoo argatan hundatti An raajaadha, luba dha’ kan ofiin jedhaniin garuu eeggachuun ni barbaachisa. Lubummaan cal jedhamee karaa irraati kan hammaarramu miti. Eenyumtuu lafaa ka’eeakka akaa’ii mana gaddaa kan hammaarratu miti. Hafuurri Eeliyaas Erlsaa irratti; hafuurri Muusee Iyyaasuu irratti akkuma bule, namni Hafuuri Duuka Bu’ootaa irra bule, kan Waaqni isa filate fi ifa baase, abbootni phaaphaasotaa harka irra kaa’uun eebbisanii hafuuraan iff jechuun maqaa Waaqayyootiin lubummaa  yoo irra bulchan malee eenyumtuu luba ta’uu hin danda’u. Waaqayyo kan muude duuka bu’oota qofa miti phaaphaasotas kan muudee isa dha.

Mana Kiristaanaa Dhiiga mataa isaatiin bite, akka eegdaniif  Hafuurri Qulqulluu isiniin phaaphaasota godhee kan mude, waa’ee kiristaanota amanamii fi ofii keessanif of-eeggannaa godhaa. (Hoj.D.B. 20:28) Aangoon lubummaa Duuka Bu’ootaa karaa kanaan kan laatame dha. “Dhugaan isiniin jedha, lafarratti kan isin hiitan hunduu samiirratti kan hidhame ta’a, kan lafarratti hiiktan hunduu samiirratti kan hiikame ta’a” (Maat 18:18) Wangeela kana irratti Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Barattootaaf aangoo hidhuu fi hiikuu akka laateef bifa wallaalchisaa hin taaneen taa’eera.

“Nagaan isiniif haa ta’u, Abbaan Anaan akkuma erge, An immoo isiniin erga. Kanas dubbatee hafuura isaa iff itti jedhee. Haafuurri Qulqulluus irra bule. Cubbuu isaanii kan dhiiftaniif hunduu dhiifatama argatu, kan isin hin dhiifneef dhiifatama hin argatan.” (Yooh. 20፥22-24)

                Hubadhaa! Lubni Kakuu Moofaa cubbuu foonii qofa kan dhiifatama laachisu. Lubni Kakuu Haaraa garuu dhiifatama laachisuu qofa utuu hin taane dhiifama jechuu ni danda’. Amananii fudhachuu malee yaada irratti kennuun hin dandaa’amu. Kan isaaniif laate, kan muude Inni (Waaqayyoo) waan ta’eef.

“Harka isaas kaasee eebbiseen. Odoo isaan eebbisu, isaan gidduutii adda bahee gara samiitti ol bahe.” (Luq. 24:50) Bifa kanaan inni tajaajila isaa (hojii biyya lafaa kanaaf hojjetu) xumuree isaaniin bakka buusee ol bahe. Isaanis isa fakkeenya godhatanii akka hidhaanii fi hiikaniifi.

“Hanaaniyaan deemee gara mana isaatti gale. Harka isaas irra kaa’ee, “Obboleessa koo yaa Saa’ool ,Gooftaan, Innis karaa atti dhufaa turte irratti  sitti Mul’ate Iyyasuus Kiristoos dha. Akkasumas, akka arguu dandeessuuf Haafuurri Qulqulluus akka sirra buluuf na erge jedhe.” (Hoj.D.B. 9፥17)

“Hangan dhufutti, dubbisuun fi gorsuun; barsiisuun fi kadhachuun of eeggannaa taasisi. Raajii dubbachuu waliin; phaaphaasotaan, harka sirra kaa’uu kan siif laatame, Kennaa sirra jiru hin salphisin.” (1 xim 4:15)

Aangoon lubummaa Kennaa harka namarra kaa’uun; phaaphaasotaan kan kennamu dha. Kana salphisuun hin barbaachisu. Lubootni, mudamtootni Waaqayyoo; ifa Waaqayyoo ti. Cubbamtootas kan ilaalu, kan daawwatu karaa isaaniitini. “Dhaqi ofii kee lubatti agarsiisi.” (Mat 8:4) Lubni nu laale jechuun Waaqayyoon nu laale jechuu dha. Lubni ifa Waaqayyoo dha ti. Ijoollee Waaqayyoo kan taanu lubootaan cuuphamneeti.

“Gara biyya lafaa deemaa! Uumamtoota hundaaf Waangeela lallabaa! Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, Hafuura Qulqulluutiin cuuphaatii duuka bu’oota koo taasisaa! (Mat 28:19) Bu’uuruma kanaan, luba malee fi aarsaa malee tajaajilli raawwatamu hin jiru. Yoo jiraates tajaajila dharaa /sobaa/ ti.Dhukkubsattootni /dhibamtootni/ tajaajila lubaatiin fayyu.

“ወእመቦ ዘይደዊ እምኔክሙ ለይጸውእ ቀሳውስተ እለ ውስተ ቤተክርስቲያን ወይጸልዩ ላእሌሁ ወይቅብዕዎ ቅብዐ ጸሎት በስሙ ለእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ፡፡ Isin keessaa namni dhukkubsate yoo jiraate, luboota  Mana kiristaanaa gara isaatti waammatee haa kadhataniif maqaa Gooftaa Keenya Iyaasuus Kiristoositiin dibata (zayitii) irratti kadhatame haa dibaniin. Kadhannaan amantii dhukkubsataa ni fayyisa. Waaqayyoos isa kaasa. Cubbuu yoo hojjatees  dhiifatama laataaf.” (ya’eq. 5:13-16)

Lubootni, kana hunda raawwachuu akka danda’aniif aangoo kan qabani dha. Akkasumas, taayitaan lubummaas kan itti laatame, Waaqayyoodhaann kan filaman, seexanas kan adaban, cubbuus akka  gaga baqsanii  kan balleessani  dha. Namas gara Waaaqayyyoo ni dhiheessu. Gumii amantoota Waaqayyoos ni eguu, dirree laliftuu irratti fi gara bishaan qulquulluutti ni bobbaasu. Jechuun, Wangeela Qulqulluu kan hin faalamne fi kan hin makamne barsiisu. “Cubbuu biyya lafaa kan balleessu Hoolaan Waaqayyoo kunoo.” (Yooh 1:29) jechaa nama hunda gara jireenya bara baraatti kan waamani dha.

Waaqayyoof galanni haa ta’u.

M/K/O/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa

Waldaa Ququllootaa

Qindeessaa Barnootaa Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu’ummaatti Kutaa ijoo Babal’iinsa Lallaba Wangeelaatiin  qophaa’e.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-02-21 15:03:432019-02-21 15:05:28Lubummaan Eenyuuf Mala?
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ ኵሉ ሕዝብ የኃሥሱከ” Maar. ፩፥፴፯/1:37 Link to: Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ ኵሉ ሕዝብ የኃሥሱከ” Maar. ፩፥፴፯/1:37 Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ... Link to: Sagantaa keenyarratti hirmaadhaa! Link to: Sagantaa keenyarratti hirmaadhaa! Sagantaa keenyarratti hirmaadhaa!
Scroll to top