“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)
Hagayya 15 Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
“Yaa Giiftii Maariyaam Foonkee gara bakka gammachuu guddaa fi fagoo ta’eetti ol ba’eef nagaan ni mala; kunis gamoo ijaarsi isaa sakatta’amuu hin dandeenye bakka sanatti argamaatii”
Addaam balleessee Waaqayyo wajjin waan wal loleef, kabaja isaa dhabee,duuti foonii fi duuti lubbuu itti murtaa’ee yemmu gannata keessaa ari’amu Waaqayyo dhiifamnii fi gaarummaan qabeenya Isaa ta’e dhiifama taassiseefii gara kabaja isaa jalqabaatti akka isa deebisuuf Addaam Waaqa isaa kadhateera. Waaqayyo Gooftaanis gaddaa fi gaabbii Addaam ilaaluun yemmu Waggaan ( barri ) 5500 raawwatu dhala dhala kee irraa dhaladhee joora kee jooreen du’a kees du’a kootiin sirraa haqee, gara kabaja kee duraatti si deebisee jannata ; Mootummaa koo sin dhaalchisa. ( Gal.4:4) jechuun Waadaa galeeraaf.
Abbaan keenya Addaamis bu’uuruma Waadaa isaaf galameetiin yemmu dhumni barichaa gahetti bultii Waaqayyo Ilmaatiif kan filatamte; kan fayyina Addaamii fi sanyii isaatiif sababa taate dhala dhala Addaam irraa kan dhalatte Giiftiin keenya Qulqulleettii dubroo Maariyaam dhalattee waggaa 15 yemmu guuttu missiraachoo ergamaa qulqulluu Gabri’eeliitiin bakka bultii Waaqayyo Ilmaa, bakka bultii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos taate.
Yemmu mucaa ishee deesses sagalee namoota beektotaa ( sabaa sagal) “ Mootiin Aayihud inni dhalate eessa jira?” oduu jedhu Heeroods dhagahee mucaa dhalate ajjeessisuuf labsii baase( labse). Giiftiin keenyas mucaa Ishee Kiristoosiin baasuuf( du’a irraa hambisuuf) gara biyya Gibxii ( Misiraa) tti baqatte. ( Maat 2:12)