Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)

in Dubbii Qulqullootaa

“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)

 

Hagayya 15                                                                Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

“Yaa Giiftii Maariyaam Foonkee gara  bakka gammachuu guddaa fi fagoo ta’eetti ol ba’eef nagaan  ni mala; kunis gamoo ijaarsi isaa sakatta’amuu hin dandeenye bakka sanatti argamaatii”

  Addaam balleessee Waaqayyo wajjin waan wal loleef, kabaja isaa dhabee,duuti foonii fi duuti lubbuu itti murtaa’ee yemmu gannata keessaa ari’amu Waaqayyo dhiifamnii fi gaarummaan qabeenya Isaa ta’e dhiifama taassiseefii gara kabaja isaa jalqabaatti akka isa deebisuuf Addaam Waaqa isaa kadhateera. Waaqayyo Gooftaanis gaddaa fi gaabbii Addaam  ilaaluun yemmu Waggaan ( barri ) 5500 raawwatu dhala dhala kee irraa dhaladhee joora kee jooreen du’a kees du’a kootiin sirraa haqee, gara kabaja kee duraatti si deebisee jannata ; Mootummaa koo sin dhaalchisa. ( Gal.4:4) jechuun Waadaa galeeraaf.

Abbaan keenya Addaamis bu’uuruma Waadaa isaaf galameetiin yemmu dhumni barichaa gahetti bultii Waaqayyo Ilmaatiif kan filatamte; kan fayyina  Addaamii fi sanyii isaatiif sababa taate dhala dhala Addaam irraa kan dhalatte Giiftiin keenya Qulqulleettii dubroo Maariyaam dhalattee waggaa 15 yemmu guuttu missiraachoo ergamaa qulqulluu Gabri’eeliitiin bakka bultii Waaqayyo Ilmaa, bakka bultii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos taate.

Yemmu mucaa ishee deesses sagalee namoota beektotaa ( sabaa sagal) “ Mootiin Aayihud inni dhalate eessa jira?” oduu jedhu Heeroods dhagahee mucaa dhalate ajjeessisuuf labsii baase( labse). Giiftiin keenyas mucaa Ishee Kiristoosiin baasuuf( du’a irraa hambisuuf) gara biyya Gibxii ( Misiraa) tti baqatte. ( Maat 2:12)

 

 

Barri baqaa sun dhumee gara biyya Iyyarusaalamitti erga deebi’anii booda Iyyasuus Kiristoos yemmu waggaa 30 guutu waa’ee Mootummaa Waaqayyoo; waa’ee bilisummaa dhala namaa lallabuu eegale. Boodas du’a sanyii Addaam balleessuuf, garbummaa balleessee bilisummaa labsuuf fannoo irratti fannifamee du’e. Guyyaa sadaffaattis du’aa ka’ee bilisummaa nuuf labse.

Deemsa jireenyaa kana hunda keessatti kan Ilma Ishii irraa adda hin baanee fi sababa fayyinaa kan taate Giiftiin keenya, fayyinni dhala namaa yemmu mirkanaa’u dhalattee waggaa 64 tti Amajii 21 boqotte.

Duukaabuutonni Gooftaas haati Isaanii qulqulleettii dubroo Maariyaam  Waan  isaan jalaa boqotteef Foon ishee Agobariidhaan baatanii gara Geetesemaanii deemani. Yemmu kana Yihudoonni “ dura mucaa ishee fannisnee ajjeesnaan duukaabuutonni isaa du’aa ka’e, ol ba’e, akka jedhan nu jeeqaa jiraataniiru; har’a ammo isheen kaate, ol baate akka jedhan nu jeequuf mitii? Kanaafuu Ibiddaan ishii gubna” jechuun ka’ani. Yihuudoota kanneen keessaa tokko kan ta’e kan Taawufaaniyaa jedhamu gara foon Giiftii keenyaa deemee agobara Foon ishee irra jiru sana qabate. Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Rufaa’eelis harka Taawufaaniyaa lamaan isaa iyyuu seefiidhaan irraa kute. Kanaafis harki taawufaaniyaa lamaanuu cite agobara irratti hafe.

Sana boodas Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos barreessaa Wangeelaa kan ta’e Qulqulluu Yohaannisiin dabalee Foon Giiftii keenyaa duumessaan ol fudhatee gannata keessa muka jireenyaa jala ishee kaahe. Yohaannis gannata keessaa  deebi’ee duukaabuutotatti Foon Giiftii keenyaa gara gannataatti ol fudhatamuu isaa Isaanitti hime. Duukaabuutonnis Foon Giiftii keenyaa gara gannataatti ol fudhatamuu isaa Yohaannis argee nuti osoo hin argiin hafne jechuudhaan Hagayya 1 hanga hagayya 14 tti Tsoomaniiru.

Waaqayyos gadda duukaa buutota Isaa ilaalee laftittiin Foon Giiftii keenyaa akka baastuuf akka ajajaniif ergamtoota  angafootaa torban ajaje. Isaanis  akka baatuuf Waaqayyo ajajeera jechuun yemmu dubbatan yemmu sana muka jireenyaa gannata keessa jiru kana jalaa foon Giiftii keenyaa bool’a keessaa baheera; duukaabuutonni Gooftaas kafananii awwaalaniiru.

Gooftaan keenyas  gara Mootummaa Isaa bara baraatti ergamtoonnii fi wareegamtoonni akka isheedhaaf sagadan ol baate. Akkuma Mootichi Daawit “ Uffata Warqee uffattee Giiftiin karaa Mirga kee dhaabatti” jedhe. ( Faar 44:9).

Duukaabuutota keessaa tokko kan ta’e Toomaas tajaajila Wangeelaatiif deemee waan tureef yemmu duukaabuutonni foon Giiftii keenyaa argatanii awwaalan achi hin turre. Tajaajila Wangeelaa xumuree Duumessaan  biyya tajaajila isaa Hindiitii gara duukaabuutotaatti yemmu dhufu Giiftiin keenya yemmu ol baatu argeera. Yemmuu sanas baay’isee gaddee “ duumessa sana irraa kufuu fedhe” “dursa du’aa ka’uu ilma kee osoo hin argiin hafeen jira; har’a ammo du’aa ka’uu kee osoo hin argiin hafe” jedhe. Yemmu kana gadda laphee isaa agartee Giiftiin keenya “ Hin gaddiin, duukaabuutonni warri kaan du’aa ka’uu koo fi ol bahuu koo hin agarre; ati garuu agarteetta, kaateetti; ol baateettis jedhii deemii duukaabuutotatti himi” jettee sabanii  ittiin kafanamte itti kenniteetti.

Kana boodas deemee “ Waa’een Giiftii keenyaa akkam ta’e?” jedhee duukaabuutota gaafate. Isaanis “Foon ishee argannee awwaalleera” jedhanii Toomaasitti himani innis : “ Amajii keessa duutee akkamiin Hagayya keessa awwaala ta’e? wanti kun kan ta’u hin fakkaatu” jedhee isaanitti dubbate. Qulqulluu Pheexroosis :- “ Ati amala keeti; ati qofti shakkitee hin haftu shakkitee namoota biraas shakkisiista” jedheen.  Toomaas garuu kan harkatti qabatee jiru waan beekuuf callisee isaan dhaggeefachaa ture. Inni callisnaanis Qulqulluu Pheexroos aaree deemee awwaala ( bool’a) Giiftiin keenya keessatti awwaalamte yemmu banu Foon Giiftii keenyaa waan bool’a sana keessaa dhabeef nahee dhaabbate.Yemmu kana duukaabuutichi Toomaas ana hin amantani jedheen malee du’aa kaatee ol baateetti jedhee isaanitti hime; sabanii harkatti qabee jiru isaanitti agarsiise.sabanii kanas barakataaf jedhanii duukaabuutonni hundi hirataniiru. sana booda Waggaa isaatti Toomaas ol ba’uu kee argee nuti osoo hin argiin hafne jechuudhaan Tsoomii eegalaniiru.gaafa guyyaa 16ffaas Gooftaan keenya isaanitti mul’atee Giiftii keenya Manbarii, Qulqulluu Pheexroosiin Luba lammaffaa; Isxiifaanosiin Diyaaqonii angafa taassisuun Qaddasee (sirna qulqulleessaa) gaggeessee Foonii fi dhiiga Isaa isaanii laateera.Duukaabuutonnis kana booda ergama tajaajilummaa isaanii cimanii raawwataniiru.Icciitii kana ilalaalchisees beektonni Mana kiristaanaa raajiin Mootichi Daawit “ Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’I; atii fi Taabonni mana qulqullummaa kee” ( Faar 131:8) jechuun dubbate du’aa ka’uu giiftii keenyaa agarsiisuuf akka ta’e barsiisu. Waaqayyo Gooftaan Gadameessa ishii mana Qulqullummaa Isaa taassisuun irraa dhalateeraatii

Manni Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaas kana bu’uureffachuudhaan Waggaa waggaadhaan Hagayya 1 hanga 14tti akka duukaabuutotaa tsoomanii; yeroo subaa’ee raawwatanii gaafa 16ffaa Du’aa ka’uu fi ol ba’uu Giiftii keenyaa labsanii Giiftiin keenya ol baateetti jechuudhaan akka kabajan barsiisti; ni raawwattis

Waaqayyo Gooftaan Gargaarsa Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Nurra haa bulchu. Ameen!

 

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-08-21 12:40:442018-10-26 09:21:24“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati Link to: Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati Link to: Badhaasa Link to: Badhaasa Badhaasa
Scroll to top