Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Ergamoota qulqulloota

in Dubbii Qulqullootaa

Ergamoota qulqulloota

Mazgabuu Kafyaalawuun

Waaqayyo guyyaa dilbataa (guyyaa jalqaba  uumama uumuu eegaletti) ergamtoota Isaa uumee jira. Yemmu ergamtoota Isaa uumettis bakka hin jirree gara jireenyaatti isaan fidee uumeera.

Namoonni tokko tokko garuu sagalee Raajaa Waaqayyoo Daawitiin “Ergamootasaa afuura (qilleessa) taasisa; tajaajiltoota Isaas laboobin abiddaa taasise” (Faar.103:4)  jedhu qabachuudhaan egamoonni kan uumaman uumama irraa innis qilleensaa fi ibidda irraati jechuun yemmu dubbatan ni dhagahama. 

 

Haa ta’u malee raajaan Daawit yemmu kana jedhu ergamtoonni maal irraa akka uumaman ibsuuf osoo hin taane Ergamoonni Waaqayyoo  akka abiddaa kan xuqamuu hin dandeenye, akka qilleensaa saffisoota taasisee isaan uume jechuu akka ta’e abbootiin ni barsiisu.

Kunis kallattiin waa’ee tajaajila isaanii kan ilaallatudha. Abiddii fi qilleensi tajaajila Ergamootaaf  fakkeeffamee yeroo ibsamu kan agarsiisudha. Ibiddi cimaadha, harkaan qaqqabatamuu hin danda’u, ergamtoonni Waaqayyoos cimoodha,

Qilleensi saffisaadha; ijaan argamuu hin danda’u akkasuma ergamtoonni Waaqatyyoos tajaajilaaf saffisootadha  kan ijaan hin argamnedha. Kanaaf Raajichi daawwit caqasa armaan olii kana  kan dubbateef tajaajila ergamtootaa ibsuuf malee ka’umsa uumama isaanii ibsuuf maal irraa akka uumamanis caqasuuf miti jechuudha.Kana haata’uyyuu malee mudaan abiddaa fi qilleessa irra jiru qulqulloota Ergamootarra akka hin jirre hubachhu qabna.

Waaqayyo ergamoota Isaa uumee seeraa fi sirna malee akkasumaan kan dhiise osoo hin taane qomootiin qoodee magaala hiree isaan teessiseera.

Kunis qulqulluu Eephiifaaniyoos kitaaba isaa “Aksiimaaroos”  jedhamee beekamu irratti  “Waaqayyo Ergamootasaa guyyaa sanbata guddaa (Dilbataa) uumee magaalota  Sadii , isaanis, Iyyoor, Raamaa fi Eerer keessa  isaan kaa’e, magaalaatiin Sadii, qoomootiin Dhibba taasisee  isaan remade” jechuun  ibseera.

Ergamoonni qulquloonni qoomootiin akka dhibba ta’an Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela Isaarratti  “Maal  isinitti fakkaata? Namni tokko hoolota Dhibba tokko yoo qabaate isaan keessaas osoo tokko badee warra Sagaltamii Sagal sana tulluu (gaara) irratti dhiisee deemuun isa bade tokko sana hin barbaaduwoo?” jechuun fakkeenyaan barsiiseera. (Maat.18:12)

Bakka hangafa Ergamootaa isa duraa Saaxinaa’eel bakka kan bu’ee booda sababii yakka dalageen gara biyya gidiraatti kan bade abbaa hunda keenya Addaamidha.

Angafoota Ergamootaa

Waaqayyo ergamoota uumee seeraa fi qajeelfama malee akkasumaan isaan hin dhiisne. Akkuma armaan olitti ilaalle magaalota sadii fi qomoo dhibbaan isaan qoodee yemmu muudetti angafoota( dursitoota) ammo isaaniif muudee jira.

 

Egaa, angafoota ergamtootaa yemmu jennu dursitoota( hooggantoota) ibsuuf kan itti fayyadamnudha malee ergamtoota keessa umuriidhaan waldursanii angafaa fi quxisuu jechuun adda baasuuf miti. 

Ergamtoonni angafoota qabaachuu isaaniis kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti karaa tokkoonis ta’e karaa biraa barreeffamee argina. Qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaa mul’ata isaa keessatti:- “ Ergamtoota turban Waaqayyo fuuldura dhaabatan arge” ( Mul.8:2) jechuun ergamtoonni angafootaa (dursitootni) torba jiraachuu isaanii nuuf ibsa.

Heenook immoo kitaaba isaa keessatti ergamoota muraasa maqaadhaan adda baasee Uraa’eel, Rufaa’eel, Raagu’eel, Mikaa’eel, Saraqaa’eel,Gabri’eel jechuun waamee jira( Hen.6:1-7)

Raajichi Daani’eel ammo qulqulluu Mikaa’elii fi Qulqulluu Gabri’eeliin maqaadhaan adda baasee waamee kan jiru ( Daan. 8:16; 10:13) yoo ta’u, kitaaba Iyyaasuu Ilma Nawwee irratti ammo qulqullichi Mikaa’el “dursaa raayyota Waaqayyoo” akka ta’e ankii ykn aangoo isaa wajjin  ibsamee jira ( Iyyaasuu 5:15).

Qulqullichi Luuqaas Wangeela isaa irratti maqaa qulqulluu Gabri’eel kan caqase ( Luuq.1:19) yoo ta’u, qulqullichi Phaawuloos ammoo ergaa isaa gara tasaloonqeetti barreesseen “ sagalee dursaa ergamtootaatiin samii irraa bu’a” jechuudhaan qulqullicha Mikaa’el caqaseera( 1Tas.4:16)

Kitaaba  Xoobiit irratti  “ kan kadhannaa qulqullootaa gara Waaqayyootti ol baasan; kan gara Gooftummaa Waaqayyoo isa kabajamee fi ol ol qabameettis kan galchan ergamtoota dursitoota kabajamoo toorban keessaa ani Rufaa’el tokkodha” ( Xoob.12:15) jechuun ergamtoonni angafootaa torba ta’uu isaanii ibsee jira.

Ergaa yihudaa irratti ammo  “ dursaa ergamtootaa qulqulluu Mikaa’el” akka ta’e kan caqase ( Yihu.lakk.9) yoo ta’u, mul’ata Yohaannis irrattis“ Mikaa’elii fi ergamoonni isaa …. ( Mul.12:7) jechuu isaatiin qulqulluu Mikaa’el angafummaa ( hoogganummaa)dhaan ergamtoonni qulqulloonni inni irratti muudame jiraachuu nuuf ibsa.

Egaa  abbaa hundumaa kan ta’e Waaqayyo uumama uumee seeraa fi sirna malee akkanumaan kan hin dhiifne ta’uu hubanna. Ergamtoota Isaatiif illee seera baasee, Magaalaa uumee ankii fi aangoodhaan adda baasee akka isaan wal hoggananii fi waliif hoogganaman taassisuudhaan akka isaan muude hubanna.

Akka kitaaba aksiimaaroos irraa hubannutti Waaqayyo ergamoota Isaa magaalota sadim keessa yemmu isaan kaa’u, qomoodhaan qoodee, hoogganaa muudee ta’uu isaa haala armaan gadiitiin nuuf ibsee jira.

                   Magaalota ergamootaa Sadanii fi hooggantoota isaanii

1.      Iyyoor

Waaqayyoo samii Iyyoor keessatti qoomota Ergamoota Afurtma ramadeera. Isaaniinis bakka Afuritti qoodee Hooggantoota Afuur muudeef.

Iyyooriinis akka gamoo fooqii taasisee kutaa  Afuritti ishee qoodeen. Magaalaa isa irra keessatti qoomoo kudhan qoodee  Agaa’izt  jedhee isaan moggaasee Saaxinaa’eeliinhooganaa  isaanii taasise muudeen.

Magaalaa isa Lammaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee  Kiiruubeel jedhee eega moggaseenii booda Ergamaa Kiiruub jedhamuu hoogganaa taasisee muudeef. Hizqi 10:1.

Magaalaa isa Sadaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee Suraafeel jedhee moggaasee booda Ergamaa Suuraafii jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Afuraffaa irratti qoomoo kudhan qoodee  Hayilaat jedhee moggaasee booda qulqulluu Miikaa’eelii hoogganaa taasisee isaaniif muudeen. 1Pheexi 3:22. “Ani oogganaa raayyota Waaqayyoo ta’een amma dhufeera.” Iyya.5:14, “Oogganaa keessan Miikaa’elii malee eenyuyyuu kan na jajjabeessu hin jiru. Daan10: 21, “Oogganaa inni guddaan Miikaa’eeliin ni ka’a” Daan.12:1, “Hangafni Ergamootaa qulqulluu Miikaa’eeliin yennaa Diiyaabiiloosii wajjiin falmetti waa’ee foon (reeffa) Musee yennaa dubbatetti gooftaan siin haa ifatu jedheen” Yuhu.Lakko.9

2.     Raamaa

Waaqayyo sammii Raamaa keessa qoommo Ergamootaa Soddoma ramadeen. Isaanis bakka Saditti qoodee Hooggantoota Sadi isaaniif muude.

Raamaas bakka Sadiitti qoodeen. Magaalaa ishee jalqabaa irratti qoomota Kudhan qoodee Arbaab jedhee eega moggaasee booda qulqulluu Gabri’eel hoogganaa taasise muudeef.

Magaalaa ishee Lammafaa keessa qomoo kudhan qoodee Manaabirt jedhee mooggaasee booda qulqulluu Rufaa’eel Oogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo kudhan erga qoodee  Silxaanaat  jedhee eega moggaaseenii booda Ergamaa isa Sur’eel jedhamu hoogganaa taasiee muudeef. 1Pheex.3:22

  3.   Eerer

Waaqayyo Eereriin keessa qoomota Ergamootaa Soddoma ramade. Isaniins bakka Sadiitti qoodee Ooggantoota Sadii isaaniif ramade.

Magaalaa isa jalqabaa keessatti qoomoo Kurnaan Mekuwaaninti jedhee mooggasee booda Ergamaa isa Saadaka’eel jedhamu Oogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Lammaffaa keessatti  qoomoo kudhan qoodee  Liqaanaat  jedhee moggaasee booda Ergamaa Salaataa’eel jedhamu muudeef.

Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo Kudhan qoodee Melaa’ikt  jeedhee eega moggaaseee booda Ergamaa Anaani’eel jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.1Phex.3:22

EgaaErgamonni Waaqayyoo haala kanaan uumamanii qomoo fi magaalaatoonqoodaman dhala namaa fi Uumaa hundumaa kan ta’ee Waaqayyoon gidduutti tajaajilaaf saffisu. Waaqayyo biraa dhiifama fi arjummaa Isaa gara dhala namaatti gadi fidu. “Yaa Daani’eel ogummaa fi hubannoo akkan siif kennuuf amma gara kee dhufeera” kan jedhu jechi qulqulluu Gabri’eel kana ibsa. (Daan.9:22)

Akkasumas kadhannaa fi aarsaa namootaa gara Waaqayyootti ol geessu (ol baasu). Kanaafis ragaa kan ta’u  “Kadhannaa kee fi aarsaan kee (kennaan kee) gara Waaqayyootti ol ba’e.” kan jedhu jecha sagalee Ergamaa Waaqayyotidha. (Ho.du.bu.9:4).

 

Tajaajilli isanii inni guddaan garuu Waaqayyoon galateffachuudha. Yeroo hundumaa boqonnaa malee “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu yaa Gooftaa raayyotaa Waaqayyo” jedhanii Sadummaa fi Tokkummaan  kan jiraatu Waaqayyoon ni galateeffatu. Ergamoonni qulqulloonni akka kanani Uumaa isanii Waaqayyoon faarsaa jiraatu. Isa.6:3

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-11-29 14:43:002018-10-26 09:21:23Ergamoota qulqulloota
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Zamana Tsigee ( yeroo Abaaboo) Link to: Zamana Tsigee ( yeroo Abaaboo) Zamana Tsigee ( yeroo Abaaboo) Link to: «Yaa mucaa koo dhaga’i mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateeraatii!» (Faar.44:101) Link to: «Yaa mucaa koo dhaga’i mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateeraatii!» (Faar.44:101) «Yaa mucaa koo dhaga’i mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee...
Scroll to top