Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)

in Dubbii Qulqullootaa

“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf  hin  hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)

                                        Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

                                                                                                                               

 Xumura Raaga(raajii) raajotaa,ka’umsa lallaba duukaabuutotaa,icciitii beektota mana kiristaanaa kan taate qulqulleettii dubroo Maariyaamidha. Waa’ee Maariyaamiin alatti waa’ee

 

waa’ee fayyina dhala namaa dubbachuun hin danda’amu. Sababiin isaas Gooftaan keenya   Iyyasuus Kiristoos dhala namaa fayyisuuf foonii fi lubbuu fudhatee kan dhalate qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam irraatii waan ta’eefidha.Iccitii fayyina dhala namaa kan taate haadha keenya dubroo Maariyaamidha.

 

    Kan raagdonni ( raajonni) raagan, kan isaan boodarra waan  dhufu dursanii arguudhaan Kiristoos akka dhalatu;dhala namaas cubbuu ittiin qabamee jiru; garbummaa seexanaa jalaa baasee bilisummaa akka kennuuf kan dubbachaa turan kan raawwatame foonii fi lubbuu dubroo Maariyaam irraa fudhateenidha. Yemmu dhalli namaa hundi bittaa cubbuu jala turetti qulqullummaan abbootii raajotaa bittaa cubbuu dhaalaan darbaa ture jalaa waan isaan baasuu dadhabeef  “ Hundi keenyi harfoofneerra;qulqullummaan keenyi hundi akka uffata abaarsaa ta’eera” ( Isaa 64:6) jechaa yemmu turanitti beekumsa Waaqayyootiin Waaqayyo Uumaan dhala namaa fayyisuuf jecha  cubbuu Addaam isa dhala irraa gara dhalaatti daddarbaa ture irraa  Ishee eegee; Ishii irraa dhalachuuf Ishee foo’ate. Raajonnis kan abdiidhaan eegaa turan kan Ishii irraa dhalate abdii fayyina keenyaa kan taate qulqulleettii dubroo Maariyaamidha.

Seenaa amantaa kiristaanaa keessatti shakkitoonni baay’een yeroo adda addaa ka’an rakkinni isaanii inni jalqabaa barumsa dhugaa  waa’ee dubroo Maariyaam amananii fudhachuu dhabuudha. Rakkinni isaanii kunis Kiristoosiin kallattii sirriidhaan akka hin amanne isaan taassiseera. Osoo waa’ee dubroo Maariyaam irratti barumsa sirrii qabaatan ta’ee shakkiidhaaf hin saaxilamani ture. Nisxiroos Kiristoosiin “ Waaqayyo Ilma Waaqayyooti” jedhee  amanuu kan dadhabeef haadha Keenya dubroo Maariyaamiin “ Deessuu Waaqayyoo; haadhaWaaqayyoo” jedhee amanuu waan dadhabeefidha.

Waa’ee Maariyaam Dubbii (waa’ee) Kiristoos irraa adda baasnee ilaaluun hin danda’amu. Sababiin isaas wantoonni gaariis ta’e hamaan waa’ee qulqulleettii dubroo Maariyaam dubbataman hundi karaa tokkos ta’e karaa biraatiin kan Kiristoosiin tuqan waan ta’eefidha. Kiristoosiin gadameessa Ishee keessatti baattee kan deesse; dugdatti baattee biyya irraa gara biyyaatti kan naanna’aa turte; yeroo addunyaa kana irra naanna’ee barsiisaa turettis Isa wajjin kan biyyaa gara biyyaatti naanna’aa turte, gaafa guyyaa jimaataas gidiraa Isa irra gahe hanga miila fannoo Isaatti ciminaan dhaabattee gidiraa Ilma ishii irra gaheen gaddi Cimaan kan ishii irra gahe haadha Gooftaa waan taateefidha.

Waa’ee dubbii fayyina Ilma namaa yemmu dubbannus Gooftaan keenya hojiin fayyisummaa Inni gaafa guyyaa jimaataa fannoo irratti raawwate hundi kan eegale foonii fi lubbuu qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa fudhatee hojii fayyisummaa eegaleenidha. Waaqayyo hunda beeku foon addunyaa kana ittiin fayyisu cubbuu irraa qulqulleessee  foo’ate. Kana waan ta’eef raajichi Isaayiyyaas dursee afuura qulqulluudhan waan argeef “Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf  hin  hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9) jechuun dubbate. Sanyiin dhala namaa fayyisuuf Waaqayyo foo’ate kunis qulqulleettii dubroo Maariyaamidha.

     Egaa,barreeffama kana keessatti  bal’isnee kan ilaallu  bu’uuruma raagdichi (raajichi)  waaqayyoo Isaayiyyaas  dubbate kanaan  waa’ee sanyii  beekumsa Waaqayyootiin dhala namaa fayyisuuf fo’atamte  kanaa; waa’ee qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam ta’a jechuudha. Kunis dhala namaa sababa cubbuusaatiin murteen du’aa itti murtaa’ee gidiraan jiraachaa ture fayyisuuf qabata (sababa) kan taate dha.

Barreeffamni  kun eenyummaa Giiftii keenyaa barsiisuuf waan qophaa’eef “Dubbii hundee irraa; bishaan taliilarraa” akkuma jedhan addunyaan osoo hin uumamiin laphee Sillaasee keessatti yaadamaa kan turte waa’ee  Ququlleettiin durbeeMaariyaam  seenaa fayyinnaa keessatti qabduu fi kitaabolee ququllaa’oon waa’ee Giiftii keenyaa kan  dubbatan hanga waaqayyo nuuf eeyyame ragaalee  fayyaadamnee dhiyeessineearra.

Barumsin kun gabatee lapheekeenya keessatti akka barreeffamuufamuuf qalbiin akka hubannu Waaqayyo nu haa gargaaru.

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-08-01 07:25:042018-10-26 09:21:25“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse Link to: Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin... Link to: Qulqulluu Paatriyaarikiin Tsoomii Filsataa Ilaalchisee Ibsa Gaazexaa kennan Link to: Qulqulluu Paatriyaarikiin Tsoomii Filsataa Ilaalchisee Ibsa Gaazexaa kennan Qulqulluu Paatriyaarikiin Tsoomii Filsataa Ilaalchisee Ibsa Gaazexaa kenna...
Scroll to top