“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8

“Afuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu’etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu” Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du’aa erga ka’een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu’oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa isaatti yeroo ol ba’uutti dha. Egaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka Bu’oota Isaa waggaa 3 fi ji’a sadii isaan waliin ta’uun addunyaa hadhoofte kana sagalee isaatiin erga mi’eesseen booda isaanin immoo “Isin soogidda addunyaa ti” jechuun  Isaa ni yaadatama. Kana bu’uura godhachuudhaan addunyaa cubbuun hadhoofte kana sagalee Isaan akka mi’eessaniif isin soogidda addunyaa kanaa ti. Anaafis ragaa baatota Koo taatu jedheeni. Gooftaan keenya Duuka Bu’oonni ragaa baatota Isaa akka ta’aniif dursanii waan gochuu qaban isaanitti himee ture. Innis “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif Nan erga; Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa” Luq. 24:49 jechuun ragaa baatuu ta’uun dura sooma fi kadhannaadhaan Iyyaruusaaleem keessa turaa jedheeni. Sana booda, humna argattuu jedhee isaaniin abdachiise. Kana qofa miti, hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka Isaa mataa isaanii irra kaa’ee ni eebbiseen. Kana jechuun aangoo lubummaan isaan muudee osuma Isaan arganii gara samiitti ol bahe. “Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe Kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa.” jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul’achuu danda’uun akka ta’e nu hubachiisa. Raajoonni sobduun bara keenya kana keessatti jiran “Gooftaan Mul’ataan naaf mil’atee yoom akka dhufu natti himeera.” jedhanii raagu. Kun raajii sobaa akka ta’e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyoo iyyuu kan hin beekne akka ta’e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneessee jira. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).

Egaawoo akkuma mata duree irraa hubannutti “Ragaa baatoota Koo taatu” jedhee isaanitti hime.  Duuka Bu’oonni Gooftaa humna erga fudhataniin booda ragaa baatota isaa akka ta’aniif Kiristoosiin addunyaatti labsanii alagoota gara Kiristaanummaa akka fudhatan taasisan. Dursa garuu ofii isaanii Kiristoosin fudhatanii, amananii qaama isaanii taasifatanii jiru. Gara ragaa bahuutti deemuun duras soomaa fi kadhaannadhaan Iyyaruusaaleem kan taate Mana Kiristaanaa keessa turuun humna argatanii jiru. Sana booda beela, dheebuu, goodaansa, gidiraa hundaa fi du’a osoo hin sodaatin Kiristoosin addunyaaf labsanii jiru. Kana jechuun Duuka Bu’oonni fi Abboonni Duuka Bu’oonni Kiristaanummaa Labsanii nuun kan ga’an sagaleedhaan qofa osoo hin taanee jireenya isaanii guutuu kennuudhaani. Egaa wal harkaa fuudhinsi kun nu bira yeroo gahu ni gaha akka waan jedhamee dhaloota dhufuuf dabarsuu dhiisnee kan keenya kan ta’e, ofuma keenyaa ceepha’aa, ofuma keenyaa maddii dhaabbannee harka itti reebaa, akka waan nu hin ilaallannee taajjabdoota taane hafne.

Ka’uumsa mata duree keenyaa irratti “Iyyaruusaalem, Yihuudaa, Samaariyaa, hanga handaara addunyaatti ragaa baatota Koo taatu.” kan jedhu yeroo ilaallu

  1. Iyyaruusaalem:- Maatii fi Naannoo Mana Kiristaanaa namoota jiran (maatii Mana Kiristaanaa waan ta’aniif)

Kana jechuun haadha, abbaa, obboleessa, obboleettii, haadhaa manaa ijoollee, firoota keenya nu waliin jiran, hojjattoota keenya illee ni dabalata jechuu dha. Ofii keenya fayyinee namoota kanneen biroos fayyisuu osoo dandeenyuu nuti garuu waa tokko raawwachuuf yaalii illee hin goonu. Nuti shakkii amanuu dhabuu hagam akka dabarsine lapheen keenya ni beeka. Kanaafuu laphee guutuun amannee ofii keenyas fayyinee maatii keeenya fayyisuun nu irraa eegama.

  • Maatii keenya barsiisuuf Kitaaba Qulqulluu fi Qabsuura Qulqullootaa dubbisuun haa eegallu.
  • Gara Mana Kiristaanaa Deemuun sirna Qiddaaseee akka hordofan affeeruu
  • Foonii fi dhiiga Isaa akka fudhatan taasisuu.

          Fil. 1:1-3, 2ffaa Moot. 5፡1-13, Yoh. 1:45

  • Yihuudaa:- Ollaa fi Iddoo hojii
  • Naanoo hojiitti haasawa cubbuuf nama affeeru haasawuu dhiisuu
  • Dilbata kan baranne iddoo hojii fi mana baruumsatti hiriyyoota keenya barsiisuu
  • Kitaaba akka dubbisan affeeruu fi maal akka irraa argatan gaafachuu
  • Garraamummaa jaalalaa fi afuuraan karaa jibbiinsii fi xiiqii hin qabneen gaggeeffamuu 1ffaa Xim. 1:19

Walumaa galattii jireenya keenya hundaan mana yookan maatii keenya biraa kaasee hanga addunyaa guutuutti ragaa baatota Kiristoos ta’uun nu irraa eegama. Duuka Bu’oonni Gootfaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan isaan barsiise waan Isa irraa argatan gidiraa fi darara mootota addunyaa kanaa osoo hin sodaatin onneee fi laphee isaanii guutudhaan Afuura Qulqulluu irraa kennaa argatan fayyadamuun kan arganii fi dhagahan ragaa ba’anii jiru. “ Nuti kan dhageenyee fi kan argine ragaa ni baana” (H.D.B. 4:20) Eegaa hundumti keenyaa akkuma Duuka Bu’oota humna akka argannuuf Iyyaruusaaleem keessa turuutu nu irraa eegama. Sana booda akka Duuka Bu’oota Ragaa baatoota Isaa taana.  Waaqayyo Gooftaan hanga dhumaatti Iyyaruusaaleem kan jedhamte Mana Kiristaanaa Keessa akka jiraannu nu haa gargaaru.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Lama

Abdii Du’aa Ka’uu Ilma Namaa

 Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa dhala namaatiif kan kennu ta’uu Isaa dursa karaa Raajota Isaatin fedha Isaa nuuf ibsee jira. Faarsaa Daawit irratti “Afuura kee ni ergita; ni uumamus; fuula lafaas ni haaromsita” inni jedhu sagalee du’aa ka’uuti. (Faar.103: 30). Waaqayyo du’a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul’ata Yohaannis keessatti “Kunoo hunda iyyuu haaraan taassisa”  jedhee nutti hima. (Mul. 21:5) Raajichi Isaayiyyaasis “warri du’an jiraattota ta’u; reeffawwanis ni ka’u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta’eef; laftis warra du’an baasti waan ta’eef ka’aa faarfadhaa!” jedhee barreesse.(Isaa. 26:19). Kunis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamuu nu hubachiisa.

Akkasuma raajichi Daani’eel “Bara sanas waa’ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu Ergamaa guddaan Mikaa’elin ni ka’a; uummata irrattis erga ta’ee eegalee hanga bara sanaatti rakkoon ta’ee hin beekne bara rakkoo ta’a; bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii ni fayyu. Warri biyya lafaa keessatti mugan  baay’een isaaniis ni ka’u; gariin (walakkaan) isaanii gara jireenya bara baraa; gariin  isaanii ammoo gara qaanii fi gara rakkoo bara baraatti. Ogeessonni akka ifaa; warri namoota baay’ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo akka urjiitti bara baraan ifu.” (Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.“Gariin isaanii gara jireenya bara baraatti” kan jedhame du’aa ka’uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta’u; “gariin isaanii gara rakkoo bara baraatti” kan jedhu ammoo du’aa ka’uu cubbamtootaa kan agarsiisudha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du’aa ka’uu dhumaa irratti akka biiftuutti ifanii; akka urjiilees bareedanii mul’achuun isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi’u jalqaba irratti cubbuun isaa yoo isaaf haqamu; abaarsi isaas yemmuu irraa ka’u dha. Kanaafis Gooftaan nama ta’ee murtii du’aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa ta’ee du’as du’a Isaatiin haqeera. Sababa du’a Isaatiin namootaaf du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa kennee jira. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta’ee guyyaa jimaataa fannifame sana lubbuu Isaa Qulqulleettii taate foon Isaa Qulqulluu ta’e irraa yeroo adda baasetti awwaalonni banamanii Qulqulloota rafanii (du’anii) turan keessaa foon baay’een ka’ani. ( Maat.27:52)

Gaafa guyyaa sanaa ture lubbuuwwanis si’ool keessaa baasee jannatatti kan isaan galche. Egaa, Kiristoos aarsaa ta’uun du’a Isaa kabajamaa ta’een cubbuu fi du’a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebisee jira. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu isaa walitti deebisee (tokko taassisee) Du’aa Ka’uumsa kabajaa kenneefi mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre uffatee akka du’aa ka’uuf abdii kenne. Abdii isaa kanas haala itti raawwatu Qulqulluu Phaawuloos yeroo ibsu:- “kan hin tortorre ta’anii ka’u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du’u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du’u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du’a waraanni kee eessa jira? Yaa si’ool injifannoon kee meerre? Waraanni du’aa cubbuudha; humni cubbuus seeradha; Garuu  karaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqayyo injifannoo  nuuf kennuuf galatni haa ta’u.”( 1Qor. 15:51-57) jedha. Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du’aa ka’uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu jireenyi dhala namaa hanga lafa irra deddeebi’u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du’uudhaan du’aa ka’ee agarsiisuu Isaati.

Abdiin Du’aa Ka’uu Nuuf Kenname Du’aa Ka’uu Gooftaatiin Mirkanaa’e

Manni kiristaanaa keenya du’aa ka’uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabattee malee akkanumaan miti.  Ragaan ishee kunis jalqaba kan Mana Kiristaanaa hundeesse Gooftaa fi uumaan ishee du’ee du’a injifachuun du’aa ka’uu kiristoos bu’uura godhachuudhaanidha. Ka’umsii fi ga’umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du’aa fi du’aa ka’uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta’u. Kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta’ee du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta’e sagalee wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka’umsa isaa irraa, wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. (HDB.2:14-36) Yihudoonni foon Gooftaa boolla keessaa akka hin kaane taassisuun awwaalanii ture. (Maat.27:62-66) Garuu, Gooftaan  boolla naaf bana! Kanan ittiin gannazame naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin boolla cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa Isaatin du’a irraa adda bahee gaafa guyyaa sadaffaa ka’e. Boolli inni itti awwaalames duwwaatti hafe, Kiristoos, inni du’aa ka’es, harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiise Duukaa Bu’oota fi hordoftoota Isaa hundatti mul’ate.

Yihudoonni Kiristoos akka du’aa hin kaanetti boolla inni itti awwaalame marsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta’anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas Qulqulluu Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- “Yaa Gooftaa du’aa ka’uun kee akka mirkanaa’uuf Yihudoonni awwaala kee marsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta’ee; duuka bu’oonni kee dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee marsanii eeguu isaaniitiin du’aa ka’uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa Duuka Bu’oota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii!” jechuun dubbata.

Yihudoonni boolla Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame marsanii eeganis du’aa ka’uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du’aa ka’uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu’oonni Isaa ragoota du’aa ka’uu Isaa ta’uun amantaa Kiristaanummaa babal’isani. Warra diinota du’aa ka’uu ta’an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya’iin hanga du’aatti Wangeela du’aa ka’uu Isaa barsiisanii jiru. Sababni isaan du’a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’an waan amananiifi dha ture. Egaa hangafni du’aa ka’uu, jechuunis, Kiristoos isa du’aa  ka’uudhaaf isa jalqabaa ta’e akka ilaalle; sagalee isaa irraas akka baranne du’aa ka’uun akka jiru haa amannu; abdiis haa godhannu. “Kiristoos ka’umsaa fi jireenyadhaatii Kan isatti amanu yoo du’e illee jiraataa ta’a; kan  jiraataa ta’es, kan  isatti amanus  hunduu bara baraan hin du’u” ( Yoh. 11:25-26)

Du’aa ka’uu dhala namaa ilaalchisee Qulqulluu phaawuloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qoronxoos keessaa muraasni nami du’e akkamiin du’aa ka’a gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqulluu Phaawuloos“Kiristoos du’a akka ka’e kan lallabu yoo ta’e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du’aa ka’uun hin jiru jedhu?” jechuun gaaffiiwwan namoonni Qoronxoos kaasaniif yemmuu deebisu: “du’aa ka’uun erga hin jiraannee Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta’e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin hirriba rafan (du’an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan ( jireenya lafa irraa  qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta’e nama hunda caala nuti gowwoota dha.” erga jedhee booda itti fufuun waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jedhee dubbate. Kanuma wajjin walqabsiisuunis  Duukaa Bu’ichi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: “Akkana ta’uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du’a; akka nama Eefeesoonitti bineensa wajjin akkan wal’aansoo wal qabe? Warri du’an kan hin kaane yoo ta’e kana raawwachuun koo maal na fayyada?” (1Qor.15:12-32) jedhees gaafata.

Ragaa ba’uun Duuka Bu’aa Phaawuloos kun dhugaa ta’uun kan bara baraan jiraatu ta’a. Warri ergaa isaa dubbisan hundi dhugummaa fi sirrii ta’uu ragummaa isaas hubatu. Sababiin isaas jalqaba irratti inni diina du’aa ka’uu ta’ee Yihudoota wajjin walii galuun Kiristaanota osoo ari’aa jiruu Kiristoos inni du’ee ka’e waan isatti mul’ateef amantaa du’aa ka’uu isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatinis, jireenya isaatiinis, du’a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( HDB. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)

Maarree isa Qulqulluu Phaawuloos argee dhandhamee barsiise kana nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du’aniif angafa ta’uun akkuma du’aa ka’e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraatiif akka du’aa ka’u amanuu fi abdachuun of qopheessinee eeggachuu qabna.

Akkuma armaan olitti ilaalle jalqaba irraa uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du’etti akka hin hafneef abdii du’aa ka’uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du’e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta’ee du’ee du’a ajjeese. Waaqayyoo ofii du’ee du’aa ka’uudhaanis abdii du’aa ka’uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu namoonni amma gowwummaadhaan dhalli namaa du’aa ka’uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akka kanaa kan amma eegale osoo hin taane durumaa namni du’ee tortoree biyyee erga ta’ee booda akkamiin ka’a? jechuun gaafachaa turaniiru. Garuu namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu lafa biyyee, irraa akka ta’e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume. (S.Uum.2: 7) Ammas uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda’a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du’aa ka’uu warra du’aniitti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani. ( Yoh. 5:24-29)

Kanaaf amantaadhaan dhaabannee du’aa ka’uu dhala namaa abdannee cimnee eeguun nu irra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa lammaffaa irratti “Isin yaa eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin uumamiin dura gara bakka isinii qophaa’eetti koottaa” sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed

Soorii Moosisaa

Guyya kanattis fakkeenya Suraafeel kan ta’e abbaan faaruu lammii Itiyoophiyaa kan ta’e Qulqulluu Yaareed boqateera. Qulqulluun kunis gosa  firoota Abbaa Geedeewooni dha. Innis Manneen Kiristaanota Itiyoophiyaa Keessatti Ijaaraman kan dursitu luba Mana Kiristaanaa Aksuumi dha. Manni Kiristaanaa Kunis Amantaan abbaa kabajaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan keessatti lallabamee fi Waaqa kan deesse Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiidhaan kan kabajamtee dha. Abbaa Geedeewoonis Qulqulluu Yaareed baruumsa barsiisuu yeroo eegalutti baroota baay’eedhaaf qabachuus ta’ee qo’achuu dadhabe. Guyyaa tokko barsiisaan isaa isatti aaree rukutee dhukkubse. Qulqulluun Yaaredis baqatee urufatti, baay’ina gadda isaa irraa kan ka’e gaaddisa mukaa jala taa’ee Yeroo raammon muka irra baatus arge. Raammon sunis walakkaa mukichaa geessee kufaa turte. Yeroo baay’ee erga kufteen booda dhiphina guddaadhaan mukicha irra baate. Qulqulluun Yaareedis ciminaa raammoo sanaa erga argeen booda gara barsiisaa isaa Afuurawaatti deebi’ee, yaa abbaa koo dhiifama naaf godhitii waan feete nagodhi jedheeni; barsiisaan isaas ofitti isa simate.

Kana boodaa boo’icha baay’eedhaan gara Waaqayyootti kadhannaan lapheen isaa ifeefi yeroo gabaabduu keessatti kitaabolee Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa xummuree aangoo daaqonummaanis muudame. Yeroo sanatti sagalee gadi qabaadhaani malee akka har’aa kanatti sagalee guddaadhan  faarfannan Mahaaleetii hin jiru ture.  Waaqayyos yaadannoo isaaf dhabbuu feenaan /Gannata Edoom/ keessaa sinbirroota sadi ergeefi. Isaanis afaan namaatin itti dubbatanii gara Iyyaruusaalem ishee samiitti isaan waliin ol isa baasan. Achittis luboonni 24 kan ittiin galateeffatan Mahaaleetii isaanii barate. Gara qalbii isaa gara lafaattis yeroo deebi’etti Mana Kiristaanaa qarqara Aksumitti argamtu takkas sa’atii saditti seenee sagalee guddaadhan, “Hallee Luyaa Abbaaf, Hallee Luyaa Ilmaaf Hallee Luyaa Afuura Qulqulluuf, arjaan Tsiyoon samii uume. Lammaaffas akkamitti akka ishee ijaaru akkaataa ijaarsa dunkaanaa museetti agarsiise, isa barsiisee,” jedhe. Galata kanas Ariyaam jedhee moggaase. Sagalee isaa yeroo dhagahanitti mootichi, mootittiin, Phaaphaasiin luboota hunda waliin, qondaaltotni mootummaa fi uummanni gara isaatti fiigichaan dhufanii isa dhaggeeffachaa oolan.

Sana boodaa waggaa hanga waggaatti, akkaataa kutaa baraatin, gannaa fi bona, birraa fi arfaasaa waqtii soomaa fi ayyaanotaa, sanbattan, akkasumas ayyaanota Ergamootaa, Raajotaa fi Duuka Bu’ootaa, Toloota fi Wareegamtootaa, Danaagiliif akka ta’u taasisee yeedaloowwan sadaniin hojjate. Yeedaloowwan sadan kunis Gi’iizii, Izilii fi Araaraayii dha. Dubbiin namootaa, iyyi sinbirrootaa, bineeldotaa fi bineensootaa yeedaloowwan sadan kana keessaa hin bahu.

Guyyaa tokkos Qulqulluu Yaareed mootii Gabramsaqal fuul-dura dhaabbatee osoo faarfatu, mootichi sagalee yeedaloo Yaareed osoo dhaggeeffatuu lapheen isaa faaruudhaan waan fudhatameef ulee sibilaa isaatiin miila Qulqulluu Yaareditti gadi dhaabbate. Miilaa isaa keessaayis dhiigni fi bishaan ni dhangalaa’e. Qulqulluu Yaareedis Maahileet hanga xummurutti itti hin dhagahamne ture. Mootichis kana arginaan ni rifate; ulee isaas miila Qulqulluu Yaared irraa buqqise; gatii dhiiga keetif waan barbaadde na gaafadhu jedheen; Qulqulluun Yaaredis akka nan hin dhowwanneef naaf kakadhu jedheen. Mootichi yeroo kakateefitti gara Kawaalaa deemee akkan Monokkosuuf  naaf eeyyami jedheen. Mootichi erga dhagaheen booda aangawoota isaa waliin baay’ee gadde, akka hin dhorkineef kakuu sana sodaatee osuma gadduu gaggeesse. Sana booda Qulqulluun Yaareed gara Mana Kiristaanaatti seenun Taabota Tsiyoon fuuldura dhaabbatee, “gonkaa kan taate, kan galateeffamte, ulfina ol’aanaa kan gofatte, baha ifaa, gulantaa jireenyaa kan taate” galata jedhu hanga xummuraatti yeroo dubbatu ciqilee tokko lafa irra ol ka’e.  

Kana booda gara kaaba biyyattiitti deemuun soomaf kadhaannaan murtaa’uun foon isaa baay’ee dadhabsiisuun jiraachuun; Qabsuura isaas achitti goolabe. Maqaa isaa nama waamuuf, yaadannoo isaa nama kabajuuf Waaqayyoon waadaa kenneefi. Kana booda nagaadhan boqote.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u,  kadhannaa Qulqulluu Yaareedin dhiifama nuuf haa taasisu. Eebbi isaa bara baraan nu waliin haa ta’u. Ameen!

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Tokko

Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun ta’iiwwan deddeebi’anii mul’atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi’u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanaanis barumsa Duuka Bu’ootaa irratti kan hundeeffattedha. Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qoronxoositti erge irratti “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jechuudhaan dhalli namaa du’ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka’u nu barsiiseera. Barruu kana keessattis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa Du’aa Ka’uu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoosiin nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.

Dhalli namaa du’aaf hin uumamne.

 Uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture.  Seenaa sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannutti duuti hin turre. Namni akkuma Ergamootaa akka bara baraan jiraataniif uumamani malee akka du’aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu; Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga bara baraatti akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin dhalli namaa jiraattota bara baraa akka ta’aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Hewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa jiru gammachuudhaan akka jiraataniif jannata keessatti isaan galche; dhukkubaa fi du’as hin beekani ture. (S.Uum.1: 26-30; 2: 8-9)

Kanaaf Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du’ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du’aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti. Salamoon inni ogeesichi “Waaqayyo du’a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu” jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures  “Awwaallis daangaa kana keessa hin turre”  jechuudhaan nu hubachiisa (Xibab/Oggummaa. 1:13-16). Dhalli namaa du’aaf hin uumamne erga ta’ee duuti akkamiin dhufe? Gaaffii jedhu ilaaluun du’aa ka’uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du’a dhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kanaaf ogeessichi Solomoon “Warreen Waaqayyo irraanfatan garuu sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani; kanumaanis badani” jedhee dhalli namaa fedhaan du’a akka ofitti fide dubbata. (Xibab/Ogg. 1:13).

Duuti kan eegale Addaamii fi Hewaan seera uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetan ture. (S.Uum. 2:17)  kanaafuu, gatiin  cubbuu jalqabaa du’a ta’e. (S.Uum. 3:16-19) Isaan seera uumaa isaanii yemmuu diigan; isaanis kabaja uumama isaanii jalqabaa irraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaa isaaniis hafani. Sana booda biyya bareedduu fi qulqulleettii taate keessaa ari’amanii biyya rakkoonii fi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii fi Hewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Dhalli namaa Addaamii fi Heewaan irraa dhalatan hundi hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa isaanii ta’ani. Kana waan ta’eef Duuka Bu’aan Qulqulluu Phaawuloos “Sababa nama tokkootiin cubbuun gara addunyaatti gale; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hunduu waan cubbuu hojjetaniif duuti dhala namaa hunda bira ga’e” jechuun dhufaatii du’aa hubachiisee jira (Room.5:12).

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa

Harki fi miilli Isaa mismaaraan dhahamuu isaanii immoo Qulqulluu Daawiit irra bulee Faar. 21:16 “Saroonni baay’een Namarsaniiru. Yaa’iin hamootaas Naqabe. Harka fi miila Koos mismaaraan dhahani. Lafeen Koo hanga mul’atuttis Nagarafani. Isaanis Na’ilaalani” jechuun sareen waan tufe deebi’ee akkuma nyaatu, Ayihuudonnis erga Inni Ooritiin dabarse booda deebi’anii kan raawwatani ta’aniiruu waan ta’eef sareen isaan fakkeessee jira. Raajiin kun galmaan akka ga’uuf harka fi miila Isaa Fannoo irratti mismaaraan dha’anii jiru.

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa

Akkasumas, gonfoo qoree gonfachuun Isaa Addaami fi Heewaan gorsa jawwee waan dha’aniif gonfoon injifannoo isaanii irraa fudhatamee ture waan ta’eef; gonfoo injifannoo keenya nuuf deebisuu Isaa agarsiisuuf gonfoo qoree gonfatee fannifame.

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa (Dr.)

Raayyoonni Ayihuud gonfoo qoree xaxanii mataa Mootii moototaa Mataa jireenya bara baraa kan ta’e Kiristoos Iyyasuus irratti gombisaniiru. Gonfoo qoree gonfachuu Isaatiinis abaarsa dursee “Sababa keetiin lafti qoree haa biqilchitu” jedhamee addaam abaaramee ture sana haqee Addaamiif beenyaa ta’eera (Seer. Uum. 3:18)

Tibba Gidiraa /Jimaata/

Rattaa Guree

Fakkii: Dn. Gabrasillaasee Shittaahun

Guyyaan jimaataa Gooftaan keenya Qorichi keenya guyyaa itti addunyaaf itti fannifame dha. Guyyaan kun guyyaa Fayyinni itti raawwatame waan taateef guyyaa addaa jedhamtee beekamti.  Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti moggaasa icciitii adda addaa qabdi.

Jimaata Fannoo:

Qorichi Addunyaa hundaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Addaamii fi ijoollee isaa hundaaf Fannoorratti fannifamee akka biraannaatti yeroo itti dhisamee oole waan ta’eef guyyaa itti yaadannu waan ta’eef ‘Jimaata Fannoo’ jedhamti. Akkuma ‘’Fannoo boodas uffata Isaa carraa itti buusanii adda adda hiratani, achuma taa’aniis eegu turan’’ jedhutti jechuu dha. Maat. 27:35

Jimaata Gaarii:

Gooftaan dura fannoon yakkamaa kan ittiin adaban ture. Nama fannisanii ajjeesuun kan eegale Faarsitti dha. Faarsitti namoonni waaqeffannaan isaanii waaqa Lafaa /ourmuzed/ jedhama. Yakkamaan biyya isaaniitti yoo argamu adabbii isaa lafa irratti kan fudhate yoo ta’e waaqni isaanii akka hin xuroofneef yakkamtoota hundaa fannoorratti fannisu ture. Gochi kunis barsiifannaa ta’ee bulchiinsa Roomaa hundattiyyuu seera baratame ta’e. Sirna Ooriitiittis warreen fannoo irratti fannifamanii adabaman abaaramtoota gurguddoo turan. Gooftaan booda garuu mallattoo adabbii yakkamtootaa fannoo ture sana Gooftaan keenya dhiiga Isaan Qulqulleessee mallattoo araaraa, aasxaa jireenyaa, kan Diyaabiloos ittiin moo’atan, labsiin bilisummaa keenyaa kan ittiin dubbatame ta’e. Du’a Isaatiin jireenya kan itti arganne waan ta’eef Jimaata Gaarii jedhameera.

Gooftaan keenyi Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos fayyina keenyaaf akkuma Fannoo irratti araara nuuf buuse dhukkuba kana irraas araara nuu buusuun eeyyama Isaa nuuf haa ta’u.

Galatni waaqayyoof !

Ameen!

Sooma Guddaa

Qopheessaan: Liqa Gubaa’ee Qalama Warqi Wubineh

Gara Afaan Oromoottii kan hike:- Soorii Moosisaa

Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphaameen booda guyyaa afurtama kan soome; nutis akka soomnuuf Mana Kiristaanaa keenya irraa kan ajajamne keessaa Soomni Guddaan isa tokko dha. Nuti amantoonni gocha Gooftaan keenya raawwate fakkeenya godhachuudhan ni soomna. Soomni Guddaan torban saddeet (guyyoota 55) qaba. Sanbattan Sanbata Duraa 8 fi Dilbata 7 of keessaa qaba. Kunis guyyoota 15 jechuu dha. Guyyoota 15 kana keessattis nyaata soomaa ykn bu’aa loonii fi beelladotaa manaa kanneen biroo irraa soomama malee midhaani fi bishaan irraa waan hin soomamneef guyyoota 40 ta’a. Soomni kunis maqaa garaa garaatin waamama.

  1. Sooma Guddaa:- Gooftaan keenya erga cuuphameen booda kan soome waan ta’eef; “Waaqayyo guddaa dha, magalaan waaqa keenya garaa irratti galanni guddaa dha.”  Faar.47(8):1 “Gooftaan keenya guddaa dha humni isaas guddaa dha.” Faar.146(7):5 akkuma jedhame Gooftaan keenya kan soome waan ta’ef Sooma Guddaa jedhame.
  2. Sooma Hudaadee:-Hudaadee jechuun lafa qonnaa ykn ooyiruu mootummaa bal’aa jechuu dha. Hojii ooyiruu mootummaa kana namni hundumtuu itti bobba’ee hojjata. Soomni Gooftaa baay’ina guyyootaan soomawwan kanneen biroo caala. Akkasumas, soomni guddaanis sooma Gooftaan keenya Mootiin samiif lafaa soome waan ta’eef  namni hundumtuu akkuma hojii ooyiruu mootummaa irratti bobba’ee hojjatu sana, sooma Gooftaa  soomuu akka qabu agarsiisuuf Sooma Hudaadee jedhame.
  3. ‹‹በአተ ጾም›› jedhama: seensa soomaa jechuu dha.
  4. Sooma Afurtamaa jedhama:- Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa waan soomef. Maat.4:1
  5. Sooma Gooftaa (Iyyasuus):- Gooftaan keenya soomee soomaa jedhee waan ajajeef.
  6. Sooma Muusee

Kan Gadi-Bu’e (Zawarada)

Torbeewwan sooma guddaa keessaa inni jalqabaa kan gad-bu’e ykn Zawarada (bara Addaam) jedhama. Zawarada:- jechuun gubbaa irra kan dhufe, kan gadi bu’e jechuu dha. Kunis Waaqni keenya Addaamii fi ijoollee isaa du’a irraa fayyisuuf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos nama ta’uu isaa fi hojii fayyinaa raawwachuu isaa agarsiisa. “Samii irraa kan bu’een alatti gara samiitti kan ba’e hin jiru.” Kan jedhe jecha Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos irraa ka’uun hayyuun Qulqulluun Yaareed  “ዘወረደ እምላዕሉ አይሁድ ሰቀሉ ወሚመ ኢያእመሩ እግዚአ ኵሉ ዘየሐዩ

 በቃሉ፡፡” jechuudhan jalqaba Digguwaa Soomaa irratti guyyaa kana ibse. Hiikni isaas “Addaamin fayyisuuf samii irraa kan bu’e Yihuudonni fannisan. Aangoo samii kan qabu Gooftaa hundaa akka ta’e eenyumtiyyuu hin beekne.” Kattabbiin (ድርሳን) kunis Mana Kiristaanaa keenyatti Sanbata jalqaba soomaa ta’e jala bultii isaa ni faarfatama, ni galateeffama. Torbee kana keessayyuu dilbaataaf Wiixata galatni dubbatamu kitaabolee Ooritii fi Raajotaa keessaa kan fudhatamanii dha. Lammaffaa torbeen kun Muusee jedhamuun beekama. Waaqayyo Gooftaan samii irraa bu’uu fi fannoo irratti fannifamuun Addaamin fayyisuu isaa waan yaadachiisuufi dha. Dabalataanis, torbeen kun Sooma Hirqaal jedhama. Hirqaal (Eeraaqliyas) mootii Biizaantaayinii ture. Torbeen kun maqaa isaatin sababni waamamuuf  bara sanatti Faarisoonni Iyyeruusaalemiin weeraranii Fannoo Gooftaa keenyaas booji’anii fudhatanii turan. Mootin kunis gara Faaris deemee Fannoo Gooftaa isaan irraa fudhatee gara Iyyerusaalem deebi’eera. Hirqaal Faarsi wajjin osoo wal hin waraanin dura Duuka Bu’ootni Sinoodoosii isaani irratti namni nama ajjeese umurii isaa guutuu haa soomu jedhanii murteessanii seera baasanii waan turaniif soomii kana sodaatee waan tureef amantoonni Iyyerusaalem turan yaada isaa kana deeggaruun “ati diina keenya nuuf balleessi, Fannoo Gooftaa keenyaas nuuf deebisi malee umuriin nama tokkoo 70 yoo baay’ate 80 waan ta’eef guyyaa shan shan addaan qooddannee siif soomna” jechuun soomaniifi jiru. Kana bu’uura godhachuun warreen hin hubanne si’a tokko soomuun kan dhiisan yoo ta’u; warren hubatan garuu, dursayyuu Duuka Bu’oonni soomaa turan jechuun waggaa waaggaadhan jalqaba sooma guddaatti sooma Hirqaal kan sooman ta’eera. Manni Kiristaanaa keenyas kana bu’uura gudhachuudhan torbee jalqaba Sooma Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos maqaa sooma Hirqaal jedhu kennuufin akka soomamu taasisteetti. (Sinkisaara Bitootessa 10). Sooma Digguwaa Qulqulluu Yaared irratti Zawarada jedhamee kan beekamu waqtii sooma afuurtamaa keessaayyuu Katabbii (Dirsat) torbee jalqabaa faarfatamu dha. Yaadni ijoon of keessatti qabates faayidaa soomaa, kadhannaa, kennaa fi jaalalaa guddisee kan barsiisu dha. Hayyichi Qulqulluu Yaareed Digguwaa Sooma irratti “Waaqayyo Muuseedhaan uummannis horiinis hundumtuu sanbata dadhabbii isaanii irraa haa boqotan jedhee ajaje.” jechuudhaan  sanbatni ilma namaaf qofa osoo hin taane lubbuu kan qabu hundi akka itti boqatu jechuun guyyaa boqonnaa ta’uu ishee dubbata. /S.Ba’uu.20:10, 25:12,/. Waqtiin (barri) kunis bara sooma Muusee jedhama. Sooma soomuun fedhaan qofa osoo hin taane kan ajajamee dha. Raajichi Iyyu’eel “Sooma fi qabadhaa, cimsaa, Sagantaa Kadhannaa labsaa, jaarsoliis mana uumaa keenyaatti sassabaatii tokkummaadhaan garas Waaqayyootti iyyaa.” Jedheera. Iyyu.1:11, 2:12, 12:15-16 Duuka Bu’aa Qulqulluu Phaawuloosis “Soomaa fi Qulqullummaadhaan murtaa’atii Waaqayyoon tajaajilaa.” Jedheera. 2Qor.6:4-6

Soomni osoo hin barbaachisnee ta’eetii Gooftaan keenya “Yeroo soomtaniitti akka warra of-tuultotaa (of-agarsiistotaa) hin ta’inaa…qajeelummaaf jedhanii kan beela’an kan dheebotan isaan eeebbifamtoota dha.” Jedhu ture. Maat.5:6-16 Raajichi Daawwitis “Jilboonni koo soomuun dadhabaniiru, foon koos dibata dhabuun huuqqateera.” Faar.108:24 jechuun isaa barbaachisummaa soomaa nu hubachisa. Daan.9:3-4, 10:5 Akka maxxantuutti nama waliin kan jiraatu afuurri xuraawwaan seexanni kan bahu soomaan akka ta’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dubbateera. Maat.17:21, Maar.9:2

Qulqulloonni Duuka Bu’oonni “Misirroon isaan biraa yeroon itti fudhamu ni dhufa yeroo san ni soomu” kan  jedhe jecha Gooftaa bu’uura godhachuun Gooftaan keenya du’aa erga ka’ee fi ol ba’een booda soomanii seera soomaas hojjataniiru. H.D.B.13:3 Abboota  318. “Duuka Bu’oonni kan soomanii fi akka soomnu kan ajajan soomuu qabna.” Jechuun sooma akka soomnu murteessuun isaanii jecha Gooftaa kana bu’uura godhachuuni dha. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hundeessaa seeraa kan ta’e guyyyaa 40 fi halkan 40 soomee akka soomnu ajaje malee callisee soomaa hin jenne. Kanaafuu, soomni ajaja ta’uu isaa hubannee hundi keenyaa soomu qabna. Soomnee akka eebbifamnu nu haa gargaaru!!!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!!!

Amantaa, Ayyaana fi aadaa isaa addunyaaf beeksisuuf lammiin Itiyoophiyaa hundumtuu gahee isaa akka bahu waamichi dhihaate!

Sirna Cuuphaa

UNESCO irratti galmaa’uun Ayyaana Cuuphaa ergama Amantaa fi biyyaaf  beekkamtii kennuun shora /gahee/ guddaa waan taphatuuf, lammiin biyyattii hundumtuu Ayyaana isaa, Amantaa isaa fi aadaa isaa beeksisuuf qooda mataa isaa akka raawwatu Qulqulluun Sinoodoos ni beeksise.

Torbeen kun lammiileen Itiyoophiyaa hojiiwwan gurguddoo biyya isaaniif raawwatan sadarkaa addunyatti beekkamtii itti argatan ta’uu isaa kan beeksise ergaan Qulqulluu Sinoodoos beekumsa, aadaa, sirnaa fi seenaa abboota keenyaa eeguun inni hanga ammaa raawwatamaa ture homtuu osoo irraa hin hir’atin barumaa baraan cimee akka itti fufu gochuun nuurraa eegama jedhee jira.

Qulqulluun Sinoodoos gaaffii seera qabeessa carraaqqii Mana Kiristaanaa, mootummaa, uummata Kiristaanaa fi jaalattoota biyyattiitiin isaaf dhihaate ija gaariin fudhatee Ayyaana Cuuphaa maqaa Itiyoophiyaatiin hambaalee afuuraa idila addunyaa gochuun galmeessuu isaaf galata galcheera.

Dabaluunis, Ayyaanni Cuuphaa UNESCO irratti galmaa’uun isaa maqaan Mana Kiristaanaa, biyya keenyaa fi uummata keenyaa addunyaa irratti beekkemtii akka qabaatu fi carraaqqii biyyi keenyas gama turizimiitiin fayyadamtuu akka taatu taasifamuuf deeggarsa guddaa kan qabu dha jedhee jira.