• Baga nagaan dhuftan !

Baga Gammaddan!

Waldaan Qulqullootaa sagantaalee Afuurawaa kanaan duratti buufata Teleevizhiinii Aleph irratti tamsaasaa ture Fulbaana 1/2012 B.A. irraa eegalee Buufata Teleevizhinii Mataa isaa banuudhaan moggaasa ” TELEEVIZHIINII WALDAA QULQULLOOTAA” jedhuun sa’aatii tamsaasa isaa gara sa’aatii 24tti guddisuun waliin gahiinsa lallaba wangeelaa fooyyessuuf qophii isaa xummureera.     Waldaan Qulqullootaa sagantaalee Afuurawaa kanaan duratti buufata Teleevizhiinii Aleph irratti […]

Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!!

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gumaachi isheen biyya tanaaf goote hammana jedhamee lakkaa’amee kan bira hin gahamne dha. Haa ta’u malee, tola ooltummaan ishee irraanfatamee, biyyattiif sirna barreeffamaa fi lakkoofsa bocuudhaan uummata biyyattiif hulaa qaroominaa saaquun ishee akka hammeenyaatti ilaalamee, lakkoofsa baraa biyyoonni biroo hin qabne biyyattiif gumaachuun ishee akka wallaalummaatti herregamee yeroo ammaa kanatti […]

Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos

Asaffaa Guddataa Gaafti Adoolessa bultii shan (5) guyyaa ayyaana yaadannoo Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosi dha. Qulqulluu Pheexiroos qurxummii kiyyeessuu keessaa bahee gara nama kiyyeessuutti yokiin akka namoonni ilmaan Waaqayyoo ta’an taasisuutti kan dhufe waamicha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin ture (Maat. 4:18-20). Qulqulluu Phaawuloosis osoo Waaqayyoof inaafee kiristaanota ari’ataa jiruu daandii Damasqoo irratti […]

“Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል” H/D/B/ 2:1-21

Sagaleen kun katabamee kan argamu Hojii Duuka Bu’ootaa isa harka barreessaa Wangeelaa kan ta’e Luuqaasiin bareeffame keessatti dha. Taateen yeroo sanatti ta’ee tures Duuka Bu’ootarra bu’uu Afuura Qulqulluuti (ርደተ መንፈስ ቅዱስ). Guyyaan sunis ‘Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaanaa’s ni jedhama. Caqasni isaas Hoj.Duu.Bu. 2:1-Dhu.Boq. ti. Caqasa kanaan wal qabatee shakkitoonni amantaa yaad-rimeewwan adda addaa ni kaasu. […]

“Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49)

Jecha kana kan dubbate Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Warrootni jechichi dubbatameef immoo Duuka Bu’oota isaati. Jecha Inni dubbate guutummaan yoo ilaalle, “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif nan erga; waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa”  jedha (Luuq. 24:49). Kana qofa miti; hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka isaa mataa isaaniirra […]

SEENAA MANA KIRISTAANAA MI’IRAAFE QIDDUSAAN KOOMTOO QULQULLEETTII SILLAASEE

Wiirtuu Naqamteetiin Manni Kiristaanaa bakka gargaarsi Waaqayyoo, soorummaa fi jaalalli Abbummaa Isaatiin kan itti argamu gara Iyyeruusaaleem ishee Samii kan nu geessitu qeyeen Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa iddoo adda taatee dha. Egaa barreeffama kana keessatti Qeyee Waaqayyoo kan taate seenaa Mana Kiristaana Mi’iraafe Qiddusaan Koomtoo Qulqulleettii Sillaaseetiin wal isin barsiifnaa Manni Amantaa seena qabeettiin umrii dheeraa […]

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32)

 Dn. Mazgabuu Kafiyaalaw Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun muudannoowwan  deddeebi’anii mul’atani dha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti afuursuu fi deddeebi’u qofatti malee duunaan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii yaadu. Garuu, jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kanarraa darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni […]

Seenaan akka hin Komatamneef Tajaajila Afuurawaaf haa tattaaffannu!

Haati keenya Manni Kiristaanaa baroota darban keessatti tajaajiltoota tajaajila Afuurawaaf tattaaffatan baay’ee horteetti. Hundumtuu galmi isaanii Mootummaa Waaqayyoo dha. Baroota tajaajilli gaarii itti raawwatamaa turan keessatti maqaan isaanii odoo hin tuqamin darbeetu hin beeku. Bara gidiraan adda addaa itti baay’atetti Ishiirraa fagaatanii yeroo qananii eeganii Ishii cinaa dhaabbachuudhaan Ishee tajaajilaa waan hin turreef fi bara […]

JAALALA ONNEERRATTI CHAAPPEEFFAME

Dn. Mulugeetaa Ayyaaleew Ani nama biyya Maqdalooni; cubbuu baay’ee kan na hojjechiisan afuurota hamoo gosa torbatu narratti walga’anii nagidirsaa turan. Namaa gadi ta’ee akka  nama   maraatuttan   lakkaawwamee jiraadhan ture. Kan fagootti na dheessu malee; natti dhiyaatee rakkina koo nagaafachuuf kan nadubbisu, ana wajjiin kan nyaatee dhugu mitii, ayii yaa intala kana jedhee sobee kan hidhii […]

Qorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay’ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4፡1-11, Maar. 1፡1-12, Luuq. 4፥1-13). Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya “Ergasi Gooftaankeenya […]