Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!!

in Uncategorized

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gumaachi isheen biyya tanaaf goote hammana jedhamee lakkaa’amee kan bira hin gahamne dha. Haa ta’u malee, tola ooltummaan ishee irraanfatamee, biyyattiif sirna barreeffamaa fi lakkoofsa bocuudhaan uummata biyyattiif hulaa qaroominaa saaquun ishee akka hammeenyaatti ilaalamee, lakkoofsa baraa biyyoonni biroo hin qabne biyyattiif gumaachuun ishee akka wallaalummaatti herregamee yeroo ammaa kanatti gochi sukaneessaa isheerra gahaa jiru daangaa darbaa dhufeera.

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa amantaa jaalala labsitu fi amantoota ishees naamusa gaariin sammuu fi luubbuu isaanii akka dagaagsan taasisuun nageenya biyya keenya eegsisuu irratti shora guddaa kan taphatte dha. Odoo amantoota ishee haala kanaan barsiisaa fi dagaagsaa hogganuu baatte biyyattiin hammam akka miidhamtu beekuuf hayyuu ta’uu hin gaafatu.

Kun ta’ee bakka jirutti garuu, qaamoleen ergama kaayyoo badii isaanii amantaan walqabsiisuun Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa adeemsistuu hacuuccaa taasisanii sammuu dargaggootaa keessa bocuun yeroo dararan ni mul’atu. Ilaalchi dharaa isaan adeemsifatan kun kanaan qofa kan goolabamu miti. Barsiifanaa Ortodoksawaas akka barsiifannaa diinaa fi boodatti hafaatti maqaa ishee hin ibsineen moggaasuun gocha farra Kiristaanummaaf yeroo fayyadaman ija keenyaan waanuma argine. Eenyummaa Afuurawaa kan Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaas gara kallattii fedhanitti micciiruudhaan dargaggoota biratti ija hamaan akka laalamtu taasisaniiru taasisaas jiru. Akkuma Kitaabni “ዘከመ ሀሎ ውስተ ኵሉ መጻሕፍቲሁ ዘነበበ ውስቴቶን በእንቲኣሁ ለዝንቱ ወዘሰ ነበቡ እሙራን ሰብእ እለይሌብውዎ ወእለሰ አልቦሙ ትምህርት እለ ኢለበዉ ይመይጥዎ ለቃለ መጽሐፍ ከመ ሜጥዎን ለብዙኃት መጻሕፍት ለግዕዞሙ ወያማስኑ፡፡ Isaan biratti waan hubannaaf nama rakkiisu ni jira; namoonni hin baranne fi hin jabaanne kitaabolee biro akkuma jal’isanitti isaan kanas (Kitaabolee Afuuraa) haaluma fedhii isaaniif tolutti ni jal’isu.” (1ffaa Pheex. 3:16) jedhuun.

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa ishee tola ooltummaa baay’ee biyyaaf oolte tana akka farra biyyaatti ilaalamaa dararamuu ishee ni balaaleeffanna. Ajjeechaa amantoota isheerra gahaa jiru kunis gocha namummaarraa fagaate waan ta’eef kanas cimsinee balaaleeffana. Warroota gubiinsa fi ajjeechaa sukaneessaa kana Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraan gahan kana qalbii isaanii akka deebisuuf  gara Waaqayyootti kadhachuun nurraa eegama.

Waaqayyo Mana Kiristaana fi Biyya keenya seefii (kuttuu) diinaarraa nuuf haa eegu.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-08-02 14:42:512019-08-02 15:09:34Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!!
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos Link to: Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos Link to: Baga Gammaddan! Link to: Baga Gammaddan! Baga Gammaddan!
Scroll to top