Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

SEENAA MANA KIRISTAANAA MI’IRAAFE QIDDUSAAN KOOMTOO QULQULLEETTII SILLAASEE

in Kana Beektuu Laata?

Wiirtuu Naqamteetiin

Manni Kiristaanaa bakka gargaarsi Waaqayyoo, soorummaa fi jaalalli Abbummaa Isaatiin kan itti argamu gara Iyyeruusaaleem ishee Samii kan nu geessitu qeyeen Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa iddoo adda taatee dha. Egaa barreeffama kana keessatti Qeyee Waaqayyoo kan taate seenaa Mana Kiristaana Mi’iraafe Qiddusaan Koomtoo Qulqulleettii Sillaaseetiin wal isin barsiifnaa Manni Amantaa seena qabeettiin umrii dheeraa lakkoofsiste Koomtoo Mi’iraafe Qiddusaan Qulqulleettii Sillaaseen Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Waayyuu Tuqaa, Ganda Daaloo Koomtootti kan argamu dha. Finfinneerraa km 330 fagaatee kan argamu yommuu ta’u; Finfinneerraa hanga magaalaa Naqamteetti km 320 magaalaa Naqamteerraa km 10 kan hin caalle fagaattee argamti. Kunis karaa ciirrachaa kan konkolaataa deemsisu qaba. Iddoo Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa kun itti argamtu sana bira ga’uudhaaf karaan isaa akkuma jireenya kiristaanaa bu’aa ba’ii, Tabbaa fi Irraangadee kan qabu dha. Manni kiristaanaa kun lafa cittuu bishaaniin marfamteerratti argamti.
Haala hundeeffamaa
Manni Kiristaanaa koomtoo Qulqulleettii Sillaasee nama Dajjaazmach G/Igzi’abiheer (Dajjaach Kumsaa Morodaa) jedhamuun bara 1906 B.A hundeeffamte. Jalqaba manni Kiristaanaa kun citaadhaan ijaarame. Waggoota hedduu erga tajaajilee booda, xaaliyaaniin biyya keenya Itiyoophiyaa yeroo weerartee waggaa shan turte keessatti dhiibbaa guddaa Mana Kiristaanaa kanarraan geessisteen. Manni Kiristaanaan kun gubateera. Meeshaaleen Qulqullaa’oon hedduun waliin gubataniiru.
Yeroo sana furtuu qabaan Mana Kiristaana kanaa kan turan Luba Tasfaayee Amanuu jedhamu turan. Isaanis haala hin beekamneen Taabota Kakuu Waaqayyoo fi meeshaalee qulqullaa’oo muraasa fudhatanii bosona seenan. Eeyyama Waaqayyoo ta’ee, Fannoo Gooftaa dabalatee meshaalee Qulqullaa’oo tokko tokoo oolfataniiru. Sababii kanaan kan ka’e Fannoo Gooftaa dabalatee meeshaalee qulqullaa’oo tokko tokko abiddaan guba- chuu irraa oolfatanii jiru. Haa ta’uu malee, Manni Kiristaanaa kun yeroo gubatu meeshaalee qulqullaa’oo ta’an hedduu fi Kitaaboliin akka Biraannaa (waraqaa gogaa re’eerr irraa hojjetamau), Dirsaanotaa fi Kitaabilee Qulqullaa’oon gara garaa baay’een ooluu hin dandeenye.
Garuu, kanneen gubatan gubatanii Taabonni Kakuu Waaqa- yyoo fi meeshaaleen qulqullaa’oon muraasni akka fedha Waaqayyootti Luba Tasfaayee Amanuutiin ooluu danda’anii jiru. Lubni kunis Taabota Kakuu kana bakka kaa’an dhabanii erga baay’ee Waliin rakkatani boo da dubbiin qabbanaa’uusaa hubatanii namoota naannoo sanaa walitti qabuudhaan, Manni Kiristaanaa akka ijaaramu mariisisan. Uummannis yaadicha inaaffaa afuuraan deeggaranii hamma humna isaanii Mana Citaa ijaaranii Taabota Kakuu Waaqayyoo kana itti galchan. Tajaajil- tonnis (Lubootnii fi Daaqonootni) waggaa dheeraadhaaf mindaa malee tajaajilaa turan. Amantoonni Ortodoksii Tawaahidoo naannoo sanatti argamanis gama isaaniitiin kennaa isaanii midhaan irraas ta’ee waanuma argataniin Mana Amantaa isaanii tajaajilaa turan. Haata’u malee, tajaajil
toonni (Luboonnii fi Daaqonootni) uffata tajaajilaa waan hin qabneef uffata lubummaa malee akkasumatti tajaajilu turan. Haala jajjabina Mana Kiristaanichaa ajaa’ibaa /raajii faana wal qabatee Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiruhoo jedhamee akkuma bar- reeffame, haalli gaggeeffama Mana Kiristaana kanaa kan nama gad-disiisu ta’ullee, Waaqayyo garuu yoomillee nama qaba.Yeroo ta’e tokko Dubartiin Aadde Dabrituu jedhamtu Finfinneerraa gara bakka kanaatti dhuftee haala gaggeeffama Mana Kiristaanichaa, tokkummaa fi garraamummaa uummatichaa erga daawwattee booda ajaa’ibsiifachuun deebitee Finfinneetti galte. Boodas waa’ee raajii baay’ee Mana Amantaa kana keessatti ta’aa jiru namootatti himte. Keessattuu namoota yeroo dheeraadhaaf dhukkuba gara garaatiin rakkachaa turanii fi yaalamanii furmaata dhabanitti ‘’Manni Kiristaanaa Koomtoo Qulqulleettii Sillaasee jedhamtu jirti, Manni Amantaa kun gubat- tee turte, meeshaalee qulqullaa’oos guutuu hin qabdu, Waaqayyo garuu bakka kanatti raajii ni hojjeta. Kanaafuu bakka sana deemaatii aarsaa dhiyeessaa! Ni fayyitu” jettee isaanitti himte. Sana booda namootni baay’een bakka sana dhufanii kadhannaa godhachuun dhukkuba isaanii irraa fayyuun Waaqayyoon galateeffachaa turaniiru bakki sunis yeroodhaa yerootti namoota hedduu biratti beekamaa dhufeera.

jiraatonni naannoo sanii, bakki kun bakka seena qabeessa ajaa’iba raawwatu akka ta’e erga hubataanii booda, Mana Citaa isa ture gara gamootti jijjiiruudhaaf bara 1964 B.A irraa eegalaanii kaka’umsa guddaadhaan sochii haa taasisan malee; sababii gara garaatiin kan ka’e yeroo sanitti ijaaruu hin dandeenye. Haa ta’u malee, yeroo muraasa booda kaka’umsa uummanni qarshii walitti qabuudhaan Mana Citaa sana gara Mana qorqoorrootti jijjiiranii Taabonni Kakuu akka itti galuu taasisaniiru..

Itti aansuudhaan Caamsaa 7, bara 1978 B.A namoonni dhalattoota naan- noo sanaa ta’anii fi hiriyoonni isaanii Finfinneedhaa dhufuudhaan jaar- solii biyyaa wajjiin mari’atanii, Mana Kiristaanicha ijaaruudhaaf irratti waliigalaan. Baruma kanatti Phaaphaasii M/K/O/Tawaahidoo kan turan Eebbifamoo Abbaa Tekle Haymaanot fiduudhaan dhagaa bu’uuraa kaa’an. Ijaarsi manichaas jalqabamee haala miidhagaan raawwatame- Caamsaa 7, bara 1982 Taabota Kakuu itti galchuudhaan haala hoo’aa ta’een eebbifame. Akkasumas baruma kana meeshaalee qulqulla’oo kan- neen hir’atan hundi bitamanii akka guutaman ta’e.

Haala Manni Kiristaanaa kun Amma keessa jiru.

Egaa Manni Kiristaanaa Koomtoo mi’iraafe Qiddusaan Qulqulleettii Sillaasee maqaa kabajaa mi’iraafe qiddusaan jedhamu kanallee bara 2009Phaaphaasii kutaa lallabaa Godina Wallagga Bahaafi Horroo Guduru Wallaggaa kan ta’an Abbaa Simi’ooniin kan moggaafamtee dha.

Yeroo ammaa tajaajiltoota Manni Kirstaanichaa qabu:- Luboota 4, Diyaaqonoota 4 kan qabduufi baay’ina uummataa Abbaa warraa 180 qabdi. Kana malees Monoksootni dubartootaa 8jiru. iddoo kadhannaadhaaf mijataa ta’e, namoonni baay’een gara Mana Amantaa kanaa dhufuudhaan bakka itti subaa’ee galaniidha.
Manni Kiristaanaa kun iddoo Qulqullummaa, seenaa bara dheeraa qabu ta’ee osoo jiruu, haalli tajaajila isaa garuu kadhaa harka uummatashee qofa eeguu irraan kan ka’ee fi galii tajaajila guutuu kennuudhaaf barbaachisu argachuu irratti rakkina cimaatu marsee jira. Dabalataanis tajaajila Afuuraa jajjabeessuudhaaf, Manni Kiristaanaa kun fuulduratti akka of danda’u gochuudhaafis hojiiwwan misoomaa kan akka Sangaa furdisuu fi Lukkuu horsiisuu hojjechuudhaaf jalqabbiin jiru kan nama gammachiisudha.
Egaa abbootiin keenya dursummaan Mana Waaqayyoo mana isaanii godhatanii,waadaa isaaniif kenname eeganii, Mana Kiristaanaa Qulqulleettii nuuf dabarsanii jiru. Nutis dhaloonni har’aa; umrii Waaqayyo irraa arjummaan nuuf laatame akka seeraa fi ajaja Waaqayyootti fayyadamnee; waadaa nutti kenname eegnee dhaloota itti aanuuf laannee akka argamnu Waaqayyoo nuuf haa eeyyamu.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-05-21 11:35:082019-05-21 11:35:08SEENAA MANA KIRISTAANAA MI’IRAAFE QIDDUSAAN KOOMTOO QULQULLEETTII SILLAASEE
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32) Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32) “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera”... Link to: “Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49) Link to: “Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49) “Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ...
Scroll to top