• Baga nagaan dhuftan !

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa lammaffaa Ol-aantummaan fi Ulfinni Mana Kiristaanaa keenyaa yeroodhaa yerootti eeggamee akka jiraatu babal’iinsi lallaba Wangeelaa murteessaadha waan ta’eef, hojiilee Hoggansa lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu’ummaatiin raawwatamaa jiran cimsuun gama bobbaatii lallaba Wangeelaatiinis ta’e bu’aawwan maxxansaatiin bifa gaaffii dhaloota kanaa deebisuu danda’uu fi bifa fedhii afaan dhalootaatiin tajaajiluu danda’uu miilkeessuun Qulqulluu Sinoodoosiin xiyyeeffannaan itti […]

Lubbuu Amantootaa farreen Mana Kiristaanaatiin ajjeefaman Gannata keessa nuuf haa galchu.

Miseensotni Yaa’ii ol’aanaas hundumtuu Kaateederaalii Manbara Tsabaa’oot Qulqulleettii Sillaaseetti ni argamu. Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo farreen Mana Kiristaanaan ajjeefamaniif Kadhannaan hiikiinsaa (ጠሎተ ፍትሐት) Manneen Kiristaana hundumatti Guyyaa boruu (16/2/2012) akka taasifamu Qulqulluun Sinoodoosi murtee dabarsee jira.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa 1ffaa Akkuma seenaan raga bahutti, baroota barnootni ammayyaa hin babal’annetti ministeera barnootaa ta’uudhaan dargaggeeyyi ogummaa fooniin fi ogummaa Afuuraatiin gabbisaa guddisuudhaan Mana Kiristaanaaf fi biyyattiif madda hoggantootaa kan taate; yeroo diinni biyya weeraru fi Amantaa faalleessu dhufettis Taabota baattee duuluudhaan uummata ishee jajjabeessuudhaan daangaa biyyaa kan eegsiste. Bara ministeerri Nageenyaa hin caaseeffamneetti; akka ministeera […]

Ergaa Qulqulluu Paatriyaarkii

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen. Eebbifamoo Abbaa Yaareed itti gaafatamaa Mana Lubummaa Ol’aanaa fi phaaphaasii kutaa lallabaa Arsii Eebbifamoo abbaa Yooseef barreessaa Qulqulluu Sinoodoos fi phaaphaasii kutaa lallabaa Goojjaam Bahaa Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni Kabajamtoota itti gaafatamtoota hoggansoota fi jaarmiyaalee waajjira ol’aanaa teessoo paatriyaarkii Itti gaafatamtoota fi […]

Oduu wayitaawaa: Teessoo Paatriyaarkiittii Walgahiin idilaawaa kan yaa’ii lallaba waliigalaa har’a baname.

Sirna baniinsa isaa irrattis Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa Marqoorewoos Paatriyaarkii duree phaaphaasota Itiyoophiyaa, Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa Maatiyaas Paatriyaarkii duree phaaphaasota Itiyoophiyaa, phaaphaasii Akusim fi muudamaa teessoo Takla Haymaanoot, eebbifamoo Abbootiin phaaphaasonni fi itti gaafatamtootni kutaalee lallabaa fi bakka buutootni yaa’iiwwan lallabaa bakka argamanitti banameera. Walgahicharrattis gabaasni kutaalee lallabaa, Dhaabbilee fikutaalee hoggansaa waajjiraalee ol’aanaa ni dhihaata jedhamee […]

…Godaantuu baalleen joobira guddichaa lama badhaafamte… (Mul’ata Yohannis 12: 14)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun Durii kaasnee Akaakoo/Akaakayyuu/ koo wajjiin qilxuu mana keenya fuuduratti argamu jala taa’uu jaalanna. Har’as teenyeerra. “Maal taate immoo har’a? Yeroo malee dhuftee nacinaa teese?” naan jedhani. Maqumaaf qofa dullooman jenna malee sagaleen isaanii kanuma dargaggeessaati. Jechoonni afaan isaaniitii bahan miira tasgabbaa’een waan deeggaramaniif dhagahamanii hin quufamani. Anis deebiseen “Waa rakkannaan……” jedhee odoo […]

Haati Waaqa Keenyaa katabbii (barreeffama) Qulqulluu Yaa’iqoob kan biyya Siruugitiin

H.K.H. Roodaas Taaddasa (Dr.) Yaa hunda danda’aa; uummamtoota hundumaa kan baatte osoo taatu jilbi dhala namaa sibaate. Namni iccitii kana dubbatu kamiyyuu ni raata’a, ni hollatas, ni rifata. Akka finnaa (daa’imaa) hammannaa Durbee Maariyaamiin hammatamteetta. Jechoota waa’ee kee ibsaniif afaan dhala namaa itti hanqata. Durbeen xiqqoon (umriin) tokko hunduma nyaachisaa fi burqa jireenya bara baraa […]

Baga Gammaddan!!

“ዮም መስቀል ተሰብሐ፤ ዓለም ተጸውአ፤ ወሰብእ ግዕዘ፡፡ Har’a Fannoon Gooftaa Ulfaate/kabajame; adduynaanis fayyinaaf ni waamame; dhalli namaas bilisa bahe” Yaareed Qulqullichaa Jechi “Fannoo/መስቀል” jedhu Alaqaa Kidaana Waldi Kifleen galmee chechotaa isaanii keessatti fannoo, waan itti fannifaman, gidiraa du’aaf nama geessu jechuu dha jechuun hiikaniiru. (Fuula 883) Fannoo Gooftaa bifa Afuurawaa fi iccitaawaatiin kan addeessan immii […]