• Baga nagaan dhuftan !

Baga guyyaa dhalachuu Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin Isinin gahe

“እስመ ናሁ ተወልደ ለክሙ ዮም መድኅን ዘውእቱ ክርስቶስ እግዚእ ቡሩክ በሃገረ ዳዊት፡፡ Har’a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.” (Luuq. ፪፥፩-፲፪/2፡1-12/) Dn. Ga/Sillaasee Shittaahun Addaam abbooma Waaqayyoo diigee, duuti foonii fi duuti lubbuu akkasumas awwaalaatti darbatame fi abiddi bara baraa itti murtaa’ee “Abbaa koo Waaqayyo Gooftaa, Iddoo koo Gannataa dhabee hafaa?” jechaa […]

Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti

“Gooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture.” (Hoj.D.B. 2፥47) Kaayyoon ijoo qophii barruu kanaa:- Waa’ee fayyina dhala namaa ilaalchisee warroota karaa ifa ta’een hubachuu hin dandeenyeef waa’ee  fayyinaa waan isaan haasa’an Kitaaba Qulqulluudhaan ala kan ta’e ta’uu isaa agrsiisuuf barbaadamee ti. Warroota “Amantiidhaan qofa /amanuudhaan qofa/ fayyina.” jedhaniif  barsiifatni isaanii dogongora akka ta’e […]

Yaa Suulaamaaxis (Laattuu Nageenyaa) deebi’i deebi’i akka si arginuuf deebi’i (Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7:1)

Asaffaa Guddataa Mootichi Salamoon weedduu isaa Faaruu Faaruu caalu jedhamee beekamu keessatti “Deebi’i deebi’i akka Si arginuuf deebi’i” jechuudhaan irra deddeebi’ee waama. Waamicha kana kan dabarsuus Giiftii keenyaafi dha. Iccitii gara boodaatti baroota dheeraan booda raawwatu ilaalee Afuura Qulqulluun argee “Godaansi si ga’aa. Amma yeroon isaa gaheeraatii gara biyya Kee Naazireetitti deebi’i” Isheen jedha. Haaluma […]

WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO

WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO

Mulugeetaa Ayyaaleewutiin

Jalqaba isaa eenyumtuu beekuu kan hin dandeenyee fi onnee/ laphee namoota foon uffatanii jalaa iccitiin isaa baay’ee fagaataa kan ta’e;asii hamma achii; as keessa jira;as immoo hin jiru; jechuun kan hin danda’amne;garuu jalqaba kan jiruu fi jiraachuu waan hundumaa Inni kan beeku; samii fi lafa,Kan muul’atuu fi kan hin muul’anne; hundumaa kan uume; maqaa Waaqa Abbaa;

Addunyaan otuu hin uumaminii fi hin hojjetamin; iccitiidhaan abbaa isaa wajjiin tokko kan ta’e; waan hundumaan; Abbaa wajjiin kan wal qixxaate maqaa Waaqa Ilmaa;

Gadaamessa garbawwanii keessaa; burqaawwan bishaanii otuu hin dhangala’in;galma isaa keessaas; ifni guddaan otuu hin ba’in; Abbaa irraa; kan ba’e; maqaa Waaqa Afuura Qulqulluutiin dursina.

Guyyaa kanatti biyya Afqaariyaa jedhamu keessa kan jiraachaa turan; Maaksimoos,Manfiyoos,Fiiqxoorii fi Filiphoos, bara mooticha gantuu; Daakeyoos wareegamummaan boqotan.

Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen! Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee)

Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen!

Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee)

                                                                                                                        Damissee Jemaaneen.

Akka mana Kiristaanaa OrtodoksiiTawaahidoo biyya keenyaatti waqtiin abaaboo fulbaana 26-sadaasa 6tti ni kabajama.waqtii kanatti abbootiin seenaa godaansa Giiftii keenya dubroo Maariyaam;ilma ishee wajjiin Heroods jalaa goodaanan iccitiidhaan,yeedaloon, weedduun yeroo itti yaadatanidha.yeroo kanatti Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyaa yaadaan Giiftii keenya waliin gara gammoojjii Gibtsiitti(misiriitti) bu’u, bakkaa bakkattis ni socho’u.

Seenaan godaansa Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii fi Gooftaa keenyaa Wangeela Maatewoos boqonnaa lamarratti barreeffameera.Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gaafa Beeteliheem Dallaa horii keessatti dhalate; Ergamoonni bu’anii galateeffatan,loon aarsaa afuura isaanii dhiheessaniif,ogeessonni biyya baha fagoo warqee ,ixaanaa fi Qumbii fidanii dhufuun; Mootiin samii fi lafaa eessatti; gara kamitti dhalate?deemnee aarsaa dhiheeessinaaf jechaa yeroo dhufan; Heroods dhagahee nahe.Heroods aangoo mootummaa isaa; akka agartuu ija isaatti eeggata.Kanaaf mootiin samiif lafaa

BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

Mulugeetaa Ayyaaleetiin

Abbaan keenya Abbaa Gabre Kiristoos; abbaan isaanii Mootii Qusxinxiniyaa Tewoodoosiyoos yoo ta.u;haati saanii immoo; Mootittii Maarkeezaa yoo jedhamtu;Wareegaan kan argatan ilma isaanii tokkicha Abbaa Gabre Kiristoos barnoota amantaa barsiisaa haala gaariidhaan kunuunsanii guddisan.Aangoo abbaa isaa dhaaluudhaan Qusxinxiniyaa akka bulchuuf waan barbaadaniif;abbaa fi haati isaa yeroo inni umrii gaa’ilummaaf ga’u; intala mootii Roomaa fuusisan.Abbaan keenya garuu addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan; fannoo Kiristoos baachuudhaaf kan qophaa’e waan ta’eef; halkan gaafa guyyaa cidhaa sana galagala; dubrummaa haadha manaa isaa; kan isaas akkuma kabajetti; mana cidhaa isaaniif qofa kennameef keessaa dhokatee ba’ee;doonii yaabbatee; biyyaa fagoo deemuudhaan; Mana Kiristaanaa keessatti; hiyyeessota waliin walitti makamee kadhachaatii; isa kadhate sanas hiyyeessota biroof kennaa ofii isaatii kadhannaa fi laguun woggaa kudha shan guutuu isaan wajjiin jiraate.

ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)

ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)

Mulugeetaa Ayyaalew

ONKOLOLEESSA SHAN GUYYAA ABBAAN KEENYA ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOON) WAADAA(QAAL-KIDAANII) WAAQAYYO IRRAA ITTI FUDHATAN

AbuneGebreMenfesqidusAbbaan keenya Abune    Gebre Menfes Qiddus/Aabboon; biyyi dhalootaa isaanii Gibtsi; iddoo Nihiisaa jedhamtu yoo ta’u; Abbaan isaanii Simi’oon, haati isaaanii immoo Aqleesiyaa jedhamu. Abbaa fi haati abbaa keenyaa Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboo akka ajajaa fi abboommii Waaqayyootti kan jiraatan yoo ta’u; dhala otuu hin argatin woggaa soddoma obsanii Waaqayyoon kadhachaa jiraatan. Akkuma barte gaaf tokko Aqleesiyaan Mana Waaqayyoo seentee ; fakkii Sillaaseejalatti kuftee; boo’aa yemmuu kadhattu;” ilma kabajni isaa fageenya samii caalu kunoo fudhadhu” sagalee jedhu dhageessee ;gammadaa gara mana isheetti Waaqayyoon galateeffachaa deebite. Egaa bu’uuruma kanaan Abbaan keenya Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboon Bitootessa 29 garaa haadha isaaniitti hafan (gadamessa haadha isaanii Aqleesiyaa keessatti uumaamanii) Muddee, 29 guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa; guyyaa yaadannoo Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos gara addunyaa tanaatti kabajaan dhufan.

QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII ARSEEMAA

QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII ARSEEMAA

Mulugeetaa Ayyaaloon

27/01/2010 B.A


Arsema2010aJalqaba isaa eenyumtuu beekuu kan hin dandeenyee fi onnee namoota foon uffatanii jalaa iccitiin isaa baay’ee fagaataa kan ta’e; asii hamma achii, as keessa jira as immoo hin jiru jechuun kan hin danda’amne, garuu jalqaba kan jiruufi jiraachuu waan hundumaa inni kan beeku samiifi lafa, kan muula’atuufi kan hin muul’anne hundumaa kan uume maqaa Waaqa Abbaa, Addunyaan utuu hin uumaminii fi hin hojjetamin iccitiidhaan Abbaa isaa wajjiin tokko kan ta’e waan hundumaan Abbaa wajjiin kan wal qixxaate maqaa Waaqa Ilmaa Gadaamessa garbawwanii keessaa burqaawwan bishaanii utuu hin dhangala’in, galma isaa guddaa keessaas ifni utuu hin ba’in, Abbaa irraa kan ba’e maqaa Waaqa Afuura Qulqulluutiin dursina.

Kadhannaan isheetii fi Eebbi ishee nu hunda keenya irra bara baraan haa jiraatu.

Fulbaana, 29 haati keenya Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan, itti gaafatamtuu kawaala isaanii kan taate wareegamtuu Agaataa wajjiin wareegamummaan boqatan. Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan B.A. 290 Biyya Armaaniyaatti kiristaana umrii dardarummaatti wareegamteedha.

Dhaloonni Ishee Room yoo ta’u wareegamummaa kan fudhatte immoo biyya Armaaniyaatti. Manneen Kiristaanaa Ortodooksii Isaan Bahaa (Oriental and Eastern) Fulbaana, 29 ykn October 9 guyyaa wareegamummaa itti fudhatte kabajuuf.

Seenaa Ishee Kitaaba Sinkisaara Fulbaana, 29 irratti akkuma barreffametti mootii bara sanaa kan ture gantuu Diyooqilixiyaanos; durba bifti ishee baay’ee miidhagduu taate fuudhuu waan barbaadeef biyyoota bulchiinsa isaa jala jiran hundumaa keessa barbaadanii akka fidaniif hojjettoota isaa ajaje. Miidhaginaafi naatoodhaan dorgomtuun kan hin argamneef Qulqulleettii Arseemaa Kawaala dubartootaa Room keessatti argatanii fakkii ishee kaasuudhaan fidaniif. Otuu loon hin galin hattuun mooraa guutte akkuma jedhan, Mootichis fakkii ishee qofa ilaalee baay’ee waan gammadeef hatattamaan cidhi akka raawwatamuuf gara warra abbootii aangoo gurguddaatti xalayaa waamichaa erge.

Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃን ማርያም)

Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃንማርያም)

Dn Takiluu Hayiluun

21/01/2010 B.A

Ayyaanota gurguddoo haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyamii yeroo mara kabajaman keessaa ayyaanni Maariyaamii haadha hundaa (ብዙኃንማርያም) jedhamuun Fulbaana digdamii tokko(21) kabajamu isa tokko. Ayyaanni kun sababa gurguddoo lamaaf kabajama.

Inni Duraa Hayyoonni Mana Kiristaanaa fagoodhaas dhiyoodhaas walitti qabamuun amantaa ishee duraa eegsisuuf yaa’ii isaan taasisan sababeeffachuun yoo ta’u,

Inni lamaffaan immoo Fannoon Gooftaa keenya, qoricha keenya, Iyyasuus Kiristoos irratti fannifame GisheenDabra Karbee guyyaa itti gale sababeeffachuun kabajama. Sababiiwwan armaan olitti caqasaman kanneen gabaabsinee yoo ilaallu;

  1. Duuka bu’aa wareegamaa Qulqulluu Pheexiroos kan ture Aariyoos Kitaaba Fakkeenyaa Abbaa