• Baga nagaan dhuftan !

RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI

Fannoonis Rakkina yeroo jennu haala lamaan ilaaluu qabna. Isaaniis:-

1. Rakkina Kiristoos

Dhala namaa garbummaa cubbuu jalatti kufee ture Fayyisuuf, waanjoo garbummaa irraa kaasuuf akkuma Galata Maariyaamii kessatti dubbatame ‘Addaamiin bilisa baasuuf gara bultoo isaatii duraatti deebisuuf jaallate’ isa jedhame mirkanneesuuf, waadaa kennaa dhabuu fi Ganataa ari’atamuu dhala nama irraa kan ka’e gaabbuu ilma namaatiif Waaqayyoon kenname sana “Guyyaa shanii fi walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladheen, walakkaa addunyaatti Fannoo irratti fannifamee  dhufee si Fayyisa” isa jedhuun Waaqa sadan keessaa tokko Ilmi salphina keenya fudhachuuf gara lafaatti dhufe salphina argateen, rakkina irra gaheetiin kan hubatamuu dha.

RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI

  1.Hiikaa Rakkinaa

Rakkina jechuun maal jechuu dha? Rakkina jechuun qoruumsa, dhiiphina jechuu akka ta’e Aleqaa Kidaane Weldi Kifilee kitaaba isaanii galmee jechootaa (መዝገበ ቃላት) keessatti hiikanii ni argina. (fuula /ገጽ/ 591) akkasumas Liqa Hiruyaan Balaay Makonnin kitaaba isaanii galmee jechoota Afaan Amaariffaa Tinsaa’ee /ትንሣኤ/ keessatti “qoruumsa, jeeqamuu, dhiiphina” hiika jedhu kennanii fi ni argina. (fuula /ገጽ/ 20) Kiristaana jechuun bishaanii fi Afuura irraa dhalachuun Kiristoosiin kan Uffate, Kiristoosii waliin tokko kan ta’e jechuu dha.

QULQULLUU SINOODOOSI

Kaayyoon Qulqulluu Sinoodoosii inni guddaan tokkummaa Mana Kiristaanaa eeguu dha. Taateewwan yeroodhaa yerootti mudataniin Doogmaa fi Qannoonaa; Sirnaa fi Darbii darboo, seerri ishee akkasumas bulchiinsi ishee akka hin diigamnee fi balaa irras akka hin buunef eegaa dha.

QULQULLUU SINOODOOSI

Raajii dubbatameen barri lakkaa’amee yeroo raawwatu addunyaan kun ni dabarti. Akka baruumsa Kitaaba Qulqulluutti yoo ta’e addunyaan kun erga darbee booda jireenya bara baraa hin badnee fi hin jijjiiramne kan ta’e addunyaan haaraa fi addaa ni jira. Innis Mootummaa samii irraa Mootummaa Waaqayyooti.

Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  

Akkuma dhuunfa keenyaa yommuu rakkinni numudatu Waaqayyootti iyyinu, akkasuma Mana amantaarras rakkinni yommu gahu furmaata Isumarraa eegna. Haala hubannaa keenyarraan kan ka’e kan ture ykn callisee yoo nutti fakkaate maalif? jenna. Luboonni yommuu wareegaman, Manniamantaa yommuu gubatu, hordoftoonni yommuu godaanan kitaabni qulqulluu yommuu saamamu, Manni Qulqullummaa yommuu sarbamu Waaqayyon akkamiti callisaa? jenna. Akkas kan jennu tari abaarsi Waaqayyoon bu’ee namoota badii kana raawwatan maaliif hin nyaatnne ykn hin balleessine jennee eegna ta’a yoo akka yaadne ta’u dhiisee akka nuti yaadne ta’uudhiisa. Akkamittis yaa eegnu garuu, nuti karaa eegne waantoonni ta’an bita nutti galuu danda’uu isaa booda abdi kutanna.

Waaqayyon Calluma jedhaa laata?

Adunyaa irra yemmuu jiraannu rakkinni fi gammachuun, kufati fi milkayinni, dadhabbii fi jabinni akkasumas, wantoonni adda addaa nurraatti wal jijjiru. Ta’us, kuni nuuf waan haaraa miti. Addunyaarra yemmuu jiraattan rakkinni isinirra jira jedhamnerraati. Nuti warreen diina aafuraa kan qabnu mitiiti namni kamiyyu nama ta’uu isaatin bu’aa ba’iin isa mudata. (Yoh.16፡33)

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.

Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amiin! Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.   ++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++ Kutaa Tokko Akkuma raajii Yoonaas keessatti bal’inaan ibsame, yeroo namoonni Nanawwee Waaqayyo irratti fincilanii fi gochaan isaanii […]

Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen Dhimmoota  Yeroo ilaalchisuudhaan Ibsa Waldaa Qulqullootaa Irraa Kenname Manni Kiristaanaa Baroota 1950 irraa eegaltee Kallattii hundumaan Waraanni xiin-Yaadaa irratti taasifamaa tureera. Waraanni xiin-Yaadaa kun yeroodhaa gara yerootti gara waraana caaseeffamaatti guddachuun yeroo ammaa sadarkaa har’a irra jirru kana irra geenyee jirra. Miidhaa baroota dheeraa kana […]

“Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’a sababa Addaamiin dhufe du’ee barbadeessuuf du’ee awwaalame. Awwaalamee hin hafne; guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee jireenya nuuf labsuuf du’aa ka’e. Kabajni Isaaf yaa ta’utii Gooftaan keenya Fayyina namootaaf jedhee fedhii Isaatiin gidiraan hedduun akka irra ga’u, Fannoo irratti akka fannifamu fi du’u akkasumas guyyaa sadaffaatti du’aa akka ka’u duraan dursee Duuka […]

Sooma Gooftaa /Sooma Guddaa/

Sooma Gooftaa kan jennu kun Sooma labsii torban Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo keessaa isa tokko dha. Sooma Gooftaa kan jedhames Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos samii irraa bu’ee foon keenya uffatee addunyaa kana irratti yeroo deddeebi’utti waan soomeef yoo ta’u, Sooma Guddichaa kan jedhame immoo sooma Gooftaan ofii soome waan ta’ee fi yeroo dheeraaf kan soomamu […]