Baruulleen Yeroo Jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun maxxanfame Galma Waldaa qulqullootaa keessatti Eebbifame

Baruulleen Yeroo Jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun maxxanfame Galma Waldaa qulqullootaa keessatti Eebbifame

Dn.Mazgabuu Kafyaalaw

Waxabajjii 15

Kutaa Miidiyaa Maxxansaa fi Elektirooniksii pirojeektii miidiyaa Afaan Oromootiin kan qophaa’e Barulleen yeroo jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun qophaa’e waxabajjii 14 bara 2007 Eebbifame. Baruulleen kun qabiyyeewwan Barumsa Amantaa, Lallaba, Mana Kiristaanaa Keenya, Seenaa, Mil’uu fi Tibbana jedhan akka mata duree ijootti qabatee kan dhiyaatee fi baay’ina fuula 64 of keessaa kan qabudha.

 

Kaayyoon baruulleen kun galmaan ga’uuf qophaahes guyyaa Eebbaa kana kan ibsame yoo ta’u, innis kiristaanonni Afaan oromootiin barumsa mana kiristaanaa baratanii mootummaa Waaqayyootiif akka qophaa’an taasisuudha jedhameera. Sagantaa kana irratti keessummoonnii fi abbootiin mana kiristaanaa kan argaman yoo ta’u, qophiileen barumsa wangeelaa fi Faarfannaa dhiyaataniiru.

 

Qabiyyee fi qophii baruulee kanaa irraatti yaadnii fi qeeqni kennamee jira. Hirmaattota keessaas yaadnii fi  gaaffileen dhiyaatanii kutaa qophii kanaatiin deebiin itti kennamee jira.

 

Qabiyyee fi qophii baruullee kanaa irratti yaada isaanii kan kennan Obbo Faantaahun Waaqee “Dhimma Afaaniin barsiisuu akka salphaatti Ilaaluu hin qabnu; dhimmicha cimsinee Ilaaluu Qabna; Waaqayyo jalqaba Addaam fi Heewaaniin Uume. Garuu waan ajaja Waaqayyoo hin eegneef  Addaamii fi Heewaan Jannata Keessaa ari’amani.

Boodarras Qaayeenii fi Abeeliin dhalani. Garuu Abeelii fi Qaayeen Maatii tokko irraa dhalatanii afaan tokko dubbatanis eenyummaa gara garaa waan qabaataniif waliigaluu dadhabanii jiru.Dhimmi eenyummaa hangana gadi fagoodha kan jedhan Obbo Faantaahun, Waaqayyos Addunyaa bade kana deebisuuf Abrahaamii fi Raajota kaase. Boodarras Sanyii Haaraan akka dhalatu taassisee jira.

Sanyiin haaraan kunis Kiristaanummaadha erga jedhanii booda; afaan uummanni dhagahuun barsiisuun ammoo dhalli namaa sanyii haaraa kana irraa adda bahee akka hin banne waan taassisuuf baruulleen qophaahe kun gahee guddaa qaba; qopheessitoota baruullee kanaas Waaqayyo bu’aa hojii isaanii haa eebbisu jedhaniiru.

Hirmaattota sagantichaa gamiisa

Baruulleen kun qophaahuun isaa Seexana Ijoollee Addaam sanyii haaraa kana irraa adda baasuuf dhama’u kan qaanessudha jedhaniiru.

 

Itti gaafatamaan Kutaa muummee Miidiyaa maxxansaa fi Elektirooniksii Dooktar Marshaa Aallahany haasawa taassisaniin:- “Waldaan qulqullootaa kanaan dura kitaabolee fi faarfannaan Afaan Oromootiin kan qopheessaa ture” ta’uu  yaaddachiisanii “Garuu rakkina bal’aa jiru irraa kan ka’e haala addaatiin pirojeektii miidiyaa afaan oromoo kana hundeessuun bal’inaan hojjechuuf carraaqqiin taassisamaa jira. Kanaafuu qaamni kam iyyuu akka dandeettii isaatti pirojeektii kanaaf deeggarsa yoo taassise saffisaan hojjechuu dandeenya” jedhaniiru.

Barreessaan Waldaa Qulqullootaa Obbo Tasfaayee Bihonany Ergaa dabarsaniin:-         “Bal’ina rakkina naannoo kana jiru irraa kan ka’e Baruullee kana qopheessuu qofaan furmaata kennina jennee hin yaadnu; kan furmaatni dhufuu danda’u hundi keenya qaama furmaatichaa ta’uuf yoo carraaqne qofadha” jedhaniiru. “Rakkinni naannoo sana irratti mul’atu bal’aadha” kan jedhan obbo Tasfaayeen “Rakkoo kanaaf furmaata kennuuf nammotni muraasni qofa kan dhiphatan ta’uu hin qabu. Hundi keenya rakkina kana furuuf hirmaachuu qabna” jedhaniiru.

Gaaffilee mana keessaa ka’eef kutaan qophii baruullichaa kan deebii irratti kenne yoo ta’u, hojiileen pirojeektii kanaa qophii baruullee fi Weebsaayitii kana dabalatee miidiyaalee barruu (Baruullee fi kitaaba) Miidiyaa Elektirooniksii, miidiyaa Biroodkaastii (Raadiyoo fi Televiziyoonaa) kan hojjetu waan ta’eef tamsaasota kanaaf hunduu deeggarsa akka taassisu waamichi dhiyaatee jira.