Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Baruulleen Yeroo Jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun maxxanfame Galma Waldaa qulqullootaa keessatti Eebbifame

in Tibbana

Baruulleen Yeroo Jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun maxxanfame Galma Waldaa qulqullootaa keessatti Eebbifame

Dn.Mazgabuu Kafyaalaw

Waxabajjii 15

Kutaa Miidiyaa Maxxansaa fi Elektirooniksii pirojeektii miidiyaa Afaan Oromootiin kan qophaa’e Barulleen yeroo jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun qophaa’e waxabajjii 14 bara 2007 Eebbifame. Baruulleen kun qabiyyeewwan Barumsa Amantaa, Lallaba, Mana Kiristaanaa Keenya, Seenaa, Mil’uu fi Tibbana jedhan akka mata duree ijootti qabatee kan dhiyaatee fi baay’ina fuula 64 of keessaa kan qabudha.

 

Kaayyoon baruulleen kun galmaan ga’uuf qophaahes guyyaa Eebbaa kana kan ibsame yoo ta’u, innis kiristaanonni Afaan oromootiin barumsa mana kiristaanaa baratanii mootummaa Waaqayyootiif akka qophaa’an taasisuudha jedhameera. Sagantaa kana irratti keessummoonnii fi abbootiin mana kiristaanaa kan argaman yoo ta’u, qophiileen barumsa wangeelaa fi Faarfannaa dhiyaataniiru.

 

Qabiyyee fi qophii baruulee kanaa irraatti yaadnii fi qeeqni kennamee jira. Hirmaattota keessaas yaadnii fi  gaaffileen dhiyaatanii kutaa qophii kanaatiin deebiin itti kennamee jira.

 

Qabiyyee fi qophii baruullee kanaa irratti yaada isaanii kan kennan Obbo Faantaahun Waaqee “Dhimma Afaaniin barsiisuu akka salphaatti Ilaaluu hin qabnu; dhimmicha cimsinee Ilaaluu Qabna; Waaqayyo jalqaba Addaam fi Heewaaniin Uume. Garuu waan ajaja Waaqayyoo hin eegneef  Addaamii fi Heewaan Jannata Keessaa ari’amani.

Boodarras Qaayeenii fi Abeeliin dhalani. Garuu Abeelii fi Qaayeen Maatii tokko irraa dhalatanii afaan tokko dubbatanis eenyummaa gara garaa waan qabaataniif waliigaluu dadhabanii jiru.Dhimmi eenyummaa hangana gadi fagoodha kan jedhan Obbo Faantaahun, Waaqayyos Addunyaa bade kana deebisuuf Abrahaamii fi Raajota kaase. Boodarras Sanyii Haaraan akka dhalatu taassisee jira.

Sanyiin haaraan kunis Kiristaanummaadha erga jedhanii booda; afaan uummanni dhagahuun barsiisuun ammoo dhalli namaa sanyii haaraa kana irraa adda bahee akka hin banne waan taassisuuf baruulleen qophaahe kun gahee guddaa qaba; qopheessitoota baruullee kanaas Waaqayyo bu’aa hojii isaanii haa eebbisu jedhaniiru.

Hirmaattota sagantichaa gamiisa

Baruulleen kun qophaahuun isaa Seexana Ijoollee Addaam sanyii haaraa kana irraa adda baasuuf dhama’u kan qaanessudha jedhaniiru.

 

Itti gaafatamaan Kutaa muummee Miidiyaa maxxansaa fi Elektirooniksii Dooktar Marshaa Aallahany haasawa taassisaniin:- “Waldaan qulqullootaa kanaan dura kitaabolee fi faarfannaan Afaan Oromootiin kan qopheessaa ture” ta’uu  yaaddachiisanii “Garuu rakkina bal’aa jiru irraa kan ka’e haala addaatiin pirojeektii miidiyaa afaan oromoo kana hundeessuun bal’inaan hojjechuuf carraaqqiin taassisamaa jira. Kanaafuu qaamni kam iyyuu akka dandeettii isaatti pirojeektii kanaaf deeggarsa yoo taassise saffisaan hojjechuu dandeenya” jedhaniiru.

Barreessaan Waldaa Qulqullootaa Obbo Tasfaayee Bihonany Ergaa dabarsaniin:-         “Bal’ina rakkina naannoo kana jiru irraa kan ka’e Baruullee kana qopheessuu qofaan furmaata kennina jennee hin yaadnu; kan furmaatni dhufuu danda’u hundi keenya qaama furmaatichaa ta’uuf yoo carraaqne qofadha” jedhaniiru. “Rakkinni naannoo sana irratti mul’atu bal’aadha” kan jedhan obbo Tasfaayeen “Rakkoo kanaaf furmaata kennuuf nammotni muraasni qofa kan dhiphatan ta’uu hin qabu. Hundi keenya rakkina kana furuuf hirmaachuu qabna” jedhaniiru.

Gaaffilee mana keessaa ka’eef kutaan qophii baruullichaa kan deebii irratti kenne yoo ta’u, hojiileen pirojeektii kanaa qophii baruullee fi Weebsaayitii kana dabalatee miidiyaalee barruu (Baruullee fi kitaaba) Miidiyaa Elektirooniksii, miidiyaa Biroodkaastii (Raadiyoo fi Televiziyoonaa) kan hojjetu waan ta’eef tamsaasota kanaaf hunduu deeggarsa akka taassisu waamichi dhiyaatee jira.

 

 

 

 

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-06-23 06:31:432018-10-26 09:21:19Baruulleen Yeroo Jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun maxxanfame Galma Waldaa qulqullootaa keessatti Eebbifame
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Falaasama Humnaa Isa Haaraa Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Falaasama Humnaa Isa Haaraa
Scroll to top