Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera

Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa        

     Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera.

Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa

               Warquu Baqqalaa

 

Imalli jireenyaa qopheesssummaa waldaa Qulqulloota damee Adaamaan qophaa’ee sadaasa 26/2008 A.L.I gara Mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eelitti deemame. Imaltoonni fi hirmaattoonni sagantaa kanaa dhibba saddeetii(800) oli yoo ta’an, daa’imman irraa jalqabee hanga abboottii manneen kiristaanaa fi gadaamoota bulchanii fi Maanguddoota of keessaa kan qabuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa qopheesse kana irratti imaltoonni marii mata duree garagaraa irratti taasisuun, Faarfannaa fi haala teessuma Gaara Ziquwaalaa hawwataa ta’e waldaawwachiisaa imalaniiru. 

 

Sagantaan imalaa kanaa mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/DabraMihirat Qulqulluu Mikaa’eelii daandii magaalaa Shaashamannee deeman irratti argamu gahuudhaa. Sagantaan kun Kadhannaan erga jalqabamee booda sagantaa gurguddoon dhimma yeroo Tahaadisoon manaa manta irratti raawwachaa jiruuf hubannoo uumuuf,sagantaa barumsaa kutaa lamaan,gorsa abbootti (MikiraAbbowu),tapha gabaabaan dhimma yeroo mana kiristaanaa barattoota mooraa Yuunivarsiitti Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaan agarsiifamee fi ergaawwan garagaraas hirmaattotaaf dhihaataniiru. Hirmaattotni sagantaa imala jireenyaa gama isaaniin saganticharraa Sugaa fi hubannoo waa’ee dhimmaa yeroo mana amantaa irratti akka argatan dubbachuun ,gara fuulduraattis cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Imalli jireenyaa (Hawira Hiwoottin) hojii waldaan Qulqullootaa ergama mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatiin itti kenname galmaan gahuuf sagantaalee waggaa waggaan qophaa’an keessaa isa tokkoodha.

Kaayyoon imala kanaa imaltoonni suga akka argataniif,Barumsa Wangeelaa babal’isuu fi waa’ee dhimma yeroo manni kiristaanaa irratti argamtu hubachiisuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa Qopheesse kanas bulchaan mana kiristaanaa Kaatediraalaa fi Gadaamii Dabra Madihaaniit Madaanalamii Qomos Aabbaa Zeenaa Maarqoos kadhannaan jalqabsiisaniiru.

Kanaan boodas Barumsi Wangeelaa dhimma yeroo sochii Tahaadisoon Mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa miidhuuf taasisaa jiruu fi ture irratti Dn.Taaddasaa Warquutiin kennameera. Dn.Taaddasaan Baruumsa isaaniitin kaayyoon Tahaadisoo,hordoftoonni amantaa mana kiristaanaa Ortodksi Tawaahidoo Itoophiyaa akka Gooftaa fi Fayyisaa                                          

Addunyaa Iyyasuus Kiristoos hin Waaqeffanne taasisuu fi mana kiristaanaa keessa taa’uun barumsa mana amantaan fudhatama hin qabne babal’suudha jedhan.

Kanaaf Tooftaan namoonni ergama Tahaadisoo qaban kunneen ittiin socho’an Barsiisota mana kiristaanaa fakkaatanii dhiyaachuu,barumsa yaada Maartii Luuther ummata Qabachiisuu, deegarsa maallaqaa fi meeshaa adda addaa taasisuun gowwoomsuu fa’aan calaqisa jedhan. Tooftaalee Barsiisotni Tahaadisoo barumsa seexanaatiin mana kiristaanatti jeeqaa jiran kanaaf ragaalee qabatamaa akka Itoophiyaa fi Addunyaatti jiru dhiyyeessaniiru.

Walumaagalatti dhiibbaa mana kiristaanaa irratti gahaa jiru kana dandamachuuf barumsa amantaa bu’uura ta’e ummataaf kennuu,hubannooyeroo yeroon waa’ee tahaadisoo irratti kennuu fi oddeeffannoon caalanii argamuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Sagantaa Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa Dameen Adaamaa qopheesse kana irratti Gorsi Abboottii (Mikira Abaw) tiin maalummaa Giloobalaayizeeshinii fi rakkoo qabu irrattis kennameera. Guyyuma kana walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaa Barsiisaan Geetinat Asiraat, tajaajilawwan waldaan Qulqullootaa caaseffama adda addaan tajaajilu keessaa barattoota dhaabbileee barnoota ol’aanoo barumsa amantaan Qaree baasuu,wangeela ummata daangaa irra jiraniif labsuun akka cuuphaman taasisuu fi dhimmoota mana kiristaanaa biroo irratti hojachaa jira jedhaniiru. Sagantaa imala jireenyaa qophaa’e kanaafis qaamolee deegarsa taasisan galateefataniiru.Hojii gaggeessan manneen kiristaanaa Godina Shawaa bahaa Maggaabbii Tifsiit Qeesiis Mulugeetaa Charinat waldaan Qulqullootaa kan Abbaan keenya Abuna Gorgooriyoos ittiin yaadannuu fi kaayyoo barumsa Wangeelaa ittiin galmaan geenyu waan ta’eef galateeffamuu fi cimuu qaba jedhan. Guyyaa kana mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eeliif qarshiin Kuma kudhashan (15,000) imaltoota irraa walitti qabamuun arjoomameera. Hirmaatonnii imala jireenyaas saganticharraa hubannoo waa’ee tahaadisoo kan itti argatanii fi mana kiristaanaaf barattoota sanbataarraa jalqabuun waardiyyaa ta’uun yeroo itti eeguu qabnuudha jedhan.

               GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!