Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera

in Tibbana

Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa        

     Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera.

Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa

               Warquu Baqqalaa

 

Imalli jireenyaa qopheesssummaa waldaa Qulqulloota damee Adaamaan qophaa’ee sadaasa 26/2008 A.L.I gara Mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eelitti deemame. Imaltoonni fi hirmaattoonni sagantaa kanaa dhibba saddeetii(800) oli yoo ta’an, daa’imman irraa jalqabee hanga abboottii manneen kiristaanaa fi gadaamoota bulchanii fi Maanguddoota of keessaa kan qabuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa qopheesse kana irratti imaltoonni marii mata duree garagaraa irratti taasisuun, Faarfannaa fi haala teessuma Gaara Ziquwaalaa hawwataa ta’e waldaawwachiisaa imalaniiru. 

 

Sagantaan imalaa kanaa mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/DabraMihirat Qulqulluu Mikaa’eelii daandii magaalaa Shaashamannee deeman irratti argamu gahuudhaa. Sagantaan kun Kadhannaan erga jalqabamee booda sagantaa gurguddoon dhimma yeroo Tahaadisoon manaa manta irratti raawwachaa jiruuf hubannoo uumuuf,sagantaa barumsaa kutaa lamaan,gorsa abbootti (MikiraAbbowu),tapha gabaabaan dhimma yeroo mana kiristaanaa barattoota mooraa Yuunivarsiitti Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaan agarsiifamee fi ergaawwan garagaraas hirmaattotaaf dhihaataniiru. Hirmaattotni sagantaa imala jireenyaa gama isaaniin saganticharraa Sugaa fi hubannoo waa’ee dhimmaa yeroo mana amantaa irratti akka argatan dubbachuun ,gara fuulduraattis cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Imalli jireenyaa (Hawira Hiwoottin) hojii waldaan Qulqullootaa ergama mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatiin itti kenname galmaan gahuuf sagantaalee waggaa waggaan qophaa’an keessaa isa tokkoodha.

Kaayyoon imala kanaa imaltoonni suga akka argataniif,Barumsa Wangeelaa babal’isuu fi waa’ee dhimma yeroo manni kiristaanaa irratti argamtu hubachiisuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa Qopheesse kanas bulchaan mana kiristaanaa Kaatediraalaa fi Gadaamii Dabra Madihaaniit Madaanalamii Qomos Aabbaa Zeenaa Maarqoos kadhannaan jalqabsiisaniiru.

Kanaan boodas Barumsi Wangeelaa dhimma yeroo sochii Tahaadisoon Mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa miidhuuf taasisaa jiruu fi ture irratti Dn.Taaddasaa Warquutiin kennameera. Dn.Taaddasaan Baruumsa isaaniitin kaayyoon Tahaadisoo,hordoftoonni amantaa mana kiristaanaa Ortodksi Tawaahidoo Itoophiyaa akka Gooftaa fi Fayyisaa                                          

Addunyaa Iyyasuus Kiristoos hin Waaqeffanne taasisuu fi mana kiristaanaa keessa taa’uun barumsa mana amantaan fudhatama hin qabne babal’suudha jedhan.

Kanaaf Tooftaan namoonni ergama Tahaadisoo qaban kunneen ittiin socho’an Barsiisota mana kiristaanaa fakkaatanii dhiyaachuu,barumsa yaada Maartii Luuther ummata Qabachiisuu, deegarsa maallaqaa fi meeshaa adda addaa taasisuun gowwoomsuu fa’aan calaqisa jedhan. Tooftaalee Barsiisotni Tahaadisoo barumsa seexanaatiin mana kiristaanatti jeeqaa jiran kanaaf ragaalee qabatamaa akka Itoophiyaa fi Addunyaatti jiru dhiyyeessaniiru.

Walumaagalatti dhiibbaa mana kiristaanaa irratti gahaa jiru kana dandamachuuf barumsa amantaa bu’uura ta’e ummataaf kennuu,hubannooyeroo yeroon waa’ee tahaadisoo irratti kennuu fi oddeeffannoon caalanii argamuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Sagantaa Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa Dameen Adaamaa qopheesse kana irratti Gorsi Abboottii (Mikira Abaw) tiin maalummaa Giloobalaayizeeshinii fi rakkoo qabu irrattis kennameera. Guyyuma kana walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaa Barsiisaan Geetinat Asiraat, tajaajilawwan waldaan Qulqullootaa caaseffama adda addaan tajaajilu keessaa barattoota dhaabbileee barnoota ol’aanoo barumsa amantaan Qaree baasuu,wangeela ummata daangaa irra jiraniif labsuun akka cuuphaman taasisuu fi dhimmoota mana kiristaanaa biroo irratti hojachaa jira jedhaniiru. Sagantaa imala jireenyaa qophaa’e kanaafis qaamolee deegarsa taasisan galateefataniiru.Hojii gaggeessan manneen kiristaanaa Godina Shawaa bahaa Maggaabbii Tifsiit Qeesiis Mulugeetaa Charinat waldaan Qulqullootaa kan Abbaan keenya Abuna Gorgooriyoos ittiin yaadannuu fi kaayyoo barumsa Wangeelaa ittiin galmaan geenyu waan ta’eef galateeffamuu fi cimuu qaba jedhan. Guyyaa kana mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eeliif qarshiin Kuma kudhashan (15,000) imaltoota irraa walitti qabamuun arjoomameera. Hirmaatonnii imala jireenyaas saganticharraa hubannoo waa’ee tahaadisoo kan itti argatanii fi mana kiristaanaaf barattoota sanbataarraa jalqabuun waardiyyaa ta’uun yeroo itti eeguu qabnuudha jedhan.

               GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!

    

 

            

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-12-29 09:11:442018-10-26 09:21:17Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Ibsa Qulqulluu Sinoodoosii Irraa kenname Link to: Ibsa Qulqulluu Sinoodoosii Irraa kenname Ibsa Qulqulluu Sinoodoosii Irraa kenname Link to: “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35 Link to: “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35 “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35
Scroll to top