Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Qulqulluu Paatriyaarikii Abbaan keenya Maatiyaas I Waggaa haaraa ilaalchisee Baga ittiin isin gahe jechuun Sagalee Eebbaa kennan

in Tibbana

Qulqulluu Paatriyaarikii Abbaan keenya Maatiyaas I Waggaa haaraa ilaalchisee  Baga ittiin isin gahe jechuun Sagalee Eebbaa kennan.

Phaagumeen 4

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

  Eebbifamoo qulqulluu Paatriyaarik Abbaan keenya Maatiyaas Dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Dursaa phaaphaasii aksum icaggee teessoo Taklahaaymaanot har’a Phaagumee 4 galma waajjira isaanii keessatti  ibsa kennaniin Uuummata Itiyoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaatti argamaniif baga  nagaan bara 2008 geessani jechuudhaan sagalee eebbaa isaanii kennaniiru. Ibsa sagalee eebbaa isaanii haala armaan gadiin hiiknee dhiyeessineerra.

 

Sagalee Eebbaa Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa keenya Maatiyaas I dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Dursaa Phaaphaasii Aksum Icaggee teessoo Takla Haaymaanot waa’ee Waggaa haaraa bara 2008 kennan

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

 Uummata Itiyoophiyaa

 

Biyya keenya Itiyoophiyaa keessaa baadiyyaa fi Magaala Warra jiraattan

Biyya alaa ardiilee adda addaa  irra wara jiraattan

Daangaa biyyaa  eeguu fi kabachiisuuf warreen daangaa irra dhaabattan

Sababa dhukkubaatiin warreen bakka tsabalaa fi Hospitaalota adda addaa keessa jirtan

Akkasumas sirreeffamtoota seeraa taatanii warreen mana sirreessaa keessa jirtan hundaaf

Uumaa barootaa kan ta’e Waaqayyo keenya  baga waggaa darbe nagaan nu raawwachiisee bara 2008 bara Yohaannis isin gahe.

Hunda kan argamsiise uumaa hundaa kan ta’e Waaqayyo uumaan keenya uumama uume keessaa tokko illee uumamni faayidaa hin qabne hin jiru. Uumamni hunduu Isa biratti bareedaa fi hojii fi kaayyoo mataa isaanii kan qabanidha. ( Se.Uum.1:25)

Uumamni Waaqayyo uume dandeettii uumamaatiin guutummaa guutuutti lakkaahamanii kan xumuraman miti. Muraasa irraa kan hafe hunduma isaanii ija uumamaatiin arguun waan hindanda’amneef kitaabni qulqulluun uumama waliiti qabuudhaan jecha gabaabaadhaan yeroo ibsu “ warreen samii fi lafa irra jiran kan mul’atanii fi kan hin mul’anne” jedha ( Qol.1:15)

Warreen lafa irra jiraatanii hin mul’anne keessaa tokko bara ykn yeroodha. Yeroon gochaan beekamuu irraa kan hafe qaama ijaan argamuu fi qaqqabatamu ykn uumamam halluu addaa qabu miti.

Haa ta’u malee waan hin argamneef qofa hin jiru jechuun xumura irra gahuun ykn dubbachuun hin danda’amu. Sababiin isaas safartuu yeroo daqiiqaa irraa eegalee sa’aatiiwwan guyyoota, guyyoonnis torbanoota, torbanoonnis ji’oota, ji’oonnis waggaalee  achumaan marsaalee adda addaatiin akka walitti qabe yeroo sochoosu ni agarraafidha.

Barri meeshaa hojii waan ta’eef gocha gaarii ykn hamaa yeroo tokko raawwatameen ibsama. Kana irraa kan ka’e barichi gaariidha ykn hamaadha yeroo jedhamu ni dhageenya.

Haa ta’u malee dhimma keenya bu’uuraa ta’uu  kan qabu mul’achuu fi mul’achuu dhiisuu baraa osoo hin taane karaa  faayidaa uumamtootaaf kennuun hubachuun fayyadamtoota ta’uuf socho’oodha.

Barri uumama addunyaa dura kan hin turre kan bara wajjin uumame; kan samiirra hin jirree fi uumamtoota lafa kanaatiif qofa akka tajaajila kennuuf uumamedha.( Se. Uum.1:14)

Osoo qabeenyi baraa hin jiru ta’ee namni jireenya isaa biyya lafaa qajeelchuu hin danda’u ture.

Kanaafuu uumamni biyya lafaa akka waliigalaatti,dhalli namaa ammo addatti jireenya isaa haala sirna qabuu fi duraa duubaan eegee hojii isaa karooraan akka gaggeessuuf qabeenyi baraa isa barbaachisa.

Kanaafuu barri hojii keenya maraaf meeshaa jalqabaa ta’ee akka nu tajaajiluuf  qabeenya Waaqayyo nuuf kennedhaatii yeroo waan hin taaneef qisaasessuu dhiisnee seeraan itti itti fayyadamuun qabna.

Uummata Jaalatamoo Ijoollee keenya Afuuraa

Biyyi keenya Itiyoophiyaan qabeenyi uumamaa guutamee kan isheedhaaf kenname biyya dinqii fi bareedduudha.

Biyya jannata lafa irraa taate kana keessaa teenyee waa’ee hiyyummaa odeessuun akka hafuuf lammiin Itiyoophiyaa kam iyyuu irratti walfuruu qaba. Keessattuu dargaggoonni kana hubachuudhaan aadaa yeroodhaan hojjetee jijjiiramuu horachuu qaba. Hanqina jiru kana yeroo hubannuu fi hojiidhaan yeroo wal’aansoo qabnu hiyyummaa hundee isaa irraa balleessina.

Kanaafuu hawaasni keenyi hundii fi keessattuu dargaggoonni yeroo waggaa haaraa simatu waggaa haaraa sagantaa haaromsa biyya keenyaa wajjin walqabsiisee ciminaan hojjechuun walqabatee akka hojjetu ergaa abbummaa keenya dabarsina. Waggaa gaarii nuuf haa taassisu. Waaqayyo isin haa eebbisu; isin haa qulqulleessu. Ameen!

Abbaa Maatiyaas I

Paatriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Dursaa Phaaphaasii Aksum Icaggee teessoo Takla haaymaanot

Fuulbaana 1 bara 2008

Finfinnee

 

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-09-10 05:05:032018-10-26 09:21:19Qulqulluu Paatriyaarikii Abbaan keenya Maatiyaas I Waggaa haaraa ilaalchisee Baga ittiin isin gahe jechuun Sagalee Eebbaa kennan
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Link to: Falaasama Humnaa Isa Haaraa Falaasama Humnaa Isa Haaraa Link to: Maaliif Adii Uffanna? Link to: Maaliif Adii Uffanna? Maaliif Adii Uffanna?
Scroll to top