Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

in Tibbana

BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

Mulugeetaa Ayyaaleetiin

Abbaan keenya Abbaa Gabre Kiristoos; abbaan isaanii Mootii Qusxinxiniyaa Tewoodoosiyoos yoo ta.u;haati saanii immoo; Mootittii Maarkeezaa yoo jedhamtu;Wareegaan kan argatan ilma isaanii tokkicha Abbaa Gabre Kiristoos barnoota amantaa barsiisaa haala gaariidhaan kunuunsanii guddisan.Aangoo abbaa isaa dhaaluudhaan Qusxinxiniyaa akka bulchuuf waan barbaadaniif;abbaa fi haati isaa yeroo inni umrii gaa’ilummaaf ga’u; intala mootii Roomaa fuusisan.Abbaan keenya garuu addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan; fannoo Kiristoos baachuudhaaf kan qophaa’e waan ta’eef; halkan gaafa guyyaa cidhaa sana galagala; dubrummaa haadha manaa isaa; kan isaas akkuma kabajetti; mana cidhaa isaaniif qofa kennameef keessaa dhokatee ba’ee;doonii yaabbatee; biyyaa fagoo deemuudhaan; Mana Kiristaanaa keessatti; hiyyeessota waliin walitti makamee kadhachaatii; isa kadhate sanas hiyyeessota biroof kennaa ofii isaatii kadhannaa fi laguun woggaa kudha shan guutuu isaan wajjiin jiraate.

Giiftiin keenya muul’attee; tajaajilaa Mana Kiristaanaa tokkoof gaarummaa fi qabsuura abbaa keenyaa; Abbaa Gabre Kiristoos itti himnaan; tajaajilaan Mana Kiristaanaa sunis icciticha biyyattii hundatti jalaa labse.Misirroon Gabre Kiristoosis hojiinkoo najalaa beekkame; galata gatii hin qabne kana jalaa baqachuun qaba jedhanii; gara biyya biraa dooniidhaan; yeroo deeman; eeyyama Waaqayyoo ta’ee garuu; doonittii kallattii ishee karaa qe’ee abbaa isaatti qajeelchuun; qe’ee abbaa isaa biraatti buuse.Abbaan keenyas eenyummaa isaa akkuma dhoksettii fi addunyaa Kanas hammam akka tuuffate hubachuudhaaf; qe’ee Abbaa isaa; qe’ee Mootii fuulduratti; hiyyeessa kadhattuu ta’ee;hambaa saroota isaaniif kennan soorachaa; ammas woggaa kudha shan guutuu obsaan Waaqa isaa kadhachaa; qe’ee abbaa isaa fuulduratti kadhattuu ta’ee jiraate nama hin ajaa’ibuu! Edaa kanaafi abbaan keenya qulqulluun Daawwit faarsaa isaa; Faf.D 118፥129 irratti “Dhugaa baatonnikee ajaa’ibsiisoodhaa; lubbuun koos isaan barbaadde”. Kan jedheef.

Hojjettoonni abbaa isaa illee otoo hin hafin; dhidhiqaafi kosii xuraawaa irratti gatuudhaan; yemmuu isa gidirsan; saroonni abbaa isaa garuu; madaa isaa ni harraabuuf ture. Kanas; raajaan Isaayyaas;Raj.Isa 1፥3 irratti” Qotiyyoon abbaa isaa;harreenis Dallaasaa beeke; Israa’el sabni koo garuu; hin beeku; hin hibatus” jedhee kan dubbate mirkanaa’e.Egaa walumaa galatti abbaan keenya; misirroon Gabre Kiristoos;ilma mootii dureessa kabajamaa ta’ee otuu jiruu;haa ta’u malee addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan;waa’ee qulqullummaatiif; godaanee;kadhachaa; isa kadhatee argate immoo; hiyyeessota biroof laachaatii; ofii isaatiif laguu/sooma fi kadhannaadhaan jabaatee woggaa soddoma guutuu qabsuuraan/ qabsoo hafuuraatiin jiraate. Dhuma irrattis; Gooftaan keenya; Giiftii keenya, Ergamtoota qulqulloota hundumaa, Abbaa keenya Gabre Kiristoos dura kan jiran Raajota hundumaa,duuka bu’oota, tolootaa fi wareegamtoota hundumaa of duuka hiriirsee; dhufuudhaan;waadaa hedduu erga galee fi booda; Gooftaa keenya waliin kan dhufan qulqulloonni hundumtuu; kabaja guddaa fi galata guddaadhaan; galateeffachaa; Gooftaan keenya;lubbuu eebbifamtuu abbaa keenyaa; misirroo Gabre Kiristoos; Onkololeessa 14; hammannaa isaatiin olbaaseera.

Angafti Phaaphaasii Qusxinxiyaa; Abbaa Tewoofiloos; sirna Qiddaasee irra otuu jiranii; mana mootii deemanii; qaama Abbaa keenyaa Gebre Kiristos isa boqate akka fidaniif; sagaleen Waaqayyoo samii irraa ajajaan dhufeefii deemanii yemmuu ilaalan; Abbaan keenya Gabre Kiristoos; qe‘ee Mootii, abbaa isaatti; utuu namniyyuu hin beekiin woggaa kudha shaniif; jiraatanii; achumatti boqotanii argaman.Harka abbaa keenyaa keessatti waraqaa maramee; barreeffame tokko waan arganiif;fuudhanii dubbisuuf yemmuu jedhan harka isaanii keessaa ba’uufii didde.Booda irra kadhannaa baay’ee erga taasisanii waraqittiin harkaa isaanii irraa baateefii yemmuu dubbisan;Abbaan keenya Misirroon Gabre Kiristoos; jaalala Waaqa isaaf jedhee; woggaa soddoma guutuuf gidiraa inni dabarse; keessattuu; qe’ee abbaa isaa duratti otuu namuu hin beekin;gidiraa gaddisiisaafi seenaa isaa kan laphee irraa nama boossisu; harka isaatiin kan barreeffameedha.

Mootichi; abbaan isaa; mootittiin haati isaas;xalayaa ilmi isaanii barreesse kana yemmuu dubbisan wanti ta’an jalaa bade; boo’anii gangalatan.Wanti baay’isee nama ajaa’ibu immoo; maatiin isaa haadha manaa haa taatuuf jedhanii kan isa fuusisan; intalli mootii Roomaa; abbaa manaa isheetiif amanamtuu taatee; woggaa soddoma guutuudhaaf; mana abbaafi haadha isaa teessee obsaan eegaa jiraachuu isheeti. Isheenis seenichi yeroo dubbifamee dhageessu; akka maraachuu taate. Qaama abbaa keenyaa; qulqulluu Gabre Kiristoos; gara Mana Kiristaanaatti yemmuu geessan; dinqiiwwaan adda addaa nama dinqisiisan; dhukkubsattota heddu irratti raawwataman. Dinqiiwwan kana irraa kan ka’e; daandiin cufamee; uummanni deemsisuu dhoorkinaan;mootichi karaa irraa achi fageessee; warqee bittinneesseef; yeroo namoonni warqicha funaanachuu deeman; warroonni baatan; dafanii mana amantaatti geessaniiru. Boqonnaan isaaniis;Onkololeessa kudha afuri(14)dha. Eebbi abbaa keenyaa; hunduma keenya irra bara baraan haa bulu.Ameen!

Madda   (ገድለ ቅዱስ ገብረ ክርስቶስ፤ የቅዱሳን ታሪክ-56)

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-10-23 15:05:002018-10-26 09:20:57BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO) Link to: ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO) ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO) Link to: Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen! Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee) Link to: Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen! Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee) Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen! Waqtii (Yeroo...
Scroll to top