Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa

Dubbii qulqullootaa

Kutaa-1ffaa

                                   Qulqullummaan maalidha?

Qulqulluu jechuun “qulqulleesse” kan jedhamu irraa kan dhufe yoo tahu hiikni isaas:-galateeffate,file,addaan baasee kabaje jechuu dha. Qulqullummaan bakka lamatti qoodamu danda’a.

A) kan kennaa (የፀጋ ቅድስና) waaqayyo irraa kennaadhaan(laataan) kan argame jechuu dha. Kunis kan laatamu uumamtootaafi dha. Ani waaqayyoo qulqulluu waanaan ta’eefi isinis qulqulluu ta’aa. Zel 19:2

B)Qulqullummaa Akkeenyaa(የባህርይ ቅድስና) kan jedhamu qulqullummaan isa irraa kan addaan hin bane,eenyuyyuu irraa fudhachuu hin dandeenye qabeenya mataasaa kan ta’e jechudha. Inni kun waaqa duwwaafi dha.

Jechi qulqulluu jedhu uumamtoota keessaa warra kana gadiif ooluu danda’a.

  1. Ergamoota qulqulloota (ቅዱሳን መላእክት): Uumamaan qulqulloota kan ta’an jireenyi isaanii qulqullummaan kan guutame qulqullota dha. Addunyaa hafuuraatti (በመንፈሳዊ አለም) samii irrattis lafarrattis Waaqayyoo fi nama fuulduratti hojii hafuuraa hojjetu. Hojii kanatiin Waaqayyoo fi qulqulloota wajjin tokkummaa qabu. Sa’atii fi guyyaa uumamanii jalqabanii faarsaa fi galata Waaqayyoof dhiyeessuu irraa adda hin baane. Isa 6:7,ra’I 4:8. Galanni Waaqayyoof dhiyeessan boqonnaa isaaniiti, boqonnaan isaanii galata Waaqayyoof dhiyeessani dha. Kana wajjiniinis kennaa Waaqayyoo gara namaa,kadhaa fi aarsaa namaa immoo gara Waaqayyoo nuuf geessu. Dan 9:22,hoj.du. 10:4. Boqonnaa malee waaqayyo sa’aatii 24 guutuu kan tajaajilani dha.
  1. Bakkeen Qulqullaa’oo( ቅዱሳን መካናት) :Iddoo hunda irraa adda ta’anii waaqayyoo hojii gurguddaa kan itti hojjete kan akka Gadaamii fi mannen kiristaanaa dha. Kanaaf bakka filatame waan tahef Waaqayyo museen bakka Dabra Siinaatti waamee akkas jedhe:Seera bah.3:5 as hin hiiqiin iddo ati dhaabatte qulqulluu waan ta’eef kophee kee miila keerraa baasi. Iya 5:13-15 manni kiristaana keenya fakkeenya kana godhattee kophee keenya akka miila keenya irraa baasnee gara mana qulqullummaa akka seennu nu ajajji. Qulqulluun Pheexiroos immoo ulfina mootummaa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosin,waaqummaa Isaa bakka Dabra Taaboritti yeroo nuuf ibsetti akkasumas tokkummaa fi sadummaa ifatti yammuu nu hubachiisetti yaadachuun “Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos humni isaa,deebi’ee dhufuun isaas isin biratti akka beekamu yammuu goone,nuyi surraa guddina isaa ija keenyaa arginee beeksifne malee,mammaaksa ogummaadhaan yaadame duuka buune miti. Inni Waaqayyo biraa ulfinaa fi guddina yammuu fudhate sagaleen “kun ilma koo isa ani Jaalladhu,isa gammachuun koo itti raawwatamu dha” jedhu isa guddicha surra-qabeessa” sana biraa dhufeeraafii,Nuyi warri gaara qullaa’aa gubbaatti isaa wajjin turre immoo,sagalee waaqa irraa isaaf dhufe kana dhageenyeerra ” jechuun gaara sana qulqulluu jedheera.(2fa.phex.1:16-18) kuni hundi Kakuu Haaraa keessatti kan argamu dhiiga Kiristoos irratti kan hundaa’e fakkenya bakkeen qulqullaa’oo (ቅዱሳን መካናት ) faadha.

Bakki qulqulluu kana kan filate,kabaje fi qulqulleesse Waaqayyo mataasaa dha. Akkasumas Kakuu Moofaa keessatti mootichi Solomon Waaqayyoof kan tahu Bataskaanaa erga ijaaree xumuree Waaqayyoo bakka qulqulluu mootichi Solomon kadhaa isaa itti dhiyeesse dha (2ffa sena bara 6:18-32,7:1-18). Kanaafidha egaa Waaqayyo bakka qulqulluu kan qulqulleesse bakka kabajaan kan guutame kan jenneefuu.

          

Haratoo Dabre Tsiyoon Qulq.Maariyaam(Horro Guduruu Wallaggaa)

  1. Guyyoota qulqullaa’oo (ቅዱሳን ዕለት) :-Waaqayyoo hojiiwwan gurguddaa guyyaa itti hojjete dha.(seera uum.2:2-3) Waaqayyoo guyyaa torbaffaa eebbise,qulqulleesses. Kanaaf guyyaa waaqayyo itti dhalate, fannifame,cuuphame,du’aa ka’e,afuura qulqulluu ergamootaf erge fi kkf guyyoota qulqulluu jedhamu.
  2. Qodaa ykn mi’a qulqulluu (ቅዱሳን ንዋያት):-mini mana qulqullummaa keessatti tajaajilan kun qulqulluu dha.
  3. Namoota qulqulluu (ቅዱሳን ሰዎች):-Namootni Qulqulluu hojii garaa garaaf garuu kaayyoo tokkoof Waaqayyo kan isaan waame dha. Waamamuu qofa otoo hin tahin kan waamaman keessaa adda bahanii kan filatamani dha. “Kan waamaman baay’ee dha kan filataman garuu muraasa dha.” Kan jedhame kanaafi. (Mat 22:14). Namoota waaqayyo sirriitti amananii karaa Isaa irra deemani dha. Isaanis:Qulqullota Raajotaa(ቅዱሳን ነቢያት),Qulqulloota Duuka Buutotaa(ቅዱሳን ሐዋርያት),Qulqullota Toltoota (ቅዱሳን ፃድቃን),Qulqulloota Wareegamtoota (ቅዱሳን ሰማዕታት),Qulqullota Abboolii(ቅዱሳን አበዉ),Mootota Qulqullootaa(ቅዱሳን ነግስታት),Qulqulloota Beektotaa(ቅዱሳን ሊቃዉንት),Qulqulloota Phaphaasii(ቅዱሳን ጳጳሳት),Qulqulloota Monokosaatii(ቅዱሳን መነኮሳት), isaan keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu.
  4. Qulqulloota Wareegamtoota(ቅዱሳን ሰማእታት):-Du’aa fi gidiraa adda addaa otoo hin sodaatiin waa’ee waaqayyoo kan dhugaa bahani dha….(Ibira.11:8:-)dhugaadhaaf reebamanii qoramanis magaaziidhaan tarsaafaman,albeedhaanis ajjeefamanis hunda dhabanii gidiraaf ta’ani. Fkf: Qulq. Isxiifanos,Qulq. Giyorgis,Qul.Morqoriyos
    1. Qulqulloota Toltoota (ቅዱሳን ጻድቃን);-Warri kuni immoo akkuma gooftaan gadaamii Qoronxositti galee guyyaa 40 fi halkan 40 soome fi kadhate, isaanis isa hordofanii kan qaban dhiisanii,addunyaa tuffatanii,gidiraa adda addaa fudhatanii,monokosanii bahitaawwii ta’anii gadaamiikanjiraatanidha.Fkf:Qulq.Inxoos,Qulq.Phaalamon,Qulq.Teklehayimanot.
    2. Qulqulloota Beektota(ቅዱሳን ሊቃወንት):-warri kuni immoo akkuma gooftaan addunyaa kana irratti waggaa sadii fi ji’a sadii barsiise,fakkeenya godhatanii addunyaa kana warra barsiisani dha. Fkf :Qulq. Atinaatiwoos,Qulq.Yohaannis Afewerq,Qulq.Qeerlos fi kkf dha.
  5. Kitaabolii Qulqullaa’oo (ቅዱሳን መጻሕፍት)፡Kitaabolii qulqulluu kan jedhaman kakuu Moofaa fi Haaraa kan monokosotaa fi Beektotaa akkasumas Kitaabota dhalatoo faadha. Qulqulloonni Raajotaa fi Duuka Buutotni afuura qulqulluun gaggeeffamuunbaroota garaagaraa Afaan (qooqa) garaa garaatiin kan barreessan,soba fi shakkii irraa adda kan ta’an,namaan sadarkaa qulqullummaa kan geessisu kan ulfina qaban tahuu isaanii Kakuu Moofaa fi Haaraa walitti kan qabate dha.
  6. Fakkiiwwan Qulqullaa’oo (ቅዱሳት ሥዕላት): Mana Kiristaanaa keenya keessatti Waaqayyoon,Dubre Qulqulleettii Maariyaamiin,Duuka Buutotaa,Toltoota,Wareegamtoota fi Beektotaa kan ibsan fakkiiwwan baay’een jiru. Qulqulluu kan jedhamaniifis:
    1. Addunyaa foonii kan ibsan fakkiiwwan addunyaa irraa gonkumaa adda tahuu isaaniiti.
    2. Fakkiiwwan mataansaanii raajota garaa garaa waan raawataniif qulqulluu isaan jechisiiseera.
    3. Fakkiiwwan Qulqullootaa ta’uun isaanii qulqulluu jechisiisera.

Hiikaan Dn Zalaalam Daggafaa

Madda

   Dubbii Qulqullootaa kan yaa’ii mooraa

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

 Dn. Zalaalam Daggafaa  fi

 Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

                                      

 Ji’oota dura waa’ee haati keenya qulqulleetii dubroo Maariyaam Waaqayyoon filatamtee Waaqayyo Gooftaan keenya dhala namaa fayyisuuf jecha dubartoota keessaa akka ishee filate ilaallee turre. Amma ammo waa’ee dhaloota ishee ilaalla Waaqayyo laphee hubatu nuuf haa kennu.

                           Dhalachuu Ishee

  Jalqaba irratti waa’ee maatii haadha keenya Maariyaam, akaakilee Ishee fi jireenyi  afuuraa isaanii    akkam akka ture muraasa ibsuu  yaalla.

 Waaqayyo fuulduratti kan jaalataman, amantaa fi  hojii gaarii tiin cimanii (jabaatani) jiraachaa kan turan akaakileen hadha keenyaa  Dubree Maariyaam Teektaa fi pheexriiqaa(Phaxriiqaa)  jedhamu.  Isaanis Sooreyyoota(sooressoota)  hunda qaban turan. Baay’inni qabeenya isaaniis lakkoofsaa fi safara (daangaa) hinqabu ture.Garuu ijoollee(dhala) hin qabani ture.

 

  Guyyaa keessaa gaafa tokko Teektaan mana galmeewwan( kuusaa qabeenyaa) isaa seenee baay’ina qabeenya isaa ilaalee haadha manaa isaa Phaxriiqaadhaan  “Ati maseena; anis maseena dha; qabeenyi kun hundi eenyuuf ta’aa? ‘’ jedhee ishee gaafate.  Isheenis  «Waaqayyo narraa mucaa yoo si dhowwate kan biraa fuudhi; mucaas dhalchi siif eeyya meera!» isaan jette

Innis jecha ishii kana dheekkamuun «Ani akkan  kana hin raawwanne Waaqni  Israa’el  ni beekaa!» jedheen.

 Kanumaan osoo gaddaa jiranii mul’ata arganiiru. Kunis waatii (jabbii xiqqoo)  bifti ishii adii ta’e   dallaa loonii(foonaa) isaanii keessaa hogguu baatu, waatittiin waatii biraa akkaa dhalte hanga jahaaffaa geessee isheen jahaffaan addeessa(ji’a) deesse addeessittiin ammoo biiftuu  yeroo deessu arganii gara nama abjuu hiikuu deemanii gaafatan.  Innis  mucaa gaarii ni argattu (ni deessu) Addeessittiin mucaa uumamaan ol taatedha. Dubbiin biiftuu garuu natti hin mul’anne  isaaniin jedhe. Isaanis kana hoo yeroon haa hiiku jedhnii deeman. Kana booda Phaxriiqaan ulfooftee deesse. He’eemeen jattee maqaa bafteef (moggaafte) He’eemeen Deerdeetiin deesse; Deerdeen, Toonaatiin deesse, Toonaan Siikaariin deesse,Siikaar Hermeellaa deesse,Hermeellaan Faasteeniin deesse,Faasteeniin Haannaatiin deessee tti.

 Haannaa jechuun amantaa fi hojii gaariin kan jabaatte, qulqullinaan kan faayyeffamte, kabajamtuu,eebbifamtuu, uumama gaariij  jechuudha.

Dubartiin hojii gaarii fi amantaa dhaan kununfamtee guddatte kun yeroo umurii gaa’elaaf geese nama sanyii Yihudaarraa dhalate nama qajeelaa Iyyaaqeem jedhamutti heerumsiisan. Haannaa fi Iyyaaqeem jiireenya isaanii gammachuu fi jaalalaan gaggeessaniyyuu maseenummaan akaakileesaanii isaaniinis qaqqabe. Waaqayyo gadanmeessa Haannaa akka banu laphee cabeen kadhannaatti cimanii jiiratu ture. Baay’inni qabeenya isaaniis hangasa  mara baay’ee hin turre.

                    Ollaa Haannaa kan turte dubartiin sagaagalummaatiin jiraattu tokko jirti ture.  Guyyaa keessaa gaafa tokko Haannaan isheetti dhiyaattee har’a  mana kiristaanaa deemuuf jedhee yaddeen ture garu huccuun uffadhu hin qabu jettee itti himte. Dubartittiin kunis huccuun koo lamaa fi isaa ol kan ta’u jira kan koo uffattee maaliif hindeemtuu? jetteen. Hannaan garuu huccuu cubbuudhaan argamedha; Waaqayyo amaluuma Isaatiin ququlluu waan ta’eef  kana hin  jaalatu jettee deebisteef. Dubartittiin kunis akkas jettee dubbii laphee xuquutiin dubbatte  “Haannaan sababa maaliif mucaa ishee dhowwe jedheen siif gadda ture, garuu, kan  akka dhagaa gogsee si hambise hammeeanya keeti.’’ Jetteen. Haannanis baay’ee gaddite.

                Yeroo biraas aarsaa dhiyyeeffanna jedhanii mana  qulqullummaa deemnaan hangafti lubootaa Roobeel “Aarsaa (wareega) warra maseenaa hin fuudhiin.’’ Kan jedhu jira,isin warra Waaqayyo waadaa Addaamiif kenname kan”horaa, baay’adhaa, lafa guutaa’’ jedhu isin dhoowwe mittii? Waaqayyo waan isin jibbeef malee osoo isin jaalatee mucaa isinii kenna ture; wareega keessan akka galchattaniifis carraa isinii kenna ture jedhee isaan deebise.

      Hambaa aarsaa isa maanguddoonni Israa’el warri dhala qaban nyaatan sana isaan dhowwate. Isaanis waan isaan irra gahe kanatti gaddanii Waaqa isaaniitti rakkoo isaanii himatanii osoo deebi’aa jiraanii muka jala taa’anii bullaallaan( gugeen) osoo ijoolleshee wajjin haasoftuu, abaaboo (daraaraa) firii naqatee jiru Haannaan argitee bullaalleewwan amaluumaa isaaniin akka wal horan kan taasiste, biqiltoota akka daraaranii firii naqatan kan taasistu ani uumamni koo dhagaarraa ta’innaa? kan dhala nadhowwatte jettee gaddite. Guyyaa afurtamaaf subaa’ee galanii Waaqayyotti boo’aa turaniiru.

 Kana booda Haannaa fi Iyyaaqeem Waaqayo kan isatti ta’uusaa baranii wareega wareeggatan ‘’Dhiira yoo arganne (dhalle) bu’ee bahee qotee nu haa qarqaaru hin jennu mana Waaqayyoof  tajaajilaa ni ta’a. Dubartii yoo arganne qoraan nuuf haa cabsitu; bishaan nuuf haa waraabdu hin jennu. Waaqayyoof leemmaatii warqee hodhiti, golgaa hojjettee foo’aa footee haa jirtaattu.’’jechuun wareeganii kadhatan.

  Kana boddee adloolessaa gaafa 30 abjuun dinqii ta’e argani. Toorban tokko booddees Hagayya bultii torba ergamaan mucaa gaarii in deessu jedhee isaanitti hime. Haati keenya qulqulleettii Maariyaamis akkuma Ergamichi dubbate heeyyama Waaqayyootiin garaatti hafte(ulfaa’amte). Yeroo isheen garaatti haftes raajii hedduutu raawwateera.

§  Ija tokkee (kan ijji ishii tokko jaamee turte) kan taate adaadaan Giiftii keenyaa Beersaabeeh jedhamtu dhuftee “Haannaa  Waaqayyo gargaarsa Isaatiin si daawwate natti fakkaataa harmi kee gurraacha’e, hidhiin kee daalach’e.” jettee garaashee tuqxee garaashee yeroo sukkuumtu ijishee banameeraaf (ifeeraaf).

§  Ilmi eessum Haannaa Saamiinaas jedhamu yeroo du’e qabannoo sireesaa qabattee yeroo itti naannoftee boossu gaaddidduun ishee yommuu irra bu’u ka’ee dhugaa ba’eera. Waan abjuu hiikaan sun hambises isaaniif hiikeera.

Kana booddee Yihudoonni goomiif boqonnaa waan hin qabneef dur sanyii isaanii kan ta’an Daawiit, Solomoon kanneen jedhaman waggoota afurtama afurtama akka gagaa  nuu baqsanii, akka qiraacii nu caccabsanii nu bitani; ammammoo inni ishee kanarraa dhalatu maali laata? jedhanii diinummaan irratti kaka’anni. Yeroo kana ajaja ergamaatiin qulqulloonni Hannaa fi Iyyaaqeem baqatanii gara tulluu Libaanos deeman.

   Qulqullichi Daawit faarfannaa isaarratti «Hundeewwanshee tuluuwwan qulqullaa’oorradha» jedhee akkuma dubbate( Faar86(87):1). Eebbifamtoota maatii isheerraa caamsaa guyyaa 1 osoo isaan tulluurra jianii Giiftiin keenya qaulqulleettii dubroo Maariyaam in dhalatte. Erga dhelattee boodas guyyaa toorbaffaatti maqaa ishii  Maariyaam jedhanii moggaasan.                                  

                                        

                                              Hiika Maqaa Ishee  

Yaa maatii Waaqayyoo!  Hiika maqaa Giiftii keeenyaa kitaabolee gaggalagachuun,hayyoota mana kiristaanaa hubachuu  yaalla. Akka abbootiin nu barsiisanitti hiikaan maqaa Giiftii Keenya Dubroo Maariyaam akka armaan gadii ta’a:-

A.     Maariyaam” jechuun, gara mootummaa Waaqayyoo tti kan nama galchitu jechuudha.

B.     Maariyaam jechuun kennaa fi qabeenya jechuudha. Luqa.  1.28 irratti “ Kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyo Gooftaan si wajjin jirahoo” jechuudhaan ergamaa qulqulluu Gabri’eeliin kennaa fi qabeenyi guutuu ta’e akka isheef kenname, foon Isheerraa foon; lubbuu Isheerraa lubbuu fudhatee kan dhalatu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo hunda ishee wajjin akka ta’e mirkaneesseera. Kanaafuu yeroof maatiisheef kennaa fi qabeenya taatee kennamuu ishee kan ibsu ta’us dhumni isaa garuu fayyina addunyaa kanaatiif kennaa taatee kan kennamte ta’uu ishee ibsa.

 

   C. Maariyaam jechuun uumamaa ol; uumaatii( Waaqayyootii) gadi jechuudha. Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaam haadha Waaqayyoo waan taateef warra sodaa fi hoollannaattiin galleeffatan ergamoota qulqullaa’oo ni caalti.

Teessoo Isaa fuuldura yemmuu dhaabatan kochoosaaniitiin fuula isaanii fi miila isaani in haguugu.”  (Mul’ata. 4:7-9; Isaa 6:2) Giiftiin keenyaa garuu gadameessa isheetti Isa baatteetti; harma ishees hoosifteetti; dugda isheetti baatteetti; harkasheen hammetteetti. Dhaloota Isaa irraa hanga fannoo Isaatti ilmala Isaa hundarratti biraa hin hafne.

 Ergammoonni tuquu dhiisii ilaauu kan hin dandeenye abidda Akkeenyaa gadameessa isheetti waan baatteef uumama hundaan ol ta’uushee ni amanna. Qulqullichi Yaareed kadhannaa isaa balbala ifaarratti “kennaan kan guutamtee fi madda gammachuu kan taate jji isaanii baay’ee kan ta’e kiirtuu beelii fi kochoowwan hedduu kan qabda.Isaan ibiddi Ilma keerraa ba’u akka isaan hin gubneef fuula isaanii in haguugu. Ati garuu bultoo Akkeenyaa taatee, amaloomni akkeenyaas si hin gubne arrba ibiddaa baattee» jedheera.(balbala Ifaa lakk.—-)

                                        Guddinaa fi Daa’imummaa Ishee

Qulqulleeetiin dubroo Maariyaam barri daa’imummaa Ishee hanga rawwatuttii  haadhaa fi abbbaa ishee wajjin jiraatte. Wagoota sadii fixxee yaadni ishee fira; afaanshee midhaan osoo hin bariin akka wareega keenayaatti mana qulqullummaaf kennina jehdanii fudhatanii deeman. Hoogganaan lubootaa fi uummanni yeroo ishee argu biiftuu  caala harka toorba iftee qaqawweessa caalaa soodaachiiftee durrii iftu fakkakattee isaanitti mul’atte. Isaanis uumama kana fakkaattu maal goonaa? Maal ishee nyaachifnaa? Maal isheef afnaa? Jedhanii osoo dhiphatanii Ergamaa qulqulluu Faanu’eel mannaa samii irraa leemmaatii warqeetti, dhugaatiisamii xoofoo ifaatti qabatee samiirraa bu’ee isaanitti mul’ate. Uummannis lubichaaf kan dhufe isaanitti fakkate. Lubichi fudhachuuf yeroo ka’u Ergamichi irraa ol fagaate. Haannan mucaashee hammattee kabajasaa fudhachuuf achi siiqxee yeroo tessuu akkuma ol fagaatetti hafe. Kana booddees kabaja daa’imittiif dhufe yoo ta’e maaltu beeka? qofaashee dhiisii achi siiqi isheedhaan jedhan. Haannaanis akkuma jedhamtes taasiste. Yeroo kana ergamaan qulqulluu Faanu’eel bu’ee kochoosaa tokkoon haguugee, tokkoo immoo ishee uffisee manna sana nyaachisee wayinicha obaasee gara samiitti ol bahe. Gooftaan saba Israa’el mannaa samiirra buusee akkuma isaan nyaachise haadha keenyas kara ergamichaa sooreera. (Ba’uu 16:13, 1Moot.19:1-8)

  Erga dhimmi sooratashee fala argatee mana qulqullummattii ishee gashan. Guyyaa kana mannii kiristaanaa mudde guyyaa sadi ayyaana waggaa ishee baatiilee( ji’oota) birootiin immoo yeroo hundaa jiini galee guyyaa 3ffaa irraatti ni yaadatti.

          «Yaa mucaa koo dhaga’ii mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateerahoo» Jedhee qulqullichii Daawiit (Faar. 44:101) irratti akkuma dubbate. Haati keenya qulqulleetii, Maariyaamiin ergamoonni akkaa ishee sooran mana qulqullummaa keessa waggaa kudha lama jiraatte; waggaa kudha shan yommuu fixxu Yihudoonnii goomiidhaan «Shamarree waan taateef mana qulqullummaaatii bahuu qabdii» jedhanii raagni dubbatame sun dhumee osoo ishiin mucaashee hin dahiin dursinee ishee balleessuu qabna jechuun raayyaan loltootaa hedduu qabatanii Giiftii keenya yammuu marsan Waaqayyoo ergamaasaa ergee bakakkaadhaan isaan fixe.

          Hangafni lubootaa hammina isaanii kana argee akkam taata egaa? jedhee ishee gaafannaan gara Waaqayootti naaf beeksisii jetten. Innis kadhannaa gaafa jedhu «Qomoo Yihuudaa keessa kanneen haati manaa isaanii duute lakkaa’eetu ulee isaanii mana qulqullummaatti galchii irratti kadhadhu aniis mallattoo siifan kenna » kan jedhu deebii kenneef.

Waaqayyos akkuma waadaa galeefiitti lubichaaf mallattoo adda addaa mul’iseefii maanguddichi Yooseef tiksee( kaadhima) Giiftii Maariyaam akka ta’utti filatame. Guyyaa sanaa eegalee maanguddichi Yooseef tiksee 9 eegduu) Maariyaam ta’uun haadha Gooftaa isaa tajaajilaa tureera. ( Maat 1:18-26, Luq1:26-45)

 

 

 

 

Ergamoota qulqulloota

Ergamoota qulqulloota

Mazgabuu Kafyaalawuun

Waaqayyo guyyaa dilbataa (guyyaa jalqaba  uumama uumuu eegaletti) ergamtoota Isaa uumee jira. Yemmu ergamtoota Isaa uumettis bakka hin jirree gara jireenyaatti isaan fidee uumeera.

Namoonni tokko tokko garuu sagalee Raajaa Waaqayyoo Daawitiin “Ergamootasaa afuura (qilleessa) taasisa; tajaajiltoota Isaas laboobin abiddaa taasise” (Faar.103:4)  jedhu qabachuudhaan egamoonni kan uumaman uumama irraa innis qilleensaa fi ibidda irraati jechuun yemmu dubbatan ni dhagahama. 

 

Haa ta’u malee raajaan Daawit yemmu kana jedhu ergamtoonni maal irraa akka uumaman ibsuuf osoo hin taane Ergamoonni Waaqayyoo  akka abiddaa kan xuqamuu hin dandeenye, akka qilleensaa saffisoota taasisee isaan uume jechuu akka ta’e abbootiin ni barsiisu.

Kunis kallattiin waa’ee tajaajila isaanii kan ilaallatudha. Abiddii fi qilleensi tajaajila Ergamootaaf  fakkeeffamee yeroo ibsamu kan agarsiisudha. Ibiddi cimaadha, harkaan qaqqabatamuu hin danda’u, ergamtoonni Waaqayyoos cimoodha,

Qilleensi saffisaadha; ijaan argamuu hin danda’u akkasuma ergamtoonni Waaqatyyoos tajaajilaaf saffisootadha  kan ijaan hin argamnedha. Kanaaf Raajichi daawwit caqasa armaan olii kana  kan dubbateef tajaajila ergamtootaa ibsuuf malee ka’umsa uumama isaanii ibsuuf maal irraa akka uumamanis caqasuuf miti jechuudha.Kana haata’uyyuu malee mudaan abiddaa fi qilleessa irra jiru qulqulloota Ergamootarra akka hin jirre hubachhu qabna.

Waaqayyo ergamoota Isaa uumee seeraa fi sirna malee akkasumaan kan dhiise osoo hin taane qomootiin qoodee magaala hiree isaan teessiseera.

Kunis qulqulluu Eephiifaaniyoos kitaaba isaa “Aksiimaaroos”  jedhamee beekamu irratti  “Waaqayyo Ergamootasaa guyyaa sanbata guddaa (Dilbataa) uumee magaalota  Sadii , isaanis, Iyyoor, Raamaa fi Eerer keessa  isaan kaa’e, magaalaatiin Sadii, qoomootiin Dhibba taasisee  isaan remade” jechuun  ibseera.

Ergamoonni qulquloonni qoomootiin akka dhibba ta’an Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela Isaarratti  “Maal  isinitti fakkaata? Namni tokko hoolota Dhibba tokko yoo qabaate isaan keessaas osoo tokko badee warra Sagaltamii Sagal sana tulluu (gaara) irratti dhiisee deemuun isa bade tokko sana hin barbaaduwoo?” jechuun fakkeenyaan barsiiseera. (Maat.18:12)

Bakka hangafa Ergamootaa isa duraa Saaxinaa’eel bakka kan bu’ee booda sababii yakka dalageen gara biyya gidiraatti kan bade abbaa hunda keenya Addaamidha.

Angafoota Ergamootaa

Waaqayyo ergamoota uumee seeraa fi qajeelfama malee akkasumaan isaan hin dhiisne. Akkuma armaan olitti ilaalle magaalota sadii fi qomoo dhibbaan isaan qoodee yemmu muudetti angafoota( dursitoota) ammo isaaniif muudee jira.

 

Egaa, angafoota ergamtootaa yemmu jennu dursitoota( hooggantoota) ibsuuf kan itti fayyadamnudha malee ergamtoota keessa umuriidhaan waldursanii angafaa fi quxisuu jechuun adda baasuuf miti. 

Ergamtoonni angafoota qabaachuu isaaniis kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti karaa tokkoonis ta’e karaa biraa barreeffamee argina. Qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaa mul’ata isaa keessatti:- “ Ergamtoota turban Waaqayyo fuuldura dhaabatan arge” ( Mul.8:2) jechuun ergamtoonni angafootaa (dursitootni) torba jiraachuu isaanii nuuf ibsa.

Heenook immoo kitaaba isaa keessatti ergamoota muraasa maqaadhaan adda baasee Uraa’eel, Rufaa’eel, Raagu’eel, Mikaa’eel, Saraqaa’eel,Gabri’eel jechuun waamee jira( Hen.6:1-7)

Raajichi Daani’eel ammo qulqulluu Mikaa’elii fi Qulqulluu Gabri’eeliin maqaadhaan adda baasee waamee kan jiru ( Daan. 8:16; 10:13) yoo ta’u, kitaaba Iyyaasuu Ilma Nawwee irratti ammo qulqullichi Mikaa’el “dursaa raayyota Waaqayyoo” akka ta’e ankii ykn aangoo isaa wajjin  ibsamee jira ( Iyyaasuu 5:15).

Qulqullichi Luuqaas Wangeela isaa irratti maqaa qulqulluu Gabri’eel kan caqase ( Luuq.1:19) yoo ta’u, qulqullichi Phaawuloos ammoo ergaa isaa gara tasaloonqeetti barreesseen “ sagalee dursaa ergamtootaatiin samii irraa bu’a” jechuudhaan qulqullicha Mikaa’el caqaseera( 1Tas.4:16)

Kitaaba  Xoobiit irratti  “ kan kadhannaa qulqullootaa gara Waaqayyootti ol baasan; kan gara Gooftummaa Waaqayyoo isa kabajamee fi ol ol qabameettis kan galchan ergamtoota dursitoota kabajamoo toorban keessaa ani Rufaa’el tokkodha” ( Xoob.12:15) jechuun ergamtoonni angafootaa torba ta’uu isaanii ibsee jira.

Ergaa yihudaa irratti ammo  “ dursaa ergamtootaa qulqulluu Mikaa’el” akka ta’e kan caqase ( Yihu.lakk.9) yoo ta’u, mul’ata Yohaannis irrattis“ Mikaa’elii fi ergamoonni isaa …. ( Mul.12:7) jechuu isaatiin qulqulluu Mikaa’el angafummaa ( hoogganummaa)dhaan ergamtoonni qulqulloonni inni irratti muudame jiraachuu nuuf ibsa.

Egaa  abbaa hundumaa kan ta’e Waaqayyo uumama uumee seeraa fi sirna malee akkanumaan kan hin dhiifne ta’uu hubanna. Ergamtoota Isaatiif illee seera baasee, Magaalaa uumee ankii fi aangoodhaan adda baasee akka isaan wal hoggananii fi waliif hoogganaman taassisuudhaan akka isaan muude hubanna.

Akka kitaaba aksiimaaroos irraa hubannutti Waaqayyo ergamoota Isaa magaalota sadim keessa yemmu isaan kaa’u, qomoodhaan qoodee, hoogganaa muudee ta’uu isaa haala armaan gadiitiin nuuf ibsee jira.

                   Magaalota ergamootaa Sadanii fi hooggantoota isaanii

1.      Iyyoor

Waaqayyoo samii Iyyoor keessatti qoomota Ergamoota Afurtma ramadeera. Isaaniinis bakka Afuritti qoodee Hooggantoota Afuur muudeef.

Iyyooriinis akka gamoo fooqii taasisee kutaa  Afuritti ishee qoodeen. Magaalaa isa irra keessatti qoomoo kudhan qoodee  Agaa’izt  jedhee isaan moggaasee Saaxinaa’eeliinhooganaa  isaanii taasise muudeen.

Magaalaa isa Lammaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee  Kiiruubeel jedhee eega moggaseenii booda Ergamaa Kiiruub jedhamuu hoogganaa taasisee muudeef. Hizqi 10:1.

Magaalaa isa Sadaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee Suraafeel jedhee moggaasee booda Ergamaa Suuraafii jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Afuraffaa irratti qoomoo kudhan qoodee  Hayilaat jedhee moggaasee booda qulqulluu Miikaa’eelii hoogganaa taasisee isaaniif muudeen. 1Pheexi 3:22. “Ani oogganaa raayyota Waaqayyoo ta’een amma dhufeera.” Iyya.5:14, “Oogganaa keessan Miikaa’elii malee eenyuyyuu kan na jajjabeessu hin jiru. Daan10: 21, “Oogganaa inni guddaan Miikaa’eeliin ni ka’a” Daan.12:1, “Hangafni Ergamootaa qulqulluu Miikaa’eeliin yennaa Diiyaabiiloosii wajjiin falmetti waa’ee foon (reeffa) Musee yennaa dubbatetti gooftaan siin haa ifatu jedheen” Yuhu.Lakko.9

2.     Raamaa

Waaqayyo sammii Raamaa keessa qoommo Ergamootaa Soddoma ramadeen. Isaanis bakka Saditti qoodee Hooggantoota Sadi isaaniif muude.

Raamaas bakka Sadiitti qoodeen. Magaalaa ishee jalqabaa irratti qoomota Kudhan qoodee Arbaab jedhee eega moggaasee booda qulqulluu Gabri’eel hoogganaa taasise muudeef.

Magaalaa ishee Lammafaa keessa qomoo kudhan qoodee Manaabirt jedhee mooggaasee booda qulqulluu Rufaa’eel Oogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo kudhan erga qoodee  Silxaanaat  jedhee eega moggaaseenii booda Ergamaa isa Sur’eel jedhamu hoogganaa taasiee muudeef. 1Pheex.3:22

  3.   Eerer

Waaqayyo Eereriin keessa qoomota Ergamootaa Soddoma ramade. Isaniins bakka Sadiitti qoodee Ooggantoota Sadii isaaniif ramade.

Magaalaa isa jalqabaa keessatti qoomoo Kurnaan Mekuwaaninti jedhee mooggasee booda Ergamaa isa Saadaka’eel jedhamu Oogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Lammaffaa keessatti  qoomoo kudhan qoodee  Liqaanaat  jedhee moggaasee booda Ergamaa Salaataa’eel jedhamu muudeef.

Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo Kudhan qoodee Melaa’ikt  jeedhee eega moggaaseee booda Ergamaa Anaani’eel jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.1Phex.3:22

EgaaErgamonni Waaqayyoo haala kanaan uumamanii qomoo fi magaalaatoonqoodaman dhala namaa fi Uumaa hundumaa kan ta’ee Waaqayyoon gidduutti tajaajilaaf saffisu. Waaqayyo biraa dhiifama fi arjummaa Isaa gara dhala namaatti gadi fidu. “Yaa Daani’eel ogummaa fi hubannoo akkan siif kennuuf amma gara kee dhufeera” kan jedhu jechi qulqulluu Gabri’eel kana ibsa. (Daan.9:22)

Akkasumas kadhannaa fi aarsaa namootaa gara Waaqayyootti ol geessu (ol baasu). Kanaafis ragaa kan ta’u  “Kadhannaa kee fi aarsaan kee (kennaan kee) gara Waaqayyootti ol ba’e.” kan jedhu jecha sagalee Ergamaa Waaqayyotidha. (Ho.du.bu.9:4).

 

Tajaajilli isanii inni guddaan garuu Waaqayyoon galateffachuudha. Yeroo hundumaa boqonnaa malee “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu yaa Gooftaa raayyotaa Waaqayyo” jedhanii Sadummaa fi Tokkummaan  kan jiraatu Waaqayyoon ni galateeffatu. Ergamoonni qulqulloonni akka kanani Uumaa isanii Waaqayyoon faarsaa jiraatu. Isa.6:3

“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)

“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)

 

Hagayya 15                                                                Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

Yaa Giiftii Maariyaam Foonkee gara  bakka gammachuu guddaa fi fagoo ta’eetti ol ba’eef nagaan  ni mala; kunis gamoo ijaarsi isaa sakatta’amuu hin dandeenye bakka sanatti argamaatii”

  Addaam balleessee Waaqayyo wajjin waan wal loleef, kabaja isaa dhabee,duuti foonii fi duuti lubbuu itti murtaa’ee yemmu gannata keessaa ari’amu Waaqayyo dhiifamnii fi gaarummaan qabeenya Isaa ta’e dhiifama taassiseefii gara kabaja isaa jalqabaatti akka isa deebisuuf Addaam Waaqa isaa kadhateera. Waaqayyo Gooftaanis gaddaa fi gaabbii Addaam  ilaaluun yemmu Waggaan ( barri ) 5500 raawwatu dhala dhala kee irraa dhaladhee joora kee jooreen du’a kees du’a kootiin sirraa haqee, gara kabaja kee duraatti si deebisee jannata ; Mootummaa koo sin dhaalchisa. ( Gal.4:4) jechuun Waadaa galeeraaf.

Abbaan keenya Addaamis bu’uuruma Waadaa isaaf galameetiin yemmu dhumni barichaa gahetti bultii Waaqayyo Ilmaatiif kan filatamte; kan fayyina  Addaamii fi sanyii isaatiif sababa taate dhala dhala Addaam irraa kan dhalatte Giiftiin keenya Qulqulleettii dubroo Maariyaam dhalattee waggaa 15 yemmu guuttu missiraachoo ergamaa qulqulluu Gabri’eeliitiin bakka bultii Waaqayyo Ilmaa, bakka bultii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos taate.

Yemmu mucaa ishee deesses sagalee namoota beektotaa ( sabaa sagal) “ Mootiin Aayihud inni dhalate eessa jira?” oduu jedhu Heeroods dhagahee mucaa dhalate ajjeessisuuf labsii baase( labse). Giiftiin keenyas mucaa Ishee Kiristoosiin baasuuf( du’a irraa hambisuuf) gara biyya Gibxii ( Misiraa) tti baqatte. ( Maat 2:12)

 

 

Barri baqaa sun dhumee gara biyya Iyyarusaalamitti erga deebi’anii booda Iyyasuus Kiristoos yemmu waggaa 30 guutu waa’ee Mootummaa Waaqayyoo; waa’ee bilisummaa dhala namaa lallabuu eegale. Boodas du’a sanyii Addaam balleessuuf, garbummaa balleessee bilisummaa labsuuf fannoo irratti fannifamee du’e. Guyyaa sadaffaattis du’aa ka’ee bilisummaa nuuf labse.

Deemsa jireenyaa kana hunda keessatti kan Ilma Ishii irraa adda hin baanee fi sababa fayyinaa kan taate Giiftiin keenya, fayyinni dhala namaa yemmu mirkanaa’u dhalattee waggaa 64 tti Amajii 21 boqotte.

Duukaabuutonni Gooftaas haati Isaanii qulqulleettii dubroo Maariyaam  Waan  isaan jalaa boqotteef Foon ishee Agobariidhaan baatanii gara Geetesemaanii deemani. Yemmu kana Yihudoonni “ dura mucaa ishee fannisnee ajjeesnaan duukaabuutonni isaa du’aa ka’e, ol ba’e, akka jedhan nu jeeqaa jiraataniiru; har’a ammo isheen kaate, ol baate akka jedhan nu jeequuf mitii? Kanaafuu Ibiddaan ishii gubna” jechuun ka’ani. Yihuudoota kanneen keessaa tokko kan ta’e kan Taawufaaniyaa jedhamu gara foon Giiftii keenyaa deemee agobara Foon ishee irra jiru sana qabate. Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Rufaa’eelis harka Taawufaaniyaa lamaan isaa iyyuu seefiidhaan irraa kute. Kanaafis harki taawufaaniyaa lamaanuu cite agobara irratti hafe.

Sana boodas Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos barreessaa Wangeelaa kan ta’e Qulqulluu Yohaannisiin dabalee Foon Giiftii keenyaa duumessaan ol fudhatee gannata keessa muka jireenyaa jala ishee kaahe. Yohaannis gannata keessaa  deebi’ee duukaabuutotatti Foon Giiftii keenyaa gara gannataatti ol fudhatamuu isaa Isaanitti hime. Duukaabuutonnis Foon Giiftii keenyaa gara gannataatti ol fudhatamuu isaa Yohaannis argee nuti osoo hin argiin hafne jechuudhaan Hagayya 1 hanga hagayya 14 tti Tsoomaniiru.

Waaqayyos gadda duukaa buutota Isaa ilaalee laftittiin Foon Giiftii keenyaa akka baastuuf akka ajajaniif ergamtoota  angafootaa torban ajaje. Isaanis  akka baatuuf Waaqayyo ajajeera jechuun yemmu dubbatan yemmu sana muka jireenyaa gannata keessa jiru kana jalaa foon Giiftii keenyaa bool’a keessaa baheera; duukaabuutonni Gooftaas kafananii awwaalaniiru.

Gooftaan keenyas  gara Mootummaa Isaa bara baraatti ergamtoonnii fi wareegamtoonni akka isheedhaaf sagadan ol baate. Akkuma Mootichi Daawit “ Uffata Warqee uffattee Giiftiin karaa Mirga kee dhaabatti” jedhe. ( Faar 44:9).

Duukaabuutota keessaa tokko kan ta’e Toomaas tajaajila Wangeelaatiif deemee waan tureef yemmu duukaabuutonni foon Giiftii keenyaa argatanii awwaalan achi hin turre. Tajaajila Wangeelaa xumuree Duumessaan  biyya tajaajila isaa Hindiitii gara duukaabuutotaatti yemmu dhufu Giiftiin keenya yemmu ol baatu argeera. Yemmuu sanas baay’isee gaddee “ duumessa sana irraa kufuu fedhe” “dursa du’aa ka’uu ilma kee osoo hin argiin hafeen jira; har’a ammo du’aa ka’uu kee osoo hin argiin hafe” jedhe. Yemmu kana gadda laphee isaa agartee Giiftiin keenya “ Hin gaddiin, duukaabuutonni warri kaan du’aa ka’uu koo fi ol bahuu koo hin agarre; ati garuu agarteetta, kaateetti; ol baateettis jedhii deemii duukaabuutotatti himi” jettee sabanii  ittiin kafanamte itti kenniteetti.

Kana boodas deemee “ Waa’een Giiftii keenyaa akkam ta’e?” jedhee duukaabuutota gaafate. Isaanis “Foon ishee argannee awwaalleera” jedhanii Toomaasitti himani innis : “ Amajii keessa duutee akkamiin Hagayya keessa awwaala ta’e? wanti kun kan ta’u hin fakkaatu” jedhee isaanitti dubbate. Qulqulluu Pheexroosis :- “ Ati amala keeti; ati qofti shakkitee hin haftu shakkitee namoota biraas shakkisiista” jedheen.  Toomaas garuu kan harkatti qabatee jiru waan beekuuf callisee isaan dhaggeefachaa ture. Inni callisnaanis Qulqulluu Pheexroos aaree deemee awwaala ( bool’a) Giiftiin keenya keessatti awwaalamte yemmu banu Foon Giiftii keenyaa waan bool’a sana keessaa dhabeef nahee dhaabbate.Yemmu kana duukaabuutichi Toomaas ana hin amantani jedheen malee du’aa kaatee ol baateetti jedhee isaanitti hime; sabanii harkatti qabee jiru isaanitti agarsiise.sabanii kanas barakataaf jedhanii duukaabuutonni hundi hirataniiru. sana booda Waggaa isaatti Toomaas ol ba’uu kee argee nuti osoo hin argiin hafne jechuudhaan Tsoomii eegalaniiru.gaafa guyyaa 16ffaas Gooftaan keenya isaanitti mul’atee Giiftii keenya Manbarii, Qulqulluu Pheexroosiin Luba lammaffaa; Isxiifaanosiin Diyaaqonii angafa taassisuun Qaddasee (sirna qulqulleessaa) gaggeessee Foonii fi dhiiga Isaa isaanii laateera.Duukaabuutonnis kana booda ergama tajaajilummaa isaanii cimanii raawwataniiru.Icciitii kana ilalaalchisees beektonni Mana kiristaanaa raajiin Mootichi Daawit “ Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’I; atii fi Taabonni mana qulqullummaa kee” ( Faar 131:8) jechuun dubbate du’aa ka’uu giiftii keenyaa agarsiisuuf akka ta’e barsiisu. Waaqayyo Gooftaan Gadameessa ishii mana Qulqullummaa Isaa taassisuun irraa dhalateeraatii

Manni Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaas kana bu’uureffachuudhaan Waggaa waggaadhaan Hagayya 1 hanga 14tti akka duukaabuutotaa tsoomanii; yeroo subaa’ee raawwatanii gaafa 16ffaa Du’aa ka’uu fi ol ba’uu Giiftii keenyaa labsanii Giiftiin keenya ol baateetti jechuudhaan akka kabajan barsiisti; ni raawwattis

Waaqayyo Gooftaan Gargaarsa Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Nurra haa bulchu. Ameen!

 

 

“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)

“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf  hin  hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)

                                        Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

                                                                                                                               

 Xumura Raaga(raajii) raajotaa,ka’umsa lallaba duukaabuutotaa,icciitii beektota mana kiristaanaa kan taate qulqulleettii dubroo Maariyaamidha. Waa’ee Maariyaamiin alatti waa’ee

 

waa’ee fayyina dhala namaa dubbachuun hin danda’amu. Sababiin isaas Gooftaan keenya   Iyyasuus Kiristoos dhala namaa fayyisuuf foonii fi lubbuu fudhatee kan dhalate qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam irraatii waan ta’eefidha.Iccitii fayyina dhala namaa kan taate haadha keenya dubroo Maariyaamidha.

 

    Kan raagdonni ( raajonni) raagan, kan isaan boodarra waan  dhufu dursanii arguudhaan Kiristoos akka dhalatu;dhala namaas cubbuu ittiin qabamee jiru; garbummaa seexanaa jalaa baasee bilisummaa akka kennuuf kan dubbachaa turan kan raawwatame foonii fi lubbuu dubroo Maariyaam irraa fudhateenidha. Yemmu dhalli namaa hundi bittaa cubbuu jala turetti qulqullummaan abbootii raajotaa bittaa cubbuu dhaalaan darbaa ture jalaa waan isaan baasuu dadhabeef  “ Hundi keenyi harfoofneerra;qulqullummaan keenyi hundi akka uffata abaarsaa ta’eera” ( Isaa 64:6) jechaa yemmu turanitti beekumsa Waaqayyootiin Waaqayyo Uumaan dhala namaa fayyisuuf jecha  cubbuu Addaam isa dhala irraa gara dhalaatti daddarbaa ture irraa  Ishee eegee; Ishii irraa dhalachuuf Ishee foo’ate. Raajonnis kan abdiidhaan eegaa turan kan Ishii irraa dhalate abdii fayyina keenyaa kan taate qulqulleettii dubroo Maariyaamidha.

Seenaa amantaa kiristaanaa keessatti shakkitoonni baay’een yeroo adda addaa ka’an rakkinni isaanii inni jalqabaa barumsa dhugaa  waa’ee dubroo Maariyaam amananii fudhachuu dhabuudha. Rakkinni isaanii kunis Kiristoosiin kallattii sirriidhaan akka hin amanne isaan taassiseera. Osoo waa’ee dubroo Maariyaam irratti barumsa sirrii qabaatan ta’ee shakkiidhaaf hin saaxilamani ture. Nisxiroos Kiristoosiin “ Waaqayyo Ilma Waaqayyooti jedhee  amanuu kan dadhabeef haadha Keenya dubroo MaariyaamiinDeessuu Waaqayyoo; haadhaWaaqayyoo jedhee amanuu waan dadhabeefidha.

Waa’ee Maariyaam Dubbii (waa’ee) Kiristoos irraa adda baasnee ilaaluun hin danda’amu. Sababiin isaas wantoonni gaariis ta’e hamaan waa’ee qulqulleettii dubroo Maariyaam dubbataman hundi karaa tokkos ta’e karaa biraatiin kan Kiristoosiin tuqan waan ta’eefidha. Kiristoosiin gadameessa Ishee keessatti baattee kan deesse; dugdatti baattee biyya irraa gara biyyaatti kan naanna’aa turte; yeroo addunyaa kana irra naanna’ee barsiisaa turettis Isa wajjin kan biyyaa gara biyyaatti naanna’aa turte, gaafa guyyaa jimaataas gidiraa Isa irra gahe hanga miila fannoo Isaatti ciminaan dhaabattee gidiraa Ilma ishii irra gaheen gaddi Cimaan kan ishii irra gahe haadha Gooftaa waan taateefidha.

Waa’ee dubbii fayyina Ilma namaa yemmu dubbannus Gooftaan keenya hojiin fayyisummaa Inni gaafa guyyaa jimaataa fannoo irratti raawwate hundi kan eegale foonii fi lubbuu qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa fudhatee hojii fayyisummaa eegaleenidha. Waaqayyo hunda beeku foon addunyaa kana ittiin fayyisu cubbuu irraa qulqulleessee  foo’ate. Kana waan ta’eef raajichi Isaayiyyaas dursee afuura qulqulluudhan waan argeef “Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf  hin  hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9) jechuun dubbate. Sanyiin dhala namaa fayyisuuf Waaqayyo foo’ate kunis qulqulleettii dubroo Maariyaamidha.

     Egaa,barreeffama kana keessatti  bal’isnee kan ilaallu  bu’uuruma raagdichi (raajichi)  waaqayyoo Isaayiyyaas  dubbate kanaan  waa’ee sanyii  beekumsa Waaqayyootiin dhala namaa fayyisuuf fo’atamte  kanaa; waa’ee qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam ta’a jechuudha. Kunis dhala namaa sababa cubbuusaatiin murteen du’aa itti murtaa’ee gidiraan jiraachaa ture fayyisuuf qabata (sababa) kan taate dha.

Barreeffamni  kun eenyummaa Giiftii keenyaa barsiisuuf waan qophaa’eef “Dubbii hundee irraa; bishaan taliilarraa” akkuma jedhan addunyaan osoo hin uumamiin laphee Sillaasee keessatti yaadamaa kan turte waa’ee  Ququlleettiin durbeeMaariyaam  seenaa fayyinnaa keessatti qabduu fi kitaabolee ququllaa’oon waa’ee Giiftii keenyaa kan  dubbatan hanga waaqayyo nuuf eeyyame ragaalee  fayyaadamnee dhiyeessineearra.

Barumsin kun gabatee lapheekeenya keessatti akka barreeffamuufamuuf qalbiin akka hubannu Waaqayyo nu haa gargaaru.