Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa

in Dubbii Qulqullootaa

Dubbii qulqullootaa

Kutaa-1ffaa

                                   Qulqullummaan maalidha?

Qulqulluu jechuun “qulqulleesse” kan jedhamu irraa kan dhufe yoo tahu hiikni isaas:-galateeffate,file,addaan baasee kabaje jechuu dha. Qulqullummaan bakka lamatti qoodamu danda’a.

A) kan kennaa (የፀጋ ቅድስና) waaqayyo irraa kennaadhaan(laataan) kan argame jechuu dha. Kunis kan laatamu uumamtootaafi dha. Ani waaqayyoo qulqulluu waanaan ta’eefi isinis qulqulluu ta’aa. Zel 19:2

B)Qulqullummaa Akkeenyaa(የባህርይ ቅድስና) kan jedhamu qulqullummaan isa irraa kan addaan hin bane,eenyuyyuu irraa fudhachuu hin dandeenye qabeenya mataasaa kan ta’e jechudha. Inni kun waaqa duwwaafi dha.

Jechi qulqulluu jedhu uumamtoota keessaa warra kana gadiif ooluu danda’a.

  1. Ergamoota qulqulloota (ቅዱሳን መላእክት): Uumamaan qulqulloota kan ta’an jireenyi isaanii qulqullummaan kan guutame qulqullota dha. Addunyaa hafuuraatti (በመንፈሳዊ አለም) samii irrattis lafarrattis Waaqayyoo fi nama fuulduratti hojii hafuuraa hojjetu. Hojii kanatiin Waaqayyoo fi qulqulloota wajjin tokkummaa qabu. Sa’atii fi guyyaa uumamanii jalqabanii faarsaa fi galata Waaqayyoof dhiyeessuu irraa adda hin baane. Isa 6:7,ra’I 4:8. Galanni Waaqayyoof dhiyeessan boqonnaa isaaniiti, boqonnaan isaanii galata Waaqayyoof dhiyeessani dha. Kana wajjiniinis kennaa Waaqayyoo gara namaa,kadhaa fi aarsaa namaa immoo gara Waaqayyoo nuuf geessu. Dan 9:22,hoj.du. 10:4. Boqonnaa malee waaqayyo sa’aatii 24 guutuu kan tajaajilani dha.
  1. Bakkeen Qulqullaa’oo( ቅዱሳን መካናት) :Iddoo hunda irraa adda ta’anii waaqayyoo hojii gurguddaa kan itti hojjete kan akka Gadaamii fi mannen kiristaanaa dha. Kanaaf bakka filatame waan tahef Waaqayyo museen bakka Dabra Siinaatti waamee akkas jedhe:Seera bah.3:5 as hin hiiqiin iddo ati dhaabatte qulqulluu waan ta’eef kophee kee miila keerraa baasi. Iya 5:13-15 manni kiristaana keenya fakkeenya kana godhattee kophee keenya akka miila keenya irraa baasnee gara mana qulqullummaa akka seennu nu ajajji. Qulqulluun Pheexiroos immoo ulfina mootummaa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosin,waaqummaa Isaa bakka Dabra Taaboritti yeroo nuuf ibsetti akkasumas tokkummaa fi sadummaa ifatti yammuu nu hubachiisetti yaadachuun “Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos humni isaa,deebi’ee dhufuun isaas isin biratti akka beekamu yammuu goone,nuyi surraa guddina isaa ija keenyaa arginee beeksifne malee,mammaaksa ogummaadhaan yaadame duuka buune miti. Inni Waaqayyo biraa ulfinaa fi guddina yammuu fudhate sagaleen “kun ilma koo isa ani Jaalladhu,isa gammachuun koo itti raawwatamu dha” jedhu isa guddicha surra-qabeessa” sana biraa dhufeeraafii,Nuyi warri gaara qullaa’aa gubbaatti isaa wajjin turre immoo,sagalee waaqa irraa isaaf dhufe kana dhageenyeerra ” jechuun gaara sana qulqulluu jedheera.(2fa.phex.1:16-18) kuni hundi Kakuu Haaraa keessatti kan argamu dhiiga Kiristoos irratti kan hundaa’e fakkenya bakkeen qulqullaa’oo (ቅዱሳን መካናት ) faadha.

Bakki qulqulluu kana kan filate,kabaje fi qulqulleesse Waaqayyo mataasaa dha. Akkasumas Kakuu Moofaa keessatti mootichi Solomon Waaqayyoof kan tahu Bataskaanaa erga ijaaree xumuree Waaqayyoo bakka qulqulluu mootichi Solomon kadhaa isaa itti dhiyeesse dha (2ffa sena bara 6:18-32,7:1-18). Kanaafidha egaa Waaqayyo bakka qulqulluu kan qulqulleesse bakka kabajaan kan guutame kan jenneefuu.

          

Haratoo Dabre Tsiyoon Qulq.Maariyaam(Horro Guduruu Wallaggaa)

  1. Guyyoota qulqullaa’oo (ቅዱሳን ዕለት) :-Waaqayyoo hojiiwwan gurguddaa guyyaa itti hojjete dha.(seera uum.2:2-3) Waaqayyoo guyyaa torbaffaa eebbise,qulqulleesses. Kanaaf guyyaa waaqayyo itti dhalate, fannifame,cuuphame,du’aa ka’e,afuura qulqulluu ergamootaf erge fi kkf guyyoota qulqulluu jedhamu.
  2. Qodaa ykn mi’a qulqulluu (ቅዱሳን ንዋያት):-mini mana qulqullummaa keessatti tajaajilan kun qulqulluu dha.
  3. Namoota qulqulluu (ቅዱሳን ሰዎች):-Namootni Qulqulluu hojii garaa garaaf garuu kaayyoo tokkoof Waaqayyo kan isaan waame dha. Waamamuu qofa otoo hin tahin kan waamaman keessaa adda bahanii kan filatamani dha. “Kan waamaman baay’ee dha kan filataman garuu muraasa dha.” Kan jedhame kanaafi. (Mat 22:14). Namoota waaqayyo sirriitti amananii karaa Isaa irra deemani dha. Isaanis:Qulqullota Raajotaa(ቅዱሳን ነቢያት),Qulqulloota Duuka Buutotaa(ቅዱሳን ሐዋርያት),Qulqullota Toltoota (ቅዱሳን ፃድቃን),Qulqulloota Wareegamtoota (ቅዱሳን ሰማዕታት),Qulqullota Abboolii(ቅዱሳን አበዉ),Mootota Qulqullootaa(ቅዱሳን ነግስታት),Qulqulloota Beektotaa(ቅዱሳን ሊቃዉንት),Qulqulloota Phaphaasii(ቅዱሳን ጳጳሳት),Qulqulloota Monokosaatii(ቅዱሳን መነኮሳት), isaan keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu.
  4. Qulqulloota Wareegamtoota(ቅዱሳን ሰማእታት):-Du’aa fi gidiraa adda addaa otoo hin sodaatiin waa’ee waaqayyoo kan dhugaa bahani dha….(Ibira.11:8:-)dhugaadhaaf reebamanii qoramanis magaaziidhaan tarsaafaman,albeedhaanis ajjeefamanis hunda dhabanii gidiraaf ta’ani. Fkf: Qulq. Isxiifanos,Qulq. Giyorgis,Qul.Morqoriyos
    1. Qulqulloota Toltoota (ቅዱሳን ጻድቃን);-Warri kuni immoo akkuma gooftaan gadaamii Qoronxositti galee guyyaa 40 fi halkan 40 soome fi kadhate, isaanis isa hordofanii kan qaban dhiisanii,addunyaa tuffatanii,gidiraa adda addaa fudhatanii,monokosanii bahitaawwii ta’anii gadaamiikanjiraatanidha.Fkf:Qulq.Inxoos,Qulq.Phaalamon,Qulq.Teklehayimanot.
    2. Qulqulloota Beektota(ቅዱሳን ሊቃወንት):-warri kuni immoo akkuma gooftaan addunyaa kana irratti waggaa sadii fi ji’a sadii barsiise,fakkeenya godhatanii addunyaa kana warra barsiisani dha. Fkf :Qulq. Atinaatiwoos,Qulq.Yohaannis Afewerq,Qulq.Qeerlos fi kkf dha.
  5. Kitaabolii Qulqullaa’oo (ቅዱሳን መጻሕፍት)፡Kitaabolii qulqulluu kan jedhaman kakuu Moofaa fi Haaraa kan monokosotaa fi Beektotaa akkasumas Kitaabota dhalatoo faadha. Qulqulloonni Raajotaa fi Duuka Buutotni afuura qulqulluun gaggeeffamuunbaroota garaagaraa Afaan (qooqa) garaa garaatiin kan barreessan,soba fi shakkii irraa adda kan ta’an,namaan sadarkaa qulqullummaa kan geessisu kan ulfina qaban tahuu isaanii Kakuu Moofaa fi Haaraa walitti kan qabate dha.
  6. Fakkiiwwan Qulqullaa’oo (ቅዱሳት ሥዕላት): Mana Kiristaanaa keenya keessatti Waaqayyoon,Dubre Qulqulleettii Maariyaamiin,Duuka Buutotaa,Toltoota,Wareegamtoota fi Beektotaa kan ibsan fakkiiwwan baay’een jiru. Qulqulluu kan jedhamaniifis:
    1. Addunyaa foonii kan ibsan fakkiiwwan addunyaa irraa gonkumaa adda tahuu isaaniiti.
    2. Fakkiiwwan mataansaanii raajota garaa garaa waan raawataniif qulqulluu isaan jechisiiseera.
    3. Fakkiiwwan Qulqullootaa ta’uun isaanii qulqulluu jechisiisera.

Hiikaan Dn Zalaalam Daggafaa

Madda

   Dubbii Qulqullootaa kan yaa’ii mooraa

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-02-09 05:57:252018-10-26 09:21:14Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5 Link to: “Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5 “Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5 Link to: Yaa’ii mooraa Link to: Yaa’ii mooraa Yaa’ii mooraa
Scroll to top