Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulquulluu Waaqa Tokko Ameen!
Soomii Nanawwee
Soomii jechuun qaama ofii waan inni barbaadu hunda irraa dhowwuu jechuudha. Ykn waantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu hunda dhiisu jechuu dha. Kunis, soomiin namni waantoota fooniin fedhuu fi isa kajeelchisu hunda otoo raawwachuu danda’uu yeroo murtaa’eef lagachuun/ dhiisuun qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomani qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnuu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha. Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa ofqusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomani ni jira. Soomani amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba. Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenneef sooma ture. Inniis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi kan nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u Beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef. Uumama 2: 16 – 17. Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyoo akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha. Ilmi namaa soomuun Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun/ barsiisuun isaa soomanni kan namaan uummame otoo hin taane ajaja Waaqayyoon faayidaa namaatiif jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Moofaa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru. Raajonni Kakuu Moofaa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaaniif bishaan afaan isaanii hin seenu ture. (Bahu 34:28). Dheekkamsa Waaqayyoo kan baayyina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebii’e ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10
Kakuu Haaraa keessas, soomani seera namtoolchee otoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasus Kiristoos ofumasaa bara namoomaan (fooniin) biyya lafaa kana irra turetti hojiisaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera. Maat. 17:21, Maar. 9:2 Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.
Duuka buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. H.Er. 13:2. Luboonniifi Daaqonoonni wangeela akka lallaban filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaan ture. H.Er. 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos’faa ulfina hin yaadne kan argatan soomaafi kadhannaan Uumaa isaanii kadhataniiti dha. H.Er. 10:4