Niqoodimoos

Niqoodimoos

Dn Zalaalam Daggafaan

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa torbaffaa dha. Moggaasni isaas kan Qulqulluu Yaarediin moggaafame dha. Guyyaa kana hangafni Faariisoota kan tahe galgala gara Gooftaa keenya dhufee yommuu baratu Gooftaanis Icciitii Cuuphaa, Icciitii Lammata Dhalachuu Niqodimoosiin akka barsiise Qulqulluun Yaared wangeela Yohaannis boqonnaa 3 irra jiru caqasuun kan faarfate waan ta’eef moggaasni guyyaa kanaa Niqoodimoos jedhameera.

Mata-dureen faaruu Qulqulluu Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “ሖረ ኀቤሁ ዘስሙ ኒቆዲሞስ” ( Niqoodimoos kan jedhamu gara isaa deeme) isa jedhudha.

Sirna Galatoo guyyaa Niqoodimoos keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ni duubbifamu:-

v  Roomee 61-19

v  Yoh.1ffaa 4:18-dhum.

v  Hojii Ergamoota 5:34-dhum.

v  Galatoo: Galatoo Maariyaam            

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 16:3

ሐዉጽከኒ ሌሊት ወፈተንኮ ለልብየ (Halkan na mildhatte lubbuu koos qoratte)

አመከርከኒ ወኢተረክበ አመጻ በላዕሌየ (Na qoratte hammeenyis narratti hin argamne)

ከመ ኢይንብብ አፉየ ግብረ ዕጓለእመሕያዉ (Afaan koo gochaa dhala namaa akka hin dubbanne)

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaannis 3:1-20

Akkuma wangeela Yohannis keessatti caqasametti Niqoodimoos icciitii lammata dhalachuu jechuun sirna cuuphaa gooftaa keenya irraa barachuun isaa nama carraa guddaa qabu isa taasisa. Niqoodimoos guyyaa kanaa eegalee ifaan otoo hin ta’in dhoksaan barataa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uun baruumsa isaa kan jaalatu fi kan Gooftaa keenya deeggaru ta’uu isaa wangeelli dhugaa ni baha.

Niqoodimoos beekaa fi barsiisaa Yihuudotaa ture (yoh.3:10). Gooftaan keenya Mana Qulqulluummaa keessatti raajii inni godhu arguun lapheen isaa guutuun kan fudhate ture (yoh2:13-23). Niqoodimoos Faariisota sodaachuun akkasumas dura bu’aa Yihudotaa waan ta’eef Yihoodonni kan Gooftaa keenya morman wajjin yoo argame mormuu waan danad’aniif galgala malee guyyaa gara Gooftaa keenyaa deemuu hin danda’u (yoh 3:1). Boodas yommuu Gooftaan keenya fannifamu guyyaa Jimaataa yeroo dukkanaa’u sana Gooftaa keenya awwaaluuf gara Gooftaa keenyaa deemuu isaa ni hubanna.

Guyyaa kanatti Manni Kiristaana keenyaa kan dubbifamuu fi kan faarfatamu hunduu wangeela yohaannis 3:1-12 jiru irratti Niqoodimoos Gooftaa keenyatti amanuu isaa,Gooftaan keenyaas Icciitii torban Mana Kiristaana keenya kessaa tokko kan ta’e Icciitii Cuuphaatiin mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf bishaanii fi Afuura Qulqulluu irraa dhalachuun dirqama ta’u isaa kan itti barsiise dha.

Yeroo baay’ee yeroo waa’ee Niqoodimoos kaasnu yaada keenya kessatti kan nutti mul’atu wangeela yohaannis boqonnaa sadii irratti kan barreesse dha. Garuu Niqoodimoos kan kanarra darbe seenaa barreeffame kan wangeela Yohaannis 7:45 fi Yohaannis 19:39 qabu dha. Caqasootni sadan wangeela Yohaannis kessatti barreeffaman maalummaa Niqoodimoos sirriitti nu hubachiisu.

Egaa kanarraa ka’uun seenaa Niqoodimoos wangeela irratti barreeffame irraa waan gurguddaa sadii irraa barachuu dandeenya.

1ffaa:Dhugaa barbaaduu:-akkuma wangeela Yohaannis boqonnaa sadii irratti ibsameen galgala galgala gara Gooftaa deemee barachuu isaa nuu hima. Haa ta’u malee yeroon suni Niqoodimoosiifis ta’e hordoftoota Gooftaa keenyaaf yeroo rakkisaa ture. Yeroo sanatti namni kamiyyuu Kiriistoos wajjiin kan ta’e, kan deeggare tokkummaa Yihudootaa keessas ta’e Mikuraaba (Galma) Yihudootaa keessaa ni hari’atama jedhanii seera baafatanii turan. Niqoodimos garuu hangafa Faarisoota ta’ee otuu jiru waa’ee wangeelaa kan isaa hin gallee waan tureef dhugaa barbaachuuf galgala galgala gara Gooftaa keenya deemuun jireenya dhugaa fi nageenya kan ta’e wangeela dhugaa barata ture. Nuyis yommuu gara Mana qulqullummaa deemnnu waan hunda qabna jechuu otoo hin ta’ini,Waaqayyo biratti hundi keenya guutuu akka hin taane hubannee gara isaa deemuu qabna.

2ffaa :Dhugaaf jiraachuu:-yeroo Yihuudonni maree murtii isaanii irratti Gooftaa keenya irratti akkamitti akka isa fannisan mari’atan sana gidduu isaanii taa’uun “ Seerri keenya afaan isaa irraa utuu hin dhaga’in,waan inni hojjetes utuu hin hubatin nama tokkotti ni farachiisaa?” isaaniin jedhe ( Yoh 7:51). Nullee jireenya keenya yeroo yeroon waantotni sobaa nu mudatan sana moo’uudhaan dhugaaf amanamaa taanee jiraachuu qabna.

3ffaa:Dhugaaf dhaabachuu :-yeroo Gooftaan keenya fannifame sana dhugaaf kan dhaabate dha. Akkasumas yeroo dhiphuu kanaa shittoo fi kan itti kafanamu Yoseef wajjin qabatanii gara fannoo Gooftaa keenyaa dhufe dha. Har’allee Manni Kiristaanaa keenyaa yeroo Qiddaasee maqaa isaa kaastee isa yaadatti. Har’as taanaan waa’ee Niqoodimoos yommuu kaasnuu fi Kabajnu jireenyi isaa kan irraa barannuu fi qajeelcha jireenyaa nuu tahuu qabu dha.

Egaa walumaagalatti nuyis akka Niqoodimoos galgala galgala kan barbaannu fi kan fiignu kabajaaf,Aangoo fi wantoota addunyaa kana irra jiraniif otoo hin ta’ini dhugaa barbaannee,ittiin jiraannee fi dhugaan dhaabannee jiraachuun mootummaa waaqayyoo akka dhaalluuf fedhaa fi eeyyama waaqayyoo haa tahu; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u. Ameen!

Madda :