Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Tajaajilaa Gaarii (Mat. 25÷14-30)

in Tibbana

Tajaajilaa Gaarii   (Mat. 25÷14-30)

   Dn. Qalamawarq Miidhagsaatiin

Torbeewwan sooma guddichaa keessa inni 6ffaan “Tajaajilaa gaarii” ykn afaan gi’izitiin ‹‹ገብርኄር›› jedhamee beekkama. Torbeen kun manni kiristaanaa keenya waa’ee tajaajilaa afuraawaa jabaattee kan ittiin barsiistu dha.

Faarfannaa sanbata kana faarfatamu irratti qulqullun Yaareed “Tajaajilaan gaariin eenyuu dha?” jedhee gaafata.

   Sirna Qiddaasee guyyaa Gebriheer keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu

     keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:

v  1ffaa ximo 2፡1-17

v  2ffaa phexi 5:1-12

v  Hojii Ergamoota 1:6-9

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40:10

ከመእግበርፈቃድከመከርኩአምላኪየ

ወሕግከኒበማእከለከርስየ

ዜኖኩጽድቅከማኅበርዐቢይ

Hiika: “ Yaa Waaqa koo eeyyama kee dubbachuudhaaf naan fedhe

           Seerri kee laphee koo keessatti barraa’ee taa’a;

         Waa’ee arjummaa kees himeera.”

Sanbata kana wangeelli dubbifamu akkana jedhaa “ Akka nama daandii deemuuf ka’ee tajaajiltoota isaa waamee qarshii ittiin bu’aa buusan kennee fakkaataatii tokkoon tokkoon isaaniitiifis akka dandeettii isaaniitti isa tokkoof Makliitii (qarshii) shan, isa tokkoof Makliitii (qarshii) lama , isa tokkoof ammoo Makliitii (qarshii) tokko kenneefii deeme.

Inni qarshii shan fudhate sunis deemee daldaalee qarshii shan bu’aa buuse; akkasumas, inni lama fudhate akkasumas daldaalee qarshii lama buufate; inni qarshii tokko fudhate garuu deemee lafa soqe( qonforee) warqee (qarshii) Gooftaa isaa awwaale.

Gooftaan isaaniis deebi’ee isaan to’ate ; inni qarshii (Makliitii) shan fudhate sun dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii ( Makliitii) shan natti kennitee turte anis bu’ee ba’ee daldaaleen qarshii (Makliitii) shan buuseeraatii kunoo makliitiin kee jedhee Makliitii shan itti kenne.Gooftaan isaas ati tajaajilaa gariidha; wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna Guddaa irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa keetti seeni jedheen.

Inni Makliitii ( Qarshii) lama fudhates dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii lama natti kennitee turte; kunoo bu’ee baheen qarshii lama buuseera jedheen. Gooftaan isaas ati tajaajilaa Gaariidha wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna baay’ee irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa kee seeni jedheen.

Inni makliitii ( Qarshii) tokko fudhate dhiyaatee yaa Gooftaa ati bakka hin facaasnee kan kan haamtu; bakka hin bittinsinee kan funaantu nama hamaa ta’uu kee nanbeeka waanan si sodaadheefis deemeen makliitii(qarshii) naaf kennite awwaale; egaa makliitiin kee kunooti jedheen.

Gooftaan isaas:- ati tajaajilaa hamaa fi dadhabaadha; Ani bakka hin facaasnee kanan haamu; bakka hin bittinsinee kanan funaanu nama hamaa ta’uu koo ni beektaa? Yoos qarshii koo warra jijjiiraniif kennuu qabda turte anis yeroon dhufu qarshiikoo bu’aa isaa wajjin isaan irraan fudhadha ture jedheen. Sana boodas warreen achi dhaabataniin akkas jedheen:- makliitii (qarshii) kana isa irraa fuudhaatii isa makliitii kudhan qabuuf kennaa! Kan qabu ni kennamaaf kan hin qabne garuu ishiin qabu sun illee irraa fudhatamti; tajaajilaa hamaa kana garuu bakka itti ilkaan walitti riguun jiru gara dukkana ala jiruutti gadi baasaa jedheen.” Mat. 25÷14-30

Hiikaan barumsa kanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera. Abbaan qabeenyaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Tajaajiltootni sadan fakkeenyoota kiristaanootaa kennaawwan adda addaa kennameefidha. Kennaawwan kennaman lakkoofsaan garaagarummaa qabaachuun isaanii kennaan tokko isa kaan irraa addaan kan ba’u ta’u isaa agarsiisa.

Amaloota tajaajiltootaa

Amaloota tajaajiltoota jalqabaa lamaan:- Afuurri tajaajiltoota isa jalqabaa fi isa lammaffaa isaan lamaanu hojjatani argachuun akka danda’amu kan amanani, Goftaa isaanitiif amanamoo, rakkoo hojiirra muudatu yaaduudhaan yeroo isaanii kan hin dabarsinee dha. Tajaajilaan lammaffaas akka tajaajilaa tokkooffaa maaliif maallaqa shan naaf hin kennamne jedhee osoo hin komatiin waan kennameen kan hojjate dha.

Isaan lamaanu bu’aa buusaniiru. Isaan lamaanuuf maqaan kabajaa kennamee tokko dha “Tajaajilaa gaarii” kan jedhu, bakkii kabajaa isaan lamaanuu ittiin seenan tokkoo, “Gammachuu Goftaasaanii”. Isaan lamaanu waan muraasaan kan ammamani dha.

Gama keennaatiin yoo ilaalame shanis ta’e lama muraasa dha, garuu namni waan kennameen osoo hin komatiin tajaajiluu qaba. Ilma namaaf kan fayyadu waan kennameef lakkaa’uu osoo hin taane waan kennameen tajaajilu dha. Tajaajiltootni kun tajaajiltoota mana kiristaanaa amantaan fi jaalalaan tajaajilan fakkaatu.

Amala tajaajilaa sadaffaa:- namni kun hojii caalaa rakkolee hojii irratti isa muudatantu isatti mul’ata. Bu’aa busu osoo hin taanee kasaaratu isaaf mul’ata. Tokko kennameef lama taassisuu osoo hin taane isaa harka fudhatamutu issatti mul’ata. Akka hiriyyoota isaa bu’aa buseen Gooftaa isaatiin badhaafamu isaa osoo hin taane adabamu isaatu isaaf mul’ata.

Kanaafu hojjatee bu’aa busuu hin dandenye. Kisii isaallee amanuu dhiisee lafa qotee awwaale. Dimshaashumatti amanuu dhisuutiin nama qabame dha. Fulduura Gooftaasaatti yommu dhiyaatu jechi dubbate wanta tajaajiltootni lamaan dubbatan irraa adda dha, “Nama haamaa akka taate waan bekeef akka na jalaa hin banne jedhee awwaaleera” jedhe.

Barumsi amaloota tajaajiltoota sadan kanarra argamu baay’ee guddaa dha. Waqayyoon kennaawwan adda addaa dhala namaa hundumaaf kennee jira. Kennaan tokko kan kennamu ammoo bu’aa dhala namaatiif. 1Qor. 12÷4-11 kennaan lallabuu kan kennameef jira, kennaan raajii himuu kan kennameef jira, kennaan raajii himame hiiku namni kennameef ammoo jira. Dhimmi ijoo garagarummaa kennichaa osoo hin taanee waan kennameen bu’aa busanii argamuu dha.

Yeroo hunda qulqulluun Daawiit akka faarfatetti ilmni namaa “Gooftaa koo fedha kee gochuudhaaf jaaladhe, seerri kees laphee koo keessa dha, yaa’ii guddaadhaanis tolummaa kee hime” jechu qaba. Far. 39÷8

Daaqoniin akka daaqonummaa isaatti, Lubni akka lubumma isaatti, Phaaphaasiinille akka Phaaphaasummaa isaatti, akkasumas, miseensi mana kiristaanaa hundinuu akka kiristaanummaa isaattii kennaa waqayyoon isaaf laateen bu ‘aa gaarii busee argamuun isarraa egama. Torbeen kun kennaa kenyaa yaadannee bu’aa maal fakkaatu akka busne ittiin gafannu dha.

Kiristaanootni wangeela lallabuudhaaf, namoota mana kiristaanaa keenyaa kessatti adeemsa sirrii hin taanee hordofan sirreesudhaaf saalfannu jirraa. Kun waqayoon birratti kan nu gaafachiisu dha. Kiristaanootni aangoo tajaajiltummaa ummataa qabnee, tajaajiltoota mana kiristaanaa taanee, daldaltootni, qutee bultootni, barsiisootni fi barattootni waan nu kennameen bu’aa busne argamuun nurraa egama. Kana ta’u bannaan akka tajaajila hamaatti adabbi bara baraaf ni saxilamna.

Laallabaan lallabee nama bay’ee motummaa waaqayyoo dhaalchisuu yoo baadhee, Barataan qo’adhee firii gaarii yoo hin galmeessine, qotee bulaan firii facaasee biqilu yoo didee osoo hi jadhiin jabaatee hojjachuun barbaachisaa dha. Ilma namaa irraa wanti barbaachisu hojjachuudha malee firii ykn bu’aa busuun hiree Waaqayyooti. Kanaafu jabannee hojjachuun nurraa eegama.

Kennaa nuuf kennameen hojii bu’aa buusu hojjennee motummaasaa akka dhaallu waaqayyoon nu haa gargaaru. Ameen!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-04-09 06:41:362018-10-26 09:21:10Tajaajilaa Gaarii (Mat. 25÷14-30)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: DABRA ZAYIT Link to: DABRA ZAYIT DABRA ZAYIT Link to: Niqoodimoos Link to: Niqoodimoos Niqoodimoos
Scroll to top