Interesting links
Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)Categories
- Advert
- Barumsa Amantaa
- Deebii Gaaffilee
- Dubbii Qulqullootaa
- Faarfannaa Fi Hog Barruu
- Icciitii mana kiristaanaa torban
- Icciitii utubaalee shanan
- Icciitiiwwan mana kiristaanaa
- Kana Beektuu Laata?
- Lallaba
- Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
- Seenaa Mana Kiristaanaa
- Tibbana
- Uncategorised
- Uncategorized
- WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO
Archive
- September 2023
- August 2023
- July 2023
- February 2023
- May 2021
- April 2021
- March 2021
- February 2021
- December 2020
- September 2020
- August 2020
- May 2020
- April 2020
- March 2020
- February 2020
- January 2020
- December 2019
- November 2019
- October 2019
- September 2019
- August 2019
- July 2019
- June 2019
- May 2019
- April 2019
- March 2019
- February 2019
- January 2019
- December 2018
- November 2018
- November 2017
- October 2017
- September 2017
- August 2017
- June 2017
- May 2017
- April 2017
- March 2017
- February 2017
- January 2017
- November 2016
- October 2016
- September 2016
- August 2016
- July 2016
- June 2016
- May 2016
- April 2016
- March 2016
- February 2016
- January 2016
- December 2015
- November 2015
- October 2015
- September 2015
- June 2015
- May 2015
- April 2015
- March 2015
- February 2015
- January 2015
- December 2014
- November 2014
- October 2014
- September 2014
- August 2014
- July 2014
- June 2014
Dabrazayit
in Barumsa AmantaaDn. Addunyaaw Tasfaayeetiin
Sanbatni(Dilbatni) 5ffaa “Dabrazayit” jedhama. Moggaafni sanbatoota darbaniis ta’e kan isa kanaa kan Qulqullicha Yaareedi. Akka seera mana kiristaanaa keenyaatti guyyaan kun yaadannoo lammata dhufuu Gooftaa itti himamu yoo ta’u, Gooftaan keenya fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kabaja guddaa faaruu Ergamtootaatiin dhufuu isaa fi cubbamtootatti murteessuu fi Ebbifamtoota(Qulqullootaaf murteessuuf kan dhufu ta’uu isaa kan itti barsiifamu dha.
Mata dureen Faaruu guyyaa kana Faarfatamuuf Yemmuu Gooftaan Dabrazayitii taa’ee ture jedha. Dabrazayitii jechuun gaara mukti Ejersaa itti baay’atu yoo ta’u kan argamus baha Iyyarusaalamitti. Bakki kun kakuu moofaattis ta’ee kakuu haaraa keessatti bakka gara garaa irratti caqafamee argama. Kanneen keessaas:-
Gadaamii Waggoota dhibba toorbaan dura hundeeffame- Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa)
in Kana Beektuu Laata?Gadaamii Waggoota dhibba toorbaan dura hundeeffame- Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa)
Guraandhala 26, Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
Finfinnee irraa gara baha Itiyoophiyaatti deemsa keenya yemmu taassifnu Naannoo Oromiyaa Godina shawaa Bahaa Aanaa Liiban keessatti dirree bal’aa diriiree jiru kan biqiltoota adda addaatiin uwwifamerra ija keenya qaarisnee yemmuu ilaallu bosonni samii tuqe namatti fakkaatu kabajaa fi sugaan guutamee nutti mul’ata.
Tulluun kun kan Waaqayyo jalqabaa eegalee boqonnaa qulqullootaatiif akka ta’utti eeyyamedha.Yemmu irra ba’anii biyyattii kallattii bahaa fi dhihaatti, kaabaa fi kibbatti naanna’anii ilaalan sammuu namaatiif kan boqonnaa kennudha.
Jaarraa 6ffaa keessa, qulqulluu Abbaan keenya Yaareedii fi Mootichi Gabra Masqal tulluu kana irra ba’anii bahaa fi dhihaan, kaabaa fi kibbaan kallattii maraan naannoo ishee ilaalanii yaadni isaanii boqonnaa, lapheen isaanii gammachuu bakka kanaatiin booji’ame.
Qulqulluun Abbaan keenya Yaareedis Waaqayyo bakki kun gara fuula duraatti Gadaamii guddaa akka ta’u waan isaadhaaf ibseef bakki kun bakka eebbifamtuu, kan Waaqayyo qulqulloota isaaf kenne ta’uu raajii (raaga) himee guyyoota torbaaf erga bakka kana turee booda mooticha Gabra Masqal waliin ta’uudhaan bakka kanatti taabota Igzi’aabiheer Aab dhaabanii (hundeessanii) deebi’ani. Tulluun Waaqayyoon filatamte tulluu cuqqaalaa (Ziqu’aalaa)ti.
Bakki kun bakka abbaan keenya Aabboon itti boqotanidha. Sanaan dura garuu Abbaan keenya Gabra Manfas Qiddus( Aabboon) biyya dhaloota isaanii Gibxi bakka Nihiisaa jedhamtuu gara Itiyoophiyaa dhufuudhaan tulluu kana irra bahanii kallattii arfaniinuu biyya Itiyiyoophiyaa yemmu ilaalanitti cubbuu namoonni hojjetan hunda waan arganiif Galaana tulluu kana keessa jiru keessatti of darbatanii mataa isaaniitiin dhaabbatanii uummata Itiyoophiyaatiif dhiifama kadhachaaturani.
Galaana (Haroo) Abbaan keenya Waggoota dhibba tokkoof mataadhaan keessa dhaabatanii Biyya Keenya Itiyoophiyaadhaaf kadhatan.
Akka kitaabni Qabsuura Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddus ibsutti “ Galaana Kana keessaa akka hin baane; Maqaa Kee Jiraataa ta’een kakadha” jechuun Waaqayyoon kadhachaa (Qabsuura Gabra Manfas Qiddus, kut.3 boq. 10 lakk 4) Galaana kana keessa guyyota afurtamaa fi halkan afurtama mataadhaan dhaabatee tureera.
TORBANOOTA SOOMII GUDDAA
in Barumsa AmantaaTORBANOOTA SOOMII GUDDAA
Guraandhala 23
H/Iyyasuus G/Yohaannisiin
Torbanooni Soomii guddaa bakka sadeetitti qoodamu.Torban hundaaf manni kiristaanaa keenya maqaa moggaasteerti.
Torban Tokkoffaa:- “Zawerede” jedhama.Torban kana kessatti Ilmi Waaqayyoo Iyasuus Kirstoos akka Nama ta’ee addunyaa kana fayyise, Waaqayyo jalala namaatii jedhee akka ilma Isaa tokkicha gara addunynaa kanaatti akka erge, Ilma Isaatti kan amane immoo bara baraaf akka jiraachuu danda’u, kan Ilma Isaatti hin amanne immoo akka itti murtaa’u torban kana kessatti kan barsiisamudha. Wangeellii torban kana keessatti dubatammu immoo;Yohannis 3:10-20 dha.
Torban Lamaffaa:- “Qiddist” jedhama. Torban kana kessatti Waqayyo keenya cubbuu keenya irraa nu qulqulleesuf akka nama ta’e; nutis qulqullina Isa irraa arganne fiixaan basuuf akka soomuu qabnu, akka kadhachuu qabnuu, akka kennaa adda addaa hiyyeesaf lachuu qabnu, kan itti ibsamu yemmu ta’u; kadhanii fi kennaan keeyna akkasumas, soomiin keeyna akka seeraan ta’u kan bal’inaan itti ibsamudha.Torban kana keessatti wangeelli dubbifamu; Mat 6:16 dha.
Torban Sadaffaa:- “Mikuraab” jedhama. Mikuraab jechuun bakka Yihudoonni kitaaba itti dubisani, kadhaa itti godhanii fi aarsaa itti raawwatanidha. Garuu isaan seera kana hunda jigsuudhan yemmu faasikaa isaanii Horii fi makodii( gugee) qalmaa, akkasumas, maallaqa itti geeddaru ture. Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan kana argee obsuuf hin dandeenye “Mana Abbaa Kootii bakkee bittaa fi gurguuraa hin godhinaa” jedhee moraa kessaa isaan ari’eera.
Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e
in TibbanaTaabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e
Guraandhala 19/2007
Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel Mana kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil qulqulluu Rufaa’el jedhamutti dinqiin waaqayyoo, humni ergamtootaa bakka itti mul’atedha. Burqaan oduu keenyaa Dursaa Phaaphaasii Godina Wallaggaa Lixaa Abbaan Keenya Heenook kan Gaazexaa Sim’aa Tsidqiif kennan; Poolisii Aanaa Baabboo Gambeelii fi Waldaa qulqullootaa Wiirtuu aanaa Baabboo Gambeelidha. Qulqulluu Abbaan keenya Heenook Gaazexaa
Simi’aa Tsidqiif kennaniin:- “Kootaa Dinqii Waaqayyo hojjetu ilaalaa jedhee Abbaan keenya Daawit akkuma dubbate har’as bara keenyatti Waaqayyo dinqii hojjechaa jira.
Kunis Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel Mana Kiristaanaa Daamotaa Dabra Haayil Qulqulluu Rufaa’el Onkololeessa 19 bara 2007 hatame dinqii hojjetedha jechuudhaan ibsaniiru. Guyyaa kana halkan keessaa naannoo sa’aatii torbaa hanga saddeetii gidduutti osoo Waardiyyaan jiruu hattoonni dukkana dahoo godhachuudhaan karaa taabotichi jiruun Beetaliheemii Qulqulluu Rufaa’eel bu’uura isaa qonforuudhaan seenanii taaboticha hatanii fudhatani
Manni kiristaanaa kun kan argamu Magaala Baabboo irraa miilaan Daqiiqaa 45 kan deemsisu yoo ta’u bakkicha irraa taabota sana fuudhanii magaalatti seenuuf hattoota kanatti sa’aatii shan itti fudhateera.
Soomaa fi gosoota isaa
in Barumsa AmantaaSoomaa fi gosoota isaa
Dn. Geetaachoo Baqqalaa Jaankaatiin
Guraandhala 10,2007
Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka fakkeenya keenyaattis haa uumnu jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee uume (Se. Um. 1:26)
Ilmi namaa garuu gorsa Saaxinaa’eel dhagahuun ajaja Waaqayyoon “Ija mukaa Jannata keessa jiru hunda ni nyaatta, ija mukaa hamaa fi gaarii ittiin beektan sana irraa garuu hin nyaatiinaa” (Uma. 2:17) jechuun abboome dagachuun kan Seexanni bofaan fakkaatee “Hin duutani isin mukichaa irraa yoo nyaattan ijji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan ni beeka” (Uma. 3:2) jecha jedhu dhagahuun abboommii Waaqayyoo ni diigan.
Addaamii fi Heewaanis abboommii dagachuun (Sooma diiguun) ija mukaa “Hin nyaatinaa” jedhaman nyaachuun Waaqayyoo irraa adda bahan, sugni Isaas isaan irraa sokke, qullaa ta’an, burjaaja’anii biyya lafaa irratti abdii malee akka jiraatan ta’e.
Qabxiin asirratti ka’uu qabu, Addaamii fi Heewaan kan Jannataa hari’aman nyaata nyaachuun cubbuu waan ta’eef miti, Ijji mukaa isaan nyaatanis mukeen kaan irraa adda ta’ee akka eeganii fi akka gara mukichaa hin ilaalle illee abboomamanii abboommii Waaqayyoo kan isaan uumamtoota, Waaqayyoon immoo Uumaa, isaan ajajamtoota Waaqayyo ammoo ajajaa taasiftu sana waan diiganiif /darbaniifi) malee.
Egaa kanarraa kan hubannu Soomni abboommii Waaqayyootiin eegalamuu isaati.
Sooma jechuun:-
Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan
in TibbanaSagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan
Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
Guraandhala 9 bara 2007
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Ameen !
Warri biyya keessaa fi biyya alaa; naannoo addunyaa maratti argamtan:- Amantaadhaan cimtanii abdiin mootummaa Waaqayyoo akka isinii raawwatamuuf warreen abdiidhaan eeggattan ijoolleen Waaqayyoo cubbuu hojii qulqullummaatiin haquuf diyaabiloosis sagalee Waaqayyootiin kan ittiin injifannu sooma keenya isa guddaa kan Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga’e.
“Dhalli namaa sagalee Waaqayyo irraa bahuun malee biddeena qofaan hin jiraatu” (Maat 4:4) Gooftaan keenya, Waaqayyo keenya, Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa soddomaffaa Isaatti harka Yohaannisitti Laga Yordaanositti cuuphame; osoo oolee hin buliin yeroodhuma sana gara gammoojjii deemuun sooma soomuu eegale. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf yeroo soomu bineensota bosonaa irraa kan hafe kan biraa homti achi hin turre. Guyyaa sooma Isaa erga raawwatee booda Diyaabiloos nyaata Addaamiin ittiin dogoggorseen Isas dogoggorsuu barbaade. Ta’us Gooftaan keenya “Namni sagalee Waaqayyootiin malee biddeena qofaan hin jiraatu” jechuun gamoo dogoggorsa isaa jalaa diige.
“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!”
in Barumsa Amantaa“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!” ( kadhannaa Amantaa keewwata 10) Amajii9
Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun
“Kan bishaanii fi dhiigaan dhufe kanadha; Innis Iyyasuus Kiristoos bishaanii fi dhiigaan, Afuuraan malee bishaaniin qofa miti” jechuun duukaabuutichi qulqulluu Yohaannis isa barreesse ka’umsa godhachuun kaayyoo cuuphaa Gooftaa hubachiisuuf yaalla.( 1Yoh.5:6) duukaabuutichi Gooftaan bishaanii fi dhiigaan dhufe jechuun isaa waa’ee cuuphaa Gooftaa fi cubbuu keenyaaf jecha dhiiga Isaa fannoo irratti dhangalaasuu fi du’uu Isaa hubachiisuufidha. Kunis bishaanii fi dhiiga cinaacha Isaa mirgaa irraa lola’e nutti agarsiisa. (Yoh. 19: 34)
Dhiignii fi bishaan bakka tokkoo yeroo tokkotti waliin dhangala’uun isaa cuuphaanii fi duuti Gooftaa kan wal qabate ta’uu isaa nu hubachiisa. Isaanis icciitiiwwan mana Kiristaanaa hundaaf bu’uuradha. Gooftaanis “Cuuphaan cuuphamu tokko jirti; hanga ishiin raawwattutti attamin dhiphadha?” jechuun kan dubbate waa’ee du’a Isaa ture. ( Luuq. 12:50)
DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos
in TibbanaDHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos
Mudde 28 Dn. Dajanee Gasheetiin
“Kunoo Eefraataatti dhageenye; bosona keessattis Isa arganne. Gara bultiiwwansaatti ni seenna;bakka miilonnisaa dhaabatanitti ni saganna” (Faar. 131: 6-7)
Waaqayyo Addaamii fi Heewaan wanta isaan barbaachisu hunduma erga guuteefii booda, biyyee lafaarraa harkasaatiin tolchee, afuura jireenyaa itti baaafachuun, fakkeenyasaatiin isaan uume. Uumees allaattota Samii fi bineensota Dachee hunduma akkaa bulchaniif, aangoo kenneef (Uum. 1: 26). Walabummaa guddaas (free will) kenneef. Akka ergamootaa ifa uffatanii Waaqayyoon galteeffachaa akka jiraatan, ulfina guddaas isaan gonfachiise. Wanta fooniin isaan barbaachisu hundas guuteef. Dhumarras wanta Jannata keessa jiru hunda akka nyaatan, garuu muka gaarii fi yaraa nama barsiisu qofaa akka hin xuqne ajaja jalqabaa kenneef (Uum. 2: 16-17).
Ajaja kana cabsinaan du’a du’aa akka du’an isaan akeekkachiise. Addaamii fi Heewaan garuu ajaja Waaqayyoo dagachuun, gorsa bofaa dhagahanii muka hin nyaatiinaa jedhaman nyaatani (Uum. 3: 1-24). Waaqayyo Uumaanis balleessaasaanii itti dheekkame. Jannata keessaas isaan baase. Du’a fooniirratti du’a lubbuu, gara awwaalaatti fooniin bu’uurratti, lubbuun Si’ool bu’uu isaaitti murteesse. Balleessaa Addaam balleesseen cubbuun ilmaan namootaa hundarratti aangome; ilmi namaa hunduu cubbamaa ta’e (Room. 5: 12).
«Yaa mucaa koo dhaga’i mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateeraatii!» (Faar.44:101)
in Uncategorised«Yaa mucaa koo dhaga’i mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateeraatii!» (Faar.44:101)
Dn.Mazgabuu kafyaalawuun
Mudde guyyaan sadi guyaa ayyaana haadha keenya dubroo Maariyaam yennaa ta’u innis guyyaa isheen dhalattee umurii waggaa sadiitti mana qulqulluumaa seentedha. Seenichas gabaabatti akka armaan gadiitti haa ilaalu.
Haannaa fi Iyyaaqeem Arrabsoo yeroo dheeraa jalaa bilisa bahuudhaan mucaa bifa bareedduu qabdu argatan (dahani). Akkuma raajichi Solomoon “Yaa mucaa koo kunoo ati bareedduudha” ( Weed. 4:1) jechuun dubbate durbee qaamaanis ta’e yaadaan; keessaanis ta’e alaan bareedduu taate argatan (dahani). Qeeqa (arrabsoo fi hamannaa) namootaa irraa walabummaa argachuu isaaniitiinis ni gammadani.
Gammachuun isaanii kunis mucaa dhabuudhaan waggoota hedduudhaaf hawwii daa’ima argachuutiin gubachuu caala namoota naanoo sanaatiin Haannaan “Gaangee”; “Kan gadameessi ishii cufame” jedhamtee arrabsamaa turte irraa mucaa argachuu isheetti bilisa bahuu isheetiinidha. Mucaan kunis qulqulleettii durbee Maariyaamidha.
Ergamoota qulqulloota
in Dubbii QulqullootaaErgamoota qulqulloota
Mazgabuu Kafyaalawuun
Waaqayyo guyyaa dilbataa (guyyaa jalqaba uumama uumuu eegaletti) ergamtoota Isaa uumee jira. Yemmu ergamtoota Isaa uumettis bakka hin jirree gara jireenyaatti isaan fidee uumeera.
Namoonni tokko tokko garuu sagalee Raajaa Waaqayyoo Daawitiin “Ergamootasaa afuura (qilleessa) taasisa; tajaajiltoota Isaas laboobin abiddaa taasise” (Faar.103:4) jedhu qabachuudhaan egamoonni kan uumaman uumama irraa innis qilleensaa fi ibidda irraati jechuun yemmu dubbatan ni dhagahama.
Haa ta’u malee raajaan Daawit yemmu kana jedhu ergamtoonni maal irraa akka uumaman ibsuuf osoo hin taane Ergamoonni Waaqayyoo akka abiddaa kan xuqamuu hin dandeenye, akka qilleensaa saffisoota taasisee isaan uume jechuu akka ta’e abbootiin ni barsiisu.