Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!”

in Barumsa Amantaa

“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu)  argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!”                                               ( kadhannaa Amantaa keewwata 10)                                                                                                                            Amajii9                                                                

 Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 “Kan bishaanii fi dhiigaan dhufe kanadha; Innis Iyyasuus Kiristoos  bishaanii fi dhiigaan, Afuuraan malee bishaaniin qofa miti” jechuun duukaabuutichi qulqulluu Yohaannis  isa barreesse ka’umsa godhachuun kaayyoo cuuphaa Gooftaa hubachiisuuf yaalla.( 1Yoh.5:6) duukaabuutichi Gooftaan bishaanii fi dhiigaan dhufe jechuun isaa  waa’ee cuuphaa Gooftaa fi cubbuu keenyaaf jecha dhiiga Isaa fannoo irratti dhangalaasuu fi du’uu Isaa hubachiisuufidha. Kunis bishaanii fi dhiiga cinaacha Isaa mirgaa irraa lola’e nutti agarsiisa. (Yoh. 19: 34)

Dhiignii fi bishaan bakka tokkoo yeroo tokkotti waliin dhangala’uun isaa cuuphaanii fi duuti Gooftaa kan wal qabate ta’uu  isaa nu hubachiisa. Isaanis icciitiiwwan mana Kiristaanaa hundaaf bu’uuradha. Gooftaanis “Cuuphaan cuuphamu tokko jirti; hanga ishiin raawwattutti attamin dhiphadha?” jechuun kan  dubbate  waa’ee du’a Isaa ture.     ( Luuq. 12:50)

 

Egaa, dhufaatiin Gooftaa jalqaba irratti bishaanii fi Afuuraani. Kana jechuunis Gooftaan keenya nama fayyisuuf gaafa guyyaa jimaataa  hojii dhukkubbii fi du’a Isaa fannoo irratti raawwachuuf  jiru kan eegale gadi of qabuun harka Yohaannis cuuphxsichaatiin laga Yordaanositti cuuphamuun ture jechuudha. Kanaafuu, Gooftaan bishaanii fi Afuuraan dhufuun Isaa namoota dhukkubaa fi du’a Isaa amananii cuuphaman hundaaf cubbuu irraa dhiqamuu , kennaa  Afuura Qulqulluutiin dhaloota haaraa, jireenya haaraa fi du’aa ka’uu laphee kennuufidha.

   Cuuphaan Gooftaa Dhukkubsachuu fi Du’a Isaa agarsiisa.

Gaaffii cuuphaan Gooftaa attam ture? Jedhu laphee keenyatti qabannee deebii isaa haa barbaannu. Raajaan (Raagaan) guddaa Gooftaa cuuphe, Yohaannis, namoota hunda gara gaabbiitti akka waame cuuphaa ture. Kiristoosiin garuu, cuuphuuf garaa hin jabaanne. Eenyummaa Kiristoos waan beekuuf uummata fuulduratti akkas akkajedhe dhugaa baheera.

“Ani hoo gaabbiidhaaf bishaaniin isin cuupha; Inni ani kophee Isaa baachuun naaf hin taane, ana booda dhufu garuu ana caala cimaadha. Inni Afuura Qulqulluudhaan; ibiddaanis isin cuupha. Qoorbiin Isaas harka Isaarra jira; oogdii Isaas gonkumaa ni qulqulleessa. Qamadii Isaas gombisaa( gotoraa) Isaatti naqa; habaqii (galabaa) isaa garuu ibidda hin dhaamneen guba” ( Maa.3:11-12) 

Dabalataanis cubbuu addunyaa hunda kan dhabamsiisu hoolaan Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos ta’uu Isaa  Yohaannis cuuphxichi kun barsiiseera.(Yoh.1:29) Yohaannis inni ragummaa kana hunda kenne kun akkamiin Gooftaa cuuphe? Gooftaanoo maalif cuuphame? Gaaffilee jedhaniif deebiin isaa gabaabinaan haala armaan gadiitiin dhiyaateera.

Sababni guddaan itti Gooftaan cuuphameef cubbuu namootaa balleessuu fi qulqullummaa hunda raawwachuuf waan ta’eef  gadi of qabuun akka hoolaa Waaqayyoo cubbamtoota hundaaf aarsaa ta’uuf qophaahuu Isaa ibsuuf gara bishaan Yordaanos seeneera. Kunis dhukkubbii fi du’a fannoo irratti fudhachuuf jedhe beeksisuu fi cuuphaa tokkittii cubbuun ittiin dhiqamu fayyina keenyaaf akka ta’utti eebbisee nuuf kennuufidha. Kana waan ta’eefidha Yohaannis cuuphxichi “Hoolaan Waaqayyoo cubbuu addunyaa dhabamsiisu kunooti” jechuun  warra cubbuu isaanii akka himatan cuuphaman hundatti hime.kunis sababa malee hin himamne. Hiikni cuuphaa fi du’aa kan wal qabatee fi wal unatu waan ta’eefidha.

Egaa Gooftaan cuuphaa Isaatiin dhiigaa fi bishaan gaafa guyyaa jimaataa cinaacha Isaa keessaa bahuun cubbuu addunyaa kan balleessu ta’uu ibseera. Kanaafuu, cuuphaadhaan cubbuu irraa dhiqamuu akka argannuuf  ofii Isaa cuuphamee akka cuuphamnuuf  seera cuuphaa nuuf hundeesseera. Har’as sababa icciitii cuuphaa mana kiristaanaa keessatti raawwatuun bishaan jireenyaa  cinaacha Gooftaa irraa dhangala’uun cuuphamnee cubbuu fi abaarsa irraa fayyina. Hiikaa cuuphaa Gooftaa caalmaatti baruuf isa barreessaa Wangeelaa ququlluu Maatewoosiin barreeffame sirriitti haa ilaallu.

“ Yeroo sana Iyyasuus Yohaannisiin Cuuphamuuf Galiilaa irraa gara Yordaanositti dhufe. Yohaannis garuu aniyyuu siin cuuphamuutu na barbaachisa Ati gara koo dhuftaa? Jedhee Isa dhorkaa ture. Iyyasuusis deebisee  ammawoo naaf eeyyami; egaa qulqullummaa hunda raawwachuutu nurra jiraata jedheen. Yeroo sanas eeyyameef.Iyyasuusis erga cuuphamee booda osoo hin turiin bishaan keessaa bahe;kunoo samiiwwan banamanii Afuurri Waaqayyoos akka gugeetti bu’ee yeroo Isa irra qubatu arge, kunoo sagaleenis samii irraa dhufee “ Ilmi koo ani jaaladhu; kan Ani Isaan gammadus Isadha jedhe” ( Maat. 3:13-17)

Sagalee wangeelaa kana irraa wanti barannu  icciitii baay’eetu jira. Kiristoos kan cuuphame qulqullummaa hunda raawwachuuf  akka ta’e ibsameera. Bu’uuruma irraa Kiristoos gara addunyaa kanaa kan dhufe addunyaa cubbuudhaan bade hojii qulqullummaatiin eebbisuu fi fayyisuuf, uumama haaraa akka ta’u taassisuufidha. Yoom illee taanaan Gooftaan  faayidaa mataa Isaatiif jecha gara addunyaa kanaa hin dhufne. Wanti inni raawwatu hundis faayidaa mataa Isaatiif osoo hin taane dhala namaatii jecha ta’uu isaa keewwata amantaa keessatti baranneerra.

Egaa, Gooftaan yeroo cuuphame balbalaa fi daandii qulqullinaa fi jireenyaa nuuf saaqee amantaa fi cuuphaa ittiin uumama haaraa taanee dhalannu nuuf hundeesse.namni hunduu Kiristoositti amanuun cubbuu isaa irraa qulqullaa’ee gara Waaqa isaa kan deemu karaa balbala Kiristoos  isaadhaa bane, karaa cuuphaatiini. Gooftaan bishaanii fi Afuuraan kan dhufe nuti bishaanii fi afuura irraa dhalachuun uumama haaraa taanee mootummaa Waaqayyootiif kan dhiyaanne nu taassisuufidha. (Yoh. 3:5)

             Gooftaan Cuuphaa Isaatiin Icciitii Cuuphaa nuuf Hundeesse

Cuuphaan Gooftaa kan icciitiin Sillaasee ittiin ifa bahe; kan icciitiin foonii ittiin mirkanaa’ee fi kan ittiin icciitin cuupha hundaa’e waan ta’eef amantaa fi fayyina keenyaaf jalqabaa fi bu’uura ta’eera. Gooftaan cuuphamuu Isaatiin kana hunda nuuf argamsiiseera. Nutis Sillaaseetti amannee maqaa Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluutiin cuuphamnee mucummaa Sillaasee kan argachuu dandeenye  karaa icciitii cuuphaa isa Gooftaan nuuf hundeesseenidha.

Egaa, akkuma armaan olitti caqasame Gooftaan kan bishaanii fi Afuuraan dhufeef nuti bishaanii fi Afuura irraa dhalannee mootummaa Waaqayyoo seenuu akka dandeenyuuf ta’uu hubachiisuuf kitaabolee qulqulluu irraa baranneerra.

Gooftaan keenyas icciitii cuuphaa erga nuuf hundeessee booda namni kam iyyuu bishaanii fi Afuura irraa yoo  dhalate malee mootummaa Waaqayyoo kan hin seenne ta’uu Niqoodimoositti akkana jedhee itti hime:

“Dhugaa dhugaan siin jedha; namni lammata yoo dhalate malee mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda’u jedheen. Niqoodimoosis namni erga dulloomee booda akkamiin dhalachuu danda’a? lammata gara gadameessa haadha isaa seenee dhalachuun isaaf danda’amaa? Jedheen. Iyyasuusis akkana jechuun deebise: “ dhugaa dhugaan siin jedha namni bishaanii fi Afuura irraa yoo dhalate malee gara mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda’u. Kan foon irraa dhalate foonidha; kan Afuura irraa dhalates  Afuuradha. Lammata dhalachuun isin barbaachisa waanan jedheef hin ajaa’ibsiifatiin. Qilleensi gara jaalatutti bubbisa; sagalee isaa ni dhageessa. Garuu garamii akkadhufe garamittis akka deemu hin beektu; kan afuura irraa dhalate hundis akkasumadha” ( Yoh. 3:3-8)

Akkuma caqasa armaan olii kana irratti ilaalle waa’ee lammata dhalachuu akkuma Niiqoodimoos rakkate har’as namoota tokko tokkotti dubbichi osoo hin ulfaatiin hin hafne. Bu’uurumaan Gooftaan gara addunyaa kanaatti dhufuun Isaa addunyaa cubbuudhaan harfaa’e;dhala namaa hojii fooniitiin babbade hunda fayyisuu fi haaromsuuf kennaa dandeessisu, kennaa Waaqayyootiin dhalachuu haaraa fi jireenya haaraa badhaasuufidha. Kan isa moofaa dhiisnee jireenya haaraa argachuu dandeenyu ammo yeroo bishaanii fi Afuura irraa dhalannudha.

Bishaanii fi Afuura irraa dhalachuu jechuunis, dhukkubsachuu fi duuti Gooftaa keenyaa cubbuu keenyaaf jecha ta’uu amanuu fi nutis hirmaattota du’aa fi awwaala Isaa ta’uu keenya, akkasumas Afuura qulqulluudhaan  hirmaattota du’aa ka’uu Isaa ta’uu keenya jechaa fi gochaan  ibsuun jireenya Afuuraa haaraa jiraachuu jechuudha. Kana waan ta’eefidha duukaabuutichi qulqulluu Phaawuloos  bishaan irraa dhalachuu jechuun cuuphaa du’aa fi du’aa ka’uu Gooftaa wajjin wal unachiise.

“Warreen Kiristoos Iyyasuus wajjin tokko ta’uuf cuuphamne hundi keenya du’a Isaa wajjin tokko ta’uuf akka cuuphamne hin beektanii? Egaa, Kiristoos kabaja Abbaa Isaatiin du’a irraa akka ka’e, nutis immoo akkanuma jireenya haaraadhaan akka deddeebinu du’a Isaa wajjin tokko ta’uuf cuuphaadhaan Isa wajjin awwaalamne. Du’a du’a Isaa fakkaatuunis Isa wajjin yoo hirmaanne  du’aa ka’uu du’aa ka’uu Isaa fakkaatuun immoo Isa wajjin hirmaanna.kana booda akka cubbuudhaaf hin bitamne foon cubbuu akka haqamuuf namummaan keenya inni dulloomaan Isa wajjin akka fannifame ni beekna; inni  du’es cubbuu isaa irraa qulqullaa’eeraawo. Garuu, Kiristoos wajjin yoo dune, Isa wajjin ammo lubbuudhaan akka jiraannu ni amanna” ( Room. 6: 3-8)

Egaa, Kiristoos ofiif cuuphamee akka nuti cuuphamnu kan taassiseef hirmaattota du’aa fi du’aa ka’uu Isaa akka taanuufidha. Gooftaan cuuphaa Isaatiin cubbuu dhala namaa hundaaf fannoo irratti du’uu Isaa nu hubachiisa. Nutis cuuphaa keenyaan hirmaattota Gooftaa yemmu taanu cubbuudhaaf du’uu keenya, jechuunis,hojii hamaa irraa adda bahuu keenya afuura qulqulluudhaaf bitamuu keenya jireenya keenyaan kan raga baanudha. [ cuuphaan] daandii dhugaa jireenya cubbuu irraa gara jireenya kennaa Waaqayyootti  ittiin ceenudha. Akkuma Iyyaasuun  Yordaanosiin cehee uummata Israa’eel hunda ceessisee fi lafa iristii isaanii isaan dhaalchise, Gooftaan keenyas cuuphamee akka cuuphamnu nu taassisuu Isaatiin du’a irraa gara jireenyaatti nu ceessiseera. Jannataa fi mootummaa Waaqayyoo nu dhaalchiseera.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!  Baga guyyaa Cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga’e!  Ameen!

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-01-17 14:50:472018-10-26 09:21:22“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!”
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos Link to: DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos Link to: Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan Link to: Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan...
Scroll to top