Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Soomaa fi gosoota isaa

in Barumsa Amantaa

Soomaa fi gosoota isaa

Dn. Geetaachoo Baqqalaa Jaankaatiin

 Guraandhala 10,2007

Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka fakkeenya keenyaattis haa uumnu jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee uume (Se. Um. 1:26)

Ilmi namaa garuu gorsa Saaxinaa’eel dhagahuun ajaja Waaqayyoon “Ija mukaa Jannata keessa jiru hunda ni nyaatta, ija mukaa hamaa fi gaarii ittiin beektan sana irraa garuu hin nyaatiinaa” (Uma. 2:17) jechuun abboome dagachuun kan Seexanni bofaan fakkaatee “Hin duutani isin mukichaa irraa yoo nyaattan ijji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan ni beeka” (Uma. 3:2) jecha jedhu dhagahuun abboommii Waaqayyoo ni diigan.

Addaamii fi Heewaanis abboommii dagachuun (Sooma diiguun) ija mukaa “Hin nyaatinaa” jedhaman nyaachuun Waaqayyoo irraa adda bahan, sugni Isaas isaan irraa sokke, qullaa ta’an, burjaaja’anii biyya lafaa irratti abdii malee akka jiraatan ta’e.

Qabxiin asirratti ka’uu qabu, Addaamii fi Heewaan kan Jannataa hari’aman nyaata  nyaachuun cubbuu waan ta’eef miti, Ijji mukaa isaan nyaatanis mukeen kaan irraa adda ta’ee akka eeganii fi akka gara mukichaa hin ilaalle illee abboomamanii abboommii Waaqayyoo kan isaan uumamtoota, Waaqayyoon immoo Uumaa, isaan ajajamtoota Waaqayyo ammoo ajajaa taasiftu sana waan  diiganiif /darbaniifi) malee.

Egaa kanarraa kan hubannu Soomni abboommii Waaqayyootiin eegalamuu isaati.

Sooma jechuun:-

 

  • fedhii foonii hunda fedhii lubbuutiif bichisiisuu/abboomsisuu/,
  • jaalala Waaqayyootiin bitamuun Fedhii/ajaja Waaqayyoo shaakaluu,
  • Yeroo murtaa’eef nyaata soorachuu fi bishaan dhuguu irraa of qusachuu,
  • Guyyoota ykn ji’oota murtaa’aniif nyaata bu’aalee horii (foon, aannan, dhadhaa, killee fi kkf.) irraa of qusachuu jechuudha.

 

Haa ta’u malee, Sooma guutuu kan taasisan kanneen armaan olii lagachuu qofaa miti. Qulqulluu Yaareed akka jedhetti “Miirri keenya hundi tsoomuu qabu:- ijji hamaa ilaaluu irraa, gurri hamaa dhagahuu irraa, arrabni hamaa dubbachuu irraa, harki waan hin malleef diriiruu irraa fi miilli iddoo hin malle dhaabbachuu irraa” lagachuu dabalata.

Faayidaa Soomaa

  • Fedhii foonii lubbuuf abboomsisuun tasgabbii lubbuu argamsiifti.
  • Ilma namaa uumamtoota kaan irraa kan adda taasiftuu fi Qulqulloota Ergamoota waliin wal fakkeessituudha.
  • Boqonnaa sammuu argamsiisa.

Sooma Bara Kakuu Moofaa keessatti

Akkuma armaan olitti eerame Soomni kan eegalame Waaqayyoon Addaamiin “Ija mukaa kana hin nyaatin” jechuun abboommii laate irraa eegaleeti. Sababni isaas Soomni Waaqayyoof abboomamuudha ijaa ta’eef. Addaam abboommii kana ijaa diigeef ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaate. Innis baroota hedduuf addunyaa kanarratti jireenya burjaaja’aa jiraate. Namni abboommii Waaqayyoo yoo diige ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaata, yoo sagalee Isaa dhagahee fi abboomame garuu ayyaannii fi sugni Waaqayyoo isa waliin jiraata.

Sooma Iyyaasuu fi jaarsota Israa’eel (Iyya. 7:6-9) Bara Iyyaasuun Israa’eel bulchaa ture Israa’elootni wanta hoodaa hin tuqinaa jedhaman ijaa tuqaniif Waaqayyo itti dheekkame. “Iyyaasuun uffata isaa tarsaasee jaarsota Israa’eel waliin Taabota Waaqayyoo fuulduratti ganamaa qabanii hanga galgalaatti adda isaaniitiin gadi gombifamanii  sagadani; gadda irraayis kan ka’e dhukkee mataatti of facaasan”. Iyyaasuu fi jaarsoleen Israa’eel balleessaa dalaganii fi kakuu cabsaniif Waaqayyo irraa araara argachuuf akka sooman hubanna.

Sooma Asteer fi Yihudootaa (Ast.4:16) Haamaan mootii biyya Arxeeks waliin ta’uun sanyiin yihudaa hundi akka dhumu labsee ture. Haadha manaa mootichaa kan turte Asteeris Mardookiyoosiin “dhaqii Yihudoota Suusaa keessa jiran walitti qabi, waa’ee kootiif soomaa, guyyoota sadiif halkaniif guyyaa hin nyaatinaa, hin dhuginaas, anii fi xomboreewwan koos akkasuma ni soomna; lafa mootichi jirutti ol seenuun seera mootummaa kanaan dhorkaa yoo ta’e iyyuu, akka kanatti ani yoon du’es du’inna, gara lafa mootichi jiruutti ol nan gala” jettee ol galte. Du’a lammii ishee irratti ajajames mootichatti himte. Mootiin labsii labsee ture labsii biroon bakka buuse, warri duuni itti murtaa’e jireenya argatan. Haamaan garuu, fannoo Mardookiyoosiif dhaabe irratti fannifame. Kanaaf soomuun badii nurratti labsame gara jireenyaatti jijjiira.

Sooma Daawit (2Saam. 12:17) Mootichi Daawit mucaan isaa dhukkubsannaan ni soome, nyaatas hin nyaanne. Dabalataanis “ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan uffata gaddaa nan uffadhe, soomuudhaan namummaa koo gad nan deebise” jechuun faarfateera. (Faar. 34(35): 13)

Sooma Eeliyaas Raajichaa (1Moot. 19:6-10) Bara Elzaabeel Raajota Waaqayyoo albeedhaan fixxe, Raajichi Eeliyaas Elzaabeel jalaa utuu baqachaa jiruu dadhabee iddoo muka jala boqotee jirutti Waaqayyo isa rurrukutuun “ka’iitii nyaadhu jedheen, yemmuus Eeliyaas dammaqee asii fi achi ilaale, bixxillee barbadaa ibiddaa irra jiruu fi bishaan cuggee tokko mataa isaa duratti ni arge, ka’ees bixxillicha nyaatee bishaanichas dhugee deebi’ee rafe”. Kanaan booda guyyoota afurtamaaf gara Tulluu Waaqayyootti soomaan ture.

Soomanni fayyina ilmaan Waaqayyoof akka barbaachisu Raajaan Iyyu’eelis akkas jedheera (Iyyu. 2:15) “Tsiyoon keessa finnoo afuufaa sooma qulqullaa’aa labsaa, walga’ii qulqullaa’aas waamaa”

Bara rakkinaa fi hacuuccaan alagaa baay’ate Waaqayyoo waliin kan dubbannu karaa soomaatiin akka ta’e Raajaa Daani’eel akkas jechuun nuu katabeera. “Bara sana ani Daani’eel torban sadiif gaddaan ture, torban sadi hanga guututti ani nyaata addaa hin nyaanne, foon, daadhiin, wayiniinis afaan koo hin geenye, dibatas hin dibanne” (Dan. 10:2)

Daawiit ammoo akkas jedha “Soomuu irraan kan ka’e jilbi koo na hollate, foonkoos  dhadhaa dhabuu koorraa kan ka’es na dadhabe” (Faar. 108:24) jedhe.

Sooma Raajaa Daani’eelii fi Faarfataa Daawit kana irraa qabxiin barannu soommanni barbaachisaa ta’uu caala iyyuu maal maal irraa soomuu akka qabnuudha.

Sooma Saba Nanawee:- Sabni Nanawee bara Waaqayyo isaanitti dheekkame guddaa fi xiqqaan, sa’aa fi namni isaanii hundi guyyoota sadiif ijaa soomaniif dheekkamsi Waaqayyoo gara araaraatti jijjiirameefii fayyina argataniiru. (Yoon. 3:5)

Sooma Kakuu Haaraa Keessatti

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos gara dachee kanaa kan dhufe seeraa fi tumaa kakuu moofaa haquuf ykn jijjiiruuf ijaa hin taaneef gochootni kakuu moofaa keessatti raawwatamaa turan bara kakuu haaraa keessattis inumaayyuu daran cimuun itti fufanii jira. Soomnis akkuma bara kakuu moofaa, bara kakuu haaraas itti fufee jiru. Sooma kakuu haaraa kan eegale immoo, soomuu osoo Isa hin barbaachisin dhala namaaf fakkeenya ta’uuf, Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha.

Gooftaan sooma kakuu haaraa kan eegale ‘soomaa’ jechuun qofa osoo hin taane gara Kuwaala (gadaamii) Qoronxoos deemuun guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf soomuudhaani. (Maat. 4:2) Gooftaan kan soome kaayyoo gara dachee kanaa itti dhufe (dhala namaa fayyisuu) osoo hin eegalin, hangafa tajaajila/fayyina dhala namaa taasiseetu. Kanaaf tajaajila afuuraa kamiyyuu eegaluu dura soomni barbaachisaa ta’uu hubanna.

Sooma kan soomnu utuu nyaachuu fi dhuguu dandeenyuu fedhii keenya daangessuudhaani. Wangeelli akkas jedha mitiiree! “gammadaa isin amma kan beeloftan quufuudhaaf jirtu” (Luq.6:21) kana jechuun utuu nyaachuu dandeenyuu Waaqayyoof abboomamuuf soomni soomnu boru gammachuu daangaa hin qabne argachuufidha. Kanaaf beela keessan ammaa hin ilaalinaa, boru gooftaa keessan wajjin gammachuu qabduuti! (Maat. 6:16, Maat. 9:15, Maar. 9:29, Hoj. 13:3, Hoj. 27:21)

Akka seera Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti soomni bakka lamatti qoodama:-

  • 1.     Sooma Dhuunfaa

Sooma dhuunfaa kan jedhamu kan luba abbaa gaabbii waliin mar’ichuun soomamuudha. Kuni dhoksaatti kan soomamuudha. Inni biroo immoo soomni akka abaaboo (Tsiggees) as sooma dhuunfaa jalatti kan ramadamuudha. Soomni kun fedhii nama soomuu irratti kan hundaa’udha.

  • 2.   Sooma Ajajaa
  • Kuni kiristaanni kamiyyuu sooma soomuu qabuudha.
  • Soomni ajajaa gosa torba qaba

2.1           Sooma Guddaa (Sooma Gooftaa)

2.2          Sooma Duuka Bu’ootaa

2.3         Sooma Raajotaa

2.4         Sooma Filchataa

2.5         Sooma Ifaa (gahaadii)

2.6         Sooma Warra Nanawee

2.7         Sooma Fayyinaa (kan Roobii fi Jimaata soomamu)

Kunneen sooma ajajaa kiristaanni kamiyyuu soomuu qabu yoo ta’an, sooma Gooftaa kana turban torbaniin qoonnee kan ilaallu waan ta’eef nu hordofaa jechaa soomnee akka eebbifamnu Waaqayyoon Gooftaan keenya nu haa gargaaru, araarri Haadha Keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaam, eegumsi Ergamootaa nu waliin haa ta’u. Ameen!

 

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-02-17 10:17:592018-10-26 09:21:22Soomaa fi gosoota isaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan Link to: Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan... Link to: Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e Link to: Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan deebi’e Taabonni Hatame dinqii Hojjechuudhaan gara teessoo Isaatti kabajaan ...
Scroll to top