Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ ኵሉ ሕዝብ የኃሥሱከ” Maar. ፩፥፴፯/1:37

   Dn. Ga/Sillaasee Shittaahun

“ወበጽባሕ ተንሥአ ወአሌለየ ጥቀ ወወፂኦ ሖረ ሐቅለ ወጸለየ በህየ፡፡ ወዴገንዎ ስምዖን ወእለ ምስሌሁ፡፡ ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ እንጋ ኵሉ ሕዝብ የኀሥሡከ፡፡ Subiin, odoo lafti hin bari’in ka’ee gadi bahe. Gara lafa onaattis dhaqee achittis kadhannaasaa geesse. Simi’ooni fi warroonni isa wajjiin turan fiigaa Isa duuka bu’an. Hoggaa Isa argatanis “Hundinuu Si barbaadaa jiru. ”jedhaniin.” jedha.

Duraan dursinee, gaalee “Hundinuu sibarbaadaa jiru.” Jedhu laaluun barbaachisaa dha. “Hundinuu sibarbaadu.” Yaadni jedhu uummamni hundinu  jechuunis;-

  laftis waaqnis (samiin) gammaduuf jecha Waaqayyo barbaadu.

  “ይትፌሥሁ ሰማያት፤ ወትትሐሰይ ምድር፡፡ ወይብሉ ነግሠ እግዚአብሔር ማዕከለ አሕዛብ፡፡ Samiiwwan haa gammadan! laftis haa gammaddu! “Uummata amantii maleeyyii  gidduuttis Waaqayyoon ulfaate.” Haa jedhan! Kit. Seen. ፩ffaa ፲፮፥፴፩/16:31

  Lubbuu qabeeyyiinis Waaqayyoon barbaadu.

  ይባርክዎ አንበር ወኵሉ ዘይትሐውስ ውስተ ማይ ለእግዚአብሔር፡፡…. Qurxummiiwwanii fi uummamtoonni bishaan keessa jiraatan hundi Waaqayyo galateeffatu.” Daan. ፫፥፶፯-፶፱ /3:57-59

  lubbuu dhabeeyyiinis,

  “ይባርክዎ ፀሐይ ወወርኅ ለእግዚአብሔር………፡፡ Aduu fi Addeessi (ji’i) Waaqayyoon galateeffatu. /Waaqayyoof galata dhiheessu./ ……………..” Daan. ፫፥፵-፶፮/3:40-56

  Hundarraa immoo Ilmi namaa Waaqayyoo ni barbaada. Kunis dhaalaa Mootummaasaa faarsaa maqaa Isaa galateeffataa Qulqullummaasaa ta’uudhaafi.

  ወእመከመሰ ውሉደ እግዚአብሔር ንሕነ ወራስያኒሁ ንሕነ፤ ወእምከመሂ ወራስያነ እግዚአብሔር ንሕነ መዋርስቲሁኬ ለክርስቶስ ወእምከመሂ ወራስያነ እግዚአብሔር ንሕነ ወመዋርስቲሁ ለክርስቶስ ንሕነ ወእምከመሰ ዐረይነ ሕማመ ንዔሪ ክብረ ምስሌሁ፡፡ Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taane, warra waan hundumaa argatan ni taana. Waan kana hundumaas Waaqayyoo biraa ni arganna. Kiristoosi wajjiin erga dhiphannee, Isa wajjiin immoo ulfaachuudhaaf,  Room. ፰፥፲፯/8:17

Kana fi kanneen kana fakkaatan kaasuu ni dandeenya. Jechi ‘Hundinuu’ jedhu jecha daangaan isaa hanga eessaa akka ta’eyyuu kan hin beekamne dha.

Har’aaf garuu, waa’ee namoota Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka bu’aa, bakka Inni oolu oolaa bakka Inni buluttis bulaa Isa hordofaa turan kaasuuf barbaadameeti. Jara Isa hordofan kanas bakka gurguddoo shanitti hirree ilaalla.

Tokkoffaa, warrootni nyaata nyatanii quufaniif qofa Isa (Gooftaa) duuka bu’an baay’ee dha. Isaan kun immoo Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin komatamaniiru. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos biddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee itti kenninaan /laannaan/ nyaatanii hafteen isaa leemaata kudha lama ta’ee argameera. Biddeena soorataaf isaaniif dhihaaterraa isa dhumarra haftee ta’ee duraa ka’etu caaleera. Kanaafis, Maat. ፲፬፥፲፯-፳፩/14:17-21 dubbisuun gahaa dha. “ወይቤልዎ አልብነ ዝየ ዘእንበለ ኀምስ ኅብስት ወክሌኤቲ ዓሣ፡፡ ወይቤሎሙ አምጽእዎን ሊተ ዝየ፡፡ ወአዘዞሙ ለሰብእ ይርፍቁ ዲበ ሣዕር ወነሥአ ውእተ ኀምሰ ኅብስተ ወክሌኤ ዓሣ ወነጸረ ኀበ ሰማይ ወባረከ ወፈተተ ወወሀበ ለአርዳኢሁ ወአርዳኢሁኒ አቅረቡ ለሕዝብ፡፡ ወበልኡ ኵሎሙ ወጸግቡ ወአግኀሡ ዘተርፈ ፍተታተ ወመልአ ዐሠርተ ወክልኤተ መዛርዐ ምሉአ፡፡ ወእለሰ በልኡ እሙንቱ ሰብእ ኀምሳ ምእት (፶፻) ብእሲ ዘእንበለ አንስት ወደቅ፡፡ “Biddeena shanii fi qurxummii lamaan ala homaa hin qabnu” jedhaniin. Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) “As Natti fidaa!” jedheen. Uummata sanaanis margarra akka taa’aniif ajajeen. Biddeena shanan fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara waaqaatti (samiitti) ol laalee ni eebbise. Cabsees Duuka Bu’oota Isaaf kenne. Duuka Bu’ootnis uummataaf dhiheessani. Hundi isaanii ni nyaatan ni quufanis. Hafteen nyaata sanaas leemata kudha lama guutuu ta’e. Namootni nyaatan dubartootni fi daa’imman odoo hin lakkaa’amin baay’inni isaanii kuma shani ture.” jedha.

Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos), namoota kanaaf akkas jedhee deebiseef jira. “ወአውስአ እግዚእ ኢየሱስ ወይቤሎሙ አማን አማን እብለክሙ ከመ አኮ አንትሙ ዘተኀሥሡኒ በእንተ ዘርኢክሙ ተአምራተ አላ በእንተ ዘበላዕክሙ ኅብስተ ወጸገብክሙ፡፡ ተገብሩ እንከሰ አኮ ለመብልዕ ኀላፊ አላ ለመብልዕ ዘይነብር ለሕይወት ዘለዓለም ዘይሁበክሙ ወልደ ዕጓለ እመሕያው እስመ ለዘሰ እግዚአብሔር አብ ኀተሞ፡፡ Dhugumaa dhugatti isinitti hima. Isin dinqii argitaniif utuu hin ta’in, biddeena nyaattanii waan quuftaniif qofa nabarbaaddu. Nyaata baduuf hin dhama’inaa! Nyaata jireenyi bara baraa ittiin argamuuf dhama’aa malee! Nyaata Ilmi Namaa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) kennuuuf fi Nyata Isa Jireenya Bara Baraaf ta’u sanaaf dhama’aa malee! Isa kanaan Waaqni Abbaan chaappeessee (gudunfee) jira waan ta’eef.” Yooh. ፮፥፳፮-፳፱/6:26-29 Caqasni kun waan guddaa nubrsiisa. Isaan kun kaayyoon isaanii fayyina fooniis ta’e kan lubbuu hin fedhan. Dubbii xaxuuf illee miti. Segalee Waaqayyoo beela’aniif fi dheebotaniifis miti. Kaayyoon isaanii inni guddaan nyaata foonii nyaatanii quufuu qofa. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos immoo Nyaata baduuf jecha dhama’uun, nyaata jireenyi bara baraa ittiin argamu irraa fagaannee, obboloota keenya lagannee, gidiraa adda addaaf isaan saaxillee, qomoo keenya waaqeeffachaa waan Afuurawaa irraa maqnee (Yooh. ፬፥፩-፵፩/4:1-41), qabeenya keenya abdachaa, beekkamtii keenya dahoo godhachaa, Miiltoowwan Waaqayyoo (Qulqulloota) irraa fagaannee suga fi gargaarsa isaanii dagannee jiraachuu akka hin qabne nugorsa.

Inni lammaffaan immoo, warroota dhukkuba fooniirraa fayyina argachuuf qofa Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) duuka bu’aa turani dha. “ወአንሶሰወ እግዚእ ኢየሱስ ውስተ ኵሉ ገሊላ እንዘ ይሜህር በምኵራባቲሆሙ ወይሰብክ ወንጌለ መንግሥት ወይፌውስ ኵሎ ደዌ ወኵሎ ሕማመ ዘውስተ ሕዝብ፡፡ Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis mana sagadaa isaanii keessa barsiisaa, Wangeela Mootummaa Isaas lallabaa, dhukkuba adda addaa irraas asaan fayyisaa, magaalota fi mandaroota isaanii keessa naanna’aa ture.” jedha Maat. ፬፥፳፫/4፡23. Caqasoota Maat. ፱፥፴፭/9፡35, Maar. ፩፥፳፫/1:23, Yooh. ፭፥፩-፲፯/5፡1-17 illee dabalataan dubbisuunis faaydaa guddaa qaba.

Haa ta’u malee, namootni dhukkuba lamxii isaanii irraa bayyanatan keessaa baay’een isaanii gara fedhii foonii isaaniitti sokkaniiru. Battala tokkotti namootni kudhan dhukkuba isaaniirraa fayyanii turan. Isaan keessaa garuu, gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos deebi’ee Isa galateeffate nama tokko qofa. Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) kana ilaalee, “ወርእዮ አሐዱ እምኔሆሙ ከመ ነጽሐ ተመይጠ እንዘ የአኵቶ ለእግዚአብሔር በዐቢይ ቃል፡፡ ወሰገደ ታኅተ እገሪሁ ለእግዚእ ኢየሱስ በገጹ ወአእኰቶ ወሳምራዊ ብእሲ ውእቱ ብእሲሁ፡፡ ወአውስአ እግዚእ ኢየሱስ ወይቤሎ “አኮኑ ዐሠርቱ እሙንቱ አንትሙ እለ ነጻሕክሙ አይቴኑ እንከ ተስዐቱ?” ሎሙሰ ተስእኖሙ ተመይጦ ወአእኩቶቶ ለእግዚአብሔር ዘእንበለ ዝንቱ ዘካልእ ሕዝቡ፡፡ ወይቤሎ ተንስእ ወሑር ሃይማኖትከ አሕየወተከ፡፡ Isaan keessaa Inni tokko akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof galata galchaa deebi’ee gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ni dhufe. Miila Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos jalatti sagadee, Isa galateeffates; innis nama Samaariyaa ture. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos deebisee, “Namoota kudhani mitii kan qulqullaa’an (fayyan)? Saglan isaanii meerree? Isaan nama ormaa kanarraa hafan keessaa namni galata dhiheessuuf deebi’e hin argamnee? jedhe. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yoomus namichaan “Ka’ii, gali! Amantiin kee sifayyiseera.” jedheen. Luuq. ፲፯፥፲፭-፲፱/17:15-19

Kaayyoon jara kanaa  immoo nama ajaa’ibsiisa. Dura hoggaa dhufan, “ኢየሱስ ሊቅ ተሣሀለነ፡፡ Yaa Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos nu maari!” jechaa turan. Amma immoo lamxii isaaniirraa fayyinaan (qulqulloofnaan) Waaqayyoof galata galchuuf yeroo dhaban. Nullee akkasuma. Baay’een keenya fayyina argachuuf gara Waaqayyoo hoggaa dhufnu, booyaa, kufaa, ka’aa, sagadaa, galateeffachaa fi aarsaawwan adda addaa kanfalaa dhufna. Erga fayyine booda garuu, gara mana Waaqayyoo deemuu dhiisna. Gara Waaqayyootti kadhachuu dhiifnee namoota abdannna. Siyaasa abdanna, aangoo keenya abdanna. Qomoo keenya abdanna. Waaqa tolfamaa abdii godhanna. Warra galata hin qabne taana.

Inni (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) garuu, namoota kanaan gar-malee komateera. Namoota isaan gargaaraniif galata galchuu dhabuun waan nama fayyaa qabu irraa eeggamu miti. Naamusni kiristaanotaas kana miti. Tola ooltummaa Waaqayyoos ta’e kan namaa hin irraanfatan. Waan Waaqayyo isaaniif arjoome laalaa fi yaadachaa namoota biroof ni arjoomu. Waaqayyo cubbuu isaanii isaaniif dhiisnaan isaan illee namoota biroof yakka isaanii ni dhiisuuf.

Gareen sadaffaan immoo, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos bareedinni fi simboon Isaa laalamee hin quufamu waan ta’eef warra bareedinaa fi simboo Isaa laaluuf fi dinqisiifachuuf qofa dhufan jiru. “ወቦአ ኢያሪኮ እግዚእ ኢየሱስ ወእንዘ የኀልፍ እምህየ ናሁ ረከበ ብእሴ ዘስሙ ዘኬዎስ መልአኮሙ ለመጸብሓን ወባዕል ውእቱ ወየኀሥሥ ይርአዮ ለእግዚእ ኢየሱስ ወያእምር ከመ መኑ ውእቱ ወኢያበውሖ ብዝኀ ሰብእ እስመ ሐፂር ውእቱ በቆሙ፡፡ ወሮጸ ቅድሜሁ ወዐርገ ዲበ ሰግላ ከመ ይርአዮ እስመ ይእቲ ፍኖት ሀለዎ ይኅልፍ፡፡ Gara Iyyaariikoo seenee darbaa ture. Zakkewoos, innis namoota gibira sassaabaniif too’ataa kan ta’e Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosiinis eenyu akka ta’e arguuf barbaada ture. Hojjaan isaas gabaabaa ture. Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ilaaluuf gara duratti fiigee muka harbuurra yaabe. Gooftaanis iddoo sana gahee “ወበጺሖ እግዚእ ኢየሱስ ህየ አንስአ አዕይንቲሁ ወነጸሮ ወይቤሎ ዘኬዎስ አፍጥን ወረድ እስመ ዮም ሀለወኒ አዐል ቤተከ፡፡ Har’a mana keetti ooluuf Nan barbaada waan ta’eef dafii harbuu kanarraa bu’i.” jedheen. Innis (Zakkewoos) dafee bu’ee Gooftaa isaa gammachuudhaan simate.” Luuq. ፲፱፥፭/19:5

Kanarraas waan baay’ee hubanna. Baay’een keenya waan Afuurawaaf dursa ni kennu jedhamnee oggaa eegamnu; waan dachii kanarra baduu danda’uuf yeroo rognu/loognu ni mul’anna. Jaalala adduunyaaf jecha jaalala Waaqayyoo fi jaalala Qulqullootaarraa fagaannee gara wantoota Waaqni hin jaalannetti maquudhaan yeroo of-wareegnu ni mil’ata.

Kana qofa miti, ilaalchuma fooniisaarratti hundaa’uun bareedina fooniif kabaja kennaa fi amaleeffachaa Mana Kiristaanaasaa dhiisee gara amantaa alagaatti kan deemus xiqqaa miti. Nama adduunyaa hordofaa kan badus baay’ee dha. Bareedina fuulaa (simboo namaa), sagalee, deemsa, haala dubbii, kalaqa sammuu fi k.k.f. amaleeffachuuraa darbee hanga isaan waaqeeffatanitti kan geessu akka walii galatti yoo ta’e bareedina foonii ti.

Sabni Waaqayyoo garuu, nama waan adduunyaa (foonii) tuffachuu qabu dha. Kana nu hubachiisuufis Waaqayyo Qulqulluu abbaa Eefreem isa Sooriyaarra bulee “አማን መነኑ ሰማዕት ጣዕማ ለዛ ዓለም፡፡ ወከአዉ ደሞሙ በእንተ እግዚአብሔር ወተአገሱ ሞተ መሪረ በእንተ መንግሥተ ሰማያት፡፡ Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina adduunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaaniis Waaqayyoof jecha dhangalaasan. Mootummaa Waaqayyoofis du’a hadhaa’aa obsan.” (Galata Maariyaam kan Kamisaa) jechuun miidhagina adduunyaa kanaa tuffachuun, Waaqayyoof jecha aarsaa barbaachisu hunda kaffaluun fi Mootummaa Waaqayyoofis jecha gatii kanfalamu hunda kanfaluun barbaachisaa akka ta’e fi akkuma Salomoon ogeessichi “Simboon soba; bareedinnis.” Jechuun dubbateen Fak. ፴፩፥፴/31:30 nus isuma kana dhaqna godhannee waan dursa argachuu qabuuf dursa kennaa, waan Waaqayyoon hin jaalanne immoo lagachaa laphee keenya Waaqayyootti deeffachuun lubbuu keenyaaf boqannaa foon keenyaafis dhiifama barootaan hin dulloomne arganna.

Garri afraffaan immoo warra himannaaf qofa Isa barbaadanii dha. Kitaabni Qulqulluu akkas nuun jedha. Fakkeenyaaf:

1. “ወእምዝ ይቤሎ ለውእቱ ብእሲ ስፋሕ እዴከ ወሰፍሐ እዴሁ ወሐይወት ሶቤሃ ወኮነት ከመ ካልእታ፡፡ ወወጺኦሙ ፈሪሳውያን ተማከሩ በእንቲአሁ ከመ ይቅትልዎ፡፡ Sanaan boodaas, namicha sanaan “Harka kee diriirsi!” jedheen; innis harkasaa diriirse. Harki isaas akkuma harka fayyaaleettii ishii kaanitti taateef (Harka bitaachaa dha yoo jedhan, akka harka isa mirgaatti; yoommoo harka mirgaa dha jedhan, akkuma harka bitaachaa isaatti taateef. Akka wangeela Luuqaasitti yoo ta’e harka mirgaatu naafe. Luuq. ፮፥፮-፲፩/6:6-11) Fariisonniis achii bahanii Isa ajjeesuuf mari’atan.” Maat. ፲፪፥፱-፲፬/12:9-14

2. “ወተንስኡ ኵሎሙ በምልኦሙ ወወስድዎ ኀበ ጲላጦስ፡፡ ወአኀዙ ያስተዋድይዎ ወይቤሉ ”ረከብናሁ ለዝንቱ እንዘ ያዐልዎሙ ለሕዝብ ብነ ወይከልኦሙ ኢየሀቡ ጸባሕተ ለቄሳር ወይሬሲ ርእሶ ክርስቶስሃ ንጉሠ እስራኤል፡፡” Hundumtuu ka’anii gara Philaaxoositti Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) geessan. Akkas jechaas Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) himachuu eegalan. “Namni kun uummatni keenya Mootichaaf gibira akaa hin kaffalle kakaasaa, ofii Isaatinis Kiristoos Mootii Israa’eel hoggaa taasisu Isa Agarre.” jechuudhaan. Luuq. ፳፪፥፩-፭/22:1-5

3. “ወይቤልዎ “ኦ ሊቅ ረከብናሃ ለዛቲ ብእሲት እንዘ ትኤብስ በዝሙት፡፡ ወበሕግነሰ ሠርዐ ሙሴ ከመ ትትወገር በእብን፡፡ ወአንተሰ እንከ ምንተ ትብል በእንቲአሃ?” ወዘንተ ይቤሉ እንዘ ያሜክርዎ ከመ ይርከቡ ምክንያተ ላዕሌሁ በዘያስተዋድይዎ፡፡ “Yaa Barsiisaa, dubartii tana hoggaa sagaagltu argannee qabnee fidneerra. Dubartii dalaga akkanaa kanarra bobbaatee jirtu argamnaan dhagaan tumamtee haa ajjeefamtu!” jechuun seerri nu ajajeera.” (Yooh. ፰፥፩-፲፩/8:1-11)

Caqasoota armaan olii kana yoo laalle fariisonni himannaaf qofa Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) duuka bu’aa turanis baay’ee dha. Akkuma Maat. ፲፪፥፱-፲፬/12:9-14 irratti ibsameen fi Se/Bahuu ፳፥፰-፲፩/20:8-11 dahoo godhachuun, gaaffii himannaa banuuf nufayyada jedhanii kaasanis “ይከውንኑ በሰንበት ፈውሶ? Guyyaa sambatatti fayyisuun ni eeyyamamaa?” kan jedhu ture. “Hin danda’amu” yoo jedhe, “An nama Waaqayyooti haa jedhu malee miidhamni namaa Isa hin quuqu.” Jechuuf; “Fayyisuun ni eeyyamama.” Yoo jedhe immoo, ‘Seera Muusee ni diige.” Jechaa himachuuf qophaa’anii turan. Ayyaaneeffannaa sambataa isaan hordofan maal akka fakkaatu fi isaan illee hangam jireenya Afuurawaa irraa akka fagaatan sirritti agarsiisa. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis irratti baree, gaaffii isaan kaasaniif deebii isaa bifuma gaaffiitiin deebiseefi jira. Akkas jechuun “መኑ እምውስቴትክሙ ብእሲ ዘቦ አሐዱ በግዕ ወእመ ወድቆ በሰንበት ውስተ ግብ አኮኑ ይእኅዞ ወያነሥኦ? Guyyaa sambatatti namni hoolaa tokko qabu hoolaan isaa boolla keessa odoo bu’e dhaqee boolla sana keessaa kan hin baasne jiraa?”

Kaayyoon isaanii inni guddaan hojiin fayyinaa kun fedha Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin waan raawwatameef qofa hinaaffaniiti malee, sababa biraa Gooftaa kaanyarratti argataniif miti. Guyyaa sambatatti hojii fooniitu dhorkama malee hojiin Afuurawaa hin dhorkamne. Kanaafis Se/Bahuu ፳፥፰-፲፩/20:8-11 dubbisuun dhugaasaa nutti hima.

Fakkeenya isa lammaffaas yoo laalle, hojii Afuurawaa Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojjechaa tureen gar-malee waan aaraniif qofa waan Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hin jenne, jedheera jechaa Isatti roorisaa (roorroo dhageessisaa) turaniiru. Mootiin tokko mootummaa isaarratti yoo dhufan hin jaalatu waan ta’eef, Gooftaan keenya gibira mootichaaf kaffalamuu qabu akka hin kaffalmne dhoowwachaa akka jiru fakeessanii himannaaf dhiheessani. Waan Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos barsiise “ኦ ነአምር ከመ ጽድቀ ትነግር ወትሜህር ወኢታደሉ ለገጽ ወርቱዐ ትሜህር ፍኖተ እግዚአብሔር፡፡ ይከውነነሁ ነሀብ ጸባሕተ ለቄሳር? ወሚመ አልቦኑ? Yaa barsiisaa, waan Ati dubbattu dhugaa akka ta’e fi sagaleen Ati barsiistus sagalee Waaqayyoo Isa dhugaa akka ta’e akkasumas fuula namaa laaltee loogii akka hin hojannes ni beekna. Maarree, mootiif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?” Jedhanii Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos gaafannaan, Gooftaan keenyaas “Maaf akkanatti naqorattu? Maallaqicha Natti agarsiisaa!” jedheen. Isaanis fidanii itti agarsiisan. “Suuraan fi barreeffamni maallaqicharra jiru kan eenyu ti?” jedheen. Isaanis, “Kan mootichaa ti.” Jedhaniin. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos illee “ሀቡ ዘቄሳር ለቄሳር ወዘእግዚአብሔር ለእግዚአብሔር፡፡ Kan mootii mootiif kan Waaqayyoo immoo Waaqayyoof laadhaa! jedheen”. Luuq. ፳፥፳-፳፮/20:20-26 Waanuma kana qofa kan Inni dubbate.

Garuu, Inni kan barsiise kan biraa isaan kaasanii himannaaf kan dhiheessan immoo kan biraa ti. Akkuma Kitaabni Qulqulluun “ይመይጥዎ ለቃለ መጽሐፍ ከመ ሜጥዎን ለብዙኃን መጻሕፍት ለግዕዞሙ ወያማስኑ፡፡ Akkuma kitaabolee biro jallisanitti isa kanas fedhuma fooniisaaniif jecha ni jallisu.” jedhuun jechuu dha. Pheex. ፩ffaa ፫፥፱/3:9 Yaadni amma kaafne kun namootni himannaaf qofa Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka bu’aa turan jiraachuusaaniif ragaa tokko.

Fakkeenyi inni sadaffaan immoo, hammeenya fariisotaa daran kan ibsu dha.

፩ffaa jarri kun dubartii kana “Hoggaa isheen sagaagaltu/eejju arginaan qabnee finne.” jechuun hammeenyasaanii eegalan. Asirratti waan tokko hubachuu dandeenya. Fariisotni kun dubartii sagaagalaa turte qofa fidan malee, namicha ishee wajjiin sagaagalaa ture hin fidne. Nama dhugaa (kabachiistota seera Muusee) odoo ta’an dubartittis nama ishee wajjiin sagaagalaa (eejjaa) tures fiduu qaban ture. Seerri Qulqulluu Muuseen Waqayyoorraa dhagahaa barreesse sana kan eegan odoo ta’an, achumatti yookan gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoositti odoo hin fidin tumanii ajjeesu ture.

Karaa biraatinis, gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoositti fiduun yoo barbaachisellee dubartittii kophaa hin fidan. Fariisotni seera Muusee ni kabajna, nuti ijoollee Abrihaami dha, duuka buutata Muusee ti, fi k.k.f. jechaa of-jajuu warra gar-malee jaalatanii dha. Akkas haa jedhan malee, hojiin isaanii seera Qulqulluu Muusees ta’e hojii gaarii abbaan keenya Abrihaam hojjetuun sirumaa (gonkumaa) wal hin simatu. Kaayyoon isaanii himannaa fi qormaata qofa.

Inni shanaffaa fi kan dhumaan immoo, kaayyoo isa sirriif Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka waara bu’aa turani dha. Lakkoofsi isaaniis xiqqaa dha. Uummata hamma gabaa shanii caalu keessaa kaayyoo dhugaa qaban dhibba tokkoo fi digdama qofa. Dhibbeentaan yoo shallagaman immoo gara % 2.4 ta’u. Kitaabni Qulqulluus “እስመ ብዙኃን ጽዉዓን ወኅዳጣን ኅሩያን፡፡ Kanneen waamaman hedduu dha. Filatamtootni garuu, xiqqaa dha.” Jechuudhaan kanuma nuhubachiisa. Isaan kun beela lubbuu isaanii fi dheebuu lubbuu isaanii baasuuf dhufan. Isaanis, Duuka Bu’oota kudha lamaan, gargaartota Duuka Bu’ootaa kan ta’an torbaatami lama fi Giiftii keenya Qulqullittii Qulqullootaa kan taate Durbee Maariyaam dabalatee soddomii jaha kan ta’an immmoo dubartoo Qulqulloota ta’anii dha.

Barbaachi inni dhugaan kam akka ta’e fakkeenyota armaan oliitti dhihaatan irraa hubachuu dandeenya. Namootni baay’een daandii ishee bal’oo filachuu danda’u. Kiristaanotni garuu, baay’ina namaatiin miti kan amanan; dhugaa qabaachuudhaani malee. Gooftaan isaaniis lakkoofsatti hin amanu. Kana mirkaneessuufis raayyaa Gediyoon yaadachuun gahaa dha. Uummata waamaman kuma soddomii lama keessaa kan filataman namoota dhibba sadi qofa. Namootni 31,700 ta’an garuu, warra duulaaf hin taane dha. Gariin warra kakka’uumsa onnee hin qabne yeroo ta’an, kanneen hafan immoo waarra of-eeggachaa socho’uu hin dandeenye dha. K.Abboota Firdii ፮፥፩-፵/6፡1-40 Waamamtoota keessa odoo hin ta’in filatamtoota keessa akka ida’amnu arjummaan Waaqayyoo, araarsummaa fi gargaarsi Qulqullootaa nurraa hin fagaatin. Ameen.

ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti

Araarsummaa ilaalchisee adduuyaa irratti ilaalcha sadi jira.

  • Namootni tokko tokko “Araarsummaa” wanti jedhamu hin jiru. Eenyumtu eenyuuf hin kadhatu kallattiidhaan gara Waaqayyootti dhihaachuun ni danda’ama.” jedhu.

  • Tokko  tokko  immo  ‘Araarsummaan’ ni  jira.  Ni  barbaachisas.” jedhanii  raawwatanii “Araara kan namaaf kadhatu garuu /Galatni fi ulfinni isumaaf haa ta’uu ti./ Kiristoosi dha” nuun jedhu.

  • Kanneen biroo ammoo “Araarsummaan ni jira.Araarsummaan gahee uummamtootaa ti malee  gahee  UUMAA  ykn  gahee  WAAQAYYOO  miti.  Amantaan  fi  barsiifatni Ortodoksi tawaahidoo illee as keessatti ramadama.

  • Amantiin pirooteestaantii waa’ee ‘Araarsummaa’ kan qulqullootaa haala armaan gadiitiin barsiisa.

  • Wanti ‘QULQULLUU’  jedhamu  hin   jiru.Hundi  keenya  /amantootni  hundumtuu/ qulqulloota dha.

  • Araarsummaan raawwatame kan jedhamu fooniin yeroo biyya lafaa irra jirru waliif yoo kadhanne hojii irra oola. Yaada kana qophaa isaa yoo laalle, yaada isa duraa wajjiin wal- faallessa “Hundi keenya Qulqulloota erga taane, inni tokko isa kaanif araara kadhachuun isaa maalif barbaachise?” gaaffii jedhu kaasisa.

  • “Du’a fooniitiin dura malee  du’a  fooniitiin  booda  namni  araara  namaaf  kadhachuu danda’u hin jiru.” kan jedhu dha.

  1. Araarsummaan maal inni?

Araarsummaan sirnoota kadhannaa mana kiristaanaa keessatti raawwataman keessaa isa tokko.Manni kiristaanaa kadhannaa galateeffannaa, kadhannaa “Araarsummaa’ fi Waaqayyoo irraa   waan   rakkanne   kadhachuu   fi   k.k.f.   ni   qabdi.Kunis   dubbisuun   fi   yeedaloodhaan raawwatama.

“Gooftaan dhihoo dha.Waan hundumaan kadhannaan fi araara araarsummaadhaan akkasumas galateeffannaadhaan kadhaa keessan Waaqayyoo biratti beeksisaa malee gonkumaa hin dhiphatinaa.” Jedha.(Fil 4፥6) “Manni    kiristaanaa    araarsituu    dha. Sababa    kanaaf    manni    kiristaanaan    ‘Kadhannaa Araarsummaa’ /ጸሎተ አስተብቍዖ/ ni qabdi. Fakkeenyaaf “Waaqayyoon beekumsa fi Isa sodaachuu akka isaaniif kennuuf waa’ee qondaaltota fi w aa’ee warroota aangoo irra jiran si kadhanna.”/Sirna qiddaasee/ Kun ammo waan akka laayyootti raawwatamu odoo hin ta’in waan ragaa fi bu’uura Kitaaba Qulqulluu fi dhugaa qabu dha. Phaawuloos  qulqullichi  “Egaa,  Waaqayyoo  fakkachuudhaan  fi  tasgabbiidhaan  Cal lisnee  fi tasgabboofnee akka jiraannuuf kadhannaa fi Araarsummaa kadhachuun galateeffannaas namoota hundaaf mootiiwwaniif fi qondaaltotaaf akka raawwatamaniif (taasifamaniif) hundaan dura ni gorsina.” (Xim (1 ffaa ) 2፥1)

Kiristaanni tokko ofii isaatiif ni kadhata, ni galateeffatas. Akkasumas ofi irraa darbee namoota biroof illee araara ni kadhata; ni galateeffatas. Araarsummaa fi kadhannaan dhuunfaa bifa addan qoodamanii kan  ilaallamanii dha.  Haa  ta’u  malee  lachuu  kadhannaa  dha.Lamaanuu qaama kadhannaa ta’uu isaaniitiin akkuma saantima fuula lamaatti haa ta’an malee, manni kiristaanaan keenya garuu kadhaa fi araarsummaa odoo wal-keessa hin makin adeemsisti.

Kanaafuu  araarsummaa  jechuun  walitti  araarsuu,  dhiheessuu,  akka  waliif  galan  taasisuu, dhiifama akka argatan taasisuu jechuudha.

2. Araarsummaan gahee (hojii) eenyuu ti?

Araarsummaan gahee (hojii) uummamtootaa qofa dha. Haala kamiin illee haa laallu! Goukumaa gadhee (hojii) Waaqaa ykn Uumaa ta’uu hin danda’u.Uummamtota keessaas uummamtoota lamatu  waan  kana  raawwatu.Isaanis፦ warri  Waaqayyoon  kabajee  isaan  uume  ‘Ergamoota waaqaati fi ilma namaa keessaa immoo warroota qab-suura adda addaa keessa dabran arjummaa Isaatiin warra jaallatamtoota isaa ta’an fi warroota kennaa waaqayyoo argatan fi qulqulloota ta’anii dha. Isaan kana keessaa haadha Waaqayyoo Qulqullittii Qulqullootaa kan taate Giiftii Keenya   Dubroo   Maariyaami   gahee   harka   caalu   qabdi.   Araarsummaan   hojii   (gahee) cubbamtootaa miti. Namni cubbamaan cubbuu isaa of irraa haqsiisuuf caaraaquutu irraa eeggama malee “kana irraa darbee deema” jedha  taanaan “kan  ishii  gubachaa odoo  jiru  kan  ormaa kokorsiti”  jechisiisa.  Laphee  cubbamtootaa keessaa  cubbuu  malee  eebbi  / በረከት/  bahuu  hin dandau.”Jedha waanta’eef kitaabni.(Saam. (1ffaa) 24፥13)

  1. Araarsummaan bakka meeqatti qoodama?

Araarsummaan bakka lamatti ramadama. Tokkoffaan, biyya lafaa kana irratti odoo jiraatan kan raawwatamu oggaa ta’u, inni lammaffaan immoo erga jiruu biyya lafaa kana irraa boqatan booda kan raawwatamu dha.

  1. Raawwii Araarsummaa

Araarsummaan  Kitaaba  Qulqulluu  bu’uura  godhachuun  akka  barsiifannaa  mana  Kiristaana keenyatti kallattiiwwan gurguddoo sadiin adeemsifama.

A,  Namni  cubbamaan,  fedhataan  Araarsummaa  Kabaja  qulqullootaatiin  fi  Miiltoowwan Waaqaa ta’uu isaaniitiin (kennaa Araarsummaatti) kennaa Waaqa Qulullootaa kan ta’e Waaqayyo guddaadhaan amanu, barbaadee fi fedhee qaama Araara isaaf kadhatu bira dhaqee, maqaa araarsaa sana kabajaan waamaa yeroo gaafatu kan raawwatamuu dha. kanaafillee fakkeenya gaarii kan ta’u seenaa Eelsaa raajiichaati Moot. (2ffaa) 2፥1-16

“….  Uffata Eeliyaas harkaa fudhate san  fuudhatee deebi’ee qarara  galaana  Yoordaanoositti dhaabbate.Uffata harka eeliyaas irraa fuudhe saniin galaanicha dhahee raawwatee “Waaqayyoon, Waaqni Eeliyaas garam jira?” jedhe.Bishaanicha illee oggaa dhahu, bishaanichi gamaa fi gamanaan addaan baname.Eelsaan illee ni ce’e.” Kana bu’uura godhannee;

  • “Waaqa Qulqullootaa” jechaa kadhanna.

  • Gara Waaqa keenyatti akka nuuf kadhatan Qulqulloota of duraa aansina.

  • Gidiraawwaan, rakkoo fi  qormaata  nuful-duratti  danqaraman  hunda  maqaa  isaanii waamaa gara Waaqayyootti oggaa kadhannu nufuul-duraa dhabama.

“Iyyoosaafxi, raajicha Waaqayyoo; isa maqaa isaatiin Waaqayyoo gaafannu asitti hin argamuu? Jedhe hojjettoota keessaa tokko Eeliyaasiif bishaan buusuun kan tajaajilu fi tajaajiltoota isaa keessa isa tokko kan ta’e. “Ilmi saafaaxi Eelsaan as jira” jedhe. (2Moot.3፥11) Mootichi ofuma isaatii Waaqayyoo gaafachuu ni danda’a ture, garuu kana gochuu dhiisee of gad-qabuudhaan dhihaateera. Kunis kabaja inni qulqullootaaf qabu agarsiisuufi.Eelsaan illee Waaqayyoo kallattiidhaan waamee “Bishaan (galaana) kana addaan naaf saaqi.”Jechuu danda’a ture.Garuu kabaja fi qulqullummaa abbaa isaa, barsiisaa isaa sirritti waan beekuuf of gad-qabe, Eeliyaas immoo ol-qabee kabajee argamuu isaatiin wanti inni gaafate sun guuttameef jira.

B, Qulqullichi, kennaan Araarsummaa itti kenname sun gaaffii araarsummaa cubbamichi odoo hin gaafatin qulqullichi fedhiidhuma isaatiin kan dhiheessuu dha. Adeemsa araarsummaa isa 2ffaa kana sirritti kan nuuf ibsu, seenaa muusee isa isa S.Bahuu 32፥1‐32 irratti argamu, isa tokkoo dha. Uummatni Israa’eel waaqa tolfamaa waaqeffachuu isaaniitiin Waaqayyoon akka isaan hin balleessineef Dureen raajotaa Muuseen Waaqayyoo ful- dura ni dhabbate. Hanga Israa’eelotni “Waaqayyoo nuuf kadhadhu!” jedhanitti illee hin eegne. “Yaa Waaqayyo dheekkamsi uummata kee isa humna guddaanii fi harka cimaan biyya Misir keessaa baafte  irratti  maaliif  hammaata?…Balaa keerraa deebi’i. Hammeenya uummata kee irrattis garaa laafi.“Sanyii keessan akka urjiiwwan samii fi cirracha galaanaatti nan baay’isa, lafa waadaa isiniif gale kana illee isiniif laadha.Bara baraaf illee ni dhaalu.”Jedhuun gabroota maqaa keetiin kakatteef san Abrihaam, Yisihiaaq fi israa’eel yaadi.”

Raajichi muusee kadhannaa kana oggaa xummuru maaltu ta’e jennee odoo gaafanne, “Waaqayyoonis balaa uummata Israa’eel irratti buusuuf yaadee ture san ni dhiise.Garaa ni laafe.” jedha Kitaabni Qulqulluu. Dubartiin kana’anii daa imni ishii jalaa dhibamte ,araara gaafachuuf /kadhachuuf/ gara Gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyasuus Kiriastoos odoo dhuftu fi kadhattu, duuka buutootni Gooftaa keenyaan (… Nu duuba iyyaa jirti waan ta’eef geggeessin.)jechuudhaan gaafataniiru. Duuka buutotni kana kan raawwatan “Gara Gooftaa keenyaatti naaf kadhaa”. Waan isaaniin jetteef odoo hin ta’in, kennaa araarsummaa isaaniif laatameen dha. /Mat 15፥21‐28). Nutis duuba isaanitti (duuka buutotaatti) yoo iyyine /kadhanna/akkuma kana nuuf raawwatu.

Seenaa fakkeenya muka balasii tiin walbira qabamee kaafame fi eegumsa cubbamtootaa ifa baasee kan agarsiisu illee isuma kana nuuf addeessa. Cubbamaan tokko gumaa (firii) buusuu dhabuun (qabaachuu dhabuun) isaa isaaf beekkamuu dhabaatu illee ergamoota isa eeganiif fi qulqullootaaf kan beekkamu ta’uu isaatiin,qulqullootni fi ergamootni isa eegan isaaf kadhatu.Akkas jechaa. “Yaa Gooftaa naannawaa ishii shuqunaa koosii /xaa’oo/ hanga goonuuf waggaa kanaaf dhiisiin. (Luuq 13፥10) Isa kana kan beekan Waaqayyoo fi Qulqulloota isaati malee mukattiin hin beektu.

C, Waaqayyoon qaama Araarsummaa gaafatu fi  gaafachiisu giddutti seenee  yeroo ajaju  kan raawwatamu dha. Waaqayyoo mataa Isaa nama Isa kadhate kallattiidhaan isa fayyisuu odoo danda’u,  “Abaluun  sii  haa  kadhatu.”  maaliif  jedha?  Cubbamtoota  gara  namootaatti  maaf erga? Yoo jenne, tajaajiltoota isaa waan ta’aniif kabaja isaan qaban ibsuuf qofa dha. Akkasumas Inni (Waaqayyoon) kallattii baay’een nama fayyisuu akka danda’u nu hubachisuu fi Dandeettin isaa  kunis bu’aa  arjummaa Isaa  akka ta’e  nuuf beeksisuu barbaadee ti.  Isa  k anaaf  immoo fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u seenaa Abrihaamii dha.

       Mootii Geraaraa kan ture Abemeleek haadha manaa Abrihaami kan taate Saaraa wajjiin fedhii foonii isaa guuttachuuf, kabaja ishii salphisuuf barbaadee ture. Waaqayyoon garuu cubbamaan kamiyyuu cubbuu isaa irraa akka deebi’uufi malee akka badu hin barbaadu waan ta’eef “Haadha manaa namichaa deebisi. Inni raajaa dha waan ta’eef kadhannaa siif raawwata, ni fayyitas.“ jechuudhaan gar-laafeenya Waaqayyoo oggaa ibsuu fi gara qulqullootaatti oggaa akeeku (qajeelchu) laalleerra Kitaaba Qulqulluu keessatti. (S.Uum.20፥1‐18)

Araarsummaa du’a fooniitiin booda jiru

     Warrota “Araarsummaa du’a fooniitiin dura jiru ni amanna.Isa du’a fooniitiin booda jiru garuu hin amannu.”Jedhaniif Kitaabni Qulqulluu deebii itti aanu qopheesseefi jira.Araarsummaa du’a fooniitiin booda jiru ilaalchisee akkas jedha kitaabni qulqulluu.

     Lubbuun, uummamtuu Waaqayyoo irraa namaaf kennamte fi yaaduu, dubbachuu fi jiraachuu kan nu dandeessistu fi booda irratti gara Waaqayyootti kan deebitu dha. (S.Uummamaa 2፥7, Makbib 12፥7) Kanaafuu qulqullootni sababni isaan waan hunda beekaniif, du’a fooniitiin booda jiraattota  sababni  isaan  ta’aniif  ,sababni  isaan  nudubbisaniif fi  kan  isaan  dubbisnu  lubbuu tanaani. Galatni fi Ulfinni Isumaaf haa ta’uutii Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos illee “ An Waaqa jiraattotaati malee Waaqa du’ootaa. “ sababni jedheef illee kana. (Maat 22፥32)

Qulqullootni gara Waaqayyoo deeman erga isaan jiruu adduunyaa kana irraa boqatan booda waan adduunyaa kana irra raawwatamu hanguma Waaqayyoon isaaniif ibseen beekuu akka danda’anii fi Araara akka nuuf kadhatan Kitaabni Qulqulluu nuuf ibsa.Fakkeenya armaan gadii haa laallu.

A, Dhaloota Kiristoosiin dura waggoota 1500 dursee du’a fooniitiin kan boqate Muuseeni fi fooniifi lubbuun isaa odoo gargar hin bahin gara samiitti kan ol bahe Eelyaas lachuu yeroo Gooftaan foon uffatee dhufe san tulluu Taaboor irratti mul’atanii jiru ‘Kadhannaa oggaa geessu (Gooftaan keenya) bifni fuula isaa ni jijjiirrame uffatni Isaas adii ta’e; akka bakakkaattis ni ife. Namootni lama dhufanii isa wajjiin haasa’aa turan.Isaanis Muusee fi Eeliyaas turan.“Kabajaan mul’atanii waan Iyyaruusaaleem keessa uummamuuf jedhu waa’ee bahuu isaas haasa’aa turan. (Luuq 9 ፥29‐31)

B, Wareegamtootni du’a foonii erga du’an booda, lubbuu foon uffattee hin jirre saniin waan adduunyaa kana irra raawwatamaa jiru akka beekan fi Araarsummaa akka nuuf raawwatan mul’atni  Yohaannis  akka  nuuf  ibsutti  haala  armaan  gadiitti  ibsameen  taa’a.  ”Hidhaa  isa shanaffaa oggaa hiiku, lubbuu namootaa warra sagalee Waaqayyoof fi wareegamummaa kan isaan eegan saniif qalaman siida aarsa isaa jalattan arge. Sagalee ol-ka’aatiinis iyyaa “Yaa Gooftaa  dhugaa  fi  qulqulluu,  hanga  yoomitti  harka  kee  murtii  irraa  qabda?Haaloo  dhiiga keenyaas hanga yoomitti warroota lafa irra jiraachaa jiran irratti baasuu dhiista?” jedhan.Hunda isaaniif uffanni adii itti kenname. Warroota akkuma isaan ajjeefaman saniin ajjeeffamuu qaban, gabrootni michuuwwani fi obboolootni lakkoofsi isaanii hanga xummuramutti waggoota muraasaaf akka boqatan jedhameef .” (Mul .Yooh.6፥9‐11)

C. Barnoota Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos barsise keessaa isa tokko kan ta’e   seenaan   Abrihaam,   Nawee   /dureessichi/   fi   Al’aazaar   du’a   fooniitiin   booda   illee Araarsummaa fi kadhaan akka jiru kan nuuf hubachiisu dha. (Luuq. 16፥19‐31)

D, Pheexiroos qulqullichi erga inni du’ee booda amantootaaf akka kadhatu ibsuun isaa ragaa dabalataa dha. “Akkuma Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos natti agarsiisetti, jiruu kiyya isa biyya lafaa kana irraa akkan dafee gargar (addaan) bahu nan beeka. Wantoota kana yeroo hunda yaaduu akka dandeessaniif nan tattaaffadha. (2ffaa Phex. 1፥13‐15)

Walumaa galatti

Warrootni fooniin du’anii lubbuun jiraattota ta’an warroota fooniin jiraattota ta’aniif ni a raarsu. Warrootni fooniin hin dune warra fooniin du’anii lubbuun jiraattota ta’aniin “Nu araarsaa!” jechaa ni kadhatu. “Ji’oota sanitttis kadhannaan jaallatamtootni koo qulqullootni kadhannaan isaanii gara waaqaatti ol bahe. Warri adduunyaa kana irraa dabaan ajjeefaman dhiigni isaanii waaqa  ergamtootaa  duratti  ni  jaallatame.  Ji’oota  kana  keessa qulqullootni  samiitti  jiraatan sagalee tokkoon ta’anii wal-ta’anii ni galateeffatu. Ilma namaaf illee dhugumaan ni kadhatu. Uumaa isaanii ni galateeffatu.” (Heenok 12፥33). Warri fooniin du’an warra fooniin hin duuneef, akkasumas warri fooniin hin dune warra fooniin du’aniif ni kadhatu jechuun kanuma.

Waaqayyoon Kadhaa fi Araarsummaa Qulqullootaatiin nu haa eegu.

Amen

M/K/O/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa

Waldaa Ququllootaa

Qindeessaa Barnootaa Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu’ummaatti Kutaa ijoo Babal’iinsa Lallaba Wangeelaatiin  qophaa’e.

Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6፥16)

   Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko
Ameen.

Barruun kun kaayyoo lamaaf qophaa’e. Kaayyoon inni duraa warri amntii kana (Ortodiksi Tawaahidoo) keessa jirru beekumsi nuti amantii keenyarratti qabnu dagaagee ‘Hordofaa, amantiin fi beekumsaan badhaadhe’ taanee amantii keenyaan akka cimnu yoo ta’u, inni lammaffaan immoo akkuma raajiichi “Uummanni koo dhaba beekumsaa irraa kan ka’e bade jira” (Hos. 4፥6) jedhetti, warroota waa’ee amantii kanaa (Ortodoksi Tawaahidoo) hubannaa gahaa odoo hin qabaatiin barsiifannaa dogoggoraatiin badaniif karaa gara amantii ishii dhugaa ittiin deebi’an akka ta’uuf barbaadamee ti. Read more

Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti

“Gooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture.”

(Hoj.D.B. 247)

Kaayyoon ijoo qophii barruu kanaa:-

  • Waa’ee fayyina dhala namaa ilaalchisee warroota karaa ifa ta’een hubachuu hin dandeenyeef waa’ee  fayyinaa waan isaan haasa’an Kitaaba Qulqulluudhaan ala kan ta’e ta’uu isaa agrsiisuuf barbaadamee ti.
  • Warroota “Amantiidhaan qofa /amanuudhaan qofa/ fayyina.” jedhaniif  barsiifatni isaanii dogongora akka ta’e ibsuu; sababni isaas amantiin hulaa/karra/ fayyinaa ti malee, mataa isaa ‘fayyina’ miti. Sababni inni ‘hulaa/karra / fayyinaa ti.’ jedhameef illee, isaan alatti /amantiin alatti/ gara kamiyyuu deemuun waan hin danda’aamneef dha.
  • Gocha fayyinaa isa Fannoo irratti taasifameen Addaam fi ijoolleen isaa maal irraa akka fayyan addeessuu/ibsuu/ dha.
  • Maal irraa fi akkamitti akka nufayyise ibsuuf; fayyina keenya haala kamiin raawwachuu akka qabnu hubachiisuudhaan warroota waa’ee fayyina ilma namaa ifa galeessatti hin hubanneef /warroota barsiifata dogoggoraa qabaniif/ deebii kennuuf fi addeessuuf dha.

       Seensa

Dhalli namaa abbooma Waaqayyoo diiguu isaatiin Waaqayyoo irraa adda bahe. Kiyyoo seexanaan qabamee, hammeenya diyaabiloosiin summaa’ee waggoota 5500f si’ool keessa jiraate. Kufaatii dhala namaa irraa eegalee fedhiin dhala namaa fayyina argachuu ture. Dhalli namaas abdii fayyinasaa Waaqayyoo irraa argatee abdiidhaan jiraate. Fayyini dhala namaa abdii fayyinaa Waaqni kenneen, raajiin ni dubbatame, soomanni ni labsame. Read more

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

(Kutaa-2)

 Waxabajjii 17                                                                                                                      Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

1.      Daawiit fi Golyaad

Amma immoo wal’aansoo Daawiit fi Goolyaad keessatti falaasama humnaa isa haarawaa ilaalla. Golyaad kan jedhamu namni Filisxeem, dheerinni isaa ciqilee ja’aa fi taakkuu tokko kan ta’e, gootni muummeen dhufe. Golyaad kun  gonfoo sibiilaa  bifa booraa (boorrajjii) mataa isaa irraa qaba; maddaa sibilaa waan akka qurxummiis uffatee ture; maddaan sibilaa sunis akka kiloogiraama shantamii torbaa /57/ ulfaata ture. Wanta akka qola mukaa sibiila  irraa tolfame kan bifti isaa boora ( boorrajjii)  miila isaatti maratee, bode sibiila  gateettii isaa  irra qaxxaamursee hidhatee ture. Qarri eeboo isaa sibiila akka kiiloo giraama torbaa ulfaatu irraa kan hojjetame ture; namni gaachana isaa baatuufiis isa dura ni adeema ture (1Saam. 17:4-7). Warra Israa’eeliinis isaan keessaa goota tokko akka dhiyeessanii fi qaamni mo’ate garee isa biroo garba akka taassisatu itti hime (1Saam. 17:8-10). Warri Israa’eel garuu ni sodaatan, ni riifatanis(1Saam17:11).

Goolyaad akka hiikaa barnoota Mana Kristaanaatiin, diyaabiloosiin fakkeeffama. Ummatni Israa’eel ijoollee Addaam sodaa fi bittaa cubbuu jalatti kufanii diyaabiloosiin mankararaa turaniin fakkeeffamu.Ilmi namaa bu’uura olitti ibsameen, dhimmoota kan madaalu ija fooniitiin waan ta’eef, falaasama humnaa isa moofaan waan Gooliyaad/diyaabiloos bu’uura armaan olitti ibsameen nama naasiisu danda’uu fi kan harkaa bilisa ba’uu hin dandeenye itti fakkaata. Jireenya keessattis kan nu qunnamu, waan rakkoon nu marse humna namaatii ol ta’eef, injifannoon nurraa fagoo nutti fakkaatee bitaa mirgi keenya qilee nutti ta’a. Garuu, falaasama humnaa isa haarawaan, wanta namaaf ulfaataa ta’e hunda, osoo baay’inni hoomaa hin jiraanne raajii Waaqayyootiin injifachuun ni danda’ama.

 

Daawiit ammoo, nama Eefraataa kan ta’e Ilma Isseey ture.  Isseey ijoollee saddeettan qabu keessaa, Daawiit mucaa isa dhumaa yoo ta’u, ijoolleen sadii: Eelyaab, Aminaadaabii fi Shaamaah iddoo dhaadannoon Goolyaad jiru kanatti waraanaaf hiriiranii turan (1 Saam. 17:13). Goolyaadis ganamaa fi galgala dhiyaachaa guyyaa Afurtamaafis mul’achaa ture. Isseeyis ilma isaa Daawiitiin akka gara obboolleewwan isaatti galaa fuudhee deemu ergeen. Daawitiis hoolaa isaa tiksee biraatti dhiisee, ergaa ergameef galmaan ga’uutti qaarii’e. Uummanni Israa’eelis yemmuu sana sulula Eelaa keessa turan (1 Saam 17:17-25).

Hayyoonni Mana kiristaanaa seenaa kana keessattiis Daawwiit Ilma Waaqayyoo, Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoosiin yoo fakkeessan, abbaa Isaa Isseeyi ammoo abbaa Goftaa keenya  Iyyasuus Kiristoosiin Waaqayyo Abbaadhaan fakkeessu (Father Tadros Yaay’qoob Malati, Interpretation of The Book Of Samuel, fuula 22). Waaqayyoon addunyaan hundi Ilma Isaan akka fayyu, bittaa diyaabiloos jalaa akka bilisa ba’an bakka itti sodaadhaan marfamanitti dhufee sodaa bara baraarraa obbooleewwan isaaf dadhabbii isaanii akka baatuuf ergame (“Waaqayyoon garuu yakka hunda keenyaa Isarra kaa’e”(Is. 53;6)).Iddoon uummanni Israa’eel ture kun garba cubbuu Addaamiif ijooleen isaa keessatti liqinfamaniin fakkeeffama. Gooftaanis kan dhufe iddoo itti dhiphannee fi sodaannee jirru kanatti.

Iddoo waraanichaatti obbooleewwan Daawiit jiraatanillee qabsoon isaanii homaa bu’aa buusuu hin dandeenye. Addaamii hanga, Noohitti, Noohii hanga Abirhaamitti, Abirhaamii hanga Daawiititti, Daawiitii hanga Boojii (Boji’uu) Baabiloonitti, Boojii Baabiiloonii hanga Yoohaannis cuphaatti, Yoohaannis cuphaadhaa ammoo hanga dhalachuu Gooftaatti abbootiin jiran hundi isaanii amantii isaaniitiin ragaan ba’aamuufillee, humni isaan qaban, ilma namaa Goolyaad injifachuuf hin geessisne (Father Tadros Malaty, A Patristic Commentary The Gospel According to St. John, page152). Humna dachee kanaa fi ilma namaatiin osoo hin taane Humna Samii fi Afuurawaatiin akka daawwatamuuf baddaa samiidhaa Ilmi Isaa nuuf ergame. Kanaanis Ilma qofa osoo hin ta’iin, Abbaanis eenyu akka ta’e, kan Ilmi “Maqaa isaa obboolleewwan isaa (ilma namaa)tti himee fi yaa’ii gidduutti anga’oo ta’uu isaa” raggaasiiseerraa hubannee jirra (Faar. 21(22):22, Yooh 14:9).

Hoolonni Daawiit gatee dhufes Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, hooloota 99/hoomaa ergamootaa 99/ dhiisuun hoolaa tokkittii/homaa ilma namaa bakka hoomaa saaxinaa’eel kan bu’e/ barbaacha gara dachee kanaatti dhufuu isaa agrsiisa (Luq. 15:1-7). Golyaad guyyoota afurtamaaf yoo mul’atu osoo walirraa hin kutiin achuuma dhaabbatanii furmaata eeggachuun isaanii waraanni diyaabiloosirratti baname hanga injiifannoon keenya mirkanaa’utti kan addaan kunnee biraa deemnu akka hin taane kan agarsiisu dha. Akkuma abbootiin baroota armaan olitti eeraman, qabsaa’aa bilisa isaan baasu fakkeenya Mana Kiristaanaa ammaa eegachaa turan, nuti warri fayyuu keenya isaan mirkaneeffannee Ilma Waaqaa kan nama ta’een (Yooh 1:14) waliin hoomaa tokko taanee, erga nu fayyisee booda ammoo, mootummaa isaa kana labsuudhaan jaalallee keeenya Kirisoosiif hanga dhumaatti amanamaa ta’uun kan itti fuftu ta’a (Eef 5:21-28). Itti gaafatamummaa addunyaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qabnuunis, hanga uummanni waan barbaadu sana argatutti osoo hin nuffiin tattaaffii cimaa baroota hedduu ce’uutu nurraa eegama.

Daawiitiis, “Gara hoomaa loltootaatti fiige” (1Saam.17:22). Yoo waa’ee rakkoo uummata isaa dhaggeeffatu, obbooleessi isaa Eelyaab, “Maaliif asitti gadi buute? hoolota…. sana hoo eenyuutti gattee dhufte? Ani of-jaja kee fi hammeenya garaa kee waanan beekuuf qabsicha ilaaluuf dhuftee jirta” (1Saam.17:28) jechuun itti dheekkame.

Akkasumas Ilmi Waaqayyoo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis dhuma barichaatti (Ib.1:2) gara dachee kanaatti yoo dhufu yeroo itti addunyaa fayyisuuf murteesserraa waa takka osoo hin barfatiini. Haa ta’u malee, obbooleewwan Isaa ilmi namaa Isa hin simanne (Yoh.1:11). Kabajamuu seera Muuseetiin qofa waan gaaffii Afurawaa uummatichaa hiikan waan itti fakkateef, humna isa haaraa kana fuudhachuu hin dandeenye. Ani Ilma Waaqaati jechuun kan inni ragaa ba’aa dhufe akka waan angoo Isaa malee Waaqaan of qixxeesseetti (akka yakkaatti) jalaa lakkaawwamuun olitti amma Raajootaallee ni ga’a jedahanii yaaduu hin barbaadne (Yoh 19:27).

Falaasama humnaa isa haaraan tajaajilli Waaqayyoo warra dursee mooraa keessa guuteef qofa miti. Warra haaraa dhufaniifisi (Rom 3:1).  Yihudoonni warri dur, raajiin  isaaniif himames ta’e, warra seera lapheetiin waaqeefachaa turan, warra seera Muusee barreeffamaan hin beekne hunda, akkasumas warra falaasama mataa isaaniitiin bulan; hunda isaaniiyyuu tajaajilli Waqayyoo ni ilaallata. Uumriidhaan yeroo hedduu tajaajila keessatti waan lakkoofisisneef amanaan ykn gaabbaan haaraan yoo nutti makamu tajaajilicha innis nurraa akka dhaalu gochuudhaa ala sababa bishaan hin fuuneen ni ifanna yoo ta’e dogoggorree jirra (Mar. 7:8) “Ajaja Waaqayyoo dhiistanii, barmaatilee namaa kabajju” (Mat 12:7). Tarii inni haaraa dhufe humni isaa, falaasama humnaa isa moofaan dadhabaa fakkaatullee, isa haaraan garuu, inni fuulduuraa kan boodaa, kan boodaa ammoo fuuldura waan ta’uuf (Mat 19:30), rakkoo nuti baroota heedduuf uruursaa turre kan hiikan ta’uu waan danda’aniif quxuusicha Daawiit caqasuun ni barbaachiisa.

Jireenya dhuunfaa keenya keessattis ta’e, tajaajiila dhunfaa keenya keessatti keenyuma namootni nuti jennu, obbooleewwan keenya jijjiirama nuti fiduuf yaadnu gadi nu jalaa qicuu danda’u. Obbooleewwaan keenyallee “Hin dandeessani” nuun jechuu danda’u. Falaasama humnaa isa haaraa keessatti quuqamuun Nahimiyaa, Xoobiyaa fi Geessaam tuffiin akka kolfan isaan affeerullee (Nah.2:19) abdii kutuun hin barbaachiisu. Wanti xiqqoon tuffatamtu seenaa hojjachuu waan dandeessuuf, “Nuti garboonni Isaa ni hojjanna, Gooftaan Samiis galmaan ni ga’a” (Nah.2:20) jedhanii kutatanii uummata Waaqayyoo ofirra nu laalaa jiruuf kennaa qabnu hundaan dhaqqabuutu barbaachisa.

Daawiitis kana ka’uumsa godhachhuudhaan homaa akka hin balleessinee fi dhimmi isaan jalaa gadi qicaa jiran kun waan angafa akka ta’e ibsuun dheekkamsaaf deebii jaalalaa deebisee tare (1Saam.17:30).

Gooftaanis ergamni Isaa waan bittaa Roomaa jalaa isaan hin baasneef akka homaa gatii hin qabnetti jalaa tuffatanillee (Luq 24:21), dhugaa inni ragaa ba’eef kaballaan deebii ilma namaa ta’ullee, “Hamaa dubbadheera yoo ta’e, hammeenya koof ragaa ba’i; gaarii dubbadheera taanaan garuu maaliif na rukutta?” (Yoh 18:23) jechuun ala hamaan  osoo afaanii Isa hin bahiin jaalalaan ilma namaaf akka yakkamaatti hidhamee tajaajiluu Isaa itti fufe. Abbaa Isaa waliin qixxee ta’uu Isaa yoo ragaa ba’ullee,  akka waan kabaja ofii hin qabneen of guddisee fi Waaqa arrabseetti itti lakkaa’an (Yoh.19:7).

Egaatii, falaasama humnaa isa haaraa keessatti dhugoominni yaada tokkoo dirqama baay’ina deeggartootaatiin hin mirkanaa’u waan ta’eef, kaayyoo keenyaaf amanamnee itti fufuu qabna. Hammeenyaaf deebiin laatamu hammeenya akka hin taane, maddii keenya mirgaa kan nu kabaleef kan bitaas itti garagalchuu, amma nurraa eeggamuu ol dachaan daballee gaarii hojjachuuf aarsaa kanfaluun falaasama humnaa isa haaraa dha. Diinota keenya jaalachuu, warra nu abaaran eebbisuu, warra nu ari’aniifiis kadhachuun kan Abbaa keenya isa samiirraa; gaarii hamaa, cubbamaa fi qulqulluu jedhee otoo addaan hin qodiin hundaafuu kan roobsu, hundumaafuu kan aduu baasu ta’uu isaa (Mat. 5:38-39,43-45) irraa kan barannu akka ta’e qabatamaan jiraatee Gooftaan nutti agarsiisee jira.

Akka waliigalaatti waan gaarii hojjachuuf murtii angafa ta’e yoo murteessinu, kaan akka waan gowwoomneetti ykn balleessineetti dheekkamsi isaanii akka abiddaa boba’uu danda’a (1Qor.1:18). Keessattuu ammoo, warri ‘amantiin Ortodooksii dhimma uummata muraasaati malee, kan Oromoo ilaallatuu miti’ jedhan, waaqeeffanaa nuti tokkuummaa Mana Kiristaanaatti amannee hoomaa Waaqayyoo waliin tokko taanee deemsiifnu, gaafa argan waan angafa raawwannee otoo jirruu nutti dheekkamu. Jara kanaan kan jechuu qabnu kana gochuu keenyaan nagaroon uummata Oromoorratti raawwanne maali? Amantiidhaan jiraachuun, Kiristaanuummaa simachuun waan angafa mitii? Jechi “Fannoo Goftaa Iyyasuus Kiristoosiin ala Abdiin biroo narraa haa fagaatu”(Gal.6:14) jedhu akkamiin uummata Oromoo maqaa Waaqaa dhahee hin quufneef hin barbaachiisne?Jechuun Eeliyaab obboolessa keenya isa nu mormuuf deebii laachuu qabna.

Seenaa Daawiit warra isaa jaalalaan itti mo’ate kana beekaan amantaa tokko akkana jedha: injifannoon keessaa injiifannoo alaatiin nama ga’a; Daawiit abbaa isaaf ajajamuun obbooleessa isaattis afaan tolaa dubbachuudhaan waan qabsoo keessaa injifateef alattis milkaa’e. Nutis yoo jaalala Mana Kiristaanaatiin booji’amnu, obbooleewwan keenya kan jaalala Mana Kiristaanaatiin boji’amanis ta’ee, kan Mana Kiristaanaa hin hubanne jaalalaan yoo mo’achuu dandeenye akkuma Gooftaan Kaayyoo fayyinsaa mormii obbooleewwan isaa obsee galmaan ga’e, kaayyoo hafuurawaa keenya galmaan ga’uu  dandeenya.

Daawiit Saa’ooliin yemmuu waamamu (1Saamu’eel 17: 31) akkana jedheen: “namni tokkoolee garaa isaatti isa hin sodaatiin; ani garbichi kee Filisxi’eemicha dhaqee nan loolaani” jedhee waadaa gale. Yoo haaloonni jiran akka rakkoo furru nu waaman “maaltu na galche” jennee, irraa baqachuu manna akka Daawiititti tole jennee yoo ajajamne wanti nutti hanqatu hin jiru, kan waamamne  jaalalaafi injiifannoof waan ta’eef. Gooftaanis akkanumatti abbaa isaatiin yoo ergamu, abbaa isaa Waaqayyoo waliin wal qixa ta’uun akka waan angoo irraa fudhatamutti otoo hin lakkaa’iin bifa garbichaa qabatee fakkeenya namaatinis ta’ee of duwwaa godhee of- salphisuun olitti du’aaf, saniinuu du’a fannoo kan yakkamtootni hamaa ta’an habbuuqatan habbuuqate (Fil2:6).

 

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

 

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

          Waxabajjii 2                                                                                                            

              Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

(Kutaa-1ffaa)

1.    Seensa

Mata duree kanaaf ka’uumsa kan ta’e, “Thine is the power and the Glory” kitaaba jedhu, kitaaba paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortoodooksii Kooptiiki Poop Shinoodaa 3ffaan barreeffamee dha. Kitaaba kana keessatti falaasama humnaa isa haaraa yoo seenessu, Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos yoo qabamu, yoo fannifamus ta’e, yoo du’aa ka’u humna qabeessa akka ta’e, ilma namaaf tajaajilli inni aarsaa kanfaluun laate hundi gadi aanaa osoo hin ta’iin hundaa ol humna qabeessa ta’uu Isaa akka ibsan dubbata. Barsiisaa falaasama humnaa isa haaraa kana fakkeenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan ta’e jireenya Daawiit waliin wal bira qabnee, barnootaa abbotii jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaalla.

Kaayyoo barreeffama kanaa:

a)    Falaasama humnaa isa haaraa beeksiisuu;

b)    Falaasama humnaa isaa haaraa kana kan nu barsiise Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosii fi fakkeenya Isaa kan ta’e Daawiitirraa waan barachuu qabnu qalbeeffachiisuu;

c)     Nutis falaasama humnaa isa haaraa kana keessa akka jiraannu, dammaqiinsa Afuurawaa uumuu dha.

 

Adduunyaan kun qaamni tokko humna qabeessa ta’uu isaa ulaagaan ittiin hubattu, waan mul’atutokko irratti hundaa’uuni. Kanneenis  irreedhaan, maallaqaan, beekumsaan, firaanii fi goosaan, akkasumas aangoo fi kanneen kana fakkaataniin olaantummaa horachuu fi kaan of jalatti bulchuu danda’uu dhani.

Falaasama humnaa isa haarawaa keessatti garuu, taayitaadhaan, qabeenyaan, beekumsaanii fi kanneen kana fakkaataniin caalanii argamuun humna qabeessa nama hin jechisiisu. Falaasama humnaa isa haaraa kana keessatti humna qabeessa taanee injifachuuf kan barbaachisu:- jaalala, aarsaa kanfaluu, hanga dhumaatti cimanii kaayyoof wareegamuu dha. Jecha biraan, “Nutis humna qabeessa kan taane dadhabbii dadhabdootaa akka baannu ofis akka hin gammachiisne nu barbaachiisa” (Room.15:1) jechuudha. Humna qabeessa ta’uun, humna qabnu sana  kan beela’ee laachuuf, kan dheeboote dheebuu baasuuf, kan daare uwwisuuf, kan dhibame gaafachuuf kan hidhaame hiiksisuuf oolchuu qabna (Maat 25:41).

Kun, caasaa Mana Kiristaanaa fi abbootii Afuura Qulqulluutiin muudamaniif, akkasumas, qaama Mana Kiristaanaa ta’uun Kiristaanota itti gaafatamummaa ergamummaa fudhachuun ragaa bahuuf dirqama qabaniif (Hoj.1:8), hoolota tiksuudhaan iddoo margi lalisaan jirutti bobbaasuudhaan ibsama (Faar.22:1).

Kuni ammoo, abbootiin hundi isaanii haalli qileensaa, nyaataa, jireenyaa mijachuu baatus kana bira darbuudhaan kabaja qaban hunda gadi buusanii ergama ergamummaa galmaan ga’uuf carraquu akka qaban kan agarsiisu.

 Beekumsa, maallaqaa fi aangoos warri qaban qabatamaan lammii tajaajiiluuf malee tajaajilamuuf akka Waaqayyo carraa sana isaaniif hin laanne hubachuun gadi of qabuu fi naamusa gaariidhaan jijjiiramaaf carraaquu akka qaban agarsiisa (Faar. 69:7).

Falaasama Humnaa isa haaraa kana dhugaa ba’uuf raajootaan dubbatameefii fakkeenyaan kan jiraachaa ture (Mar.12:35-37) Qulqulluu Daawiitii fi, dhugaadhaan kan jiraachaa ture Goftaa keenya Iyyasuus Kiristoos akkamiin dachee kana irratti akka deddeebi’an jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaaluuf yaalla.

 Daawiit bara jireenya isaatti kan isa quunname keessaa yemmuu hoolaa tiksu haala ittiin aarsaa kanfalee fi Gooliyaad waliin wal’aansoo taassise ka’umsa godhanna. Raawwatiinsa taateewwanii, fakkeenyaa fi raajii raajootaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosis ilaalchisee, taateewwan Daawiit quunname kaasuunii fi walitti hidhuun, nama ta’ee, gadi of qabuudhaan hanga du’aatti aarsaa laachuun falaasama humnaa isa haaraa akkamiin akka nutti agarsiise ilaalla.

2.    Daawiit Tiksicha

Daawiit osoo mootii ta’uuf hin muudamiinis ta’e, osoo Gooliyaadiin wal hin falmiin dura tiksee hoolotaa ture. Hoolota kanas kan eegaa ture gammoojjii keessatti. Gammoojjiin kun iddoo bishaanii fi marga hoolota isaatiif barbaachisu argachuun hedduu rakkisaa itti ta’edha. Kanaaf Daawiit “Waaqayyoon tiksee kooti; Kan na dhabsiisuus hin jiru, Iddo dirreen jiidhaan jirutti na bulcha, gara laga itti aara galfatanittis naqajeelcha” (Faar. 22:1) kan jedhee dubbate.

 Kanaaf gammoojjii kessatti, saniinuu biyya Israa’eelitti, hoolaa eeguun imaanaa aarsaa cimaa gaafatuu dha. Daawiit imaanaa kana yoo fudhatu wanti itti hafe ni jira. Akka dargaggeessa tokkootti toora qeyee ta’ee taphachuun, ija maatii isaa fuuldura taa’uun naannoo isaatti boqotee maatii isaa biraa mijuu barbaadu unachuun, dhangaa barbaadu soorachuun waan nama gammachiisuu dha.

 Daawiit kanneen hunda arsaa kanfaluun olitti, firaa fi lammii isaatiin itti gaafatamummaaf jecha waan fagaateef cimina isaas kan ajaa’ibsiifatuuf, kan isa badhaasuus ta’ee, gootummaa isaa kan isaaf faarsu hin jiru. Daawiit itti gaafatamummaa kana ilaalchisee kan haasa’u ofiif Waaqa waliin qofa ture.

Jireenyi Daawiit hoolota eeguuf gammoojjii keessatti hoogganu kun Ilma Waaqayyoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosiin keessa darbamee jira. Akkuma Daawiit abbaa isaaf ilma 8ffaa, quxusuu ta’e, Ilmi Waaqayyoo, Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu, mataa Isaa gadi qabuun quxusuu ta’ee Ilma namaa tajaajiluuf gadi bu’ee jira.

Iddoo kanatti kan dhufe iddoo kabajaan ergamootaan yeroo hunda weeddisamuu gadi bu’eeti. Akkuma Daawiit hoolota isaaf gammoojjii keessatti mankarare Ilmi Waaqayyoos hoolota Isaa kan jedhaman ijoollee Addaam barbaaduuf, tiksuuf, bobbaasuuf dachee kana irratti deddeebi’ee jira (Yoh.10:11). Galata barbaaduuf akka hin jenne, Innoo afaan ergamootaan yeroo hunda weeddifama (Is.6:2-4). Aangoof akka hin jenne, Innoo Abbaa Isaatiin wal qixa Waaqayyodha (Yoh.14:13-14, 1:14-15, 1Yoh 5:20). Addunyaan kun hawwii isaa guutuu waliin Isa fuulduratti kan gatii hin qabne dha (1Yoh.2:15-17).Homaa wanti barbaade hin jiru. Falaasama humnaa isa haaraadhaan kanfaltiif faayidaa malee, waan akkanumatti bilisaan ilma namaa jaalateef (Yoh.3:16-17).

Namoonni yeroo baay’ee iddoo taajjabdoonni hedduun jiranitti harki rukuutameefii, gatiin maallaqaan shallagamu kanfalameefii olaantummaan labsameefii hojiin  isaanii hin mul’anne taanaan waan hojii hojjatan itti hin fakkaatu. Garuu seerris iddoo nu gaafachuu dadhabetti, itti gaafatmaan keenyas iddoo nu hin agarretti kan nu gaafatu Waaqayyo ni jira jedhanii imaanaa tajaajila uummataa  Afuurawaas ta’ee kan dachee kanaa galmaan ga’uun barbaachisaa dha.

Waaqeffannaan keenyas kanfaltii dachee kanaan kan deeggaramu osoo hin taane kanfaltii samiitiin ta’uu isaa hubannee, horiin moraa guutanis guutuu baatanis, firiin wayinii guutus hir’atus, (In 3:16-18) aarsaa kanfaluudhaan jalqaba keenya xumuruun falaasama humnaa, kiristaanummaa keessatti gonfachuu qabnu dha.

Daawiit gammoojjii kana keessatti osoo hooloota eeguu, Leencii fi Hamaagotni hoomaa isaa keessaa hoolota isaa jalaa fudhata ture. Homtuu na hin argu jedhee lubbuu isaafis sodaatee harka maratee taa’uudhaa mannaa Leenca hoolota isaa fudhate faana bu’a ture.

Haaluma wal fakkaatuun Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis, hoomaa ergaamoota hedduu qabu biratti ilmi namaa hoomaa inni qabu kan biraati. Homaan ilma namaa tokkichi kuni waan Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloosiin fudhatameef isa harkaa nu oolchuuf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos arjoominaa fi gara laafina Isaatiin dadhabbaaf quuqamee, of tuultota yaada laphee isaaniitiin falaasama humnaa moofaa irratti hundaa’uun boonu seexanaa fi hoomaa isaa bittinsuuf (Luq 1:51-52) homaa isaa dhiisee tokkicha Addaam Barbaaduuf dhufe(Luq. 15:8).

Ammas Manni Kiristaanaa hoomaa ishee keessaa Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloos feedha fooniitiin, jaalala Addunyaatiinii, fi shakkiin yoo fudhatamu faana buutee leenca kana harkaa gachisiisuu qabdi. Kuni akka ta’u qaamni ajaju hin barbaachisu, quuqamuufii rakkoo jiru hubachuu qofa dha. Keessattuu, Uummata Oromoo ilaalchisee qorumsa shakkitootaa, alagootaa fi siyaasaa hedduudhaan kan marfame ta’uun isaa, osoo homtuu nu hin dirqisiisiin waan ilma namaa jaalannuuf, motuummaa Waaqayyoos akka dhaalu dharraanuuf qofa eegamuu hoolotaa kanaaf gatii kanfaluu qabna.

Odeeffannoon Istaatitisitiksii Biyyooleessaa, bu’uura agarsiisuun gutuu Oromiyaatti lakkoofsi hordoftoota amantii Ortdooksii danuu ture qabatamaadhaan gadi bu’uun isaa qajeelummaan amantii keenyaa akkuma eeggameetti ta’ee, hoomaa kana keessaa hoolonni leenci fudhate hedduu ta’uu isaa fi tiksoonni hoolaa faana osoo hin bu’iin irribaan liqinfamuu isaanii nutti agarsiisa. Daawiitiif falaasamni humnaa, gammachuu isaaf osoo dursa hin kenniin imaanaa itti laatameef aarsaa kanfaluu ture.

Falaasama humnaa isa haaraa kana kan nu barsiisee, nutillee fakkeenya kana faana akka buunu kan nutti hime, (1Pheex. 2:21) Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Ragaa kana nuuf dhugoomsu argachuuf yeroo Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dachee kana irratti foon wajjin tokko ta’ee ( nama ta’ee) itti deddeebii’e xiinxaluun bira ga’uu dandeenya.

Ilmi namaa sababa seera Waaqayyoo kabajuu dideef, adabbii du’a bara baraa jalatti kufuun dirqama itti ta’ee ture (Uum.3). Mataa sanyii namaa ta’uun (Eef.5:23) addunyaa  kanatti barbaacha Addaamiif kan dhufe (Uum. 3:10, Yooh. 1:11); Gooftaan  keenya Iyyasuus Kiristoos cubbuu keenya hundumaa baate (Is. 53:6). Kana jechuun Inni Qulqulluu fi abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu cubbuu Addaamiin cubbamaa fi kan seerri du’aa irratti raawwatamu ta’e.

 Kan Ergamoonni bara baraaf osoo walirraaa hin kutiin “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu” jechuun galateeffatan salphina keenya baatee (Filph. 2:6-8) arraba keenya obsuun, qaaniinis fuula Isaa uwwiste (Faar. 69:7).  Cubbuu Addaam baachuu qofa osoo hin taane, ilma namaa hundaaf jaalala qabu ibsee jira; dhiifamas gaafachuun ilma namaatiif osoo inni aanga’oo ta’ee isa ajjeessaa jiranii, humna Isaa kanaan addunyaa balleessuun hammeenya ilma namaatiif deebii yoo laachuu danda’u (1Pheex.2:23), “Yaa abbaa waan raawwatan waan hin beekneef, dhiifama isaaniif godhi” jedhee diinoota Isaaf jaalalaan kadhatee jira (Luq 23:34).

Egaa, jaalalli Kiristoos kun humna isa dhugaa onnee jaalalaan guutamerraa madduu danda’uu dha. Akkuma aarsaa kanfaluuf osoo hin siqiqiin Daawiit kokkee  (morma) Leencaatti harka isaa ergee, afaan Leencaa keessaa hoolota isaa baraaretti,Gooftaan keenyas ijoollee Addaam kookkee diyaabiloos ilma namaa liqmse keessaa baasuuf du’uufillee ta’u duuti Isaa falaasama humnaa isa haaraan injifannoo waan ta’eef (1Qor. 1:18) duubatti hin jenne.

Qaamni itti gaafatamummaan itti dhagahamu hundi osoo hin siqiqiin rakkoowwan hawaasicha liqimsaa jiranirraa baraaruuf aarsaa kamiyyuu kanfaluun gowwummaa osoo hin taane injifannoo guddaadha. Injifannoo kana argachuuf Waaqayyo nu haa qarqaaru.

nuuf haa turu

 

Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati

      Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati (Faar 86: 1)

                                                             Dn. Dajanee Gasheetiin

Jecha kana kan dubbate Waaqayyo kennaalee hedduun kan isa eebbise, mootii Israa’eel kan ture Raajicha Daawiiti. Kennaawwan hedduu inni ittiin ebbifame keessaa tokko kennaa raajii dubbachuu ture. Bakka kanatti kaayyoon inni itti raajii kana dubbateef, Waaqayyo Dubroo Maariyaam foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fudhachuun Tokkoomaaf (Tawaahidoof) ishee filachuusaa hubachiisuufi. Raajichis wanta qabatamaan mul’atu Tulluu Tsiyoonitti fayyadamuun, tulluu iccitii kan taate waa’ee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dubbateera.  Barnoota kana keessatti Dubroon Maariyaam tulluu qulqulleettii tulluuwwan qulqullootarraa argamte ta’uushee baranna. Akka fedha Waaqayyootti, maaliif akka tulluutti fakkeeffamtes ni mari’anna. Sagalichis akkas jedha:

            Bu’uuronnishee tulluuwwan qulqullootarraati. Dunkaanota Yaa’iqobirra Waaqayyo           balbaloota Tsiyoon jaalata. Yaa magaalaa Waaqayyoo waa’ee kee wanta dinqiitu          dubbatame. …Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni            dhalate; Inni Ol Aanichi ofumasaa ishee hundeesse (Faar. 86: 1-5).

Sagaleen armaan olii waa’ee iccitii Tulluu Tsiyoon nu hubachiisa. Jechi Tsiyoon jedhu hiika afuuraa hedduu qaba. Kanaaf, icciticha hubachuuf maalummaa Tsiyoonirraa eegaluu qabna.

 

 

 Tsiyoon jechuun maali?

Tsiyoon jechuun hirkoo,  gaaddisa yookaan kan itti baqatan jechuudha. Jechi kun jalqaba tulluu dheeraa biyya Filisxeem keessa jiruuf kenname. Tulluu kana Daawwiit Iyyaabuusonni daannoo taasifatanii kan turan irraa fudhachuun ijaaree magaalaa guddittiisaa taasifate (2 Saam 5:6-9). Kanaafis, Tsiyoon magaalaa mooticha guddaa Israa’eel jedhamte. Mootichi Daawiit Taabota Kakuu Waaqayyoos bakka duraan jiraachaa turerraa fidee magaalittii keessa kaa’e. Sababa kanaaf, Taabotichis Taabota Tsiyoon jedhame (2 Saam. 6:1-23). Jechi Tsiyoon jedhu isa booda babal’achuun magaalaa Iyyaruusaaleemii fi Uummata Israa’eel hunda bakka bu’uun dubbatamaa tureera.

 

 Tulluun kun hiika kallattiin biyya yookaan lammiilee Israa’eel agrasiisus, iccitii afuuraa hedduu qaba. Iccitii inni guddaanis haadha jireenyaa, bu’uura fayyinaa, gonfoo ulfinaa fi abdii dhala namaa kan taate Dubroo Maariyaam agarsiisuusaati.

 

Dubroon Maariyaam Tsiyoon jedhamti.

Akka armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon jechuun hirkoo fi gaaddisa itti baqatan jechuudha. Qulqulleettiin Maariyaamis gaaddisa yookaan hirkoo lubbuu fi foonii, akkasumas hirkoo qulqullootaa fi cubbamootaa waan taateef Tsiyoon jedhamti. Magaalittii biyya lafaaf hiikni Tsiyoon jedhamu kan kenname sababoota adda addaafi. Innis, namoonni badii hojjetan magaalittiitti baqachuun,  murteen sirriin achitti itti murtaa’aa ture. Akkasumas, warri dhugaa qabanimmoo magaalittii keessatti murteen haqaa isaanii murtaa’aa tureera.

 

Haaluma wal fakkaatuun, Dubroon Maariyaam ilmi namaa cubbuu Addaamii fi Heewaan hojjetaniin kabaja fakkeenya Waaqayyoon uumamee fi mucummaa Sillaasee dhabee ture sababasheetiin deebisee waan argateef Tsiyoon (gaaddisa) jedhamti. Waaqayyo foonsheerraa foon lubbuusheerraa, lubbuu fudhachuun Nama ta’ee gatii cubbuu nurra jiru guyyaa Jimaataa aarsamuun fannoorratti nuuf  kaffale(nurraa haqe).  Jannataa fi Mootummaa Samiittis nu deebise. Kanaaf, Giiftiin keenya gaaddisa ibidda adabbii jalaa itti boqonnee fi bultii duraan dhorkamnee turre kan itti deebinee arganne waan taateef, Tsiyoon dawoo (gaaddisa) hunda keenyaa jedhamti.

 

Namoonni tokko tokko jechi Tsiyoon jedhu “Qulqulleetti kan taate Giiftii keenyaaf raajamuusaa akkamitti beekna?” jechuun shakku. Akkuma armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon magaalaa teessoo mooticha guddaa kan Israa’eel fi bultii Waaqayyoo akka jedhamtu hubanneerra. Mootittii Dachee fi Samii (Faar. 44: 9) kan taate Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaamis magaalaa Waaqayyoo fi Tsiyoon haadha hunda keenyaa jedhamti. Sababa kanaafis “ Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni dhalate” jedhameera(Faar. 86: 5). “Namni keessatti dhalate” kan jedhame, foonii fi lubbuu isheerraa fudhachuun kan Nama ta’e Uumaa Samii fi Dachee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi. Kanaaf, Dubroon Gooftaa keenyaaf deessuu haadhasaa yoo taatu, hunda keenyaaf immoo haadha afuuraa nuu taati. Qulqulleettiin Maariyaam guyyaa Jimaataa fannoo jalatti karaa abbaa keenya qulqullicha Yohaannis abbaa Wangeelaa “Kunoo haadha kee” jechuun nuu kennamteetti (Yoh. 19: 27). Giiftiin keenya Yohaannis,isa hunda keenyaaf abbaa afuuraa ta’uuf yoo haadha taate, shakkii tokko malees haadha hunda keenyaati jechuudha.

 

Tsiyoon haadha Waaqayyoo ta’uusheef shakkiin hin jiru. Kitaabni Qulqulluun haqa afuuraa kana sirritti nu hubachiisa. Faarfatichi Daawiit akkas jechuun raajii dubbateera: “Ani garuu mootii kiyya tulluu qulqulluu Tsiyoonirrattan muude” (Faar. 2: 6-7). Tulluu Tsiyoonirrattan muude jechuunsaa, Mootiin Dachee fi Samii Gooftaan keenyaTsiyoon kantaate Dubroo Mariyaamirraa dhalachuusaa hubachiisa. Tulluu jechuunsaas kabaja qabduun dubartoota hundaa ol, hojiisheetiin immoo hirkoo hundaa kan taaterraa dhalachuusaa hubachiisa.

 

Haati keenya Tsiyoon Deessuu Waaqayyoo qofa osoo hin ta’iin, bultiisaa bara baraaatis. Abbaan keenya Daawiit dhugaa kana “Waaqayyo Tsiyooniin waan filateef…kun bara baraan bultii kooti. Waanan filadheeruuf isheerran bula” jechuun dubbateera (Faar. 131: 13-14). Waaqayyo kan jedhame Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yoo ta’u, bultiinsaa bara baraammoo Dubroo Maariyaami.  Namni Tsiyoon kan jedhamte “Dubroo Maariyaam miti” jechuun shakkuu fi mormu yoo jiraate dogoggoreera. Sababnisaas bultiisaa bara baraa kan taate Dubroo Maariyaam qofa waan taateef. Hiika kallattiin tulluun Tsiyoon bultii Waaqayyoo bara baraa ta’uu hin danda’u. Sabanisaas Dachee  fi Samiin ni darbu (Maar. 13: 31) jedha Kitaabni Qulqulluun. Gooftaan keenya garuu foonii fi lubbuu Dubroorraa fuudheen waggaa soddomii sadii fi ji’a sadii lafarra deddeebi’e. Inni foonichaan du’ee, du’a moo’uun ka’e; foonichaanis mirga abbaasaa taa’e. Foonichuma uffateenis deebi’ee dhufa. Kana hubachiisuufis ergamoonni guyyaa Gooftaan keenya gara mirga abbaasaatti ol ba’e “Akkuma gara Samiitti bahuusaa argitan akkasumattis deebi’a” jechuun kan dubbatan (Hoj. 1: 11). Kunis foon Giiftii keenyarraa fuudheen kan tokkoome (Tawaahidoon kan kabajame), foonichumaan deebi’ee dhufa jechuusaaniiti. Kanaaf, haati keenya Tsiyoon bultii bara baraa Waaqayyooti.

 

Bu’uurri haadha keenyaa eenyu?

Daawiit abbaan faarsaa “bu’uurrishee tulluuwwan qulqullootarraati” jedha (Faar. 86: 1). Tsiyoon jechuun hiika iccitiitiin Giiftii keenya Dubroo Maariyaam agarsiisa yoo jenne, “bu’uurrishee tulluu qulqullootarraati kan jedhummoo maali?” jechuun gaaffiin gaafatamuu ni mala. Kitaabni Qulqulluun “mukti gaariin firii gaarii buusa” jedha (Maat. 7: 17). Dubroo Maariyaamis gaarii abbootii gaariirraa argamte, qulqulleettii abbootii qulqullootarraa dhalattee fi kabajamtuu abbootii kabajamoorraa dhalatte. Kaanaaf, burqaanshee tulluu qulqullootarraati jedhe.

 

Giiftiin keenya sanyii abbaa amantaa kan ta’e Abrihaamii fi laphee Waaqayyoo kan jedhamu Qulqullicha Daawiit jalaa akka argamte kitaabni ni mirkaneessa. Ragaa ifa ta’es Maateewoos abbaan wageelaa keewwata waa’ee dhaloota Gooftaa keenyaa barresserratti lafa kaa’eera. Innis

“Kitaaba dhalootaa Iyyasuus Kiristoos Ilma Daawiit, Ilma Abrihaam “ jechuun Gooftaan keenya qomoo Daawiitii fi Abrihaamirraa dhalachuusaa hubachiisa (Maat. 1:1). Dubroon Maariyaam immoo intala Daawiitii fi intala Abrihaam jedhamti.  

 

Raajichi Isaayyaas “Hundee Isseeyirraa uleen ni baha; jalasheeraas daraaraan firii kenna” (Isa. 11: 1) jedha. Iccitiinsaas uleetti kan fakkeeffamte qulqulleettii Maariyaamirraa Firii Jireenyaa kan ta’e Gooftaan daraaraa (habaabootti) fakkeeffame dhalachuusaa hubachiisa. Asirratti uleen Firii Jireenyaa argamsiifte Dubroon sanyii Isseey yookaan qomoo Daawiitirraa dhalachuushee nu hubachiisa. Kanarraan kan ka’e, qulqulleettiin Maariyaam Mootittii intala mootichaa jedhamti (Faar. 44: 9). Sanyii Abrihaamirraa dhalachuu isheemmoo qulqullichi Phaawuloos jecha ifa ta’een barreesseera. Sagalichis “Sanyii ergamootaa qabate osoo hin ta’iin, sanyii Abrihaam qabateera” (Ibr. 2: 16) jedha.  Duukaa bu’ichi “Sanyii Abrihaam qabateera” jechuun haati keenya qomoo Abrihaam jalaa bahuushee nu hubachiisa.

 

Waaqayyo Gooftaan duraan dursee Kakuu Moofaa keessatti abbaa keenya Abrihaamiin “Horteewwan biyya lafaa hundi siin eebbifamu” (Uum. 12: 3) jedheet ture. Kunis Abrihaam bu’uura eebbaa ta’uusaa hubachiisa. Eebbi kun kan dhugoome Heewaan Lammaffaa, burqaa eebba addunyaa fi sababa fayyinaa kan taate Dubroo Maariyaamiini. Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaam addunyaa dogoggora Heewaaniin abaaramteef sababa fayyinaa taateetti.  Heewaan cubbuun gara addunyaatti akka galuuf sababa taate. Ilmashee Qaayen obboleessasaa Abeel yeroo jalqabaaf  xoofoo du’aa dhamdhamsiises deessetti. Heewaan du’a gara addunyaatti simatte jechuudha. Heewaan lammaffaa kan taate Dubroo Maariyaam garuu, mallattoo qulqullummaa fi amanamummaa taate. Yeroo addunyaan hundi cubbuutti jilbeeffate, Dubroon qulqulleettii taatee fundura Sillaaseetti argamte. Giiftiin keenya Addaam lammaffaa kan ta’e, du’aa fi Diyaabiloosiin kan moo’e Gooftaa keenya deesse.  Kanaaf, Dubroon haadha jireenyaa jedhamti. Abaarsi Heewaaniin gara addunyaatti seene sababasheetiin gara eebbaatti jijjiirameera. Sababa kanaaf, horteewwan biyya lafaa hundi isheen eebbifaman. Uummatoota hunda Dhiigasaa fannoorratti dhangalaaseen araara kennuufiin tokko taasise (Eefe. 2: 16) Tokkichi Ilma Waaqayyoo Tokkoomaan (Tawaahidoon) isheerraa dhalate.  Qorichi biyya lafaa Ilmashee waan ta’eef, Dubroon eebba addunyaa taateetti. Kanaaf, waadaan Abrihaamiif Waaqayyo gale isheen raawwate jechuudha.

Walumaa galatti, Dubroon abbootii qulqullota kanarraa waan argamteef bu’uurrishee tulluu qulqullootarraati jedhamte.

            Maaliif tulluutti fakkeeffamte?

Haati keenya qulqulleettiin Maariyaam hundee gaariirraa kan argamte kabaja qabeettii, qulqullootarraa kan argamte qulqulleettii ta’uushee hubanneerra. Kabajni Giiftii keenyaas adda kan ta’e. Waaqayyo, namootaa fi ergamoota fuuldurattis jaalatamtuu fi filatamtuudha. Kabaja addaa fi guddaa ta’e qabaachuusheerraa kan ka’es tulluutti fakkeeffamteetti. Sababni isheen tulluutti fakkeeffamteefis hedduudha. Isaan keessaa gurguddoowwan sadan ilaalla: 1) Tulluun bakka lafaarraa ol fagaatee mul’atu qaama Dacheeti;  Ayyaanettii Giiftiin keenya  Dubroo Maariyaamis kabaja uumamootaa ol ta’e qabdi. 2)Tulluun dhagaachaa fi wantoota jijjiirama uumamaaf dafanii hin saaxilamnerraa uumama; Dubroo Maariyaamis kabaja haadhummaa fi yoomar-dubrummaa hin jijjiiramne qabdi. 3) Tulluun yeroo rakkoo kan itti baqatan dawoo baqaati; Dubroo Maariyaamis addunyaan gaaddisa haadhummaashee jalatti kan godaante dawoo yookaan gaaddisa hundaati.

 

     Kabaja addaa Giiftii keenya Maariyaam

Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam Deessuu Waaqayyoo, Teessoo yookaan magaalaa Uumaa Dachee fi Samii fi yoomar-Dubroo waan taateef, kabaja addaa qabdi. Dubartoonni kaan haadha yoo ta’an, dubra ta’uu hin danda’an; dubra yoo ta’animmoo, haadha ta’uu hin danda’an. Dubroon Maariyaam ayyaana hedduun eebbifamtee fi surraa Waaqayyoon guutamte garuu, haadhummaa fi yoomar-dubrummaa tokko taasiftee qabachuun bara baraan eebbifamteetti. Waaqayyo foonsheerraa foon, lubbuusheerra lubbuu fudhachuun Tokkoomaan (Tawaahidoon) nama ta’e.  Gooftaan Iyyasuus Kiristoos Dhugumaan Waaqa, dhugumaanis nama yoo ta’u; isheenimmoo dhugumaan haadha Waaqayyoo;deessuu Waaqayyoo,haadhaa fi Dubroo barabaraa ta’uun kabaja addaa qabdi.

 

Dubroof kabaja addaa kan kennee fi akka kabajamtu kan taasise Waaqayyo Gooftaa Ofumasaati. Kitaabni Qulqulluun “Inni Ol Aanichi Ofumasaa ishee hundeesse” (Faar. 86: 5) jedha. Kana jechuun, Inni dubartoota keessaa ishee filatee kabaja addaan akka kabajamtu taasisuusaa mirkaneessa. Bakka biraattis Raajichi Daawiit “Ol Aanichi bultiisaa qulqulleesse; Waaqayyo ishee keessa waan jiruuf hin raafamtu” (Faar. 45: 4-5) jedha. Kunis, Waaqayyo Gooftaan bultiisaa kan taate Dubroo dubartoota hunda keessaa kabaja addaan qulleessee uumee Tokkoomaaf (Tawaahidoof) ishee filachuusaa hubachiisa. Kabjni isheef kenname yoomuu akka hin dabarre mirkaneessuuf  “… gidduushee waan jiruuf hin raafamtu” jechuun dubbate. Dubratoonni kaan yeroof dubra yoo ta’an, booda garuu haadha ta’uunsaanii dirqama; fooniin dubra ta’anis, yaadaan dubra ta’uu hin danda’an. Dubroo Maariyaam garuu yaadaan fi fooniin akkasumas, yaaduun, gochaan fi dubbachuun barabaraan Dubroodha. Kennaawwan gurguddoon kunneenii fi kan akka duumessaa baay’atan isheef kennaman biroon dubartoota keessaa adda ishee taasisu.

 

Ulfinni maqaasaaf haata’uuti, kan Waaqayyo irraa dhalate osoo hin ta’iin, bakki Inni dhaabbateyyuu kabaja guddaa qaba. Fakkeenyaaf, yeroo Waaqayyo Museef Tulluu Siinaarratti Tsillaatii seerota kurnan qabu kennuuf mul’ate, “Kabajni Waaqayyoo Tulluu Siinaarra taa’e” jedha (Deeb. 24: 16). Erga tulluun Waaqayyo irratti mul’ate kabajaan guutama ta’ee, Dubroo Maariyaam, deessuun Waaqayyoommoo kabaja guddaa hunda caaluun guutamuunshee shakkii tokkollee hin qabu.

 

Nutis Giiftii keenyaan yaa ulfina qabeettii  haadha Waaqayyoo kabajnii fi ulfinni siif haa ta’u jennee kan ishee faarsinu, sagada kabajaa kan isheef sagannuu fi araarashee qulqulluu kan ishee gaafannu kanaafi. Sababnisaas, kan Waaqayyo ishee eebbisee fi haadhummaaf ishee filate eenyuullee gadi ishee qaqqabuu waan hin dandeenyeefi (Room. 8:33). Fakkeenyaaf, Harree Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa Hoosaa’inaa  ittiin Iyyaruusaaleem seeneef, uummanni magaalittii kunuunsa guddaa taasisaniifiiru (Maat. 21: 1-8). Egaa harreen Gooftaan irra taa’e kabaja akkasii yoo argatte,  Dubroon ayyaanaan guutamte, Waaqayyo Gooftaa Hoomaa ji’a sagalii fi guyyaa shan garaatti baatte akkam kabaja caalu qabaattiree?

 

Haati keenya Dubroo Maariyaam kabaja addaa qabaachuushee raajota Kakuu Moofaa fi duukaa buutota Kakuu Haaraan qofatu dubbate miti. Ergamaan samii sooraan Kakuu Haaraa Qulqullichi Gabri’eelis haala nama ajaa’ibsiisuun ishee gammachiiseera. Ergamichi “Ati dubartoota keessaa kan eebbifamte” jechuun lubbuun, fooniin fi yaadaan eebbifamuun surraan (grace) guutamtee haadhummaa Waaqaaf filatamuushee ibsa. Kabajnii fi surraan Giiftii keenyaa kan Suraafeelii fi Kiiruubeel ni caala. Qulqulleettii ta’uusheetiin obboleettii ergamootaa jedhamti. Waan Waaqayyo deesseef, kabajaan garuu ergamoota ni caalti. Kiiruubeelii fi Suraafeel Gooftaa kabajaaf teessoo Inni ulfinaan irratti mul’atu baatu.  Durboon Maariyaam garuu bultiisaa dhugaa fi Deessuu Waaqayyoo waan taateef, ergamoota ni caalti. Walumaa galatti, kabajnishee uumamootaa ol, Waaqayyoo gadi kan ta’e.

 

Fakkeenyaaf, ergamoonni Teessoo Sillaasee baatan akkatti fuuldurasaa dhaabatan Isaayyaas akkasitti ibsa: “… tokkoon tokkoonsaaniis kaattuu(koochoo) jahaa qabu ture. Kaattu (koochoo) lamaan fuulasaa haguuggata ture; kaattuusaa lamaan miilasaa haguuggata ture; kaattuusaa lamaan ni balali’a ture” (Isa 6: 2).  Kaattuu yookaan koochoosaanii lamaan fuulasaanii haguuggachuun, fuula Kee ilaaluun nuuf hin malu jechuusaaniit. Laboobbii (koochoo) lamaan miilasaanii  haguuggachuun, fundura Kee dhaabbachuun nuuf hin malu jechuusaaniit. Koochoo lamaan balal’uunsaanii deeman deeman iccitiin Kee bira hin gahamu jechuusaaniiti. Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam garuu barbadni Waaqummaa yeroo garaashee keessa bule, ishee hin gubne; yeroo harkaan qabatte, qomatti ammattee fi dugdatti marxifatte (baatte)ishee hin gubne. Kanaaf, Dubroon kabajamtuu hundaa oliiti.

 

Garaanshee barbadaan keessa bule, harkishee barbadaa ammate fi dugdishee Isa marxifates kabaja guddaa qabu. Waa’ee kabaja Giiftii keenya Dubroo Maariyaam kan dubartiin tokko dubbatte xiinxaluun qofa gahaadha. Isheenis Wangeela Luqaas 11: 27 irratti “Garaan Si baattee fi harmoonni Ati hoote eebbifamtoota” jechuun kabaja Giiftii keenyaa ibsitteetti. Dhugumaanis garaan Gooftaan ergamoonni fuuldurasaatti sodaan rom’an keessa bule eebbifamaadha. Harmi Gooftaan addunyaa uumee sooru, sooratee guddate eebbifamaadha. Hidhiin Giiftii keenya Dubroo barbadaan osoo hin gubiin dhugachaa guddise eebbifamaadha. Harki Waaqayyo akka killeetti addunyaa ammatee tiksu baatee guddise eebbifamaadha. Dugdishee Gooftaa marxifatee guddises dugda Suraafeelii fi Kiiruubee caalaa kabaja guddaa qaba.

 

Kanarraa kan ka’e, Manni Kiristaanaa keenyaa Giiftii hunda keenyaa kan taate Dubroo Maariyaam rifeensa mataasheerraa hanga qeensa miilasheetti faaristi. Ulfina guddaas isheef kenniti. Sagada kabajaa isheef ta’us sagaddi. Nuti yeroo Dubroof sagada kabajaa sagannu hin shakkinu; dogoggora akka raawwannettis itti hin qaanofnu. Sirumaayyuu fedha Waaqayyoo fi ergaa Kitaaba Qulqulluu raawwachuu keenyatu nutti dhagahama. Kitaabni Qulqulluun “Bakka miillisaa dhaabatetti ni saganna” jedha. Kanaaf, bakka miilli Gooftaa ulfinaa dhaabatetti yoo sagaduu qabna ta’e, bultiisaa bara baraa, Deessuusaa fi Teessoo Waaqa Israa’eel kan taate qulqulleettii Maariyaamiif sagada kabajaa sagaduun dogoggora miti. Sabanisaas Kitaabni Qulqulluun “kabajni kan ta’uufiif kabaja kennaa” waan jedhuufi (Room. 13: 7).

 

Qulqulleettiin Maariyaam kabaja Yoomaraa (yeroo maraa)qabdi

Armaan dura tulluun dhagaachaa fi wanta akka salphaatti hin jijjiramnerraa uumamuusaa hubanneerra. Kunis, fakkeenya kabaja Qulqulleettii Maariyaam yoomar-dubrummaa fi haadhummaa yeroon hin daangofnee fi baraan hin jijjiiramne qabaachuushee nu hubachiisa. Tokkichi Ilma Waaqayyoo yeroo isheerraa dhalate Waaqummaansaa hin jijjiiramne; tokkoomuun (tawaahidoon) Nama dhugaa fi Waaqa dhugaa ta’e malee. Akkasumas, isheen yeroo Isa deesse chaaphaan dubrummaashee fi kabajni haadhummaashee hin jijjiiramne. Giiftiin keenya osoo hin ulfaayiin, yeroo ulfooftee fi erga ulfooftee boodas yoomar-Dubroodha. Haaluma wal fakkaatuun, isheen osoo hin dayiin, yeroo deessee fi erga deessee boodas Dubroodha. Kanaaf, isheen kabaja addaa qabdi jenna.

 

Kabajashee ilaalchisee abbaanshee Daawiit “Maqaa kee bara baraan yaadachiisu”  (Faar. 44: 17) jedha. Kunis dhaloonni dhalootatti dabarsuun, Giiftiin keenya gonfoo ulfinaa, bu’uura fayyinaa, Deessuu Uumaa keenyaa ta’uushee kallattii arfaniin yaadachaa jiraachuusaanii ifatti ibseera. Haati keenyas ofumashee “kana booda dhaloonni hundi yaa eebbifamtittii naan jedhu” (Luq. 1: 48) jechuun dhaloota dhufaa darbaan bara baraan kabajamuushee hubachiisteetti.

 

 Kabaja yoomar-dubrummaashee ilaalchiseemmoo Raajichi Hizqi’eel  raajii ifa ta’e dubbateera. Innis balbala Mana Qulqullummaa, Waaqayyo qofti seenee bahe bara baraan cufamee jiraatutti fakkeessuun dubbateera (Hiz. 44: 1-2). Manni Qulqullummaa harki namaa ijaaree kakuulee lamaan keessattuu osoo hin banamiin jiraate hin jiru. Iccitiinsaa garuu Mana Qulqullummaa harki namaa ijaare osoo hin ta’iin, Deessuu Waaqayyoo fi Mana Qulqullummaasaa bara baraati. Cufamee jiraachuunsaas dubrummaanshee kan bara baraa ta’usaa hubachiisa. Kanaaf, chaappaan dubrummaa Giiftii keenya Maariyaam bara baraan kan hin jijjiiramnee fi yoomar-Dubroo ta’uushee nu hubachiisa.

 

Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam tulluu yeroo rakkoo itti dheessani (baqatani)

Tulluun bara baqaa kan itti baqatanii fi balaa nama mudate jalaa kan itti dheessan qaama Dachee ta’ee lafarraa ol fagaatee kan argamu dawoo rakkinaati (Uum.19: 30). Qulqulleettiin Maariyaamis sanyii ilma namaa keessaa dhalattee cubbuun Addaam kan itti hin dabarre abdii dhala namaa hundaa taatee fundura Waaqayyootti surraan guutamtee waan argamteef, tulluutti fakkeeffamti. Kana ilaalchisuun Raajichi Isaayyaas “Gooftaan Hoomaa Waaqayyo osoo sanyii nuu hin hambifne ta’ee, akka Sadoom kan taanu, Gomoraas kan fakkaannu ture” (Isa. 1: 9) jechuun cubbuu Addaamirraa walaba ta’uun bu’uura fayyina keenyaa ta’uushee hubachiisa.

Bu’uurri fayyinaa Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam cubbuu jalqabaarraa itti fayyine qofa osoo hin ta’iin, cubbamoota kan taane nuyiif hanga dhufaatii Waaqayyootti fundura Ilmasheetti nu araarsitis. Hiikaalee maqaashee keessaa tokko “dura bu’uun kan Mootummaa Samiitti nama galchitu jedha”. Kunis, Dubroo Maariyaam waadaa araaraa Sillaaseerraa isheef kennameen ilmaan namootaa fundura Waaqayyootti araarsuun mootummaa Waaqayyoo akka dhaalaniif gargaarti jechuudha. Raajichi Daawiit ilmaan namootaa araarashee gaafachuuf akka fundurashee marsan ibseera. Sagalichi “dureeyyiin biyya lafaa uummatoonni fundura kee marsu” (Faar.44: 12) jedha. “Fundura kee marsu” jechuunsaa “araara kee si gaafatu” jechuusaati. Kanaaf, Dubroo Maariyaam bu’uura fayyinaa addunyaan cubbuu jalqabaarraa akka fayyinuuf sababa taatee fi cubbamoota kan Ilmasheetti araarsitu jechuudha.

Kanaaf, Tsiyoon gaaddisa foonii fi lubbuu keenyaa kan taatee fi abdii addunyaa maraa araarashee gaafachuu qabna. Waaqayyos  waa’ee qulqulleetti haadhasaaf jedhee boqonnaa foonii fi fayyina lubbuu akka nuu kennu Isa kadhanna. Kabajni Waaqayyoof, Deessuu Haadhasaa fi kabajamaa Fannoosaaf haa ta’u. Ameen!

“Har’a Sagalee Isaa Yoo dhageessan laphee keessan hin xiiqeessiinaa”

“Har’a Sagalee Isaa Yoo dhageessan laphee keessan hin xiiqeessiinaa”

/Faar.94/95:8, Ibro.4:7)

·        Jechicha kana kan dubbate Abbaa Keenya Qulqulluu Daawiit yoo ta’u, Qulqulluun Phaawuloosis irra deebi’ee lallabeera.

·        Sababni jechichi kun itti dubbatame warri Israa’elootaa Sagalee Waaqayyoo dhagahuu dhiisuu irraa kan ka’e dheekkamsa Waaqayyootiin lafa onaatti hafuu isaanii agarsiisuufi.

·        Kaayyoon barumsa kanaa:- laphee keenya Sagalee Waaqayyoof bannee jecha Isaa dhagahuun akka ummata Israa’eel lafa onaatti osoo hin hafne warra Isatti amanu, Isaaf abboomamus taanee iddoo boqonnaa nuuf qophaa’etti sagalee Waaqayyoon qajeeluudhaan  akka gara mootummaaIsaa  gallu akka nu  gargaarudha.

Ogeessotaaf ogummaa, hubattootaaf beekumsa, kan dhokate kan mul’isu, kan dukkana keessaa ifatti kan agarsiisu, Mootiin Moototaa, Gooftaan gooftotaa, Uumamtoota hunda kan uume uumamtootni kan abboomamaniif Waaqni Abbootaa,Gooftaan keenya akka nu barsiisu hayyama Isaa nuuf haa ta’u!

 

Waaqayyoon yeroo hedduu kallattii garagaraatiin nu barsiisaa tureera. Gara fuulduraattis akkasuma yoo sagalee Isaa dhagahuu dhaaf qophii  tanee fi akka Samu’eel  “Dubadhuu garbicchee kee ni caqasa” yoo jennee (1Saam.3:10) nu barsiifata. Dhala namaaf jecha oolmaa hedduu ooleera, Sabni Isaa amantiin akka cimu raajii hedduu agarsiifachaa tureera. Ammas agrsiisaa jira. Hanga du’aatti dhala namaa jaalateera. Garbummaa Saaxinaa’eel jalaas haala sammu keenyaa ol ta’een ijoolumaa Isaa nuuf keenneen booda biliisa nu baasee jira. Haa ta’u malee, har’a sababoota garaa garaatiin oolmaa nuuf taassifame, raajii nuuf raawwatame dagachuun sagalee isa caqasuu qabnu cinaatii gatuudhaan dogongora abbaan keenya inni jalqabaa  Addaam rawwate raawachudhaan sagalee seexanaatiif gurra keenninee dubbii isaa sobaa caqasuudhaan gara duubaatti deebi’aatii jirra.

Mee warra Sagalee Waaqayyoo dhaga’uu dhiisanii gurra laphee isaanii duuchan gabaabsinee haa ilaallu.

1.     “Waaqayyos Museetiin akkas jedheen, lafa Kana’aan kanin Ilmaan Israa’eeliif laadhu akka gaadaniif namoota ergi…” (Lakk. 13:1) Museenis bu’uuruma ajaja kanaatiin abboota gosa Israa’el hunda keessaa nama tokko tokko filachuun gara Kana’aanitti erge. Kunis kan ta’eef haalli teessuma lafaa fi qilleensaa Kana’aan akkam akka ta’e, waa’ee namoota ishee keessa jiraatanii, lakkoofsa isaanii, magaalota isaanii, haala jireenya isaanii fi kanneen biroos akka gaadan/basaasan/ture. Isa boodas yeroon sun yeroo ijji  Wayinii itti asheetu/bilchaatu/ ture ijaa ta’eef, firii wayinii qabatanii akka dhufanis ture.

Ergamoonni kunneen Kana’aan gaadanii guyyaa afurtama booda wayita deebi’an bu’aa gaada/basaasa/ isaanii gara Faaraan lafa gammoojjii Qaadeessitti dhufuun guutummaa Waldaa Israa’elii fi Museettis ni himan. Firii fidanis itti agarsiisan. Akkasis ni jedhaniin gara lafa nu ergiteetti deemnee lafaa fi ummata ishee ilaallee jirra. Lafittii irraa aannanii fi dammatu baha. Haa ta’u malee, namoonni  achi jiraatan gar malee cimoodha, mandarootni isaaniis masara qabu, cimoodha. Hunda caalaa warreen Amaaleeqootaa kallattii hundaanuu marsanii jiru. Lafittiin namoota keessa jiraatan kan nyaattudha, namoonni ishee dhedheeroodha. Kanaafuu lafittii dhaaluu hin dandeenyu jedhan. Waldaan Israa’elis gar malee jeeqame, ni sodaatanis. Musee fi Aaroonittis ni gumguman, biyya Misiraa keessatti utuu dhumnee jiraannee jedhaniis ni hawwan. Waaqayyoon albeen akka dhumnu maaliif lafa kanatti nu galcha? Ijoollee fi dubartootni keenya ni booji’amu. Irbaata diinaas ni ta’u, kanaafuu koottaa hoogganaa filannee gara Misiraatti deebina jedhan.

Haa ta’u malee basaastota gosa Israa’eel 12’n keessaa Iyyaasuu fi Kaaleeb garuu yaada addaa Waldaa Israa’elitti himan. Kaaleebis Musee duratti sabni kun akka callisu taasise. Lafti isaan basaasan aannanii fi dammi kan keessaa dhangalulafa gaariidha. Eeyyama Waaqayyoo yoo ta’e nuti ol baanee laficha ni qabanna, dhugumaan kana gochuu ni dandeenya. Isin garuu Waaqa irratti hin kaka’inaa. Namoota achi jiranis gaaddisni irraa sokkeera ni moona. Waaqayyoon nu waliin jira hoo wanti nu sodaachisu hin jiru jedhee waldicha tasgabbeessuuf yaalu illee waldaan garuu dhagaan waraanuu barbaadanii turan. Musee fi Aaroon garuu fuuldura Waldaa Israa’eeliitti ni jilbeeffatan. Wayita kanatti Sagaleen Waaqayyoo gara isaanii ni dhufe.

Museedhaanis akkas jedheen “Ummatni kun hanga yoomiitti natuffata? Raajiiwwan hedduu fuuldura isaaniitti raawwadhee akkamitti hin amanne? Lafa waadaa galeef hin dhaalan dheekkamsa kootiin nan fixaan.” Museen garuu jaraaf ni kadhate. Fuuldura Waaqayyootti ni jilbiiffate akkasis  jedheen: “ Yaa Waaqayyoo ati fuula fuulaan saba kanatti akka mul’atte, guyyaa utubaa duumessaan, halkan utubaa ibiddaan isaan dura deemaa akka turte warri Misiraa dhagahanii jiru, kanaaf amma yoo asitti fixxe Waaqayyo lafa waadaa itti galeef galchuu dadhabnaan asitti fixe siin hin jedhaniiree? Ammas maaloo ati “Ani aariittif suuta jedhaadha, gaarummaan koo guddaadha, cubbuu fi irra daddarbaa namaaf nan dhiisa” hin jenneeree?’ jedhee kadhate.

Waaqayyoon kadhannaa Museef jedhee balleessuu dhiisus gungummiin isaanii waan itti fufeef saba Israa’el lakkaawaman keessaa warri umrii waggaa 20 fi isaa ol ta’an, Kaaleebii fi Iyyaasuu irraa kan hafe, lafa onaatti akka dhuman itti hime.

Ijoolleen isaanii warri hirbaata diinaa ta’u ittiin jedhan garuu biyya warri isaanii tuffatan akka galan Waaqayyoon ni taasise. Isaan garuu reenfi isaanii gammoojjii Qaadees lafa onaa keessatti hafe.

Seenaa kana irraa waa hedduu kan barannuu yoo ta’uu isaan ijoo garuu;- Uummatni Israa’eel Waaqayyoon raajii hedduun garbummaa Fara’oon jalaa Galaana Diimaa iddoo lamatti qoodun kan ceesise, nyaata isaanii samiirraa buusee kan laateef, guyyaa duumessaan halkan utubaa ibiddaan kan isaan hooggane, dhagaacha guraachaa irraa bishaan burqisiisuun dheebuu kan isaan baase, warra Fara’oon garuu galaana Diimaa keessatti kan fixee fi raajiiwwan biroo hedduus kan raawwateef guyyaa guyyaanis suga isaan kan isaanitti mul’atu gargaarsa Isaa utuu ifaan arganuu Waaqayyoon dhagahuu hin dandeenye. Irra caalaattiyyuu olola sobaa basaastonni gara Kana’aanitti ergamanii deebi’an itti himanifii qaama miraa isaannitti ibsaman qofa fudhachuudhaan daandii dhugaa qabataniif sagalee Waaqayyoo isaan qajeelchaa turee irra duubatti jeedhaniiru. Har’as obbooleewwan keenya irra caala daandii amantaa qabatan irraa oddoo namoota hubanoo amantii dhugaa hin qabneefii qaama miiraa (sense organ) qofa caqasuudhaan akkuma namoota Isaraa’eelotaattii gara Misiraa garbummaa kaleessaattis deebi’uu hawwan ni jiru.Yaa ta’uutii nuti garuu  akkuma  Kaleebii fi Iyyaasuun qaama miira isaanii fi oddoo namota biroo to’attanii biyya Waqqayyoo isaaniif keenuudhaaf waada galee kana dhaaluudhaaf amantaadhaan dhabatan. Nutis haaluma kanaan safartuu ija foniitiin waa’ee amantaa safaruudhaan rakkoo yerootiif otoo harka hin kenniin hanga dhumaatti namoonii isaaniif hin galee dhagaacha nutti kaasanis otoo hin sodaatiin jiruu keenya isa barabaraatiif of qopheessinee dhaabachuu qabna.

 Keessattuu Wangeelli Afaan Oromootiin hanga barbaadame lallabamuu dhabuu irraa kan ka’e namootni hedduun  mana kiristaanaa isaanii irraa fagaatanii jiru. Kunis ta’e  barumsa dhugaa irratti hundaa’e  otoo hin taanee qaama miiraa keenya qofa akka caqafannuu fi oduu sobaa fayyina keenya waliin walittii dhufanyee hin qabnee irratti hundaa’uudhaan Dhugaa baatotni akka Iyyaasuu fi Kaaleeb jiraatanis isaaniin dhagahuu dhiisuun daran babal’achaa jira. Kanaaf, manni kiristaanaa akka qaama ormaa taateetti akka lakkaawamtu tattaaffiin alagaan taasifamaa jiru saba hedduun akka ona Qaadees, gammoojjii Faaraan keessatti hafu taasiseera.

Waaqayyo garuu akkas jedha ‘Yeroon fayyinaa ammadha’. Kanaaf, fayyina argachuuf sagalee Waaqayyoo dhageenyee gurra laphee keenya akka saaqnu gargaarsi Waaqayyoo nu faana haa ta’u.

2.     Uummata bara Nooh turan. (Uuma. 6:5).

Ummatni bara Nooh turan kan Waaqayyoof hin abboomamne, hedduu cubbamoota turan. Waaqayyoon danuu gaddisiisan. Kan foon uffate hundi dalagni isaa dachee irratti jibbisiisaa ta’e. lafti hammeenyaan guutamte. Dheekkamsi Waaqayyoos isaan irratti ta’e. Hunda isaanii haxaa’uuf ni kakate. Uumuu Isaas ni jibbe. Bara sana keessa sagalee Waaqayyoo kan dhagahe deemsa isaas Waaqayyo duukaa kan taasise, Waaqayyo fuulduratti suga kan argate namni qajeelaan balleessaa hin qabne Nooh namni jedhamu ni ture.

Waaqayyos akka Nooh doonii ijaaru erga abboomeen booda Noohii fi maatii isaa, akkasumas uumama hunda keessaa dhiiraa fi dubartii taasisuun akka doonii ijaaretti akka galchu taasiseen. Booda yandoo guyyoota afurtamaaf samiirraa bu’een ni badan. Warreen doonii Nooh keessa galaniin ala uumamni dacheerra jiru kamiyyuu ni bade.Nooh garuu bara akkasii keessa illee gurra laphee isaa sagalee Waaqayyoof banaa taasisee ijaa tureef ni baraarame. Dooniitti lixeera ijaa ta’eef.

    Kanaafuu hunda yeroo isaattii kan hojatuu Waaqayyoo guuyyaa har’aa sagalee namoota carraa intarneettii qabnuuf haala kanaan nu barsifachuudhaaf waan numijateefuu sagalee Waaqayyoo akka caqafanuu nuuf haa eeyyamuu isaatiin isa galateefachaa akka isaaf awwanuu humna nuuf haakeenu! Ameen.