Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2

in Lallaba

Dn. Yooseef Baqqalaa

Hiikaa: Soorii Moosisaa

Seerri Kiristoos Maali dha?

Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa’e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka’uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala dha. Nama biraaf kan Raawwannu jaalalli gaariin kun Waaqayyo biratti gatii guddaa qaba. Kanaafis walitti dhufeenya guyya guyyaa keessatti kan beela’e nyaachisuun, kan dheebote obaasuun, kan daare daara baasuun, kan rakkate gargaaruun, kan gadde jajjabeesuu fi hojiiwwan gaariin kana fakkaatan hundi jaalala namni namaaf qabu irraa kan ka’e dha. Hojiiwwan gaarii kana fakkaatan kan raawwatan hundaa Gooftaa keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos murteedhaaf yeroo dhufutti, “Eebbifamtoota ijoollee Abbaa Koo koottaa addunyaan yeroo uumamtee eegalee kan isiniif qophaa’e Mootummaa Koo dhaalaa! Hundumaa gadi kan ta’an obboloota Koo isaan kana keessaa isa tokkoof waan raawwattaniif akka Anaaf raawwattaniti.” jechuun gatii kabajamaa akka nuuf kennu Wangeelaan nutti dubbatee jira. Maat. 25:35-36

Nama jaalachuu fi nama gargaaruun jaalala ti. Waaqa jaalala kan ta’e Waaqayyoo biraa gatii argamsiisa. Qulqulluu Phaawuloos “Egaahoo yeroo yoo arganne nama hundaaf gaarii yaa raawwannu.” kan jedhe gaarummaan jaalalaan kan raawwatamu gatii Afuurawaa inni argamsiisu sirritti waan hubateefi dha Gal. 6:10. Jaalala kan jedhame kun namaaf waan gaarii hojjachuu, dadhabbina namaa illee haguuguun ykn dhoksuun raawwii ibsamu dha. Qulqulluu Phaawuloos isa kana ilaalchisee “Isin keessaa tokkoon tokkoo namaa ba’aa isa tokkoo haa baatu, akkasumas seera Kiristoos raawwadhaa!” jedhamneerra. Kanaafuu, seera Kiristoos kan jedhame jaalala dha. Kunis barsumsa hojiidhaan mul’atuu dha Gal. 6:2. Fayyisaan Keenya Iyyasuus Kiristoos jaalala Isaa gonkaa irraa kan ka’e ba’aa ilma namaa baatee duuti Isaaf kan malu osoo hin taane, foon keenya uffachuun du’a mo’ee ka’uun mo’icha akka nuuf kenne, hir’ina keenya keenya balleessaa keenya obsuun nama gara jireenyaatti gara Fayyinatti deebisuun jaalala gonkaa hojiidhaan ibsamee dha.

Jaalalli qooqa Ergamootaan dubbachuudhaa olitti kan kabajamee dha. Jaalalli dhugaan beekumsa fi arjoomina kamiyyuu ni caala waan ta’eefi dha. Jaalalli bu’uuraa jireenya kiristaanummaa akka ta’e Qulqulluu Phaawuloos 1ffaa Qor. 13:1-10 irratti jireenyi ykn qabsuurri jaalalaan hin mi’oofne kan hin fayyadne ta’uu isaa nutti himee jira. Sababni isaas “Jaalalli ni obsa, jaalalli namaaf gadda, jaalalli hin boonu, jaalalli ana qofatu jiraata hin jechisisuu, jaalalli waan hamaa hin yaadu, jaalalli dhugaa waliin yeroo hunda ni gammada, jaalalli hundumaa ni amana. Akkasumas jaalalli hin kufu.” jechuun nu barsiisee jira. Haala kanaan kan jaalalatuuf arjummaa taasisa, ni obsaafis. Kanaafuu, kan isaa illee osoo hin hafin ni dhiisaafi ykn ni kennaafi. Nama jaalatu akka hin dhabneef gadi of qabummaadhaan, garraamummaadhaan, obsaan of’eeggaanoodhaan ni jaalata. Eef. 4:2. Namni hunduu kan jaalatu arjummaa fi gara laafummaa qabu irraa osoo hin sassatin ni qooda, waan hundaanuu garaa hin jabaatu. Eef. 4:32

Namni Waaqayyotti amanu hundumtuu kan jaalalaa ta’uutu isa irraa eegama. Fannoo irraatti addunyaaf beenyaa ta’ee kan fannifame Fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kan nu barsiise nama hunda jaalachuu akka qabnu dha. Bu’uurri baruumsa fi amantii amantaa Kiristaanaa jaalala kanaan ibsamuu qaba. Qulqulluu Phaawuloos Gal. 5:6 irratti “Kiristoos Iyyasuusiidhaan ta’uun amantii jaalalan raawwatamuu dha malee kittanamuu yookan kittanaamuu dhiisuun hin fayyadu.” jechuun nu barsiisa. Kunis amantii kan sochoosuu fi hojii gaariin akka hojjatamu kan taasisu inni guddaan jaalala dha. Kanaan alattis bilisummaa Afuuraatiif kan waamamne amantaa Kiristaanaa keenyaa fedhii foonii fi qoruumsa garaa garaatiin akka hin gufannee fi dhabeessa akka hin taane yeroo nu akeekkachiisu “Yaa obboloota isin fakkenyuummaadhaaf waamamtaniittu. Fakkeenyuummaan keessan fedha fooniif akka isin hin kennine. Garuu, jaalalaan walii walii keessaniif akka garbootaa ta’aa!” Gal. 5:13 jechuun akka of eeggannuuf nutti himee jira. Amantaa hojiidhaan ibsuuf jaalalli baay’ee murteessaa dha. “Haa ta’u malee yoo wal ciniintan, wal nyaattan illee  akka wal hin balleessine of eeggadhaa!” Gal. 4:14 Kana irraa ka’uun jaalalli raawwii hojii amantaa ta’uu isaa hubanna.

Kanaafuu, gidduu keenya jaalalli jira jechuun tokkummaa fi wal hubachuun nu gidduu jira jechuu dha. Kana yoo ta’e immoo namoonni jaalala tokkoon jiraatu, waan tokko yaadu, kaayyoo tokkoof hojjatu, karaa tokko irra deemu. Akkasumas, laphee tokko ta’u. Wangeela tokkoon tajaajilaa Afuuraa ykn Mootummaa tokkoof kan waamamani dha. H.D.B. 1:14 “Laphee tokkoon ta’anii kadhachaa turani.” 1Phex 3:8 irratti Qulqulluu Pheexiroos “Dhuma irratti hundi keessanuu laphee tokkoon ta’aa gidiraan nama biraa isiniif akka ta’eetti fudhadhaa, akka obbolaatti wal jaaladhaa!” jechuun akka nu barsiise nutis waa’ee jaalalaaf jennee namoota wal jaalatan fakkaannee bultoo Waaqayyoo kan ta’e madda jaalala dhugaa haa taanu. Kanaafi dha Qulqulluu Phaawuloos Eef. 5:2 irratti “Jaalalaan deddeebi’aa, jaalala hordofaa!” kan nuun jedheef. Sababni isaas sossobaa kan hin qabne jaalalli dhugaa (gonkaa) diina ykn gufuu cubbuu waaan ta’eefi dha. Jaalalli hammeenya nu gidduuu jiru kan balleesu meeshaa afuura ti. Fkn. 10:2 irratti “Lolli mormii kaasti; jaalli garuu cubbuu haguugdi.” jechuun nu barsiisee jira. Akkasumas, Qulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1ffaa 4:4 irratti “Jaalalli baay’ina cubbuu ni uuwwisaatii, hunda dura cimsaati wal jaaladhaa!” nuun jedhee jira. Kanaafuu, jireenyi nuti jiraannus jaalalaan yoo hin mi’oofne hiika hin qabuutii nama jaalalaa taanee jaalalaan jiraachuu qabna.

Jaalala Akkamitti Hojiitti Hiikuu Qabna?

Qulqulluu Daawiit Faar. 132:2 irratti “Obboloonni tokkummaan yoo ta’an ni bareeda.” jechuun akka nutti hime waliif yaaduu laphee irraa madde, walgargaaruu, waliif gadduu, walumaa galatti laphee tokkoon ta’uu akka qabnu nu hubachiisa. Qulqulluu Yohaannisis 1ffaa Yoh. 4:7 irratti “Walii walii keessan jaaladhaa!” nun jedhee jira. Kanaafuu, jaalalli nu gidduu jiraachuu qabu jaala lafarraa isa boru badu jaalala yeroo gabaabaa osoo hin taane gatii hin badne kan nuuf kennisisu jaalala isa samii kan Afuuraa ta’uun nu hubachiisee jira. Akkasusmas, 1ffaa Yoh. 4:20-21 “Eenyumtuu Waaqayyo nan jaalaldha jechaa obboleessa isaa kan jibbu inni sobaa dha. Obboleessa isaa isa ijaan argu kan hin jaalanne kan ijaan hin argin Waaqayyoon akkamiin jaalachuu danda’aa? Waaqayyoon kan jaalatu obboleessa isaas akka jaalatu ajajni kun Isa biraa nuuf kennamtee jirti. Kanaafuu, kun ajaja Waaqayyoo ta’uu isaa haa beeknu.” Armaan olitti akkuma ibsame walii walii keenyaa akka jaalannu Waaqayyoo irraa kan nuuf keennamee dha. Bu’uura amantii Kiristaanummaa irratti kan dhaabbanne hundi keenyaa jaala gonkaa kanaan wal jaalachuu akka qabnu haa beeknu. Sababni isaas jaalalli samii fi Afuuraa ajaja Waaqayyoo raawwachuudhaan tajaajilaa amanamaa fi jaalatamaa ta’uu kan mirkaneessuu dha. Qulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1ffaa 1:22-23 irratti “Dhugaaf kan ajajamtan nuffiin kan keessa hin jirre jaalala obbulummaatiin lubbuu keessan jabeessaatii laphee keessan irraa wal jaaladhaa!” jedha. Qulqulluu Phaawuloos  2ffaa Qor. 6:3 irratti “Tajaajilli keenya akka hin qeeqamneef waan tokkonillee hin gufachiisnu. Haa ta’uu garuu, waan hundaanuu akka tajaajiltoota Waaqayyoo jaalala nuffii hin qabneeen of jabeessina.” jechuun jaalalli dhugaa gonkaa nuffii kan hin qabne ta’uu nu hubachiisee jira.

Kanaafuu, obboolota gidduu jaalalli jiru yeroo tokko mul’atee yeroo biraa kan badu, yeroo tokko daraaree waqtiin booda kan coollogu ta’u hin qabu. Kana caalatti amantii jabaa irratti biqilee, yeroo hundaa daraaree eebba Afuuraa fi arjummaa Waaqayyoo argamsiisaa kan jiraatu fi walitti fufaa ta’uu qaba. Kanaafidha Qulqulluu Phaawuloos 1Tes 3:13 “Nuti akkuma isiniif taanuu yeroo hunda walii waliif keessanii jaalalli qabdan haa baay’atu.” jechuun ibsa. Abbootiin keenya akka taasisan hunda jaalalli akka jabaatuu fi guddatuuf fiis akka buusuuf kadhaannaadhan kan deeggaram,ee of eeggannoodhan kan qabame ta’uu isaa hubanna. 2ffaa Phex. “Sababa kanaaf jabina agarsiisaa Waaqayyoon fakkachuun jaalala obbolootaa dabalaa!” jechuun jaalalli Afuuraa inni gonkaa yeroodhaa yerootti guddachaa deemuu kan qabu mi’eessituu jireenya Kiristaanummaa akka ta’e hubachuun jaalala nuffii irraa bilisa ta’e qabaachuun seera Isaa eeguun hojiin kan mul’atu akka nuuf taasisuuf kadhachuutu nu irraa eeggama. Kan kadhatan kan nama hin dhowwanne, kan itti himatan kan hin daganne Waaqayyo Gooftaan Abboota darbaniif kan kadhatame akka nuuf kadhatamu, nama jaalalaas akka nu taasisu, jaalala Isaatiinis jabaannee dhaaltuu Mootummaa Isaas akka nu taasisu fedhaa fi jaalala Isaa nuuf haa ta’u.

Dn. Yooseef Baqqalaa

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-05-19 08:19:512020-05-19 08:20:50“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32) Link to: “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32) “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera”... Link to: Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed Link to: Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed
Scroll to top