RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI

Fannoonis Rakkina yeroo jennu haala lamaan ilaaluu qabna. Isaaniis:-

1. Rakkina Kiristoos

Dhala namaa garbummaa cubbuu jalatti kufee ture Fayyisuuf, waanjoo garbummaa irraa kaasuuf akkuma Galata Maariyaamii kessatti dubbatame ‘Addaamiin bilisa baasuuf gara bultoo isaatii duraatti deebisuuf jaallate’ isa jedhame mirkanneesuuf, waadaa kennaa dhabuu fi Ganataa ari’atamuu dhala nama irraa kan ka’e gaabbuu ilma namaatiif Waaqayyoon kenname sana “Guyyaa shanii fi walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladheen, walakkaa addunyaatti Fannoo irratti fannifamee  dhufee si Fayyisa” isa jedhuun Waaqa sadan keessaa tokko Ilmi salphina keenya fudhachuuf gara lafaatti dhufe salphina argateen, rakkina irra gaheetiin kan hubatamuu dha.

RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI

  1.Hiikaa Rakkinaa

Rakkina jechuun maal jechuu dha? Rakkina jechuun qoruumsa, dhiiphina jechuu akka ta’e Aleqaa Kidaane Weldi Kifilee kitaaba isaanii galmee jechootaa (መዝገበ ቃላት) keessatti hiikanii ni argina. (fuula /ገጽ/ 591) akkasumas Liqa Hiruyaan Balaay Makonnin kitaaba isaanii galmee jechoota Afaan Amaariffaa Tinsaa’ee /ትንሣኤ/ keessatti “qoruumsa, jeeqamuu, dhiiphina” hiika jedhu kennanii fi ni argina. (fuula /ገጽ/ 20) Kiristaana jechuun bishaanii fi Afuura irraa dhalachuun Kiristoosiin kan Uffate, Kiristoosii waliin tokko kan ta’e jechuu dha.

QULQULLUU SINOODOOSI

Kaayyoon Qulqulluu Sinoodoosii inni guddaan tokkummaa Mana Kiristaanaa eeguu dha. Taateewwan yeroodhaa yerootti mudataniin Doogmaa fi Qannoonaa; Sirnaa fi Darbii darboo, seerri ishee akkasumas bulchiinsi ishee akka hin diigamnee fi balaa irras akka hin buunef eegaa dha.

QULQULLUU SINOODOOSI

Raajii dubbatameen barri lakkaa’amee yeroo raawwatu addunyaan kun ni dabarti. Akka baruumsa Kitaaba Qulqulluutti yoo ta’e addunyaan kun erga darbee booda jireenya bara baraa hin badnee fi hin jijjiiramne kan ta’e addunyaan haaraa fi addaa ni jira. Innis Mootummaa samii irraa Mootummaa Waaqayyooti.

Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  

Akkuma dhuunfa keenyaa yommuu rakkinni numudatu Waaqayyootti iyyinu, akkasuma Mana amantaarras rakkinni yommu gahu furmaata Isumarraa eegna. Haala hubannaa keenyarraan kan ka’e kan ture ykn callisee yoo nutti fakkaate maalif? jenna. Luboonni yommuu wareegaman, Manniamantaa yommuu gubatu, hordoftoonni yommuu godaanan kitaabni qulqulluu yommuu saamamu, Manni Qulqullummaa yommuu sarbamu Waaqayyon akkamiti callisaa? jenna. Akkas kan jennu tari abaarsi Waaqayyoon bu’ee namoota badii kana raawwatan maaliif hin nyaatnne ykn hin balleessine jennee eegna ta’a yoo akka yaadne ta’u dhiisee akka nuti yaadne ta’uudhiisa. Akkamittis yaa eegnu garuu, nuti karaa eegne waantoonni ta’an bita nutti galuu danda’uu isaa booda abdi kutanna.

Waaqayyon Calluma jedhaa laata?

Adunyaa irra yemmuu jiraannu rakkinni fi gammachuun, kufati fi milkayinni, dadhabbii fi jabinni akkasumas, wantoonni adda addaa nurraatti wal jijjiru. Ta’us, kuni nuuf waan haaraa miti. Addunyaarra yemmuu jiraattan rakkinni isinirra jira jedhamnerraati. Nuti warreen diina aafuraa kan qabnu mitiiti namni kamiyyu nama ta’uu isaatin bu’aa ba’iin isa mudata. (Yoh.16፡33)

“Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6)

Jecha kana Namoota Dooniidhaan Oddoola Iyyoophee irraa gara Tarsees deemaa jirantu raajicha Yoonaasitti dubbate. Yoonaas Raajoota Waaqayyoo kudha jahan keessaa isa tokko dha. Raajaan kun abbaan isaa Amaatee kan jedhamu yoo ta’u, nama gosa Yisaakoori dha. Yoonaas jechuun guugee, garraamii jechuu dha. Raajichi Yoonaas Waaqayyoo tajaajilaa nama jiraate dha.

Waaqayyoon tajaajilaa Isaa Raajicha Yoonas kana dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dura bara 1612 gara namoota Nanaweetti erguun cubbuu isaanii dhiisanii gara Waaqayyootti akka deebi’an; kana ta’uu baannaan akka isaan adabu barsiiseera. Namoonni biyya Nanawee jeedhamtu kana keessa jiraachaa turan Waaqayyo akka malee gaddisiisan illee Inni samii irraa abidda roobsee magaalittii bakakkaan gaggaragalchuu fi hawaasicha labooba abiddaatiin adabuu osoo danda’u arjummaa Isaatiin carraa gaabbii akka argatan taasiseera. Waaqni “Hammeenyi isaanii fuuldura kootti waan dhufeef ka’iitii gara magaalaa guddittii Nanawee deemi; sagalee koos isaaniif   lallabi.” jechuun Raajicha Yoonaas ergeefii ture. Yoon. 1:2. Yoonaas garuu, ergaa Waaqayyoo dhiisee Waaqayyoo jalaa baqachuuf gara biyya Tarsees jedhamtutti dooniin imaluu jalqabe. Osoo deemaa jiruu Waaqayyoon bubbee cimaa ta’een doonii inni yaabbatee ture akka raafamtu taasise. Namoonni isa waliin turan hundi naasuu fi dhiphina ol’aanaan qabamani. Rakkinni hamaan kun isaan keessaa sababa eenyuutiin akka itti dhufe baruuf carraa buusanii Raajicha Yoonas irratti bu’e. Haala isaa yoo gaafatan Inni Waaqa samii, dachee fi garba uume kan waaqeffatu akka ta’ee fi Waaqa jalaa bahuuf baqachaa akka jiru itti hime. Isaanis “Yaa Waaqayyoo, lubbuu nama kanaaf jecha nu hin balleessin; Ati akka jaalatte godhi.’ jechuun ennaa garbatti isa gatan bubbeen cimaan doonii isaanii raasaa ture battalumatti dhaabate; nagaan karaa isaanii deemaniiru. Waaqayyoon Raajichi Yoonaas yeroo garba keessatti gatamee irraa eegalee guyyoota sadii fi halkan sadiif garaa qurxummii guddaa keessa akka turu erga taasisee booda gara lafaatti akka isa tufu taasiseera. Yoonaas garaa qurxummii guddichaa sana keessatti gaabbee Waaqayyo kadhataa waan tureef akka qurxummichi lafa irratti isa tufeen gara Nanaweetti deemee ajaja duraan baqatee deeme akka raawwatu irra deebiin ajajamee namoota Nanaweef  “Guyyaa sadi keessatti Nanaween akka gaggaragaltu” lallabeera. (Yoon. 2:.2-10; 3:1- 4)

Namoonni Nanawee battaluma dubbii Waaqayyoo dhagahaniin Waaqayyo amananii cubbuu raawwataniif ni gaabbani. Raajii Yoonaas 3:5- 9 irratti “Namoonni Nanawees Waaqayyo ni amanani, soomas ni labsan, guddaa xiqqaa otoo hin jenne hunduu gadda guddaa keessatti ni kufan. Odeefannoon kunis gara Mootii Nanawee akkuma qaqqabeen teessoo mootummaa isaa irraa ka’ee uffata kabajaa isaa baafachuun gadda guddaan liqimsamee daaraa irras ni taa’e. Nanawee keessatti “Namoonni fi beelladoonni biroon waan tokko akka hin sooranne, akka hin bobbaane, bishaanis akka hin dhugne, namoonnii fi beelladoonnis haa gaddan, gara Waaqqayyoottis waliin haa iyyan, namoonni hundi karaa hammeenyaa fi cubbuu irraa haa deebi’an. Waaqayyoon akka nuti hin banne nuu haa qajeelchu, dheekkamsa Isaa kana irraa yoo nuuf deebi’e eenyutu beekaa?” jedhamee barreeffameera. Guddaa xinnaan isaanii hundi gocha hammeenya isaanii isa Waaqayyo mufachiise gaabbanii dhiisuun guyyoota sadiif soomanii cubbuu isaaniif dhiifama kadhataniiru. Waaqayyoon abbaan keenya Inni jaalalli, dhiifamni fi arjummaan Isaa daangaa hin qabne kan Kadhannaa namaa isa haala sirrii ta’een dhiyaatee fi kan abbichaaf fayyadu hin dhoowwanne cubbuu fi hammeenya isaanii irraa akka deebi’an hojii isaanii ilaalee gocha hamaa irratti raawwachuuf dubbatee ture irraa ni deebi’eef. Yoon. 3:10

Sooma jechuun qaama ofii cubbuu irraa dhoowwachuu fi fedhii lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Ykn wantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu dhiisuu jechuu dha. Kunis, soomiin namni wantoota fooniin fedhuu fi kajeelu hunda otoo raawwachuu danda’u yeroo murtaa’eef lagachuun /dhiisuun/ qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomanni qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha.  Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa of qusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomni ni jira. Soomni amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba.  Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenname sooma ture.  Innis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangeessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u, beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef.  S.Uum. 2: 16 – 17.  Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyo akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha.  Ilmi namaa soomuun Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun /barsiisuun/ Isaa soomni kan namaan uumame otoo hin taane ajaja Waaqayyoo irraa faayidaa namaatiif jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Duraa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru. Raajoonni Kakuu Duraa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaani fi bishaan afaan isaanitti hin seenu ture. (S.Bahuu 34:28).  Dheekkamsi Waaqayyoo kan baay’ina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebi’e, ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10

Kakuu Haaraa keessas, soomni seera nam-tolchee osoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ofuma Isaa bara Namoomaa (ሥጋዌ) biyya lafaa kana irra turetti hojii Isaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera.  Maat. 17:21, Maar. 9:2 Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.

Duuka Buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. HDB 13:2. Luboonnii fi Diyaaqonoonni Wangeela akka lallaban ennaa filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaani dha. HDB 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos ulfina guddaa kan argatan soomaa fi kadhannaan Uumaa isaanii kadhatanii ti. HDB 10:4

Kana hubachuun Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo keenya ijoolleen ishee jireenya Afuurawaa isaanii akka gabbifatan, fedhii foonii irra fedhii lubbuuf bitamuu fi buluu akka isaan dandeessisu sooma torba labsitee jirti. Akkaataa sirna Mana Kiristaana keenyaatiin soomiin nuti soomnu torba yoo ta’an, isaan keessa tokko mata duree barreeffama /barumsa/ kanaa irratti kan caqafame Sooma Nanawee kan jedhamuu dha. Moggaasni maqaa sooma kanaa kan dhufes magaalaa Nanawee jedhamtu irraa ti. Namootni magaalaa kanaa ajaja Waaqayyoo diiguudhaan, dheekkamsa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufe jalaa bahuuf kan soomanii Waaqa isaanii ittiin kadhatani fi dhiifama ittiin argatanii dha. Nuyis yaadannoo isaaniitiin akka isaanitti cubbuu keenyaaf dhiifama argachuuf fi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa bahuuf jecha kan soomnu dha.

Waanni nuti barumsa kana irraa argannu:-

  1.  Namoota Yoonaas waliin doonii keessa turan irraa gaafa qorumsaa fi dhiphinaa Waaqayyo kadhachuun fala kan argannu ta’uu,
  2.  Yoonaas irraa; Waaqayyoo jalaa dhokachuu fi miliquun eessattuu kan hin danda’amne ta’uu. Balleessaa ofii amananii fala rakkicha hiikuu danda’u fi raawwachuun dhugaaf jiraachuu malee namoota birootti quba qabuun furmaata ta’uu kan hin dandeenye ta’uu, (keessattuu Yoonas balleessaa isaa amanee akka garbatti isaa gatanii isaan garuu badii irraa akka oolan of irratti murteessee hojii irra oolmaa isaas mormii tokko malee fudhachuun isaa).
  3. Uumamni hundi Waaqayyoof  kan ajajamu ta’uu fi Waaqayyoof wanti dadhabamu akka hin jirre.
  4. Waaqayyoon cubbuu keenyaan otoo nu hin balleessin dura carraa gaabbii kan nuuf kennu ta’uu fi yoo gaabbiin gara Isaatti deebine araaraa fi dhiifama Isaatiin kan nuuf deebi’u ta’uu.
  5. Jiraattoota magaalaa Nanawee irraa; Waaqayyoo fi dubbii Isaa dhagahuu, amananii fudhachuu fi jecha Waaqayyootiin of-ilaalanii balleessaa ofiitti gaabbuu, cubbuu hojjachuu lagachuu, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo irraa dhiifama argachuun akka danada’amu dha.

Soomni mallattoo hawwaasa gara Waaqayyootti deebii’ee dha. “Waaqayyoon laphee guutuun soomaan, boo’anii fi iyyaan gara kootti beebi’aa, jedha.” Iyyu. 2:12 jechuun Waaqayyoon akka ajajeetti Qulqulleettiin Manni Kiristaana keenya Ortodoksi Tawaahidoon hordoftoota ishee akka sooman taasisuun ajaja Waaqaa hojii irra ni oolchiti. Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo akkaataa Waaqayyo Ol’aanaan raajaa Isaa Iyyu’eel irra bulee “Tsiyoon gubbaatti faaggaa afuufaa; soomis labsaa” jechuun barsiiseen sooma ni labsiti. Iyyu. 2:15

Kabajamtoota maatii Kiristoos, seenaa kana kan kaafneef akka jiraattota magaalaa Nanawee hammeenyaa fi cubbuu nu balleesuudhaaf nu marsee jiru irraa Waaqayyoon akka nu baraaru, soomaa fi kadhannaa gaabbiin deegarameen jabaachuu fi cimanii jiraachuun ala fala biraa kana caalu kan hin qabne ta’uu waan irraa barannufi dha. Soomni kennaa Waaqayyoo akka rakkinaa, dhiphinaa fi balaa jireenya biyya lafaa kana irratti nu qunnamee fi nu quunnamu jalaa ittiin baanu nuuf qopheesse ta’uu isaa hubannee sooma kana irraa bu’aa argachuu qabnu argachuudhaaf amannee kadhannaa godhachuu qabna. Falli rakkinaa fi dhiphina keenya keessaa ittiin baanu madda rakkichaa irratti kan bu’uureeffame yoo ta’e qofa rakkinichi hiika kan argatu waan ta’eef murtiin irra geenyu fi tarkaanfiin fudhannu fedha /yaada/ Waaqayyootti kan fuulleeffate ta’uu akka qabu irraa barachuu qabna.

Kanaaf, namni yoomiyyuu taanaan akka raajicha Isaayiyyas irra bulee Waaqayyoon dubbate “Karaa keenya karaa Waaqayyoo, yaada keenyas yaada Waaqayyoo” waliin walsimsiisuudhaan amantaa keenya ishee dhugaa taate cimsachuu qabna. Doonii jireenyaa kan taate Mana Kiristaanaa keenya keessatti diina nu qoraa jiru seexana irraa bilisa ni taana. Akkuma beekamu dooniin dhugaan yoomiyyuu qorumsa irraa hin fagaattu. Kanaaf, dooniin Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos baattee deemaa turtee fi jirtu qorumsa cimaadhaaf saaxilamtee kan jiraattu yoo ta’u, dooniiwwan biroon Gooftaan keenya keessa hin turre waan dhugaa baatanii deemaa hin jirreef osoo rakkoon isaan hin muudatin waan nagaadhaan deemaa turan fakkaatu. (Maat.14: 14- 36.) Barri kunis yeroo dooniin keenya dhugaan fi Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa keenya jeequmsaan raafamaa jirtu waan ta’eef doonii biroo jijjiiruudhaan lubbuu ofii galaafachuu /balleessuu/ otoo hin taanee akka Duuka Bu’oota Gooftaa keenyaa gara abbaa dooniichaatti iyyachuu qabna. Yeroo nuti gaabbinee gara Waaqayyootti deebiinu Waaqayyoos gara keenyatti deebi’u, uumamni hundi gara keenyaatti ni deebi’a. Kunis yoo nuti Waaqaayyoof bitamne uumamnii hundi akkuma nuuf ajajamu; yoo nuti Isaaf bitamuu dhiisne garuu wantoonni hundi too’aannoo keenyaan ala akka ta’an kan agarsiisuu dha. Falli rakkoo ilmaan namaa Waaqayyo Isa homtuu Isaaf hin dadhabamne qofa hunduu harka Isaatti kan jiru waan ta’eef akka Yoonaasii fi namoota Nanawee balleessaa keenya amannee, hammeenya keenya dhiifnee, qalbii jijjiirrannee, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo waliin araaramuu qabna.

Hanqinni Yoonaas innii guddaan gara Waaqayyo isa ergetti deemuu dhiise gara hin ergamneetti deemuu isaa ti. Barsiistoonni baayyeen iddoo ofii jedhan malee iddoo Waaqayyoon isaan itti ergee fi barbaachisaa ta’e oolaa hin jirani. Fakkeenyaaf, barsiistoonni afaan hawaasni beekuun akka barsiisan Waaqayyoon isaan qopheessee baadiyyaatti ergaman gara namoota kanaa deemuun barsiisuu otoo danda’anii fi qabani, gara magaalaa qofa deemuun hawaasichi dubbii Waaqayyoo dhaga’ee akka hin amannee fi hin fayyine taasiseera.

Dhumarattii jiraattonni magaalaa Nanawee bu’aa gaabbii fi sooma isaanii dhandhamatanii dheekkamsa hamaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufee ture jalaa bahuu kan danda’an cubbuu isaanii amananii waan itti gaabbanii fi hammeenya isaanii irraa deebi’uuf kutatanii kaayyoodhaan waan soomaniifi dha. Kanaaf, soomanni keenya barsiifataan otoo hin taane cubbuu fi hammeenya Waaqayyo ittiin gadisiisaa jiraannee, rakkoo, dhibee, beela, du’a, balaa fi k.k.f. akka nama dhuunfaatti, akka biyyaatti fi akka addunyaatti dhalli namaa ittiin adabamaa jiruuf fala argamsiisuu akka danda’utti kan irratti kaayyeeffatame ta’uu qaba. Sooma Nanawee kana yoo soomnu biyya Nanaweetiif osoo hin taanee rakkoo fi qorumsa fuula keenya dura dhaabatee jiru moo’achuuf dha. Akkuma namoonni doonidhaan gara magaalaa Tarsees deemaa jiran “Akka nu fayyisuuf ka’ii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu, nuuf iyyi” jedhanii Yoonaasitti kadhannaa isaanii dhiyeeffatan, nutis Waaqayyoon cubbuu keenyaa fi balleessa keenya ilaalee akka nun balleesineef akka nuuf dhiisuuf gara Waaqa keenyatti iyyuun, boo’uun akka uummanni Nanawee badiinsa irraa oolfaman ibidda bara baraa irraa akka oolfamnuuf akka Kiristaanummaa keenyatti wantoota gochuu qabnu hunda raawwaachuun jaalalaa fi fedhii guutuudhaan soomnee araara /dhiifama/ Waaqaayyoo akka argannu eeyyamni Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!

“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8

“Afuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu’etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu” Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du’aa erga ka’een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu’oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa isaatti yeroo ol ba’uutti dha. Egaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka Bu’oota Isaa waggaa 3 fi ji’a sadii isaan waliin ta’uun addunyaa hadhoofte kana sagalee isaatiin erga mi’eesseen booda isaanin immoo “Isin soogidda addunyaa ti” jechuun  Isaa ni yaadatama. Kana bu’uura godhachuudhaan addunyaa cubbuun hadhoofte kana sagalee Isaan akka mi’eessaniif isin soogidda addunyaa kanaa ti. Anaafis ragaa baatota Koo taatu jedheeni. Gooftaan keenya Duuka Bu’oonni ragaa baatota Isaa akka ta’aniif dursanii waan gochuu qaban isaanitti himee ture. Innis “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif Nan erga; Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa” Luq. 24:49 jechuun ragaa baatuu ta’uun dura sooma fi kadhannaadhaan Iyyaruusaaleem keessa turaa jedheeni. Sana booda, humna argattuu jedhee isaaniin abdachiise. Kana qofa miti, hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka Isaa mataa isaanii irra kaa’ee ni eebbiseen. Kana jechuun aangoo lubummaan isaan muudee osuma Isaan arganii gara samiitti ol bahe. “Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe Kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa.” jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul’achuu danda’uun akka ta’e nu hubachiisa. Raajoonni sobduun bara keenya kana keessatti jiran “Gooftaan Mul’ataan naaf mil’atee yoom akka dhufu natti himeera.” jedhanii raagu. Kun raajii sobaa akka ta’e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyoo iyyuu kan hin beekne akka ta’e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneessee jira. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).

Egaawoo akkuma mata duree irraa hubannutti “Ragaa baatoota Koo taatu” jedhee isaanitti hime.  Duuka Bu’oonni Gooftaa humna erga fudhataniin booda ragaa baatota isaa akka ta’aniif Kiristoosiin addunyaatti labsanii alagoota gara Kiristaanummaa akka fudhatan taasisan. Dursa garuu ofii isaanii Kiristoosin fudhatanii, amananii qaama isaanii taasifatanii jiru. Gara ragaa bahuutti deemuun duras soomaa fi kadhaannadhaan Iyyaruusaaleem kan taate Mana Kiristaanaa keessa turuun humna argatanii jiru. Sana booda beela, dheebuu, goodaansa, gidiraa hundaa fi du’a osoo hin sodaatin Kiristoosin addunyaaf labsanii jiru. Kana jechuun Duuka Bu’oonni fi Abboonni Duuka Bu’oonni Kiristaanummaa Labsanii nuun kan ga’an sagaleedhaan qofa osoo hin taanee jireenya isaanii guutuu kennuudhaani. Egaa wal harkaa fuudhinsi kun nu bira yeroo gahu ni gaha akka waan jedhamee dhaloota dhufuuf dabarsuu dhiisnee kan keenya kan ta’e, ofuma keenyaa ceepha’aa, ofuma keenyaa maddii dhaabbannee harka itti reebaa, akka waan nu hin ilaallannee taajjabdoota taane hafne.

Ka’uumsa mata duree keenyaa irratti “Iyyaruusaalem, Yihuudaa, Samaariyaa, hanga handaara addunyaatti ragaa baatota Koo taatu.” kan jedhu yeroo ilaallu

  1. Iyyaruusaalem:- Maatii fi Naannoo Mana Kiristaanaa namoota jiran (maatii Mana Kiristaanaa waan ta’aniif)

Kana jechuun haadha, abbaa, obboleessa, obboleettii, haadhaa manaa ijoollee, firoota keenya nu waliin jiran, hojjattoota keenya illee ni dabalata jechuu dha. Ofii keenya fayyinee namoota kanneen biroos fayyisuu osoo dandeenyuu nuti garuu waa tokko raawwachuuf yaalii illee hin goonu. Nuti shakkii amanuu dhabuu hagam akka dabarsine lapheen keenya ni beeka. Kanaafuu laphee guutuun amannee ofii keenyas fayyinee maatii keeenya fayyisuun nu irraa eegama.

  • Maatii keenya barsiisuuf Kitaaba Qulqulluu fi Qabsuura Qulqullootaa dubbisuun haa eegallu.
  • Gara Mana Kiristaanaa Deemuun sirna Qiddaaseee akka hordofan affeeruu
  • Foonii fi dhiiga Isaa akka fudhatan taasisuu.

          Fil. 1:1-3, 2ffaa Moot. 5፡1-13, Yoh. 1:45

  • Yihuudaa:- Ollaa fi Iddoo hojii
  • Naanoo hojiitti haasawa cubbuuf nama affeeru haasawuu dhiisuu
  • Dilbata kan baranne iddoo hojii fi mana baruumsatti hiriyyoota keenya barsiisuu
  • Kitaaba akka dubbisan affeeruu fi maal akka irraa argatan gaafachuu
  • Garraamummaa jaalalaa fi afuuraan karaa jibbiinsii fi xiiqii hin qabneen gaggeeffamuu 1ffaa Xim. 1:19

Walumaa galattii jireenya keenya hundaan mana yookan maatii keenya biraa kaasee hanga addunyaa guutuutti ragaa baatota Kiristoos ta’uun nu irraa eegama. Duuka Bu’oonni Gootfaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan isaan barsiise waan Isa irraa argatan gidiraa fi darara mootota addunyaa kanaa osoo hin sodaatin onneee fi laphee isaanii guutudhaan Afuura Qulqulluu irraa kennaa argatan fayyadamuun kan arganii fi dhagahan ragaa ba’anii jiru. “ Nuti kan dhageenyee fi kan argine ragaa ni baana” (H.D.B. 4:20) Eegaa hundumti keenyaa akkuma Duuka Bu’oota humna akka argannuuf Iyyaruusaaleem keessa turuutu nu irraa eegama. Sana booda akka Duuka Bu’oota Ragaa baatoota Isaa taana.  Waaqayyo Gooftaan hanga dhumaatti Iyyaruusaaleem kan jedhamte Mana Kiristaanaa Keessa akka jiraannu nu haa gargaaru.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2

Dn. Yooseef Baqqalaa

Hiikaa: Soorii Moosisaa

Seerri Kiristoos Maali dha?

Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa’e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka’uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala dha. Nama biraaf kan Raawwannu jaalalli gaariin kun Waaqayyo biratti gatii guddaa qaba. Kanaafis walitti dhufeenya guyya guyyaa keessatti kan beela’e nyaachisuun, kan dheebote obaasuun, kan daare daara baasuun, kan rakkate gargaaruun, kan gadde jajjabeesuu fi hojiiwwan gaariin kana fakkaatan hundi jaalala namni namaaf qabu irraa kan ka’e dha. Hojiiwwan gaarii kana fakkaatan kan raawwatan hundaa Gooftaa keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos murteedhaaf yeroo dhufutti, “Eebbifamtoota ijoollee Abbaa Koo koottaa addunyaan yeroo uumamtee eegalee kan isiniif qophaa’e Mootummaa Koo dhaalaa! Hundumaa gadi kan ta’an obboloota Koo isaan kana keessaa isa tokkoof waan raawwattaniif akka Anaaf raawwattaniti.” jechuun gatii kabajamaa akka nuuf kennu Wangeelaan nutti dubbatee jira. Maat. 25:35-36

Nama jaalachuu fi nama gargaaruun jaalala ti. Waaqa jaalala kan ta’e Waaqayyoo biraa gatii argamsiisa. Qulqulluu Phaawuloos “Egaahoo yeroo yoo arganne nama hundaaf gaarii yaa raawwannu.” kan jedhe gaarummaan jaalalaan kan raawwatamu gatii Afuurawaa inni argamsiisu sirritti waan hubateefi dha Gal. 6:10. Jaalala kan jedhame kun namaaf waan gaarii hojjachuu, dadhabbina namaa illee haguuguun ykn dhoksuun raawwii ibsamu dha. Qulqulluu Phaawuloos isa kana ilaalchisee “Isin keessaa tokkoon tokkoo namaa ba’aa isa tokkoo haa baatu, akkasumas seera Kiristoos raawwadhaa!” jedhamneerra. Kanaafuu, seera Kiristoos kan jedhame jaalala dha. Kunis barsumsa hojiidhaan mul’atuu dha Gal. 6:2. Fayyisaan Keenya Iyyasuus Kiristoos jaalala Isaa gonkaa irraa kan ka’e ba’aa ilma namaa baatee duuti Isaaf kan malu osoo hin taane, foon keenya uffachuun du’a mo’ee ka’uun mo’icha akka nuuf kenne, hir’ina keenya keenya balleessaa keenya obsuun nama gara jireenyaatti gara Fayyinatti deebisuun jaalala gonkaa hojiidhaan ibsamee dha.

Jaalalli qooqa Ergamootaan dubbachuudhaa olitti kan kabajamee dha. Jaalalli dhugaan beekumsa fi arjoomina kamiyyuu ni caala waan ta’eefi dha. Jaalalli bu’uuraa jireenya kiristaanummaa akka ta’e Qulqulluu Phaawuloos 1ffaa Qor. 13:1-10 irratti jireenyi ykn qabsuurri jaalalaan hin mi’oofne kan hin fayyadne ta’uu isaa nutti himee jira. Sababni isaas “Jaalalli ni obsa, jaalalli namaaf gadda, jaalalli hin boonu, jaalalli ana qofatu jiraata hin jechisisuu, jaalalli waan hamaa hin yaadu, jaalalli dhugaa waliin yeroo hunda ni gammada, jaalalli hundumaa ni amana. Akkasumas jaalalli hin kufu.” jechuun nu barsiisee jira. Haala kanaan kan jaalalatuuf arjummaa taasisa, ni obsaafis. Kanaafuu, kan isaa illee osoo hin hafin ni dhiisaafi ykn ni kennaafi. Nama jaalatu akka hin dhabneef gadi of qabummaadhaan, garraamummaadhaan, obsaan of’eeggaanoodhaan ni jaalata. Eef. 4:2. Namni hunduu kan jaalatu arjummaa fi gara laafummaa qabu irraa osoo hin sassatin ni qooda, waan hundaanuu garaa hin jabaatu. Eef. 4:32

Namni Waaqayyotti amanu hundumtuu kan jaalalaa ta’uutu isa irraa eegama. Fannoo irraatti addunyaaf beenyaa ta’ee kan fannifame Fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kan nu barsiise nama hunda jaalachuu akka qabnu dha. Bu’uurri baruumsa fi amantii amantaa Kiristaanaa jaalala kanaan ibsamuu qaba. Qulqulluu Phaawuloos Gal. 5:6 irratti “Kiristoos Iyyasuusiidhaan ta’uun amantii jaalalan raawwatamuu dha malee kittanamuu yookan kittanaamuu dhiisuun hin fayyadu.” jechuun nu barsiisa. Kunis amantii kan sochoosuu fi hojii gaariin akka hojjatamu kan taasisu inni guddaan jaalala dha. Kanaan alattis bilisummaa Afuuraatiif kan waamamne amantaa Kiristaanaa keenyaa fedhii foonii fi qoruumsa garaa garaatiin akka hin gufannee fi dhabeessa akka hin taane yeroo nu akeekkachiisu “Yaa obboloota isin fakkenyuummaadhaaf waamamtaniittu. Fakkeenyuummaan keessan fedha fooniif akka isin hin kennine. Garuu, jaalalaan walii walii keessaniif akka garbootaa ta’aa!” Gal. 5:13 jechuun akka of eeggannuuf nutti himee jira. Amantaa hojiidhaan ibsuuf jaalalli baay’ee murteessaa dha. “Haa ta’u malee yoo wal ciniintan, wal nyaattan illee  akka wal hin balleessine of eeggadhaa!” Gal. 4:14 Kana irraa ka’uun jaalalli raawwii hojii amantaa ta’uu isaa hubanna.

Kanaafuu, gidduu keenya jaalalli jira jechuun tokkummaa fi wal hubachuun nu gidduu jira jechuu dha. Kana yoo ta’e immoo namoonni jaalala tokkoon jiraatu, waan tokko yaadu, kaayyoo tokkoof hojjatu, karaa tokko irra deemu. Akkasumas, laphee tokko ta’u. Wangeela tokkoon tajaajilaa Afuuraa ykn Mootummaa tokkoof kan waamamani dha. H.D.B. 1:14 “Laphee tokkoon ta’anii kadhachaa turani.” 1Phex 3:8 irratti Qulqulluu Pheexiroos “Dhuma irratti hundi keessanuu laphee tokkoon ta’aa gidiraan nama biraa isiniif akka ta’eetti fudhadhaa, akka obbolaatti wal jaaladhaa!” jechuun akka nu barsiise nutis waa’ee jaalalaaf jennee namoota wal jaalatan fakkaannee bultoo Waaqayyoo kan ta’e madda jaalala dhugaa haa taanu. Kanaafi dha Qulqulluu Phaawuloos Eef. 5:2 irratti “Jaalalaan deddeebi’aa, jaalala hordofaa!” kan nuun jedheef. Sababni isaas sossobaa kan hin qabne jaalalli dhugaa (gonkaa) diina ykn gufuu cubbuu waaan ta’eefi dha. Jaalalli hammeenya nu gidduuu jiru kan balleesu meeshaa afuura ti. Fkn. 10:2 irratti “Lolli mormii kaasti; jaalli garuu cubbuu haguugdi.” jechuun nu barsiisee jira. Akkasumas, Qulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1ffaa 4:4 irratti “Jaalalli baay’ina cubbuu ni uuwwisaatii, hunda dura cimsaati wal jaaladhaa!” nuun jedhee jira. Kanaafuu, jireenyi nuti jiraannus jaalalaan yoo hin mi’oofne hiika hin qabuutii nama jaalalaa taanee jaalalaan jiraachuu qabna.

Jaalala Akkamitti Hojiitti Hiikuu Qabna?

Qulqulluu Daawiit Faar. 132:2 irratti “Obboloonni tokkummaan yoo ta’an ni bareeda.” jechuun akka nutti hime waliif yaaduu laphee irraa madde, walgargaaruu, waliif gadduu, walumaa galatti laphee tokkoon ta’uu akka qabnu nu hubachiisa. Qulqulluu Yohaannisis 1ffaa Yoh. 4:7 irratti “Walii walii keessan jaaladhaa!” nun jedhee jira. Kanaafuu, jaalalli nu gidduu jiraachuu qabu jaala lafarraa isa boru badu jaalala yeroo gabaabaa osoo hin taane gatii hin badne kan nuuf kennisisu jaalala isa samii kan Afuuraa ta’uun nu hubachiisee jira. Akkasusmas, 1ffaa Yoh. 4:20-21 “Eenyumtuu Waaqayyo nan jaalaldha jechaa obboleessa isaa kan jibbu inni sobaa dha. Obboleessa isaa isa ijaan argu kan hin jaalanne kan ijaan hin argin Waaqayyoon akkamiin jaalachuu danda’aa? Waaqayyoon kan jaalatu obboleessa isaas akka jaalatu ajajni kun Isa biraa nuuf kennamtee jirti. Kanaafuu, kun ajaja Waaqayyoo ta’uu isaa haa beeknu.” Armaan olitti akkuma ibsame walii walii keenyaa akka jaalannu Waaqayyoo irraa kan nuuf keennamee dha. Bu’uura amantii Kiristaanummaa irratti kan dhaabbanne hundi keenyaa jaala gonkaa kanaan wal jaalachuu akka qabnu haa beeknu. Sababni isaas jaalalli samii fi Afuuraa ajaja Waaqayyoo raawwachuudhaan tajaajilaa amanamaa fi jaalatamaa ta’uu kan mirkaneessuu dha. Qulqulluu Pheexiroos ergaa isaa 1ffaa 1:22-23 irratti “Dhugaaf kan ajajamtan nuffiin kan keessa hin jirre jaalala obbulummaatiin lubbuu keessan jabeessaatii laphee keessan irraa wal jaaladhaa!” jedha. Qulqulluu Phaawuloos  2ffaa Qor. 6:3 irratti “Tajaajilli keenya akka hin qeeqamneef waan tokkonillee hin gufachiisnu. Haa ta’uu garuu, waan hundaanuu akka tajaajiltoota Waaqayyoo jaalala nuffii hin qabneeen of jabeessina.” jechuun jaalalli dhugaa gonkaa nuffii kan hin qabne ta’uu nu hubachiisee jira.

Kanaafuu, obboolota gidduu jaalalli jiru yeroo tokko mul’atee yeroo biraa kan badu, yeroo tokko daraaree waqtiin booda kan coollogu ta’u hin qabu. Kana caalatti amantii jabaa irratti biqilee, yeroo hundaa daraaree eebba Afuuraa fi arjummaa Waaqayyoo argamsiisaa kan jiraatu fi walitti fufaa ta’uu qaba. Kanaafidha Qulqulluu Phaawuloos 1Tes 3:13 “Nuti akkuma isiniif taanuu yeroo hunda walii waliif keessanii jaalalli qabdan haa baay’atu.” jechuun ibsa. Abbootiin keenya akka taasisan hunda jaalalli akka jabaatuu fi guddatuuf fiis akka buusuuf kadhaannaadhan kan deeggaram,ee of eeggannoodhan kan qabame ta’uu isaa hubanna. 2ffaa Phex. “Sababa kanaaf jabina agarsiisaa Waaqayyoon fakkachuun jaalala obbolootaa dabalaa!” jechuun jaalalli Afuuraa inni gonkaa yeroodhaa yerootti guddachaa deemuu kan qabu mi’eessituu jireenya Kiristaanummaa akka ta’e hubachuun jaalala nuffii irraa bilisa ta’e qabaachuun seera Isaa eeguun hojiin kan mul’atu akka nuuf taasisuuf kadhachuutu nu irraa eeggama. Kan kadhatan kan nama hin dhowwanne, kan itti himatan kan hin daganne Waaqayyo Gooftaan Abboota darbaniif kan kadhatame akka nuuf kadhatamu, nama jaalalaas akka nu taasisu, jaalala Isaatiinis jabaannee dhaaltuu Mootummaa Isaas akka nu taasisu fedhaa fi jaalala Isaa nuuf haa ta’u.

Dn. Yooseef Baqqalaa

Qorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun

Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay’ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4፡1-11, Maar. 1፡1-12, Luuq. 4፥1-13).

Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya “Ergasi Gooftaankeenya Fayyisaankeenya Iyyasuus Kiristoos seexanaan qoramuudhaaf Afuuraangara lafa onaatti geeffame.”Maat. 4:1-11isa jedhu keessatti jechi ‘Ergasi’ jedhu maal ibsa?yoo jenne, Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphamee booda, gara Kawaalaatti deemuu Isaa ibsa. “Isinis cuuphamtanii osoo hin oolin fi hin bulin gara Kawaalaa deemaa” nuun jechuuf kana raawwate.Fakkeenya nuuf ta’uuf “gara Kawaalaa deeme” jedha Kitaabnis. Abbaan keenya Addaam biyya lafaa kanarraa fagoo kan taate Gannata keessatti mo’atamee waan tureef, Gooftaankeenya Fayyisaankeenya IyyasuusKiristoosis, Kawaala iddoo ishii Qulqullittii jireenya fi ilaalcha adduunyawaa irraa fagaattuu taate keessattiijoowwan cubbuu sadeen mo’uuf deemuu Isaa ibsuufi dha.

Akkasumas, “Kawaala keessa qorumsi ni salphata,” yoo jedhan, namoota jalqabdoota (ወጣንያን) ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.“Kawaala keessatti qoruumsi ni hammaata” yoo jedhan immoo; kanneen amantaa isaaniitiin ciccimoo ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.

“Afuurri gara lafa onaatti Isa geese”kan jedhu keessatti jechi ‘Afuurri’ jedhu, maal jechuu akka ta’e ibsuun duratti, jechichi Kitaaba Qulqulluu keessatti yaad-rimeewwan akkamii fa’aaf ooluu danda’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Galumsaa fi yaad-rimee isaa beeknaan hiika laachuun baay’ee nama hin rakkisu.

  • Ergamoota Isaa afuura; Warroota Isaaf ergamaniis labooba abiddaa kan taasisu (Faar.103፡4)” Caqasa kanarratti hundoofnee yeroo ilaallu, jechi ‘Afuura’ jedhu Ergamoota Waaqayyoon bakka bu’a. haa ta’u malee, Kitaabni “Afuurri gara lafa onaatti Isa geese” yeroo jedhu, “Ergamaa Waaqayyootu Isa geesse” jechuu miti.

  • “Afuurri gara fedhetti afuura’a. እስመ መንፈስ ኀበ ፈቀደ ይነፍኅ…፤” (Yooh. 3፡1-15) kan jedhus yoo ilaalle, jechi Afuura jedhu qilleensa /bubbee ta’ee argma. Ammas, “Qilleensi gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan dogongora guddaa dha.

  • “Ni rifatan ni sodaatanis; waan afuura arganis isaanitti fakkaate.” Luuq. 24:37 Caqasa kana keessatti Afuurri ibsamee jiru afuura xuraawaan bakka bu’eera. “Afuurri xuraawaan gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee yoo hiikames, hundaa ol kan ta’e Waaqayyo, afuura xuraawaan hin hogganamu waan ta’eef haala kanaan hin hiikamu.

  • “Qaamaan isin wajjiin jiraachuu baadhus afuuraan isin waliin jira.” (1ffaa 5:3-4 yommuu jedhus jecha afuura jedhu yaada namaan bakka buuseera. Kanaafuu, “Yaadni namaa gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan, ammas dogongora guddaa dha.

  • “Qooqaan kadhannaan afuura kootu kadhata; sammuun koo garuu hubannaadhaa ala.” (1ffaa14:14) yaada jedhu keessattis jechi Afuura jedhu jecha lubbuu jedhuun ibsameera. “Lubbuun namaa gara lafa onaatti Isa geesse.” Jedhamee yoo hiikame, lubbuun namaa Waaqayyoorratti aangoo homaayyuu waan hin qabneef, kunillee hiika sirrii miti.

  • Waaqayyo Afuura dha. namootni Isaaf sagadanis Dhugaa fi Afuuraan Isaaf sagaduutuu irraa eegama.” (Yooh.4:24) Asitti immoo Afuurri jecha Waaqayyo jedhu ibsa.

Kanaafuu, jecha Afuura jedhu kallattiidhaan jecha ‘Waaqayyoo’jedhuun bakka buufnaan, hima “Waaqayyo gara lafa onaatti Isa geesse” kan jedhu nuuf kenna. Akka galumsa jechichaa isa sirrii yommuu ilaallu immoo “Waaqummaa Isaatu ykn fedha Isaatu Isa kakaasee gara lafa onaatti Isa geesse” jennee ifoomsuu dandeenya. “ወሶበ ትሰምዕ እንዘ ይብለከ መንፈስ ወሰዶ ገዳመ ኢተሐሊኬ ከመ ፍጡር ውእቱ፡፡ Yeroo jecha ‘Afuurri gara lafa onaatti Isa geesse’ jedhu dhageessu, akka uumamaatti Isa hin ilaaliin. አላ መንፈስሰ ሥምረቱ ይእቲ፡፡ Afuurri Eeyyama /Fedha Isaati malee.” Akkasumas, jechi ‘Afuura’ jedhu ‘Afuura Qulqulluu’ jechuu dha. Kana yommuu jennu garuu, akkuma Afuurri Qulqulluun Wareegamtoota kakaasee gara dhiiga isaanii dhangalaasuutti isaan geessu, ykn immoo Toloota kakaasee gara Kawaalaatti isaan geessu sana jechuu miti. Fedhiin Abbaa, fedhiin Ilmaa, fedhiin Afuura Qulqulluu tokko akka ta’e ibsuuf malee. Kitaabnis “Fedhiin sadeenuu tokkittii dha” jedha waan ta’eef. “Fedhii Isaatiin, fedhii Abbaa Isaatiin fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nufayyise;” jechuudhaan yaada daran nuuf ibsu ni arganna (Galata Maariyaam kan guyyaa Kiibxataa, Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Waa’ee hiika galuumsaa jecha ‘Afuuraa’ hanga kana yoo ilaallee, itti aansuun immoo qormaatawwan sadeen maalfaa akka ta’an fi tooftaa akkamiitiin isaan mo’achuu akka dandeenyu ilaalla.

Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nanqulqullaa’a kan hin jenne Qulqulluugonkaa kan ta’e; nan dhugooma kan hin jenne AbbaaDhugaa ta’ee osoo jiru, nuti cubbamtootni cubbuu kenyarraa akka qulqulloofnuuf cuuphamee “Cuuphamaa!” nuun jedhe. Cuuphaan haqxuu cubbuuti.“Cuuphaa tokkittii ishee dhiifama cubbuu argamsiistutti ni amanna” (Hundee Amantaa ykn ejjannoo/bu’uura amantaa Abboota 318’n magaala Niiqiyaatti tumame) akkuma jedhu jechuu dha. Sirna Soomanaa kanas, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos tumaa seeraa fi sirnaati waan ta’eef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf iddoo itti dhaabbaterraa osoo hin maqin, miila diriirfate osoo hin dachaasin fi osoo hin taa’in soomuudhaan seeraa fi sirna soomanaa nuuf tumeera. Hojii keenya hojjechuu jalqabuu keenyaan dura soomuun kadhannaa geessisuun barbaachisaa akka ta’e nuhubachiisuuf hojii Isaa soomanaan jalqbe.Nyaanni cubbuuf hundee akkuma ta’e, soomannis naamusa gaarii qabaachuu fi hojii gaarii hojjechuuf bu’uura dha.“Soomanni Haadha kadhannaa, Obboleettii callisuu (አርምሞ), Burqa imimmaanii, Qabsuura Qulqulluufis ka’umsa dha” (Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Gooftaan keenya turtii soomanasaa maaliif guyyaa afurtama taasise?Afurtamii tokko ykn soddomii sagal maaliif hin taasisne?

  • Abbootiin Kakuu Duraa soomaa kan turan guyyaa afurtamaaf ture. (S/Bahuu 24:18) Inni Kakuu Haaraatti baay’ina guyyoota soomanaa odoo dabale, turtii guyyoota soomanaa dabale ykn immoo osoo irraa hir’ise, hir’isee jira jedhanii seera Wangeelaa ishee qajeeltuu taate kana fudhachuurraa of-dhorku ture waan ta’eefi dha.

  • Akkasumas, Angafti Raajotaa Muuseen seera Kakuu Duraa tumee jira. Gooftaan keenyaas seera Wangeelaa tumee jira. Kana qofa miti, angafa Muuseen waggoota 40f Midiyaam keessa jiraatee uummata Israa’eel garbummaa Misir jalaa baaseera.; Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuusis guyyoota 40f soomee abbaa keenya Addaamii fi ijoolleesaa garbummaa seexanaa jalaa baaseera. Soomanni kan dhalli namaa ittiin seexana ofirraa ari’atu dha (Maat. 17:14-21)

  • Uummanni Israa’eel waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda, Lafa Kakuu kan jedhamte Kana’aaniitti galaniiru; Gooftaan keenyas ‘isinis guyyoota 40f yoo soomtan Gannata ni galtu Mootummaa Waaqayyoos ni dhaaltu’ jechuuf guyyoota 40f soomeera (Hoj.D.B. 14:21-22). Raajaan Waaqayyoo abbaan keenya Eeliyaas guyyoota 40f soomee iddoo Qulqullootni fi Toltootni eegumsa adda ta’een eegamanitti (ብሔረ ሕያዋን) galeera; ‘isinis guyyoota 40f soomnaan Gannata ni galtu’ jechuuf guyyoota 40f soome.

  • Akkasumas, abbaan keenya Addaam mucummaa guyyaa 40tti Waaqayyorraa argate sana ofirraa fudhachiisee waan tureef, beenyaa isaaf (Addaamiif) ta’uuf guyyoota 40f soomee jira. Dhala namaa garaa haadha isaa keessa sanyii abbaa fi haadha isaarraa argate guyyoota 40f bocamaa, bifa namaa qabaachaa dhufu maraaf beenyaa ta’uuf dhufuusaa nuhubachiisuuf guyyoota 40f soome.

Erga soomee booda ni beela’e. Beela’eef immoo nan nyaadha hin jenne; ni obsate malee. Ni qorame garuu, qormaata sanaan hin mo’amne.Soomee; soomaa nuun jedhe malee osoo hin hojjatin hojjedhaa nuun hin jenne.

‘Achiin booda ni beela’e’ jedhamuunsaa akkuma nuti beelofnu sana jechuusaa miti; beela fedhiin beela’edha malee. “Beelli Gooftaa akka beela keenyaa miti.Nuyiin beelli nu mo’ata; kan Isaa garuu beela fedhiidhuma Isaatiin beela’e dha.” (Hiika galuumsaa Wangeela Maateewoos 4:2) .

Seexanni beela’uu Gooftaa ilaalee Isa qoruuf dhufe (Maat. 4:3).Erga itti dhihaatees, “Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate dhagoota kanaan ‘Daabboo ta’aa!’ jedhiin” jedheen.

“Ilma Waaqayyoo yoo taate…” yaada jedhu ka’umsa tokko malee hin kaafne.Waaqni Abbaan tulluu Taabooritti “ዝንቱ ውእቱ ወልድየ፤ Kun Ilma Kooti.” yommuu jedhu waan dhagaheefi dha malee. Osoo dhagoota sana gara daabbootti jijjiiree jira ta’e, “ajajamaa seexanaa” jedhee idaa /mugoota/ itti godhuufi, yoommoo hin jijjiirre ta’e, “dadhabaa dha” isa jechisiisuuf.

Karaa biraatin immoo, ‘osoo gara daabbootti jijjiiree jiraate, qormaata biraan barbaadaaf; yoo jijjiiruu dide immoo, dadhabuusaa hubadheen itti dhihaadha’ jedheeti gaafficha dhiheesseef. Yaad-rimee (muuxannoo) ‘Dhagaa gara daabbootti jijjiiruu’ kana eessaa fide?’ jennaan, Yooseef Qulqullichi abbaan isaa obboloota isaaf (obboloota Yooseefiif) galaa hidhee (qopheessee) galaa isaaf (Yooseefiif) ta’us itti kennee, ‘isaaniif geessi haala isaan irra jiraniis ilaali koottu’ jedheen. Innis (Yooseef) galaan isaa jalaa dhume.Dhumnaan, galaa obbolootasaaf qabatee jirus yoo ta’e, yaboo (imaanaa) dha. Yooseefis nama amanamaa waan ta’eef ‘galaa isaanii ‘hin tuqu’ jedhee of-amansiiseera.Ergamaan Waaqayyoos gara isaa dhufee “Maaloo Waaqa abboota keen ‘dhagaa kana daabboo naa godhi’ jettee hin kadhattuu?” jedheen.Yooseefis, Waaqayyoon kadhannaan, Waaqayyo dhagaa sana daabboo isaaf godhee akka sooratu taasiseera. Seexanni raajii Waaqayyo yeroo sana raawwate fakkeenya/barsiifata/ godhateeti ‘dhagaa kana daabboo godhi’ gaaffii jedhu  Gooftaa keenyaatti kan dhiheesse.

Gooftaan keenyaas,  “Namni biddeenaan qofa miti kan jiraatu. Sagalee afaan Waaqayyoodhaa bahu hundaani malee.” jedheen (Maat. 4:4, S/K/Deeb. 8:3). Kana jechuunsaa, ‘Waaqayyo jiraadhu siin jennaan ni jiraatta; hin jiraatin siin jennaan immoo, hin jiraattu’ jechuusaati.

“Achiin booda immoo, gara biyya Qulqullittii Iyyaruusaaleem jedhamtutti Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos fudhate. Inni seexanaaf ajajameeti miti kan deeme; fedhii isaa (kan seexanaa) irratti beekee deemeef malee. “Kawaala, bakka injifannoo itti gonfadhee hin beeknetti waan ta’eef mo’ame malee, Mana Qulqullummaa, iddoo luboonni itti mo’amanitti osoo ta’ee Isan mo’adha ture.” jechaa sababeeffachaa waan tureef, Gooftaan keenya seexanicha sababa dhabsiisuuf beekaa deemeef (Hiika galumsaa Wangeela Maat. 4:5). Tibba soomanaatti nyaatarraa qofa of-dhorkuu osoo hin ta’iin, dognummaa (ስስት) fi of-jajiinsarraa of-dhorkuunillee waan nurraa eegamu akka ta’e hojiin nutti agarsiisee jira.

Mana Qulqullummaattis Bantoo Mana Qulqullummaarra Isa dhaabbachiisee. “Dhugumatti Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate, bantoo Mana Qulqullummaa kanarraa Of-darbuun gadi bu’i! Karaa Ati deemtu hundumatti akka Si eeganiif Ergamoota Isaa Siif ni abbooma. Miilli Kees dhagaatti akka hin gufanneef harka isaaniitiin ol-siqabu’ jedha waan ta’eef Kitaabni” jedheen seexanichi (Maat. 4:6, Faar. 90:11). Garuu, Gooftaan keenya “Yommuu utaalu cabnaan, nan obbaafadha. Yoo cabuu baate (dide) immoo ‘jinnii (ምትሐት) dha’ jechaa maqaasaa xureessa.Yoo utaalee nagaan lafa gahe, qorumsa biraa itti fida.Yoo utaaluu/of-darbachuu dide immoo ‘dadhabaa dha’ jedhee maqaasaa xureessuuf natti mijata” jechaa sababa irratti barbaadaa ture.

Karaa biraatiin immoo, “Ajaja kiyya dhagahee yoo raawwate, “Ajajamaa seexanaa” jecheen maqaasaa xureessa; yoo raawwachuu dide immoo, dadhabinasaa ilaaleen itti dhihaadha.” jechaa tooftaa mijeeffatee ture.

Waaqayyo warroota Isatti amanan fi abboommii Isaa eegan qofa balaarraa oolchaa, namoota Isatti hin amanne fi abboommiisaa hin eegne immoo balaaf saaxilee akka kennu fakkeessee, amantootnillee “Amantoota/Kiristaanota waan taaneef gidiraan tokkollee nurra hin gahu” jechaa of-jajuudhaan akka kufaniif of-jajiinsa kan isaan barsiisu seexana ta’uusaa beekuu qabna. Waaqayyo nama hundumaa ija tokkoon waan ilaaluuf gara fayyinaatti akka dhufaniif of-dabarsee laateera. Garuu, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yaadni seexanichi kaase kun of-jajiinsa (namaa ol of-ilaaluu) agarsiisuu isaa waan beekuuf “Waaqayyo Gooftaa kee hin qoriin” jedhamee barreeffameera jechuun deebii gahaa kennuun isa qaaneessee/salphisee jira (Maat. 4:7, S/K/Deeb. 6:16)

Kanaafuu, qormaata of-jajiinsaa gad gad of-qabuudhaan dabarsuun nurraa akka eegamu Galatni fi Ulfinni Isaaf haa gahuuti Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nuhubachiiseera.

Ammas Seexanni Gooftaa keenya qoruu itti fufee, Gooftaa keenyaan gara tulluu ol-ka’aatti geesseen. Gooftaa keenya gara tulluu ol-ka’aatti kan geesse/fuudhe seexanicha miti. Seexanichi “Mana Qulqullummaa, iddoo mootata  injifachuu hin malletti waan ta’eef namo’ate malee, tulluu, iddoo mootota injifachuuf mijataa ta’etti osoo ta’ee na hin mo’atu ture.” jechuun sababa tarreessaa waan tureef, Gooftaatu seexanicha sababa dhabsiisuuf gara tulluutti beekaa ol-baheef. Achittis, seexanichi “Kabaja mootota addunyaa maraa itti agarsiise. Jechuunis, cirracha lafaa sookoo (warqee); baala daggalaa immoo kafana kabajaa fakkeessee, karra fi qabeenya isaa (kan seexanaa) itti agarsiise. Gooftaan waan inni itti agarsiisaa jiru kanaan kan mo’amu itti fakkaateera.

Itti aansuudhaanis, jal’innisaa hammaataatuma deema waan ta’eef, “Osoo naaf sagaddee qabeenya addunyaa kanaa mara siin laadha.” jedheen.Abbaan manaa bultoosaatti, mootiin aangoosaatti, Waaqayyoon Waaqummaasaatti yoo Isa morman/falman hin jaalatu waan ta’eef, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos “Seexana nana, Anaa dura deemi!Waaqayyo Gooftaa keef jilbeeffadhu sagadi; Isa duwwaa Waaqeffadhu!” (Maat. 4:10/S/K/Deeb. 6:13) jechuun seexana of-duraa dhabamsiiseera. Nutis, kiyyoo jaalala qabeenya fooniitiin yommuu nuhidhuuf yaalan, jibbansa qabeenya fooniitiin isaan mo’achuu akka qabnu fakkeenya nuuf ta’eera.

Walumaa galatti, Soomuun Gooftaa keenyaa kaayyoowwan Qulqullaa’oo ta’an baay’ee qabaatus, haala mata duree keenyaaf mijatuun qormaatawwan sadeen irratti aangoo nuuf kennuufi dha. Dognummaa nyaatarraa of-dhorkuun, Of-jajiinsa gad of-qabuudhaan Jaalala qabeenya adduunyawaa; qabeenya adduunyawaa jibbuudhaan mo’achuu nudandeessisuufi dha.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u.