“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste”

“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste”

                                                     FARSAA DAAWIIT 65/6:12

Dn.Takiluu Haayiluutiin

Manni Qulqullummaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo giiftii qopheedha. Kitaaba Qulqulluu bu’uureffachuun Qulqulloota, Toloota, Wareegamtoota isheef yaadannoo ni taasifti. (Faarsa 111/2:6 ). Haaluma kanaan Manni Qulqulummaan keenya yaadannoo qulqullootaaf taasiftu keessaa guyyaa hangafti ergamootaa Qulqullichi Gabri’eelin Waaqayyo irraa ergamuun wareegama Qulqullicha Qiirqoosiifi haadha isaa wareegamtuu Qulqulleettii Iyyeluxaa bishaan danfaa keessaa baase yeroo maraa Adoolessa 19 kabajamee oola. Mannii amantaa keenya seenaa kabaja ayyaana kanaa gabaabumattii akka armaan gadiitti barsiisti.

Barri sun bara Wareegamtootaa ture. Wareegamaa jechuun ragaa ba’aa, waa’ee amantaa ishee sirriifi mootummaa Waaqayyoof jecha kan dhugaa ba’u jechuu dha. Waqtii sana amantaan kiristaanummaa bal’inaan yeroo itti lallabamuu eegalame, kiristaanotaafi mootota biyyattii giddutti sababa amantaa qofaan garagarummaa guddaafi dhumaati yeroo itti godhamaa tureedha. Sababa kanaan jireenyi kiristaanotaa du’aafi jireenya gidduu yeroo tureefi yeroo qorumsa guddaa, dhiigni kiristaanotaa akka lolaa gannaa yeroo lafarra dhangala’aa tureedha. Bara kana wareegamtoota akka warqee ibiddaafi rakkoon dararamaa amantaa isaanitin cimanii dhabatan keessaa daa’imtichi Qulqulluun Qiirqoosifi haati isaa Qulqulleettii Iyyeluxaan isaan tokko. Wareegamaa Qirqoosiin wareegamtoota kaan irra addaa kan isa taasisu umuriin daa’ima ta’uu isaati.

Qiirqoos biyyi isaa Roomaa, Ixaaliyaa, bakkaa Angabeen (አንገቤን) jedhamtudha. Haati isaa Iyyeluxaa, abbaan isaa Qoozimoos (ቆዝሞስ) jedhamu. Bara mooticha hamaa Diyooqilxiyaanos (bara wareegamtoota) –Diiyooqilxiyaanos mudamee waggaa 20ffaa isaatti bara 303 BA, manneen amantaa kiristaanotaa akka barbadaa’an, manneen xa’otaa akka babal’ataan labsiin labsame. Sababa kanaanis kiristaanootni hedduun ari’ataman. Iyyeluxaanis daa’ima waggaa sadii kan ta’e, mucaa ishee Qiirqoos qabattee gara Iqooniyoosittii baqatte. Yeroo sana bulchaa kutaa biyyaatti kan ture mootichi hamaan Ileeskiindiriyoos jedhamu isaan argate. Mootichis baqattoota kana ofitti waamuun waa’ee amantii isaanii gafate. Iyyeluxaanis “yaa mootii xaa’ota waaqessun gaarii ta’uufi ta’uu dhiisuu isaa daa’imti waggaa sadii ni jiraatii isa gaafadh” jechuun deebisteef. Daa’imtichis bakka jiru akka dhufu taasifame, mootichis ‘’ yaa mucaa gammadaa akkam jirta jechuun gaafate, daa’imtichis eyyeen anaaf gammachuun naaf eegameera, siif garuu gaddaafi ilkaan walitti riguutu sii eeggata’’ jechuun deebiseef. Waaqayyo daa’ima kana irraa ayyaana isaa bulcheeraatii mootichaafi ergamtoota isaas ni rifachise, xaa’otaa sanaas ni abaare. Isaanis cimina daa’imtichaa arguun aja’iibsifatan.

 

Mootichis qaana’uun ”okkotee sibiilatti wantoota danfun baay’ee nama gubu danda’an kanneen akka Gagaa(ሰም), Ashaboo, Baruuda(ባሩድ), Muccaa (ሙጫ), adaamii, kkf naquun naaf dhiyeessaa” jechuun hojjettota isaa ajaje. Hojjettotni Ileeskindiriyoosis akkuma ajajaman erga taasisanii booda, “wanta ajajamne hunda raawwanneerra, bishaanis danfeera, sagaleen isaas akka qaqawweessa gannaa ni iyya, laboobni isaas akka halallaa nama waada; bishaan isaas heddu danfuu isaa irra kan ka’e ciqilee 14 ol utaala, egaa waan keessatti darbatamuu/gataman/ ajaji” jechuun gaafatan.

Sababa kiristaanummaa isaaniif qofa kan hidhamanii turan qulqullichi Qiirqoosifi haati isaa Iyyeluxaan “danfaa kanatti akka gatamaniif, hiikaa fidaa” jechuun mootichi isaan ajaje. Bishaan danfaa keessatti gatamuun yeroo afeelaman akka ilaalaniifi, warra abiddichaan gubatan ilaaluun akka sodaataniifis /amantaa kiristaanummaa akka jibbaniifis/ namootni hedduun waamamanii turan.

Yeroo kana qulqulleettiin Iyyeluxaan sagalee danfaa bishaani yeroo dhageessufi yoo argitu ni rifatte; kabaja isaaniif qophaa’e gonfachufis ni sodaatte. Mucaan ishee Qulqullichi Qiirqoos garuu ayyaannii Afuura Qulqulluu isa guutee akka duubatti hin deebineefis isa ciimsee, isa jajjabesse.

Haadha isaatiinis “Yaa hadhaa koo okkotee sibilaafi bishaan danfaa kana ilaaltee hin sodaatiin, hin dhiphatiin; Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’eeliin abidda boba’u keessaa isaan basee nuu walii jira ,nuunis bishaan danfaa kana keessaa nu oolcha” (Dan 3:1-30) jechuun jajjebesse. Haadha koo rakkoofi gadadoo addunyaa darbu kana irraa hafuuf jecha abidda bara baraatti gubachuu filattaa? Kun sitti haa hafu; amma Waaqayyo nu waliin jiraatii nu gargaara. Sosinnaa barsiisota sobdootaa (K. Sosi 1:12), Dani’eeliin afaan leencaa keessaa kan baase (Dan.6:22) Waaqayyo bishaan danfaa kana keessaa nu baasa” jedheen. Garuu haati isaa gorsa mucaa ishee ,kan ishee obsisiisufi cimsu waan hin dandeenyeef, Qulqullichi Qiirqoos ija isa gara saamiitti ol kaasuun ”yaa Waaqayyo gooftaa, garbittii kee dhala kee keessaa kan footu yoo ta’e anaanis kitaaba kee keessaa na haqi. Hundee [haadha] gubdee firii [ilma] eebbisuu feetaa? Kana taasisuuf arjummaan kee si dhorka. Jirma isaa muraa gubaa, baala isaa qofaa hambisaa hin jettu, ati gaarii waan taateef baala isaas hundee isaa waliin eegaa jetta. Yaa Gooftaa Diyaabiloos ‘warreen abbaa aangoo irraa ani jabaadha; qulqulloota kee mo’adhe; dallaa kee keessaa hoolaa tokko fudhadhee’ jechuun akka of hin jajneef haadha koof obsa, dandeettiifi humna Afuura Qulqulluu kee kenni”, jechuun kadhatee. Yeroo kana Diyaabiloos Iyyeluxaa biraa battalumatti bade. Kana booda Iyyeluxaanis “mootummaa Waaqayyoof abbaa kan naaf taatee, yaa mucaa koo ati kanaan booda abbaa kooti, anis mucaa keeti, guyyaan ati dhalattee kan eebifamtedha’’ jetteen. “Waaqni kee humna naaf kenneera; Qabsuura nurraa eegamu taasifnee moo’icha haa gonfannu. Kunoo okkotee sibilaa keessatti bishaan danfu yoon argu bishaan qabbanaa’aa ta’ee natti mul’ateera” jetteen.

Qulqullootni lamaan kunis bishaan danfaa keessaatti darbataman. Battaluma sana hangafni ergamootaa Qulqulluu Gaabri’eelin samii irraa ergamuun bishaan danfaa fannoo Kiristoosiin mallatteessuun qorrisiiseera; labooba ibiddaas dhaamseera. Wareegamtotni kunis osoo hin gubatiin, bishaan danfaa keessaa eegumsa Waaqayyoofi gargaarsa ergamtichaan bahaniiru. Eergamtootni Waaqayyoo yeroo gaddaa, gammachuu, dhiphinaa, sodaa, warreen isaan sodaatan cina ni buufatu, (Farsaa 33/4:7 Ho.Duk 5:19; 12:11) badii keenyaaf Waaqayyoon dhifama nuuf kadhatu (Luq 1:19, Xoob. 12:15).

Gooftaan akkuma mooticha Daawit irra bulee dubbate gochaan isaa raajii dha. Warrootni hamoon yoo mataa isaani ol ol qaban illee harki araara isaa bal’aa waan ta’eef abiddaafi bishaan danfaa, rakkoofi gidiraa gidduu nu dabarsa (Far 65/6:12), lafa onaa irraa gara lafa boqonnaatti nu baasa. Abbootiin kenyaa kanaaf “Waaqayyoon tiksee kooti, kan na dhabsiisu hin jiru” jechuun kan dubbatan (Far 22/3:1-6). Kanaafuu nuyis jaalala Kiristoosiifi amantaa keenyatti cimuu qabna. Ifni addunyaa Qulqullichi Phaawuloos “jaalala Kiristoos irra kan adda na baasu maali?” (Room 8:36) akkuma jedhe, yeroo tasgabbiis ta’e yeroo dhiphinaa amantii keenyatti cimuu jaalala Waaqayyoof qabnus jireenyaa qabatamaan ibsuun hunda keenya irraa eegama (2Ximo 4:2).

Walumaa galatti yaadannoo kabaja ayyaana kana yeroo taasifnu, salphumatti qulqulloota wareegamtoota kana irraa wantoota gurguddoo sadii hubanna. Kunis:

  1. Hanga dhumaatii amantaa keenyaan cimuu akka qabnu;
  2. Waaqayyoon warreen isaan abdataniitti dhiyoo, kan isaan hin leyasiifne (Far 25:3), fi Waaqni waaqessinu Waaqa fayyisuufi abiddaafi bishaan keessaallee nu baasee gara boqonnaatti kan nu ceesisu ta’uu; fi
  3. Ergamootni qulqullootni yeroo maraa akka nuuf dhaabbatan, fayyina akka argannuf akka nuuf ergaman ni hubanna.

Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee akkuma Qulqulloota Qiirqosiifi Iyyeluxaa ragaa baanee, addunyaa hamaa kana irraa fagannee, gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa fooniifi qulqulluu dhiiga Gooftaa fudhannee dhaaltota mootummaa Isaa akka taanuuf Waaqayyoo nu haa gargaru.

Eegumsi hangafa Ergamoota Qulqullu Gabri’eelii, wareegamticha Qulqulluu Qiirqoosifi hadhaa isaa Qulqullettii Iyyeluxaa nuu waliin haa ta’uu.

Madda:

v  Sinkisaara ji’a Adooleessa, Guyyaa 19.

v  Dirsaana Q/Gabri’eelii

v  Weebsaayitti Waldaa qulqullota fuula Amaariffaafi Barruulee Hamer

YEROO GANNAA (ዘመነ ክረምት)

YEROO GANNAA (ዘመነክረምት)

Kutaa 1ffaa


Yeroo gannaa jechuun yeroo bishaanii jechuu dha. Sababni isaas bishaan yeroo kana keessatti ol’aantummaa waan argatuufidha. Bishaan guyyaa Dilbata(Sanbata guddaa )kan uumame yammuu ta’u,iddoofi daangaadhaan kan murta’e garuu guyyaa Wiixataati. Daangeeffamni isaas bakka afuritti kan murtaa’edha.

  1. Bishaan inni jalqabaa dachee gaditti qilleensa malee kan dachee baate isa jiru dha.
  2. Bishaan inni lammaffaa naannoo addunyaa naageebi (ናጌብ) fi Admaas gidduutti heemooti fi Leewaatiin (ሔሞትእናሌዎታን) marsamee kan jiruu fi Galaana (ዉቅያኖስ) jedhamuudhaan kan waamamudha. Qaamni bishaan kanaa Biiftuun yammuu baatuufi galtu ifni ishee waan irratti bahuuf balaqisni galgalaafi ganamaa addunyaa kana irratti guutee argama. Sababa duumessaatiiniis gara samiitti ol ba’ee erga bittinnaa’een booda gara garaa dachee keessa seena.
  3. Bishaan inni sadaffaa addunyaa kana keessatti laga burqituu kan ta’e uumamtoota hundaa kan gargaaru, namootaafi horii dheebuu kan baasu,biqiltoota, kuduraafi muduraaf kan ta’u, fedhii nyaataa kan bakka ga’u, walumaagala uumamtoota hundaa kan tajaajilu qabeenya hundaa kan ta’e hiyyeessis sooressiis wal -qixaan kan itti fayyadamaa jiru dha. Samii (ጠፈር)kan inni hojjetame bishaan irraa waan ta’eef, ho’ina aduu irraa kan ka’e akka hin diigamneef qileensa irratti bishaan haanoos (ሐኖስ) jedhamu gubbaa isaa irratti akka ta’u ta’eera.
  1. Bishaan inni arfaffaa samii ool kan jiru Haanoose kan jedhamu bishaan daangeeffame jechuudhaan kitaabni Aksimaaroos (አክሲማሮስ) ni ibsa.

Ganna jechuun turtii yammuu ta’u lakkoofsa yerootifiis ni gargaara. Fakkeenyaaf iddoo tokko tokkootti ganna meeqa turte jechuudhaan yeroo turtii isaanii addaan baafatu. Hiikaan isaas yeroo bokkaa,duumessaa,biqilaa,sagalee Bakakkaan kan itti dhaga’amu, lagni (galaanni ) kan itti guutu kan goge kan itti margu jechuudha. Yeroo kanatti bal’inaan barumsi kennamu argamsiisaafi argama uumamaa ,waa’ee nyaataa fi jireenya bal’inaan kan dubbatamu waan ta’eef Uumaafi Uumamaa ,barsiisaa fi barataa, dhiyoofi fagoo adda baase kan nama agarsiisuufi kan dhunfaa ofiis ta’e kabaja eenyummaa nama kaanii kan itti baranuudha. Yeroon kun yeroo

gannaa jedhamee waamamus of keessatti kutaalee adda addaa waan qabuuf bal’inaan ilaaluudhaaf akka nutti tolutti yeroo gannaa bakka sadiitti qoodna.

v       Galma gannaa 

v       Gidduu galeessa gannaa

v       Dhumata gannaa

Galma Gannaa (በዐተ ክረምት ) :Galma gannaa jechuun kan beekamu Waxabajjii 26 kaase hanga Adoolessa 19 gidduu guyyoottan jirani guyyaa 23 dha.Yeroo ykn waxabajji 26 hanga Adooleessa 19 tti lafti qonnaan qootame kan qopha’e waan ta’ef sanyiin ni faca’a , kan faca’es kan itti biqilu, ho’ina aduu irraa kan ka’e mukeen googani hundi baala baafachuu kan itti jalqabanidha. Kutaa itti aanutti yeroo kana keessatti barreeffamoota Kitaaba Qulqulluufi kitaabota kaanirras dubbisuudhaan kan dhiyeessinu ta’a.

Ganna kana keessatti roobni roobu kan eebbaa ,kan nagaa, sanyii facaasame kan biqilchu akka nuuf ta’u horiin kan itti furdatu akka nuf ta’u Eeyyama Waaqayyoo nuf haa ta’u ,araarsummaan giifti keenya Dubroo Maariyaamii nu irraa hin fagaatiin. Ameen!!!

Wareegamtoota Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10

Wareegamtoota

Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10

Wareegamtoota jechuun kan ragaa bahan,waa’ee amantaa isaanii dhugaa bahanii wareegamummaan kan du’an jechuu dha. Kanaaf Qulqulloonni Wareegamtoonni waa’ee Waaqa isaaniif dhugaa baatuu ta’anii kallattii adda addaan rakkoo isaanitti dhufu hunduma danda’anii maqaa kana argachuu danda’aniiru. Isaanis Waaqa isaanii abdii godhatanii mo’icha argachuu danda’aniiru. Amma du’aatti waan amanamaniif Waaqa isaanii biraa gonfoo jireenyaa argatani. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mul’ata Yohaannis kana irratti “hanga du’aatti kan amanamte ta’i, ani gonfoo jireenyaan siif kenna” jedhe. Kanaaf amma du’aatti warra amanamaniif gonfoo jireenyaa laateefii.

Qulqulluun Phaawuloos “ Waa’ee keetiif guyyaa hundumaa ni ajjeefamna; akka hoolota qalamaniitti lakkaa’amne,kana hundumaa garuu Isa nu jaalateen mo’attootarra ni caalla” Jechuun ibseera (Rom.8:36). Kanaaf Waaqayyo waan isaan jaallateef, Isaanis jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon waan jaallataniif mo’icha argatani. Kana jechuun Waaqayyo kan isaaniiti, Isaanis kan Waaqayyooti. Waaqayyo immoo kan Isaa kan ta’e ni eega,ni tiksa. Isaa 43:1-3: “yaa Isiraa’el kan si tolche Waaqayyo akkana jedha,bilisa si baaseera hin sodaatiin,maqaa keenis si waameera ati kan kooti,yammuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu;abidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, laboobni ibiddaas si hin qabatu” jedha. Waan kana ta’eef rakkoo diinni qopheessuun Wareegamtootni lubbuudhaan homa tokko illee hin miidhaman.

Wareegamtootni jireenya isaanii hundumtuu dhugaan kan guutame dha. Dhugaan immoo amma dhumaatti ni dhaabbata. Fakk 12:19 : “Arrabni dhugaan amma bara baraatti ni dhaabbatti,arrabni sobduu garuu amma libsuu ijaati” jedha. Waan kana ta’eef Wareegamtootni Qulqulloonnis Waaqa dhugaaf dhugaa bahanii gonfoo jireenyaaf gahaniiru. Kennaa Waaqa Isaanii biraa argatan bira ga’uuf fooniin rakkoon akka isaan mudatu beeku. “Dhugumatti Iyyasuus Kiristoosiin,Waaqayyoon fakkaatanii jiraachuu warri fedhan hundumtuu ni ari’atamu. Garuu namoonni hamoonnifi dogoggorsitoonni ofii dogoggoraafi namoota kaanis dogoggorsaa hammeenya isaaniitti caalaa deemu. Ati garuu isa baratteefi hubattetti ciminaan jiraadhu; eenyu fa’i irraa akka baratte waan beektuuf.”2xim 3:12. Egaa bara keessa jirru kana yeroo namoonni waan baratanifi hubatan dagatanii dogoggoraan fudhatamaa jiru waan ta’eef waan baranneef hubanneen jiraachuutu nurraa eegama.

Karaa biraa Abbaan keenya Qulqulluun Efreem galata Dubroo Maariyaamii kan guyyaa Kamisaa keeyyata 6ffaa irratti “Wareegamtootni dhugumatti waa’ee Mootummaa Waaqayyoof jedhanii mi’aawaa biyya lafaa ni tuffatani; du’a hadhaawaas ni obsani” jedha. Kanaaf Wareegamtootni fooniin yoo du’aniyyuu lubbuun bara baraaf akka jiraatan waan beekaniif hundumaa obsaan dabarsaniiru. “Karaa hundumaa ni dhibbatamna,garuu hin dhiphannu;ni ceeqamna,garuu abdii hin kutannu. Ni ari’atamna,garuu hin gatamnu;lafaan dha’amna (kuffifamna), garuu achumatti hin hafnu. Iyyasuus jiraataa ta’uun Isaa nurratti akka mul’atuuf,yeroo hundumaa du’a Iyyasuus dhagna keenyatti baannee ni adeemna.” Jechuun Qulqullichi ni dubbata (2Qor 4:8-10). Nutis har’a daandii Qulqullootarra adeemnee eebba isaan argatan argachuuf bu’aa biyya lafaa ilaaluu dhiisnee jireenya mootummaa Waaqayyoo ilaallee jabaachuu qabna. “Ol kan jiru yaadaa malee lafarra kan jiru miti” akkuma jedhame (Qola.3:2)

Egaa kana hundumaa goonee, karaa Wareegamtoota Qulqullootaa irra deemnee amma dhumaatti warra amanaman akka taanuuf arjummaan Waaqa keenyaa,kadhannaan Dubroo Maariyaamii,Eegumsi ergamootaa,kadhannaan Qulqullootaa nu haa gargaaru. Ameen!!!