Wareegamtoota Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10

Wareegamtoota

Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10

Wareegamtoota jechuun kan ragaa bahan,waa’ee amantaa isaanii dhugaa bahanii wareegamummaan kan du’an jechuu dha. Kanaaf Qulqulloonni Wareegamtoonni waa’ee Waaqa isaaniif dhugaa baatuu ta’anii kallattii adda addaan rakkoo isaanitti dhufu hunduma danda’anii maqaa kana argachuu danda’aniiru. Isaanis Waaqa isaanii abdii godhatanii mo’icha argachuu danda’aniiru. Amma du’aatti waan amanamaniif Waaqa isaanii biraa gonfoo jireenyaa argatani. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mul’ata Yohaannis kana irratti “hanga du’aatti kan amanamte ta’i, ani gonfoo jireenyaan siif kenna” jedhe. Kanaaf amma du’aatti warra amanamaniif gonfoo jireenyaa laateefii.

Qulqulluun Phaawuloos “ Waa’ee keetiif guyyaa hundumaa ni ajjeefamna; akka hoolota qalamaniitti lakkaa’amne,kana hundumaa garuu Isa nu jaalateen mo’attootarra ni caalla” Jechuun ibseera (Rom.8:36). Kanaaf Waaqayyo waan isaan jaallateef, Isaanis jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon waan jaallataniif mo’icha argatani. Kana jechuun Waaqayyo kan isaaniiti, Isaanis kan Waaqayyooti. Waaqayyo immoo kan Isaa kan ta’e ni eega,ni tiksa. Isaa 43:1-3: “yaa Isiraa’el kan si tolche Waaqayyo akkana jedha,bilisa si baaseera hin sodaatiin,maqaa keenis si waameera ati kan kooti,yammuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu;abidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, laboobni ibiddaas si hin qabatu” jedha. Waan kana ta’eef rakkoo diinni qopheessuun Wareegamtootni lubbuudhaan homa tokko illee hin miidhaman.

Wareegamtootni jireenya isaanii hundumtuu dhugaan kan guutame dha. Dhugaan immoo amma dhumaatti ni dhaabbata. Fakk 12:19 : “Arrabni dhugaan amma bara baraatti ni dhaabbatti,arrabni sobduu garuu amma libsuu ijaati” jedha. Waan kana ta’eef Wareegamtootni Qulqulloonnis Waaqa dhugaaf dhugaa bahanii gonfoo jireenyaaf gahaniiru. Kennaa Waaqa Isaanii biraa argatan bira ga’uuf fooniin rakkoon akka isaan mudatu beeku. “Dhugumatti Iyyasuus Kiristoosiin,Waaqayyoon fakkaatanii jiraachuu warri fedhan hundumtuu ni ari’atamu. Garuu namoonni hamoonnifi dogoggorsitoonni ofii dogoggoraafi namoota kaanis dogoggorsaa hammeenya isaaniitti caalaa deemu. Ati garuu isa baratteefi hubattetti ciminaan jiraadhu; eenyu fa’i irraa akka baratte waan beektuuf.”2xim 3:12. Egaa bara keessa jirru kana yeroo namoonni waan baratanifi hubatan dagatanii dogoggoraan fudhatamaa jiru waan ta’eef waan baranneef hubanneen jiraachuutu nurraa eegama.

Karaa biraa Abbaan keenya Qulqulluun Efreem galata Dubroo Maariyaamii kan guyyaa Kamisaa keeyyata 6ffaa irratti “Wareegamtootni dhugumatti waa’ee Mootummaa Waaqayyoof jedhanii mi’aawaa biyya lafaa ni tuffatani; du’a hadhaawaas ni obsani” jedha. Kanaaf Wareegamtootni fooniin yoo du’aniyyuu lubbuun bara baraaf akka jiraatan waan beekaniif hundumaa obsaan dabarsaniiru. “Karaa hundumaa ni dhibbatamna,garuu hin dhiphannu;ni ceeqamna,garuu abdii hin kutannu. Ni ari’atamna,garuu hin gatamnu;lafaan dha’amna (kuffifamna), garuu achumatti hin hafnu. Iyyasuus jiraataa ta’uun Isaa nurratti akka mul’atuuf,yeroo hundumaa du’a Iyyasuus dhagna keenyatti baannee ni adeemna.” Jechuun Qulqullichi ni dubbata (2Qor 4:8-10). Nutis har’a daandii Qulqullootarra adeemnee eebba isaan argatan argachuuf bu’aa biyya lafaa ilaaluu dhiisnee jireenya mootummaa Waaqayyoo ilaallee jabaachuu qabna. “Ol kan jiru yaadaa malee lafarra kan jiru miti” akkuma jedhame (Qola.3:2)

Egaa kana hundumaa goonee, karaa Wareegamtoota Qulqullootaa irra deemnee amma dhumaatti warra amanaman akka taanuuf arjummaan Waaqa keenyaa,kadhannaan Dubroo Maariyaamii,Eegumsi ergamootaa,kadhannaan Qulqullootaa nu haa gargaaru. Ameen!!!