Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Wareegamtoota Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10

in Tibbana

Wareegamtoota

Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10

Wareegamtoota jechuun kan ragaa bahan,waa’ee amantaa isaanii dhugaa bahanii wareegamummaan kan du’an jechuu dha. Kanaaf Qulqulloonni Wareegamtoonni waa’ee Waaqa isaaniif dhugaa baatuu ta’anii kallattii adda addaan rakkoo isaanitti dhufu hunduma danda’anii maqaa kana argachuu danda’aniiru. Isaanis Waaqa isaanii abdii godhatanii mo’icha argachuu danda’aniiru. Amma du’aatti waan amanamaniif Waaqa isaanii biraa gonfoo jireenyaa argatani. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mul’ata Yohaannis kana irratti “hanga du’aatti kan amanamte ta’i, ani gonfoo jireenyaan siif kenna” jedhe. Kanaaf amma du’aatti warra amanamaniif gonfoo jireenyaa laateefii.

Qulqulluun Phaawuloos “ Waa’ee keetiif guyyaa hundumaa ni ajjeefamna; akka hoolota qalamaniitti lakkaa’amne,kana hundumaa garuu Isa nu jaalateen mo’attootarra ni caalla” Jechuun ibseera (Rom.8:36). Kanaaf Waaqayyo waan isaan jaallateef, Isaanis jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon waan jaallataniif mo’icha argatani. Kana jechuun Waaqayyo kan isaaniiti, Isaanis kan Waaqayyooti. Waaqayyo immoo kan Isaa kan ta’e ni eega,ni tiksa. Isaa 43:1-3: “yaa Isiraa’el kan si tolche Waaqayyo akkana jedha,bilisa si baaseera hin sodaatiin,maqaa keenis si waameera ati kan kooti,yammuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu;abidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, laboobni ibiddaas si hin qabatu” jedha. Waan kana ta’eef rakkoo diinni qopheessuun Wareegamtootni lubbuudhaan homa tokko illee hin miidhaman.

Wareegamtootni jireenya isaanii hundumtuu dhugaan kan guutame dha. Dhugaan immoo amma dhumaatti ni dhaabbata. Fakk 12:19 : “Arrabni dhugaan amma bara baraatti ni dhaabbatti,arrabni sobduu garuu amma libsuu ijaati” jedha. Waan kana ta’eef Wareegamtootni Qulqulloonnis Waaqa dhugaaf dhugaa bahanii gonfoo jireenyaaf gahaniiru. Kennaa Waaqa Isaanii biraa argatan bira ga’uuf fooniin rakkoon akka isaan mudatu beeku. “Dhugumatti Iyyasuus Kiristoosiin,Waaqayyoon fakkaatanii jiraachuu warri fedhan hundumtuu ni ari’atamu. Garuu namoonni hamoonnifi dogoggorsitoonni ofii dogoggoraafi namoota kaanis dogoggorsaa hammeenya isaaniitti caalaa deemu. Ati garuu isa baratteefi hubattetti ciminaan jiraadhu; eenyu fa’i irraa akka baratte waan beektuuf.”2xim 3:12. Egaa bara keessa jirru kana yeroo namoonni waan baratanifi hubatan dagatanii dogoggoraan fudhatamaa jiru waan ta’eef waan baranneef hubanneen jiraachuutu nurraa eegama.

Karaa biraa Abbaan keenya Qulqulluun Efreem galata Dubroo Maariyaamii kan guyyaa Kamisaa keeyyata 6ffaa irratti “Wareegamtootni dhugumatti waa’ee Mootummaa Waaqayyoof jedhanii mi’aawaa biyya lafaa ni tuffatani; du’a hadhaawaas ni obsani” jedha. Kanaaf Wareegamtootni fooniin yoo du’aniyyuu lubbuun bara baraaf akka jiraatan waan beekaniif hundumaa obsaan dabarsaniiru. “Karaa hundumaa ni dhibbatamna,garuu hin dhiphannu;ni ceeqamna,garuu abdii hin kutannu. Ni ari’atamna,garuu hin gatamnu;lafaan dha’amna (kuffifamna), garuu achumatti hin hafnu. Iyyasuus jiraataa ta’uun Isaa nurratti akka mul’atuuf,yeroo hundumaa du’a Iyyasuus dhagna keenyatti baannee ni adeemna.” Jechuun Qulqullichi ni dubbata (2Qor 4:8-10). Nutis har’a daandii Qulqullootarra adeemnee eebba isaan argatan argachuuf bu’aa biyya lafaa ilaaluu dhiisnee jireenya mootummaa Waaqayyoo ilaallee jabaachuu qabna. “Ol kan jiru yaadaa malee lafarra kan jiru miti” akkuma jedhame (Qola.3:2)

Egaa kana hundumaa goonee, karaa Wareegamtoota Qulqullootaa irra deemnee amma dhumaatti warra amanaman akka taanuuf arjummaan Waaqa keenyaa,kadhannaan Dubroo Maariyaamii,Eegumsi ergamootaa,kadhannaan Qulqullootaa nu haa gargaaru. Ameen!!!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-07-12 11:05:442018-10-26 09:21:06Wareegamtoota Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Sooma Duuka Bu’ootaa Link to: Sooma Duuka Bu’ootaa Sooma Duuka Bu’ootaa Link to: YEROO GANNAA (ዘመነ ክረምት) Link to: YEROO GANNAA (ዘመነ ክረምት) YEROO GANNAA (ዘመነ ክረምት)
Scroll to top