AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6

AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6

                                           Gizaachew Mekuriyaan                                          

Icciitiin kun Ol’aanaadha. Umama keessaa guutummaan kan isa beekee fi kan isa xinxaalee(qorate) bira gahu danda’u hin jiru.   Icciitiin Waaqummaa isaa afuura qulqulluun Abbootii filatamaniif qofa kan ifu qofa yoo ta’u, akkasumas ta’e  guutummaa isaatiin kan isa beekuu danda’u hin jiru. Kanaafi, Abbootiin keenya sammuu namaatiin ol ta’uu isaa fi yoomuu iccitii ta’uu isaa ibsuuf “waaqa garaa Gurraacha” jechuun kan waaqa isaanii waammatan.  Waa hundaafuu, Abbootii keenyaa irraa kan baranne akka armaan gadiitti dhiyaateera. Waa’een Du’aa ka’uu Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela Maatiwoos 28, Maarqos 16, Luqaas 24 fi Yohaannis 20 irratti guutummaan barreeffamee kan jiru   yoo ta’u akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Waa’ee du’aa ka’uu yoo dubbannu haala duutti itti dhufee fi  ammam akka nama gaddisiisu hubachuun nurra jiraata. Jireenyis duunis Addamii fi Heewwaniin akka ta’e kitaabni qulqulluun ni dubbata.                                                                                                                    

Jireenya gara du’aatti kan jijjiires seera Waaqayyoo diiganii cubbuu raawwachuu dha. Du’a jechuun hiika lama kan qabu yoo ta’u gama tokkoon foon lubbuun keessaa baate yoo ta’u gama birootiin immoo otoo lubbuun jiruu fi nama jedhamee waamamu cubbuu raawwachuun otoo ija jijjiirannaa qalbii hin taasifatiin jiraachuu dha.

Du’aa ka’uun (ትንሣኤ) akka hiika mana Kiristaana keenyaatti lubbuu fi foon duuni addaan baase ture walitti deebi’anii murtii fudhachuuf kan itti ka’anii dha. Du’aa ka’uun duuni kan ittiin moo’atamee fi bilisummaan ilmaan namaa kan ittiin labsameedha. Du’a moo’achuun du’aa kaa’uun isa duraa kan ta’ee fi aangoo kana ilmaan namaatiif kan kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. “Kiristoos warreen muganiif isa duraa ta’ee ka’eera.” Qoronxoos dursaa 15:20.

Addaam waggoota torbaaf ajaja Waaqayyoo eegee  waan jiraateef ulfinni isaa otoo hinhir’anne fi kennii isaa otoo jalaa hin hi’rifamne akka jiraate hayyoonni mana amantaa nu barsiisu. Ergaa Yohaannis 1ffaa 3:24 “ajaja isaa kan eegu Isaan jiraata Innis isa keessa ni jiraata”. Addaamii fi Heewaan dhugaan tokko yaadoota walfalleessan lamaan seexanaan waan itti himameef tokkoo isaa filachuun dirqama waan itti ta’eef fedhii isaanii guutuun gorsa seexanaa filatanii raawwatani. Kana raawwachuu isaatiinis akka seexanni jedheen  waaqa ta’uu hin dandeenye, akka waaqayyoon itti dubbatee turetti ulfinaa fi kennaa isaanii ni dhaban. Bara keenya kanas, yaada faallaa dubbii Waaqayyoon nutti dubbachaa jiruun ala kan nu gorsaan (yeroo Waaqayyoon gara mana isaatti fayyinaaf nu waamu akka hin deemne, Gocha Waaqayyoon hin raawwatiina jedhe akka raawwanuu, yeroo soomaa akka hin soomne, yeroo kadhannaa akka ciisnuu fi kkf), fi kana biras darbaan Ijoolummaa Waaqayyoo nudhabsiisuuf dhibbaa adda addaa kan nurraan ga’an  jiraniin ‘namni biyya lafaa hunda buufatee yoo lubbuu isaatti hir’ise maal godhaaf? Akka Maat.8:36 itti himne seexana diina ta’ee otoo jiruu fira fakkaatee goyyomsuun Waaqa keenya waliin addaan nubaasuuf nu qoraa jiru irraatti qabsaa’uu qabna.   

Addam Waaqa isa uumee fi isa jaalatu ajaja/ jecha isaa darbuun cubbuu raawwachuun Waaqa isaa waan gaddisiseef isaa fi ijoolee isaa kan ta’an ilmaan namaa hunda  irraatti duuni itti murtaa’e. Waaqayyoo fi Ilmaan namaa gidduutti daddoon(girgiddaa) lolaa ni uumame. Addaam abbaan keenya suuga Waaqayyootiin waantooni isa barbaachisu hundi guutameefi bakka itti jiraatuuf, waan nyaatuu fi uffatu kennameefi yaaddoo fi bu’aa ba’ii malee bakka itt jiraatu Gannata sababa cubbuu isaatiin ni dhabe. Waanti nama dinqu immoo battala ajaja Waaqa isaa darbee cubbuu raawwate ofii isaa Waaqa isaa isa duraan yaaddoon eeguu fi abdii godhatu ni baqate, kennaan Waaqayyoo inni qaama qullaa isaa uffisee ture harkaa badee qullaa ta’u isaanii ni barani. Uum. 2:17 irratti “Mukkeen gannata keessa jiran hunda ni nyaatta.Garuu  Ija mukaa   gaarii fi hamaa nama beeksiisu kana hin nyaatiin, gaafa isa irraa nyaatte du’a niduuta” akka jedheeni ture bakka Waaqni isaa toolcheefi itti isa jiraachisaa  ture,  nyaata  fi uffata Waaqa isaatiin qophaa’eef dadhabbii tokko malee dhamdhamachaa ture dhabuun du’a akka irraa of eegu itti himaamee ture harkatti ni kufe. Waaqayyoon ija mukaa hin nyaatiin,yoo nyaatte ni duuta jedheen seexanni immoo gaafa isa nyaate waaqa ni taata jechuun akka nyaatu ajaje. Sababa isaatiin dacheen (lafni) ni abaaramte, dhama’ee dafqa isaatiin akka jiraatu, biyyoo irraa uumameetti akka deebi’u, dubartiin yeroo deessu ciniinsuun akka itti cimu, uumamni (seexana boofaan fakkeefame) kan isaaf bitamee     jiraachaa ture diina akka itti ta’u itti murtaa’eera. Kana caalaa immoo Waaqa isaa baqachuu fi dhokachuun dhaabiitti/ jiraatti du’eera. Qullaa isaanii ta’uu ni barani, kennaa fedhii isaanii fedhii Waaqayyoof ittiin bulchan ni dhabani, nageenya isaanii ni dhaban, jireenya lubbuu ni dhaban, Waaqqayyoon fakkaachuu ni dhaban, Gannatas ni dhaban.  Kana booddees abbootiin jiraatan hundi Addaam abbaa isaanii irraa du’a kana dhaaluun jireenya lubbuu dhabanii, dukkana keessa waggaa 5500 jiraataniiru. Namoonni barren kana keessa turanis jireenya dukkana sukkanneessa kana keessaa akka isaan baasu akka jedhanii kadhachaa turaniiru. Isa. 64:1-2 “Maaloo otoo samiiwwan bantee gadi buutee, tulluuwwanis otoo raafamanii maaloo, akka   ibiddi qoraan gubee ibidichis bishaan danfiisu maqaan kee diinoota keetti beeksiisi. Jechuun Waaqa isaanii kadhachaa turaniiru. Akkasumas, Ilmi namaa Uumaa isaa waliin waldhabuu isaatiin bittaa seexanaa sukkanneessa ta’e harkatti kufuu isaa Raajjichi kun akkas jechuun ibseera. “Hundi keenya akka nama xuraa’aa taaneera, qulqullummaan keenya hundi  akka uffata abaarsaati, hundi keenya akka baalaa ni harcaane, cubbuun keenyas akka bubbee nufudhateera.” Jechuun dubbateera. Isa. 64:6 .

Kunis, hanga bara dhaloota Gooftaa keenya Iyyaus Kiristoos haadha keenya, giifti keenya durbee Maariyaamii irraa dhalatee waadaa Addamiif ilmoo ilmoo kee irraa dhaladhee nan si fayyisa jedhee galeef raawwatuutti kan ta’ee dha. Ilmaan namaa kana mana hidhaa si’ool keessaa baasuu fi  bittaa seexanaa harkaa bilisa baasee ulfinaa isaa duraan turtetti deebisuuf jecha Waaqni nama ta’ee dhalatee, du’aa isaa du’ee, du’aa ka’uun aangoo du’aa ittiin ka’u goonfachiiseera.     Addaam hidhaa keessaa baasuuf ni hidhame, ni reebame dhuma irrattis fannifamee jireenya bara baraa ni laateef.  

Gooftaa fi Qoricha keenya kan ta’e Iyyasus Kiristoos bakka Addaam itti boqote Gologotaa (hiikni isaa buqqee mataa)  jedhamuutti fannifamee du’a ni ajjeese. Aawwaalas humna ni dhoowwe. Fagaanne kan turreenis Ijoolleekoo nuun jedhe.   Wangeela Maatiwos 27:33 fi Qoronxos 1ffaa 15:56. Foon isaatiin gara awwaalaa, lubbuu isaatiin gara sii’ool bu’ee Addaamii fi ijoollee isaa abdiin isaa eeggachaa turaniif bilisummaa ni labse. ‘Yaa du’a waraantuun kee meerre? Yaa sii’ool moo’ichi kee meerree? 1Qor.15:55 jedhamee akka barreeffame du’a Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin seexanni “du’a’’ jedhamee dubbatameef aangoon isaa kan fashalaa’ee ta’uu, seexanni uumama dadhabaa ta’uu fi waaqa tolfamaa ta’uu isaa kan agarsiisuu dha.

Du’aa ka’uun gosa lama dha. Inni jalqabaa Ka’umsa Lubbuu (ትንሣኤልቡና) yoo ta’u kunis jijjirrannaa qalbii godhachuun cubbuu irraa fagaatanii qulqullummaan amantiin jiraachuu dha. Namni Waaqayyootti amanee cubbuu irraa fagaachuun Waaqa isaa waliin jiraachuu baachuun du’a dha. Qulqullichi Phaawuloos kana yoo ibsu “Jalaala guddaa nuuf qabu irraa ka’uun yeroo cubbuu keenyaan duunee turre illee Kiristoos waliin jireenya nuuf ni kenne.” Efeson 2:5  jedheera. Qulqulluun Yohaannisis Mul’ata isaa 20:6 irratti “Ka’umsa isa jalqabaatiif kan carraa argate inni eebbifamaa fi qulqulluu dha. Duuni inni boodaa(lammaffaa) jechuun namni jijjirannaa qalbiif ta’u godhachuun Foonii fi Dhiiga Gooftaa fudhatee jireenya bara baraatiif hin qophoofnee fi akka fedha Waaqayyootti jiraachuun fedhii isaanii fedhii Waaqayyootiif hin bichisiifne  du’aa ka’uu isa jalqabaa waan hin arganneef du’a isa lammaffaa jalaa bahu kan hin dandeenye ta’uu hubachiiseera. Qulqullichi Paawulosis “Ati inni raftu damaqi, warreen jiraatti du’aan keessaa ka’ii, Kiristoos siif ibsa.” Jedheera. Seenaan mucaa badee wangeela Luqaas 15:11-32 tti barreeffamee arginu du’aa ka’uu isa jalqabaa kan nu barsiisuu dha. “Mucaankoo kun du’ee ture, amma garuu jireenya argateera, badee kan ture argameera” jechuun du’uu isaa kan dubbate du’a foonii otoo hin taane abbaa fi maatii isaa irraa addaan bahuu isaatiin ture. Nutis yeroo Waaqayyo Abbaa keenyaa fi qulqulloota Isaa irraa addaan baanu ni duuna. Battala gara Waaqayyo Abbaa keenyaatti jijjirannaa qalbii godhannee deebine du’aa kaanee jireenya ni arganna. Kiristaanoonni jijjirannaa qalbii godhatanii FOONII FI DHIIGA GOOFTAA FUDHACHUUN akka fedha waaqayyootti jiraachuun ka’umsa isa duraa ni goonfatu. Ka’umsi inni jalqabaa jijjirannaa qalbiitiin argatan kun ka’umsa isa lammaffaatiif kan qaqqabsiisuudha.

Du’aa ka’uun inni lammaffaa  immoo warreen du’an ka’anii foonii fi lubbuun isaanii kan itti walitti dee’bii’anii dha (ትንሣኤዘጉባኤ). Kunis kan raawwatamu yeroo Gooftaan keenya lammata deebi’ee dhufu yoo ta’u yeroo kanas qulqulloota warreen ka’umsa isa jalqabaa argataniif yoo murteessu warreen cubbamoota ta’an irratti immoo ni murteessa. Du’aa ka’umsa isa lammaffaa kanaan cubbamoonni du’a isa lammaffaa kan du’an yoo ta’u kunis du’a bara baraati. Warreen Du’aa ka’ii isa jalqabaa argatan garuu du’a isa jalqabaa jechuun addaan ba’uu foonii fi lubbuun ala/  malee duuni inni lammaffaa isaan kan argatuu miti.

Gooftaa fi Fayyisaa keenya kan ta’e Iyyasuus Kiriistoos Du’aa ka’uu isaatiin namni du’ee awwaalamee kan hin hafne, du’aa ka’ee jireenya bara baraa jiraachuuf abdii kan qabu ta’uu isaa du’aa ka’umsa isaatiin nuuf mirkaneesseera. Kanaaf, du’a booddee jireenyi awwaala booddee abdiin ka’uu jiraachuu isaa hubachuun qaroomina guddaa dha. Yoh.5:28-29 “Yeroon warreen du’anii awwaalaman  hundi sagalee Isaa itti dhaga’an ni dhufa, warreen waan gaarii hojjetan jireenya argachuuf  ni ka’u, warren hammeenya hojjatanis adabiif ni ka’u.” akka jedhame amantii keenya sirrii fi qajeeltuu taate Ortodooksiin cimnee dhaabbannee naamusa gaarii qabaanne mootommaa Waaqayyoo  dhaaluun jireenya bara baraa akka argannu hubachuun of-qopheessuun barbaachiisaa dha.  Kana ta’uu baatee yoo hammeenya keenyaan itti fufne garuu gara boolla sodaachisaa ta’eetti gatamnee seexana waliin jiraachuun dirqama ta’uun isaas dhimma dagatamuu hin qabnee dha.

Jijjirannaa qalbiitiin otoo gara Waaqayyootti hin dhiyaannee fi gara mana Abbaa keenyaatti hin deebine ayyaana du’aa ka’uu kabajneera jechuun hin danda’amu. Mana keenyaa keessatti waantoonni nyaataamanii fi uffataman yoo guutaman illee lubbuu keenyaatti waanti hir’ate waan jiruuf ayyanichi ayyaana gammachuu guutuu qabuudha jechuun hin danda’amu. Kanaaf, Ayyaana du’aa ka’uu Gooftaa kana yeroo kabajnu gammachuun keenya guutuu ta’ee suga ayyanichaan akka eebifamnutti gara mana Waaqa keenyaatti deebinee  hirmaattoota du’aa ka’ii jireenyaa kan nu taasisu hoolaa Qaraaniyootti nuuf qalame FOONII FI DHIIGA GOOFTAA keenyaa fudhachuun ta’uu qaba malee gocha warreen du’a filatanii kan ta’e sirbaa fi machiin ta’uu hinqabu.

Du’a Isaatiin du’a moo’ee du’aa ka’uu  uulfinaa kan nuuf laate fayyisaan Adduunyaa Waaqni keenya kan darbe irraa barannee guyyaa du’a keenyaa yaaduun qulqullummaan qophoofne akka jiraanu nu haa gargaaru. Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

Torbee gidiraa

                                            Torbee gidiraa

                                                                                                  Dn.Atnaateewos Bikilaan

Torbeen gidiraa sooma guddaa erga raawwannee booddee galgala Hosaa’inaa irraa jalqabanii guyyoota hanga jimaataatti jiran guyyoota gidiramuu gooftaa haala adda ta’een itti yaadannu dha. Kunis kan ibsu rakkina Gooftaan keenya irra gahee kan itti yaadannuu fi itti sagadnuu dha (1Qoro. 11:26) – “Isiniis hanga Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan mara du’a isaa ni labsitu.” Soomii guddaa keessatti galgala gaafa guyyaa Hoosaa’inaa eegalee hanga halkan gaafa du’aa ka’umsaatti guyyoota jiran guyyoota boo’icha, gidiraa, rakkinaa yookaan dhiphinaa jedhama. Guyyaawwan kunis barootni gadadoo (miidhamaa), gidiraa (dhiphina) kan itti yaadatamanidha. Bara gadadoo, gidiraa (dhiphina) jechuun ilmaan namoota garbummaa si’ool, hidhaa seexana jalaatti qabamanii bara jiraachaa turan jechuu dha. Gidiraa yommuu jennu mataa bowwoo, garaa ciniinnaa, dhukkubbii harkaa fi miillaa osoo hin taane fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii ilmaan namoota hundaa hidhaa fi cunqursaa seexanaa jalaa bilisa baasuudhaaf jaalatee eeyyama isaatiin rakkina fannoo nuuf fudhate kan ibsuu dha. Waa’ee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos rakkina isaa fi du’a isaa kan ibsu (kan yaadachisan) kitaaba gidiraa (kitaaba Himaamaat) kan jedhamu torbee kana keessaa sa’aatii sa’aatii isaarratti dubbifamaa tura. Karaa adda addaatiin waa’een rakkina isa irra gahee ni yaadatama. Yihudootni kan galgala Dilbataa marii isaanii eegalan, guyyaa Roobii mirkana’eef.

Gidiraa Fannoo Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kudha sadan. Isaanis:-

1. Mataa rukutamuu (ተኮርዖተርእስ)

2. Kaballaa (ተጸፍኦመልታሕት)

3. Hancufa itti tufuu (ወሪቀምራቅ)

4. Dhangaggaa’aa dhuguu (ሰትየሐሞት)

5. Dugda reebamuu (ተቀስፎዘባን)

6. Qullaa ta’uu (ተአርቆተልብስ)

7. Cinaacha eeboon waraanamuu ( ርግዘተገቦ )

8. Harka duubatti hidhuu (ተአስሮተድኅሪት)

9. Mismaara Saadoor jedhamuun waraanamuu

10. Mismaara Alaadoor jedhamuun waraanamuu

11. Mismaara Daanaat jedhamuun waraanamuu

12. Mismaara Adeeraa jedhamuun waraanamuu

13. Mismaara Roodaas jedhamuu waraanamuu

Torbeen gidiraa keessa wantoota hin eeyyamamne: Wal-dhungachuu,fannoo Gooftaa hin dhungatan, wal dhungachuus ta’e, gaateettiin walitti bu’anii yookaan wal hammatanii nagaa wal hin gaafatani,yihudaan Gooftaatiin dabarsee kan kenne dhungatee waan tureefi. Fannoos hin dhungannu sababni isaas torban sun walii galtee yaraan kan itti waliif galame yookaan marii’atame malee torban jaalalaa fi gammachuun itti mul’ate waan hin taaneef kana yaadachuudhaan nageenya akkasii wal hin jijjirru, akkasumas kakuu moofaa yaadachuufi. Yihudaan Gooftaatiin dabarsee birrii 30tti kan kenne “Ani kanin dhungaadhu isa dha isas qabaa” jedhee dabarsee mallattoo nageenyaatiin dabarsee kenne. Nageenyi kun nageenya qulqullinaa osoo hin taane, kan dabaati. Nageenya Diyaabiloos waliin kan walfakkaatu dha. Akkuma Diyaabiloos Hewaaniin “Hewaan nageenyi siif haa ta’u” jedhee gowwomse dha. Kadhaa Kamisaa irraan kan hafe sirni qiddaasee hin gaggeeffamu. Yeroo hundaa seera mana amantaa kan ta’e,sirni cuuphaa (kiristinnaa daa’imaa),Sirni kadhannaanamoota boqotaniif gaggeefamu (ጸሎተፍትሐት),seera maahileetii, fi kkf hin raawwatamani. Gaabbii kennuu fi galuun, Waaqayyo si haa hiiku jechuun hin jiru. Torban kana keessa nyaatni baay’ee quufamee hin nyaatamu, dhugaatiinis baay’een hin dhugamu. Wantoota armaan oolii kan hin raawwanneef, wantoota kana raawwachuun mata isaatiin cubbuu ta’ee otuu hin ta’iin haala adda ta’een gidiramuu gooftaa keenyaa yaadachuuf jecha dha. Torbee gidiraa Sagadnis kan duraa caalaa baay’isee sagadama. Egaa walumaagalatti, waggaa hangaa waggaatti tajaajilli Afuuraa uummataaf kennamu dhaabbatteet, kan yeroo jechuun sirnoota gidiraa Gooftaa itti yaadatamanitu raawwatama.

Dimshaashumatti, Gooftaan duuka bu’oota erga miila isaanii dhiqee dhiigaa isaa fi foon isaa kenneef; Nutis erga gaabbii gallee dhiiga isaa fi foon isaa dhuguunii fi nyaachuun akka nurra jiraatu ibsuufi. Torban kana keessa kitaabonni guyyaa Jimaataa Gooftaan fannifamuu isaa fi waa’ee gidiraa isaa kan ilaallatan dubbifamaa fi sagadamaa oolama. Yommuu galgala ta’us ummatni hunduu gara lubootaatti dhiyaatani cubbuu torban gidiraa keessa raawwatan itti himatu, lubnis kan guyyaa sagadaa oolan irratti sagada biraa kennaafi. Naannoo sa’aatii kudha lamaa hanga tokkoo gidduutti sirni amantoota gaggeessaa ni raawwatama. Akka mana amantaa keenyaatti Yaa’iqoob, Yohaannis fi Dubree Maariyaamiin osoo du’aa ka’umsa Gooftaa Iyyasuus hin argiin midhaan fi bishaan afaan keenya keessa hin galchiinu jedhanii hanga du’aa ka’umsasaatti turuun isaanii aadaan Mana Kiristaanaa(church Tradition) dhugaa ni baha. Haluma Kanaan amantoonni tokko tokkos akkasuma otoo midhaani fi bishaan hin argatiin hanga guyyaa du’aa ka’umsasaatti kan turan ni jiru. Torbeen gidiraa Kiristooos fuula keenya dura akka wanta fannifameetti ta’ee ni ilaalla jechuudha Gala.3:1. Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

Madda: Hamerii bara 2006 lakk.14 waggaa 21.

‘’Hosaa’inaa Ilma Daawitiif .” Mat 21: 9

‘’Hosaa’inaa Ilma Daawitiif .” Mat 21: 9

                                                                   Biraanuu Dajaneetiin

     Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhaan yeroo simatan faaruu faarfatanidha.

‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin   akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dursee akka dubbatetti gara Iyyaruusaalem galuuf yoo dhiyaatu tulluu Ejersaa (Dabra-zayit) cina kan taate Beetafaagee qaqqabe. Beetafaageen immoo Mandara harka qalleeyyiin keessa jiraatanidha. Kana irraa kan hubannu fayyisummaa isaatiin harka qalleyyii osoo hintuffatin sooreyyii taasisuudhaaf. Kunis, Addaam irraa kaasee abbootiin turan harka qalleeyyii/hiyyuma fayyinaa/kan qaban ta’uusaaniin si’oolitti cubbuun qabamanii daabiloosiin dhiitamanii gidiraa jala turan.

     Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee duuka buutota isaa lamaan waamee “gara mandara fuuldura keessanii deemaa achittis harreen ilmoo ishee waliin hidhamte hiikaatii naafida! Eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachisu jedhaanii!’’ jedhee erge. Daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee erguun isaa fayyinni uummataa kan fannoo isaatiin raawwatu dhiyaachuu isaa ibsuufidha. Gama biraatiin ammoo harroonni hedduun kan hin hidhamne mandara sana keessa osoo jiranuu kan hidhaman filachuun isaas harroonni kun hattuun hatamtee kan hidhamte waantaateef “eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachifti jedhanii” jedheen. Kunis harreen kun kan isaa kan hintaane ni callisa jechuu isaati. Haaluma kanaan gooftaan isaan uumeera waan ta’eef dhala namaa ni barbaada.Kana irratti mandarri fakkeenya si’oolii,harree fi ilmoon ishee Addaamii fi ijoollee isaatiin, hidhamuun isaanii cubbuun hidhamuu, hattuun immoo Daabiloosiin fakkeeffamu. Har’as Gooftaan kan cubbuudhaan hidhaman hunda nibarbaada. kanaafuu luboota hidhaa cubbuu irraa nuhiikan nuuf kenneera. Mat 16;19:­­­­­­­18;18 Yoha 20;23

   Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka bu’oota lamaan kan inni ajaje hunda raawwachuun harree ilmoo ishee waliin hiikanii fidaniif. kooraa dhisanii uffata isaanii irra afuun immoo inni kan beekuwaan ta’eef iccitiin isaas kooraan ni quuqa,uffanni garuu hin quuqu. Kunis kan agarsiisu abboommiin jaalalaa/Seerri Waaqayyoo/ kan hinquuqne waan ta’eef abboommii wangeelaan jiraadhaa jechuu isaati. Gara Iyyaruusaalem yeroo galu uummanni baay’een “harreen ati irra teessellee lafa dhaabachuu hin qabdu” jedhanii uffata isaanii karaarratti afaniiru. Isaan kaan meexxii , baala ejersaa muruun karaa irratti afaa turan.

   Akkuma dursee faarfataa Daawit faarfatetti uummanni Gooftaan keenya gara Iyyaruusaalem yommuu galu hafaa qofaan osoo hintaane “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif! Inni Maqaa Gooftaan dhufu galateeffamaadha Hosaa’inaa samii irratti’’ jechuudhaan galateeffatan. Dhuma irratti magaalattiinis niraafamte. Uummannis “kun eenyu?” jechuudhaan wal gaggaafatan. Uummannis kun Naazireet Galiilaa irraa kan dhufe raajicha Iyyasuusidha jedhan. Innis gara mana qulqullummaa galee kan gurguranii fi bitan hunda baase…mannikoo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera, isin garuu holqa saamtotaa taasiftan. Mana qulqullummaattis qarodhabeessaa fi kan qaamni isaanii laamsha’e gara isaatti dhiyyatan/dhufan/ innis isaan fayyise. Mat. 21:1-15

Egaa Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenya gara Iyyerusaalem deemuun mana qulqullummaa isaa keessaa daldaltootaa fi warren malaqa jijjiiran ar’ee mana isaa kabaje dha. Guyyaan kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosa’inaa samii irratti ilma Daawitiif”jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu. . Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

Niqoodimoos

Niqoodimoos

Dn Zalaalam Daggafaan

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa torbaffaa dha. Moggaasni isaas kan Qulqulluu Yaarediin moggaafame dha. Guyyaa kana hangafni Faariisoota kan tahe galgala gara Gooftaa keenya dhufee yommuu baratu Gooftaanis Icciitii Cuuphaa, Icciitii Lammata Dhalachuu Niqodimoosiin akka barsiise Qulqulluun Yaared wangeela Yohaannis boqonnaa 3 irra jiru caqasuun kan faarfate waan ta’eef moggaasni guyyaa kanaa Niqoodimoos jedhameera.

Mata-dureen faaruu Qulqulluu Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “ሖረ ኀቤሁ ዘስሙ ኒቆዲሞስ” ( Niqoodimoos kan jedhamu gara isaa deeme) isa jedhudha.

Sirna Galatoo guyyaa Niqoodimoos keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ni duubbifamu:-

v  Roomee 61-19

v  Yoh.1ffaa 4:18-dhum.

v  Hojii Ergamoota 5:34-dhum.

v  Galatoo: Galatoo Maariyaam            

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 16:3

ሐዉጽከኒ ሌሊት ወፈተንኮ ለልብየ (Halkan na mildhatte lubbuu koos qoratte)

አመከርከኒ ወኢተረክበ አመጻ በላዕሌየ (Na qoratte hammeenyis narratti hin argamne)

ከመ ኢይንብብ አፉየ ግብረ ዕጓለእመሕያዉ (Afaan koo gochaa dhala namaa akka hin dubbanne)

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaannis 3:1-20

Akkuma wangeela Yohannis keessatti caqasametti Niqoodimoos icciitii lammata dhalachuu jechuun sirna cuuphaa gooftaa keenya irraa barachuun isaa nama carraa guddaa qabu isa taasisa. Niqoodimoos guyyaa kanaa eegalee ifaan otoo hin ta’in dhoksaan barataa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uun baruumsa isaa kan jaalatu fi kan Gooftaa keenya deeggaru ta’uu isaa wangeelli dhugaa ni baha.

Niqoodimoos beekaa fi barsiisaa Yihuudotaa ture (yoh.3:10). Gooftaan keenya Mana Qulqulluummaa keessatti raajii inni godhu arguun lapheen isaa guutuun kan fudhate ture (yoh2:13-23). Niqoodimoos Faariisota sodaachuun akkasumas dura bu’aa Yihudotaa waan ta’eef Yihoodonni kan Gooftaa keenya morman wajjin yoo argame mormuu waan danad’aniif galgala malee guyyaa gara Gooftaa keenyaa deemuu hin danda’u (yoh 3:1). Boodas yommuu Gooftaan keenya fannifamu guyyaa Jimaataa yeroo dukkanaa’u sana Gooftaa keenya awwaaluuf gara Gooftaa keenyaa deemuu isaa ni hubanna.

Guyyaa kanatti Manni Kiristaana keenyaa kan dubbifamuu fi kan faarfatamu hunduu wangeela yohaannis 3:1-12 jiru irratti Niqoodimoos Gooftaa keenyatti amanuu isaa,Gooftaan keenyaas Icciitii torban Mana Kiristaana keenya kessaa tokko kan ta’e Icciitii Cuuphaatiin mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf bishaanii fi Afuura Qulqulluu irraa dhalachuun dirqama ta’u isaa kan itti barsiise dha.

Yeroo baay’ee yeroo waa’ee Niqoodimoos kaasnu yaada keenya kessatti kan nutti mul’atu wangeela yohaannis boqonnaa sadii irratti kan barreesse dha. Garuu Niqoodimoos kan kanarra darbe seenaa barreeffame kan wangeela Yohaannis 7:45 fi Yohaannis 19:39 qabu dha. Caqasootni sadan wangeela Yohaannis kessatti barreeffaman maalummaa Niqoodimoos sirriitti nu hubachiisu.

Egaa kanarraa ka’uun seenaa Niqoodimoos wangeela irratti barreeffame irraa waan gurguddaa sadii irraa barachuu dandeenya.

1ffaa:Dhugaa barbaaduu:-akkuma wangeela Yohaannis boqonnaa sadii irratti ibsameen galgala galgala gara Gooftaa deemee barachuu isaa nuu hima. Haa ta’u malee yeroon suni Niqoodimoosiifis ta’e hordoftoota Gooftaa keenyaaf yeroo rakkisaa ture. Yeroo sanatti namni kamiyyuu Kiriistoos wajjiin kan ta’e, kan deeggare tokkummaa Yihudootaa keessas ta’e Mikuraaba (Galma) Yihudootaa keessaa ni hari’atama jedhanii seera baafatanii turan. Niqoodimos garuu hangafa Faarisoota ta’ee otuu jiru waa’ee wangeelaa kan isaa hin gallee waan tureef dhugaa barbaachuuf galgala galgala gara Gooftaa keenya deemuun jireenya dhugaa fi nageenya kan ta’e wangeela dhugaa barata ture. Nuyis yommuu gara Mana qulqullummaa deemnnu waan hunda qabna jechuu otoo hin ta’ini,Waaqayyo biratti hundi keenya guutuu akka hin taane hubannee gara isaa deemuu qabna.

2ffaa :Dhugaaf jiraachuu:-yeroo Yihuudonni maree murtii isaanii irratti Gooftaa keenya irratti akkamitti akka isa fannisan mari’atan sana gidduu isaanii taa’uun “ Seerri keenya afaan isaa irraa utuu hin dhaga’in,waan inni hojjetes utuu hin hubatin nama tokkotti ni farachiisaa?” isaaniin jedhe ( Yoh 7:51). Nullee jireenya keenya yeroo yeroon waantotni sobaa nu mudatan sana moo’uudhaan dhugaaf amanamaa taanee jiraachuu qabna.

3ffaa:Dhugaaf dhaabachuu :-yeroo Gooftaan keenya fannifame sana dhugaaf kan dhaabate dha. Akkasumas yeroo dhiphuu kanaa shittoo fi kan itti kafanamu Yoseef wajjin qabatanii gara fannoo Gooftaa keenyaa dhufe dha. Har’allee Manni Kiristaanaa keenyaa yeroo Qiddaasee maqaa isaa kaastee isa yaadatti. Har’as taanaan waa’ee Niqoodimoos yommuu kaasnuu fi Kabajnu jireenyi isaa kan irraa barannuu fi qajeelcha jireenyaa nuu tahuu qabu dha.

Egaa walumaagalatti nuyis akka Niqoodimoos galgala galgala kan barbaannu fi kan fiignu kabajaaf,Aangoo fi wantoota addunyaa kana irra jiraniif otoo hin ta’ini dhugaa barbaannee,ittiin jiraannee fi dhugaan dhaabannee jiraachuun mootummaa waaqayyoo akka dhaalluuf fedhaa fi eeyyama waaqayyoo haa tahu; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u. Ameen!

Madda :

Tajaajilaa Gaarii (Mat. 25÷14-30)

Tajaajilaa Gaarii   (Mat. 25÷14-30)

   Dn. Qalamawarq Miidhagsaatiin

Torbeewwan sooma guddichaa keessa inni 6ffaan “Tajaajilaa gaarii” ykn afaan gi’izitiin ‹‹ገብርኄር›› jedhamee beekkama. Torbeen kun manni kiristaanaa keenya waa’ee tajaajilaa afuraawaa jabaattee kan ittiin barsiistu dha.

Faarfannaa sanbata kana faarfatamu irratti qulqullun Yaareed “Tajaajilaan gaariin eenyuu dha?” jedhee gaafata.

   Sirna Qiddaasee guyyaa Gebriheer keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu

     keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:

v  1ffaa ximo 2፡1-17

v  2ffaa phexi 5:1-12

v  Hojii Ergamoota 1:6-9

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40:10

ከመእግበርፈቃድከመከርኩአምላኪየ

ወሕግከኒበማእከለከርስየ

ዜኖኩጽድቅከማኅበርዐቢይ

Hiika: “ Yaa Waaqa koo eeyyama kee dubbachuudhaaf naan fedhe

           Seerri kee laphee koo keessatti barraa’ee taa’a;

         Waa’ee arjummaa kees himeera.”

Sanbata kana wangeelli dubbifamu akkana jedhaa “ Akka nama daandii deemuuf ka’ee tajaajiltoota isaa waamee qarshii ittiin bu’aa buusan kennee fakkaataatii tokkoon tokkoon isaaniitiifis akka dandeettii isaaniitti isa tokkoof Makliitii (qarshii) shan, isa tokkoof Makliitii (qarshii) lama , isa tokkoof ammoo Makliitii (qarshii) tokko kenneefii deeme.

Inni qarshii shan fudhate sunis deemee daldaalee qarshii shan bu’aa buuse; akkasumas, inni lama fudhate akkasumas daldaalee qarshii lama buufate; inni qarshii tokko fudhate garuu deemee lafa soqe( qonforee) warqee (qarshii) Gooftaa isaa awwaale.

Gooftaan isaaniis deebi’ee isaan to’ate ; inni qarshii (Makliitii) shan fudhate sun dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii ( Makliitii) shan natti kennitee turte anis bu’ee ba’ee daldaaleen qarshii (Makliitii) shan buuseeraatii kunoo makliitiin kee jedhee Makliitii shan itti kenne.Gooftaan isaas ati tajaajilaa gariidha; wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna Guddaa irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa keetti seeni jedheen.

Inni Makliitii ( Qarshii) lama fudhates dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii lama natti kennitee turte; kunoo bu’ee baheen qarshii lama buuseera jedheen. Gooftaan isaas ati tajaajilaa Gaariidha wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna baay’ee irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa kee seeni jedheen.

Inni makliitii ( Qarshii) tokko fudhate dhiyaatee yaa Gooftaa ati bakka hin facaasnee kan kan haamtu; bakka hin bittinsinee kan funaantu nama hamaa ta’uu kee nanbeeka waanan si sodaadheefis deemeen makliitii(qarshii) naaf kennite awwaale; egaa makliitiin kee kunooti jedheen.

Gooftaan isaas:- ati tajaajilaa hamaa fi dadhabaadha; Ani bakka hin facaasnee kanan haamu; bakka hin bittinsinee kanan funaanu nama hamaa ta’uu koo ni beektaa? Yoos qarshii koo warra jijjiiraniif kennuu qabda turte anis yeroon dhufu qarshiikoo bu’aa isaa wajjin isaan irraan fudhadha ture jedheen. Sana boodas warreen achi dhaabataniin akkas jedheen:- makliitii (qarshii) kana isa irraa fuudhaatii isa makliitii kudhan qabuuf kennaa! Kan qabu ni kennamaaf kan hin qabne garuu ishiin qabu sun illee irraa fudhatamti; tajaajilaa hamaa kana garuu bakka itti ilkaan walitti riguun jiru gara dukkana ala jiruutti gadi baasaa jedheen.” Mat. 25÷14-30

Hiikaan barumsa kanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera. Abbaan qabeenyaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Tajaajiltootni sadan fakkeenyoota kiristaanootaa kennaawwan adda addaa kennameefidha. Kennaawwan kennaman lakkoofsaan garaagarummaa qabaachuun isaanii kennaan tokko isa kaan irraa addaan kan ba’u ta’u isaa agarsiisa.

Amaloota tajaajiltootaa

Amaloota tajaajiltoota jalqabaa lamaan:- Afuurri tajaajiltoota isa jalqabaa fi isa lammaffaa isaan lamaanu hojjatani argachuun akka danda’amu kan amanani, Goftaa isaanitiif amanamoo, rakkoo hojiirra muudatu yaaduudhaan yeroo isaanii kan hin dabarsinee dha. Tajaajilaan lammaffaas akka tajaajilaa tokkooffaa maaliif maallaqa shan naaf hin kennamne jedhee osoo hin komatiin waan kennameen kan hojjate dha.

Isaan lamaanu bu’aa buusaniiru. Isaan lamaanuuf maqaan kabajaa kennamee tokko dha “Tajaajilaa gaarii” kan jedhu, bakkii kabajaa isaan lamaanuu ittiin seenan tokkoo, “Gammachuu Goftaasaanii”. Isaan lamaanu waan muraasaan kan ammamani dha.

Gama keennaatiin yoo ilaalame shanis ta’e lama muraasa dha, garuu namni waan kennameen osoo hin komatiin tajaajiluu qaba. Ilma namaaf kan fayyadu waan kennameef lakkaa’uu osoo hin taane waan kennameen tajaajilu dha. Tajaajiltootni kun tajaajiltoota mana kiristaanaa amantaan fi jaalalaan tajaajilan fakkaatu.

Amala tajaajilaa sadaffaa:- namni kun hojii caalaa rakkolee hojii irratti isa muudatantu isatti mul’ata. Bu’aa busu osoo hin taanee kasaaratu isaaf mul’ata. Tokko kennameef lama taassisuu osoo hin taane isaa harka fudhatamutu issatti mul’ata. Akka hiriyyoota isaa bu’aa buseen Gooftaa isaatiin badhaafamu isaa osoo hin taane adabamu isaatu isaaf mul’ata.

Kanaafu hojjatee bu’aa busuu hin dandenye. Kisii isaallee amanuu dhiisee lafa qotee awwaale. Dimshaashumatti amanuu dhisuutiin nama qabame dha. Fulduura Gooftaasaatti yommu dhiyaatu jechi dubbate wanta tajaajiltootni lamaan dubbatan irraa adda dha, “Nama haamaa akka taate waan bekeef akka na jalaa hin banne jedhee awwaaleera” jedhe.

Barumsi amaloota tajaajiltoota sadan kanarra argamu baay’ee guddaa dha. Waqayyoon kennaawwan adda addaa dhala namaa hundumaaf kennee jira. Kennaan tokko kan kennamu ammoo bu’aa dhala namaatiif. 1Qor. 12÷4-11 kennaan lallabuu kan kennameef jira, kennaan raajii himuu kan kennameef jira, kennaan raajii himame hiiku namni kennameef ammoo jira. Dhimmi ijoo garagarummaa kennichaa osoo hin taanee waan kennameen bu’aa busanii argamuu dha.

Yeroo hunda qulqulluun Daawiit akka faarfatetti ilmni namaa “Gooftaa koo fedha kee gochuudhaaf jaaladhe, seerri kees laphee koo keessa dha, yaa’ii guddaadhaanis tolummaa kee hime” jechu qaba. Far. 39÷8

Daaqoniin akka daaqonummaa isaatti, Lubni akka lubumma isaatti, Phaaphaasiinille akka Phaaphaasummaa isaatti, akkasumas, miseensi mana kiristaanaa hundinuu akka kiristaanummaa isaattii kennaa waqayyoon isaaf laateen bu ‘aa gaarii busee argamuun isarraa egama. Torbeen kun kennaa kenyaa yaadannee bu’aa maal fakkaatu akka busne ittiin gafannu dha.

Kiristaanootni wangeela lallabuudhaaf, namoota mana kiristaanaa keenyaa kessatti adeemsa sirrii hin taanee hordofan sirreesudhaaf saalfannu jirraa. Kun waqayoon birratti kan nu gaafachiisu dha. Kiristaanootni aangoo tajaajiltummaa ummataa qabnee, tajaajiltoota mana kiristaanaa taanee, daldaltootni, qutee bultootni, barsiisootni fi barattootni waan nu kennameen bu’aa busne argamuun nurraa egama. Kana ta’u bannaan akka tajaajila hamaatti adabbi bara baraaf ni saxilamna.

Laallabaan lallabee nama bay’ee motummaa waaqayyoo dhaalchisuu yoo baadhee, Barataan qo’adhee firii gaarii yoo hin galmeessine, qotee bulaan firii facaasee biqilu yoo didee osoo hi jadhiin jabaatee hojjachuun barbaachisaa dha. Ilma namaa irraa wanti barbaachisu hojjachuudha malee firii ykn bu’aa busuun hiree Waaqayyooti. Kanaafu jabannee hojjachuun nurraa eegama.

Kennaa nuuf kennameen hojii bu’aa buusu hojjennee motummaasaa akka dhaallu waaqayyoon nu haa gargaaru. Ameen!