Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6

in Tibbana

AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6

                                           Gizaachew Mekuriyaan                                          

Icciitiin kun Ol’aanaadha. Umama keessaa guutummaan kan isa beekee fi kan isa xinxaalee(qorate) bira gahu danda’u hin jiru.   Icciitiin Waaqummaa isaa afuura qulqulluun Abbootii filatamaniif qofa kan ifu qofa yoo ta’u, akkasumas ta’e  guutummaa isaatiin kan isa beekuu danda’u hin jiru. Kanaafi, Abbootiin keenya sammuu namaatiin ol ta’uu isaa fi yoomuu iccitii ta’uu isaa ibsuuf “waaqa garaa Gurraacha” jechuun kan waaqa isaanii waammatan.  Waa hundaafuu, Abbootii keenyaa irraa kan baranne akka armaan gadiitti dhiyaateera. Waa’een Du’aa ka’uu Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela Maatiwoos 28, Maarqos 16, Luqaas 24 fi Yohaannis 20 irratti guutummaan barreeffamee kan jiru   yoo ta’u akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Waa’ee du’aa ka’uu yoo dubbannu haala duutti itti dhufee fi  ammam akka nama gaddisiisu hubachuun nurra jiraata. Jireenyis duunis Addamii fi Heewwaniin akka ta’e kitaabni qulqulluun ni dubbata.                                                                                                                    

Jireenya gara du’aatti kan jijjiires seera Waaqayyoo diiganii cubbuu raawwachuu dha. Du’a jechuun hiika lama kan qabu yoo ta’u gama tokkoon foon lubbuun keessaa baate yoo ta’u gama birootiin immoo otoo lubbuun jiruu fi nama jedhamee waamamu cubbuu raawwachuun otoo ija jijjiirannaa qalbii hin taasifatiin jiraachuu dha.

Du’aa ka’uun (ትንሣኤ) akka hiika mana Kiristaana keenyaatti lubbuu fi foon duuni addaan baase ture walitti deebi’anii murtii fudhachuuf kan itti ka’anii dha. Du’aa ka’uun duuni kan ittiin moo’atamee fi bilisummaan ilmaan namaa kan ittiin labsameedha. Du’a moo’achuun du’aa kaa’uun isa duraa kan ta’ee fi aangoo kana ilmaan namaatiif kan kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. “Kiristoos warreen muganiif isa duraa ta’ee ka’eera.” Qoronxoos dursaa 15:20.

Addaam waggoota torbaaf ajaja Waaqayyoo eegee  waan jiraateef ulfinni isaa otoo hinhir’anne fi kennii isaa otoo jalaa hin hi’rifamne akka jiraate hayyoonni mana amantaa nu barsiisu. Ergaa Yohaannis 1ffaa 3:24 “ajaja isaa kan eegu Isaan jiraata Innis isa keessa ni jiraata”. Addaamii fi Heewaan dhugaan tokko yaadoota walfalleessan lamaan seexanaan waan itti himameef tokkoo isaa filachuun dirqama waan itti ta’eef fedhii isaanii guutuun gorsa seexanaa filatanii raawwatani. Kana raawwachuu isaatiinis akka seexanni jedheen  waaqa ta’uu hin dandeenye, akka waaqayyoon itti dubbatee turetti ulfinaa fi kennaa isaanii ni dhaban. Bara keenya kanas, yaada faallaa dubbii Waaqayyoon nutti dubbachaa jiruun ala kan nu gorsaan (yeroo Waaqayyoon gara mana isaatti fayyinaaf nu waamu akka hin deemne, Gocha Waaqayyoon hin raawwatiina jedhe akka raawwanuu, yeroo soomaa akka hin soomne, yeroo kadhannaa akka ciisnuu fi kkf), fi kana biras darbaan Ijoolummaa Waaqayyoo nudhabsiisuuf dhibbaa adda addaa kan nurraan ga’an  jiraniin ‘namni biyya lafaa hunda buufatee yoo lubbuu isaatti hir’ise maal godhaaf? Akka Maat.8:36 itti himne seexana diina ta’ee otoo jiruu fira fakkaatee goyyomsuun Waaqa keenya waliin addaan nubaasuuf nu qoraa jiru irraatti qabsaa’uu qabna.   

Addam Waaqa isa uumee fi isa jaalatu ajaja/ jecha isaa darbuun cubbuu raawwachuun Waaqa isaa waan gaddisiseef isaa fi ijoolee isaa kan ta’an ilmaan namaa hunda  irraatti duuni itti murtaa’e. Waaqayyoo fi Ilmaan namaa gidduutti daddoon(girgiddaa) lolaa ni uumame. Addaam abbaan keenya suuga Waaqayyootiin waantooni isa barbaachisu hundi guutameefi bakka itti jiraatuuf, waan nyaatuu fi uffatu kennameefi yaaddoo fi bu’aa ba’ii malee bakka itt jiraatu Gannata sababa cubbuu isaatiin ni dhabe. Waanti nama dinqu immoo battala ajaja Waaqa isaa darbee cubbuu raawwate ofii isaa Waaqa isaa isa duraan yaaddoon eeguu fi abdii godhatu ni baqate, kennaan Waaqayyoo inni qaama qullaa isaa uffisee ture harkaa badee qullaa ta’u isaanii ni barani. Uum. 2:17 irratti “Mukkeen gannata keessa jiran hunda ni nyaatta.Garuu  Ija mukaa   gaarii fi hamaa nama beeksiisu kana hin nyaatiin, gaafa isa irraa nyaatte du’a niduuta” akka jedheeni ture bakka Waaqni isaa toolcheefi itti isa jiraachisaa  ture,  nyaata  fi uffata Waaqa isaatiin qophaa’eef dadhabbii tokko malee dhamdhamachaa ture dhabuun du’a akka irraa of eegu itti himaamee ture harkatti ni kufe. Waaqayyoon ija mukaa hin nyaatiin,yoo nyaatte ni duuta jedheen seexanni immoo gaafa isa nyaate waaqa ni taata jechuun akka nyaatu ajaje. Sababa isaatiin dacheen (lafni) ni abaaramte, dhama’ee dafqa isaatiin akka jiraatu, biyyoo irraa uumameetti akka deebi’u, dubartiin yeroo deessu ciniinsuun akka itti cimu, uumamni (seexana boofaan fakkeefame) kan isaaf bitamee     jiraachaa ture diina akka itti ta’u itti murtaa’eera. Kana caalaa immoo Waaqa isaa baqachuu fi dhokachuun dhaabiitti/ jiraatti du’eera. Qullaa isaanii ta’uu ni barani, kennaa fedhii isaanii fedhii Waaqayyoof ittiin bulchan ni dhabani, nageenya isaanii ni dhaban, jireenya lubbuu ni dhaban, Waaqqayyoon fakkaachuu ni dhaban, Gannatas ni dhaban.  Kana booddees abbootiin jiraatan hundi Addaam abbaa isaanii irraa du’a kana dhaaluun jireenya lubbuu dhabanii, dukkana keessa waggaa 5500 jiraataniiru. Namoonni barren kana keessa turanis jireenya dukkana sukkanneessa kana keessaa akka isaan baasu akka jedhanii kadhachaa turaniiru. Isa. 64:1-2 “Maaloo otoo samiiwwan bantee gadi buutee, tulluuwwanis otoo raafamanii maaloo, akka   ibiddi qoraan gubee ibidichis bishaan danfiisu maqaan kee diinoota keetti beeksiisi. Jechuun Waaqa isaanii kadhachaa turaniiru. Akkasumas, Ilmi namaa Uumaa isaa waliin waldhabuu isaatiin bittaa seexanaa sukkanneessa ta’e harkatti kufuu isaa Raajjichi kun akkas jechuun ibseera. “Hundi keenya akka nama xuraa’aa taaneera, qulqullummaan keenya hundi  akka uffata abaarsaati, hundi keenya akka baalaa ni harcaane, cubbuun keenyas akka bubbee nufudhateera.” Jechuun dubbateera. Isa. 64:6 .

Kunis, hanga bara dhaloota Gooftaa keenya Iyyaus Kiristoos haadha keenya, giifti keenya durbee Maariyaamii irraa dhalatee waadaa Addamiif ilmoo ilmoo kee irraa dhaladhee nan si fayyisa jedhee galeef raawwatuutti kan ta’ee dha. Ilmaan namaa kana mana hidhaa si’ool keessaa baasuu fi  bittaa seexanaa harkaa bilisa baasee ulfinaa isaa duraan turtetti deebisuuf jecha Waaqni nama ta’ee dhalatee, du’aa isaa du’ee, du’aa ka’uun aangoo du’aa ittiin ka’u goonfachiiseera.     Addaam hidhaa keessaa baasuuf ni hidhame, ni reebame dhuma irrattis fannifamee jireenya bara baraa ni laateef.  

Gooftaa fi Qoricha keenya kan ta’e Iyyasus Kiristoos bakka Addaam itti boqote Gologotaa (hiikni isaa buqqee mataa)  jedhamuutti fannifamee du’a ni ajjeese. Aawwaalas humna ni dhoowwe. Fagaanne kan turreenis Ijoolleekoo nuun jedhe.   Wangeela Maatiwos 27:33 fi Qoronxos 1ffaa 15:56. Foon isaatiin gara awwaalaa, lubbuu isaatiin gara sii’ool bu’ee Addaamii fi ijoollee isaa abdiin isaa eeggachaa turaniif bilisummaa ni labse. ‘Yaa du’a waraantuun kee meerre? Yaa sii’ool moo’ichi kee meerree? 1Qor.15:55 jedhamee akka barreeffame du’a Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin seexanni “du’a’’ jedhamee dubbatameef aangoon isaa kan fashalaa’ee ta’uu, seexanni uumama dadhabaa ta’uu fi waaqa tolfamaa ta’uu isaa kan agarsiisuu dha.

Du’aa ka’uun gosa lama dha. Inni jalqabaa Ka’umsa Lubbuu (ትንሣኤልቡና) yoo ta’u kunis jijjirrannaa qalbii godhachuun cubbuu irraa fagaatanii qulqullummaan amantiin jiraachuu dha. Namni Waaqayyootti amanee cubbuu irraa fagaachuun Waaqa isaa waliin jiraachuu baachuun du’a dha. Qulqullichi Phaawuloos kana yoo ibsu “Jalaala guddaa nuuf qabu irraa ka’uun yeroo cubbuu keenyaan duunee turre illee Kiristoos waliin jireenya nuuf ni kenne.” Efeson 2:5  jedheera. Qulqulluun Yohaannisis Mul’ata isaa 20:6 irratti “Ka’umsa isa jalqabaatiif kan carraa argate inni eebbifamaa fi qulqulluu dha. Duuni inni boodaa(lammaffaa) jechuun namni jijjirannaa qalbiif ta’u godhachuun Foonii fi Dhiiga Gooftaa fudhatee jireenya bara baraatiif hin qophoofnee fi akka fedha Waaqayyootti jiraachuun fedhii isaanii fedhii Waaqayyootiif hin bichisiifne  du’aa ka’uu isa jalqabaa waan hin arganneef du’a isa lammaffaa jalaa bahu kan hin dandeenye ta’uu hubachiiseera. Qulqullichi Paawulosis “Ati inni raftu damaqi, warreen jiraatti du’aan keessaa ka’ii, Kiristoos siif ibsa.” Jedheera. Seenaan mucaa badee wangeela Luqaas 15:11-32 tti barreeffamee arginu du’aa ka’uu isa jalqabaa kan nu barsiisuu dha. “Mucaankoo kun du’ee ture, amma garuu jireenya argateera, badee kan ture argameera” jechuun du’uu isaa kan dubbate du’a foonii otoo hin taane abbaa fi maatii isaa irraa addaan bahuu isaatiin ture. Nutis yeroo Waaqayyo Abbaa keenyaa fi qulqulloota Isaa irraa addaan baanu ni duuna. Battala gara Waaqayyo Abbaa keenyaatti jijjirannaa qalbii godhannee deebine du’aa kaanee jireenya ni arganna. Kiristaanoonni jijjirannaa qalbii godhatanii FOONII FI DHIIGA GOOFTAA FUDHACHUUN akka fedha waaqayyootti jiraachuun ka’umsa isa duraa ni goonfatu. Ka’umsi inni jalqabaa jijjirannaa qalbiitiin argatan kun ka’umsa isa lammaffaatiif kan qaqqabsiisuudha.

Du’aa ka’uun inni lammaffaa  immoo warreen du’an ka’anii foonii fi lubbuun isaanii kan itti walitti dee’bii’anii dha (ትንሣኤዘጉባኤ). Kunis kan raawwatamu yeroo Gooftaan keenya lammata deebi’ee dhufu yoo ta’u yeroo kanas qulqulloota warreen ka’umsa isa jalqabaa argataniif yoo murteessu warreen cubbamoota ta’an irratti immoo ni murteessa. Du’aa ka’umsa isa lammaffaa kanaan cubbamoonni du’a isa lammaffaa kan du’an yoo ta’u kunis du’a bara baraati. Warreen Du’aa ka’ii isa jalqabaa argatan garuu du’a isa jalqabaa jechuun addaan ba’uu foonii fi lubbuun ala/  malee duuni inni lammaffaa isaan kan argatuu miti.

Gooftaa fi Fayyisaa keenya kan ta’e Iyyasuus Kiriistoos Du’aa ka’uu isaatiin namni du’ee awwaalamee kan hin hafne, du’aa ka’ee jireenya bara baraa jiraachuuf abdii kan qabu ta’uu isaa du’aa ka’umsa isaatiin nuuf mirkaneesseera. Kanaaf, du’a booddee jireenyi awwaala booddee abdiin ka’uu jiraachuu isaa hubachuun qaroomina guddaa dha. Yoh.5:28-29 “Yeroon warreen du’anii awwaalaman  hundi sagalee Isaa itti dhaga’an ni dhufa, warreen waan gaarii hojjetan jireenya argachuuf  ni ka’u, warren hammeenya hojjatanis adabiif ni ka’u.” akka jedhame amantii keenya sirrii fi qajeeltuu taate Ortodooksiin cimnee dhaabbannee naamusa gaarii qabaanne mootommaa Waaqayyoo  dhaaluun jireenya bara baraa akka argannu hubachuun of-qopheessuun barbaachiisaa dha.  Kana ta’uu baatee yoo hammeenya keenyaan itti fufne garuu gara boolla sodaachisaa ta’eetti gatamnee seexana waliin jiraachuun dirqama ta’uun isaas dhimma dagatamuu hin qabnee dha.

Jijjirannaa qalbiitiin otoo gara Waaqayyootti hin dhiyaannee fi gara mana Abbaa keenyaatti hin deebine ayyaana du’aa ka’uu kabajneera jechuun hin danda’amu. Mana keenyaa keessatti waantoonni nyaataamanii fi uffataman yoo guutaman illee lubbuu keenyaatti waanti hir’ate waan jiruuf ayyanichi ayyaana gammachuu guutuu qabuudha jechuun hin danda’amu. Kanaaf, Ayyaana du’aa ka’uu Gooftaa kana yeroo kabajnu gammachuun keenya guutuu ta’ee suga ayyanichaan akka eebifamnutti gara mana Waaqa keenyaatti deebinee  hirmaattoota du’aa ka’ii jireenyaa kan nu taasisu hoolaa Qaraaniyootti nuuf qalame FOONII FI DHIIGA GOOFTAA keenyaa fudhachuun ta’uu qaba malee gocha warreen du’a filatanii kan ta’e sirbaa fi machiin ta’uu hinqabu.

Du’a Isaatiin du’a moo’ee du’aa ka’uu  uulfinaa kan nuuf laate fayyisaan Adduunyaa Waaqni keenya kan darbe irraa barannee guyyaa du’a keenyaa yaaduun qulqullummaan qophoofne akka jiraanu nu haa gargaaru. Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-04-30 08:03:042018-10-26 09:21:09AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Torbee gidiraa Link to: Torbee gidiraa Torbee gidiraa Link to: Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ) Link to: Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ) Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ)
Scroll to top