Baga nagaan dhuftan !
Nu argadhaa!
Barreeffamoota haaraa
- “Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6)
- “Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12
- “Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14
- “ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2
- Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne
- Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa’een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname
- Yeroo lama kan koo taate
- “Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8
- Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
- Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed
Hojii kee hojjadhu! (Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos)
Tokkoon tokkoo namaaf Waaqayyo hojii kenneera. Hojii sana hojjachuun immoo gahee abbaa ti. Odoo danda’e, hojii isaa sana gufachiisuun immoo hojii diyaabiloosii dha. Dhugaan jiru, akkuma Waaqayyo hojii kana siif kenneen, seexanni immoo si gufachiisuuf yaala. Waan gar-malee namatti miidhagu sii fiduuf carraaqa. Abdiiwwan fooniitiin si sossobuu danda’a. lolaa hamii gar-malee dhangalaasa. Barreessitootni akka si gaafataniif, namootni bebbeekamoos hammeenyaan akka sirratti dubbatan ittiin fayyadama. Philaaxoos, Heeroodsi, Hannaa, Qayyaafaa fi k.k.f. hundumtuu sirratti ijaaramu. Ati garuu, murtii cimaan inaaffaa Afuurawaa hin worraaqneen dhumarrattis; “Akkan hojjadhuuf hojii naaf kennite xummure. Amantaa koos eege.” jechuuf hanga dandeessutti kaayyoo jireenya kee fi galma uummamteef sana duuka bu’i.
Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos 2ffaa
Duree Phaaphaasota Shawaa 1932-1982 B.A
“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2
/in Lallaba /by EOTC Afaan OromoDn. Yooseef Baqqalaa Hiikaa: Soorii Moosisaa Seerri Kiristoos Maali dha? Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa’e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka’uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala […]
“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
/in Barumsa Amantaa, Icciitii utubaalee shanan, Tibbana /by EOTC Afaan OromoKutaa Tokko Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun ta’iiwwan deddeebi’anii mul’atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi’u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa […]
Gidiraawwan Fannoo
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoH.K.H. Roodaas Taaddasaa Harki fi miilli Isaa mismaaraan dhahamuu isaanii immoo Qulqulluu Daawiit irra bulee Faar. 21:16 “Saroonni baay’een Namarsaniiru. Yaa’iin hamootaas Naqabe. Harka fi miila Koos mismaaraan dhahani. Lafeen Koo hanga mul’atuttis Nagarafani. Isaanis Na’ilaalani” jechuun sareen waan tufe deebi’ee akkuma nyaatu, Ayihuudonnis erga Inni Ooritiin dabarse booda deebi’anii kan raawwatani ta’aniiruu waan ta’eef […]
Gidiraawwan Fannoo
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoH.K.H. Roodaas Taaddasaa Akkasumas, gonfoo qoree gonfachuun Isaa Addaami fi Heewaan gorsa jawwee waan dha’aniif gonfoon injifannoo isaanii irraa fudhatamee ture waan ta’eef; gonfoo injifannoo keenya nuuf deebisuu Isaa agarsiisuuf gonfoo qoree gonfatee fannifame.
Gidiraawwan Fannoo
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoH.K.H. Roodaas Taaddasaa (Dr.) Raayyoonni Ayihuud gonfoo qoree xaxanii mataa Mootii moototaa Mataa jireenya bara baraa kan ta’e Kiristoos Iyyasuus irratti gombisaniiru. Gonfoo qoree gonfachuu Isaatiinis abaarsa dursee “Sababa keetiin lafti qoree haa biqilchitu” jedhamee addaam abaaramee ture sana haqee Addaamiif beenyaa ta’eera (Seer. Uum. 3:18)
Tibba Gidiraa /Jimaata/
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoRattaa Guree Guyyaan jimaataa Gooftaan keenya Qorichi keenya guyyaa itti addunyaaf itti fannifame dha. Guyyaan kun guyyaa Fayyinni itti raawwatame waan taateef guyyaa addaa jedhamtee beekamti. Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti moggaasa icciitii adda addaa qabdi. Jimaata Fannoo: Qorichi Addunyaa hundaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Addaamii fi ijoollee isaa hundaaf Fannoorratti fannifamee akka biraannaatti […]
Beeksisa
/in Advert /by EOTC Afaan OromoYaa’ii Afuurawaa Ji’aa kutaa Afaan Oromoo B.A. Bitooteessa 13/07/2012 Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu Olaanaatti Qindeessaa Barnootaa fi Tajaajila Duuka Bu’ummaatti Kutaan Afaan Oromoo ji’a ji’aan jiini seenee Dilbata 2ffaatti Yaa’ii Afuurawaa isiniif qopheessaa turuun isaa ni yaadatama. Maarree ammas isuma kana bu’uura godhachuun gaafa Bitooteessa 13 sa’aatii 7:30 irraa eegalee waan hundaa qopheessee isin eegaa jira. […]
Sooma Guddaa
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoQopheessaan: Liqa Gubaa’ee Qalama Warqi Wubineh Gara Afaan Oromoottii kan hike:- Soorii Moosisaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphaameen booda guyyaa afurtama kan soome; nutis akka soomnuuf Mana Kiristaanaa keenya irraa kan ajajamne keessaa Soomni Guddaan isa tokko dha. Nuti amantoonni gocha Gooftaan keenya raawwate fakkeenya godhachuudhan ni soomna. Soomni Guddaan torban saddeet […]
YAA’II JI’AA KUTAA AFAAN OROMOO
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoSagantaan yaa’ii ji’a kanaa aduu Sambata Guddaa gaafa guyyaa B.A. 15-06-2012tti oola. Iddoo:- Gamoo Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu Ol’aanaa Darbii 3ffaa Yeroo:- Guyyaa keessa sa’aatii 7:30tti
“…Qoricha qabbaneessaa itti ergi maaloo…”
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoDn. Abbaaynah Kaasee Yaa Giiftii keenya Maariyaam nama hubateef waan kee ajaa’ibaa ajaa’iba caalu dha. Boqannaan kees akkasuma. ሞትሰ ለመዋቲ ይደሉ ሞታ ለማርያም የዐጽብ ለኵሉ; duuti nama du’uuf ni mijata/ni ta’as; duuti Giiftii keenyaa garuu nama hunda dinqisiisa. Jireenya bara baraa namaa laattee ati garuu ni duuta. Sababa keetiin Waaqa Ilmaa si’a sadi arganna. Jalqaba, […]