Baga nagaan dhuftan !
Nu argadhaa!
Barreeffamoota haaraa
- “Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6)
- “Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12
- “Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14
- “ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2
- Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne
- Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa’een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname
- Yeroo lama kan koo taate
- “Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8
- Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
- Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed
Hojii kee hojjadhu! (Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos)
Tokkoon tokkoo namaaf Waaqayyo hojii kenneera. Hojii sana hojjachuun immoo gahee abbaa ti. Odoo danda’e, hojii isaa sana gufachiisuun immoo hojii diyaabiloosii dha. Dhugaan jiru, akkuma Waaqayyo hojii kana siif kenneen, seexanni immoo si gufachiisuuf yaala. Waan gar-malee namatti miidhagu sii fiduuf carraaqa. Abdiiwwan fooniitiin si sossobuu danda’a. lolaa hamii gar-malee dhangalaasa. Barreessitootni akka si gaafataniif, namootni bebbeekamoos hammeenyaan akka sirratti dubbatan ittiin fayyadama. Philaaxoos, Heeroodsi, Hannaa, Qayyaafaa fi k.k.f. hundumtuu sirratti ijaaramu. Ati garuu, murtii cimaan inaaffaa Afuurawaa hin worraaqneen dhumarrattis; “Akkan hojjadhuuf hojii naaf kennite xummure. Amantaa koos eege.” jechuuf hanga dandeessutti kaayyoo jireenya kee fi galma uummamteef sana duuka bu’i.
Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos 2ffaa
Duree Phaaphaasota Shawaa 1932-1982 B.A
Aduun Sambata guddaa (Dilbatni) guyyaa soomaa ta’uu isaa isin beeksisna.
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoSooma Gahaad/Gaad (bakka buusuu)
Waaqayyo haa sodaannu; uummanni Waaqayyo hin sodaanne akka saba Sanaa’oor biyya lafaa irraa dhabama.
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoSabni Sanaa’oor horteen isaanii lafa irratti ni heddummate. Abshaalotas ta’ani. Abshaalummaa isaanii sana garuu, waan gaariif fayyadamuu dhiisanii mootii bara baraa kan Waaqayyoon sodaachuu sodaachuu irraa fagaatanii maqaa isaanii labsuu barbaadani. Namni Waaqayyo waliin wal-mufachiisees umriin isaa akka gabaabbatu wallaalani. Dhalli namaa waan gamoo ijjaareef qofa kan kabajamu itti fakkaate. Yaada isaanii kanas gamoo gar-malee […]
Galata Qubeedhaan
/in Faarfannaa Fi Hog Barruu /by EOTC Afaan OromoDn Tamasgan Shaashoo A: Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluuu B: Barreerra nutoo kan itti bulluu C: Cal jedhaa hin feenu barumsa haaraa D: Daandii duraatiirra imala egalleerraa E: Eebbi Waaqayyoo hundarra guutee F: Foolii jaalalaan Inni nu waammatee G: Gamaa Gamanaa Walitti nu qabee H: Hattuun lubbuu naasuun gaggabee I: Ija keenyadha agartuu ganamaa J: Jaalala […]
“…ይእዜ ትስዕሮ ለገብርከ በሰላም እግዚኦ በከመ አዘዝከ። እስመ ርዕያ አዕይንትየ አድኅኖተከ ዘአስተዳለውከ ቅድመ ኵሉ ሕዝብከ። Yaa Gooftaa koo Fayyina Ati Uummata Kee duratti raawwatte ijji koo argeera waan ta’eef, akkuma waadaa galteen garbicha Kee amma nagegeessi” Luuq. 2:29-30
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoL.A’imiroo Darajjee Taakkalaa Jecha kana kan dubbate maanguddichi Simi’oon yoo ta’u, sababni inni dubbateef immoo raajii Isaayiyyaas 7:14 “Durbeen durbummaan ulfooftee durbummaan ni deessi” jedhu dhugumaa raawwatamuu isaa arguu waan danda’eefi dha. Kana qofa miti; humni isaas akka humna arraageessaa waan haareffameef illee dha. Isa kana immoo Raajichi haala kanaan nuhubachiisa “Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan […]
Oduu Boqonnaa
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoMana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti biyyoota lallaba Dirree Dawaa fi Jibuutiitti phaaphaasii kan turan abbaa keenya Eebbifamoo Abbaa Daani’eel kaleessa (B.A. 22-04-2012) galgala keessa naannoo sa’aa 5:00 irratti mana isaanii isa wiirtuu Teessoo Paatriyaarkiitti argamutti akka boqotan baruu dandeenyeerra. Eebbifamoon abbaa keenya Ameeriikaa Kaabaatti baroota dheeraaf tajaajila kennaa turuu isaanii kan Ibse Miidiyaan Addabaabaayi dhibee […]
Wareegamummaan akka itti fufu waan taasistaniif galatoomaa!
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoJaarraa 10ffaatti kaatee Manneen Kiristaanaa kutaalee biyyattii adda addaatti mootota bara Akusimii, phaaphaasota, hayyoota fi amantootaan ijaaraman siidaawwan fi hambaalee bocamni fi dhaabaman kan barbadeessite Yoodiit Gudit erga dabarte (boqatte) booda, hayyootni Itiyoophiyaa, moototni, phaaphaasonni fi amantootni kanneen darban irraa muuxannoowwan lama argataniiru. Inni tokko, akkuma nuti gamoo Manneen Kiristaanaa dhagaa fi booraleen ijaaraa turre; […]
Sinkisaara Muddee 7
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoMaqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoo. Ameen Guyyaa kanattis galanni Isaaf haa ta’uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon isheerraa foon lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee akka dhalatu afaan Raajoota kabajamoon lallabamuuf yaadannoo ta’e. Raajoonni kunis, “Kanaafuu, Gooftaan mallattoo isiniif kenna, kunoo Durbi ni ulfoofti, Ilma dhiiraas ni deessi, maqaa Isaas Amaanu’eel jettee ni […]
Sinkisaara Muddee 6
/in Uncategorized /by EOTC Afaan OromoMaqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!!! Guyyaa kanatti durba kan Mana Kiristaanaa Haadha keenya Qulqulleettii Arseemaatu kabajame, godaansi foon ishees guyyaa kana raawwate (iddoo awwaalcha duraatii gara iddoo Mana Kiristaana amma jiruutti fudhatame). Akkasumas, ishee waliin kan wareegaman godaansi foon Durboota digdamii torbaas guyyaa kana raawwate. Mootichi Dirxaadis Qulqulleettii Arseemadhaan “kabaja […]
Amantaa, Ayyaana fi aadaa isaa addunyaaf beeksisuuf lammiin Itiyoophiyaa hundumtuu gahee isaa akka bahu waamichi dhihaate!
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoUNESCO irratti galmaa’uun Ayyaana Cuuphaa ergama Amantaa fi biyyaaf beekkamtii kennuun shora /gahee/ guddaa waan taphatuuf, lammiin biyyattii hundumtuu Ayyaana isaa, Amantaa isaa fi aadaa isaa beeksisuuf qooda mataa isaa akka raawwatu Qulqulluun Sinoodoos ni beeksise. Torbeen kun lammiileen Itiyoophiyaa hojiiwwan gurguddoo biyya isaaniif raawwatan sadarkaa addunyatti beekkamtii itti argatan ta’uu isaa kan beeksise ergaan […]
Ayyaanni cuuphaa hambaa Afuuraa ta’uun UNESCO irratti galmaa’e!
/in Tibbana /by EOTC Afaan OromoAyyaana Cuuphaa Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa Amajjii 11tti kabajamu hambaa Afuuraa addunyaa akka ta’u murteeffamuu isaa Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbatni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa kan ta’e UNESCON ni beeksise. Yaa’iin UNESCO Eegumsa Hambaalee irratti xiyyeeffatee biyya Kolombiyaa magaala Bogootaatti qopheesse irratti Ayyaanni Cuuphaa Itioophiyaa keessatti kabajamu Hambaa Afuuraa ta’ee akka galmeeffamu murteessuu isaa ni beeksise.