Entries by EOTC Afaan Oromo

Yeroo lama kan koo taate

Yeroo tokko namichi tokko gosoota warqii qubeellaa, amartii mormaa qabu hunda walitti qabuun, baqsuun Fannoo hojjate. Haa ta’u garuu ogummaa harka isaatiin kan hojjate Fannoon warqii sun akkuma salphaatti jalaa bade. Samii ba’ee lafa seenes barbaadu garuu argachuu hin dandeenye. Gaddee abdii erga kuteen booda gara mana nama biraa deemuun mana isaatti fannifamee arge. Sana […]

“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8

“Afuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu’etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu” Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du’aa erga ka’een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu’oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa […]

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Lama Abdii Du’aa Ka’uu Ilma Namaa  Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa […]

Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed

Soorii Moosisaa Guyya kanattis fakkeenya Suraafeel kan ta’e abbaan faaruu lammii Itiyoophiyaa kan ta’e Qulqulluu Yaareed boqateera. Qulqulluun kunis gosa  firoota Abbaa Geedeewooni dha. Innis Manneen Kiristaanota Itiyoophiyaa Keessatti Ijaaraman kan dursitu luba Mana Kiristaanaa Aksuumi dha. Manni Kiristaanaa Kunis Amantaan abbaa kabajaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan keessatti lallabamee fi Waaqa kan […]

“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2

Dn. Yooseef Baqqalaa Hiikaa: Soorii Moosisaa Seerri Kiristoos Maali dha? Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa’e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka’uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala […]

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Tokko Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun ta’iiwwan deddeebi’anii mul’atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi’u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa […]

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa Harki fi miilli Isaa mismaaraan dhahamuu isaanii immoo Qulqulluu Daawiit irra bulee Faar. 21:16 “Saroonni baay’een Namarsaniiru. Yaa’iin hamootaas Naqabe. Harka fi miila Koos mismaaraan dhahani. Lafeen Koo hanga mul’atuttis Nagarafani. Isaanis Na’ilaalani” jechuun sareen waan tufe deebi’ee akkuma nyaatu, Ayihuudonnis erga Inni Ooritiin dabarse booda deebi’anii kan raawwatani ta’aniiruu waan ta’eef […]

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa Akkasumas, gonfoo qoree gonfachuun Isaa Addaami fi Heewaan gorsa jawwee waan dha’aniif gonfoon injifannoo isaanii irraa fudhatamee ture waan ta’eef; gonfoo injifannoo keenya nuuf deebisuu Isaa agarsiisuuf gonfoo qoree gonfatee fannifame.

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa (Dr.) Raayyoonni Ayihuud gonfoo qoree xaxanii mataa Mootii moototaa Mataa jireenya bara baraa kan ta’e Kiristoos Iyyasuus irratti gombisaniiru. Gonfoo qoree gonfachuu Isaatiinis abaarsa dursee “Sababa keetiin lafti qoree haa biqilchitu” jedhamee addaam abaaramee ture sana haqee Addaamiif beenyaa ta’eera (Seer. Uum. 3:18)

Tibba Gidiraa /Jimaata/

Rattaa Guree Guyyaan jimaataa Gooftaan keenya Qorichi keenya guyyaa itti addunyaaf itti fannifame dha. Guyyaan kun guyyaa Fayyinni itti raawwatame waan taateef guyyaa addaa jedhamtee beekamti.  Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti moggaasa icciitii adda addaa qabdi. Jimaata Fannoo: Qorichi Addunyaa hundaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Addaamii fi ijoollee isaa hundaaf Fannoorratti fannifamee akka biraannaatti […]