Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Sooma Duuka Bu’ootaa

in Tibbana

Sooma Duuka Bu’ootaa

Dn Takluu Haayiluun

Soomii jechuun dhisuu, of dhorkuu, lagachuu, fedha foonii fedha lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Soomiin bara Kaakuu Moofaa irraa kaasee hangaa ammaati kan jiru, gara fulduraattis kan itti fufu dha. Raajootni Waaqayyoti kan dhiyaatan (Kessa Deebii 34:28), badii cuubuu jalaa kan ittin ba’amuu (R.Yona 3:5-10), Diinni kan ittiin mo’aamu (Maat 4:21; 17:21), tajaajilaaf kan qophoofnu (Yoha 13:3;4:25), kabajaa kan argannu (Duuka 10:20) ….Soomani. Soomiin wanta eegneefi kadhanne qofaa kan ittin argannuu osoo hin ta’iin wanta nu barbaachisu maraa kan ittin argannu dha.

Bakka amantaan jiruti yeroo hedduu soomiin ni jira. Mannii amantaa Ortodoks Tewaahidoo Itiyoophiyaas sooma mataa ishee yeroofi waqtii garaagaraatti addaan qooddee ni qabdi (Zak 8:19). Soomiin Duuka bu’ootas gosa sooma labsii keessa isa tokko ta’ee soomota akka seera manaa qulqullumaatti yeroo maraa Wiixata eegalan sadeen (Soomii Gooftaa, Sooma Saba Nanawwee, fi Sooma Dukaa bu’otaa) keessaa isa tokko.

Soomiin kun lakkofsaan guyyaa murtaa’aa hin qabu. Haa ta’uu malee soomiin kun akka mana kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaatii waggaa waggaan ayyana guyyaa shantamaaffa /Pharaqiliixoos/ bulee akka soomamuufi yeroo hundaa Adolessaa 05 akka hiikamu /xumuramu/ seerri mana amantaa ibsa. (Fitihaa Nagastii Keyyataa 15 key. Xiqaa 569).

Soomiin kun Amantoota duraanii biratti sooma Loltoota jedhamuun beekama. Bara durii loltoonii dirree waraanaa deemuuf ykn si’a dirree waraanaa irraa deebi’an dogogora dalaganiif ni soomu ture. Duuka buutotni Gooftaas Lallaba wangeelaaf dirree waraanaa hamaa kan taate addunyaa kana irraa deddebi’uun barsisuun, seexana baasuun, namoota barsiisuun cuuphuun hordoftoota Kiristoos taasisuun isaaniin dura sababa soomaniif soomii loltootaa jedhama.

Soomiin Duuka bu’ootaa sooma kaan irra adda kan isa taasisu Gooftaan keenyaa Iyyasuus Kiristoos afaan Isaatiin raajii dubbachuufi isaatini. Kunis yeroo Gooftaan keenya biyya lafarra deddeebi’ee barsiisutti warreen Farisoota itti dhiyaachuun ‘’Duuka bu’ootni Yoohaannis maaliif heddu soomuu kadhannaas maalifiin taasisuu, Duuka buutotnii kee garuu kan hin soomnee maalif?‘’ jechuun yeroo gaafatanitti, Gooftaan akkas jedhee deebbiseef “Miinzootni osoo misirroon isaan waliin jiruu gadduun isaan barbaachisaa? Garuu yeroo misirroon isaan irraa adda ba’uu ni dhufaatii waqtii sana ni soomuuu”. Huccuu haarawaa irratii kan moofaa erbu hin jiru, erbaan isaa uffata tarsaasatti, tarsa’uun isaas kan caalu ta’a. Okkotee moofaatti daadhii waynii harawaa kan naqus hin jiru, osoo naqame garuu okkotee /gaanii/ san ni cabsa. Daadhiin Wayniin suniis ni dhangala’a. Okkoteen sunis ni bada. Garuu daadhii waynii harawaa okkotee harawwatti naqu, lamaanuu achiin wal eeguu. (Maat 9:14-17 Luqa. 5:33-39)

 

Barruu kana keesssatti Gooftaan keenya “yeroo misirroon isaan irraa addaan ba’u ni dhufaatii waqtii san ni soomuuu” kan jedhee kuni raajii waa’ee sooma kanaaf dubbatame dha. Akkasumas jechi kun sooma kanaaf beellama kenna. Kunis misirroon yeroo irra addan bahuu jechuun ibsamee. Kanaafuu, soomiin Dukka bu’ootaas Ol bahuu Gooftaan /በዓለዕርገት/ booda malee hin eegalu. Kunis mannii amantaa Ortodoksii gocha ishee kamiifuu hagam Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundooftu mul’isa.

Soomiin kun ayyaana Ol-bahuu /ዕርገት/ irraa guyyaa kudhan /10/ booda eegalama. Kunis qaamni Dukaa bu’ootaa hangaa Afura Qulqulluun isaaniif bu’utti guutummaa guutuutti qophaa’aa ta’uu dhiisuu isaa nuuf mirkaneessa. Kanas Gooftaan keenya “erbaa moofaa ……” akkasumas “okkotee moofaa …..” jechuun ibseera.

Haaluma kanaan Duukaa buu’otni jajjabeessaa kan ta’e Afuura Qulqulluun erga haaromsamanii booda akka sooman ni arganna. Kutaa dubbii barumsaa Gooftaa waa’ee sooma Duukaa bu’ootaaf barreeffame keessatti dubbii ijoo sadii arganna. Mee isaanin gabaabumatti haa ilaalu.

          1.“Miinzootni osoo Misirroon isaa waliin jiru gadduun isaanirraa hin eegamu.” Miinzoota kan jedhaman kanneen akka Yohaannis Cuuphaa warreen “gaabbii galaa” jechuun daandii qulqulleessan, warreen wangeela barsiisanifi namoota daandii Kiristoositti fidani dha. Hojiin miinzotaa misirree dubra gara misirrootti fiduu waan ta’eef haaluma kanaan miinzoota jechuun Duuka buu’oota jechuu dha. Iyyesuus Kiristoos misirroo (dhiiraa) yoo ta’uu manni qulqullummaa (kiristaanootni) immoo misirree (dubra) fakkeefamu (2Qor 11:2, Yoh 3:29). Kanaafuu, miinzootni misirroo gammachisuuf jecha rakkoo kamiyyuu ciiniinnachuun dabarsu malee fuula misirrootti hin gaddani. Soomni barbachisaa ta’u iyyuu Gooftaan osoo isaan waliin jiruu akka soomuu hin qabne nu hubachiisa. Gaafa inni isaan irra adda bahe garuu (Jimaata gaafa warra Ayihuudotaan fannifamee irraa hanga Dilbata du’aa ka’umsa isaa arganitti fi erga inni gara saamiitti olbahee) booda akka soomuu qaban nu agarsiisa. Fakkeenya kana keessatti soomiin gaddaan fakkeessameera. Soomuun gammachuun isaa lubbuudhafi malee fooniif miti. Foon hanga sooma barutti soomni adabbii isaati. Kanaafuu soomaan lubbuu malee foon hin gammadu. Sababa kanaaf soomiin Kitaaba Qulqulluu keessatti bakka heddutti gadda, rakkoo, booyicha waliin walqabatee dhiyaata. (Iyuu’eel 2:12)

           2.“Huccuu harawaa irratti kan moofaa haguuguu /erbuu/ hin jiru, erbaan isaa uffata tarsaasaatti, tarsa’un isaas kan caalu ta’a.” Namni huccuu hodhu uffata harawaa irratti huccuu moofaa hin erbu. Kunis huccuu balleessuufi midhagina isaa dhabsiisuu ta’a. Inni harawaan sanis sababa isa moofaatti dafee gatama. Fakkenya kana keessatti ogessaa huccuu hodhuun kan fakkefame Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Huccuu erbaan kan fakeffamee sooma Kakuu Haaraa Gooftaan hundeesse yoo ta’u, huccuu moofan kan fakkeefame jireenya Duuka bu’ootaati. Akkuma fakkenya kana irra hubannutti namootni uffata Gooftaati. “አልባሲሁሰለክርስቶስመሃይምናንእሙንቱ” (“Uffatni kiristoos amantoota) akkuma jedhu. Kiristaanotni huccuu Kiristoos yoo jennu kabaja Waaqayyo ni muldhisu jechuu keenya. Kunis uffatni kabaja namaa sababa muldhisuuf.

Gama biraan, Kiristoos namootaaf huccuu isaaniitti “Isin warreen Cuuphamtan Kiristoosin ufattaniitu” akkuma jedhu qulqullichi Phaawuloos (Gala.3:27). Kiristoos immoo uffata amantootatii yoo jennu fayyaa, midhagina, golgaa badii fi kabaja isaaniiti jechuu keenya.

Sooma kana keessatti erbaan fakkeefamuun isaa erbaan wanta wal dhabee fi wal irra fagaatte akkuma wal-qunnamsiisu, soomiinis fedha garaa garaa kan qaban fooniifi lubbuu tokko waan taasisuufi (walitti fiduufi) dha.

Huccuu haarawwaa irratti kan moofaa erbuun hin jiru, dacha’an/erbaan/ isaa uffata tarsaasaatti, tarsa’uun isaas kan caaluu ta’a jechuun Iyyesuus kiristoos qaamni duuka bu’oota cubbuun osoo dadhabee /mofa’ee/ jiruu osoo isaan hin jajjabeessiin/hin haroomsiin/ seera haarawaa tolchee ykn sooma sooma jedhee akka isaan hin ajajnee fi qaamni isaanii yeroo Afuura Qulqulluun haromsamu garuu akka soomuu qaban muldhisa. Kunis waaqayyo dandeetti keenya malee ba’aa akka nutti hin feene fi abbaa gaarii nu caalaa nuuf yaadu ta’uu isaa agarsiisa. Innis yeroo sana Duuka bu’ooni waan gochuu hin dandeenye taasisa jedhees isaan hin ajajne, yoom akka ajaju ni beekaati. Isiraa’elootaaf osoo garbummaan jiraanii ajaja kurnan kan hin kennineef kanaafi. Garbummaan osoo jiranii waan barbaadan dalaguun waan hin danda’amneef. Waaqayyos dhala namaa hanga humna isaa malee humnaan isatti olitti ba’aa itti hin fe’u. Nuyis akkuma isa irraa baranneen gochuu kan qabnu haaluma kana dha.

    3.‘’Okkotee moofaatti waynii harawaa kan naqu hin jiru, osoo naqamee garuu okkotee /gaaniin/ sun ni caba. Daadhiin Waynii sunis ni dhangala’a. Okkoteen sanis ni bada. Garuu daadhii waynii harawaa okkotee harawwatti naquu, lamaanuu achiin wal eegu.’’ Okkotee moofaan kan fakkeefame jireenya Duuka bu’ootni osoo Afuura Qulqulluu hin argatiin turan, daadhii waynii haarawwan immoo sooma Gooftaan wangeelan bu’uuresseen fakkeefama. Daadhii waynii haarawaa kan naqnu okkotee haarawaatti akkuma ta’e sooma Kakuu Haarawwaa ishee jalqabaa Duuka bu’ootni soomuu kan qaban erga Afuura Qulqulluu fudhatanii ta’uu isaa hubanna. Cimina afuuraan (lubbuun) foon keenya ceephaana: “jilbi koo soomaan dadhabe, qaamni koos dhadhaa dhabee huuqqate” Far 108:24, akkuma jedhe qulqulichii Daawitti.

Egaa namootni heddun sooma bu’uura Kitaaba Qulqulluu akkanattii qabu kana ‘’kun kan warreen lubootaati, kan warren jaarsotaati, Dur hin turre kan dhiyoo dhufe’’ jechuun dogoggoranii namoota biroos ni dogoggorsu. Soomuu dhiisuuf sababa barbaaduu irra sababa barbaadanii soomuutu gatii guddaa qaba. “Hiyyeessi hiyyummaan isaa iyyuu sooma, Itiyoophiyaa keessa jiraachuun ofumaafu soomii dha” akkaa jedhan Waaqayyo irratti baacuun adabbii cimaa fida. “Kun soomii lubootaafi jaarsoolii ti” yoo jennu immoo sooma barsiisuun lubootafi jaarsoolii qofaaf akka ta’e; akkasumas fayyinni kan barbaachisu, cubbuu kan dalagu isaan qofa jechuu keenya.

Duuka buu’otni akkuma ajajamaniin addunyaa kana deemanii barsiisuu isaanin dura jalqaba sooma soomani. Duuka bu’ootni hin soomne jechuun fakkenyii armaan oliitti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dubbatte soba jechuu dha. Galannii Waaqayyoof haa ta’uuti jechi Waaqayyoos rawwateera duuka bu’ootniis isaas soomaniiru.

Walumaagalatti, ergaa guddaan sooma kanaa Duuka butootni Gooftaa irraa kennaa Afuura Qulqulluu akkuma fudhataniin jireenya isaanii soomaanfi tajaajiilaan Waaqa isaaniif kennaniiru; tajaajilaaf ba’uun dursas jireenya isaanii soomaan eegalaniiru. Kanaafuu nuti kiristaanonnis tajaajila Afuuraa hundaa dursa jireenya keenya maraa Waaqayyoof kennu akka qabnu nu barsiisa. Nutis soomii kana soomnee cubbuu irra kan hafe wantii yaadnufi hojjetnu maraa akka nu raawwatamu sugni Duuka buu’otaa, gargaarsi Ergamootaa, araarsummaan hadha keenya dubroo Maariyaam, kadhannaan Qulqullootaa, arjummaan Waaqayyoo nu waliin haa ta’u.

Madda:

v  Waangelaa Maatiwoos dubbisaa fi hiikaa isaa

v  Website waldaa qulquulotaa Amaariffaa

v  Fitihaa Negestii    

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-06-24 07:20:142018-10-26 09:21:07Sooma Duuka Bu’ootaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: AYYAANA PHARAAQLIIXOOS Link to: AYYAANA PHARAAQLIIXOOS AYYAANA PHARAAQLIIXOOS Link to: Wareegamtoota Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10 Link to: Wareegamtoota Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10 Wareegamtoota Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10
Scroll to top