Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

AYYAANA PHARAAQLIIXOOS

in Tibbana

AYYAANA PHARAAQLIIXOOS

Dn katamaa Taganuun

Ayyaanoota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos isaan gurguddoo salgan keessaa ayyaanni Pharaaqliixoos isa tokkodha.Ayyaanni Pharaaqliixoos du’aa ka’umsa isaan booda gaafa guyyaa shantamaffaa ni kabajama. Akkuma beekamu yeroon ayyaanni du’aa ka’umsi Gooftaa kan dhumatu guyyaa kanatti. Pharaaqliixoos Qaama sadan keessaa isa tokko kan ta’e itti waamama maqaa Afuura Qulqulluuti. Hiikaan isaas kan nama jabeessu, nama birakan dhaabbatu ,kan gargaaru ,jechuudha.

Warrootni Ayihuud wagga waggaan ayyaanoota kabajan keessa inni tokko Ayyaana Asheetaa (በዓለሰዊት)ture. Biyyoota hunda keessatti kan bittina’aniifi biyya keessas kan jirani warrootni Ayihuud ayyaana faasikaa ayyaanefachuudhaaf erga sassaabamaniin booda guyyoottan shantamaaf godoo ijaarrachuudhaan hoolaa qalatanii magaala Iyyaruusaaleem keessatti ayyana faasikaa nikabaju turani. Guyyaa shantamaffaatti xumura ayyaana isaanii raawwatanii gara biyya dhufanitti deeb’iu. Guyyaan kun warroottan Ayihuud biratti qooqa Giriikiin” Phanxe Qosxe “/Guyyaa shantamaffaa jedhame waamama.

Akkuma Warrootni Ayihuud guyyaa shantamaffaa biyya garaa garaa irraa dhufanii kabajani, Duukaa bu’oottoonni Gooftaas du’a barbadeessee erga du’aa ka’en booda gaafa guyyaa afurtamaa gara samiitti ol ba’uuf yennaa qophaa’etti dursee barattoota isaatiif “samii irraa humna hanga uffattanitti Iyyaruusaaleem keessa tuuraa” jechuudhaan akkaataa ajajeen guyyaa sanaa jalqabanii Waaqayyo galateeffachaa , eebbisaa Mana Qulqullina keessa jiraatani .Luq.24;49-53

Barattoonni isaas laphe tokko ta’uun mana haadha Maarqos “Tsirha-Tsiyoon” jedhamtee waamamtu keessatti sassaaabamanii osoo jiranii gaafa guyyaa shantamaffaa qileensa isa guddaa kan fakkaatu sagaleen samii irraa dhufe. Manni isaan keessa turanis Afuuraan ni guutame. Boba’a ibiddaa fakkaachuudhaanis tokko tokko isaaniirra qubate. Dursee akka kun ta’u “isin garuu guyyaa muraasaan booda Afuura Qulqulluutiin ni cuuphamtu” jechuun kan barreeffame gaafa Afuurri Qulqulluu isaanirra bule raawwatame .Hoj.Erg.1;5

Afuurri Qulqulluu Isaan irra erga buleen booda wanti raawwatame:

  1. Qooqa haaraa dubbachuu :Osoo Afuurri Qulqulluu isaan irra hin buliin qooqni isaan beekani ykn duubatani Ibraayisxi qofa ture. Erga Afuurri Qulqulluu irra buleen booda garuu qooqa 71 dabalameef qooqa 72 addunyaa keessa jiran hundaan dubbatan (kitaabni ወተናገሩበነገረኩሉበሐውርት akkuma jedhu). Qooqa yennaa jennu kan abbaa qabu ,kan hawaasni itti fayyadamu kan beekamu ta’u qaba. Hoj.Erg.2;7. Bara ammaa keessa jirru kanatti garuu qooqaan dubbanna jechuudhaan qooqa hin beekamne ,qooqa abbaa hinqabne ,hiikkaa kan hinqabne dubbachuudhaan adeemsa faallaa kan calaqqisiisan mul’ataniru. Kuni garuu dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti ibsame waliin wal-hin simu!
  1. Guyyaa Dhalachuu Mana kiristaanaa: Hangafichi Beekaan Mana Kiristaanaa Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee guyyaan kun “Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaana”jechuun waameera. Sababni isaas Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhiiga isaatiin mana isaa kan hundeesse ta’us, Yaa’iin maatii 120 hunda’us , Mana Kiristaana kan bilisoomsu ,kan jabeessu, kan qulqulleessu ,kan eegu Afuurri Qulqulluu samii irraa hin buune ture . Yaa’iin amantootaas hin hundeeffamne ture, gaafa guyyaa shantamaa garuu Afuurri Qulqulluu samii irraa barattoota isaatiif yennaa bu’u Qulqulluu Pheexroos warra ayyaana kabajuuf sassaabamani gidduutii ba’ee Wangeela isaaniif lallabe battaluma sanaan baay’inni isaanii 3000 kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti amanani, Qalbii isaaniis jijjiratani, sanaan boodas ni cuubamani . Kana ta’u isaatiiniis Manni Kiristaanaa Yaa’iin amantoota Iyyaruusaaleem keessatti yeroo jalqabaaf hundeeffamte. Kanaafidha egaa Guyyaa Dhaloota Mana Kiristaanaa kan jennu.

Farfannaan Guyyaa Kana Faarffatamu : Afuurri Qulqulluu ni bu’e ( ወረደመንፈስቅዱስ) kan jedhamu dha.                                    

Dubbisa Wangeela Guyyichaa                  

Þ    Eef.4;1-17                                            

Þ    1 Yoh.2;1-18                                            

Þ    Hoj.Erg. 2;1-18                                        

Misbaakii Guyyichaa (የእለቱምስባክ) Faarsa Daawit 67፤18

ዐረገውስተአርያምፄዊወከፄዋ = Samiitti ol-baate, boojiis ni boojite

ወወሀብከጸጋከለዕጓለእመሕያው= Kennaakees dhala namaaf kennite

እስመይክህዱከመይኅድሩ= warreen siin ganan achi akka bulaniif

Wangeela Guyyichaa (የዕለቱወንጌል)

Þ    Wangeela yohaannis 14፤1-22

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-06-17 20:07:412018-10-26 09:21:07AYYAANA PHARAAQLIIXOOS
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49 Link to: “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49 “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49 Link to: Sooma Duuka Bu’ootaa Link to: Sooma Duuka Bu’ootaa Sooma Duuka Bu’ootaa
Scroll to top