Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Seensa deebii gaaffilee

in Deebii Gaaffilee

Seensa deebii gaaffilee

1.   Gaaffiin Maali?

Gaaffiin dhimma hin beekne tokko beekuuf ykn isa beeknu irratti hubannoo dabalataa argachuuf qaama waa’ee dhimma gaafatamu sana irratti beekumsa/hubanno cimaa qaban haala itti quunnamnu, deebiis haala itti argannu dha. Kana jechuun garuu kan gaafatu hundi wallaalaa (kan hin beekne), kan deebii deebisu hundis beekaadha jechuu miti; gama biraan ammo namni hundi kallattii maraan wal-qixa jechuus hin dandeenyu. Kanaafuu, waltajjiin gaaffiifi deebii kuni uummanni hedduun kan itti gaafatu, hayyoonni muraasni kan itti deebii kennan osoo hin taane akka muuxannoo wal-jijjiiruuti hubatamuu qaba.

Barnoota Amantaa keessatti gaheen ‘gaaffii fi deebii’ faayidaa adda durummaa hin qabu. Sababiinisaas  namni Amantaa isaa sirriitti barate kan gaaffii isatti ta’u waan hin jirreef. Kanaafuu, calqaba, namni hundi waa’ee Amantaa isaa beekuuf (barachuufi dubbisuun) carraaquu qaba. Adeemsa sana keessa kan ifa hin taane, ibsa bal’aa barbaadu yoo jiraatemmoo waltajjiin akkanaa bu’aa guddaa qabu. Namni baratee/dubbisee gaafatu maal akka gaafatu/hanqina isaafi deebii akkamii akka eeggatu ni beeka; ‘namni rakkoo isaa sirriitti beeke furmaata walakkaa argateera’ jedhama mittiiree?   

 

Dubbistootni keenya gaaffii akka gaafattan, deebii kennuu keessattis akka hirmaattan afeeruu keenyaan dura hubannoolee waa’ee “Gaaffii fi Deebii” muraasa akka armaan gadiitti caqasuu feena:

2.   Gaaffiin Maaliif Gaafatama?

2.1.       Beekuuf/Hubachuuf, Fayyinaaf

Akkuma dursinee ibsuu yaalletti kaayyoon gaaffii gaafachuu inni calqabaa “beekuuf” ykn “hubachuuf” dha. Duukaa Buutonni Gooftaa kadhanna guddicha “Ya Abbaa Keenyaa” jedhu barachuu kan danda’an gaafataniitu: “akka itti kadhatan nu barsiisi” jechuudhaan (Luq.11:1). Barsiisaan isaaniis isaan barsiise; isaanis baratanii itti fayyadaman; nuufillee dabarsanii yaroo hunda ittiin Waaqa keenya kadhanna.

Hayyichi Yihuudotaa Niqoodimos halkan halkan gara Gooftaa dhufuudhaan barachaa yoggu turetti gaaffilee hedduu gaafateera: iccitiin dhagahaa ture suni sammuu isaan ol waan tureef. Gaaffilee “Namni erga dulloomee booda akkamitti lammaffaa dhalachuu danda’a? Gara garaa haadha isaa keessatti deebi’amoo?” kkf jedhee gaafateera (Yoh.3:4). Gaaffilee isaa hundaafis ibsa gahaa argatee cuuphameera (gara daandii fayyinaatti deebi’eera). Namoonni lallaba Q/Pheexiroos gaafa guyyaa ayyaana Pheeraqilixos dhaggeefatanis dhuma irratti, “egaa maal gochuu qabna?” jedhanii gaafatanii deebii furmaataa/cuuphaa argataniiru (Erg.2:37). Gaaffiin hubatanii fayyuuf gaafatama kan jenuufis kanaaf.

2.2.       Kanneen Biroo Barsiisuuf

Namni gaafatu hundi wallaaleetu, ofii baruuf gaafata jechuun dogoggora; tokko tokko ofii otuu beekuu warri kaan dhimma sana caalaatti akka hubataniif gaafachuu danda’a. Hangafti Raajotaa Museen irree Waaqummaa/humna Waaqayyoo sirriitti beeka ture; Inni hunda gochuu akka danda’us shakkii hin qabu ture. Namoonni inni gaggeessu (Sabni Isra’eel) garuu hubannoo sana akka argataniif Waaqayyoon gaafachaa ture; Waaqayyos harka isaa irratti raajiilee adda addaa mul’isuudhaan deebii kennef (saba Isaa barsiise). Gooftaanis “namoonni waa’ee [koo] maal jedhu laata?” jedhee kan gaafatate (Maat.16:13) wallaalee miti; waa’ee eenyumma Isaa isa sirrii akka hubatan barsiisuuf waan barbaadeef malee.

2.3.       Dogoggorsuuf, Qoruuf, Yakkuuf

Kaayyoo xuraa’aa qabatanii kan gaaffii gaafatanis hin dhiban: karaa dogoggoraa saaqqachuuf. Seexanni bofa fakkaatee gara Hewaan deemuudhaan: “dhuguma Waaqni firiilee mukeen as keessa jiran hunda kana akka hin nyaanne isin dhorkeeraa?” jedhee kan gaafate (Ba’uu 3:1) beekuuf, barees itti fayyadamuuf hin turre; kaayyoo isaa badiinsaaf qaawwa saaqachuuf malee. Xumura gaaffii kanaa dhuma marii isaanii booda daandii du’aa itti lixuu ishee irraa hubachuu dandeenya.

Mormittonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosis, “Qeesaariif gibira kaffaluun sirriimo sirrii miti?” jedhanii kan gaafatan (Maat.22:17-18) akka kaffalamuu qabu wallaalanii miti; qoruuf male: deebii Inni deebisu irratti hundaa’uudhaan, yoo Inni “sirrii dha” jedhe “Mootummaa Waaqayyoo dhiisee kan biyya lafaa barsiisa” jechuuf; “sirrii miti” yoo jedhe ammo “mooticha Roomaa Qeesaariin mormeera” jedhanii yakkuuf. Waaqayyo laphee namaa keessa beeku garuu kaayyoo isaanii baree “maaliif na qortuu?” jedhee ori’uudhaan deebii sammuun isaanii hin yaadiin kenneef.

3.   Akkamitti Gaafachuu Qabna?

3.1.       Dhimmoota Amantaa Qofa irratti Xiyyeeffachuu

Namni uumamumaan gaaffilee adda addaatiin guutamaadha; kunis hir’ina isaa (akka Waaqa isaa waan hunda beekuu akka hin dandeenye) kan agarsiisu dha. Nuyis dhimmoota jireenya dhuunfaa/maatii, siyaasa fi dinagdee akkasumas saayinsii kan ilaalatan qabaachuu dandeenya. Waltajjii kana keessatti kan keessummeessuu dandeenyu garuu gaaffilee Amantaa ilaalatan qofa ta’a. Tarii gaaffileen tokko tokko garuu waa’ee Amantaa ta’anii qabxiilee kanneen (keessumaayyuu seenaa fi aadaa,jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhiphina sammuu an nutti uuman dhimmoonni naamusaa,cubbuu hojjennee kan keessa keenya  nagaa dhorkee nu rakkisu) waliin wal-qabatanii ka’an jiraachuu ni malu. Dhimmoota akka kanaas gaaffii keenya keessatti daballee gaafachuu ni dandeenya.

3.2.       Ifaa fi Gabaabaan

Gaaffiin ifa ta’ee gaafatame dafee deebii argata; ta’uu baannaan garuu gaaffichumtuu gaaffii biraa uuma. Kanaafuu jechoota hedduu fi hima dheeraa tarreessuudhaan naanna’aa ooluu dhiisanii ijoo dubbii isaa irratti xiyyeeffachuun, gabaabsanii gaafachuun ogummaa dha.

3.3.       Bilisa, Sodaa Malee fi Sammuu Qulqulluun

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duukaa Buutota Isaa hunda waa’ee du’a fi du’aa ka’umsa Isaa deebisee deddeebisee isaan barsiisee ture. Isaan garuu iccitii cimaa kana hubachuu hin dandeenyeef, dhiphatanii turan. Kitaabni Qulqulluu: “isaan garuu dubbii isaa hin hubanne; Isa gaafachuus sodaatan” jedha (Mar.9:32). Namni isa dhagahefi dubbise hubachuu dadhabuun isaa waanuma jirudha; yoo rakkoo isaa kana hiikuuf gaafachuu dadhabe (sodaate) garuu rakkina cimaa keessa seena. Akkamitti barachuu danda’aree?

Namni sammuu isaa keessatti gaaffii qabu gaafachuu qaba male “maal naan jedhu laata?” jedhee mamuu hin qabu: gaaffiin yaraa hin qabu, deebii quubsaa dhaba ta’a malee! Sammuun keenya waa hubachuuf qophaa’ee, bilisaan dhiyaannaan Waaqayyo keenya dhugaatiin nu guutuuf amanamaa dha.  

3.4.       Madda irratti Hundaa’uudhaan (Danda’amnaan)

Namni tokko ka’umsa gaaffii isaaf oduu daddarboo (‘akkas jedhama, odeeffama, hamatama…kkf’ jedhee) yoo jalqabe, kanneen akkasiif deebii kennuun nama rakkisa; innuu dhagahe malee madda isaa hin barre waan ta’eef. Waltajjiin kuni oduufi hamiif otuu hin ta’iin odeeffannoof (madda qabatamaa kan qabuuf) deebii kenuu irratti xiyyeeffata.

3.5.       Filannoo “Daangeffamaa” Dhiisuudhaan

Gaaffii namni gaafatu tokko haala deebiin isaa itti deebi’uu qabu ofii daangessuuf aangoo hin qabu; kana gochuu dandeenyaan durumayyuu deebiin gaaffichaa sammuu isaa keessa jira jechuudha. Kanaafuu “isa kana mo isa kana dha?” jedhamee hin gaafatamu; deebiin isaa filannoolee dhiyaatan lamaanuu ala ta’uu waan danda’uuf. Fkn: Bartoonni Gooftaa keenyaa nama agartuu dhabe tokko arganii, “ya Gooftaa, namichi kuni kan akkanatti dhalate isatu moo? maatii isaatu cubbuu hojjennaani?” jedhanii gaafatan (Yoh.9:1). Gooftaanis “innis ta’e maatiin isaa cubuu hojjetaniif miti; hojiin [ulfinni] Waaqayyooirratti haa mul’atuuf malee” jedhee deebii filannoo isaanii irraa adda ta’e deebiseera.

3.6.       Ejjennoo Ofii Beeksisuu irraa Of-qusachuudhaan

Beekumsa haaraa argachuuf carraaqquu dhiisanii tokko tokko ejjennoo isaanii nama biroo irratti fe’uuf gaaffii fakkeessanii dhiyeessu. Ayihuud waa’ee Waaqummaa Gooftaa keessa isaaniitti waan shakkaa turaniif, “kuni ilmaYooseef mitii?” jedhanii gaafataniiru (Luq.4:22). Kuni gaaffii miti; isaan akka ilma Yooseef ta’e ejjenoo waan qabaniif namni biraa “lakki Ilma Waaqayyooti” isaaniin jedhu osoo dhufellee dhaga’uuf qophaa’oo miti.

4.   Gaaffii Keenyaaf Eenyu irraa Deebii Arganna?

4.1.       Abbootii Keenya /Beektota Amantaa/ Irraa

Abbootiin umurii isaanii dheeraa keessatti waan hedduu baratu; muuxannoo dubbisuu qofa osoo hin ta’iin isa dubbisan itti jiraachuus barataniiru. Kanaafuu gaaffileen nuyi gaafannu hedduun isaa dhimma isaan keessa darbani, mo’ataniis ta’e kufanii kan irraa baratani dha. Umuriin qofa miti; kitaabolee dubbisuudhaanis Abootiin/beektonni amantaa nu caalaa beeku. Kitaabni Qulqulluus: “Abbaakee gaafadhu, si beeksisa; hayyoota gaafadhu sitti himu” kan jedhe kanaaf (Kees.32:7).  

4.2.       Kitaabolee Qulqullaa’oo

Namni dubbisu gaaffii isaa hedduuf deebii argata. “Museefi Raajonni isaaniif jiru; isaaniin haa dhaga’an” kan jedhame (luq.16:29) namoonni kuni Kakuu Haaraa keessa qaamaan waan jiraniif miti; kitaabota barreessanii darbantu nuuf jiraayi. Kan barreeffame hunduu nuuf barnoota akka ta’uuf/kennuuf barreeffame; kitaabonni affuurri Qulqulluu irra jirus gara fayyinaatti nama qajeelchu (2Xim.3:15-17). Namni kitaabota hin dubbisne, dubbisees kan hin qalbeeffanne garuu ni dogoggora; “jecha kitaabotaa waan hin beekneef dogoggortu” akkuma jedhame (Maat.22:29).

4.3.       Waaqayyo Irraa, /Uumama irraa, Muuxannoo Afuuraa, Kadhannaa /

Gaaffiin gaafatame hundi Abbootii irraas ta’e kitaabota (nuyi beeknu) irraa deebii argachuu dhiisuu ni mala; “Waaqayyo karaa tokkos, karaa biraas waan dubbatuuf” (Iyoob.33:14), uumama Waaqayyoo fi muuxannoo Afuuraa hordofuun hanga tokko gaaffilee keenya deebisa. Hunduma kanneen irraa deebii dhabnullee Manni Amantaa waan deebii hin qabneef osoo hin taane: namni waan hunda beekuu waan hin dandeenyeef, iccitiin kitaabotaa har’uma diigamee waan hin xumuramneef, Waaqnis guyyaa itti deebii nuuf kennu waan qabuuf ta’uu ni danda’a.

Giiftiin keenyi Dubroon Maariyam “dubrummaan akka deessu” karaa Ergamaa Gabri’el yoggu dhageessu, “kuni akkamiin ta’a?” jettee gaafatteetti (Luq.1:34-35). Qulqulluu Gabri’eelis gaaffii kanaaf deebii quubsaa hin kennine; iccitiin Waaqayyoo sammuu uumamaa ol waan ta’eef, “Waaqayyoof maaltu dadhabama?” jedhee malee ibsa biraa keessa hin lixne. Iccitiilee kitaabotaas yo Gooftaan nuuf ibse male hubachuu hin dandeenyu: “akka kitaabota hubataniif samuu isaanii baneef” jedhameera (Luq.24:45). Iccitii dhokataa guutummaatti hiikuu kan danda’u Waaqa Abbaa icciitichaa qofa dha: “samii irraas ta’e lafa keessaa kitaabicha diriirsuu ykn diigee ilaaluuf eenyullee hin dandeenye [Gooftaa qofa malee]” akkuma jedhame (Mul.5:3-5). Kanaafuu, hunda har’uma baranna, beeknee fixna jechuun dhara; wal-duraa-duuba nuuf ifaa bula malee. Qulqulluu Hiriyaqoos (Qiddaasee Maariyamii irratti): “…sammuun koo gara samiitti ol-bahee haala jireenya Ilma kee baruu barbaada;…garuu dadhabee bakka isaa duraatti deebi’a” jedheera. Jechi “…hanga dandeessan nyaadhaati kan hafe ibiddaan gubaa” jedhus (Ba’uu 12:10) dhugaa kana ibsa: “…iccitii Amantaa [Waaqayyoo] hanga sammuun keessan danda’e xiinxalaatii kaan Afuura Qulqulluuf dhiisaa” jedhamee hiikama (Andimtaa).

Afuura Qulqulluuf kan dabarsinu ammo kadhannaadhaan ta’uu qaba; gaaffii eenyuyyuu nuuf deebisuu dadhabe Waaqni nuuf deebisa, akkatti nuuf deebisus ni beeka. Hanga Waaqni dhufutti garuu obsuun murteessaa dha; Inni akka keenya hin ariifatu, garuu dhufa malee hin hafu!

5.   Haala fi Yaroo itti Gaaffiin Keenya Deebi’u: Xumura

 

Walumaa galatti haala dursinee ibsine kanaan dubbistoonni keenya gaaffii keessan nuuf ergaa, nuufis kadhadhaa; nuyi ammo Abbootii gaafannee, kitaabota dubbisnee deebii isaanii qabannee dhiyaanna. Gaaffilee deeebi’uu qaban calaluuf, kan calalaman akka dhufaatii isaaniifi atattamummaa isaaniitti tartiiba qabsiisuuf, deebii garaa ciibsus kenuuf garuu yaroo waan nu barbaaduuf obsa keessan kadhanna. Kunoo bakki itti gaaffilee keessan iccitiidhaan nuuf ergitan qophaa’eera; ammaa jalqabaati koottaa, “Anaa Dhufu!” jennee isin simanna. Nu of-kalchaa!!!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-06-28 13:26:432018-10-26 09:21:27Seensa deebii gaaffilee
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Barumsa Amantaa Link to: Barumsa Amantaa Barumsa Amantaa Link to: Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa Link to: Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa
Scroll to top