Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa

in Icciitiiwwan mana kiristaanaa

 

                                Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa

                                          Seensa

Kutaan kun kutaa icciitiiwwan mana Kiristaanaa itti barannudha. Kaayyoon barumsa kanaas maalummaa icciitii mana kiristaanaa hubannee faayidaa isaa fi barumsa mana kiristaanaa qu’annaa fayyina keenyaaf hirmaattota icciitii mana kiristaanaa akka taanu; jireenya keenya guyyaa guyyaattis qophoofnee dhaaltota Mootummaa Waaqayyoo akka taanuufidha.

Waaqayyo Gooftaan dhala namaatiif kan isa barbaachisu yaaduu fi kennu; jireenya, dhalootaa fi guddina Foon keenyaa qofaaf osoo hin taane dhaloota afuuraa keenyaa fi guddina Afuuraa keenyaafis kan ta’u wantoota nu barbaachisan mara qopheessee nuuf kenneera.kennaawwan kanas Mana Kiristaanaatiif kennee mana kuusaa kennaa Isaa erga taassisee booda,manni kiristaanaa amantootaaf akka hirtu ishii taassiseera. Kennaawwan mana kiristaanaatiif kennamanii amantoota hundaaf akka hirte dhala namaa amantaadhaan dhiyaate gara Waaqayyootti akka dhiyaatu kan ittiin taassitu keessaa Warri angafaa Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa Torban jedhamuun kan beekamanidha. Icciitiiwwan kunis dhala namaa amantaadhaan dhiyaatee fudhateef jireenya haaraa,fayyinaa fi tajaajila Waaqayyoo isaan gonfachiisu.

 

 Icciitiiwwan Mana kiristaanaa Torban kunis kan raawwataman mana kiristaanaa keessatti amantootaa fi lubootaaf yoo ta’u kan akka raawwatamuuf tajaajilan ammo luboota akka tajaajila kana kennaniif Waaqayyo isaan filatee muudedha.Hirmaattonni icciitii kanaa garuu namoota haaraa amantaadhaan dhufanis ta’e warri  duraan amantaadhaan jiran kan hirmaatan yoo ta’u icciitiin kunis amantaadhaan qulqullaahanii dhiyaachuudhaan kan raawwataman( kennaman) malee kanfaltiidhaan ykn qabeenyaan ykn firummaa fi walbeekkitiidhaan kan raawwatamu miti.

Icciitiin Waaqayyo dhalli namaa akka ittiin jireenya bara baraa argatuuf bilisaan nuuf kenne kun bu’uurri isaa icciitii foonii ( nama ta’uu Kiristoos) irra kan dhaabate yoo ta’u, icciitiiwwan turban kun utubaalee mana kiristaanaa dhaaban( ijaaran)dha. ( Fakk.9:1-5)

Icciitiiwwan kun  icciitii fayyinaa fi qulqullummadhaan filatamuu dhala namaa waan ta’aniif Kiristaanni hunduu waa’ee icciitii kanaa beekuu qofa osoo hin taane qulqullaa’ee hirmaataa icciitiiwwan kanaa ta’uudhaan jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti raawwachuu qaba.

                      

 

 

                    Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa torban isaan kami?

Icciiwwan mana kiristaanaa turban jechuun kan waamnu kanneen armaan gadii yoo ta’an isaanis bu’uurri isaanii Kitaabolee qulqulluudha. Isaanis:

(1)    Icciitii Cuuphaa ( Maar 16:16) Cuuphaa jechuun dhaabbiidhaan bishaan ykn dhangala’aa keessa bu’uu, keessa seenuu ofitti naquu kan jedhu yoo ta’u, hiikaan isaa icciitii garuu  cubbuu namni bishaaniin cubamuu sun kan ittiin haqamu, adeemsa lammata dhalachuu Mucummaa Waaqayyoo argachuu kan agarsiisudha. Icciitiin kun icciitiiwwan mana kiristaanaa keessaa isa angafaa fi dursa kennamu yoo ta’u kunis icciitiiwwan warra kaaniif akka karraa ykn balbalaa ta’uun kan tajaajiludha.

(2)   Icciitii Meeroonii ( 1Yoh.2:20)  Jechi Meeroonii jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, hiikaan isaas foolii urgaahu kan qabu, urgaa’aa, foolii gaarii kan qabu jechuudha. Meerooniin dibata bifa Zayitaa qabu yoo ta’u dibata qulqulluu  biqiloota adda addaa irraa walitti cuunfamuun qophaa’udha.

(3)   Icciitii Qurbaanaa (Maat.26:26) jechi “qurbaana” jedhu jecha Afaan Suristii fi Giriikii irraa dhufe yoo ta’u, hiikaa kennaa, aarsaa, balcha, qabeenya Waaqayyoof kennamu, kenna Waaqayyoof dhiyaatu jedhu of keessaa qaba. Icciitiin kun icciitii guddaa kan Kiristoof itti nama ta’ee du’a Isaatiin du’a keenya nurraa haqee fayyina itti nuuf kenne kan ibsuu fi kan kiristoof Wajjin ittiin tokko taanu waan ta’eef bu’uura icciitiiwwan hundaati.

(4)   Icciitii Lubummaa ( Maat.18:18) jechi kun hiikaa tajaajile, muudame jedhu kan agarsiisu yoo ta’u, kunis aangooafuuraa  Daaqonummaa, Lubummaa, Eephis Qophoosummaa, argate jedhu qaba. Kunis icciitii itti tajaajilaa Waaqayyoo ta’uun filatamuu, muudamuu kan agarsiisudha.

(5)    Icciitii Gaabbii ( Hoj.duk. 2:38) gaabbii jechuun akkuma jechi isaa ibsu, hojii hojjetan tokkotti rifachuu, osoon hojjechuu baadhe? Jechuun itti gadduu kan agarsiisudha. Kunis dhalli namaa cubbuu hojjetee yemmu Waaqayyo isaatti balleessu kan hojii hojjetetti gaddee boo’ichaa fi imimmaaniin, adabbidhaanis Waaqayyo isaatti araaramudha. Icciitiin kun kan raawwatamu namni gaabbu sun Luba Waaqayyoo wajjin mari’achuun waan raawwachuu qabuu fi akkaataa itti raawwachuu qabu akka hubate kan gaggeeffamu waan ta’eef icciitii lubummaa wajjin walitti hidhinsa cimaa kan qabudha.

(6)   Icciitii Qandiilii  ( Ya’i 5:14) jechi Qandiilii jedhu jecha Laatinii “ kaandil” jedhu irraa yoo ta’u hiikaan isaas “ ibsaa” jechuudha. Icciitiin kun namoonni dhukkubsatan dibata kana dibatanii kadhaan isaaniif gaggeessamee kan ittiin fayyanidha.

(7)    Icciitii Takliilii ( Maat 19:6) jechi “ Takliil” jedhu jecha Gi’iizii ‘Kallale” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u hiikaa dahoo kenne,  jedhu kan qabudha. Kunis icciitii waadaan gaa’ilaa ittiin raawwatamu icciitii kabajamaadha.

Egaa icciitiiwwan mana kiristaanaa turban kan jedhaman warra armaan olii yoo ta’an isaaniinis haala raawwii isaanii irratti hundaa’uun bakka gurguddoo lamatti qoonnee ilaaluu kan dandeenyu yoo ta’u osoo qoonnee ilaaluutti hin darbiin dura silumaa gochaawwan armaan olitti caqasaman kana maaltu icciitii isaan taassise? Kan jedhu ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef mee  haa ilaallu.

Icciitiiwwan Mana kiristaanaa armaan olitti ilaalle kana maaltu icciitii jechisiise? Isa jedhu ilaaluu keenyaan dura silumaa “ icciitii” jechuun maali? Gaaffii dhu kaasnee yoo hiika isaa ilaalle salphaatti warren armaan olitti tareessine kun maalif akka icciitii jedhamanii waamaman baruu dandeenya.

     

                            Icciitiin Maali?

Icciitii jechi jedhu dhaabbiidhaan yemmu hiikamu hiika imala ykn dhimma dhoksaa, dubbii golgamaa,wanta dahoo ta’e kan ibsudha.

Imalli tokko kan dhoksamuuf waantoota lama irraa kan maddedha. Inni jalqabaa namni dhimma dhokatu sana qabatee jiru (abbaan dhimmaa) sun dubbii dhoksu sanatti kan qaanahu yoo ta’e ykn dubbiin qabatee jiru sun kan yakka wajjin wal qabate yoo ta’e yoo saaxilame ykn ifa bahe nan adabama, uummata irraan adda baha, hawaasa keessaan qoodama jechuunsodaa irraa ka’ee ta’uu danda’a.

 

Gama biraatiin ammo dhimmi ykn dubbiin dhoksamu sun kabajamaa waan ta’eef dhimmi sun namoota kabajamoo fi filatamoo ta’an qofatti adda baasamee kan himamuu fi ifa bahu malee kan nama hundatti hin himamne waan ta’eef  dhimma dhoksaa sana bira gahuuf ykn baruuf ga’umsa tokko kan gaafatu ta’ee ykn dubbiin sun nama himamuufii sanaan hubatamuudhaaf namni dhimma sana ilaalu ykn beekuuf isaadhaaf eeyyamamu dandeettii dhimma sana hubachuu horachuu dursuu waan qabuuf, yoo kana ta’uu baate namni sun waan miidhamuuf ta’uu danda’a.

 Namni tokko dhimma akka isa irraa kan hafe namni biraa akka isa jalaa hin barre barbaadu dhoksatee ofii isaatiif qabata. Yoo dabarsee ibsuu ykn himuu barbaade illee fira isaa, nama garaa isaa, hiriyyaa isaa, nama jaalatu, nama kan kooti jedhee itti amanutti dabarsee hima ykn ibsa. Egaa namni sun imala( dhimma) isaa nama garaa isaatti kan himatuuf namni sun dabrsee hin himu, dabarsee diinaaf nahin kennu, ana hin saaxilu jedhee waan itti amanuufidha. Inni akkanaa kun dhimmi dhokatu sun kan namoota hundaan hubatamuu danda’u garuu sababa dhimmi sun nama qaanessuuf namni sun kan dhoksudha jechuudha. Sababiin isaa namni sun dhimma isaa kan dhoksate sababa sodaatiin waan ta’eefidha.

 Gama biraatiin namni tokko imala tokko sababa dhimmi sun kabajamaa ta’eef dhimma sana  nami ykn namooni hubatanii maalummaa isaa baruudhaaf sadarkaa beekumsaatiinis ta’e qulqullummaatiin ol siquu, ga’umsa tokko qabaachuun kan isaan irra jiraatu yoo ta’e namni sun hanga ga’umsa barbaachisu sana irra ga’utti dhimmi sun nama sana jalaa dhoksamee akka turu taassifama.

Karaa sadaffaa ammo imalli tokko kan qaama miiraatiin adda hin baasamne yoo ta’es dhimmi sun dandeettii hubannoo dhala namaatii ol waan ta’eef icciitii ( dhokataa) jedhamee waamamuu ni danda’a.

Egaa gara icciitiiwwan Mana Kiristaanaatti yemmu deebinu sababni isaan itti icciitii jedhamuun waamamaniif ibsa armaan olii keessaa sababoota isa lammaa fi sadaffaa jalatti ibsaman kan hammatu ta’ee argina. Ofii icciitiiwwan mana kiristaanaa maalif icciitii jedhamani? Bakka meeqatti qoodamu? Akkamiin raawwatamu? Faayidaa maal nuuf kennu?  Fi wantoota kana fakkaatan kutaa itti aanutti kan ilaallu ta’a. Waaqayyo waliin nu haatursu.

 

                           

 

 

 

 

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-06-28 13:37:382018-10-26 09:21:26Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Seensa deebii gaaffilee Link to: Seensa deebii gaaffilee Seensa deebii gaaffilee Link to: Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa Link to: Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa
Scroll to top