Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Barumsa Amantaa

in Barumsa Amantaa

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen!

 

          Barumsa Amantaa

                Seensa

Manni  kiristaanaa Ortodooks Tawaahidoo barumsa mana ishii  keessatti kennitu  keessaa inni tokkoo fi inni angafaa barumsa amantaati. Sababiin isaas namni tokko amantaa hin qabu yoo ta’e hojii gaarii qabatee Waaqayyo wajjin wal arguu hin danda’u. kanaafuu amantaan bu’uura hundaati waan ta’eef namni tokko hunda dursa waan amanu sana baree laphee guutuudhaan fudhatee hordofuu qaba waan ta’eefidha.

 

Amantaa jechuun ergaa fi hiika   “amanuu’ fi “amanamuu”, jedhu kan  of keessatti qabate  yoo ta’u,  kunis Walitti dhufeenya Waaqayyoo fi ilma namaa agarsiisa.

Amanuu  jechuun wanta mul’atuu fi hin mul’anne, addunyaa kanaa fi wantoota ishee keessa jiran mara bakka hin jirree gara jireenyaatti fidee kan kalaqee uume Uumaan hunda danda’u, kan wanti Isaaf dadhabe hin jirre abbaan hundaa, kan hundaaf laatu, kan hunda hoogganu,kan hunda qajeelchu jira jedhanii lapheetti fudhachuu, Isaaf bitamuu, harka kennuu jechuudha.. Kunis miira namaa shananiin qoratamee kan bira hin ga’amne, kan qaamaan tuqnee mirkaneeffachuun hin danda’amne  yaada sammuu namaatii ol ta’e, garuu laphee keessatti “eeyyee”;” dhugaadha”,” akkasi”  “ni ta’a,” jechuun fudhachuu fi abdachuu jechuudha.

Amanamuu  jechuun ammooo “ni ta’a”, “ni raawwatama”  jechuun isa  lapheetti fudhatan sana hojiitti hiikuudhaan akka raawwatamu gochuu, raawwachuu, hojiin agarsiisuu,ajaja eeguu” kan agarsiisudha.

Gaman biraatiin Jechi “ni amanna!, “nan amana”, “amane” jechu   kan amantaa keenya ittiin ibsinuu fi ittiin dhugaa baanu waan ta’eef bu’uura amantaa kiristaanummaa ta’ee  ifa baha. Hojiin keenyii fi jireenyi kiristaanummaa keenyi bu’uuruma kana irratti ijaarameera.Kanaafuu, qulqullichi Yohaannis Afawarq: “Amantaan bu’uuradha; warri kaan ammo girgiddaa (dhaabaa) fi baaxiidha.” Jedhe.

Egaa mata duree kana jalatti waa’ee Waaqa tokkotti amanuu, fi abbummaa (abbaa ta’uu) Waaqayyoo kan barannuu fi kan itti maal akka amannu, eenyuun akka amanuu qabnu eenyuun akka Waaqeffachuu qabnu kan amantaan ortodoks tawaahidoo barsiistu kan ittiin barannuu fi hubannu ta’us  isuma kana  ibsuu keenyaan dura,dursa haala amantaa amantootaa fi daandii ittiin jiraachuun Waaqayyo beekamu ilaalchisee gabaabsinee hubachiisuuf haala armaan gadiin dhiyeessineerra.

                  

             Waa’ee amantaa amantootaa fi daandii ittiin Waaqayyo baramu

Jechi  “amantaa” amane, ni amanna, nan amana!” jedhu wanta lama kan of keessaa qabu ta’eet akka argamu armaan olitti ilaalleera.  Dabalataani jechi kun ergaa dabalataa nuuf kenna.Kunis gama tokkoon warra “ni amanna!” jedhan, ykn, “nan amana!” nama jedhu kan ilaallatudha.kunis,haala amantaa nama sanaa fi beekumsa amantaa isaa kan  nu hubachiisudha.

Gama biraatiin ammo, jechuunis, gama lammataan, eenyuu fi maal amanuun abdii godhachuu  akka qabnu  kan ilaallatu ta’a. Nutis  dhimma kana gadi fageenyaan ibsuu keenyaan duratti beekumsa amantaa  warra amananii  ilaalchisee qabiyyee fi deemsa akkamii akka qabaatu dursinee hubachuutu nu barbaachisa.

Nuti warri amanne “ ni amanna!”   yeroo jennu amantaa akka abbootiin keenyi durii qabanidha moo? Kan isa irraa adda bahedha? Jechuun of gaafachuu qabna. Yookiin ammo, kan nuti amannu amantaan sun kan abbootii keenyaa fi haawwolii keenyaa; kan firoota keenyaa fi biyya keenyaa waan ta’eef dhiisuu hin qabnu jechuudhaan amantii inaaffii biyyummaatiin, yookiin, kaayyoo fi miira biraatiin, kakaanee qabannedha?  Amantaan nuti kufnee kaanuuf kun amantaa osoo hin  bariinii fi hin hubatiin baraafamaan, aadaadhaan kan qabannedha moo? Yookaanis, kan akka Saawul (Phaawuloos) daandii keenya irratti ifti Waaqa irraa nutti mul’ateetidha?  Ykn  Sababa  kanaan ala ta’eenii? Gaaffilee jedhaniif deebiin isaa laphee hundaa keessatti kan argamu ta’us, tokkoon tokkoon amantootaa amantaa isaanii gamaggamuu fi to’achuu kan danda’u “ amantaan” abbootii keenyaa maal akka ta’e qu’achuu fi sirriitti hubachuun ta’a.

Qulqulluu Phaawuloos abbootii amantaatiif gosa amantaa  “jaarsotaaf raggaassifame” yeroo ibsu: “amantaanis wanta abdanne tokko kan nuuf mirkaneessu,waan hin agarre tokkos kan nu hubachiisudha.” Jedheera.( Ibr.11:1)

Sagalee duukaa bu’aan kun waa’ee amantaa gabaabinaan ibse kana irraa akka hubannutti wanti hin agarree fi abdii godhannu akka jiruu fi kan isa beekuuf  nu dandeessisus “amantaa” akka ta’edha.

Ofii Wanti nuti  abdannuu fi ijaan hin agarre kuni maali? Jechuun of gaafannee deebii isaa barbaaduutu nurra jiraata.Bu’uura irraa wanti abdannuu fi ijaan hin agarre inni guddaa fi jalqabaa beeknu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaati jechuun gabaabumatti deebisna.

Egaa dhalli namaa daandii dhokataa  ta’e, amantaadhaan, Waaqayyo baruu fi laphee isaattis dhugummaa isaa  ittiin fudhatuu fi ragaas ittiin bahu qaba.Kanaafuu, uumamni sammuu fi laphee hubatuun qajeelfamee uumaa isaa barbaadu dhala namaa qofaadha.Barbaachi dhugaa fi amantaa akkanaas bineeldota biratti hin argamu.

Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin kan uumame waan ta’eef Waaqayyo barbaada.Waaqayyos warra amantaadhaan Isa barbaadan ni jaalata. “Amantaa malees” Waaqayyo  “gammachiisuun hin danda’amu; kan gara Waaqayyoo gahu, Waaqayyos akka jiru warra Isa barbaadaniifis gatii akka kennu akka ama[naniif] isaan barbaachisa.” (Ibr. 11:6)

Kanaafuu, amantaan kennaa guddaa Waaqayyoon ittiin argannuu fi Waaqayyo wajjin ittiin wal qunnamnu, kan laphee keenya keessas jiraatudha. Waan kana ta’eefis kabajnee qabachuu qabna.beeekumsa amantaa dhugaatiinis amantaa keenya yeroo yeroon guddisuun nurra jiraata.kana ta’uu baannaan amantaan Kenya suuta suuta hir’achuun dhuma irratti baduu danda’a.

Daandii Ittiin Jiraachuun Waaqayyoo Baramu keessaa Muraasa akka Armaan gadiitti mee haa ilaallu:-

                                     Daandii Seera Laphee-( Daandi Sammuu)

Gaaffii namni Waaqayyo ijaan arguu hin dandeenye akkamiin baruu danda’a? jedhuuf akka waliigalaatti deebii gosa lama tu jira. Inni  jalqabaa  isa waa’ee  jiraachuu  Waaqayyoo baruuf  nu gargaaruu fi daandiin beekumsi amantaan itti argamu, sirna uumamaa fi waa’ee uumama amala dhokataa dhala namaa dhokataa (lubbuu)  ka’umsa godhachuun seera lapheetiin gara uumaa, gara uumaa gahuudhaaf barbaacha dhugaa fi xiinxala godhamuun kan ibsamudha. Daandiin lammataa fi inni guddaan immoo daandii jalqabaa caala dhugummaan isaa fi amanamummaan isaa kan mirkanaa’ee fi kan raggaassifame yoo ta’u innis mul’achuu akkeenyummaati. Dursa warri daandii seera lapheetiin( daandii sammuutiin) osoo raajonni isaaniif hin ergamiin,kitaabolee qulqulluus osoo hin qabaatiin uumaa isaanii baruu bira ga’an ajaa’ibsiifachuun isaan yaaddanna.

Dhalli namaa fedha waaqeffannaa akka qabu seenaa addunyaa irraa beekuun ni danda’ama.gosti amantaa isaa adda adda haa ta’us malee dhalli namaa bineeldota kaan irraa gosaanis  sadarkaadhaanis adda kan ta’ee fi uumama kabajamaa uumaa isaa baruu barbaadudha.waan kana ta’eefis dhalli namaa akka bineeldota miira foon isaaniitiin, lubbuu dhiigaatiin hoogganamu miti.Dhalli namaa ija foonii isaatiin qofa osoo hin taane laphee isaatiinis ilaalee, seera lapheetiin xiinxalee karaa ittiin Waaqayyo Isa hin mul’anne baruu fi dhugaa jiru hubatee amanu qaba.

Dhalli namaa seera lapheetiin haala uumama addunyaa kanaa akka ajaa’ibsiifate, deemsi hojmaataa fi sochii isaa galma kan qabuu fi  deemsa seera hordofee, qooyyaba herregaa fi seera dhoksaa ta’een kan hoogganamu ta’uu isaa hubachuun xiinxala; kan sirna uumamaa kanaa ol ta’e kanas baruu barbaada.

Ta’iiwwan uumamaa samii fi lafa irratti beekaman, wantoota lubbuu qabanii fi hin qabne, keessumaayyuu, amala dhala namaa isa dhokataa ta’e kanaa fi  wantoota nama ajaa’iban kanneen biroos ilaaluun daangaa beekumsa isaa hanguma bal’ifachaa adeemu yaada gadi fagoo ta’een liqimfama.keessumaa, haalli biiftuu, addeessaa fi urjiilee yeroo fi bakka isaanii kenname eeganii utubaa isaanii murtaa’e irra socho’uun isaanii nama laphee hubatu qabu hunda ni booji’a. waan kana ta’eefis gaaffii dhalli namaa sammuu isaa keessatti dhiyeessu keessaa tokko addunyaa keenya bareedduu fi seeraan hoogganamtu kanaa  fi lubbuu fi jireenya keenya eenyutu uume? Kan jedhudha.

Egaa haalawwanii fi gochaawwan uumama nama ajaa’ibsiisu hunda hubachuun kan sirna uumamaa uumee fi qajeelchu, kan ogummaa  fi hubannaa, beekusaa fi jireenya (lubbuu) qabu; seerawwanii fi humnoota uumamaatii ol ta’uun uumama to’atu,amalummaa Isaatiin kan adda ta’ee fi kan hin mul’anne; humni hanga bara baraatti jiraatuu fi bilisa ta’e tokko jiraachuu Isaa dhalli namaa seera lapheetiin qajeelchamee bira gahuu danda’eera. Sababiin isaas akka duukaabuutichi qulqulluu Phaawuloos “Waaqayyo bifti Isaa ijaan hin argamne garuu humni Isaa inni bara baraa; Waaqummaan Isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan Inni uume irratti qalbeeffatamee yaadatti argamuu ni danda’a, kanaafuu waaan itti sababeeffatan hin qabani” jedheeraatii (Room.1:20) kana jechuunis uumaan Inni ijaan hin mul’anne uumama Isaa ijaan mul’atuun  namoota  laphee hubatuu fi sammuu yaadu qaban  hundaaf ni beekama jechuudha. Warra haala kanaan uumaatti amanan durii eegalanii akka jiranii fi ammas akka jiraatan seenaan ni raggaassisa.

Walumaa galatti, sirni uumamaa jiraachuu Waaqayyoo kan ibsanii fi kabajni Isaas kan ittiin ifu akka ta’an kitaabolee qulqulluun ni raggaassisu.( Faar.18:1-3; Iyyoob.12:7-9;Ki. Ogu..13:1-10) waa’ee laphee fi ragummaa seenaas (Room. 2:14-15;Yoh.14:11-16; 17:26-29)

                   Mul’achuu Akkeenyummaa –Daandii qulqullummaa (Daandii Amantaatiin)

Seera lapheetiin ala karaan ittiin Waaqayyo beeknu jiraa?  Deebiin gaaffii kanaa “eeyyen jira!” kan jedhu ta’a. Armaan olitti daandii nuti daandii lammataa fi isa guddaadha jechuun ibsine daandii dhugaa isa hunda caaludha. Karaan kun karaa Waaqayyo dhala namaatiif jecha of mul’isuun lubbuu Isaa kennuun, adeemsaa fi qabiyyee  dinqii akkeenyummaa qabu bara adda addaa keessa yeroo fi bakkaan adda bahee seenaa addunyaa kanaa keessatti haalaa fi gocha sagalee fi hojiidhaan raawwatedha. Akka duukaabuutichi qulqulluu Phaawuloos:

“ Bara duriitii eegalee Waaqayyo si’a baay’ee karaa gara garaatiin raajotaan abboota keenyatti dubbateera. Guyyoota bara dhumaa kanatti ammo Ilma Isaatiin nutti dubbate…” ( Ibr. 1:1-2) jedhe.

Kunis bara boodaa keessa sagaleen qaamaa, Ilma Waaqa Abbaa, kan sagalee jireenyaa jedhame, nama ta’uu Iyyasuus Kiristoosiin Waaqayyo ijaan argamuu hin dandeenyee fi harkaan qaqqabatamuu hin dandeenye foon uffatee( foon wajjin tokko ta’ee), hangaan murtaa’ee  mul’atee , kan ijaan argamu, kan gurraan dhagahamuu fi harkaan qaqqabatamu ta’eera.

Waa’ee Waaqayyo Ilmaa Isa fooniin mul’atee, waa’ee Kiristoos,duukaabuutichi Qulqulluu Yohaanis  akka armaan gadiitti dhugaa baha:-

“ Waa’ee sagalee jireenyaa Isa jalqabaa eegalee turee, isiniif barreessina.  Nuyi Isa dhageenyeerra, ija keenyaan Isa agarreerra, ilaalleerras,harka keenyaan Isa qaqqabaneerra. Jireenyichi  mul’ifameera; nuyi Isa agarreerra, Isaafis dhugaa baana; jireenya bara baraa Isa Abbaa bira ture, nuttis mul’ifame kana isinitti himna.” (Yoh.1:1-2) jedhe.

Egaa Amantaan kiristaanummaa kan seera laphee irratti hundoofte osoo hin taane Ilma Waaqayyo Jiraataa Isa fooniin mul’ate, Iyyasuus Kiristoos, irratti kan hundooftedha.Waaqayyo nama ta’uu Ilma Isaatiin sababni Inni dinqii guddaadhaan mul’ateef dhala namaa hunda fayyisuufidha. Waaqayyo haala kanaan mul’achuun Isaa shakkii hunda balleessuun jiraachuu Isaa amannee Isa wajjin amantaa guddaadhaan akka jiraannu nu dandeessisuuf qofa osoo hin taane; jaalala guddaa nuuf qabu barree akka Isa jaalannuufis waan ta’eef, kana hubachuun yeroo hunda Isa galateeffachuu irraa of qusachuu hin qabnu.

Akkuma armaan olitti ilaalle amantaan kiristaanummaa keenyi seera lapheetiin xiinxaluun kan argame osoo hin taane mul’achuu Akkeenyummaatiin kan nuuf kennamedha. Kanaafuu, amantaa keenya cimsinee qabuutu nurra jiraata.kabajnee kabachiisuu; eegnees eegsisuun  barbaachisaa yoo ta’u, hanga du’aatti cimuun ragaa baatota dhugaa ta’uun nurra jiraata.qormaata dogongoraa fi shakkii suuta suuta osoo hin beekamiin fakkeessuudhaa fi goyyomsuun dhufu, laphee keenya keessaa balleessuuf yeroo hunda kadhannaadhaan cimuu qabna. (Maat.26:40)

Akkuma inni hanga dhumaatti obse ni fayya jedhame, yeroodhaanis yeroo malees waa’ee amantaa keenyaa ciminaan dhaabannee faccisuu fi ragaa bahuun nurra jiraata.(Maar.13:13) lolti amantaa keenyaa fi afuuraa keenyi dagannoo fi shakkiidhaan akka hin dadhabne gochuuf wantoota  nu qarqaaran keessaa tokko tokko yoo caqasne yeroo hunda kadhannaa gaggeessuu fi sooma wajjin gara mana kiristaanaa keenyaa yeroo hunda deemuun jireenya afuuraa fi hawaasummaa isheetti hirmaachuun sagalee Waaqayyoo dubbisuu fi dhagahuun, beektotaa fi abbootii afuuraa gaafachuun hubachuu, tajaajila gorsa isaaniitti fayyadamuu fi kkf dha.

Egaa manni kiristaanaa keenya “… amantaa isa al tokkicha yeroo hundaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqullaa’anitti dabarfame sanaaf akka toltaniif” jecha dhaamoo ishii ijoollee ishii hundaaf ibsiti. (Yihudaa 3)

 

Hanga ammaatti waa’ee haala amantootaa fi akka waliigalaattis dhufaatii amantaa gabaabsinee ilaalleerra. Kanatti aansuun waa’ee isa amannuu fi abdii godhannuu , waa’ee tokkummaa Waaqayyoo fi waa’ee abbummaa (abbaa ta’uu Isaa)  sagalee kitaabolee qulqulluu bu’uureffachuun  qu’anna Waaqayyo ittiin nu haaga’u Ameen!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-06-28 13:15:002018-10-26 09:21:27Barumsa Amantaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Seensa deebii gaaffilee Link to: Seensa deebii gaaffilee Seensa deebii gaaffilee
Scroll to top