Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU

in Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu

QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU

                                                                   RATTAA GUREEN

KUTAA TOKKOFFAA

1. HIIKA KITAABA QULQULLUU

      1. KITAABA QULQULLUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
      2. KITAABNI QULQULLUU MAALIIF QULQULLUU JEDHAME?
      3. FAAYIDAAN KITAABA QULQULLUU MAALI?
      4. KITAABA QULQULLUU EENYUTU BARREESSE?
      5. WAA’EE NAMOOTA QULQULLUU KITAABA QULQULLUU BARREESSANII RAGAAN KITAABA QULQULLUU JIRAA?
      6. YOOMII FI EESSATTI BARREEFFAME?

KUTAA LAMMAFFAA

2. MOGGAAFAMAAFI BAAY’INA KITAABOLII KITAABA QULQULLUU KEESSATTI ARGAMANII

      1. MOGGAAFAMA KITAABA QULQULLUU
      2. KITAABNI QULQULLUU QOOQA ADDA ADDAAN BARREEFFAMUUSAA
      3. KITAABNI QULQULLUU GARA QOOQA ADDA ADDAATTI HIIKAMUUSAA
      4. AKKAATA ITTI KITAABNI QULQULLUU QOOQAA GARA QOOQAATTI HIIKAMU

                   KUTAA SADAFFAA

3. KITAABNI QULQULLUU GARA ITIYOOPHIYAATTI DHUFUU ISAA

  1. HIIKA KITAABA QULQULLUU ITIYOOPHIYAATTI

 

KUTAA TOKKOFFAA

1     HIIKA KITAABA QULQULLUU

  1. 1KITAABA QULQULLUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

Kitaaba qulqulluu jechuun maal jechuudha? Jechi “kitaaba qulqulluu” jedhu jechoota “kitaaba” fi “qulqulluu” jedhaman irraa kan argamedha. Kitaaba jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee /walitti qabamee/ argamu yommuu ibsu; “qulqulluu”   jechuun immoo kan filatame kan adda bahe kan kabajame jechuudha. Kanaafuu kitaaba qulqulluu jechuun barreeffama walitti hidhamee /walitti qabamee/ argamu barreeffama kabajame, barreeffama filatame, barreeffama adda

bahe jechuudha.

  1. 2 KITAABNI QULQULLUU MAALIIF QULQULLUU JEDHAME?
      1. Argamsiisaan kitaaba kanaa waaqayyo gooftaan qulqulluu waan ta’eef
      2. Namootii qulqulluun afuura waaqayyoon durfaman kan barreessan waan ta’eef
      3. Namoota gara qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef
      4. Namootii dubbisanii fi dhagahan waan eebbisuuf
      5. Ilmaan namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf
      6. Gara fuulduraatti wanta raawwatu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef
      7. Barri kan isa hin geeddarre waan ta’eef
      8. Kabaja qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef qulqulluu jedhameera.

1)Argamsiisaan kitaaba kanaa waaqayyo gooftaan qulqulluu waan ta’eef

Kan waaqayyoo kan ta’e hunduu qulqulluudhaatii kitaaba qulqulluurrattis akkas jedha. “Ani waaqayyo uumaan keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota ta’aa.” See. Lewootaa 19:2. Namootiin waaqayyoof adda yommuu ta’an, jechuunis waaqayyo hojii adda ta’eef yommuu isaan filatu qulqulluu jedhamu. Waaqayyo qondaalaa raajotaa Museedhaan “kana booda obboleessa kee Aarooniin isa wajjinis ijoollee isaa ni uffifta luboota ta’anii akka tajaajilan isaan dibda isaan qulqulleessitas” kan jedhe. See.Ba’uu 28:40-41. “kan isin waame qulqulluu akka ta’e isin ammo jireenya keessan hundaan qululloota ta’aa”/1pheexiroos 1:15-16/.

2)Namootii qulqulluun afuura waaqayyoon durfaman kan barreessan waan ta’eef

“Raajii kitaaba keessa jiru hunda eenyuyyuu ofiisaaf akka fedhii mataa isaatti hiikuuf hin eeyyamamneef; raajiin eeyyama namootaan hin dhufneetii; haata’uutii waaqayyoon ergamanii namootii qulqulluun durfamanii dubbatan” /2 pheexros 1:20-21/.

3)Namoota gara qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef

Kitaabolii kabajaman amananii fudhachuun sagalee Waaqayyoo dhagahuudha. Gara dhugoominaa gahuuf duraan dursee amanuun barbaachisaadha. “Amantiin dhag’uudha; dhagahuunis sagalee waaqayyoodha” akka jedhame. Roomee 10:17. Sagalee waaqayyoo kan dhagahan hundi gara qulqullinaa ga’uunsaanii hin shakkamu. Kanaafidha qulqulluu Yohaannis “sagalee raajii kitaaba kanaa kan eegu eebbifamaadha” Mul’ata 2:7 jechuun Waaqayyo gooftaan kan isaaf ibse.

4)Namootii dubbisanii fi dhagahan waan eebbisuuf

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsiifi beekumsi ni argama. Kitaaba qulqulluu dubbisuunii fi sagaleesaa dhagahuun garuu eebba ni arganna. Mul’ata 1:3

5)Ilmaan namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf

kitaabolii qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatan hunda yommuu ibsu tilmaamaan yookaan ni ta’a laata jedheet osoo hin taanee haala mirkaneeffameen dubbata. Fakkeenyaaf:- “waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume” /See. uumama 1:1/. Ergaan caqasa kana irraa hubannu “waaqayyo samiif lafa osoo hin uumiin hin hafne yookaan uumeet ta’a” osoo hin taanee “uume” jechuusaa hubachuun barbaachisaadha. Kunis adda isa taasisa.

6)Gara fuulduraatti wanta raawwatu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef

Kitaabni qulqulluu kan darbe akkuma mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef addadha. Kitaaboliin isaan kaan dhimma gara fuulduraatti dhufu tilmaama isaanii qo’annaa fi qorannaan yookaan tilmaamaan akkas “ta’uu danda’a” yoo jedhan malee akkas taasisa jechuun mirkaneessanii hin dubbatani.

Fakkeenyaaf raajaa isaayyaas “kunoo dubartiin garaatti ni baatti mucaa ilmaas ni deessi; maqaasaas Amaanu’eel jettee ni waamti” jedhe malee “garaatti ni baatti ta’a; ni deessi ta’a; Amaanu’eel jedhamuu danda’a” hin jenne. /Isaayyaas. 7:14/. Raajaa Isaayyaas wa’ee waa’ee gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba /700/ yommuu ta’u yoo ta’u, jechasaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas qulqulluun Daawwit waa’ee dhufaatiisaa lammaffaa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos mirkaneessuun “kabaja miidhaginasaa tsiyoon irraa waaqayyo ifa ta’ee ni dhufa.” Jedhe malee “ni dhufa ta’a” yookaan “dhufuu hin dhiisu” hin jenne /faarfannaa 49:2/

7)Barri kan isa hin geeddarre waan ta’eef

Kitaabni qulqulluu kan hin dulloomne; baay’inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati. Mee caqasa armaan gadii haa hubannu.

“sagaleen waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti” Isaayyaas. 40:8

“samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu” Maat. 24:25

“Sagaleen gooftaa bara baraaf ni jiraata”   Pheexiroos 1ffaa 1:25

8)Kabaja qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef qulqulluu jedhameera.

Waa’ee dudroo Maariyaam, waa’ee ergamoota qulqulluu, waa’ee qulqullootaa, waa’ee dhugoomtotaa, waa’ee wareegamtootaa waan dubbatuuf qulqulluu jedhameera.

  1. 3 FAAYIDAAN KITAABA QULQULLUU MAALI?

Faayidaan kitaabni qulqulluu qabu baay’ee ta’uurraan kan ka’e muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu

1ffaa. Ilmaan namaa akka itti durfamuuf.

2ffaa. Ajajaa fi eeyyama waaqayyoo beekuufidha.

3ffaa. Aangoo isaa fi jireenya isaa beekuuf

1ffaa.Ilmaan namaa akka itti durfamuuf.

Kitaabni Qulqulluu daandii ilmaan namaa gara fayyina bara baraatti akka ga’aniif taasisudha. “Iyyesuus kiristoos ilma Waaqayyoo akka ta’e akka amantaniif amantaniis maqaasaan jireenya akka isiniif ta’u barreeffameera” Yoh.20;31 dhugaasaa sobarraa; ifa dukkanarraa; gaariisaa hamaarraa adda baasanii ittiin beeku. Qulqulluu Daawwit “seerri kee miilla koof ibsaa; daandiikoofis ifadha” jechuun kan dubbate kana nuuf mirkaneessa. Faar. 119:105

Qulqulluu phaawuloos ilmasaa ximootiyoositti ergaa barreesseen waa’ee kitaabolii Qulqulluu akkas jedheera “haa ta’uutii namootii hamooniifi goyyomsitoonni akka dogoggorsaniifi akka dogoggoran miidhaadhaan dabalaa deemu. Ati garuu kan baratteeni fi kan siif galeen jabaadhuu jiraadhu; eenyurraa akka baratte ni beektaatii; daa’imummaakeetii eegaltee Kiristoos Iyyesuusiin amanuun ogummaa fayyuun itti argamu siif kennuu kan danda’an Kitaabolii Qulqulluu beekteetta. Namni waaqayyoo gonkumaa fi hojii gaariif kan qophaa’e akka ta’uuf kitaaba afuura Waaqayyoo qabu hunda, beekumsaa fi dheekkamsaaf; laphee sirreessuuf gorsa dhugoominaaf ni fayyada.” Jechuun bal’inaan ibseeraatii. Ximot. 2ffaa   3:13-17

Barumsa qulqulluu Phaawuloos irraa kan hubannu kitaabni qulqulluu fayyuuf, gonkummaaf, hojii gaariif qophaa’uuf, barumsaaf, dheekkamsa qajeelinaatiif, laphee ofii sirreessuuf; gorsaaf fayyaduusaati.  

2ffaa.Ajajaa fi eeyyama waaqayyoo beekuufidha.

Kitaabni Qulqulluu Waaqayyo ilmaan namaaf seera kenne kan barsiisu waan ta’eef icciitii kana ijoolleesaaf barsiisaa ibsu waan ta’eef faayidaansaa ol’aanaadha. “ani kanan isin ajaje ajaja waaqayyo uumaa keessanii ni eegdu malee ajaja ani isin ajaje irratti hin dabaltani; isarraas hin hir’iftani” jechuun eeyyama namaa wajjin akka walitti hin makne ajajaa fi eeyyama waaqayyoo nu beeksisa’ See. Kee.deebii 4:2

“Waaqayyo gooftaakee laphee gonkumaan, lubbuu gonkumaan, yaada kee gonkumaan yaadadhu jaalladhu. Ajajni isheen duraa fi guddaan kanadha. Isheen lammaffaas kana fakkaatti isheenis hiriyyaakee akka lubbuukeetti jaaladhu kan jettudha.” Jechi jedhu ajaja Waaqayyoo beeksisa. Maat. 22;27-39

Eeyyama isaa ilaalchisee immoo “isaan kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin banne Waaqayyo ilmasaa tokko hanga kennutti addunyaa akkasumaan jaalateeraatii. Addunyaan ilmasaan akka fayyu malee addunyaatti akka murteessu waaqayyo gara addunyaatti hin eegneetii” jedha. Yoh.3:16-17 \

3ffaa.Aangoo isaa fi jireenya isaa beekuuf

Kitaabni Qulqulluu waa’ee aangoo Waaqayyoo ilaalchisee akkas jedha “samiirratti, lafarratti, galaanarratti Waaqayyo kan jaalate hunda taasise.” faar. 134:6. Dabalataanis harkasaa kan dhorku yookaan maal taasifta kan isaan jedhu hin jiru “yommuu jedhu taayitaa /aangoo/ Waaqayyo agarsiisa. Daan.4:35. “lubbuukoo kaasuuf jiraachisuufis ani eeyyama koon nan jiraachisa malee anarraa eenyuyyuu hin fudhatu. Jiraachisuuf aangoo qaba; kaasuufis aangoo qaba.” Kan jedhes aangoosaa kan mul’isudha. Yoh. 10:17-18.

Addunyaa kana akka bitu Qulqulluu Daawwit yommuu ibsu akkas jedheera. “Waaqayyo teessoo ulfinasaa samiirratti qopheessee; mootummaasaas hundumaa ni bitti” jechuun Waaqayyo hundumaa kan bitu ta’uusaa agarsiisa. Faar. 102:19

4KITAABA QULQULLUU EENYUTU BARREESSE?

Barreessitooni kitaaba Qulqulluu Waaqayyoon kan ergaman namootii qulqulluudha. Baay’inaanis afurtama (40) olidha. Namootii qulqulluun Kitaaba Qulqulluu barreessan hojii fi jireenya adda addaa keessaa akkasumas bara adda addaa fi iddoo adda addaa kan turanidha. Haata’uutii hundinuu barreessaa jedhamanii kan barreessan keessatti hojii,   barri jiraatan, iddoon itti jiraatan Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaan isa tokkoo kan isa tokkoo wajjin kan wal hin faallessine waan taasiseef hojii Waaqayyoo ajaa’iba ta’uusaa agarsiisa. Barreessitoota gidduudhaa luboonni, Raajonni, Mootummoonnii fi Qonnaan bulaan ni argamu.

Fakkeenyaaf:- Barreessitoota kakuu moofaa keessaa Ermiyaas, Hizqi’eelii fi Zakkaariyaas lubootaa fi Raajjota yoo ta’an Saamu’eel, Isaayyaas, Daani’eelii fi Hoseen immoo Raajjotadha. Qulqulluu Daawwitii fi ilmi isaa solomoon ammo moototadha. Raajjota kudha lama xixiqqoo keessaa tokko kan ta’e Amotsi qotee bulaa akka ture Kitaabni Qulqulluu ni ibsa. Amotsi 1:1

Barreessitoonni kakuu haaraas akkasuma hojii adda addaa kan qaban ture. Fakkeenyaaf qulqulluu Pheexiroosii fi qulqulluu Yohaannis qurxummii kiyyeessu ture.   Luqaas 5:1-11. Isaan kunis yeroosaatti kan hin baranne kan jedhaman uummata birattis hedduu kan tuffataman ture. Wangeela luqaasii fi hojii duukaa bu’ootaa kan barreesse qulqulluu Luuqaas immoo Ogeessa fayyaa ture. Qolaasiyaas 4:14. Qulqulluu Maatiwoos immoo galii funaanaa /walitti qabaa/ /gibira sassaabaa/ ture. Maatiwoos 9:9.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos duukaa bu’oonni kakuu haaraa keessatti file osoo hin filamiin dura kan hin baranne haa ta’an malee Waaqayyo kan isaaniif ibse haala barbaachisaa ta’een barreessaniiru; barsiisaniirus. Kanaafis qulqulluu phaawuloos “obbolootakoo waamamuu keessan ilaalaa akka ogummaa namaatti beektota kan ta’an hedduuwwan, ol’aantota kan ta’an hedduun, soressoota kan ta’an hedduun hin waamamne. Haata’uutii waaqayyo beektota akka qaanessu gowwummaa Addunyaa filate; dhimma jabaas akka qaanessu. Waaqayyo dhimma dadhabaa addunyaa filate waaqayyos kan ta’e hunda akka balleessuuf wantoota yaraa kan addunyaa kan tuffatames dhimma hin taanes filate” jechuun barsiiseera. Qorontoos 1ffaa 1:26-28.

Kitaaboliin bara adda addaa barreeffamuu isaaniin alatti bakkeen itti barreeffaman akkasuma adda addadha. Fakkeenyaaf kitaaboliin Musee shananuu kan barreeffaman gammoojjii Siinaatti yoo ta’u; kitaaboliin seenaa kudha lamaan immoo Iyyerusaalemii fi kutaalee Isiraa’el adda addaatti barreeffamaniiru. Kan Izqi’eel kan Daani’eelii fi kitaaboliin raajotaa xixxiqqoo kan barreeffaman biyya godaanaan Baabiloonitti yoo ta’u kitaaboliin Asteerii fi Yooditi ammoo biyya Faarisitti kan barreeffamanidha.

Kaakuu haaraa keessatti immoo ergaawwan qulqulluu Phaawuloosii fi kan qulqulluu pheexiroos magaalaa Roomaatti; akkasumatti isaan kaan mana hidhaatti, mul’anni Yohaannis immoo Fixmootti kan barreeffamanidha.  

  1. 5 WAA’EE NAMOOTA QULQULLUU KITAABA QULQULLUU BARREESSANII RAGAAN KITAABA QULQULLUU JIRAA?

“kunoo sagalee koo /jechakoo/ afaan kee keessa nan kaa’a” jechuun akkuma dubbate Raajaan Eermiyaas Waaqayyo kan isaaf kenne barreesseera . Eermiyaas 1;10. “kirtaasa kitaaba tokko fudhadhu guyyaa sittan hime bara Iyyoosiyaasii jalqabee hanga guyyaa kanaatti Isiraa’elii fi Yihuudaarratti ayizaabota irratti jecha dubbadhe hunda irratti barreessi” jedhamee Eermiyaas akka barreesse ni ilaalla. Dabalataanis “jecha /sagalee/ sittan hime hunda kitaabarratti barreessi jedhee Waaqayyo Eermiyaasiin akka ajaje barreeffameera. Eerm.36:2

Mul’ata 1;11 “kan argitu kitaabaan barreessiitii gara Efeesoonii fi Saarminees gara pheergaamoonis gara xiyaaxiroonis, gara sardeesis, gara filiidilfiyaas, gara loodooqiyaas Isiyaa warra jiran gara mana kiristaanota toorbaniitti ergi naan jedhe’ jedheera.

    

  1. 6 YOOMII FI EESSATTI ARREEFFAME?

Akka armaan olitti ibsuuf yaalametti kitaabni qulqulluu namootii adda addaan akka barreeffame hunda barrii fi bakki itti barreeffames akkasumadha. Kitaabni inni jalqabaa kitaabni heenook yeroon itti barreeffame 1486 /addunyaan erga uumamee jalqabee yommuu lakkaawamu /mul’atni yohaannes hanga barreeffame bara 98 /bara araaraa/ barri hedduun darbaniiru. Kanaafuu kitaaba qulqulluu barreessuuf waggoota 4100 ol fudhateera.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-05-20 07:19:432018-10-26 09:21:08QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ) Link to: Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ) Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ) Link to: Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35) Link to: Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35) Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)
Scroll to top