Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)

Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)

                                                                             Tolchaa Kebbebewun

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa du’aa ka’e sanatti duuka bu’oota Isaa keessaa Luqaas fi Qalawoopha kan jedhaman, Iyyerusaaleem irraa gara Emaahus deeman turan. Emaahus Iyyerusaaleem irraa boqannaa 60 fagaata ture. Jarris waan yeroo sana ta’e waa’ee Gooftaa Iyyesuus Kiristoos kan ta’e hunda haasawaa deemu turan. Yeroo kana Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isaan waliin adeema ture; ijji laphee isaanii garuu akka Isaa hin hubanne ittifamee ture. Innis “Otoo dadhabbiin deemaa jirtanuu kan haasoftan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaaniis “Kan Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati biyya kanaaf keessumaa dhaa?” jedhaniin. Innis “Maali inni” jedheen. Isaanis deebisanii “Waa’ee Iyyesuus isa Naazireet kan Waaqayyoo fi namoota biratti angoo-qabeessa turee warri Lubootaafi angafootaa garuu dabarsanii du’aaf Isa kennan nuti garuu Isiraa’eeliin kan furu Isa jenne abdana ture; ammas kuni ega ta’ee har’i guyyaa sadaffaadha. Kana malees warra gara keenyaa keessaa dubartoonni ganama iddoo awwaalichaa dhaqanii raajii akka argan ni dubbatu, foon Isaas achi akka hin jirre akka du’aa ka’es ni dubbatu. Warra nuwaliin jiran keessaas dhaqanii akkuma dubartootni jedhan ka’uu Isaa akka baran dubbatu, nu’i garuu hin argine” jedhaniin. Gooftaaniis deebisee “Isin kan hin hubanne fi onneen/lapheen keessan kan hin amanne! Kiristoos kana hundumaa dhiphatee booda gara ulfina Isaa ni gala mitii?” jechuudhaan kitaabota Muusee fi Raajota keessatti waa’ee Kiristoos kan barreefaman hikee itti hime. Bakka deeman Eemaahus yeroo gahanis waan Inni fagoo deemu waan isaanitti fakkaateef aduun dhi’aa akka jirtu itti himuun akka isaan waliin bulu kadhatan. Innis isaan waliin gara mana isaanii seenee/lixee isaanuma waliinis taa’ee nyaata eebbisee yeroo kennuuf ijji laphee isaanii banamee Isa ta’uusaas baran. Innis isaan biraa ni dhabame. Isaan garuu isa Gooftaan amma gubbaa irraa humna argattanitti Iyyeruusaalemii hin ba’iinaa jedhe yaadachuun yeruma san gara Iyyerusaaleemitti deebi’an. Nutihoo imaltoota Eemaahus kana irraa maal baranna?

Dhugaa Bahuu

Imaltoonni kuni karaa yeroo deeman waa’ee Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos, dinqii fi raajii Inni hojjete, namoonni warri luboota Faarisotaa akkamitti akka Isa fannisanii ajjeesan, akka awwaallame, du’aas akka ka’e haasawaa fi wal-jajjabeessaa, mari’achaas deeman turan. Yeroo sana namoonni Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin waaqa dha jedhanii fudhatan hundi akka doorsifaman, miidhaman ykn ajjeeffaman ta’ee ture. Kunis luboota fi angafoota Faarisotaatiin kan labsame ture. Imaltoonni kun garuu sodaa fi qaanii tokko malee waa’ee Isaa haasa’u turan. Yeroo Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos nama karaa deemu fakkaatee isaanitti makamu illee eenyummaa Isaa otoo hin beekiin ykn warra isaan miidhuu danda’aniifi mitii isaa otoo adda hin baafatiin wanta beekanii fi wanta dhugaa ta’e dubbataa turan.

Akkasuma nutis waa’ee fannoo fi du’aa ka’uu Goftaa keenyaa, waa’ee amantaa keenyaa, waa’ee Mana Kiristaanaa keenyaa, sodaa fi qaanii tokko malee dhugaa bahuu akka qabnu irraa barachuu qabna. Imaltoonni kuni waa’ee Gooftaa keenyaa waan haasawaa fi xiinxalaa deemaniif Gooftaa isaanii simachuu danda’aniiru. Otoo akkas hintaane ta’ee carraa Gooftaa simachuu hin argatan turan. Dabalataanis, imaltoota kanarraa wanti barannu amantaa keenyaaf dhimmamuu akka qabnuu dha. Waa’ee fannoo fi du’aa ka’uu Gooftaa wallaaluun imalaa sanaa isaaniif hin fudhatamu ture. Kanaafis “Wanta Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati keessummaadhaa?” jedhan. Kanaaf nutis akka Kiristaana tokkootti wanta Mana Kiristaanaa keessatti raawwatamu irratti keessummaa ta’uun nurraa hin eegamu, ga’ee keenya bahuutu nurraa eegama malee. Yeroo dadhabbii keessa jirru ykn yeroo qorumsa adda addaa keessa galle illee amantaa keenya dagachuu akka hin qabne nu hubachiisa.

Dhiibbaa namarra gahuu kamiyyu sodaachuun, qaaniidhaaf ykn faayidaa adda addaatiif jedhanii dhugaa dubbachuu dhabuun sirrii akka hin taane imaltoonni kun nubarsiisuu. Kunis dhugaa wanta ta’e ifa baasuun Waaqayyo fuulduratti kabaja guddaa akka nuuf argamsiisu Goftaan yeroo dubbatu “kan namoota fuulduratti dhugaa naaf bahe anis fuula Abbaa Koo Isa samii durattin dhugaa bahaaf, kan namoota fuulduratti ana gane garuu anis isa nan gana” jedhee dubbateera, Maat 10:32.

Abdii Keenya Waaqayyo Qofa Irratti Gochuu

Imaltootni kuni abdiin isaanii Gooftaa Iyyesuus Kiristoos qofa ta’uu isaa raga bahaniiru. Faayidaa adunyaa kanaa irra fayyina Gooftaa biraa argatan abdii godhatanii hanga Gooftaan fannifamutti akkasumas hanga du’aa ka’uu Isaatti turan. Dadhabbii fi hir’ina isaanii kan guutu Gooftaa ta’uu isaa otoo hin dagatin akkasumas otoo abdii hin kutin jiraachuu danda’aniiru. Gooftaan yeroo “Isin kan hin hubanne fi onneen/lapheen keessan kan hin amanne!” jedhuun dadhabbina isaanii fudhachuudhaan akka irra caalaa barumsaa fi amantii argatan onnee/laphee isaanii qopheessan. “Yaa Gooftaa akka waan baay’ee nutti himtu nu waliin gali” jedhanii kadhatan. Nutis abdiin keenya Isa qofa ta’uu amannee dadhabbina fi hir’ina amantii nuti qabnu akka Inni nuuf guutu onnee/laphee keenya banuudhaan barumsa Mana Kiristaanaa keenyaa dhaga’uu akkasumas Gooftaa keenya gara onnee/laphee keenyaatti galchuutuu nurraa eegama.

Keessummaa Simachuu

Imaltootni kuni akkuma Abraham abbaa isaanii keessumaa simachuutti ni gammadu turan. Kanaaf eenyummaa Isaa otoo hin bariin Gooftaadhaan nuwaliin galtu malee jedhanii kadhatan. Qulqulluu Phaawuloos keessummaa simachuun akka nurraa eegamu yeroo nutti himu “Keessummaa simachuu hin dagatinaa namoonni tokko tokko otoo hin beekiin Ergamoota Waaqayyoo illee simataniiru” nuun jedha, Ibr 13:1-2. Luqaas fi Qalayoophaanis ( ቀለዮጳ)otoo hin beekiin Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiin mana isaaniitti simachuu danda’anii jiru. Nutis keessummaa kabajuufi simachuu, abbootii keenya kabajuun akka nurraa eegamu nubarsiisa.

Waaqayyo kan Hir’ate Akka Nuuf Guutu Amanuu

Gooftaan erga isaan waliin gale booda amantii fi hojii isaanii ilaale. Abdiin isaanii Gooftaa qofa ta’uu isaa, sodaa fi qaanii tokko malee kan isaaf ragaa bahan ta’uu isaanii, dhugaa ijaan argan fi kan gurraan dhaga’an malee soba kan hin dubbane ta’uu isaanii, waa’een fannifamuu, du’uu fi du’aa ka’uun Gooftaa isaan biratti iddoo guddaa akka qabu fi amantaa isaaniitiif iddoo guddaa akka qaban ega ilaalee booda Gooftaan mana isaanitti waliin galuuf eeyyama isaa ta’e. Nyaatas eebbisee kenneefii ija isaanii bane, akka Gooftaa arganis taasise. Egaa, imaltoonni kuni eebba kana hunda kan argatan Waaqayyoo hir’ina isaani akka guutu amantaa waan qabaniif dha. Kanaaf, nutis nyaata bara baraa kan ta’e Foon fi Dhiiga Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin fayyina bara baraa akka argannu sodaa fi qaanii tokko malee dhugaan raga bahuu, abdii keenya Gooftaa qofa gochuu, walharkaa fuudhinsa (ትዉፊት) amantaa fi seera Mana Kiristaanaa keenyaa kabajuu akkasumas hir’ina keenya kan guutu Gooftaa akka ta’e amantaa qabaachuun nurraa eegama.

Akkuma imaltoonni yeruma sana hatattamaan gara Iyyerusaaleemitti deebi’an, nutis yeroo otoo hin fudhatin hatattamaan gara Mana Kiristaanaa deebinee akka jiraannu Gooftaan nu haagargaaru. Ameen!

Gargaarsi Waaqayyoo nurraa hinfagaatiin!