Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ)

in Tibbana

Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ)

                                                       Damissee Jamaneen

Ayyaanni ka’umsa lammataa jedhamee kabajamu Gooftaan du’a moo’ee erga ka’ee booda gaafa guyyaa saddeettaffaadha. Dilbata (guyyaa Du’aa Ka’umsaa Gooftaa) irraa kaasnee hanga torban isa Dilbataatti guyyaa saddeet ta’a. Guyyaa kanattis Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos barattootni isaa hunda Toomaasiin dabalatee mana cufaa keessa osoo jiranii al lammaffaaf du’aa ka’uu isaa yeroo itti mul’isedha.  

Yoh 20:24-30 irratti   Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo jalqabaaf dhufee duuka bu’oota isaatti yeroo mul’atetti Yihuudaan erga bahee barattoota 11 keessaa tokko kan ta’e Diidimoos kan jedhan Toomaas isaan waliin hin jiru ture.Yeroo biraa Toomaas gaafa dhufu barattootni “Gooftaan du’aa ka’ee argine” ittiin jedhan. Toomaas garuu “mallattoo mismaaraan waraanamuu harka isaa osoo hin argiin,quba koos gara isa waraanamee osoo hin seensisiin ,harka koos gara cinaacha isaa eeboon waraanamee osoo hin seensisiin hin amanu” jedhe. Toomas duraan kan waamame warra Saduuqota keessaa ture. Isaan immoo yeroo hunda waa’ee du’aa ka’umsaa ni shakku. Kanaafuu, Toomaasis akkuma qomoowwansaa waan arge malee waan dhagahe amanuu hin dandeenye.


Guyyaa saddeettaffaa booda duuka bu’oonni Gooftaa Toomaasiin dabalatee mana cufatanii osoo jiranii Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos manni cufame sun osoo hin banamiin raajiidhaan gidduu isaaniitti argamuun “nagaan isiniif haa ta’u” jedhe . Sana boodas Toomaasiin “quba kee fidii harka koo waraaname ilaali. Harka kees gara cinaacha koo seensisi; amani malee shakkaa hin ta’iin” jedhe. Toomaasis gaafa harka isaa seensisu harki isaa akka kirrii abidda seentee gubachuun walitti suntuurte. Innis kana yommuu argu “Gooftaa koo,Waaqakoo” jedhe. Kan dhaga’e qofaan waan amanuu dadhabeef, abidda tuquudhaan Waaqummaa isaa mirkaneeffate jechuudha. Gooftaanis deebisee “ati waan na agarteef amante; warri hin argiin amanani eebbifamoo dha” jedhe.

Caqasawwan ka’umsa isaa booda namootatti mul’achuu keessaa :

  • Gaafa du’aa ka’e yeroo jalqabaaf Maariyaam ishee Meqdelootti mul’ateera. Yoh 20:11-18.
  • Dubartoota biroottis mul’ateera. Maat 28:1-10
  • Qulqulluu Pheexiroositti mul’ateera .Luq 24:34,1Qor 15:3
  • Imaltoota Eemaahusitti mul’ateera Luq. 24:13-35,Luq. 24:36-43,Yoh 20:19-25
  • Gaafa guyyaa 8ffaa duuka bu’oota hundatti argameera. Yoh 20:24
  • Duuka bu’ootatti qarqara laga Galiilaatti argame . Yoh 21:4
  • Namoota 500 tti al takkaatti argame 1Qor 15:7
  • Yeroo gara samiitti ol bahu barattoota isaatti argame Luq. 24:44-53,Hoji Erga 1:6-11

 

Egaa walumaa galatti, guyyaan ka’umsa lammataa jedhamu kun guyyaa Gooftaan du’aa ka’uu isaa akka itti amananiif duuka bu’ootatti mul’ate ta’uu isaa ni hubanna. “Lammata” kan jedhameefis Gooftaan al-lama waan du’aa ka’eef miti. Garuu, mul’achuusaa kana dura duukaa bu’ootni warreen kaan bakka jiranitti mul’atee akka ture agarsiisufidha. Dabalataanis sirni guyyaa kana Bataskaana keessatti raawwatamu hundi isa guyyaa Du’aa Ka’umsaa waliin tokko waan ta’eef (yeroo lammataaf dabalamee waan gaggeeffamuuf) akka ta’e ni ibsama.

Seenaa Guyyaa kanarraas waa hedduu baranna. Muraasa isaanii caqasuuf:

1. Namoota du’aa ka’umsa isaa hin amanneef ka’uun isaa wangeela irratti caqasoota armaan olii irratti ni mul’ata. Beektonniiifi namoonni gurguddoon hedduun du’aniiru ,du’aa kan ka’an garuu yoo jiraatanillee fedha fi humna Isaatiin dha (Yoh.11 irratti du’aa ka’uu Al’azaar akkuma dubbisnu). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos garuu aangoo isaan du’a moo’ee ka’eera

2. Mana cufaa osoo hin baniin seenuu isaa:Dubroon Maariyaam dubrummaadhaan deesse yommuu jedhamu namoonni tokko tokko ni shakku. Mana cufaa osoo hin banamiin seenee gidduu duuka bu’ootaa dhaabachuu isaa onneerraa namni amanu Gooftaan dubree irraa dubrummaan dhalachuu Isaa gonkumaa amanuuf hin rakkatu

3. Gooftaan Wangeela Yohaannis irratti kan hin barreeffamneen ala raajiiwwan hedduu duuka bu’oota fuulduratti akka raawwate Yoh 20:30 irratti ni ibsa. Fakkeenyaaf,Raajiiwwan hin barreeffamiin hafan keessa tokkommoo harki Toomaas gubachuu isheeti. Toomaas harkaan tuqamuusaa argee “Gooftaakoo” jedhe (foon uffachuusaa ibsuuf); waan harkisaa gubateefimmoo “Waaqakoo” jedheera (abiddummaan akkeenyaa Waaqummaa waan ta’eef). Kitaabolii dhalatoo (fkn Raajii Iyyesus) irratti garuu raajiin kuni ifaan barreeffameera. Kunis Kitaaboliin dhalatoo yaada Kitaaba Qulqulluu irra jiran caalaatti ifa gochuuf malee qabiyyee addaa akka hinqabne kan nuuf mirkaneessudha. Dabalataanis namoota Kitaaba Qulqulluu keessaa kitaabota 66 malee hin fudhannu warra jedhaniif deebii dha.

4. Amantiin waan argan qofa osoo hin taane waan dhagahanis fudhachuunidha.Nuti Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti kan amannu raajii hojjete hunda kan gurraan dhageenye akka ijaan agarretti fudhachuuni dha.

5. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa ka’ee gara samiitti ol osoo hin bahiin dura guyyoota afurtama (40) keessatti namoota adda addaatti mul’achuun faana dudubbateera, of -tuqsiiseera,faana deemeera,faana nyaateera. Erga du’a mo’atee ka’eellee akka namaa tuqamuufi nyaachuun Isaa kunis foon Giiftii keenya Qulqulleettii Maariyaamii qabatee ka’uusaa, yeroo dhufaatii Isaa lammataas foonuma kanaan murtoof akka dhufu kan mirkaneessudha. Shakkitoonni “foon Maariyamii inni Gooftaan uffatee ture du’ee awwaala keessatti hafeera; Waaqummaan Kiristoos garuu adda bahee humnaan ni ka’e” jedhanis kanaan mo’amaniiru.

          Nagaan Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u;ameen.

Madda: Hiikkaa wangeela Yohaannis (Yoh.20:24-30)                            

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-05-06 20:16:222018-10-26 09:21:08Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6 Link to: AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6 AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6 Link to: QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU Link to: QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU
Scroll to top