Interesting links
Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)Categories
- Advert
- Barumsa Amantaa
- Deebii Gaaffilee
- Dubbii Qulqullootaa
- Faarfannaa Fi Hog Barruu
- Icciitii mana kiristaanaa torban
- Icciitii utubaalee shanan
- Icciitiiwwan mana kiristaanaa
- Kana Beektuu Laata?
- Lallaba
- Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
- Seenaa Mana Kiristaanaa
- Tibbana
- Uncategorised
- Uncategorized
- WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO
Archive
- September 2023
- August 2023
- July 2023
- February 2023
- May 2021
- April 2021
- March 2021
- February 2021
- December 2020
- September 2020
- August 2020
- May 2020
- April 2020
- March 2020
- February 2020
- January 2020
- December 2019
- November 2019
- October 2019
- September 2019
- August 2019
- July 2019
- June 2019
- May 2019
- April 2019
- March 2019
- February 2019
- January 2019
- December 2018
- November 2018
- November 2017
- October 2017
- September 2017
- August 2017
- June 2017
- May 2017
- April 2017
- March 2017
- February 2017
- January 2017
- November 2016
- October 2016
- September 2016
- August 2016
- July 2016
- June 2016
- May 2016
- April 2016
- March 2016
- February 2016
- January 2016
- December 2015
- November 2015
- October 2015
- September 2015
- June 2015
- May 2015
- April 2015
- March 2015
- February 2015
- January 2015
- December 2014
- November 2014
- October 2014
- September 2014
- August 2014
- July 2014
- June 2014
Zamana Tsigee ( yeroo Abaaboo)
in Barumsa AmantaaZamana Tsigee ( yeroo Abaaboo)
Dn.Qalamawarq Miidhagsaatiin
Seensa
Akka sirna mana kiristaana Ortod0s Tawaahidoo Itoophiyaatti yeroon baatii fulbaana 26 hanga sadaasa 6 jiru yeroo Abaaboo ykn ammoon afaan Gi’iziitiin ‘zamana Tsigee’ jadhamee beekama.
Waqtiin kun waqtii Godaansi ykn baqachuun Giiftii keenya dubroo Maariyaam Ilma Ishee waliin gara biyya Gibtsii (Misiraa)tti taassiste kan ittiin yadatamu dha. Barreeffama gabaabaa kanaan seenaa, barumsaa fi iccitiiwwan bara abaaboo ilaaludhaaf ni yaalla.
F A N N O O
in Barumsa AmantaaF A N N O O
Qopheessaan: Waasihun Amanuu
Fulbaana 15
Baga Ayyaana Fannoof isin gahe!
Baga bacaqii gannaa dabarsee booqaa birraaf isin gahe!
Seensa
“Namni kamiyyuu cubbuu du’aaf isa geessisu yoo raawwatee murtiin du’aa yoo irratti murtaa’e; yoo mukarrattis fannisteenii; namni mukarratti fannifamu Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta’eef reenfisaa mukarra hin buliin.” (K.Debi 21:22-23) jedhee Waaqayyo Muuseetiin ajajee tura.
Kana malees, dhaloota Kiristoosiin dura uummanni Faarsii (Iraan) namoota adabuuf jecha yakkkitoota mukarratti fannisanii ajjeesuu aadeffataniiru ture. Ummanni Faarsi, amma Iraan kan jedhaman, “Ormuzed” kan jedhamu waaqa hark tolchee (tolfamaa) lafaa jedhanii kan itti amanan qabu ture. Kanaaf jecha namni yakkamaadha jedhamee itti murtaa’e tokko kan adabamu du’aan yoo ta’e akka waaqasaanii lafaa sanaa hin xureessineef jecha lafarraa ol-kaasanii mukarratti fannisanii ajjeesu ture. Aadaan kunis suuta suuta biyyoota bittaa Roomaa jala jiran hundumaa biratti beekamaa deeme. Israa’elis yommuu sanatti bittaa Roomaa jala waan turteef aadaan kun uummata Israa’el biratti ni beekama ture. Haaluma kanaan namoota yakka hojjatnii adabbiin du’aa itti murtaa’e fannisanii ajjeesu ture. Egaa gaaffiin asirratti ka’uu danda’u, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos maaliif fannoorratti fannifame du’e kan jedhudha.
Kiristoos Maaliif Fannoo irratti fannifame?
Yaa’ii Waliigalaa
in TibbanaWaldaan Qulqullootaa yaa’ii 11ffaa gaggeesse
Hagayya 27
Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaatti Waldaan Qulqullootaa yaa’ii waliigalaa 11 ffaa hagayya 25 fi 26 galma waajjira Waldaa qulqullootaa keessatti gaggeesseera. Yaa’ii kana irratti Ittigaafatmtoonni wiirtuulee,wiirtuulee aanotaa, bakka buutonni yaa’ii moraalee, bakka buutonni wiirtuulee biyya alaa, fi keessummoonni kan hirmaatan yoo ta’u abbootiin mana kiristaanaas hirmaataniiru.
Waldaan Qulqullootaa yaa’ii waliigalaa kan gaggeessu waggoota lama lamaan yoo ta’u, yaa’iin ammaa kun yaa’ii waliigalaa 11ffaa akka ta’e ibsameera. Hirmaattonni Yaa’ii kanaa hagayya 24 kan finfinnee galan yoo ta’u, galgala sana ergaan baga nagaan dhuftani jedhuu fi sirni miila dhiqaa gaggeeffameera.
Yaa’ii guutuun kan gaggeeffame hagayya 24 fi 25 guyyaa fi halkan walitti fufee ture. Yaa’ii kana irrattis marii bal’aanii fi murteewwan gara garaa kennamaniiru.
Badhaasa
in TibbanaDn. Tolasaa Taayyee Badhaasa Geeba Yuunivarsitii irraa argate Waldaa Qulqullootaatiif Kenne.
Hagayya 27
Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun
Yuunivarsitii Walloo Kaampaasii Daseetti Barumsa Idilee isaa hordofaa turuun qabxii Ol’aanaa galmeessisee Geeba Yuunivarsitii badhaasa barattootaatiif dhiyaate kan fudhate Daaqon Tolasaa Taayyee badhaasa argate Waldaa qulqullootaatiif kenne.
Dn. Tolasaan Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Mana sibuutti kan dhalatee guddate yoo ta’u barumsa isaa qabxii gaarii galmeessisuudhaan gara Yuunivarsitii Walloo daseetti ramadamee barumsa isaa hordofaa tureera. Dabalataanis yeroo mooraa kana keessa turetti yaa’ii mooraa keessatti ittigaafatamummaa adda addaa akka fudhate mana kiristaanaa tajaajilaa tureera. Barumsa Yuunivarsitii keessatti kennamuunis cimee qu’achuudhaan qabxii 4:00 fi A+18 fiduun Qabxii Daraan olaanaa galmeessiseen ankii Daraan olaanaa ta’een eebbifameera. Sirna eebbaa kana irrattis badhaasa Yuunivarsitichi barattoota qabxii olaanaa galmeessisaniif qopheesse hunda caaluudhaan geeba Yuunivarsitichaa fi Meedaaliyaa qophaahe badhaafameera. Haata’u malee Dn. Tolasaan Badhaasa argate kana ofiif fudhatee galuu hin barbaanne geeba argate Waldaa qulqullootaatiif Yemmu kennu Meedaaliyaa isaa ammo Mana Kiristaanaa isa guddiste, Mana Kiristaanaa Madihaanee’aalamii Daabbusiif kennee jira. Dn. Tolasaan Hagayya 24 Waldaa qulqullootaatti qaamaan argamee waldaan kun yaa’ii isaa 11ffaa osoo gaggeessaa jiruu badhaasa argate kenneefii jira.
“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)
in Dubbii Qulqullootaa“Yaa Gooftaa gara boqonnaa keetti ka’i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa Kees” ( Faar 131:8)
Hagayya 15 Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
“Yaa Giiftii Maariyaam Foonkee gara bakka gammachuu guddaa fi fagoo ta’eetti ol ba’eef nagaan ni mala; kunis gamoo ijaarsi isaa sakatta’amuu hin dandeenye bakka sanatti argamaatii”
Addaam balleessee Waaqayyo wajjin waan wal loleef, kabaja isaa dhabee,duuti foonii fi duuti lubbuu itti murtaa’ee yemmu gannata keessaa ari’amu Waaqayyo dhiifamnii fi gaarummaan qabeenya Isaa ta’e dhiifama taassiseefii gara kabaja isaa jalqabaatti akka isa deebisuuf Addaam Waaqa isaa kadhateera. Waaqayyo Gooftaanis gaddaa fi gaabbii Addaam ilaaluun yemmu Waggaan ( barri ) 5500 raawwatu dhala dhala kee irraa dhaladhee joora kee jooreen du’a kees du’a kootiin sirraa haqee, gara kabaja kee duraatti si deebisee jannata ; Mootummaa koo sin dhaalchisa. ( Gal.4:4) jechuun Waadaa galeeraaf.
Abbaan keenya Addaamis bu’uuruma Waadaa isaaf galameetiin yemmu dhumni barichaa gahetti bultii Waaqayyo Ilmaatiif kan filatamte; kan fayyina Addaamii fi sanyii isaatiif sababa taate dhala dhala Addaam irraa kan dhalatte Giiftiin keenya Qulqulleettii dubroo Maariyaam dhalattee waggaa 15 yemmu guuttu missiraachoo ergamaa qulqulluu Gabri’eeliitiin bakka bultii Waaqayyo Ilmaa, bakka bultii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos taate.
Yemmu mucaa ishee deesses sagalee namoota beektotaa ( sabaa sagal) “ Mootiin Aayihud inni dhalate eessa jira?” oduu jedhu Heeroods dhagahee mucaa dhalate ajjeessisuuf labsii baase( labse). Giiftiin keenyas mucaa Ishee Kiristoosiin baasuuf( du’a irraa hambisuuf) gara biyya Gibxii ( Misiraa) tti baqatte. ( Maat 2:12)
Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati
in LallabaHundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati (Faar 86: 1)
Dn. Dajanee Gasheetiin
Jecha kana kan dubbate Waaqayyo kennaalee hedduun kan isa eebbise, mootii Israa’eel kan ture Raajicha Daawiiti. Kennaawwan hedduu inni ittiin ebbifame keessaa tokko kennaa raajii dubbachuu ture. Bakka kanatti kaayyoon inni itti raajii kana dubbateef, Waaqayyo Dubroo Maariyaam foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fudhachuun Tokkoomaaf (Tawaahidoof) ishee filachuusaa hubachiisuufi. Raajichis wanta qabatamaan mul’atu Tulluu Tsiyoonitti fayyadamuun, tulluu iccitii kan taate waa’ee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dubbateera. Barnoota kana keessatti Dubroon Maariyaam tulluu qulqulleettii tulluuwwan qulqullootarraa argamte ta’uushee baranna. Akka fedha Waaqayyootti, maaliif akka tulluutti fakkeeffamtes ni mari’anna. Sagalichis akkas jedha:
Bu’uuronnishee tulluuwwan qulqullootarraati. Dunkaanota Yaa’iqobirra Waaqayyo balbaloota Tsiyoon jaalata. Yaa magaalaa Waaqayyoo waa’ee kee wanta dinqiitu dubbatame. …Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni dhalate; Inni Ol Aanichi ofumasaa ishee hundeesse (Faar. 86: 1-5).
Sagaleen armaan olii waa’ee iccitii Tulluu Tsiyoon nu hubachiisa. Jechi Tsiyoon jedhu hiika afuuraa hedduu qaba. Kanaaf, icciticha hubachuuf maalummaa Tsiyoonirraa eegaluu qabna.
Qulqulluu Paatriyaarikiin Tsoomii Filsataa Ilaalchisee Ibsa Gaazexaa kennan
in TibbanaQulqulluu Paatriyaarikiin Tsoomii Filsataa Ilaalchisee Ibsa Gaazexaa kennan.
Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun
Adoolessa 28
Bu’uura Sirna mana kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaatiin Waggaa waggaadhaan hagayya 1 hanga 16tti Tsoomiin Giiftii keenyaa qulqulleettii dubroo Maariyaam tsoomamu bara kanas Kamisa dhufu kana eegala. Kana ilaalchisee qulqulluu Paatiriyaarikiin Abbaan Keenya Maatiyaas Waajjira Isaanii addaa keessatti ibsa Gaazexaa kennaniiru.
Qulqulluun abbaan keenya ibsa gaazexaa kennaniinis:-“ Ayyaana Du’aa ka’uu Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sababeeffachuun tsoomiin tsoomnu kun biyya keenyaf;uummata keenyaa fi addunyaa hundaaf dhiifamaaf nageenya argamsiisuufidha jechuun dubbataniiru.
Qulqulluun Abbaan keenya Maatiyaas “ Yeroo tsoomii kana keessa kiristaanonni kan beela’eef laachaa, kan daare daara baasaa(uffisaa) fi kan rakkate qarqaaraa tsoomuuf ammumaa qophii taassisuun irra jiraata” jechuun yaadachiisaniiru.
“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)
in Dubbii Qulqullootaa“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)
Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun
Xumura Raaga(raajii) raajotaa,ka’umsa lallaba duukaabuutotaa,icciitii beektota mana kiristaanaa kan taate qulqulleettii dubroo Maariyaamidha. Waa’ee Maariyaamiin alatti waa’ee
waa’ee fayyina dhala namaa dubbachuun hin danda’amu. Sababiin isaas Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhala namaa fayyisuuf foonii fi lubbuu fudhatee kan dhalate qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam irraatii waan ta’eefidha.Iccitii fayyina dhala namaa kan taate haadha keenya dubroo Maariyaamidha.
Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse
in TibbanaWaldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse.
Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun
Dilbata Adoolessa 6 bara 2006 waldaan Qulqullootaa tajaajila Wangeelaa Afaan Oromootiin kennamu babal’isuuf siimpooziyeemii Galma Hoteela Ililliitti taassise.
Waldaan Qulqullootaa sagalee dursaa ‘’Daandii Duukaabu’ummaa” jedhuun gaafa dilbataa siimpooziyeemii yemmuu gaggeessu tajaajila wangeelaa Afaan Oromootiin kennamu daraan babal’isuu fi uummata sagalee Waaqayyoo dheebote mara bira gahuuf ta’uu ibsameera.
Siimpooziyeemii kana irratti Abbootiin mana kiristaanaa, keessummoonnii fi gaggeessitoonni Waldaa Qulqullootaa kan argaman yoo ta’u: barumsi Wangeelaa, Faarfannaan akkasumas rakkinni mana kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo naannoo Oromiyaarra jiru maal akka fakkaatu Dn Birhaanuu Taaddasaatiin qu’annaa bal’aan dhiyaateera.
Kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee duukaabuutota sagantaa Galgalaa fi idileetiin barsiisaa ture barattoota dhibba sadi eebbisiise
in TibbanaKolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee duukaabuutota sagantaa Galgalaa fi idileetiin barsiisaa ture barattoota dhibba sadi eebbisiise.
Dn.Yoseef Yikunoo Amlaakiin
Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaatti kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee waxabajjii 28 bara 2006 galma lallaba Wangeelaa mana Lubummaa Waliigalaatti barattootaa sagantaa galgalaa fi idileetiin barumsa amantaa hordofaa turan barattoota dhibba sadi eebbisiiseera.