Haa ta’u malee, waan Kitaabni Qulqulluu jedhu fi isaan (shakkitootni) kan jedhan walitti hin dhufu. Kitaabni Qulqulluu “Hundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif lateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani” jedha malee, qooqa hin beekkamneen dubbatani hin jedu. Isa kana hubachuufis Hoj. D/B/ 2:6 irratti “Jarreenkun hundinuu bubbee kana yeroo dhaga’an; iddoo kun ta’etti walitti qabamani. Warri Afuura Qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkoon tokkoo isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. Na’anii dinqisiifatanii “Warri dubbachaa jiran kun hundinuu namoota Galiilaa miti moo? jedhani. Dabalataanis, “Tokkoon tokkoon keenya akkamitti afaan itti dhalanneen yeroo dubbatan isaan dhageenya? ”jechuudhaan afaan /qooqni/ isaaniif kenname qooqa biyya lafaarratti dubbatamu ta’uusaa beekuu dandeenya.
Caqasni Hoj.D/B/ 2:6 irratti caqasame akka isaan hin deeggarre yeroo beekanitti gara Wangeela Maariqoos deemanii Maar. 16:16 kaasuudhaan “Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti ija amanneef qooqa armaan dura hin dubbatamne nudubbachiisa.” Jedhu. Dhugaa dha Gooftaan keenya Fayyisaan keennya Iyyasuus Kiristoos qooqa addunyarratti dubbatamee hin beekne amantoota dhugaaf kennuu akka danda’u shakkii hin qabnu. Garuu, ifa Mana Kiristaana jedhamuun kan beekkamu Qulqulluu Phaawloos 1ffaa 14:11 irratti akkas nuun jedha. “Addunyaarratti akaakuu qooqaa lakkoofsa hin qabne (bay’ee) jiraachuu danda’u; uummanni qooqa hin qabne hin jiru. Egaa, hiika qooqa sanaa beekuu dhabnaan hawaasa qooqa sana dubbatu biratti keessummaan ta’a; hawaasni sunis anaaf keessummaa ta’a.”jedhee ka’ee lakkoofsa 13ffaarratti “Kanaafuu, namni qooqaan dubbatu qooqa sana hiikuu akka danda’uuf gara Waaqayyoo haa kadhatu.” Jechuudhaan erga ibse booda, lakkoofsa 28ffaa rrattii “Namni hiiku dhabamnaan garuu, waldaa keessa callisuudhaan Waaqayyoo waliin ittiin haahaasa’u.” jechuudhaan goolabeera. Ammas asirratti qabxiilee sadi gad-fageenyaan ilaaluun barbaachisaa dha.
Qooqni tokko hiikamu kan danda’u ta’uu qaba. Qooqni shakkitoonni amantaa ni dubbanna jedhan kun hiika kan hin qabne fi waldaa ykn gurmii amantootaa amantiin cimsuuf kan hin fayyadne dha.
Namoonni lama fi sanaa ol ifoominni qooqaa isaaniif yoo ifoome dabaree dabareen dubbachuu qabu. Shakkitoonni amntaa garuu yeroo dubbatan waluu hin dhaggeeffatan. Dabaree isaanii eeggatanii dubbachuu dhiisuun isaanii dogongora guddaa akka ta’e Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf baha.