Du’aa Ka’uu
Baga Ayyaana
Du’aa Ka’uu Kiristoosiif Isin Gahe!
1. Seensa
Dhalli namaa waggoota 5500 tiif bilisummaa fi nagaa dhabee hacuuccaa diina keenyaa kan ta’e harka Seexanaa jalatti akka jiraatuus itti murtaa’etu ture. Baroota kana keessattis namoonni gaariis ta’e hamaa hojjetan hundumtuu carraa fayyinaa dhabanii sii’olitti ni guuramu ture. Raajonnii fi barsiisonni hedduun yoo kaa’nis lubbuu namaa fayyisuuf hin dandeenye ture. Sababni du’a lubbuu kanaa immoo dhalli namaa diina keenya kan ta’e seexanaan dogongoree waan Gannata keessaa arii’atameefidha. Waaqayyoof ajajamuusaaniif mallattoo kan taate frii balas/Aple/ akka hin nyaanne itti himameetu ture. Garuu sagalee gooyyomsaa seexanaa dhaga’anii ajaja Waaqayyoo cabsanii abaarsi isaanirra gahe. (Uma 3:17-19). Garuu Waaqayyo uumee kan nama gatu waan hin taaneef Addaam Abbaa keenyaaf abdii fayyinaa kenneef; waadaa galeef.
Haaluma kanaan Waaqayyo Ilmasaa dhala namaa wanjoo grbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha gara lafaatti ergeenii. Giiftii keenya Dubroo Maariyaamirraa dhalate. Yommuu dhalatus dinqiin Waaqummaa Isaa ibsan raawwatamaniiru. (Mat. 2:1-2). Akkuma raajiin adda addaa waa’ee dhalachuu Kiristoos dubbatamanitti Kiristoos ni dhalate. (Mat. 2:5-6). Hanga umuriinsaa waggaa 30 ga’uttis Haadhasaa Giftii keenya Dubroo Maariyaam waliin jiraate. Cubbuu malees akkuma namaatti suuta suuta guddate. Kiristoosis kaayyoo gara lafaatti dhufeefiif, dhala namaa fayyisuu, eegaluuf jecha harka Yohaannisiin cuubame. (Mat. 3:16). Yommuu cuubame sanattis raajiwwan raawwatamaniiru. Foddaan Samiis banamee iccitiin samii ifa bahe. Sana boodas erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booda seexanaan qorame, injifatees of biraa arii’een. (Mat. 4:1-11)
Kiristoos waggoota sadiif ji’a jaha biyya Israa’el keessa naanna’ee erga barsiise kanaan booda kaayyoo gara lafaatti dhufeef keessaa tokko, kan ta’e dhala namaa barsiisee faakkeenya ta’ee ofitti deebsuuf, raawwate. Kaayyoon inni lammaffaa immoo du’a keenya nuuf du’ee du’a bara baraa irraa nu baraaruuf jecha guyyaa jimaataatti Fannoorratti fannifamee du’e. Akkuma dursee dubbatetti guyyaa sadaffaattis du’a moo’ee ka’e. (Mat. 28:6)
2. Du’a Kiristoos
Namoonni tokko tokko ”Nama dhiba duuti Kiristoos” yommu jedhan ni dhaga’amu. Dhugumatti duuti Gooftaa keenya Iyyasuus Kirtoos namoota amantaa keessa jiraataniif malee nama dhiba. Sababni isaas Waaqa ta’ee otoo jiruu harka namaatti du’uunsaa nama dhiba. Garuu, Kiristoos kan du’e aangoosaatiini dha. Kunis hojii fayyinaa dhala namaa keessaa isa tokko waan ta’eef. ”Yihuudaan cifrootaa, hangafoota lubuutaa fi gargaartoota/garboota/ Fariisotaa waliin guboo fi ibsaa akkasums eeboo fi gaachana qabate gara sanatti dhufe. Iyyasuusis waan isatti dhufaa jiru hundumaa beeke itti bahee: Eenyuun barbaaddu? jedheen. Isaanis Iyyasuus isa Naazreet ittiin jedhan. Iyyasuusis, Ana dha jedheen. …egaa yommuu ‘Ana dha’ ittiin jedhe gara duubaatti deebi’anii lafarratti kukkufani.” (Yoh. 18:3-7)
Jecha kitaaba Qulqulluu kanarraa kan hubannu Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan du’e humna dhabee, ykn Waaqummaan isaa hafeetu miti. Garuu dhala namaa du’arraa fayyisuuf du’a du’aan moo’uun barbaachisaa waan ta’eefi. Kiristoos kan du’e fedhasaatiin nama fayyisuus, diina karaarraa maqsuuf akka ta’e dursee dubbateera. ”Lubbuu koo… Ani fedhakootiin nan jiraachisaan malee eenyuyyuu narra hin fudhatu. Ishee jiraachisuuf aangoo nan qaba, ajaja kanammoo Abbaa koo irraan fudhe.” Yoh. 10:17
Waan kun kan nu hubachiisu, Waaqayyo Ilmasaa gara namootaatti kan erge dhalli namaa akka du’a jalaa bahuufidha. Kiristoosis, eeyyama Abbaasaa kan Waaqayyo Abbaa raawachuuf aangoodhaan dhufee du’e. Akka du’us, du’a moo’ee akka ka’us dursee waan beekuuf barattoota isaatti himaa tureera. (Mat. 26:31, Luq.24:5)
Raajichi Isaayyaas dursee akkuma dubbatetti, Kiristoos dhala namaa fayyisuuf, garbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha foon namaa uffatee gidiraa hedduutiin akkamiin akka nama fayyisu dubbateetu ture. “Dhugumatti dhukkuba keenya fudhate, dhibee keenyas ni baate, nuti garu akka rukutame; Waaqayyoonis akka dheekkamame, akka nama rakkateettis isa lakkoofneen…Inni garuu; irra darbuu keenyaaf madaa’e, waa’ee balleessaa keenyaafis bullaa’e (reebamuusaa), dheekkamsi fayyina keenyaas Isarra ni ture, madaa Isaatiinis nun ni fayyine… Dhiphinaa fi murtiidhaan akka fudhatame, waa’ee ummataaf jedhee rukutamee lafa jiraattotaarraa akka dhabame (Du’e) dhaloota keessaa eenyutu hubate?”. Kanarraa kan hubannu, dhugumatti Kiristoos waa’ee cubbee dhala namaa hundumaaf jecha Abbaa Isaa biraa gara lafaatti dhufee gidiraa hedduu akka fudhatu dubbatamaa akka ture ni hubanna. Yommuu guyyaansaa gahuttis akka raawwates Wangeelli haala hedduutiin nu ibsaniiru. Kanaafuu, Kiristoos kan du’e hojii fayyina dhala namaaf jecha malee, akkuma keenya nama dhadhabaa waan ta’eef miti. Waan kana ta’eefis duuti Kiristoof fayyina kootiifidha jedhanii amanuun amantii mootummaa Waaqayyoo nama dhaalchisu dha.
3. Du’aa Ka’uu Kiristoos
Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dursee bartoota isaatiif akkuma dubbatetti awwaalamee guyyaa sadaffaatti ni ka’e. ”Dhalli namaa harka cubbamtootaatti dabarfamee akka kennamuu fi fannifamu, guyyaa sadaffaattis ka’uunsaa dirqamadha, jedhee Galiilaatti akka isinitti hime yaadadhaa…” jedhee Luuqaas barreesseera. (Luq. 24:5). Du’aa ka’uu Kiristoos qarshiidhaan dhoksuuf kan yaalan ni jiru ture, bartoota/duuka bu’ootasaa keessaas ka’uusaa kan shakkan ni jiru ture. Inni garuu yeroo adda addaatti itti mul’achuudhaan du’aa ka’uusaa dhugoomseera. Ergamoonni Waaqayyoos dubartoota qulqulloota bakka awwaala Isaatti barbaacha Isaa deemanitti mul’atanii dursee akkuma dubbate du’a moo’ee ka’eera jedhanii dhuga ba’aniiru. (Mar. 16:9-14).
Du’aa ka’uun Kiristoos namoota Isatti amananiif hangafa du’aa ka’uu ta’ee du’a moo’ee akka ka’ee kan barsiisu dha. Q/Phaawuloos, “Kiristoos warra muganiif (dua’aniif) hangafa ta’ee du’aa ka’e” akkuma jedhe (1Qor.15:20). Otoo Kiristoos du’a moo’ee hin kaane ta’eetii nutis abdii hin qabnu ture.
Du’aa ka’umsa Kiristoosiin faayidaa argaman keessaa;
- Duuti dhala namootaa irratti murtaa’ee kan ture, du’aa ka’uu Kiristoosiin moo’ame, kana booda duuti namoota qajeeltoo gara si’oolitti guuruun ni hafe. 1Qor. 15:59.
- Abdii jireenyaa bara baraa kan itti argannedha. Akkuma horii lafa kanarratti jiraannee kan duunu otoo hin ta’iin lafa kanarratti yeroo jiraannu akka fedha Waaqayyootti yoo jiraanne abdii jireenya bara baraa akka qabnu kan mirkaneesse dha. Tito. 2:13 “Du’aa ka’uu fi jireenyi Ana dha, kan natti amanu yoo du’ellee jiraataa ni ta’a.” Yoh. 11:25.
- Nageenya itti argameera. “Nagaa isiniif nan habisa, nagaa koo isiniifan kenna. Ani kanin isiniif kennu kan akka addunyaan isiniif kennitu mit.” Yoh. 14:27. Kanaafuu du’aa ka’uu Kiristoositti nagaan kan addunyaan nuuf kennittuun adda kan ta’e nagaan kan Kiristoos nuuf kennameera. Dhugumatti namni Kiristoos Ilma Waaqayyootti amanee lafa kanarratti jiraatu nagaa akkamii akka qabaatuu fi namnii callisee akkuma horiitti amantii malee kan jiraatu garaa garummaan jiru hudduu akka ta’e ifa dha.
- Bilisoomeerra. “Bilisaan akka jiraannuuf Kiristoos Bilisa nu baaseera. Egaa cimaa dhaabadhaa, deebitaniis garbummaatti (cubbuutti) hin qabamiinaa.” Gal. 5:1.
- Jaalala dhugaa nuu kenneera. “Lubbuusaa michoota Isaaf keennuurra kan caalu jaalalli biraa hin jiru.” Yoh. 15:13.
4. Du’aa Ka’uu Namaa
Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti du’aa ka’uu Kiristoosiin dhalli namma faayidaa hedduu argateera. Isaan keessaas abdii jireenya bara baraati. Akkuma Kiristoos du’a moo’ee ka’e dhalli namaas du’a akka moo’uuf aangoon kennameeraaf. 1Qor. 15:20. Du’aa ka’uu dhala namaa iddoo sadiitti hirree ni ilaalla;
1) Qalbii jijjiirrannaatiin ka’umsa laphee
“… mucaan kun du’ee ture. Luq. 15:11. Namni yommuu daandii Waaqayyoorraa fagaatee akka fedhii foonisaatti qofa yeroo jiraatu, lubbuunsaa duuteetti jedhama, Waaqayyoorraa waan fagaatteef. Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma galmaa’ee jirutti, mucichi mana abbaa isaa irraa fagaatee akka yaadasaattii addunyaa keessa naanna’ee garuu rakkatee gara mana abbaa isaatti yommuu deebi’u, abbaan isaa ‘mucaan kun du’ee ture ittiin jedhe. Kanaafuu, namni akka feedha foonsaan cubbee keessa jiraachaa turee gara mana Waaqayyootti yeroo deebi’u iccitii qalbii jijjiirrannaatiin du’aa ka’e jedhama.
Namni qalbii jijjiirrannaatiin du’aa ka’u (du’aa ka’uu isa jalqabaa), duuti inni lammaffaa aangoo irratti hin qabu. “Du’aa ka’uu isa jalqabaatti carraa kan qabu qulqulluu dha. Duuti inni lammaffaa isarratti aangoo hin qabu.” Mul. 20:6, akkuma jedhu. Kanaafuu qalbii jijjiirachuudhaan ka’umsa isa jalqabaa akka argannuuf Waaqayyo nu haa gargaaru. Warri daandii fayyinaa dhiisnee karaa du’aarra deddeebi’aa jirrus gara daandii ishee dhugaatti haa deebinu. “Waaqayyo akkana jedha, ‘Daandiirra dhaabadhaa ilaalaa, daanii ishee duraa gaafadhaa, daandiin isheen gaarii garam akka taate baraa, isheerras deemaa, lubbuu keessaniifis boqonnaa ni argattu’.” Erm. 6:16.
2) Yeroof dinqii addaddaan du’arraa ka’uu
Humnii fi arjummaan Waaqayyoo akka itti mul’atuuf jecha namooni yeroof du’arraa ni ka’u. Namoonnis akka itti barataniif, humni Waaqayyoos akka beekamuuf jecha yerootti Waaqayyo namoota du’an yeroo itti isaan kaasu ni jera. Fakkeenyaaf, Kiristoos Alaazaariin du’a irraa isa kaaseera. Kanaanis dhugumatti Waaqummaan Kiristoos itti barameera. Yoh. 11:1.
3) Du’aa Ka’uu Gumii (Yaa’ii ykn Gumii)
Du’aa ka’umsi inni kun immoo isa dhumaa ykn isa lammaffaa dha. Kunis kan raawwatamu yommuu Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos lammaffa gara lafaatti humnaa fi aangootiin deebi’ee dhufudha. Yeroo sanattis du’aa ka’umsa isa dhumaatu ykn isa lammaffaatu ni ta’a. “Dhalli namaa yommuu ulfina Isaatiin dhufu, Isa waliin Ergamoonni Qulqulloo’onni hundumtuu, yeroo sanatti teessoo ulfinasaarra taa’a… hoolota mirgasaan ro’oota bitaasaatiin ni dhaaba.” akkuma jedhame. Mat. 25:31.
Egaa du’aa ka’umsa isa lammaffaa fi isa dhumaa kanatti carraa qabaachuuf ammuma qophaa’uun akka barbaachisu armaan olitti ilaalleerra. Yeroo kanaatti akka hin qaanofneef, karaa bitaas akka hin dhaabanneef ammumaa adeemsa keenya sirreeffachuun dirqama ta’a. Inni karaa dhugaarraa fagaate gara karaa dhugaatti deebi’uu qaba; inni hojii gaarii irraa fagaatee cubbuu keessa jiraatu ammoo, maqumaaf qofa amantiin qaba inni jedhus dafee qalbii jijjiirrachuudhaan du’aa ka’umsa isa lammaffaaf of-qopheessuu qabna. Maqaa Kiristoos waamudhaan qafa fayyinni akka hin jiraanne, garuu hojii gaarii fi daandii dhugaarra deddeebi’uun dirqama akka ta’e hubchuun nurraa eegama.
Dhumarrattis, du’aa ka’uun Gooftaa keenyaa, dhala namaa hundumaaf gammachuu dha. Garbummaa diinaa jalaa baanee bilisummaan akka jiraannuuf kan nuuf ta’e du’aa ka’uu Kiristoosiin waan ta’eef. Egaa amantii ishee dhugaa keessa hojii gaariin jiraannee mootummaa isaa isa hin darbine akka dhaalluuf eeyyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u. Ameen.