ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti
Araarsummaa ilaalchisee adduuyaa irratti ilaalcha sadi jira.
-
Namootni tokko tokko “Araarsummaa” wanti jedhamu hin jiru. Eenyumtu eenyuuf hin kadhatu kallattiidhaan gara Waaqayyootti dhihaachuun ni danda’ama.” jedhu.
-
Tokko tokko immo ‘Araarsummaan’ ni jira. Ni barbaachisas.” jedhanii raawwatanii “Araara kan namaaf kadhatu garuu /Galatni fi ulfinni isumaaf haa ta’uu ti./ Kiristoosi dha” nuun jedhu.
-
Kanneen biroo ammoo “Araarsummaan ni jira.Araarsummaan gahee uummamtootaa ti malee gahee UUMAA ykn gahee WAAQAYYOO miti. Amantaan fi barsiifatni Ortodoksi tawaahidoo illee as keessatti ramadama.
-
Amantiin pirooteestaantii waa’ee ‘Araarsummaa’ kan qulqullootaa haala armaan gadiitiin barsiisa.
-
Wanti ‘QULQULLUU’ jedhamu hin jiru.Hundi keenya /amantootni hundumtuu/ qulqulloota dha.
-
Araarsummaan raawwatame kan jedhamu fooniin yeroo biyya lafaa irra jirru waliif yoo kadhanne hojii irra oola. Yaada kana qophaa isaa yoo laalle, yaada isa duraa wajjiin wal- faallessa “Hundi keenya Qulqulloota erga taane, inni tokko isa kaanif araara kadhachuun isaa maalif barbaachise?” gaaffii jedhu kaasisa.
-
“Du’a fooniitiin dura malee du’a fooniitiin booda namni araara namaaf kadhachuu danda’u hin jiru.” kan jedhu dha.
-
Araarsummaan maal inni?
Araarsummaan sirnoota kadhannaa mana kiristaanaa keessatti raawwataman keessaa isa tokko.Manni kiristaanaa kadhannaa galateeffannaa, kadhannaa “Araarsummaa’ fi Waaqayyoo irraa waan rakkanne kadhachuu fi k.k.f. ni qabdi.Kunis dubbisuun fi yeedaloodhaan raawwatama.
“Gooftaan dhihoo dha.Waan hundumaan kadhannaan fi araara araarsummaadhaan akkasumas galateeffannaadhaan kadhaa keessan Waaqayyoo biratti beeksisaa malee gonkumaa hin dhiphatinaa.” Jedha.(Fil 4፥6) “Manni kiristaanaa araarsituu dha. Sababa kanaaf manni kiristaanaan ‘Kadhannaa Araarsummaa’ /ጸሎተ አስተብቍዖ/ ni qabdi. Fakkeenyaaf “Waaqayyoon beekumsa fi Isa sodaachuu akka isaaniif kennuuf waa’ee qondaaltota fi w aa’ee warroota aangoo irra jiran si kadhanna.”/Sirna qiddaasee/ Kun ammo waan akka laayyootti raawwatamu odoo hin ta’in waan ragaa fi bu’uura Kitaaba Qulqulluu fi dhugaa qabu dha. Phaawuloos qulqullichi “Egaa, Waaqayyoo fakkachuudhaan fi tasgabbiidhaan Cal lisnee fi tasgabboofnee akka jiraannuuf kadhannaa fi Araarsummaa kadhachuun galateeffannaas namoota hundaaf mootiiwwaniif fi qondaaltotaaf akka raawwatamaniif (taasifamaniif) hundaan dura ni gorsina.” (Xim (1 ffaa ) 2፥1)
Kiristaanni tokko ofii isaatiif ni kadhata, ni galateeffatas. Akkasumas ofi irraa darbee namoota biroof illee araara ni kadhata; ni galateeffatas. Araarsummaa fi kadhannaan dhuunfaa bifa addan qoodamanii kan ilaallamanii dha. Haa ta’u malee lachuu kadhannaa dha.Lamaanuu qaama kadhannaa ta’uu isaaniitiin akkuma saantima fuula lamaatti haa ta’an malee, manni kiristaanaan keenya garuu kadhaa fi araarsummaa odoo wal-keessa hin makin adeemsisti.
Kanaafuu araarsummaa jechuun walitti araarsuu, dhiheessuu, akka waliif galan taasisuu, dhiifama akka argatan taasisuu jechuudha.
2. Araarsummaan gahee (hojii) eenyuu ti?
Araarsummaan gahee (hojii) uummamtootaa qofa dha. Haala kamiin illee haa laallu! Goukumaa gadhee (hojii) Waaqaa ykn Uumaa ta’uu hin danda’u.Uummamtota keessaas uummamtoota lamatu waan kana raawwatu.Isaanis፦ warri Waaqayyoon kabajee isaan uume ‘Ergamoota waaqaati fi ilma namaa keessaa immoo warroota qab-suura adda addaa keessa dabran arjummaa Isaatiin warra jaallatamtoota isaa ta’an fi warroota kennaa waaqayyoo argatan fi qulqulloota ta’anii dha. Isaan kana keessaa haadha Waaqayyoo Qulqullittii Qulqullootaa kan taate Giiftii Keenya Dubroo Maariyaami gahee harka caalu qabdi. Araarsummaan hojii (gahee) cubbamtootaa miti. Namni cubbamaan cubbuu isaa of irraa haqsiisuuf caaraaquutu irraa eeggama malee “kana irraa darbee deema” jedha taanaan “kan ishii gubachaa odoo jiru kan ormaa kokorsiti” jechisiisa. Laphee cubbamtootaa keessaa cubbuu malee eebbi / በረከት/ bahuu hin dandau.”Jedha waanta’eef kitaabni.(Saam. (1ffaa) 24፥13)
-
Araarsummaan bakka meeqatti qoodama?
Araarsummaan bakka lamatti ramadama. Tokkoffaan, biyya lafaa kana irratti odoo jiraatan kan raawwatamu oggaa ta’u, inni lammaffaan immoo erga jiruu biyya lafaa kana irraa boqatan booda kan raawwatamu dha.
-
Raawwii Araarsummaa
Araarsummaan Kitaaba Qulqulluu bu’uura godhachuun akka barsiifannaa mana Kiristaana keenyatti kallattiiwwan gurguddoo sadiin adeemsifama.
A, Namni cubbamaan, fedhataan Araarsummaa Kabaja qulqullootaatiin fi Miiltoowwan Waaqaa ta’uu isaaniitiin (kennaa Araarsummaatti) kennaa Waaqa Qulullootaa kan ta’e Waaqayyo guddaadhaan amanu, barbaadee fi fedhee qaama Araara isaaf kadhatu bira dhaqee, maqaa araarsaa sana kabajaan waamaa yeroo gaafatu kan raawwatamuu dha. kanaafillee fakkeenya gaarii kan ta’u seenaa Eelsaa raajiichaati Moot. (2ffaa) 2፥1-16
“…. Uffata Eeliyaas harkaa fudhate san fuudhatee deebi’ee qarara galaana Yoordaanoositti dhaabbate.Uffata harka eeliyaas irraa fuudhe saniin galaanicha dhahee raawwatee “Waaqayyoon, Waaqni Eeliyaas garam jira?” jedhe.Bishaanicha illee oggaa dhahu, bishaanichi gamaa fi gamanaan addaan baname.Eelsaan illee ni ce’e.” Kana bu’uura godhannee;
-
“Waaqa Qulqullootaa” jechaa kadhanna.
-
Gara Waaqa keenyatti akka nuuf kadhatan Qulqulloota of duraa aansina.
-
Gidiraawwaan, rakkoo fi qormaata nuful-duratti danqaraman hunda maqaa isaanii waamaa gara Waaqayyootti oggaa kadhannu nufuul-duraa dhabama.